Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Waldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin cimsee Kennuuf Siimpooziyeemii Gaggeesse

in Tibbana

Waldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin cimsee Kennuuf Siimpooziyeemii Gaggeesse.

 

Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun

 

 

Dilbata Adoolessa 6 bara 2006 waldaan Qulqullootaa tajaajila Wangeelaa  Afaan Oromootiin kennamu babal’isuuf siimpooziyeemii Galma Hoteela Ililliitti taassise.

Waldaan Qulqullootaa  sagalee dursaa  ‘’Daandii Duukaabu’ummaa” jedhuun gaafa dilbataa siimpooziyeemii  yemmuu gaggeessu tajaajila wangeelaa Afaan Oromootiin kennamu daraan babal’isuu fi uummata sagalee Waaqayyoo dheebote mara bira gahuuf ta’uu ibsameera.

Siimpooziyeemii kana irratti   Abbootiin mana kiristaanaa, keessummoonnii fi gaggeessitoonni Waldaa Qulqullootaa  kan argaman yoo ta’u: barumsi Wangeelaa, Faarfannaan akkasumas rakkinni mana kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo naannoo Oromiyaarra jiru maal akka fakkaatu Dn Birhaanuu Taaddasaatiin  qu’annaa bal’aan dhiyaateera.

 

Akka qu’annaan dhiyaate kun ibsutti  hordoftoonni mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa Naannoo oromiyaa yeroo irraa gara yerootti hir’achaa akka jiranii fi sababni hordoftoonni  amantaa  kanaa hir’ataniifis  dhiibbaa keessaa fi alaa, akkasumas namoota seenaa darbee raawwatanii fi yeroo ammaa kana seenaa darbe sana akka ka’umsaatti fayyadamuun hiika hin taane itti kennuudhaan kaayyoo isaanii dabaa fi jai’aa ta’e galmaan gahuuf socho’aniin ta’uu isaa ibsameera.

 Qu’annichi itti fufuudhaan tajaajila manni Kiristaanaa Qulqulleettii Ortodoks Tawaahidoo afaan  Oromootiin taasistu baay’ee gadi bu’aa kan ta’ee fi kan nama hin  quubsne  yoo ta’u,  uummata sagalee wangeelaa dhugaa ta’e dheebotee badaa jiru kana afaan inni dhagahuun barsiisuun barbaachisaa ta’uun ibsameera. Amaluumaa Mana Kiristaanaa keessaa inni tokko manni kiristaanaa kan duukaa bu’ootaan babal’attee fi eenyuunuu osoo hin qoodiin afaan uummanni sun dhaga’uun barsiistee cuuphuu, akkasuma hordoftoota Gooftaa isaanii akka ta’anitti hojjechuun hunda caalaatti hojii filatamaa kan ta’edha. Kanaafis Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos duukaa buu’oota Isaa yemmu wangeela akka barsiisaniif gara addunyaatti ergetti afaan ittiin addunyaa mara barsiisan isaanii kennee gara tajaajilaatti bobbaasuun Isaa ga’een tajaajila mana kiristaanaa yeroo ammaa kanaas irra guddaa akka ittin hojjetuu kan nutti agarsiisu dha jedhameera.

 Siimpooziyeemii kana irratti rakkina qu’annicha keessatti caqasame furuudhaaf adeemsa furmaataa tokko ta’uu danda’a kan jedhame dhiyaateera. Kanaafis yeroo ammaatii eegalee tajaajilli Wangeelaa gama Miidiyaatiin taasisamu akka qabu kan ibsu pirojeektiin kan dhiyaate yoo ta’u, inni kun tarkaanfii jalqabaa ta’uun isaas ibsameera.

Pirojeektiin siimpooziyeemiin kun akka qophaa’uuf sababa ta’e kun qarshii miliyoona 1.6 kan gaafatu yoo ta’u, kan raawwatamus waggaa sadiif ta’uun isaa ibsameera. Pirojeektii kanaanis sagantaaleen  tajaajila wangeelaa gama intarneetii, Raadiyoo, Televisiyoonaa, Gaazexaa, barulee, fi kitaabaatiin kennaman kan ittiin gaggeessamu ta’uun kan ibsame yoo  ta’u:- sagantaa kana namni deeggaruu barbaadus gama buusii, ispoonsaraa fi deeggarsa meeshaaleetiin taassisan hunda wajjin hojjechuuf qophii ta’uun ibsameera.

Hirmaattonni sagantaa kanaa marii oo’aa kan gaggeessan yoo ta’u namoonni baay’eenis sagantaa kana deeggaruuf waadaa galaniiru.

 

Sagantaa kana irratti artistoonni beekamoon kan ijoollee mana kiristaanaa ta’an diraamaa afuuraa kan dhiyeessan yoo ta’u, keessummoonni sagantaa kana hirmaachuuf dhufan diraamaa dhiyaattetti baay’ee kan gammadanii fi rakkina manni kiristaanaa nannoo oromiyaa yeroo amma kanaa kan sirriitti ibse kan argame waan ta’eef hirmmattota sagantichaa kan ajaa’ibsiifatan ta’ee argameera. Namoonni baay’eenis imimmaan buusanii yemmu boo’uun miira isaanitti dhagame ibsaniiru.

Saganticha irratti Faarfattoonni waldaa qulqullootaa faarfannaa afaan oromootiin  dhiyeessaniiru.

 

Dura taa’aan Waldaa Qulqullootaa Luba Doktar Sammuu Mitikkuu haasawa cufiinsaa taassisaniin “Waldaan qulqullootaa beekumtii Qulqulluu Sinoodoosiitiin erga hundaa’ee as gama adda addaatiin mana kiristaanaa tajaajilaa tureera, ammas tajaajilaa jira. Amma ammo tajaajila afaan Oromootiin kennamu daraan cimsinee kennuuf sochiirra kan jirru yoo ta’u, Waaqayyo nuti amannu tajaajila kana akka raawwannuuf nu haa qarqaaru. Waaqayyoon amannee eegalleerra, Waaqayyos nu qarqaara.” jedhaniiru.

 

 

Oduu Wal-fakkaatuun Waldaan qulqullootaa tajaajiltoota wiirtuuwwan Oromiyaa irraa dhufaniif leenjii guyyaa lamaa kenne.

Waldaan qulqullootaa tajaajila Wangeelaa gama miidiyaatiin Afaan oromoodhaan kennamu irratti tajaajiltoota hirmaataniif leenjii guyyaa lamaa adoolessa 5 fi 6 B.A. 2006 kenneera. Leenjiin guyyaa lamaa kenname kun akkaataa gabaasonni fi odduun adda addaa itti barreeffamaan, tajaajila Afuuraa  kennuun akkamiin akka danda’amu, waa’ee hog barruu fi Gaazaxeessummaa  akkam akka ta’e ibsamemeefira.

Leenjichi kan kenname tajaajiltoota Wiirtuulee Oromiyaa 14 irraa dhufaniif yoo ta’u leenjii kana irratti leenjitoonni 19 hirmaataniiru.

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2014-07-15 14:04:372018-10-26 09:21:25Waldaan Qulqullootaa tajaajila mana kiristaanaa ortoodoks Tawaahidoo Afaan Oromootiin cimsee Kennuuf Siimpooziyeemii Gaggeesse
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Kolleejjiin Afuuraa Qulqulluu Sillaasee duukaabuutota sagantaa Galgalaa fi idileetiin barsiisaa ture barattoota dhibba sadi eebbisiise Link to: Kolleejjiin Afuuraa Qulqulluu Sillaasee duukaabuutota sagantaa Galgalaa fi idileetiin barsiisaa ture barattoota dhibba sadi eebbisiise Kolleejjiin Afuuraa Qulqulluu Sillaasee duukaabuutota sagantaa Galgalaa fi... Link to: “Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf hin hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9) Link to: “Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf hin hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9) “Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf hin hambisne ta’ee akka sadoom taanee...
Scroll to top