Waldaan Qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa Imala Jireenyaa Adeemsise

Waldaan Qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa Imala Jireenyaa Adeemsise

                                                                                                               Yordaanos Gonfaafi

Warquu Baqqalaa (Wiirtuu Adaamaatti Kutaa Miidiyaa)

                                                                                              

Imalli jireenyaa Waldaa Qulqullootaa wiirtuu Adaamaan qophaa’e Bitootessa 11 bara 2008, imaltoota kumaafi dhibba lama hirmaachisuun adeemsifameera. Imalichi gara Mana Kiristaanaa Qulqulluu Abuna Gabra Manfas Qiddus Girabbaa Jawweetti taasifame. Sagantaaleen imala jireenyaa hawwatoo ta’aniifi seera mana kiristaanaa eegan Faarfannaan, lallabni wangeelaa, gaaffiif deebiin dhimma yeroofi seenaa Mana Kiristaanaa irratti xiyyeeffatan, barsiisota hubannoo gahaa qabaniin deebiin itti kennameera.

Imalli jireenyaa waldaa qulqullootaan qophaa’u kun imaltootni waa’ee jiruu foonii qofa yaaduu osoo hin ta’in dhimma jireenya jireenya caaluu,waa’ee lubbuu isaanii akka yaadaniif imalichaan barumsa amantaafi suga Waaqayyoorraa akka argataniif yaadameeti. Imalli jireenyaa wiirtuu Adaamaan qophaa’e kunis dhimmoota kanneen qabachuun ka’uumsa isaa Mana Kiristaanaa Iyyasuus Magaalaa Adaamaatti argamu irraa taasifachuun adeemsifameera. Sagantichi eebba Abboottiin erga eegalamee faarfannaafi ergaa garagaraan booda barumsi wangeelaa D/n Daani’eel Kibratiin mata duree “KIRISTAANUMMAA ERGAMA QABU” jedhuun dhiyaateera. Barbaachisummaan barumsichaa kiristaanummaan nama kamuutuu hojiidhaan calaqqisuu akka qabu hubachiisuu yoo ta’u,kiristaanummaan hojii hin qabne kan du’e ta’uu hubachiisuudha. D/n Daani’eel Mana Kiristaanaa keessatti amantoonni tokko tokko maqaaf kiristaana jedhamurraan kan hafe hojii kiristaanaa tokko irraa eegaman akka kadhachuu, soomuu, sagaduu, arjoomuu, kennaa qabaniin tajaajilu, walumaagalatti waa’ee Mana Kiristaanaa raawwachaa akka hin jirre barsiisaniiru.

Kun immoo diinota Mana Kiristaanaa isaan keessaafi alaaf ummata kiristaanaa saaxiluun salphumatti akka amantaan gufatan taasisaa waan jiruuf,kiristaanni kamuu kennaa Waaqayyoon akka dandeetti isaatti kenneef gargaaramuun dhiiraafi dhalaa osoo hin jedhin carraa argateen waa’ee amantii yaaduu,barsiisuu, deegaruufi hojiilee biroon calaqisisuu qaba jedhaniiru. Kana ta’uu baannan amantii du’e waan ta’uuf Waaqayyoodhaan ni gaafatamna jedhaniiru. Kanaaf, kiristaanummaan akka carraafi barsiifataan osoo hin ta’in kiristaanummaa ergama qabu qabaachuun barbaachisaadha jedhan.

Sagantaa imala jireenyaa wiirtuu Adaamaan qophaa’e kana irratti gaaffileen waa’ee Kitaabolii dhalatoo (Awaldi) ,giloobilaayizeeshinii,seenaa Mana Kiristaanaa Itiyoophiyaa, Tahaadisoofi rakkoolee Mana Kiristaanaa yeroo duriifi ammaa jedhu waltajicharraa dhiyaachuun D/n Daani’eelfi Barsiisaa Yaaregaal Abagaaziin deebiin itti kennameera. Kitaabonni dhalatoon abboottii Mana Kiristaanaan kan qoratamuun adda bahanii beekaman yoo ta’u, bu’uurri isaanii Kitaaba Qulqulluu waan ta’eef bu’aan isaanii kan afuuraa qofa osoo hin ta’in beekumsa Addunyaa kanaaf fayyadan hedduu kan qaban ta’uu himaniiru. Kitaaba Qulqulluu irrattis iddoon macaafotni kunneen akka hin barbaachifne itti katabame hin jiru jedhaniiru. Seenaa Itiyoophiyaa keessatti Manni Kiristaanaa Ortoodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa walabummaa biyya kanaaf, lakkoofsa baraa, afaan biyyaattiin, nagaa biyyattiif kadhachuun oolmaa guddaa akka qabaattu wantoota ishee taasisan keessaa muraasa jedhan.

Dhimma Tahaadisoofi dhiibbaa Mana Kiristaanaa irratti taasifamaniin wal-qabatee rakkoolee manni kiristaanaa keessaa darbaa dhufte waan ta’eef haaraa miti jedhan. Garaagarummaan jiru abboottiin keenya ciminaan hojii amantaa hojachuun injifatan. Dhaloonni har’aas barumsa amantaa cimee barachuu,kadhannaa taasisu, Mana Kiristaanaaf waardiyyaa ta’uun barbaachisaadha jedhaniiru.

Walitti qabaan Waldaa Qulqullootaa wiirtuu Adaamaa Barsiisaa Geetinnat hojiileen waldichi hojatu bal’aa ta’uu kaasuun ummatni kiristaanaa kamuu ogummaa qabuun hojii Mana Kiristaanaaf waldicha maddii akka dhaabbatu gaafataniiru.

Milkaa’ina imala jireenyaa taasifameefis qaamolee deeggaran galateefataniiru.Hojii ijaarsa Mana Kiristaanaa Giraabbaa Jawwee Abuna Gabra Manfas Qiddus deegaruuf Qarshii 27,462 walitti qabuun arjoomameera. Hirmaattonni imala kanaas saganticharraa hubannoo gaarii kan argatan ta’uu himuun gara fuulduraattis cimee akka itti fufu gaafataniiru. Jiraatonni naannoo sanaas sagantichi isaan biratti qophaa’uun miira jajjabinaa kan itti uume,oddeeffannoo Mana Kiristaanaa haaraa kan itti argannee, kiristaanummaa keenyaan akka boonnuufi mana kiristaanaa cimsinee akka eegganuuf kan nu kakaaseedha jedhaniiru.

                                                                                     GALATNI WAAQAYYOOF HAA TA’U!!!

                                                                                        

Matsaaguu

Matsaaguu

Dn Katamaa Taganuutiin

Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa arfaffaati . Moggaafamni guyyaa kanaas Matsaaguu jedhama . Moggaafamni kun kan itti moggaafamuu danda’e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kanatti dhukkubsattoota fayyisuu Isaa, raajii goochuu Isaa, warra dhibee addaddaan qabamnii turan hundaaf fayyina kennuusafi qulqulleesuusaa; waluumaa gala fayyisaa ta’u Isaa ibsuudhaaf.

Keessumaayyuu guyyaa kanatti seenaan fayyinaa yaadatamu ni jira: dhukkubsatan tokko bakka itti xabala cuubbatani Beeta Saayidaa jedhamte waamamtuutti ciise ture. Maqaa Matsaaguu jedhamuun beekama. Kanaafuu Matsaaguu jeechuun dhukkubsataa jechuudha. Dhukkubsataan kuni waggoota 38 tiif dhukkuba cimaatiin hubamee siree irratti rakkachaa kan ture yoggu ta’u, guyyaa kana Gooftaan sagaleesaatiin qofa isa fayyise; “ka’itii sireekee baattadhuu deemi” jechuunis guboo dhukkubbii tokko malee bilisa isa baaseera.

Mata-dureen faaruu Q/Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “አምላኩሰ ለአዳም” (Uumaa Addaam) isa jedhudha.

Sirna Qiddaasee guyyaa Matsaaguu keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:

v  Galaatiyaa 51

v  Ya’iiqoob 5:14

v  Hojii Ergamoota 3:1-12

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 40 (41):3-4

እግዚአብሔር ይረድኦ ዉስተ ዐራተ ሕማሙ (Waaqayyo dhukkubsataa siree isaarratti ni gargaara)

ወይመይጥ ሎቱ ኩሎ ምስካቢሁ እምደዌሁ (Yeroo dhukkubasaa ciisicha isaa ni afaafi)

አንሰ እቤ እግዚኦ ተሣሃለኒ (Anoo yaa Gooftaa dhiifama naaf godhi siinan jedha).

v  Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu፡ Yohaanis 5:1-25

Wangeela kana keessatti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Matsaaguutiin “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffi akka dhiyeessef ni duubisna. Garuu gaaffi kana Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan dhiyeesseef Matsaaguun gara fuulduuraatti cubbuu inni raawwatu Waaqummaa isaatiin hunda waan beekuf ture.

Innis maali jenne yennaa ilaallu, akka ibsa Abbootiin Mana Amantaa keenyaa ibsa isaanii Andimtaa irratti eeranitti:

v  Gaafa guyyaa jimaataa kaballaatiin fuula Isaa kan rukutu isa waan ta’eefi;

v  Warrootni Ayhuudi yeroo isa himatan ragaa sobaa ta’e kan gooftaa irratti raagu isa waan ta’efidha.

Namootni “fayyina kan siif kenne irratti badiinsa kana maaliif rawwatta?” jedhanii yeroo isa gaafatani “yoom na fayyisi isan jedhe, ofumasaa na fayyise malee?” akka hin jenneef sababa dhabsiisuuf jecha “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffii dhiyeesseefi. Har’as Waaqayyo Waaqa bilisaa waan ta’ef, “abiddaafi bishaan fuuldura keetti qopheesseera; harkakee gara barbaaddetti ergi” jechuudhaan mirga hin daangeffamne nuuf kenneera. Bilisaan akka Isa Waaqeffannu nu taasisee waan jiruuf badiinsa keenyaaf ,goocha keenyaaf sababa dhiyeeffanu gonkumaa hinqabnu. Kanaafuu, badiinsa irraa ooluuf jecha cubbuu iraa fagaannee Mootuumaa Isaa akka dhaallu eeyyama Isaa nuuf haa ta’u; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu waliin haa ta’u-ameen!

Madda: Kitaaba Andimtaa (Hiika Abbootii) kan Yoh.5 fi Kitaaba Gitsawwee

Eebbifamoo Abbaan keenya Naatna’eel Addunyaa kana irraa du’aan booqatani

Eebbifamoo Abbaan keenya Naatna’eel Addunyaa kana irraa du’aan booqatani

 

Eebbifamoo abbaan keenya Abuna Naatna’eel baha Tigrayitti Awuraajja kelate awulaaloo jedhamee waamamuutti Mana kiristaana awudaa Qulqullu Giyoorgisitti Abbaa isaanIi obbo Gabrahiywoot Atsaduu fi haadha isaanii Aadde Walatta kiristoos Bishawu irraa bara 1923tti dhalatani. Aangoo/aankii /daaqoonummaa Eebbifamoo Abbaa keenya Abuuna Yisihaaqi irraa, Lubummaa, qumsinnaa fi monaksuummaa Eebbifamoo qulqulluu Abbaa keenya Abuna Baasiliyoos irraa

fudhataniiru. Itti aansuudhaan Amajji 13/1971 Eebbifamoo qulqulluu Abbaa keenya Abuuna Takla Haymaanootiin Eephis Qoophoosii Biyya Lallaba Tigraay ta’uudhaan Eebbifamoo Abbaa Abuuna Naatna’eel muudamaniiru.

Yeroo ammaa Angafoota Phaaphaasii biyya Lallaba Arsii ta’uudhaan Waggaa 30 ol tajaajilaa osoo jiranii Guraandhala 21 B.A. 2008 adunyaa kana irraa du’aan boqatanii jiru. Sirni awwaala isaanii guyyaa kamisaa guurandhala 24/2008 biyya lallaba isaanii gadaami isaanuumti huundeessanii tajaajila Afuuraa isa ol’aanaa kan itti keennani Dabre Qidus Dabra Ma’aazaa Gadaamii Abbaa keenya Abuuna Takla Haymaanootitti ni raawatama.

Soomii Nanawwee

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulquulluu Waaqa Tokko Ameen!

 

Soomii  Nanawwee

Soomii jechuun qaama ofii waan inni barbaadu hunda irraa dhowwuu jechuudha. Ykn waantoota qaamni namaa fedhuu fi kajeelu hunda dhiisu jechuu dha. Kunis, soomiin namni waantoota fooniin fedhuu fi isa kajeelchisu hunda   otoo raawwachuu danda’uu yeroo murtaa’eef lagachuun/ dhiisuun qaama ofii dadhabsuuf kan barbaachise dha. Soomani qaama ofii too’achuu dadhabsiisuun olitti jaalala Waaqa keenyaaf qabnuu fi Isaaf bitamuu keenya kan ittiin ibsinuu dha.  Kanaaf, soomiin sirna Waaqeeffannaa keessaa isa tokko dha malee qaama ofii dadhabsuun cubbuu irraa ofqusachuuf kan raawwatamu qofa miti. Bakka amantaan jiru hunda soomani ni jira. Soomani amantaa waliin firooma bara baraa ni qaba.  Waaqayyoon Addaam, Abbaa keenya isa jalqaba uumeef ajajni jalqaba kenneef sooma ture.  Inniis, ilmi namaa uumama hunda keessaa sammuu fi qalbii safuu qabuuu fi yaadu danda’u kan kennameef waan ta’eef of too’achuu fi daangessuu waan qabuuf kan nyaachuu qabuu fi kan nyaachuu hin qabne adda ba’ee safaramee kennameefi kan ture yoo ta’u Beelladoota biroof garuu kan nyaatanii fi kan hin nyaane adda ba’ee hin kennamneef.  Uumama 2: 16 – 17.  Kun immoo sooma kan uume nama otoo hin taane Waaqayyoo   akka ta’e kan hubachiisuu fi mirkaneessuu dha.  Ilmi namaa soomuun  Waaqayyoof bitamuu akka qabu ajajuun/ barsiisuun isaa soomanni kan namaan uummame otoo hin taane ajaja Waaqayyoon faayidaa namaatiif  jecha kennamee dha. Waan kana ta’eef, abbotiin keenya Kakuu Moofaa keessas ta’ee Kakuu Haaraa keessa turan hundi  soomaan Waaqa isaanii waliin jiraachaa turaniiru.   Raajonni Kakuu Moofaa ennaa Waaqayyoon wal-qunnaman midhaaniif bishaan afaan isaanii hin seenu ture. (Bahu 34:28).  Dheekkamsa Waaqayyoo kan baayyina cubbuu ilmaan namaatiin ajajamee ture kan deebii’e ennaa namoonni cubbuu isaanii irraa deebi’anii soomaan kadhatanii dha. Yoon. 3: 5-10

Kakuu Haaraa keessas, soomani seera namtoolchee otoo hin taane Fayyiisaan keenya Iyyasus Kiristoos ofumasaa bara namoomaan (fooniin) biyya lafaa kana irra turetti   hojiisaa isa jalqabaa taasisee seera raawwatee dha. Maat. 4: 2, Luq. 4:2 Akkasumas, afuurri seexanaa nama qabatee rakkisaa jiraatu illee soomaan kan dhabamsiifamu ta’uu Fayyisaan keenya dubbateera.  Maat. 17:21, Maar. 9:2  Haala kanaan soomii soomaa hidhaa seexanaa harkaa bahuun nuuf kennaa guddaa fi humna keenya dha.

Duuka buutoonni Mana Kiristaanaa tajaajila isaanii hunda dura Afuura Qulqulluu irraa ajaja kan fudhatan soomaa fi kadhannaa irraa otoo jiraanii dha. H.Er. 13:2. Luboonniifi Daaqonoonni wangeela akka lallaban filataman kan muudaman soomaa fi kadhannaan ture. H.Er. 13:3, 4:25. Abbootiin akka Qornelewoos’faa ulfina hin yaadne kan argatan soomaafi kadhannaan Uumaa isaanii kadhataniiti dha. H.Er. 10:4

 

Kana hubachuun Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodooksi Tawaahidoo keenya ijoolleenshee jireenya afuurawaa isaanii akka gabbifatan, fedhii foonii irra fedhii lubbuuf bitamuu fi buluu akka isaan dandeessisu sooma torba labsitee jirti. Akkaataa sirna mana kiristaana keenyaatiin soomiin nuti soomuu qabnu torba yoo ta’an isaan keessa tokko mata duree barreeffama/ barumsa kanaa irratti kan caqafame Sooma Nanawwee kan jedhamuu dha. Moggaafamni maqaa sooma kanaa kan dhufes magaala Nanawwee jedhamtu irraati. Namootni magaalaa kanaa ajaja Waaqayyoo diiguudhaan, dheekkamsaa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufe jalaa bahuuf yeroo jalqabaatiif kan soomanii Waaqa isaanii ittiin kadhatanifi dhiifama argatanii dha. Nuyis yaadannoo isaaniitiin akka isaaniitti cubbuu keenyaaf dhiifama argachuuf fi dheekkamsa Waaqayyoo jalaa bahuuf jecha kan soomnu dha.

Waaqayyoon Raajichasaa Yoonas dhalootaa Gooftaa keenya Iyysuus Kiristoos dura bara 1612 gara namoota Nannawweetti erguun cubbuu isaanii dhiisanii karaa Waaqayyootti akka deebii’an kana ta’uu baannan akka isaan adabu barsiiseera. Namoonni biyya Nanawwee jeedhamtu kana keessa jiraachaa turan Waaqayyoon akka malee gaddisiisan illee Inni garuu samii irraa abidda roobsee magaalitti bakakkaan gaggaragalchuu fi hawaasicha labooba abiddaatiin adabuu otoo danda’uu arjummaa Isaatiin carraa gaabbii akka argatan taasiseera. Waaqni “ammeenyi isaanii fuuldura kootti waan dhufeef ka’iitii gara magaala guddittii Nanawwee deemi; sagaleekoos isaaniif   lallabi” jechuun raajicha Yoonaas ergeefii ture. Yoon. 1:2. Yoonaas garu ergaa Waaqayyoo dhiisee Waaqayyoo jalaa baqachuuf gara biyya Tarsees jedhamtutti dooniin imaluu jalqabee. Otoo deemaa jiruu Waaqayyoon bubbee cimaa ta’een doonii inni yaabbatee ture  akka raafamtu taasise. Namoonni isa waliin turan  hundi naasuu fi dhiphina ol’aanaan qabamani. Rakkinni hamaan kun isaan keessaa sababa eenyuutiin akka itti dhufe baruuf carraa baasanii Raajicha Yoonas irratti ba’e. Haala isaa yoo gaafatan Inni Waaqa samii, dachee fi garba uume kan  waaqeffatu akka ta’ee fi Waaqa jalaa bahuuf baqachaa akka jiru itti hime. Isaanis “yaa Waaqayyoo waa’ee lubbuu nama kanaaf nu hinballeessiin; Ati akka jaallate godhi’ jechuun ennaa garbatti isa gatan bubbeen cimaan doonii isaanii raasaa ture battalumatti dhaabate; nagaan karaa isaanii deemaniiru. Waaqayyoon Raajichi Yoonas yeroo garba keessatti gatamee irraa eegalee guyyoota sadiifi halkan sadiif qurxummii guddaa keessa akka turu erga taasisee booddee gara lafaatti akka isa tufu taasiseera. Yoonas garaa qurxummii guddicha sana keessatti gaabbee Waaqayyoon kadhataa waan tureef akka qurxummichi lafa irratti isa tufeen gara Nanawweetti deemee ajaja duraan baqatee deeme akka raawwatu irra deebiin ajajamee namoota Nanawweef “guyyaa sadi keessatti Nanawween akka gaggaragaltu” lallabeera. (Yoon. 2:.2-10; 3:1- 4)

Namoonni Nanawwee battaluma duubbii Waaqayyoo dhagahaniin Waaqayyoon amananii cubbuu raawwataniif nigaabani. Raajii Yoonas 3:5- 9 irratti “Namoonni Nanawwees Waaqayyoon ni amanani, soomas ni labsan, guddaa xiqqaa otoo hinjenne hunduu gadda guddaa keessatti ni kufan. Odeefannoon kunis gara Mootii Nanawwee akkuma qaqqabeen teessoo mootumummaa isaa irraa ka’ee uffata kabajaasaa baafachuun gadda guddaa aguuggate, daaraa irras ni taa’e. Nanawwee keessatti ‘Namoonii fi beeladoonni biroon waan tokko akka hin dhandhamanne, akka hin bobbaanne, bishaanis akka hin dhugne, namoonnii fi beelladoonnis gadda haa uffatan, gara Waaqqayyoottis waliin haa iyyan, namoonni hundi karaa ammeenyaa fi cubbuu harkasaaniirra jiru irraa haa deebi’an. Waaqayyoon akka nuti hin banne nuu haqajeelchu, dheekkamsa isaa kana irraa yoo nuuf deebi’e eenyutu beekaa?” jedhamee barreeffameera. Guddaa xinnaan isaanii hundi gocha hammeenya isaanii isa Waaqayyoon dheekkamsiiseetti gaabbanii dhiisuun guyyoota sadiif soomanii cubbuu isaaniif dhiifama kadhataniiru. Waaqayyoon abbaan keenya Inni jaalalli, dhiifamni fi arjummaan isaa daangaa hin qabne kan kadhannaa namaa isa haala sirrii ta’een dhiyaatee fi kan abbichaaf fayyadu hin dhoowwane cubbuu fi hammeenya isaanii irraa akka deebii’an hojii isaanii ilaalee gocha hamaa irratti raawwachuuf dubbatee ture irraa ni deebi’eef. Yoon. 3:10

Dhugaaleen barumsa kana irraa barachuu qabnu hedduu yoo ta’an kanneen dhimma mata duree keenyaan kaasne waliin hidhata qaban qofni akka armaan gadiiti dhiyaataniiru.

1ffa) Namoota Yoonaas waliin doonii keessa turan irraa gaafa qorumsaa fi dhiphinaa Waaqayyoon kadhachuun fala kan argannu ta’uu,

2ffa) Yoonaas irraa:

  • Waaqayyoo jalaa dhokachuu fi miliquun eessattuu kan hin danda’amne ta’uu.
  • Balleessaa ofii amananii fala rakkicha hiikuu danda’ufi raawwachuun dhugaaf jiraachuu malee namoota biroottii quba qabuun furmaata ta’uu kan hin dandeenye ta’uu, (keessattuu Yoonas balleessaa isaa amanee akka garbatti isaa gatanii isaan badii irraa oolan of irratti murteessee hojiirra oolmaa isaas mormii tokko malee fudhachuun isaa kan irraa baratamuu qabu dha).

3ffa) Uumamni hundi Waaqayyoof kan ajajaman ta’uu fi Waaqayyoon wanti dadhabamu akka hinjirre.

4ffa) Waaqayyoon cubbuu keenyaan otoo nu hinballeessiin dura carraa gaabbii kan nuuf kennu ta’uu fi yoo gaabbiin gara Isaatti deebine araaraa fi dhiifama isaatiin kan nuuf deebi’u ta’uu.

5ffa) Jiraattoota magaala Nanawwee irraa Waaqayyoo fi dubbii Isaa dhagahuu, amananii fudhachuu fi jecha Waaqayyootiin of-ilaalanii balleessaa ofiitti gaabbuu, cubbuu hojjachuu lagachuu, soomaa fi kadhannaan Waaqayyoo irraa dhiifama argachuun akka danada’amuanna.

Soomni mallattoo hawwaasa gara Waaqayyootti deebii’ee dha. “Yoonallee jedha Waaqayyoon laphee guutuun soomaan, boo’anii fi iyyaan gara kootti beebi’aa” Iyyu. 2:12 jechuun Waaqayyoon akka ajajeetti qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodoksiin keenyaa hordoftoota ishee akka sooman taasisuun ajaja Waaqa hojiirra ni olchiti. Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodoksiin keenyaa akkaataa Waaqayyo Ol’aanaan raajjichasaa Iyyu’eel irra bulee “Tsiyoon gubbaatti faaggaa afuufaa, soomii labsaa …” jechuunii barsiiseen sooma ni labsiti. Iyyu. 2:15

Kabajamtoota maatii Kiristoos, seenaa kana kan kaafneef akka jiraattota magaalaa Nanawwee hammeenyaa fi cubbuu nuballeesuudhaaf numarsee jiru irraa Waaqayyoon akka nu baraaru, soomaafi kadhannaa gaabbiin durfameen jabaachuu fi cimanii jiraachuun ala fala filannoo biraa kana caalu kan hin qabne ta’uu waan irraa barannuf dha. Soomni kenna Waaqayyoo akka rakkina, dhiphinaa fi balaa jireenya biyya lafaa kana irratti nuqunnamee fi nuquunnamu jalaa ittiin baanu nuuf qopheesse ta’u isaa hubannee sooma kana irraa bu’aa argachuu qabnu argachuudhaaf amannee kadhannaa godhachuu qabna. Falli rakkinaa fi dhiphina keenya keessaa ittiin baanu madda rakkichaa irraatti kan bu’uureefame yoo ta’e qofa rakkinichi hiika kan argatu waan ta’eef murtiin irra geenyuu fi tarkaanfiin fudhannu fedha/ yaada Waaqayyootti kan fuulleeffate ta’uu akka qabu irraa barachuu qabna.

Kanaaf, yoomiiyyuu taanaan akka raajicha Isaayyas irra bulee waaqayyoon dubbate “karaa keenya karaa Waaqayyoo, yaada keenyas yaada Waaqqayyoo” waliin walsimsiisuudhaan amantaa keenya ishee dugaa taate cimsachuu qabna. Doonii jireenyaa kan taate Mana Kiristaanaa keenya keessattii diina nuqooraa jiru seexana irraa bilisa ni taana. Akkuma beekamu dooniin dugaan yoomiyyuu qorumsa irraa fagaachuu hin dandeessu. Kanaaf, dooniin Gooftaafi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos baattee deemaa turtee fi jirtuuf qorumsa cimaadhaaf saaxilamtee kan jiraatu yoo ta’u dooniiwwan biroon Gooftaan keenya keessa hin turre waan dhugaa baatanii deemaa hin jirreef otoo rakkoon isaan hin muudatiin nagaadhaan deemaa turan (Maat.14: 14- 36.) Barri kunis yeroo dooniin keenya dhugaanfi qulqulleettiin Mana Kiristaanaa keenya jeequmsaan raafamaa jirtu waan ta’eef doonii biroo jijjiiruudhaan lubbuu ofii galaafachuu/ balleessuu otoo hin taanee akka duuka bu’oota Gooftaa keenyaa gara abbaa dooniichaatti iyyachuu qabna. Yeroo nuti gaabbinee gara Waaqayyootti deebiinuufi Waaqayyos gara keenyatti deebi’u uumamnii hundii gara keenyatti ni deebi’a. Kunis yoo nuti Waaqaayyoof bitamne uumamnii hundi akka nuuf ajajamuufi yoo nuti Isaaf bitamuu dhiisne garuu waantoonni hundi too’aanno keenyaan ala akka ta’an kan agarsiisuu dha. Falli rakkoo ilmaan namaa waaqayyo isa homtuu itti hin dadhabamne qofa harka kan jiru waan ta’eef akka Yoonaasii fi namoota Nanawwee balleessaa keenya amannee, hammeenya keenya dhiifnee, qalbii jijjiirrannee, soomaafi kadhannaan Waaqayyoo waliin araaramuu qabna.

Hanqinni Yoonaas innii guddaan gara Waaqayyo isa ergetti deemuu dhiise gara hin ergamneetti deemuu isaati. Barsiistoonni baayyeen iddoo ofii jedhan malee iddoo Waaqayyo itti isaan ergeefi barbaachisaa ta’e oolaa hin jirani. Fakkeenyaaf, barsiistoonni afaan hawaasa beekaniin akka barsiisan Waaqayyoon isaan qopheesse baadiyyaatti eergaman gara namoota kanaa deemuun barsiisuu otoo danda’anii fi qabanii gara magaalatti qofa deemuun hawaasichi dubbii Waaqayyoo dhaga’ee akka hin amannee fi hin fayyine taasiseera.

Dhumarattii jiraattonni magaala Nanawwee bu’aa gaabbii fi sooma isaanii dhandhamatanii dheekkamsa hamaa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufee ture jalaa bahuu kan danda’an cubbuu isaanii amananii waan itti gaabanii fi hammeenya isaanii irraa deebii’uuf kutatanii kaayyoodhaan waan soomaniifi dha. Kanaaf, soomanni keenya barsiifataan otoo hin taane cubbuu fi hammeenya Waaqayyoon ittiin gadisiisaa jiraannee, rakkoo, dhibee, beela, du’aatii, balaa fi kkf akka nama dhuunfaatti, akka biyyaattii fi akka addunyaatti dhalli namaa ittiin adabamaa jiruuf fala argamsiisuu akka danda’uutti kan irratti kaayyeefatame ta’uu qaba. Sooma Nanawwee kana yoo soomnu biyya Nanawweetiif otoo hin taanee rakkoo fi qorumsa fuula keenya dura dhaabatee jiru moo’achuuf ta’uu qaba. Akka Kiristaanummaa keenyatti waantoota gochuu qabnu hunda raawwaachuun jaalalaa fi fedhii gutuudhaan soomnee araara /dhiifama Waaqaayyoo akka argannu hayyama Isaa nuuf haa ta’u. Ameen!

 

 

Barreessaan Gizaachew Makuriyaa

Namoota Qarqaarsi Isaan barbaachisuuf qaqqabuu akka qabnu qulqulluu Paatriyaarikiin Abbaan keenya Maatiyaas 1ffaan yaadachiisan

Namoota Qarqaarsi Isaan barbaachisuuf qaqqabuu akka qabnu qulqulluu Paatriyaarikiin Abbaan keenya Maatiyaas 1ffaan yaadachiisan!

Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

Ayyaanni dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan gammachuu, nageenyaa, tokkummaa, bilisummaa fi walqixxummaa ta’uu akka qabu Paatriyaarikii Abbaankeenya Maatiyaas 1ffaan ibsa mudde 26 bara 2008 kennaniin beeksisan.

Abbaan keenya ibsa kennan kana irratti “Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos addunyaa kana irra deddeebi’ee dhala namaa yeroo du’a irraa fayyisu eenyuunuu osoo hin miidhiin daandii nageenyaa irra deddeebi’uudhaani; jibbii fi of jaalachuun yeroo nama miidhu malee yeroo yerooo fayyadu; yeroo nama balleessu malee yeroo nama guddisu ( misoomsu) kutaa addunyaa kam irrattuu argamees dhagahamees hin beekamu seenaadhaanis galmaa’ee hin jiru” jedhaniiru.

Eebbifamoon abbaan keenya kun ibsa isaanii kana irratti biyyi keenya Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana daandii guddinaa qabattee deemaa akka jirtuu fi kun immoo abdii boruu akka mul’isu ibsanii abdiin Waaqayyo irratti qabnu kanas Waaqayyo nuuf eebbisee Amantaan, qomoon, afaaniin, bifaan osoo addaan wal hin qoodiin uummanni Itiyoophiyaa marti keenyi tokko taanee waan hojjenneef bu’aa tokkummaa keenyaati jedhaniiru. Dabalataanis bu’aan misoomaa kun guddachaa akka deemu malee akka duubatti deebi’u uummanni keenya Eeyyamuu hin qabu jedhaniiru.

Dhuma irrattis bara kana keessa biyya keenya keessatti hir’ina roobaatiin uummatani hanqinni nyaataa isaan muudate harka firoottan isaanii eegaa jiruutii nutis Gooftaan keenya Jaalalaan nu barbaachuu dhufuu Isaa fakkeenya taassifannee gara isaanii deemuudhaan isiniii jirra jennee qarqaaruu qabna jedhaniiru. Kennaan nuti isaaniif kenninu xiqqoodha; baay’eedha osoo hin jedhiin atattamaan isaanii qaqqabnee Waaqayyo hunda keenya akkuma jaalate nutis waljaalchuu qabna jedhaniiru.

Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa Damee Adaamaan qophaa’e Adeemsifameera

Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa        

     Damee Adaamaan qophaa’e Adeemsifameera.

Kutaa Miidiyaa Wiirtuu Adaamaa

               Warquu Baqqalaa

 

Imalli jireenyaa qopheesssummaa waldaa Qulqulloota damee Adaamaan qophaa’ee sadaasa 26/2008 A.L.I gara Mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/ Dabra Mihirat Qulqulluu Mikaa’eelitti deemame. Imaltoonni fi hirmaattoonni sagantaa kanaa dhibba saddeetii(800) oli yoo ta’an, daa’imman irraa jalqabee hanga abboottii manneen kiristaanaa fi gadaamoota bulchanii fi Maanguddoota of keessaa kan qabuudha. Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa dameen Adaamaa qopheesse kana irratti imaltoonni marii mata duree garagaraa irratti taasisuun, Faarfannaa fi haala teessuma Gaara Ziquwaalaa hawwataa ta’e waldaawwachiisaa imalaniiru. 

 

Sagantaan imalaa kanaa mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/DabraMihirat Qulqulluu Mikaa’eelii daandii magaalaa Shaashamannee deeman irratti argamu gahuudhaa. Sagantaan kun Kadhannaan erga jalqabamee booda sagantaa gurguddoon dhimma yeroo Tahaadisoon manaa manta irratti raawwachaa jiruuf hubannoo uumuuf,sagantaa barumsaa kutaa lamaan,gorsa abbootti (MikiraAbbowu),tapha gabaabaan dhimma yeroo mana kiristaanaa barattoota mooraa Yuunivarsiitti Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaan agarsiifamee fi ergaawwan garagaraas hirmaattotaaf dhihaataniiru. Hirmaattotni sagantaa imala jireenyaa gama isaaniin saganticharraa Sugaa fi hubannoo waa’ee dhimmaa yeroo mana amantaa irratti akka argatan dubbachuun ,gara fuulduraattis cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Imalli jireenyaa (Hawira Hiwoottin) hojii waldaan Qulqullootaa ergama mana kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaatiin itti kenname galmaan gahuuf sagantaalee waggaa waggaan qophaa’an keessaa isa tokkoodha.

Kaayyoon imala kanaa imaltoonni suga akka argataniif,Barumsa Wangeelaa babal’isuu fi waa’ee dhimma yeroo manni kiristaanaa irratti argamtu hubachiisuudha. Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa dameen Adaamaa Qopheesse kanas bulchaan mana kiristaanaa Kaatediraalaa fi Gadaamii Dabra Madihaaniit Madaanalamii Qomos Aabbaa Zeenaa Maarqoos kadhannaan jalqabsiisaniiru.

Kanaan boodas Barumsi Wangeelaa dhimma yeroo sochii Tahaadisoon Mana kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa miidhuuf taasisaa jiruu fi ture irratti Dn.Taaddasaa Warquutiin kennameera. Dn.Taaddasaan Baruumsa isaaniitin kaayyoon Tahaadisoo,hordoftoonni amantaa mana kiristaanaa Ortodksi Tawaahidoo Itoophiyaa akka Gooftaa fi Fayyisaa                                          

Addunyaa Iyyasuus Kiristoos hin Waaqeffanne taasisuu fi mana kiristaanaa keessa taa’uun barumsa mana amantaan fudhatama hin qabne babal’suudha jedhan.

Kanaaf Tooftaan namoonni ergama Tahaadisoo qaban kunneen ittiin socho’an Barsiisota mana kiristaanaa fakkaatanii dhiyaachuu,barumsa yaada Maartii Luuther ummata Qabachiisuu, deegarsa maallaqaa fi meeshaa adda addaa taasisuun gowwoomsuu fa’aan calaqisa jedhan. Tooftaalee Barsiisotni Tahaadisoo barumsa seexanaatiin mana kiristaanatti jeeqaa jiran kanaaf ragaalee qabatamaa akka Itoophiyaa fi Addunyaatti jiru dhiyyeessaniiru.

Walumaagalatti dhiibbaa mana kiristaanaa irratti gahaa jiru kana dandamachuuf barumsa amantaa bu’uura ta’e ummataaf kennuu,hubannooyeroo yeroon waa’ee tahaadisoo irratti kennuu fi oddeeffannoon caalanii argamuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Sagantaa Imala jireenyaa Waldaan Qulqullootaa Dameen Adaamaa qopheesse kana irratti Gorsi Abboottii (Mikira Abaw) tiin maalummaa Giloobalaayizeeshinii fi rakkoo qabu irrattis kennameera. Guyyuma kana walitti qabaan Waldaa Qulqullootaa Damee Adaamaa Barsiisaan Geetinat Asiraat, tajaajilawwan waldaan Qulqullootaa caaseffama adda addaan tajaajilu keessaa barattoota dhaabbileee barnoota ol’aanoo barumsa amantaan Qaree baasuu,wangeela ummata daangaa irra jiraniif labsuun akka cuuphaman taasisuu fi dhimmoota mana kiristaanaa biroo irratti hojachaa jira jedhaniiru. Sagantaa imala jireenyaa qophaa’e kanaafis qaamolee deegarsa taasisan galateefataniiru.Hojii gaggeessan manneen kiristaanaa Godina Shawaa bahaa Maggaabbii Tifsiit Qeesiis Mulugeetaa Charinat waldaan Qulqullootaa kan Abbaan keenya Abuna Gorgooriyoos ittiin yaadannuu fi kaayyoo barumsa Wangeelaa ittiin galmaan geenyu waan ta’eef galateeffamuu fi cimuu qaba jedhan. Guyyaa kana mana kiristaanaa Qooqaa/Ejersaa/ Dabra Mihirat Qulqulluu Mikaa’eeliif qarshiin Kuma kudhashan (15,000) imaltoota irraa walitti qabamuun arjoomameera. Hirmaatonnii imala jireenyaas saganticharraa hubannoo waa’ee tahaadisoo kan itti argatanii fi mana kiristaanaaf barattoota sanbataarraa jalqabuun waardiyyaa ta’uun yeroo itti eeguu qabnuudha jedhan.

               GALANNI WAAQAYYOOF HAA TA’U!!!

    

 

            

 

Ibsa Qulqulluu Sinoodoosii Irraa kenname

Ibsa Qulqulluu Sinoodoosii Irraa kenname.

Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

Onkololeessa 22

Qulqulluun Sinoodoosiin Yaa’ii waggaatti al lama taassisu keessaa yaa’ii ji’a Onkololeessaa onkololeessa 12 kan eegale yoo ta’u dhimmoota mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa Ilaallatanii fi dhimmoota Manni Kiristaanaa kun hojjettu irratti marii bal’aa taassisaa kan ture yoo ta’u onkololeessa 22 dhimmoota irratti mari’atee fi murtii argatan ilaalchisee ibsa Gaazexaa laatee jira. Ibsa kenname guutuu isaa haala armaan gadiitiin dhiyeessineerra.

 

Waldaan Qulqullootaa sagantaa Televizhinii Afaan Oromootiin eegaluuf miidiyaa fi Komunikeeshinii Mijuu wajjin waliigaltee raawwate

Waldaan Qulqullootaa sagantaa Televizhinii Afaan Oromootiin eegaluuf miidiyaa fi Komunikeeshinii Mijuu wajjin waliigaltee raawwate.

Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

Barumsa amantaa, sirna Waaqeffannaa fi darbii darboo mana kiristaanaa afaan uummanni dhagahuun bal’inaan wangeela Waaqayyoo lallabuuf kan kaayyeffate Waldaan Qulqullootaa sagantaa Televizhinii Afaan Oromootiin eegaluuf akka ta’e himame. Waldaan Qulqullootaa sagantaa kana yeroo gabaabaa keessatti eegaluuf onkololeessa 5 bara 2008 waajjira gaggeessaa waldichaa keessattiwaliigaltee tamsaasa sagantichaa miidiyaa fi komunukeeshinii Mijuu wajjin raawwateera.

Akka waliigaltee irratti ibsametti komunukeeshiniinfi miidiyaan Mijuu (OBS) sagantaa Waldaan Qulqullootaa qopheessee itti kennu chaanaalii isaa irratti tamsaasuuf yoo ta’u tamsaasa kanas waliigalteen kun raawwatee ji’a tokko booda sadaasa 12/2008 akka eegalu ibsameera.

Saganataan dhiyaatus torbanitti guyya lama sanbata guddaa (dilbata) barfata sa’aatii 4:30 hanga 5:00 yoo ta’u irra deebiidhaan roobii ganama sa’aatii 12:30 hanga sa’aatii 1:00tti akka ta’e ibsameera.

Waldaan Qulqullootaa tajaajila Afaan Oromootiin kennamu babal’isuuf jecha miidiyaalee adda addaatiin carraaqaa waggoota hedduu kan lakkoofsise yoo ta’u haala addaatiin sagantaa kana babal’isuuf pirojeektii qopheessee miidiyaalee maxxansaa fi elektiroonikiisiin tajaajila kennuu eega eegalee waggaa tokko lakkoofsisuun isaa ni yaadatama.Tajaajilli televizhinii kunis qaama pirojeektii kanaa akka ta’e ibsameera.

Qulqulluu Paatriyaarikii Abbaan keenya Maatiyaas I Waggaa haaraa ilaalchisee Baga ittiin isin gahe jechuun Sagalee Eebbaa kennan

Qulqulluu Paatriyaarikii Abbaan keenya Maatiyaas I Waggaa haaraa ilaalchisee  Baga ittiin isin gahe jechuun Sagalee Eebbaa kennan.

Phaagumeen 4

Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

  Eebbifamoo qulqulluu Paatriyaarik Abbaan keenya Maatiyaas Dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Dursaa phaaphaasii aksum icaggee teessoo Taklahaaymaanot har’a Phaagumee 4 galma waajjira isaanii keessatti  ibsa kennaniin Uuummata Itiyoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaatti argamaniif baga  nagaan bara 2008 geessani jechuudhaan sagalee eebbaa isaanii kennaniiru. Ibsa sagalee eebbaa isaanii haala armaan gadiin hiiknee dhiyeessineerra.

 

Sagalee Eebbaa Eebbifamoo Qulqulluu Abbaa keenya Maatiyaas I dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Dursaa Phaaphaasii Aksum Icaggee teessoo Takla Haaymaanot waa’ee Waggaa haaraa bara 2008 kennan

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!

 Uummata Itiyoophiyaa

 

Biyya keenya Itiyoophiyaa keessaa baadiyyaa fi Magaala Warra jiraattan

Biyya alaa ardiilee adda addaa  irra wara jiraattan

Daangaa biyyaa  eeguu fi kabachiisuuf warreen daangaa irra dhaabattan

Sababa dhukkubaatiin warreen bakka tsabalaa fi Hospitaalota adda addaa keessa jirtan

Akkasumas sirreeffamtoota seeraa taatanii warreen mana sirreessaa keessa jirtan hundaaf

Uumaa barootaa kan ta’e Waaqayyo keenya  baga waggaa darbe nagaan nu raawwachiisee bara 2008 bara Yohaannis isin gahe.

Hunda kan argamsiise uumaa hundaa kan ta’e Waaqayyo uumaan keenya uumama uume keessaa tokko illee uumamni faayidaa hin qabne hin jiru. Uumamni hunduu Isa biratti bareedaa fi hojii fi kaayyoo mataa isaanii kan qabanidha. ( Se.Uum.1:25)

Uumamni Waaqayyo uume dandeettii uumamaatiin guutummaa guutuutti lakkaahamanii kan xumuraman miti. Muraasa irraa kan hafe hunduma isaanii ija uumamaatiin arguun waan hindanda’amneef kitaabni qulqulluun uumama waliiti qabuudhaan jecha gabaabaadhaan yeroo ibsu “ warreen samii fi lafa irra jiran kan mul’atanii fi kan hin mul’anne” jedha ( Qol.1:15)

Warreen lafa irra jiraatanii hin mul’anne keessaa tokko bara ykn yeroodha. Yeroon gochaan beekamuu irraa kan hafe qaama ijaan argamuu fi qaqqabatamu ykn uumamam halluu addaa qabu miti.

Haa ta’u malee waan hin argamneef qofa hin jiru jechuun xumura irra gahuun ykn dubbachuun hin danda’amu. Sababiin isaas safartuu yeroo daqiiqaa irraa eegalee sa’aatiiwwan guyyoota, guyyoonnis torbanoota, torbanoonnis ji’oota, ji’oonnis waggaalee  achumaan marsaalee adda addaatiin akka walitti qabe yeroo sochoosu ni agarraafidha.

Barri meeshaa hojii waan ta’eef gocha gaarii ykn hamaa yeroo tokko raawwatameen ibsama. Kana irraa kan ka’e barichi gaariidha ykn hamaadha yeroo jedhamu ni dhageenya.

Haa ta’u malee dhimma keenya bu’uuraa ta’uu  kan qabu mul’achuu fi mul’achuu dhiisuu baraa osoo hin taane karaa  faayidaa uumamtootaaf kennuun hubachuun fayyadamtoota ta’uuf socho’oodha.

Barri uumama addunyaa dura kan hin turre kan bara wajjin uumame; kan samiirra hin jirree fi uumamtoota lafa kanaatiif qofa akka tajaajila kennuuf uumamedha.( Se. Uum.1:14)

Osoo qabeenyi baraa hin jiru ta’ee namni jireenya isaa biyya lafaa qajeelchuu hin danda’u ture.

Kanaafuu uumamni biyya lafaa akka waliigalaatti,dhalli namaa ammo addatti jireenya isaa haala sirna qabuu fi duraa duubaan eegee hojii isaa karooraan akka gaggeessuuf qabeenyi baraa isa barbaachisa.

Kanaafuu barri hojii keenya maraaf meeshaa jalqabaa ta’ee akka nu tajaajiluuf  qabeenya Waaqayyo nuuf kennedhaatii yeroo waan hin taaneef qisaasessuu dhiisnee seeraan itti itti fayyadamuun qabna.

Uummata Jaalatamoo Ijoollee keenya Afuuraa

Biyyi keenya Itiyoophiyaan qabeenyi uumamaa guutamee kan isheedhaaf kenname biyya dinqii fi bareedduudha.

Biyya jannata lafa irraa taate kana keessaa teenyee waa’ee hiyyummaa odeessuun akka hafuuf lammiin Itiyoophiyaa kam iyyuu irratti walfuruu qaba. Keessattuu dargaggoonni kana hubachuudhaan aadaa yeroodhaan hojjetee jijjiiramuu horachuu qaba. Hanqina jiru kana yeroo hubannuu fi hojiidhaan yeroo wal’aansoo qabnu hiyyummaa hundee isaa irraa balleessina.

Kanaafuu hawaasni keenyi hundii fi keessattuu dargaggoonni yeroo waggaa haaraa simatu waggaa haaraa sagantaa haaromsa biyya keenyaa wajjin walqabsiisee ciminaan hojjechuun walqabatee akka hojjetu ergaa abbummaa keenya dabarsina. Waggaa gaarii nuuf haa taassisu. Waaqayyo isin haa eebbisu; isin haa qulqulleessu. Ameen!

Abbaa Maatiyaas I

Paatriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa

Dursaa Phaaphaasii Aksum Icaggee teessoo Takla haaymaanot

Fuulbaana 1 bara 2008

Finfinnee

 

 

Baruulleen Yeroo Jalqabaatiif mata duree “Dhangaa Lubbuu” jedhuun maxxanfame Galma Waldaa qulqullootaa keessatti Eebbifame

Baruulleen Yeroo Jalqabaatiif mata duree “Dhangaa Lubbuu” jedhuun maxxanfame Galma Waldaa qulqullootaa keessatti Eebbifame

Dn.Mazgabuu Kafyaalaw

Waxabajjii 15

Kutaa Miidiyaa Maxxansaa fi Elektirooniksii pirojeektii miidiyaa Afaan Oromootiin kan qophaa’e Barulleen yeroo jalqabaatiif mata duree “Dhangaa Lubbuu” jedhuun qophaa’e waxabajjii 14 bara 2007 Eebbifame. Baruulleen kun qabiyyeewwan Barumsa Amantaa, Lallaba, Mana Kiristaanaa Keenya, Seenaa, Mil’uu fi Tibbana jedhan akka mata duree ijootti qabatee kan dhiyaatee fi baay’ina fuula 64 of keessaa kan qabudha.

 

Kaayyoon baruulleen kun galmaan ga’uuf qophaahes guyyaa Eebbaa kana kan ibsame yoo ta’u, innis kiristaanonni Afaan oromootiin barumsa mana kiristaanaa baratanii mootummaa Waaqayyootiif akka qophaa’an taasisuudha jedhameera. Sagantaa kana irratti keessummoonnii fi abbootiin mana kiristaanaa kan argaman yoo ta’u, qophiileen barumsa wangeelaa fi Faarfannaa dhiyaataniiru.

 

Qabiyyee fi qophii baruulee kanaa irraatti yaadnii fi qeeqni kennamee jira. Hirmaattota keessaas yaadnii fi  gaaffileen dhiyaatanii kutaa qophii kanaatiin deebiin itti kennamee jira.

 

Qabiyyee fi qophii baruullee kanaa irratti yaada isaanii kan kennan Obbo Faantaahun Waaqee “Dhimma Afaaniin barsiisuu akka salphaatti Ilaaluu hin qabnu; dhimmicha cimsinee Ilaaluu Qabna; Waaqayyo jalqaba Addaam fi Heewaaniin Uume. Garuu waan ajaja Waaqayyoo hin eegneef  Addaamii fi Heewaan Jannata Keessaa ari’amani.

Boodarras Qaayeenii fi Abeeliin dhalani. Garuu Abeelii fi Qaayeen Maatii tokko irraa dhalatanii afaan tokko dubbatanis eenyummaa gara garaa waan qabaataniif waliigaluu dadhabanii jiru.Dhimmi eenyummaa hangana gadi fagoodha kan jedhan Obbo Faantaahun, Waaqayyos Addunyaa bade kana deebisuuf Abrahaamii fi Raajota kaase. Boodarras Sanyii Haaraan akka dhalatu taassisee jira.

Sanyiin haaraan kunis Kiristaanummaadha erga jedhanii booda; afaan uummanni dhagahuun barsiisuun ammoo dhalli namaa sanyii haaraa kana irraa adda bahee akka hin banne waan taassisuuf baruulleen qophaahe kun gahee guddaa qaba; qopheessitoota baruullee kanaas Waaqayyo bu’aa hojii isaanii haa eebbisu jedhaniiru.

Hirmaattota sagantichaa gamiisa

Baruulleen kun qophaahuun isaa Seexana Ijoollee Addaam sanyii haaraa kana irraa adda baasuuf dhama’u kan qaanessudha jedhaniiru.

 

Itti gaafatamaan Kutaa muummee Miidiyaa maxxansaa fi Elektirooniksii Dooktar Marshaa Aallahany haasawa taassisaniin:- “Waldaan qulqullootaa kanaan dura kitaabolee fi faarfannaan Afaan Oromootiin kan qopheessaa ture” ta’uu  yaaddachiisanii “Garuu rakkina bal’aa jiru irraa kan ka’e haala addaatiin pirojeektii miidiyaa afaan oromoo kana hundeessuun bal’inaan hojjechuuf carraaqqiin taassisamaa jira. Kanaafuu qaamni kam iyyuu akka dandeettii isaatti pirojeektii kanaaf deeggarsa yoo taassise saffisaan hojjechuu dandeenya” jedhaniiru.

Barreessaan Waldaa Qulqullootaa Obbo Tasfaayee Bihonany Ergaa dabarsaniin:-         “Bal’ina rakkina naannoo kana jiru irraa kan ka’e Baruullee kana qopheessuu qofaan furmaata kennina jennee hin yaadnu; kan furmaatni dhufuu danda’u hundi keenya qaama furmaatichaa ta’uuf yoo carraaqne qofadha” jedhaniiru. “Rakkinni naannoo sana irratti mul’atu bal’aadha” kan jedhan obbo Tasfaayeen “Rakkoo kanaaf furmaata kennuuf nammotni muraasni qofa kan dhiphatan ta’uu hin qabu. Hundi keenya rakkina kana furuuf hirmaachuu qabna” jedhaniiru.

Gaaffilee mana keessaa ka’eef kutaan qophii baruullichaa kan deebii irratti kenne yoo ta’u, hojiileen pirojeektii kanaa qophii baruullee fi Weebsaayitii kana dabalatee miidiyaalee barruu (Baruullee fi kitaaba) Miidiyaa Elektirooniksii, miidiyaa Biroodkaastii (Raadiyoo fi Televiziyoonaa) kan hojjetu waan ta’eef tamsaasota kanaaf hunduu deeggarsa akka taassisu waamichi dhiyaatee jira.