Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan keenya Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan

in Tibbana

Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan  keenya  Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan

Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Guraandhala 9  bara 2007

 

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Ameen !

Warri biyya keessaa fi biyya alaa; naannoo addunyaa maratti argamtan:- Amantaadhaan cimtanii abdiin mootummaa Waaqayyoo akka isinii raawwatamuuf warreen abdiidhaan eeggattan ijoolleen Waaqayyoo cubbuu hojii qulqullummaatiin haquuf diyaabiloosis sagalee Waaqayyootiin kan ittiin injifannu sooma keenya isa guddaa kan Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoosiin isin ga’e.

“Dhalli namaa sagalee Waaqayyo irraa bahuun malee biddeena qofaan hin jiraatu” (Maat 4:4) Gooftaan keenya, Waaqayyo keenya, Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos dhalatee waggaa soddomaffaa Isaatti harka Yohaannisitti Laga Yordaanositti cuuphame; osoo oolee hin buliin yeroodhuma sana gara gammoojjii deemuun sooma soomuu eegale. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf yeroo soomu bineensota bosonaa irraa kan hafe kan biraa homti achi hin turre. Guyyaa sooma Isaa erga raawwatee booda Diyaabiloos nyaata Addaamiin ittiin dogoggorseen Isas dogoggorsuu barbaade. Ta’us Gooftaan keenya “Namni sagalee Waaqayyootiin malee biddeena qofaan hin jiraatu” jechuun gamoo dogoggorsa isaa jalaa diige.

 

Itti aansuun Diyaabiloos “ Ergamtoota Isaa keessaa siif ergaatii; miilli kees dhakaadhaan akka hin rukutamneef      (akka hin gufanneef) harka isaaniitiin si kaasu” jedhee kitaaba Isaa afuura of tuulummaatiin caqasuun Gooftaan keenya baaxii mana qulqullummaa Isaa irraa akka of darbatuuf caqasa isaa dogoggoraatiin Isa mooqsuuf yaale. Haa ta’u malee ammas Gooftaan keenya “ Waaqayyo kee hin qoriin jedhamee barreeffameera” jechuudhaan lammata saaphana badii isaa jalaa cireera ( Faar. 90:11 ; Se.Ke.de. 6:6)

Diyaabiloos yeroo sadaffaadhaaf kabajaa fi badhaadhina addunyaa agarsiisuudhaan Gooftaa keenyaan “ Kuftee yoo naaf sagadde kana hunda Siifan kenna” jechee jaalala qabeenyaa ( horii)tiin; waaqeffannaa waaqa alagaatiin kiyyoo keessa galchuuf yemmu yaalu yeroo sana Gooftaan keenya yaa seexana nana asii deemi “ Waaqa kee Gooftaadhaaf sagadi  Isa qofas Waaqeffadhu” (Se.ke.de. 6:13) jedhamee barreeffameera jedhee yeroo deebisuuf diyaabiloosis abdii kutee injifatamee akka deemu taassiseera.

Jaalatamtoota Ijoolee afuuraa keenya

Bara kakuu duraa irraa eegalee raajonni qulqulloonni Waaqayyo irraa wanta tokko yemmu barbaadan bishaanii fi midhaan irraa of dhorkuun soomaan daanga’anii subaa’ee galanii yemmu Waaqayyoon kadhatan  kadhaan isaanii fudhatama akka argachaa turan kitaaba qulqulluu irratti bakka adda addaatti barreeffameera; kanaanis raajichi Daani’eelii fi Izraan; akkasumas Musee fi Eeliyaas; Asteerii fi obboleessi ishee Mardookiyoos warra caqasaman keessaati. Gama biyyaatiin ammo Magaala Nanawwee yoo ilaalle waa’ee barbaachisummaa soomaa barumsa guddaa irraa arganna ( Ast. 4:1-4; Yon. 3:1-10)

Gooftaan Keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoosis kan hir’ate guutuuf, kan dhokate ifa baasuuf kan jal’ate soroorsuu (sirreessuuf) kan dhufe waan ta’eef  “Seeraa fi Raajii raawwachuufan dhufe malee diiguuf hin dhufne” jechuun barsiiseera. ( Maat.5:17)

Diyaabiloos Gooftaa keenya hojjaa gabaabaadhaan gateettii dhiphoodhaan mul’atee dhaabbina Addaamiin yemmu ilaalu mala Addaam jalqabaa irratti fayyadame fayyadamuun Addaam lammaffaa kuffisuuf baay’ee dhama’eera. Haa ta’u malee malli Addaam jalqabaa irratti bare Gooftaa keenya Isa Addaam lammaffaa jedhame irratti hojjechuu hin dandeenye.

Gooftaan keenya diyaabiloosiin kan injifate waantota sadiin akka ta’e agarra. Isaan kunis;- Sooma, Kadhannaa fi Sagalee Waaqayyooti (Luuq. 4:1-13)

Gooftaan keenya qormaata gama diyaabiloosiin dhufan hunda kan deebise caqasa sagalee Waaqayyoo ta’e  caqasa kitaaba qulqulluutiinidha. Diyaabiloosis isumaan nan waraana jedhee caqasa kitaaba qulqulluu fayyadameera. Haa ta’u malee caqasoonni inni itti fayyadame hiika sirrii fi qabiyyee afuuraatiin osoo hin ta’iin kaayyoo hammeenyummaa isaatiif akka isaaf tolutti oftuulummaa fi jaalala horiitiin kan itti fayyadame waan ta’eef madaala isaaf kaasuu  waan hin dandeenyeef dhuma irratti injifatamee jira.

Jaalatamtoota ijoollee afuuraa keenya

–       Soomni  humna afuuraa diyaabiloosii fi meeshaalee dogoggorsaa isaa cabsinee ittiin gannudha.

–      Soomaa fi kadhannaadhaan lubbuun madaa cubbuu irraa fayyiti.

–      Soomaa fi kadhannaadhaan Waaqayyo wajjin wal qunnamuun ni danda’ama

–      Walumaa galatti soomnii fi kadhannaan fedha foonii to’annaa jala oolchuudhaan lubbuun cimina, injifannaa fi ol’aantummaa akka argattu  taassisa.

Egaa sababoonni gurguddoon akka sooma soomnu nu taassisan isaan kana yoo ta’u, raayyaalee baay’ee akka qaban immoo irraanfachuu hin qabnu. Yeroo soomaa:-

 

–      Harki keenya kadhannaaf, hiyyeessota qarqaaruuf kan hiixataman

–      Afaan  keenya amantaa, nageenya, jaalala,tokkummaa fi obbolummaa kan lallabu

–      Gurri keenya sagalee Waaqayyoo, wantoota gaarii fi dhugaa qofa kan dhagahan

–      Ijji keenya gara hojii qulqullummaa qofa kan ilaalu

–      Miilli keenya gara mana Waaqayyootti kan deeman ta’uu qabu. Afuuraa fi hubannaa kanneeniin sooma yoo soomne diyaabiloosiin mo’achuun keenya, Waaqayyoonis fakkaachuun keenya kan shakkisiisu miti.

 

Ji’a soomaa kana nagaan nu xumursiisee ifa du’aa ka’uu Isaatiin akka nu gahu eeyyama Waaqayyoo nuuf haa ta’u

 

Waaqayyo Itiyoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!  Ameen!

Abbaa Maatiyaas I

Dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa

Dursaa Phaaphaasii Aksum Iceggee Teessoo Takla Haaymaanot

Guraandhala 9 bara 2007

Finfinnee

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-02-14 11:26:362018-10-26 09:21:22Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan keenya Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Cubbuu irraa dhiqamuu(qulqullaa’uu) argachuuf Cuuphaa tokkitiitti ni amanna!” Link to: “Cubbuu irraa dhiqamuu(qulqullaa’uu) argachuuf Cuuphaa tokkitiitti ni amanna!” “Cubbuu irraa dhiqamuu(qulqullaa’uu) argachuuf Cuuphaa tokkitiitti ni ... Link to: Soomaa fi gosoota isaa Link to: Soomaa fi gosoota isaa Soomaa fi gosoota isaa
Scroll to top