Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin laatee

in Tibbana

Qulqulluu Sinoodoosiin ijoollee Mana Kiristaanaa ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa  Billa Liibiyaatti ajjeesaman ilaalchisee ibsa yeroo lammaffaadhaaf kenne

Eebila 13,                                                                                                          Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

 

Qulqulluu Sinoodoosiin namoota Kiristaanota Hordoftoota amantaa Kiristaanaa biyya Liibiyaatti Garee Shororkeessaa ISIS tiin ajjeechaa suukkanneessaadhaan ajjeesaman ilaalchisee har’a eebila 13 waajjira addaa Qulqulluu Paatriyaarikiitti yeroo lammaafaadhaaf ibsa laateera. Ibsa isaa haala armaan gadiitiin dhiyeessineerra:

 

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen!

Kan sababa Amantaa isaaniitiin dabaan irra gahu Mootummaa Waaqayyoo ni hirmaatu ( Maat 11:12)

Afrikaa Kaabaa Liibiyaatti ijoollee mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa irratti yakka ajjeechaa raawwatame ilaalchisee Sinodoosii Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraa irra deebi’uudhaan ibsa kenname.

 Gareen shororkeessaa mataa isaa “ ISIS” jechuudhaan waamu Eebila 11, bara 2007 Afrikaa Kaabaa biyya Liibiyaa naannoo qarqara galaana meeditiraaniyaatti  ijoollee Mana kiristaanaa irratti ajjeechaa suukanneessaa raawwachuun isaa beekameera.

Akkuma namoota hunda birattio beekamu ergamni  manneen amantaa hundaa nama fayyisuu malee nama ajjeesuu akka hin taane ni  amanama. Haata’u malee  yakki ajjeechaa manneen amantootaa kam birattuu kan fudhatama hin qabne sababa amantaa isaaniitiin lammiiwwan balleessaa hin qabne haala suukkanneessaa ta’een  naannoo addunyaa kanatti mul’achuu erga eegalee oolee buleera.

Lammiiwwan keenya Itiyoophiyaanonni yeroo adda addaa fi bakka adda addaatti saaxilamtoota ajjeechaa akka kanaa ta’uun isaanii hin hafne. Gama kanaan torbee kana biyya Liibiyaa fi biyya Aafrikaa Kibaatti ijoolota keenya hordoftoota amantaa kiristaana ortodoks tawaahidoo ta’an  irratti raawwatame hunda caala mana kiristaanaa keenya kan yaaddessee fi klan gaddisiise ta’ee argameera.

Waan kana ta’eefuu  Qulqulluun sinoodoosii mana kiristaanaa ortodoks tawaahidoo Itiyoophiyaa ajjaachaan sukkanneessaan raawwatame kun mana kiristaanaa ortodoks tawaahidoo Itiyophiyaa qofa irratti kan raawwatame osoo hin taane manneen amantootaa addunyaa hunda irratti ken hiixatame  hojii yakkaa ta’uu amanuun uummanni biyya keenyaa martii fi dhaabbileen hundinuu akkasumas hawaasnii fi mootummoonni addunyaa gochaa kana cimsee balaaleffachuu fi balfachuu irra darbee furmaata hiika qabu  akka barbaadu gaafachaa ibsa itti aanu kenneera.

Jechuudhaan ibsa ejjennoo qabxii sagal qabu kan kaa’e yoo ta’u, isaan keessaas manni kiristaanaa gochaa badii gareen shororkeessaa ISIS ijoollee mana kiristaanaa Qulqulleetti ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa  ta’an irratti raawwate balaalfeffattee jirti. Garee gochaa kana raawwates uummanni addunyaa akka balaaleffattu gaafatteetti.

Dabalataanis warren gochaa shoprorkeessitootaa kanaan ajjeefamaniif  kadhannaan fitaatii akka taassifamuuf, biyya keessaa fi biyya alatti boru, eebila 14 bara 2007 irraa eegalee guyyoota torbaaf sirni kadhannaa mihillaa akka labsamu Quqlulluun sinoodoosiin  ibsa laatee jira.

Ijoollee mana kiristaanaa amantaa isaaniitiif jedhanii ajjeefamaniifis akkaataa darbaadarbiinsa mana kiristaanaa fi sirna mana kiristaanaatiin kabajni  Wareegamummaa barbaachisu akka kennamuuf maatiin ijoolee ajjeefamanii footoo fi odeeffannoo wareegamtoota sanaa hatattamaan qulqulluu sinoodoosiidhaaf akka dhiyeessu waamicha dabarsee jir.

 

Dabalataanis uummanni Itiyoophiyaa akkuma durii amantaadhaan osoo adda wal hin qoodiin  tokkummaadhaan, jaalalaan, fi wal danda’uudhaan akka jiraannu waamicha isaa dhiyeesseera.

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-04-22 09:36:112018-10-26 09:21:20Ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin laatee
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Sinodos Link to: Sinodos Sinodos Link to: Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam Link to: Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam
Scroll to top