Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Yaa’ii Waliigalaa

in Tibbana

          Waldaan Qulqullootaa yaa’ii 11ffaa gaggeesse

 

                                               Hagayya 27                                                 

 Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itoophiyaatti Waldaan Qulqullootaa yaa’ii waliigalaa 11 ffaa hagayya 25 fi 26 galma waajjira Waldaa qulqullootaa keessatti gaggeesseera. Yaa’ii kana irratti Ittigaafatmtoonni wiirtuulee,wiirtuulee aanotaa, bakka buutonni yaa’ii moraalee, bakka buutonni wiirtuulee biyya alaa, fi keessummoonni kan hirmaatan yoo ta’u abbootiin mana kiristaanaas hirmaataniiru.

Waldaan Qulqullootaa yaa’ii waliigalaa kan gaggeessu waggoota lama lamaan yoo ta’u, yaa’iin ammaa kun yaa’ii waliigalaa 11ffaa akka ta’e ibsameera. Hirmaattonni Yaa’ii kanaa hagayya 24 kan finfinnee galan yoo ta’u, galgala sana  ergaan baga nagaan dhuftani jedhuu fi sirni miila dhiqaa gaggeeffameera.

Yaa’ii guutuun kan gaggeeffame hagayya 24 fi 25 guyyaa fi halkan walitti fufee ture. Yaa’ii kana irrattis marii bal’aanii fi murteewwan gara garaa kennamaniiru.

 

Yaa’iin waliigalaa kun agayya 24 kadhannaa abbootiitiin  banameera. Sagantaa kana irratti barumsi wangeelaa erga kennamee booda raawwiin karoora waggaa lamaa dura taa’aa Waldaa Qulqullootaa Luba Doktar Sammuu Mitikkuutiin dhiyaateera. Itti fufuunis  gabaasni Odiitii odiitara alaatiin dhiyaatee booda mana keessaa raawwii karooraa fi gabaasa odiitii dhiyaate irratti kennaneera. Guyyuma kana sa’aatii booda Gabaasni Inispeekshinii Obbo Yeshiiwaas Maammootiin manaaf dhiyaatee gabaasota dhiyaatan irrattis mariin bal’aan taassifameera. Mannis marii erga taassisee booda gabaasa dhiyaatee fi hojiiwwan raawwataman hunda sagalee guutuudhaan mirkaneesseera.

Dabalataanis qophii yaa’ii Waliigalaa waldaa qulqullootaa fi sirna filannoo gaggeessitoota waldaa kanaa ilaalchisee qajeelfamni fooyya’e dhiyaateera. Mannis qajeelfama fooyya’ee dhiyaate kana irratti mari’atee kallattii hojii gaggeessitootaaf kennee jira.

 

Yaa’iin kun hagayya 25 kan itti fufe yoo ta’u, karoora yaa’ii mooraa, ilaalchisee qajeelfamni haaraa qoratamee dhiyaateera. Mannis qajeelfama kana irratti marii bal’aa gaggeessee kallattii barbaachisaa kennee jira. Dabalataanis  karoora Waldaa qulqullootaa irrattis marii bal’aan erga taassifamee booda kallattiin hojii hirmaattota irraa hojii gaggeessitootaaf kennamee jira. 

 Guyyaa kana Dursaa Phaaphaasii Harargee fi baha Itiyoophiyaa kan ta’an Abuna Salaamaan argamanii gorsaa fi eebba kennaniiru. Yaa’iin kun hagayya 25 kan raawwate yoo ta’u Yaa’ii kana irratti namootni 650 ol ta’an hirmaataniiru.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2014-09-08 18:47:062018-10-26 09:21:24Yaa’ii Waliigalaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Badhaasa Link to: Badhaasa Badhaasa Link to: F A N N O O Link to: F A N N O O F A N N O O
Scroll to top