“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22

Dn. Zariyuun Siisaayiin

Qaammee 03/13/2009 B.A

Hordoftoota Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo hundaaf baga bara Wangeela Qulqulluu Maatiyoos irraa gara bara Wangeela Qulqulluu Maarqoositti ceetani. Barri kun kana Nagaa,Jaalalaa,Badhaadhinaa fi Gaabbii isiniif haa tahu. Ameen

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”

Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson. 4:22

Jecha kana kan dubbate ifa addunyaa kan jedhame Qulqulluu Phaawuloosi dha. Jecha kana kan dubbateefis uummattoota Kiristaanaa biyya Efesooni fi dha. Kayyoon barnoota kanaa namoonni kaleessa cubbuu keessa jiraachaa turre,bara haaraa kanatti gaabbiidhaan deebinee nama haaraa akka taanu dha. “Jireenya keessan duraa yaadachaa hawwii isa nama gowwomsu isa badu nama moofaa sana dhabamsiisaa. Afuuraan yaada garaa keessanii keessatti haareffamaa. Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti fakkeettii Waaqayyootiin uumame uffadhaa.”Efeson 4:21-24

Yaa saboota Waaqayyoo nama moofaa kan jedhame fedha foonii dha. Barri baraan yammuu jijjiiramu huccuu haaraa Adii uffachuu qofa osoo hin taane qaama keenya cubbuun moofa’e ykn xuraa’e gaabbiin haareffachuun ykn qulqulleeffachuu qabna. Kanaafidha Raajichi Waaqayyoo Iyuu’el “Waaqayyo akkas jedha laphee keessan guutuudhaan,soomuudhaan,booyichaan,gadduudhanis gara kootti deebi’aa laphee keessan malee uffata keessan hin tarsaasinaa” jechuun kan dubbate Iyuu’el 2:12-13. Laphee keessan tarsaasaa jechuun isaa gaabbii galaa, yarummaa garaa keessan keessa jiru baasaa jechuu dha. Namni fedha foonii hojjetu Waaqayyoo hin sodaatu; hojii Waaqayyo jaalatus hin hojjetu. Namoonni waan akkasii hojjenu yoo jiraanne bara haaraa kanatti hojii keenya moofaa kana dhiisnee barri darbe nu gaha jennee akkuma bara baraan jijjiirre hojii keenya isa moofaa dhiisnee Waaqayyo kan jaalatu hojjechuu qabna. Kanaafidha hangafa Duukaa bu’ootaa kan tahe Qulqulluun Pheexiroos

Kiristoos fooniin waa’ee keenyaaf gidiraa ykn rakkina wan fudhateef kana booda bara isin hafe akka eeyama Waaqayyootti malee akka fedha fooniitti hin jiraatiinaa. Isin immoo yaada sana akka meeshaa lolaatti godhaatii qabadhaa. Fooniin gidiraa kan fudhate cubbuu dhiseeraati dha. Warri saba Waaqayyoo hin ta’iin hojjechuu jaalatan hojjechuudhaan sagaagaluu fi fedha fooniin, machiin,sirbaan, human ol dhuguun Waaqa tolfamaa waaqeffachuun deddeebi’aa kan turre barri darbe nu gaha.” 1ffaaPhex. 4:1-3. Kan jedhe. Kanaafuu yaa saboota Waaqayyoo baroota baay’ee dabarsineerra,baroota haaraa baay’ee argineerra. Baroota baay’ees uffata haaraa uffachuun dabarsineerra. Bara haaraa kana garuu uffata Qulqulluu kan taheen kan hin xuroofne Iyyesuus Kiristoosiin haa uffannu. Nama haaraa haa taahu. Baroota cubbuun dabarsine keessaa baanee nama haaraa haa taanu. Baroota baay’ee ejjaan sirbaan,fedha fooni rawwachuun dabarsineerra ta’a,amma garuu eessatti akka kufne barree, gaabbiin deebi’uutu nurra jira. Mul.Yoh2:5

Waaqayyo dhifamummaa isaatiin bara ni qopheessa.” Fars. 64:11(12). Waaqayo bara baran yoo jijjiiru nuti maal gochuu qabnaa? Ayyaana bara haaraa yammuu kabajnu daraaraa waliif kennuuni dha. Kunis fakkeenyaa fi hiika kan qabu dha. Daaraaraan fakkeenya Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosi dha. Daraaraan yammuu daraaru fooliin isaa nama hundumaa hawwata. Namni daraaraa ilaalu daawwachuun ni quufa. Iyyesuus Kiristoosis foon isaa fi dhiiga isaa namni nyaatuu fi dhugu hin beela’u,jireenya bara baraas ni jiraata. Yoh 6:35-55. Tokkos daraaraan fakkeenya Giftii keenya Dubroo Maariyaamii dha. Daraaraan daraaree firii kenna firiin isaas namoota rakkoo keessaa fi beela keessaa isaan baasa. Dubroon Maariyaamiinis firii gaarii nuuf argamsiisuun nama moofaa sana nurraa dhabamsiisteetti, Ibidda si’oolii nu baasisteetti. Kanaafuu daraarota ilaallee nama moofaa dhabamsiisame kana ofii Keenya namoonni ofitti deebisne bara haaraa kanatti daraaraa kana ilaaluun namummaa moofaa kana dhabamsiisuu qabna. Tokkos daraaraan fakkeenya sanyii Addaamii dha. Daraaraan ni daraara,ni goga,ni harca’a; namnis akkasuma dha. Kanaafi dha laphee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluu Daawwit “Namootni barri isaanii akka margaa dha, akka daraaraa bosonaattis ni daraara;Qileensi yeroo itti qileensa’uttis ni darba” kan jedhe fars.102:15(16)

Kanaaf maal haa goonu?

  1. Akka fedha foonii keenyaatti kan deddeebine nu haa ga’u. “Yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan fayyinaa waan nutti dhiyaateef,yeroo kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru ta’uusaa beekaa, halkanichi sokkee guyyichi dhiyaateera,kanaafis kottaa hojii duukkana keessa hojjetamu of irraa fuunee gannee mi’a lolaa isa ifa keessa hojjetan ni hidhanna. Sirbaafi machiin hin ta’iin ejjaa fi sagaagilaan hin ta’in falmii fi goomii hin ta’iin. Haa ta’u malee Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoosiin uffadhaa. Hawwii isaas akka raawwatu fooniif hin yaadinaa” Rom 13:11-dh,1ffaa Teselon. 5:7.
  2. Sodaa Waaqayyoo malee fi osoo hin beekiin baroonni dabarsine nu gahu. 1ffaa phex.4:3,s.um 19:20,Gal.5:16 ,Fili.3:13
  3. Gaabbii haa gallu “Cubbuun keessan akka siniif haqamuuf gaabbii galaa,deebi’as” Hoj.duk.3:20
  4. Nama kamiyyuu waliin nageenyaan (Jaalalaan) haa jiraannu. 1ffaa Qor.13:1-13,Rom. 12:18

Yaa jalamtoota dubbistootaa sagalee Waaqayyoo bara haaraatti nama haaraa ta’uu yoo barbaanne,kaleessa afaan keenyaan namoota gaddisiisnerra yoo tahe dhiifama haa gaafannu, kan hanne ,kan sobne,kan ajjeesne,kan hamanne,qabeenya namaa akka malee kan itti fayyadamne, ejjaa fi machiin namootni kufne,afuura mooraa machii falmii kan qabnu fi kkf hundi ofii keenya of miidhuu malee faayidaa akka hin qabne hubannee gaabbii galuun Waaqayyo waliin araaramuutu nurra jira.

Egaahoo guyyaan fayyinaa har’adhaati,cubbuu keenya bishaan gaabbiitiin yeroo itti dhiqannu,Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qeraaniyootti foon nuuf kuteen dhiiga nuuf dhangalaseen kan itti chappeffamnu,cubbamaa isa ture qaama keenya seera Waaqayyoof kan bichisiisnu bara Dhiifamaa akka nuuf ta’uuf mata keenya of haa qulqulleesinu. Bara haaraatti nama haaraa akka taanu Waqti Nagaa,Jaalalaa,Dhiifamaa nu ha gargaaru. Ameen!!!

Maddaa :Macafa Qulqulluu Abbaa 81

             Macaafa Adimtaa Wangeelaa

Kutaa 3ffaa Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee)

Kutaa 3ffaa

Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee)

i. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Dhuunfaa (Kan Cufatan)

                                                        Dn.Fayyeeraa Fiixumaa fi Dn.Namee Torbaniin kan hiikame

Kadhannaan torbii dhuunfaa namni tokko qofaa isaa ta’uun manaa fi bakka kadhannaaf mijataa ta’etti kan inni qabatu, namni tokkollee osoo hin argiin iddoo kadhannaa isaa cufee sammuu guutuudhaan ta’ee, Uumaan isaa qofti akka isa arguu fi akka dhagahuuf dhuunfaadhaan Kadhannaa raawwatuu dha. (Maat 6:5-13). Bifa gosa kanaatiin, namni tokko yommuu Kadhannaa torbii galu, cufaa jedhama. Namni Kadhannaa torbii cufaa qabate waanta isa barbaachisu qabatee erga gara bakka kadhannaatti galcheen booda Kadhannaan torbii sun hanga dhumutti namaan walitti hin dhufu. (Faar 101:6-7)

ii. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Waldaa

Kadhannaa torbii waldaa kan jedhame, luboonni, amantootni, dhiironnii fi dubartoonni, jaarsolii fi dargaggoonni waliin ta’anii Mana Kiristaanaa fi bakkeewwan mijatoo ta’an hundatti walitti qabamanii Kadhannaa torbii galanii dha. Amantootni Kakuu Moofaas gara Waaqayyootti deemuudhaan kadhachaa turan. 1Saam 1:9, Faar 121:1, Luq 18:10-14

Bara Kakuu Haaraattis, hordoftoota Duuka bu’ootaa kan ta’an, monoksoonni, luboonnii fi amanattootni, kawaalotatti, Mana Kiristaanaatti, mana barnoota Dilbataatti, sadarkaa xoofoo afooshaatti jajjabina afoosha isaaniif, afoosha isaanii keessaa isa tokko yommuu rakkoon mudatu Kadhannaan torbii waaldaan /gamtaan ni qabatamaa.

 

iii. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Labsii

Kadhannaan toorbii labsii biyya irratti balaan battalaa, dhibee fi waraanni yommuu ka’u, akkasumas, miseensa amantootaaf adabbiin sodaachisaa ta’e yommuu mudatu, Waaqayyo adabbii Isaa dhiifamaan, ifannaa Isaa obsaan akka deebisuuf gosa Kadhannaa toorbii qabamuudha. Gosa Kadhannaa toorbii akkanaaf namoonni Nanawwee fi Israa’eloonni godaansaan Faars jiraachaa turan kanneen akka fakkeenyaatti caqasamanii dha. Namoonni Nanawwee lallaba Yoonaas dhagahanii guddaadhaa hanga xiqqaatti guyyaa sadiif nyaata fi dhugaatii irraa of ittisuun tsoomuudhaanii fi kadhachuudhaan Waaqayyo adabbii Isaa dhiifamaan, ifannaa Isaas obsaan akka deebisu taasiseera. Kan biraa, Ayihuud godaansaan Faars jiraachaa turan ajaja Asteeriin Kadhannaa toorbii qabatanis kan caqasamu dha. Bara sana Arxeeksis Ayihud bakka jiranitti akka ajjeefamaniif yoo ajaju, ajjeechaa Sanyii guutummaa kana jalaa ooluudhaaf Ayihud Kadhannaa torbii labsiidhaan galaniiru. Asteer ol-galtee yommuu mooticha haasofsiistu uummanni biraa alarraa ajaja ajajanii Kadhannaa torbii galanii Uumaa isaanii kadhataniiru. (Asteer 4:16-28).

Biyya keenyattis, Kadhannaan torbii labsii kana fakkaatu bara Mootummaa Miniliik taasifameera. Faashistiin Xaaliyaan biyya keenya weeraruun bittaa ishee taasifachuuf daangaa ishee darbuun yeroo dhuftetti mootichi Miniliik, “Humna kan qabdu humna keetiin, humna kan hin qabne immoo kadhannaa keetiin na gargaari” jechuudhaan Kadhannaa torbii labsii qabachuun isaanii ni dubbatama. Kana bu’uureffachuudhaanis, kawaalota hundatti kadhannaan qabatameera; mootichis Taabota Giyoorgisii qabatanii addunyaa hedduu kan ajaa’ibsiise, gurraachonni birmadummaa isaaniitiif akka kaka’aniif kan dammaqse, injifannoo argameefi dhagahamee hin beekne argatanii Xaaliyaan ishee biyya keenya koloneeffachuuf yaadde qaanessuu isaanii miira olaanaan kan yaadannuu dha.

Qophii Duraa

Namni Kadhannaa toorbii galuuf barbaadu qophii dursaa taasisuun isarra jiraata. Qophii tokko malee Kadhannaa torbii galuun qorumsaaf nama saaxila. Kanaafuu, Kadhannaa torbii osoo hin galiiniin dura, yeroo Kadhannaa torbii fi yeroo Torbee Kadhannaa booda qophii taasisuun barbaachisaa dha.

Qophii Kadhannaa toorbii (subaa’ee) Duraa Taasifamuu Qabu

Jalqabatti sababa Kadhannaa toorbii galluuf adda baasnee beekuun barbaachisaa dha. Namni tokko kaayyoo Kadhannaa toorbii galuuf adda baasee yoo kaa’e, Kadhannaa torbii isaatiin booda argachuu fi argachuu dhabuu isaa ni hubata. Kun osoo hin ta’iin Torbee Kadhannaa yoo gale, Kadhannaa torbii booda waanti inni gaafate waanta hin jirreef hiika dhaba. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii galuu keenyaan duratti Kadhannaa torbii galuun maaliif akka nu barbaachise adda baasnee beekuun nurraa eegama.

Sababa Kadhannaa toorbii galuu murteessineef erga adda baasneen booddee, sababa keenya qabannee abbaa gaabbii keenya marii’achiisuun ni barbaachisa. Sababni isaas, gorsa lubaatiin deemuun jalqabumatti dirqama Kiristaanummaa waan ta’eefi dha. Kanarraan kan darbe, abbummaa isaanii fi muuxannoo jireenya isaaniitiin maal raawwachuun akka nuuf ta’u gorsa argachuuf deeggarsa nuuf taasisu. Kanafuu, Kadhannaa toorbii dura abbaa gaabbii waliin marii’achuun dirqama ta’a. Fakkeenyaaf, namni tokko yeroo Kadhannaa toorbiitti qorumsaaleen adda addaa yoo isa mudatan, gorsa isaaf kennametti fayyadamee qorumsicha ofirraa qolachuu danda’a. Akkasumas, abbaan gaabbii isaa waqtii Kadhannaa toorbiitti kadhannaan akka yaadataniif yaadachiisuun isaa gahee mataa isaa qaba.

Kadhannaa toorbii galuudhaaf yommuu yaadnu, guyyoota meeqaaf turuu akka yaadne murteessuun ni barbaachisa. Kadhannaan toorbii hanganaa hanga hangasiitti nan tura jennee karoora kan irratti qabannuu dha. Akkaataa humna fi dandeettii keenyaatti guyyaa kanaa hanga guyyaa sanaatti jennee murteessuun Kadhannaa toorbii galuun barbaachisaa ta’a. Fakkeenyaaf: – muuxannoo tokkollee osoo hin qabaatiin namni tokko “holqa keessa nan tura” osoo jedhee faayidaa isaa irra miidhaan isaa caaluu danda’a. Sababni isaas yeroo Kadhannaa toorbiitti qorumsi waanta baay’atuuf, qorumsa isatti dhufu obsaan dabarsuu dadhabuudhaan Torbeen Kadhannaa addaan cituu danda’a. Kanaafuu, yeroon Kadhannaa toorbiin duratti humnaa fi dandeettii keenya giddu galeessa taasisuun murteessuun barbaachisaa dha.

Kan biraa immoo, yeroo Kadhannaa toorbii duraa keessatti Kadhannaa torbii sanaaf yeroo fi bakka mijataa ta’e filachuun barbaachisaa dha. Mana Kiristaanaa keessatti yeroo baay’ee Kadhannaan toorbii kan galamu, tsoomiiwwan hordofeeti. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii yeroon itti gallu yeroo tsoomii akka ta’ee fi hin taane adda baasuun barbaachisaa dha. Kadhannaan toorbii yeroo tsoomiitti qabamu nama hirmaatuuf faayidaan isaa baay’ee olaanaa dha. Sababni isaas, yeroo tsoomiitti abbootiin baay’een Kadhannaa toorbii waan qabataniif kadhannaa abbootii waliin kadhannaa fi himannaan keenya ol-bahuu ni danda’a. Kanaafuu, yeroo adda baasanii beekuun barbaachisaa dha.

As irratti garuu yeroo tsoomiitiin alatti Kadhannaan toorbii hin qabamu ilaalcha jedhu qabachuuf miti. Namni tokko yoo qorumsi isa mudate, yeroo kamittillee Kadhannaa toorbii galuu akka danda’u asirratti caqasuu ni feena. Kanarraan kan hafe, Kadhannaa toorbii bakka itti gallu filachuu qabaanna. Kadhannaa toorbii galuudhaaf bakkeewwan filannu qorumsaaf kan nu hin saaxille ta’uu isaanii dhugoomsuun barbaachisaa dha. Kunis Kadhannaa toorbii erga galaniin booda sammuun keenya akka hin bittinnoofneef deeggarsa nuuf taasisa. Wacuu fi sosochiin bakka itti baay’atutti sammuu guutuudhaan kadhachuudhaaf hin mijatu. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii bakki itti qabannu kawaalonnii fi Manneen Kiristaanaa magaalaa irraa fagaatan filatamoo dha.

Qophii Yeroo Kadhannaa Toorbiitti (subaa’eetti) Taasifamuu Qabu

Yeroo kadhannaatti utubaatti, waan dhaabbatu kamittuu osoo hin hirkatiin, hirkoos osoo hin qabatiin miila lamaan sorooranii dhaabbachuudhaan kadhachuutu nurraa eegama. Akkasumas, fuula keenya gara bahaatti garagalchanii dhaabbachuu, asii fi achi, bitaa fi mirgatti mil’achuu dhiisuu, harka bal’isuudhaan yaada guutuudhaan ta’anii kadhachuutu barbaachisa. Faar 5:3, 133:2, Yoh 11:41.

Yeroo Kadhannaa toorbiitti walduraa duubaan kadhachuu qabaanna. Jalqaba irratti, Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoon jennee qaama keenya hundumaa mallattoo Fannootiin mallatteeffachuu, jechoota “nan sagada” jedhan bira yoggu geenyus sagaduu, fannoo kan maqaa waamu bira yommuu geenyu of mallatteessuu qabna.

Itti aansuudhaanis, Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa, faarsaa Daawiit, Galata Maariyaamii fi kanneen biroo kitaaba kadhannaa irratti argaman kadhachuun itti aansinee Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa, kadhannaa Giiftii keenya Maariyaamii, kadhannaa Amantaa erga kadhanneen booda Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa daballee jechuun; sanaan booda si’a 41 maaloo naaf dhiisi/kiraalaayisoon jedhama. Kan biraa immoo nama subaa’ee gale tokkorraa wanti eegamu cubbuu isaa yaadaa gadduudhaan boowuu dha. Yommuu boo’us tokkoo tokkoo cubbuu isaatiif imimmaan buusuutu isarraa eegama.

Dhumarrattis, namni Kadhannaa toorbii gale tokko Kadhannaa torbii isaa osoo hin xumuriin yookiin Kadhannaa torbii isaa addaan kutee nama kamiyyuu waliin gonkumaa wal quunnamuu hin qabaatu.

Qophii Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Boodaa Taasifamuu Qabu

Kadhannaa dhiyaateef waanta Waaqayyo nuuf raawwatu obsaan eeguun nurraa eegama. Waaqayyo araaraa fi Kadhannaa dhiyeessineef akka hawwii laphee keenyaatti, akka arjummaa Isaatti, Inni yeroo jaalatetti nuuf raawwata. Namni Kadhannaa toorbii gale hundinuu mul’ata arguu dhiisuu danda’a. Sababni isaas, deebiin Waaqayyoo eenyuufuu ifa miti waan ta’eef. Kadhannaa toorbii booda jalqabatti kan nuti argannu nageenya sammuuti. Kunis kennaa Waaqayyoo isa guddaa dha. Kanarraan kan hafe, Kadhannaa toorbii gallee kan yaadne dhabuun keenya yoo nutti dhagahame, lammaffaa qophoofnee hanga sa’aatii isa xumuraatti itti himachuu fi kadhachuutu nurraa eegama.

Kutaa 2ffaa Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa

                               Kutaa 2ffaa

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa

                                           Dn.Fayyeeraa Fiixumaa fi Dn.Namee Torbaniin kan hiikame

Waaqayyo jecha waadaa Addaamiif gale bu’uura taasifachuun dura bara Raajonni ka’an, itti aansuunis waa’ee nama ta’uu Iyyasuus Kiristoos, lammata deebi’ee dhufuu Isaas raajii dubbataniiru. Kadhannaa torbii lakkaawwataniiru. Isa 7:14, Faar 49:3, Zak 13:6, 14:1. Haalli dubbii raajummaa fi Kadhannaan torbee murtaawaa raaj-himeessa isa tokkoo kan raaj-himeessa isa biraa irraa addaa dha. Sababni isaas, Waaqayyo raajicha yommuu dubbisuu fi fakkeenyummaa isaas yommuu fakkeessu daandii isaa haala adda addaatiin ta’uu isaatiinii dha. “Durii jalqabee Waaqayyo akkaataa baay’ee fi daandii hedduun abbootota keenya raajotaan dubbateera” akkuma jedhu. (Ibr 1:1). Akkaataa lakkaawwii isaanii fi daandiin Kadhannaa torbii isaanii adda adda ta’us, kaayyoo fi galmi isaanii garuu tokkoo dha.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Addaam

Addaam raajii dubbachuudhaanii fi kadhannaa torbee murtaawaa galuudhaan bakka jalqabaa qabata. Sababni isaas, Gannata keessatti, waggoota toorbaa fi ji’a tokkoo fi guyyaa kudha toorba badhaadhummaa fi gammachuudhaan erga jiraateen booda seera fi jecha Uumaa isaa cabsuu isaatiin gadda hiyyummaa tokko malee kan itti jiraatu Eedan Gannat keessaa arii’atameera. Uum 3:24. Innis Uumaan isaa akka itti araaramuuf, ija dhiifama Isaatiinis akka isa mil’atuuf, galaana qorri isaa dhaqna namaa kukkutu keessa dhaabbachuudhaan guyyoota soddomii shaniif Kadhannaa torbii shan galeera. Waaqayyo arjaan amalummaa Isaatiin gidirfamuu namaa hin jaalanne, guutummaadhaan gaabbuu Addaam ilaalee, “Guyyaa shanii fi walakkaatti dhala dhala keerraa dhaladheen sin fayyisa” jedhee abdii Isaa kenneef. Addaamis abdii kennameef qabatee biyya fooniitti waggaa dhibba sagalii fi soddomaaf erga jiraateen booda addunyaa rakkoo fi gidiraan itti baay’atu kana keessaa du’aan adda baheera.

 

Namni yakkaan himatamee mana murtiitti itti murteeffame guyyaa itti mana hidhaa seenee jalqabee ji’a fi guyyaa itti kana keessaa bahu akkuma lakkaawu, Addaamis si’ool bakka adabbiin lubbuu jirutti jiraachaa waanta tureef, abdii isaaf kennamme yaaduudhaan Kadhannaa torbii isaa lakkaawaa ture. Kan dubbate kan hin hambisne, kan hin raawwannes kan hin dubbanne, Gooftaan “Kunoo sin fayyisa” akkuma jedhee waadaa isaaf galetti barichi xumuramnaan nama ta’ee foon uffateeAddaamiin ijoollota isaa waliin bilisa baaseera. Addaamiin hordofuudhaan ijoollonni isaas: abbootonni raajonni qulqulloonni Kadhannaa torbii galuudhaan bara abdii sana lakkaawuudhaan hojii gaariidhaan hordofaniiru. Bu’uura kanaan raajonni baay’een tooftaa adda addaatiin Kadhannaa torbii lakkaawaniiru. Nutis raajota Kadhannaa torbii lakkaawan muraasa barreeffama kana keessatti akkaataa armaan gadiitti ni dhiyeessina.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Heenook

Abbaan keenya Henook, ilma Yaareed yommuu ta’u, dhalootaan Addaam irraa isa toorbaffaadha. Innis jireenya isaatiin Waaqayyoon gammachiisuudhaaf mana isaa dhiisee Kadhannaa torbii galuun fi hojii gaarii hojjechuun Waaqayyoon tajaajileera. Adeemsa isaa guutuus Waaqayyoon akka gammachiise, Kakuu Moofaa keessattis ta’ee Kakuu Haaraatti hojiin isaa gaariin ragoomeefii jira. “Henook adeemsa isaa Waaqayyo waliin taasifate” (Uum 5:22). Kana ta’uu isaatiinis, Waaqayyo gatii Kadhannaa torbii isaa Afuura Isaa qulqulluun gargaarsa Isaatiin waan irra bulcheef raajii dubbateera, Kadhannaa torbiis lakkaaweera. Samii keessatti fudhatameeosoo jiraatuu kitaaba waa’ee ergamoota qulqullaa’oo, waa’ee Masihichaa Iyyesuus Kiristoos, waa’ee deddeebi’uu aduu fi addeessaa kan eeru maqaa isaatiin barreesseera. Uum 5:21-24, Yihudaa lakk 14, Heenook 1:9

Subaa’ee Henook jedhamuun kan beekamu sun Kadhannaa torbii Henook safartuudhaan lakkaawee waan ta’eefi dha. Safartuun isaas lakkoofsa baay’ataa 35 yoo ta’u, 35×19 bu’aa isaatiin yoo baay’atu waggaa 665 ni ta’a. 665 x12 yommuu baay’isnu, 7980 ta’a. Yaadni kunis kan nu hubachiisu waa’ee dhufaatii Kiristoosiidha.

Addunyaan erga uumamee jalqabee bara nuti amma itti qaqqabne waggoota 7,509 ni ta’a. Kanas mirkaneessuudhaaf, waggaa 5500 irratti waggoottan 2009 ida’uudhaanii dha. Yeroo kanas waggaa armaan olitti keenye, 7,509 nuuf kenna. Akkaataa bu’uura lakkaawwii raajicha Henookitti, dhufaatiin Kiristoos bara 7980 tti ta’a. Armaan olitti lakkoofsa Henook lakkaawe qabachuun waggaa 7980 irra waggaa amma keessa jirru, 7,509 yoo hir’isnu waggaa 471 ni arganna. Kanaafuu, bu’uura Kadhannaa torbii Henookiin dhufaatii Kiristoos tahuudhaaf waggaan 471 ni hafa jechuudha.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Daawiit

Raajichi Daawiit mootota Isra’eel keessaa mootii guddaa fi jaallatamaa ture. Barri mootummaa isaas Dhaloota Kiristoos Dura bara 1011-971 akka ture ni amnama. Raajichi Dawiit, akka laphee Waaqayyoo ta’uu isaati raajii dubbateera. Kadhannaa toorbiis lakkaaweera. Kunis lakkaawwii (Subaa’ee) Daawiit jedhamuudhaan beekama. “Waggaan kumni Si fuulduratti akka guyyaa kaleessa darbiteetii” (Faar 89:4) kan jedhus barsiisonni yommuu lakkaawan waggaa 1,140 ni ta’a. Kunis Gooftaa biratti waggaan 1140 akka guyyaa tokko akka ta’etti raajicha Daawwiit dubbateera. Kunis Daawitiif lakkaawwii/ safartuu Kadhannaa torbii ta’uun tajaajileera. 1,140×7=waggaa 7,980 ni ta’a. Addunyaan kun erga uumamtee kaasee waggaa 7,980tti Kiristoos lammaffaa akka dhufu kan agarsiisuu dha.

Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Daani’eel

Raajichi Daani’eel ramaddiin isaa raajota gurguddoo keessatti dha. Israa’eloonni booji’amanii yommuu gara Baabiloon deeman, booji’amee gara Baabiloonitti bu’eera. Innis waa’ee dhufaatii Kiristoos raajii dubbateera; Kadhannaa toorbiis lakkaaweera. “Sanbata toorbaatama lamiilee kee beellami” jedheera. Kunis Kiristoos waggoota 490 ykn (7 x 70) booda nama ta’uusaa raajii ibsu dha. “Hanga mooticha Kiristoostti, Manni Qulqullummaan ni ijaaramti, boodarras ni jigdi” jechuudhaanis dubbateera.

Tooftaan lakkaawuu isaa waggaadhaan yommuu ta’u, kunis waggoottan toorban akka Iyyaasuutti lakkaawuudhaanii dha. Kadhannaan toorbii kun Sanbata jedhama. Daani’eel Kadhannaa toorbii erga lakkaawee fi raajii erga dubbatee kaasee hanga Kiristoos dhalatutti waggaa 490 ni ta’a. Safartuun (baay’istuun) isaas torba yommuu ta’u, 7×70 yoo baay’isnu 490 ni arganna. Kunis raaj-himeessichi raajii erga dubbatee fi Kadhannaa torbii (subaa’ee) erga lakkaawwatee waggoota 490 booda dhalachuu Kiristoos kan ibsuudha.

Walumaa galatti, raajonni qulqulloonni armaan olitti ilaalle adeemsa isaanii Waaqayyo waliin taasisuudhaan, Kadhannaa torbii galuudhaan, qajeelinaan jiraachuu isaaniitiin ajaa’iba kan ta’e dhalachuu fi deebi’ee dhufuu Kiristoos raajuudhaaf danda’aniiru. Kadhannaa torbii galuudhaan kan fagaate dhiyeessuu, kan hin mul’anne ol-baasanii mul’isuuf Waaqayyo biraa gahumsa kan argamsiisu ogummaa Afuurawaa ta’uusaa hubachuun barbaachisaa dha

Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa

Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa

Barruulee Hamar, Adoolessa/Hagayya 1997 irraa kan hiikame

Baay’atus xiqqaatus, amantoonni baay’een keessa keenya kan ittiin ilaallu, arjummaa Waaqayyoos kan ittiin gaafannu yeroo kadhannaa torbii (subaa’ee) ni qabanna. Sababa yeroo dhabuunis ta’e ciminni dhabamuun hojii gaarii hojjechuuf kan hin dandeenye jiraannus, waa’ee kadhannaa torbii (subaa’ee) kan yaannu baay’ee keenyaadha. Kana ta’uu isaatiinis abbootni baay’een waan ittiin bu’aa buufataniif, kadhannaan torbii eessaa akka dhufee fi faayidaan isaa akkasumas, naannoo kana irratti qabxiilee wal qabatoo beekuu qabaannu irratti barumsa bal’aa osoo nuuf kennitani gaariidha.

                                                            

                                                                                                Fiqirta Sillaasee Finfinnee irraa

Yeroo mara dubbistoonni baay’een naannoo mata duree kanaa irratti qophiiwwan keenya akka dhiyeessinuuf xalayaadhaan nu gaafattaniittu. Kanuma bu’uureffachuun waqtii isaa ilaalcha keessa galchuun barreeffama kana keessatti ni dhiyeessina. Deebii isaas qindeessee kan nuuf dhiyeesse B/saa H/Maariyaam Laaqawu dha.

 

Sirna Kadhannaa torbii (Subaa’ee)

Kadhannaan torbii Maaliidhaa? Kadhannaan torbii madda jecha irraa dhufeen torba jechuu dha. Kadhannaan torbii hiika Afuurawaatiin kan namni tokko guyyaa kanaa hanga guyyaa kanaatti kadhannaadhaan Uumaa koo waliin nan quunnama jedhee karoora afuuraa karoorfatu dha. Lakkoofsi torba Israa’elota biratti hojiinis ta’e jechaan kan ibsu waan gonka ta’an dha. Fakkeenyaaf, uumaan addunyaa Waaqayyo guyyaa toorbaffaatti sirna Uumamaa erga uumeen booda boqochuun Isaa   amantootni guyyaatti al toorba kadhannaaf dhaabbachuuun galateeffachuun isaanii gonkummaa lakkoofsa toorbaa agarsiisa. Uum 2:2, Faar 18:164. Akkaataa kanaan namni tokko guyyoota toorbaaf yoo tsoomu, torbee kadhannaa (subaa’ee) tokko tsoome jedhama. Guyyoota kudha afuriif yoo tsoome, Kadhannaa torbii (subaa’ee) lama tsoome jechuun ibsama.

Kadhannaan torbii (subaa’een) Yoom jalqabame?

Kadhannaan torbii kan jalqabame kufaatiin booda nama jalqabaa Addaamiinii dha. Ergamoonni qulqulloonni, waa’ee kadhannaa Addaamiin akka barsiisan hayyoonni Kitaaba Qulqulluu ni dubbatu. Ergamoonni, Addaamiin yeroowwan/waqtiilee barsiisanii turan(Hiikkaa Sirna qulqulleessaa Maariyaamii). Addaam badiisaa amanee galaana keessatti Kadhannaa torbii galuu fi kadhachuu isaatiin, Waaqayyo jecha Isaa hin jijjiiramneen “Guyyoota shanii fi walakkaan booda dhala dhala keerraa dhaladheen sin fayyisa” jechuudhaan kakuu galeefii ture. (Qalemeenxoos, boqonnaa4).

Kadhannaan torbii (subaa’een) Maaliifi?

Dhalli namaa qaama cubbuu waliin wal-simatuun guyyaa guyyaatti uumaa isaa ni yakka. Sababa yakka raawwaateef immoo sammuun isaa isa ceepha’a; ni gaabbas. Cubbuu jalqaba ija jabinaan hojjeteef boodarra ni na’a. Kun sammuu nama uumamaa kamiyyuu keessatti mudannoo jijijjiiramuudha. Yeroo kanas dhiifama Uumaasaa argachuudhaaf ni yaada, ni gaddas. Qulqulluun Phaawuloosis “Keessa kootti, namummaan koo seera Waaqayyootiin ni gammada;haa ta’u malee, seera cubbuu kutaa qaama kootiitiin jiruun kan na booji’u/hawwatu seera biraa nan arga. Ani nama qullaa akkamiitii? Kanaaf namummaa duuti itti kenname kanarraa eenyutu na fayyisa?” jedheera. Room 7:22-25

Namni ija jabina isaatiin, abboommii Waaqayyo olaanaa cabsuudhaan seerri addunyaa yommuu isa dhiphistu ba’aa isaa kan ittiin salphifatuu fi kan ittiin balleeffatu ogummaan Afuuraa Uumaa arjaa irraa isaaf kennameera. Kunis dadhabbiin foonii xiqqoon kan hin murteeffamne, kennaa Waaqayyoo kan ittiin argatu sirna Kadhannaa torbiitiini dha. Durii hanga har’aatti, namni tokko addunyaa yaadoon guutamte kana keessatti afuurri isaa yommuu jeeqamu, tasgabbii lubbuu fi foon isaa deebisuudhaa fi kabachiisuuf tsoomuu fi kadhachuun dirqama isatti ta’a. Yeroo kana jabeessee Kadhannaa torbii gala.

                                                             a)  Waaqayyoon Kadhachuuf

Dhimmoota bu’uuraa namni tokko Kadhannaa torbii qabatuuf keessaa inni tokko Waaqayyoon kadhachuufi dha. Namni kamiyyuu Kadhannaa torbii yeroo galu guutummaadhaan gara Uumaa isaatti kadhannaan inni dhiyeeffatu jiraachuu qabaata. Waanti nuti gaafannuu fi waanti kadhannu osoo hin jiraatiin Kadhannaa torbii yoo galle/qabanne deebiin nuti argannu hin jiraatu. Haal-duree qophii tokko malee Kadhannaa torbii namoonni galan sagantaa Kadhannaa torbii sanaan booda maaltu akka isaaniif deebi’u waanti beekan waan hin jirreef dadhabbii isaaniitiin waanti isaan argatan hin jiru.

Kanaafuu, Kadhannaa torbii galuu keenyaan duratti, Kadhannaa torbii maaliif galla? jechuudhaan mataa keenya gaafachuutu nurraa eegama. Fakkeenyaaf, Kiristaanni tokko waa’ee naannoo jireenya dhuunfaa isaa, nageenya biyyaa, fayyummaa hiriyyaa isaa fi dhimmoota k.k.f. irratti Uumaa isaa ni kadhata. Yeroo kana jireenya dhuunfaa isaatiis ta’e dhimma biyyaatiif Kadhannaa torbii galeef yeruma sanatti deebii argachuu danda’a; akkasumas deebiin isaa turuu ni danda’a. Yeroo kana nama kadhannaa qabate irraa obsi ni eegama. Gaaffiin ani dhiyeessee maaliif dafee deebiin naaf hin kennamne? jechuudhaan dhiphachuunii fi Waaqayyoon qoruun barbaachisaa miti. Waaqayyoon hojii Isaa kan itti raawwatuu fi kan Isa kadhataniif deebii kennuudhaaf yeroo mataa Isaa qaba. Fakkeenyaaf, sababa kufaatii hiriyyaa isaatiin Kadhannaa torbii galee torbee tokko keessatti deebii kan argate seenaa tajaajilaa kawaala (gadaamii) tokkoo ilaaluun barbaachisaa dha.

Obboloonni lama ergamaaf bakka bahanitti, isa tokko kufaatiin cubbuu isa mudatee buleera. Erga bari’ees, “Anaan kufaatiin na mudateeraatii ani kanaan booda gara kawaalichaatti hin deebi’u; addunyaa fakkaadheen jiraadha” jedhe. Inni lammataas, “Anas mudateera; egaa deemnee cubbuu keenya barsiisa gaabbii keenyatti himannee qanoonaa keenya fudhannee akka duraa taanee ni jiraanna” jedhee jajjabeessuun fuudhee deeme. Deemanii abbaa gaabbii isaaniitti himanii qanoonaa (adaba yakka isaanii) fudhachuun Kadhannaa torbii tokko galuun yommuu qanoonaa isaanii xumuranitti, “Egaa obboleessa kee isa cubbuu hin hojjanneetiif jedhee siif dhiiseera” sagalee jedhu dhageessiseera. (Seenaa Abbootaa)

Armaan olitti tajaajiltoonni kawaalaa (gadaamii) seenaa isaanii dhiyeessine, tajaajilaaf bakka itti ergamanitti isa tokko cubbuun argatee yommuu kufu, hiriyyaan isaa garuu cubbuun akka waan isa argatee taasisee hiriyyaa isaa jajjabeessee gara kawaalaatti deebisuudhaan tokko ta’anii Kadhannaa torbii galuu isaaniiti. Kadhannaa torbii tokko (guyyaa toorba) akkuma xumuraniin Waaqayyoon biraa, “Cubbuu osoo hin hojjatiin siif jedhee Kadhannaa torbii kan gale obboleessa keetiif jecha siif dhiiseera” kan jedhu deebii ariifachiisaa argateera. Kanaafuu, Kadhannaa torbii jireenya dhuunfaatiifis ta’e jireenya hiriyyaatiif yommuu gallu, deebii ariifachiisaa ykn kan turu nuuf kennuu waan danda’uuf obsaan eeguun nurraa eegama.

                                      b)  Suga Qulqullootaa Irraatii Hirmaachuudhaaf

Abbootiin fi haadholiin keenya qulqulloonni wareegamummaa isaan wareegaman yaadachuudhaan kawaalotaa fi Manneen Kiristaanaa jechi waadaa kennameefitti Kadhannaa torbii galamu qooddattoota suga qulqulloota sanaa nu taasisa. Qulqulloonni bakka wareegamanitti, “Ijoollee dhiiraa fi dubaraa caala maqaa caalu nan kennaaf; kan hin badne maqaa bara baraa nan kennaaf” (Isa 56:6) jechuudhaan Waaqayyoo waadaa waan isaaniif galeef Kadhannaa torbii galuudhaan suga isaanii irratti hirmaachuun ni danda’ama. Tsooma Raajotaatiin suga Raajotaa irratti hirmaachuun, tsooma Duuka bu’ootaa irratti hirmaachuun suga Duuka bu’ootaa irratti hirmaachuu fi tsooma Filsataa irratti hirmaachuudhaan eebba Giiftii keenyaa irratti hirmaachuudhaaf Kadhannaa torbii galuun kan turee fi gara fuulduraattis seera Mana Kiristaanaa jiraatuudha. Har’as sirna kana hordofuudhaan suga qulqullootaas argachuudhaaf, lafeen qulqullootaa kawaala itti boqotetti, tsoomaa fi kadhannaadhaan, humnaanis kawaalota tajaajiluudhaan eebba qulqullootaa kan argatan kawaalota keessatti kasoominaan kan deddeebi’an danuudha. Kanas, kitaaba Moototaa 2ffaa 2:9 irratti akkuma ilaallu, Raajichi Eelsaan barsiisaa isaa, Eeliyaas, tajaajiluudhaan, sugni Eeliyaas dachaadhaan Eelsaa irra buleera. Kanas fakkeenya taasifachuudhaan abootiin keenya kan qaban hunda dhiisuudhaan kawaalota keessakadhannaan jiraatan suga abbaa kawaala itti tajaajilanii fudhatu. Kun akka jirutti ta’ee, maqaa kawaalummaatiin maallaqa amantootaa kan saamanii fi jireenya qulqullaawaa monoksootaa dhugaa kan xureessan jiraachuu isaanii hubachuun barbaachisa.

                                        c)  Iccitiin Dhokate Akka Nuuf Ifuuf

Bara Kakuu Moofaatti Waaqayyo mootota tokko tokkotti mul’ata agarsiisuun iccitii Isaa jalaa dhoksaa ture. Fakkeenyaaf, kan biyya Gibxii Fara’oon, kan Baabiloon immoo Naabukadanatsoorii fi Bilxaasoor caqasuun ni danda’ama. Uum 41:14-36, Daan 4:9 fi 5:4. Moototni kunneen jireenya dhuunfaa isaaniittis ta’e addunyaa guutuutti wanta gara fuulduraatti ta’uuf mul’ata arganis, dafanii mul’aticha sirriitti hubatanii gahumsa “Akkana ta’a” jedhu hin qaban turan. Kanarraan kan ka’e, Raajonni bara isaaniitti jiraachaa turan, Kadhannaa torbii galuun hiikkaa mul’ata isaanii akka itti himaniif kadhachaa turan. Raajonnis Kadhannaa torbii galuudhaan mootonni kan argan dubbii iccitii Siggaawwee fi akkaataa kufaatii mootummaa isaanii ibsanii dubbachaa turan. (Daan 5:28).

Akkasumas, qulqulloonni matuma isaaniitiin iccitiin mul’ata arganii yommuu itti ulfaatu, iccitii fi hiikni mul’atichaa akka isaaniif ifuuf Kadhannaa torbii galu. Waaqayyos qulqullummaan ta’anii Kadhannaa torbii galan ilaalee iccitiisaa ni ibsaaf. Fakkeenyaaf, Raajichi Izraa, iccitiin kitaabolee akka isaaf ifuuf Kadhannaa torbii yommuu galu, kitaaboleen Kakuu Moofaa badan immoo deebisee barreessuuf danda’eera. Faar 8:10

Bara Kakuu Haaraatti bal’inaan kan mul’atu Duuka bu’oonni qulqulloonni Hagayya 1-14 Kadhannaa torbii isaan galaniidha. Kadhannaan torbii kun du’aa ka’umsa qulqulleettii Dubree Maariyamii dhokatee ture hubatanii suga ishee irraatii hirmaachuudhaaf isaan dandeessiseera.

Giiftiin keenya kan boqotte, Amajjii 21, B.A. 49 dha. Duuka bu’oonni awwaaluudhaaf gara Geete-Semaaniitti fuudhanii yommuu deeman, Yihuudonni isaan jeeqan. Yeroo kana ergamoonni qulqulloonni foon Giiftii keenyaa fuudhanii Gannatatti muka jireenyaa jala kaawan. (Ajaa’iba Maariyamii, Sinkisaara Hagayya guyyaa 16). Yeroo kana Duuka bu’oonni wareeranii waanta faffaca’aniif, boqonnaan foon Giiftii keenyaa isaan dhiphisaa ture.

Qulqulluun Yohaannis, mul’ataan fudhatamee deemuudhaan foon isheetti ixaana urgeessaa tureera; Duuka bu’ootattis himaa ture. Yohaannisitti mul’attee nuyitti akkam hin mul’anne jechuun Hagayya keessa Kadhannaa torbii galan. Kadhannaa torbii inni lammaffaan yommuu xumuramutti, guyyaa 14ffaatti ergamaan foon ishee fidee isaanitti kenneera; awwaalaniirus. Guyyaa sadaffaatti, Hagayya guyyaa 16 kaatee ol baateetti. (Ajaa’iba Maariyamii, Sinkisaara Hagayya guyyaa 16).

Egaa Duuka bu’oota qulqullootaaf iccitiin boqonnaa fi ol-bahiinsa Giiftii keenyaa kan isaaniif mul’ate Kadhannaa torbiitiinii dha. Kanas bu’uura taasifachuudhaan, Manni Kiristaanaa duuka bu’eettiin suga ol-ba’iinsa Giiftii keenyaa argachuudhaaf ni tsoomti. Manni Kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaas yeroo Kadhannaa torbii kana daa’immanillee osoo hin hafiin irratti hirmaatu.

Itti Fufa ….

“Iyyeruusaaleem Keessa Turaa”

“Iyyeruusaaleem Keessa Turaa”  Luqa. 24:49

Luba Misgaanuu Aagaasaan

Caamsaa 26/09/2009 B.A

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’aa ka’umsa isaatiin booda guyyaa afurtamaaf yeroofi bakka adda addaatti duuka bu’oota isaa barsiisaa tureera. (H.Er. 1:3)

          Guyyaa afurtamaa Isaatti barattoota Isaa gara Biitaaniyaatti qabatee ba’eetu “Isin garuu samii irraa hanga humna argattanitti Iyyeruusaaleemiin turaa .”jedheen.(Luq.24:49-50)

          Iyyaruusaaleem jechuun magaalaa nageenyaa jechuu dha. Maqaan ishee durattii Saaleem ture (Ser.um 14:48). Booda Iyyaabuus (Iyya 15:63,18:16),Tsiyoon(far 136:1)jedhamuun waamamteetti. Mootummaa Daawwitiin booda garuu maqaa Iyyaruusaaleem jedhamuun jabaattee magaalaa guddoo Israa’eelootaa taate.(2 saamu 5:6-10).

                   Iyyaruusaaleem baroota (waggoota) hedduuf mootota Asooriifi Baabilooniin balaan weeraramuufi diigamuu irra ga’eera.(2 mooto.25:1-30). Lammii ishee booji’anii fudhachuun wanjoo gidiraafi rakkina suukkanneessaa ta’e irraan ga’aniiru. Qulqulluun Daawwit “ Lageen Baabiloon teenyee yeroo Iyyaruusaaleemii yaadnetti ni boonye…. Yaa Iyyaruusaaleem yoon si irraanfadhe mirgi kiyya na haa irraanfattu,yoon si hiyyaadanne arrabni kiyya laagaa kootti haamaxxanu ,gammachuu koo hundaa olitti yoon Iyyaruusaaleemiin hin jaalanne”( far 136/137:1-6) jechuun kan faarse gidiraa isaanii kan ija raagaatiin waan ilaaleefi dha. Israa’eelonni magaalaa isaanii Iyyaruusaaleemiin baay’ee jaallatu. Dallaa ishee ijaaranii,balbala (karra) ishee cufanii diinota jalaa akka itti baqachuuf danda’anitti hojjetanii ittiin fayyadamaniiru. Kanaafuu Tsiyoon hambaa,hirkoo,itti baqannaa jechuun waamaa turaniiru.

          Gooftaafi fayyisaan keenyas barattoota isaan kan akeekachiise magaalaa kanaatii hin ba’inaa jechuuni. Sababiin isaa yeroo sanatti Duukaa Bu’oonni humna Afuura Qulqulluu waan hin gonfanneef, bakkeen qorumsi cimaan jiru obsaan dabarfachuu waan hindandeenyeef dha. Kunis “hanga Samiirraa humna argattanitti…” jechuusaatiin ifa ta’eera. Dabalatas, Iyyaruusaaleem bakka aarsaan qulqulluun Waaqayyoof itti dhiyaatu,manni qulqullummaa Taabota isaa wajjin bakka itti argamu dha. Gama biraanis Inni uumaan keenya Iyyasuus Kiristoos keessa deddeebi’ee keessatti kan barsiise,dhiigaafi foon isaa bakka itti nuu laate,du’aa ka’umsa Isaa bakka itti agarsiise(mul’ise), walumaagala biyya Gooftaan eebbisamteefi bakka fayyinaa dha.

          Ajajaa kana eegu kenneefii booda harka Isaa qulqulluu diriirsee tokkoo tokkoo isaanii eebbise sanaan booda osuma isaan ilaalanii gidduu isaaniitii gara samiitti ol ba’e. Eyyamaafi fedhii Isaatiin samii samii irraa gad bu’ee Qulqulleettii Maariyaamii irraa nama ta’e,addunyaa kana keessa deddeebi’e,ni fayyise,ajaa’iba Waaqummaa Isaa raawwate,harka Yihuudotaan qabamee fannifame,ni du’es. Awwaala keessa guyyoota sadiifi halkan sadii ture. Guyyaa sadaffaatti aangoofi humna Isaan du’a ajjeesee awwaala keessaa ka’e. Du’aa ka’ee guyyaa afurtamaffaa Isaattis eeyyamaafi dandeettii Isaatiin kabajaafi ulfina ol’aanaatiin samiitti ol ba’e,”Waaqayyo ililleefi faaruun ol ba’e….” jechuun akkuma ibsame. (Faar.47:5-6)       Ijoo dubbii keenyaatti yeroo deebinu guyyaa humnaafi aangoo Isaatiin samiitti ol ba’e kana ajaja Gooftaan dabarse hanga humna argattanitti Iyyaruusaaleemiin turaa kan jedhu, sababiin isaa yoo Iyyaruusaaleemiin turan ol irraa humna argattu jedhameera; yoo achi hin turre immoo humna hin arganne jechuu dha.

Seenaa eerame kanarraa barachuun,  Kiristaanotaaf Iyyaruusaaleem isheen nuyi keessa turuu qabnu maali  ?

  1. Mana kiristaanaa dha. Manni kiristaanaa dhiiga Gooftaa keenyaan kan hundeeffamte,lafa jabaa (kattaa) irratti kan hundoofte,jireenyafi fedhii addunyaa irraa adda baatee bakka Waaqeffannaa  kan taate dha. Maate.16:18

“Isa bakka kanatti kadhate. Kadhannaa Isaaf ija koo nan banaaf,gurri koos ni dhaggeeffataan. Ammas maqaa koo bara baraaf akka achi jirutti mana kana filadheera; qulqulleesseeraanis. Ijjii fi yaadni koos yeroo hundaa achuma ta’u.(2seena bar.7:15-16).

Haaluma kanaan Duuka bu’ootaan Iyyaruusaaleemii hin deemiinaa jechuun Isaa Afuura Qulqulluu jalaa dhabanii humnichi kan deebi’u ta’ee osoo hin ta’iin waan qulqulluun(eebbi) bakka eebbisamaatti ( qulqullaa’aatti) argachuun waan barbaachisuuf.

Kiristaannis jireenyi isaa yoomuu qulqullinaan jiraachuu waan qabuuf,qulqulleetti mana kiristaanatti yoo argamtan ni qulqullooftu,ni eebbifamtu,humna Afuura Qulqulluutiin guutamtu jechuu isaati.1Qoro 1:2;3:16-17. Manni kiristaanaa qulqulleetti dha. Mana kiristaanaa malee qulqullummaan,amantaafi sirni, barumsifi qulqullummaan (eebbi) hin argamu. Kanaaf Waaqayyoon amananii mana Isaa keessa jiraachuun dirqama kiristaanaa ti.

  1. Iyyaruusaaleem Giiftii keenya Maariyaamii dha. Iyyaruusaaleem isheen Gooftaan keessa deddebi’aa ture biyya jireenya Isaa turte. Haati keenya giiftii Maariyaamiin immoo ji’a(baatii) sagal guutuu  magaalaa(biyya) inni Gooftaan keessa jiraatu taateetti. Kanaafuu biyyi (magaala) dhugaan Iyyaruusaaleem Inni kan keessa jiraate,foon ishee irraa foon,dhiiga ishee irraa dhiiga fudhatee kan irraa nama ta’e giiftii keenya Maariyaamii dha. “Waaqayyo Tsiyooniin (Maariyaamii) filateera, bultoo isaa akka taatuuf jaalateera,akkana jedhee,Isheen kun bara baraaf bultoo kooti,ishee filadheera, irra nan bula”.(faar.131/132:13) jedhamee akkuma ibsame Iyyarusaaleemiin ishee dhugaa haadha koo Maariyaam irraa fagaattanii humna (afuura) Waaqayyoo argachuuf hin dandeessan jechuu Isaati. Duuka bu’oonni Isaa kana amananii ishee jidduu (walakkaa) isaanii teessisanii soomaafi kadhannaatti jabaachaa turan. Kan Waaqayyo kabaje kabajuun Isa kabajuu waan ta’eef Waaqayyoon kan filatamteefi kabajamte(Luq 1:39;42)giiftiin Maariyaamiin abdii kiristaanotaati. Kanaaf eebba Waaqayyoo argannee,cubbuu irraa qulqulloofnee jireenya qulqullummaatiin akka jiraannutti ishee waammachaa hojii dinqii Waaqayyoo hubannee ittiin galateeffachaa jiraachuun nurraa eegama.
  2. Iyyarusaaleem Mootummaa Samii ti. Dhalli namaa guyyaa dhufaatii Kiristoos lammataatiin booda kan keessa jiraatu Iyyaruusaaleem ishee samii jedhamti. Isheeni mootummaa Waaqayyoo kan amantoota Isaaf qopheesse.( Maat.25:34). Mul’ata yohaannis irratti “Iyyaruusaaleem isheen qulqulleettiin akka misirroo abbaa warraa isheef faayofteetti qophooftee samii irraa Waaqayyo biraa yeroo buutu nan arge”(Mul’a 3:12,21:2) jedhamee akkuma ibsame. Qulqulluun Phaawuloosis “Haa ta’uutii gara tulluu Tsiyooniifi gara magaalaa Waaqayyo jiraataatti gammachuun gara walitti qabaman gara Ergamoota kumaataatti (kitilaatti)…”jechuun kan ibse isheen Iyyaruusaaleem mootummaa Waaqayyoo booda kan kiristaanonni qulqulloonni keessa jiraatani dha.(Ibro.12:22). Gooftaan duuka bu’ootaan Iyyaruusaaleemiin turaa jechuun Isaa amantaafi hojii naamusaa gaariin jabaatanii abdii mootummaa Waaqayyo isa bara baraa kan taate Iyyaruusaaleem ishee samii yaadachaa abdachaa jiraadhaa jechuu Isaati.

Nuti kiristaanonnis qorumsa seexanaafi gowwoomsaa biyya lafaa irraa akka fayyinutti amantaa duuka bu’ootaa Kanaan jabaannee abdii mootummaa Waaqayyoo (Iyyaruusaaleem) ishee samiin jiraachuun nurraa eegama. Dhaaltuu mootummaa samii Iyyaruusaaleemiin akka taanu ajaja Waaqayyoo eeguun jabaannee, araarsummaa giiftii keenyaan amannee mana kiristaanaa keessa akka jiraannu. “Iyyaruusaaleemiin turaa” jedhamneerra.

Bara jireenyaa keenya hunda mana Isaa keessa akka turru Waaqayyo nu haa gargaaru. Ameen ! 

Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Ibsa Sinodoosii Qulqulluu irraa kenname

Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti

Ibsa Sinodoosii Qulqulluu irraa kenname

Caamsa 14 Bara Gooftaa 2009

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen.

Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Walgahii dhaabbataan Sinodoosii Qulqulluu waggaatti yeroo lama akka ta’u ‘Fitih Manfasaawwii’ irratti haaluuma murtaa’een yaa’iin waliigalaa bara kanaa inni ‘Rikiba Kaahinaati’- [guyyaa 25ffaa Ayyaana Du’aa Ka’umsa booda jiru] Caamsa 1 hanga 14 Bara Gooftaa 2009 guyyoota 14’f mari’achaa tureera.

Haasawa saaqiinsaa ilaalchisees;

  • Tajaajiloota Hawwaasummaa Manni Kiristaanaa raawwachaa jirtu,
  • Sababa hanqina roobaan kan ka’e hongee kutaa biyyattii tokko tokkoo keessatti mul’ate waliin wal qabate lammiiwwan rakkataniif gargaarsa namummaa keennamuuf qaburratti,akkasumas
  • Mana Kiristaanaafi guddinabiyya keenyaaf karaa hundumaan kan tolu, kaka’umsa hojii uummataaf xiyyeffannoo taasisuun ergaa yaa’ii kana irratti darbuu qabu ta’uun beekamee akka wali galaatti murteen       gurguddoon darbaniiru; kanneen keessaa:
  1. Akkuma armaan olitti caqasametti, yeroo ammaa biyya keenya keessaa bakka tokko tokkotti hongeedhaan kan ka’e namoota beelaf saaxilaman gargaaruuf carraaqqii mootummaan gochaa jiru hubatameera. Akka Mana Kiristaana keenyattiis koomishiniin misoomafi gargaarsaa itti gaafatamumma fudhatee arjoomtota wajjin mari’achuun hojii gargaarsaa namoota hongeedhaan rakkatan akka gargaaru, kallatti gaggeessitootni nannoolee hongeen itti uumame kennaniin akka raawwatu Sinoodoosii qulqulluun murteessera.
  2. Sirnafi amantaa Mana Kiristaana keenyaan alatti walitti qabamuudhan barumsa gantootaa barsiisaa kan ture nama Assaggid Saahiluu jedhamu waggoota dheeraf barumsa shakkii facaasaa akka ture odeeffannon argameen dhugaa ta’uu isaa irraa geenyera. Kanaafuu, guyya har’aatii jalqabee maqaa Mana Kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyatiin akka hin barsiisne, hordoftoonni amantaa keenyaas barumsa isaa akka hin hordofne Caamsa sadi bara 2009 jalqabee kan foo’amee arii’ame ta’uu isaa Sinoodoosii qulqulluun murtee dabarseera. Hayyama Mana Kirstaanaatiin alatti maqaa Mana Kiristaanaatiin galma kireeffachuudhaan wangeela ni barsiifna, faaruus ni faarfanna jechuudhaan namootni sochii seeraan ala ta’e gaggeessaa jirani hundis hojii isaanii irraa akka of qusatan akeekkachiisaa, keessattuu dargaggootni Mana Kiristaanaa namoota haala kanaan seeraan ala socha’aa jiran akka hin hordofneefi namoota amantii keenya makuu barbaadan kana irraa akka of eegan Sinoodoosii qulqulluun cimsee akeekkachiisera.
  3. Waa’ee Dhaabbata Miidiyaa Mana Kiristaanaa ilaalchisee; Dhaabbatichi haala humna namaatiin cimuu, ergaa dabarsuunis qulqullina qabaachuu akkamiin akka danda’u ilaalchisee Sinoodoosii qulqulluudhaan mariin erga gaggeeffameen booda bajata bara 2010 tiif qarshii miiliyoona 12 (12,000,000.00) eeyyamudhaan akka itti fufiinsa qabaatu yaa’iin kun irrattii walii galeera.
  4. Biyya Iyyarusaalemitti Kawaalli Mana Kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa (waa’ee Deer-Sulxaan) ilaalchisee rakkoolee jiran irratti yaa’iichi bal’inaan erga marii’ateen booda, furmaata akka argatuuf Ministeera Dhimma biyya alaa Itiyoophiyaatiif, Itiyoophiyaatti Imbaasii Israa’eeliifi Israa’elitti Imbaasii Itiyoophiyaatiif xalayaan akka barreeffamuuf murteeffameera.
  5. Kitaaba sinkisaaraa gaafa Ebla 10 dubbiisamu irratti Kitaaba ‘Fitih Manfasaawwii’ keessatti “Namootni Itiyoophiyaa hayyoota isaani keessaa Phaaphaasoota ofii isaaniitiif akka hin muuddanne” kan jedhu, kabaja Mana Kirstaanaa akkasumas kabaja biyyaatif gaarii akka hin taanee ta’uu hubachuudhaan, barreeffamichis yeroo jaarra 7ffaa keessa abbootii Misiriin kan itti dabalame       waan ta’eef dubbisni kun kitaabicha keessaa akka ba’uufi gara fuulduraattis maxxansa irratti akka hin barreeffaamne murteen darbeera.
  6. Waa’ee muuda lubootaafi sirna Moloksummaa ilaalchisee murteewwan waggoota darban keessattti darban baay’een isaani rakkooleen raawwii akka isaan mudate hubachuun murtee gara fuulduraa eeggachaa, raawwiisaa hordofuun xiyeeffannon hojjetamuu akka qabu murtteeffameera.
  7. Hayyama malee lallabdoonnifi cuuphaa gaggeessitoonni Mana Kiristaanaa keessatti tajaajila akka hin kennine jechuudhaan kana dura murteen kan darbe ta’ullee, murteen kunis wanta hin kabajamneef rakkoowwan heedduun mul’achaa jiru. Ammas murteen kun jabinaan xiyyeffatamee akka kabajamu hordoffiin akka taasifamuuuf waliigalteerra gahameera.
  8. Maqaa Mana Kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatiin Finfinneetis ta’e kutaalee biyyattii adda addaa keessatti waldaadhaan gurmaa’anii Gadaamota doo’achiisuus ta’e hojii adda addaa kan raawwatan irratti to’annaa gaggeessuuf kan gargaaru qajeelfamni waldaaleen ittiin gurmaa’uu danda’an akka qophaa’u Sinoodoosii Qulqulluun murteesseera.
  9. Rakkooleen waliigalaa Mana Kiristaanaa ogeessootaan qoratamee akka dhiyaatufi akkuma duraan murteen darbetti qorannichi erga xumurameen booda yaa’iichi ilaale ogeessootni seeraafi hayyootni Mana Kiristaanaa erga ilaalaniin booda sirreeffamee yaa’ii waligalaa Sinoodoosii Onkololeessa bara 2010 gaggeeffamuuf akka dhiyaatu murteeffameera.
  10. Babal’insa lallaba Wangeelaa, barumsa Waldaalee Sanbataafi koolleejjota afuuraa jabeessuuf akkasuma manneen barnoota bu’uuraa qindeessuun bajata gahaadhaan akka deeggaraman taasisuun hojii ijoo Mana Kiristaana waan ta’eef, yaa’ichi bali’inaan erga irratti marii’ateen booda, haala lallaba Wangeelaafi qabiinsa barattoota kolleejjota afurawaa ilaalchisee hordoffii cimaan akka taasifamu murteen darbeera.
  11. Manni Kiristaana Ortodooksii Tawahidoo Itiyoophiyaa qabeenyafi hambaalee ishee kan ta’an abbummaadhaan eeguufi eegsisuu akka dandeessu ilaalchisee qorannoon dhiyaatee erga dhagahameefi mariin irratti erga gaggeeffameen       booda murtee xumuraa dabarsuuf Yaa’ii Sinoodoosii isa idileetiin ilaalamee akka dhiyaatu murteeffameera.
  12. Kutaalee lallabaa Abbootii eebbifamoota hin qabneef Eephisqophosoota ramaduuf jecha Qomosoota kaadhimaman ilaalchisee kanneen biyya keessaafi biyya alaa jiran keessaa Qomosootni 16 Ephiisqophosummaadhaaf filatamaniiru. Sirni muudama isaaniis Adoollessa 9 Bara Gooftaa 2009 akka gaggeeffamu murtaa’eera.
  13. Kutaalee Lallabaa biyyoota alaa keessa jiraniifi Ephisqophosoota hin qabne ilaalchisee Yaa’ii Sinoodoosii Isa Onkololeessa Bara 2010 irratti ilaalameefi qoratamee Abbootiin akka ramadaman akka taasifamu Sinoodoosii Qulqulluun irratti walii galeera.
  14. Baratootni Yunivarsiitiiwwan Godinaalee Oromiyaa torba keessatti argaman “barumsa Amantaa Afaan keenyaan akka hin baranneef       Waldaan Qulqullootaa       dhiibbaa nurraan gaheera” jechudhaan iyyata dhiyeessan ilaalchisee kutaaleen lallaba Yunivarsiitonni kanneen itti argaman dhimmicha bitaaf mirga isaa ilaaluun fuurmaata akka laataniifi wanta irra gahanis Sinoodoosii Qulqulluudhaaf akka dhiyaatu murtaa’eera.

Sinoodoosii Qulqulluun; qabxiilee murtii armaan oliitti ibsamaniifi dhimmoota gurguddoo isaan biroo irratti guyyoota 14’f marii’achaa turee Yaa’ii isaa kadhannaadhaan xumureera.

Waaqayyo Itiyoophiyaafi uummata ishee haa eebbisu

Galatni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen.

Abbaa Maatiyaas I

Paatriyaarkii Dursaa Hangafoota Phaaphaasotaa

Hangafa Phaaphaasii Aksuum, Icagee Teessoo Taklahaaymaanoot

Caamsa 14 Bara Gooftaa 2009

Finfinnee, Itiyoophiyaa

Hubachiisa:-kabajamtoota dubbistootaa; Waldaan Qulqullootaa bu’uura itti gaafatamummaa Sinoodoosii Qulqulluu irraa keennameefiin gaggeeffamaa baratootni dhaabbiilee barnoota olaanaa keessatti baratan barumsa Amantaa, Sirna Amantaa, Seenaa Mana Kiristaanaa, fi kkf akka baratan taasisaa turuun isaafi ammas tajaajiiluma kana irratti akka argamu ni beekama.

Tajaajila isaa yeroo jalqabu ; Barrulee, Gaazexaa, xobbee(flyers), Kitaabolee, VCD, Kaasseettii fi kkf fayyadamuudhaan Amaariffaatiin barsiisudhaaf kan isaaf dand’ame mara raawwachaa kan ture yommuu ta’u humni tajaajiltoota isaafi feedhiin Amantootaa erga dabaleen booddee immoo Afaan Oromootiin, Tigriffaan, Afaan Walaayittaa fi Afaan Ingilizziitiin tajaajilaa turuun isaa amantoota mara biratti dhugaa beekamu dha.

Sinoodoosii Qulqulluu murtii gaafa guyyaa Caamsa 14 Bara Gooftaa 2009 dabarse irratti Baratootni Yunivarsiitiiwwan Godinaalee Oromiyaa torba keessatti argaman “barumsa Amantaa Afaan keenyaan akka hin baranneef Waldaan Qulqullootaa dhiibbaa nurraan gaheera” jechudhaan komii dhiyeessan ilaalchisee dhimmichi akka qulqullaa’u murtee dabarseera; Waldaan Qulqullootaas qulqullaa’uu dhimmicha ni barbaada.

Wangeelli Mootummaa Waaqayyoo addunyaa mara keessatti akka lallabamuuf Waldaan Qulqullootaa itti gaafatamummaa Mana Kiristaanaa irraa fudhate sababa hanqina humnaa irraa kan ka’e gaaffiilee ka’an hunda dimshaashumatti deebisuuf rakkatullee Afaan dhagahaaniin akka hin baranne hin taasisne; gara fuulduraattiis hin taasisu.

Waldaan Qulqullootaa olola diinootni Mana Kiristaanaa Afaan sababeeffachudhaan “Amantaa Ortodooksii akka Amantaa uummata naannoo muraasaa” fakkeessuudhaan dubbachaa jiran waldichi bu’uura-dhabeessa waan duraa taasiseef diinootni kuni Mana Kiristaanaaf kan quuqaman, lubbuu amantootaatiif kan dhiphatan, barattoota Yunivarsiitiitiifis kan yaadan fakkaachudhaan daandii qajeelinaa irraa amantoota maqsuuf tooftaa qopheessan akka hin taaneef qulqulleessuun gaariidha. Kanaan alatti Waldaan Qulqullootaa baratootni Qooqa isaaniitiin akka barataniif wanta isaaf dand’ame mara raawwachaa turuu isaatiif hojiilee qabatamaawwan inni raawwatetu dhuga baha!

Hojiilee kana dura Waldaan Qulqullootaa Afaan Oromootiin raawwate keessaa muraasa isaanii caqasuuf:-

  • Kitaabolee haaraa Afaan Oromootiin qopheessee raabseera.
  • Kitaaboolii Afaan Gi’iizii, Amaariffaa fi Ingilizziitiin barreeffaman irraa gara Afaan Oromootti hiikuudhaan tajaajila irra akka oolan taasiseera.
  • Kitaabooli kadhaannaa ; Kadhannaa yeroo maraa, Galata Maariyaami, Galata Waaqaafi Seefii Sillaasee gara Afaan Oromoottii hiikuudhaan raabseerra.
  • Barrulee “Gubaa’ee Qaanaa” barattoota dhaabbilee barnoota olaana keessa jiraniif Ji’a sadiitti al tokko qophooftu gara Afaan Oromootti hikuudhaan raabsaa jira.
  • Amantoota hundaaf haala ta’uu dandeessuun barrulee “Dhangaa Lubbuu” ji’a sadiitti yeroo tokkoo maxxansuudhaan raabsaa jira.
  • Albamii Faaruu Afaan Oromo afur (4) qopheessuudhaan tajaajila irra oolchee jira.
  • VCD Barumsa adda addaa qaban akkasuma Afaan Oromootiin qopheessee raabsee jira.
  • Tajaajilaafi seen-qabeessummaa Mana Kiristaanaa naannoo Oromiyaa keessa jirtu ilaalchisee qorannaa adda addaa gaggeessuudhaan barreeffamoota qorannoo maxxanseera.
  • Barsiisota Afaan Oromootiin barsiisaniif leenjiiwwan yeroo gannaa marsaa 13’f kan kennee yommu ta’u bara kanattis leenjitoota 90 ol ta’aan leenjiisuuf qophii xumuree jira.
  • Sagantaa Televiizyinii Afaan Oromootiin qopheessuudhaan tamsaasaa ture ammas cimsee itti fufuuf qophii xumuree jira.
  • Toora interneetii (website) Afaan Oromootiin saaqee barsiisaa jira.
  • Yaa’ii ji’aa magaalaa Finfinnee keessatti haala adda ta’een qopheesse barsiisaa jira.
  • Wiirtuulee Waldaa Qulqullootaa biyya keessatti argamanfi Yaa’ii mooraa qaban 47 keessaa 38 keessatti sagantaa Afaan Oromootiin tajaajiilootni adda addaa; koorsii, Xoofoo, Sirna Kadhannaa, Qo’annaa Faaruu gaggeeffamaa jiru.
  • Naannoo Oromiyaa keessatti iddoo filataman irratti mana barnoota bu’uura amantaa banuudhaan Diyaaqonootni, Qeesootnifi barsiisotni Afaan uummataa beekan akka baay’atanifi tajaajila akka kennaniif jalqabbii gaarii agarsiiseera. Kanneen keessaa Godina Walaggaa Lixaatti Kawaalli Aabboo Qilxxuu Kaarraa fi Godina Jimmaatti Kawaalli Kidaanamiratii Abaltii fi manneen barnoota isaani akka fakkeenyaatti kan caqafamani dha.
  • Barreeffamoota adda addaa Barruulee eebbaa barattoota Yaa’ii mooraa irraatti Afaan Oromootiin qopheessaa tureera, gara fuulduraattiis kan ittii fufu ta’a.
  • Manneen barnootaa bu’ura amantaa naannicha keessatti argaman tajaajila kennaniin akka cimuu danda’aniif piroojaktii adda addaa qopheessuudhaan raawwachaa kan jiru yommu ta’u; barsiisootaafi barattootaaf deeggarsa qarshii taasisuudhaan tajaajiltootni Afaan Oromootiin tajaajiluu danda’an akka horataman ta’eera. Kanaanis Amantootni naannicha keessatti argaman Amantaa isaaniitiin akka ciman, manneen Kiristaanaa tajaajiltoota dhabuun cufaman saaqamu akka dand’aniif gumaacha guddaa taasiseera. (Manneen barnoota bu’uura amantaaa Kutaa lallaba [Godinaalee] Baalee, Baha Harargee, Boorana, . . . keessatti argaman caqasuun ni danda’ama.

Walumaa galatti Waldaan Qulqullootaa naannoolee biroo irraa haala adda ta’een Amantoota Naannoo Oromiyaa keessa jiraniif xiyyeeffannaa tajaajilaa kennuudhaan “Pirojektii Miidiyaa Afaan Oromoo” dhugoomsee, waajjira/kutaa haaraa saaqudhaan haala qindaa’een tajaajila kennaa akka jiru asumaan ibsuu barbaanna.

Haaluma wal qabateen gara fuulduraatti kanneen karoorfaman keessaa muraasa caqasuuf:

  • Guyya guyyaan Sagantaa TV afuurawaa Afaan Oromootiin jalqabu,
  • Sagantaa Raadiyoo afuurawaa Afaan Oromootiin eegaluu,
  • Barruulee Raadiyoo Ji’aan Qopheessuu,
  • Kitaabolee eeguumsa Amantaa irratti xiyyeeffatan Afaan Oromoon qopheessuu,
  • Kitaabolee garaa-garaa Afaan Oromootti hiikuu,
  • Kitaaboolii daa’immaniifi fiilmiiwwan afuurawaa qopheessuu,
  • Dargaggootni waa’ee Mana Kiristaana isaanii haalaan akka hubataniif Aplikeeshinii garaa-garaa qopheessuu,
  • Sagantaa Televiizyiniifi Raadiyoo keenya warreen hordofuu hin dandeenye, amantoota baadiyyaaf bakka jiranitti sagalee Waaqayyoo dhageessiisuuf Teeknoolojii ammayyaa salphaa ta’een garaaramuun barsiisu…. kan jeedhaman ni caqasamu.

Manni Kiristaanaa Amantootni afaan dhagahaaniin Waaqayyo waaqeeffachu akka danda’aniif sochii taasiisaa jirtu keessatti yeroo kanatti Kitaaba Qiddaasee gara Afaan Oromoottii hiiktee tajaajilarra oolchiteetti. Waldaan Qulqullootaas qaama Mana Kiristaanaa akkuma ta’uu isaatti kaayyoo ergama Mana Kiristaanaatiin ala ta’e hin qabu. Hanga humni isaa isaaf eeyyametti tajaajilli Afaan Oromootiin kennamu akka dagaaguuf adda-durummaadhaan hojiilee fakkeenya ta’uu dand’an raawwatee jira; gara fuulduraattiis kanumaan kan itti fufu ta’a.

Gargaarsa Waaqayyootiin gaggeeffamaa, gorsa abbootiis dhagahaa Waldaan Qulqullootaa kana raawwachaa jira; Eenyumtuu afaan isaatiin akka hin baranne dhiibbaa hin taasiisu. Tajaajilli Waldaan Qulqullootaa Afaan Oromotiin kennaa jiru kuni madaallii ergama Mana Kiristaanaatiin akkasumas imaanaa Sinoodoosii Qulqulluu irraa fudhateen yommu madaalamu guutummaa guutuutti hanqina hin qabu jechu keenya miti. Ammas ta’e gara fuulduraatti tajaajila Mana Kiristaanaa isa Afaan Oromootiin kennamaa jiru ilaalchisee Amantoota quuqama afurawaa ni qabna jedhan waliin tajaajiluuf balballii Waldaa Qulqullootaa bal’inaan kan saaqame dha.  

Gargaarsii Waaqayyoo nurraa hin fagaatiin.

“Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.”

                      “Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.” Mat 21: 9

                                                          Biraanuu Dajaneetiin

                                                                30/07/2009 B.A

     Faaruu kana Uummanni Israa’eel yeroo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gara Iyyaruusaalem galu, isa gammachuudhaan yeroo simatan faaruu faarfatanidha.

‘’Hosaa’inaa’’ jechuun qooqa Ibrootaan “maaloo nufayyisi’’ jechuu yoo ta’u ‘’Hosaa’inaa ilma Daawitiif’’ jechuun immoo “Ilma Daawit maaloo nufayyisi’’ jechuudha. Yihuudonni (Uummanni Israa’eel faaruu kana kan faarfatan waggaatti guyyaa 7 (torba) yeroo ayyaana daasii (ayyaana dabtaraatti). Ayyaana kana irratti faaruu kana guyyaa hunda nifaarfatu. Ummanni Israa’eel yeroo ayyaana faasikaa kabajan kabaja haala ho’aa fi kabaja guddaadhaan kabaju. Uummanni ayyaana kana kabajuuf torban tokko dursuudhaan biyyoota garaa garaa irraa walitti qabamu ture. Gooftaan keenya gara biyya lafaa dhufee waggaa isa dhumaa irratti yeroo barsiisu ayyaana faasikaa kabajuuf, uummata barsiisuuf torbee tokko dursee duuka bu’oota isaa waliin gara Iyyaruusaalem dhufe.Raajicha Zakkaariyaasiin   akka dubbatetti Zak. 9:9 gara Iyyaruusaalem yeroo dhufu harree irra taa’ee kan dhufu ta’uu isaa raajiin dubbateera. kunis gad-ofqabuu isaa agarsisa.Yeroo Gooftaan harree irra taa’ee dhufu uummata Israa’eel hundatti naasuu guddaatu dhaga’amee ture. Kun hundi bu’aa amanuu dhabuuti. Namni kiristoositti hin amanne yeroo hunda naasuu fi sodaa irraa bilisa hin ta’u.

 

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos dursee akka dubbatetti gara Iyyaruusaalem galuuf yoo dhiyaatu tulluu Ejersaa (Dabra-zayit) cina kan taate Beetafaagee qaqqabe. Beetafaageen immoo Mandara harka qalleeyyiin keessa jiraatanidha. Kana irraa kan hubannu fayyisummaa isaatiin harka qalleyyii osoo hintuffatin sooreyyii taasisuudhaaf. Kunis, Addaam irraa kaasee abbootiin turan harka qalleeyyii/hiyyuma fayyinaa/kan qaban ta’uusaaniin si’oolitti cubbuun qabamanii daabiloosiin dhiitamanii gidiraa jala turan.

     Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos daandii bifa fannootiin walirra darbu irra dhaabatee duuka buutota isaa lamaan waamee “gara mandara fuuldura keessanii deemaa achittis harreen ilmoo ishee waliin hidhamte hiikaatii naafida! Eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaaf ni barbaachisu jedhaanii!’’ jedhee erge. Daandii bifa fannootiin walirra darbu irra dhaabatee erguun isaa fayyinni uummataa kan fannoo isaatiin raawwatu dhiyaachuu isaa ibsuufidha. Gama biraatiin ammoo harroonni hedduun kan hin hidhamne mandara sana keessa osoo jiranuu kan hidhaman filachuun isaas harroonni kun hattuun hatamtee kan hidhamte waantaateef “eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaaf ni barbaachifti jedhanii” jedheen. Kunis harreen kun kan isaa kan hintaane ni callisa jechuu isaati. Haaluma kanaan gooftaan isaan uumeera waan ta’eef dhala namaa ni barbaada.Kana irratti mandarri fakkeenya si’oolii,harree fi ilmoon ishee Addaamii fi ijoollee isaatiin, hidhamuun isaanii cubbuun hidhamuu, hattuun immoo Daabiloosiin fakkeeffamu. Har’as Gooftaan kan cubbuudhaan hidhaman hunda nibarbaada. kanaafuu luboota hidhaa cubbuu irraa nuhiikan nuuf kenneera. Mat 16;19:­­­­­­­18;18 Yoha 20;23

   Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka bu’oota lamaan kan inni ajaje hunda raawwachuun harree ilmoo ishee waliin hiikanii fidaniif. kooraa dhisanii uffata isaanii irra afuun immoo inni kan beekuwaan ta’eef iccitiin isaas kooraan ni quuqa,uffanni garuu hin quuqu. Kunis kan agarsiisu abboommiin jaalalaa/Seerri Waaqayyoo/ kan hinquuqne waan ta’eef abboommii wangeelaan jiraadhaa jechuu isaati. Gara Iyyaruusaalem yeroo galu uummanni baay’een “harreen ati irra teessellee lafa dhaabachuu hin qabdu” jedhanii uffata isaanii karaarratti afaniiru. Isaan kaan meexxii , baala ejersaa muruun karaa irratti afaa turan.

   Akkuma dursee faarfataa Daawit faarfatetti uummanni Gooftaan keenya gara Iyyaruusaalem yommuu galu hafaa qofaan osoo hintaane “Hosaa’inaa Ilma Daawitiif! Inni Maqaa Gooftaan dhufu galateeffamaadha Hosaa’inaa samii irratti’’ jechuudhaan galateeffatan. Dhuma irratti magaalattiinis niraafamte. Uummannis “kun eenyu?” jechuudhaan wal gaggaafatan. Uummannis kun Naazireet Galiilaa irraa kan dhufe raajicha Iyyasuusidha jedhan. Innis gara mana qulqullummaa galee kan gurguranii fi bitan hunda baase…mannikoo mana kadhannaati jedhamee barreeffameera, isin garuu holqa saamtotaa taasiftan. Mana qulqullummaattis qarodhabeessaa fi kan qaamni isaanii laamsha’e gara isaatti dhiyyatan/dhufan/ innis isaan fayyise. Mat. 21:1-15

Egaa Guyyaa kun guyyaa gooftaan keenya gara Iyyerusaalem deemuun mana qulqullummaa isaa keessaa daldaltootaa fi warren malaqa jijjiiran ar’ee mana isaa kabaje dha. Guyyaan kana abbootiin mana kiristaanaa “Hoosa’inaa samii irratti ilma Daawitiif”jedhanii faarfannaa fi yeedaloodhaan faarfataa bulu. . Arjoominni Waaqayyoo araarri durbee Maariyaamii hunda keenya waliin haata’u. Ameen.

  

Niqoodimoos

Niqoodimoos

Dn Zalaalam Daggafaan

22/07/2009 B.A

Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa torbaffaa dha. Moggaasni isaas kan Qulqulluu Yaarediin moggaafame dha. Guyyaa kana hangafni Faariisoota kan tahe galgala gara Gooftaa keenya dhufee yommuu baratu Gooftaanis Icciitii Cuuphaa, Icciitii Lammata Dhalachuu Niqodimoosiin akka barsiise Qulqulluun Yaared wangeela Yohaannis boqonnaa 3 irra jiru caqasuun kan faarfate waan ta’eef moggaasni guyyaa kanaa Niqoodimoos jedhameera.

Mata-dureen faaruu Qulqulluu Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “ሖረ ኀቤሁ ዘስሙ ኒቆዲሞስ” ( Niqoodimoos kan jedhamu gara isaa deeme) isa jedhudha.

Sirna Galatoo guyyaa Niqoodimoos keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu armaan gadii ni duubbifamu:-

 

v  Roomee 61-19

v  Yoh.1ffaa 4:18-dhum.

v  Hojii Ergamoota 5:34-dhum.

v  Galatoo: Galatoo Maariyaam            

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 16:3

ሐዉጽከኒ ሌሊት ወፈተንኮ ለልብየ (Halkan na mildhatte lubbuu koos qoratte)

አመከርከኒ ወኢተረክበ አመጻ በላዕሌየ (Na qoratte hammeenyis narratti hin argamne)

ከመ ኢይንብብ አፉየ ግብረ ዕጓለእመሕያዉ (Afaan koo gochaa dhala namaa akka hin dubbanne)

v  Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu፡ Yohaannis 3:1-20

Akkuma wangeela Yohannis keessatti caqasametti Niqoodimoos icciitii lammata dhalachuu jechuun sirna cuuphaa gooftaa keenya irraa barachuun isaa nama carraa guddaa qabu isa taasisa. Niqoodimoos guyyaa kanaa eegalee ifaan otoo hin ta’in dhoksaan barataa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ta’uun baruumsa isaa kan jaalatu fi kan Gooftaa keenya deeggaru ta’uu isaa wangeelli dhugaa ni baha.

Niqoodimoos beekaa fi barsiisaa Yihuudotaa ture (yoh.3:10). Gooftaan keenya Mana Qulqulluummaa keessatti raajii inni godhu arguun lapheen isaa guutuun kan fudhate ture (yoh2:13-23). Niqoodimoos Faariisota sodaachuun akkasumas dura bu’aa Yihudotaa waan ta’eef Yihoodonni kan Gooftaa keenya morman wajjin yoo argame mormuu waan danad’aniif galgala malee guyyaa gara Gooftaa keenyaa deemuu hin danda’u (yoh 3:1). Boodas yommuu Gooftaan keenya fannifamu guyyaa Jimaataa yeroo dukkanaa’u sana Gooftaa keenya awwaaluuf gara Gooftaa keenyaa deemuu isaa ni hubanna.

Guyyaa kanatti Manni Kiristaana keenyaa kan dubbifamuu fi kan faarfatamu hunduu wangeela yohaannis 3:1-12 jiru irratti Niqoodimoos Gooftaa keenyatti amanuu isaa,Gooftaan keenyaas Icciitii torban Mana Kiristaana keenya kessaa tokko kan ta’e Icciitii Cuuphaatiin mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf bishaanii fi Afuura Qulqulluu irraa dhalachuun dirqama ta’u isaa kan itti barsiise dha.

Yeroo baay’ee yeroo waa’ee Niqoodimoos kaasnu yaada keenya kessatti kan nutti mul’atu wangeela yohaannis boqonnaa sadii irratti kan barreesse dha. Garuu Niqoodimoos kan kanarra darbe seenaa barreeffame kan wangeela Yohaannis 7:45 fi Yohaannis 19:39 qabu dha. Caqasootni sadan wangeela Yohaannis kessatti barreeffaman maalummaa Niqoodimoos sirriitti nu hubachiisu.

Egaa kanarraa ka’uun seenaa Niqoodimoos wangeela irratti barreeffame irraa waan gurguddaa sadii irraa barachuu dandeenya.

1ffaa:Dhugaa barbaaduu:-akkuma wangeela Yohaannis boqonnaa sadii irratti ibsameen galgala galgala gara Gooftaa deemee barachuu isaa nuu hima. Haa ta’u malee yeroon suni Niqoodimoosiifis ta’e hordoftoota Gooftaa keenyaaf yeroo rakkisaa ture. Yeroo sanatti namni kamiyyuu Kiriistoos wajjiin kan ta’e, kan deeggare tokkummaa Yihudootaa keessas ta’e Mikuraaba (Galma) Yihudootaa keessaa ni hari’atama jedhanii seera baafatanii turan. Niqoodimos garuu hangafa Faarisoota ta’ee otuu jiru waa’ee wangeelaa kan isaa hin gallee waan tureef dhugaa barbaachuuf galgala galgala gara Gooftaa keenya deemuun jireenya dhugaa fi nageenya kan ta’e wangeela dhugaa barata ture. Nuyis yommuu gara Mana qulqullummaa deemnnu waan hunda qabna jechuu otoo hin ta’ini,Waaqayyo biratti hundi keenya guutuu akka hin taane hubannee gara isaa deemuu qabna.

2ffaa :Dhugaaf jiraachuu:-yeroo Yihuudonni maree murtii isaanii irratti Gooftaa keenya irratti akkamitti akka isa fannisan mari’atan sana gidduu isaanii taa’uun “ Seerri keenya afaan isaa irraa utuu hin dhaga’in,waan inni hojjetes utuu hin hubatin nama tokkotti ni farachiisaa?” isaaniin jedhe ( Yoh 7:51). Nullee jireenya keenya yeroo yeroon waantotni sobaa nu mudatan sana moo’uudhaan dhugaaf amanamaa taanee jiraachuu qabna.

3ffaa:Dhugaaf dhaabachuu :-yeroo Gooftaan keenya fannifame sana dhugaaf kan dhaabate dha. Akkasumas yeroo dhiphuu kanaa shittoo fi kan itti kafanamu Yoseef wajjin qabatanii gara fannoo Gooftaa keenyaa dhufe dha. Har’allee Manni Kiristaanaa keenyaa yeroo Qiddaasee maqaa isaa kaastee isa yaadatti. Har’as taanaan waa’ee Niqoodimoos yommuu kaasnuu fi Kabajnu jireenyi isaa kan irraa barannuu fi qajeelcha jireenyaa nuu tahuu qabu dha.

Egaa walumaagalatti nuyis akka Niqoodimoos galgala galgala kan barbaannu fi kan fiignu kabajaaf,Aangoo fi wantoota addunyaa kana irra jiraniif otoo hin ta’ini dhugaa barbaannee,ittiin jiraannee fi dhugaan dhaabannee jiraachuun mootummaa waaqayyoo akka dhaalluuf fedhaa fi eeyyama waaqayyoo haa tahu; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu waliin haa ta’u. Ameen!

Madda :

“Eenyuyyuu Akka isin hin dogongorsineef of-eegaa!”

“Eenyuyyuu Akka isin hin dogongorsineef of-eegaa!”Mat.24:4

Waasihuun Amanuutiin

07/07/2009 B.A

DebrezeyitAkka sirna Mana Kiristaanaa Ortodoksii keenyaatti soomiin guddichi yookaan soomii Gooftaa jedhamee kan beekamu; isa Gooftaan keenyi Iyyasuus Kiristoos fakkeenya nuuf ta’uuf jecha soome kana keessatti torban jiran keessaa inni shanaffaan Dabra Zayitii jedhameetu beekama. Guyyaan kun Tulluu Ejersaan (Dabra Zayitiin) sababni itti moggaafame guyyaa kanatti kan yaadatamu, kan dubbifamu hundumtuu waa’ee dhufaatii lammaffaa Gooftaa keenyaa waan ta’eefi.

Gooftaan keenya, waa’ee dhuma biyya lafaafi waa’ee deebi’ee dhufuusaa kan dubbate Tulluu kana irratti dha. (Mat.24:3). Tulluun kun afaan Ibrootaan Har ha-Zeitim yommuu jedhamu afaan Arabootaan immoo Jabal al-Zaytun, Al-Tur jedhama. Afaan Ingliffaan immoo Mount Olive jedhama. Tulluun kun baha Iyyerusaalemiin kan argamuu fi ol-ka’insa lafaan meetira 818 yommuu ta’u Kiristoos wangeela iddootti barsiise, yommuu gara samiittis ol ba’u idduma kana waan ta’eef durii kaasee tulluun kun wiirtuu Kiristaanotaa addunyaa ta’ee tajajilaati jira.

Egaa akkuma Qulqulluun Maatewos barreessee nuuf dabarsetti, Gooftaa fi Fayyisaan keenyi Iyyasuus Kiristoos, guyyaa kanatti, tulluu kanarratti wanta fuulduratti ta’an hedduu Raajii dubbate dha. Kunis, fulduratti wantoonni hedduun akka raawwataman, keessumaa barri dhumaa yommuu dhiyaatu mallattooleen hedduun akka ta’an dubbateera.

Isaan keessaas;

 

  • “Ani Kiristoosidha” jedhanii maqaa Isaatiin ka’anii namoota baay’ee kan dogongorsan akka ka’an,
  • Addunyaarratti lolli akka baay’atuufi oduun lolaa akka tatamsa’u,
  • Uummanni uummatarratti, mootummaanis mootummaarratti akka walirratti ka’an,
  • Beelaafi goginsi akkasumas iddoo addaddaatti raafamuun lafaa akka mudatu,
  • Yeroo sanattis Kiristaanotni gidiraaf dabarfamanii akka kennaman; akka ajjeeffamanis, sababa maqaa Kiristoosiifis jecha namoota biratti kan jibbaman akka ta’an,
  • Raajonni sobduu akka baayyatan, namoota hedduus akka dogongorsan,
  • Jaalalli namoota gidduutii akka badduufi waan kana fafakkaatan erga dubbateen booda hanga dhumaatti kan cimee amantiisaatti dhaabate garuu akka fayyina argatu dubbateera.

Wantoota hedduu armaan olitti eeraman Kiristoos tulluu Ejersaarra taa’ee dubbate kana keessaa barreeffama kanaaf kan filatame “Eenyuyyuu akka isin hin dogongorsineef of-eegaa!” kan jedhu ta’a.

“Dogongora” kan jedhame maali?

Egaan jalabultii bara dhumaatti, yommuu dhufaatiin Kiristoos dhiyaatu, wantoota raawwataman keessaa raajotni sobdootaa baay’inaan uummata keessatti faca’uusaaniiti; maqaa Kiristoos waamudhaan uummata hedduus daandii ishee dhugaarraa baasusaaniiti. Kunis kan ta’u barumsa dhugaa hin taane, barumsa dogongoraa kan ta’e garuu isa dhugaa fakkeessanii barsiisuudha. Kunimmoo kan ta’u Kitaabni Qulqulluun Masiih (barsiisaa) sobaa jedhee kan dubbateefiif sanaaf haala mijeessuufi.

Barumsa dogongoraa kan jedhaman keessaas; Waaqummaa Kiristoos ganuurraa kan ka’e Abbaafi Afuura Qulqulluutiin gadi taasisanii Inni nama, Raajaadha, ergamaa dha, ammayyuu Abbaasaa fuulduratti nuuf kadhataafi waan kana fafakkaatuun uummata kan ittiin joonjessani dha. Karaa ishee qajeeltuufi duraa irraa adda ba’uun dogoggoruudha (Erm.6:16). Barumsa ishee dhugaarraa fagaachuun dogongoruudha (Rom.3:11). Waaqa kan ta’ee jiru Ilma Waaqayyoo Kiristoosiin “ammayyuu abbaa irraa nuuf kadhatee cubbuu keenya nuu dhiisisa” jedhanii amanuun dogongoradha (Yoh.16:26). Waaqayyo Ilmaatiin “Raajota keessaa isa tokko” jedhanii akka uumama tokkootti lakkaa’uun dogongora cimaadha (Maat.16:13-14).

Yeroo ammaan kana guyyuma guyyaan maqaa amantii addaddaan haaraa kan ka’an maqaa Kiristoos waamudhaani. Hundumtuu har’a ka’ee “anatu dhugaadha, Kiristoos nu biradha, Kiristoosiin fudhadhu” kan jedhan yerootii yerootti dabalaati jiru. Kunimmoo raaga isa waggoota kuma lama dursee Kiristoosiin dubbatameef ragaa ta’a. Fuuldurattis kan maqaa amantaan ka’anii “Kiristoos nu bira waan jiruuf koottaa” kan jedhan akka cirracha galaanaa akka dabalaa deeman dursee Raajiin dubbatameeraati.

Bu’uura Addaa

Kan dursee hundaa’een alatti eenyuyyuu hundee kan biroo hundeessuu hin danda’u. Innis Kiristoos Iyyesuusi dha. Efe.2:20. Dubbii kana kan dubbate Qulqulluu Phaawuloos yommuu ta’u, sababni itti dubbateefis ykn barreesseefis yeroo duuka bu’oonni Gooftaa addunyaa kanarratti naanna’anii barsiisaa turan sanatti maqaa Kiristoosiin waamanii kan namoota dogongorsiisan waan turaniifi dha. Qulqulluu Phaawuloosis warra akkas maqaa Kiristoos waamani hojii addaddaa hojjetan kan “Obboloota Sobaa” ittiin jedha ture (Gal.2:4; Rom.16:17).

Kanaaf, yeroo ammaa kanatti obboloonni keenyi barumsa sobaan liqinfamanii dhugumatti Ilma Waaqayyo Isa dhugaa Kiristoositti kan amanan itti fakkaatee kan dogongora keessa jiraatan hedduudha. Asittis gamasittis, kaleessas har’as, boris maqaa Kiristoos Iyyasuusitti maxxanuudhaan “Kiristoos nu bira jira” kan jedhan ka’aniiru; fuuldurattis ni ka’u. Ilmi Waaqayyoo Kiristoos Inni dhugaan garuu, “Sobdoonni Kiristoosonnii fi raajotni ni dhufu (ni ka’u); hanga danda’anittis warra filataman hanga dogongorsanitti mallattoofi raajii addaddaa ni agarsiisu….Egaa, gammoojjii keessa jira yoo isiniin jedhan hin bahiinaa; tulluurra jira yoo isiniin jedhanis hin amaniinaa” Mat.24:24-26.

Kanarraa wanti hubannu tokko, yeroo addaddaatti maqaa Kiristoos waamanii barumsa sobaa barsiisaa kan turan ammas kan jiraniifi fuulduratti akka ka’an dha. Guyyaan kuni kan itti yaadatamus dhimmi ol’aanaan tokkos kanumadha. Yaadachuu kan barbaachiseefis, barumsaafi raajota sobaatiin akka hin dogongorreef, amantaa keenya ishee duraafi dhugaarraa akka hin maqneef, amantaa duuka bu’oonni barumsa Kiristoosirraa baratan itti barsiisan, abbootiin qulqulloonni hedduun kan keessatti argaman keessa jiraanne mootummaasaa akka dhaalluufi dha.

Matsaaguu

Matsaaguu
Dn Katamaa Taganuutiin
01/07/2009 B.A.
Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa arfaffaati . Moggaafamni guyyaa kanaas Matsaaguu jedhama . Moggaafamni kun kan itti moggaafamuu danda’e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kanatti dhukkubsattoota fayyisuu Isaa, raajii goochuu Isaa, warra dhibee addaddaan qabamnii turan hundaaf fayyina kennuusafi qulqulleesuusaa;waluumaa gala fayyisaa ta’u Isaa ibsuudhaaf.
 
 
Keessumaayyuu guyyaa kanatti seenaan fayyinaa yaadatamu ni jira: dhukkubsatan tokko bakka itti xabala cuubbatani Beeta Saayidaa jedhamte waamamtuutti ciise ture. Maqaa Matsaaguu jedhamuun beekama. Kanaafuu Matsaaguu jeechuun dhukkubsataa jechuudha.
Dhukkubsataan kuni waggoota 38 tiif dhukkuba cimaatiin hubamee siree irratti rakkachaa kan ture yoggu ta’u, guyyaa kana Gooftaan sagaleesaatiin qofa isa fayyise; “ka’itii sireekee baattadhuu deemi” jechuunis guboo dhukkubbii tokko malee bilisa isa baaseera.
 
Mata-dureen faaruu Q/Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “አምላኩሰ ለአዳም
(Uumaa Addaam) isa jedhudha.
Sirna Qiddaasee guyyaa Matsaaguu keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa
dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:
  • Galaatiyaa 5:1
  • Ya’iiqoob 5:14
  • Hojii Ergamoota 3:1-12
  • Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 40 (41):3-4
              እግዚአብሔር ይረድኦ ዉስተ ዐራተ ሕማሙ (Waaqayyo dhukkubsataa siree isaarratti ni
              gargaara)
             ወይመይጥ ሎቱ ኩሎ ምስካቢሁ እምደዌሁ (Yeroo dhukkubasaa ciisicha isaa ni afaafi)
 
            አንሰ እቤ እግዚኦ ተሣሃለኒ (Anoo yaa Gooftaa dhiifama naaf godhi siinan jedha).
  • Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu : Yohaanis 5:1-25
Wangeela kana keessatti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Matsaaguutiin “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffi akka dhiyeessef ni duubisna. Garuu gaaffi kana Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan dhiyeesseef Matsaaguun gara fuulduuraatti cubbuu inni raawwatu Waaqummaa isaatiin hunda waan beekuf ture.
 
Innis maali jenne yennaa ilaallu, akka ibsa Abbootiin Mana Amantaa keenyaa ibsa isaanii Andimtaa irratti eeranitti:
  • Gaafa guyyaa jimaataa kaballaatiin fuula Isaa kan rukutu isa waan ta’eefi;
  • Warrootni Ayhuudi yeroo isa himatan ragaa sobaa ta’e kan gooftaa irratti raagu isa waan ta’efidha
Namootni “fayyina kan siif kenne irratti badiinsa kana maaliif rawwatta?” jedhanii yeroo isa gaafatani “yoom na fayyisi isan jedhe, ofumasaa na fayyise malee?” akka hin jenneef sababa dhabsiisuuf jecha “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffii dhiyeesseefi. Har’as Waaqayyo Waaqa bilisaa waan ta’ef, “abiddaafi bishaan fuuldura keetti qopheesseera; harkakee gara barbaaddetti ergi” jechuudhaan mirga hin daangeffamne nuuf kenneera. Bilisaan akka Isa Waaqeffannu nu taasisee waan jiruuf badiinsa keenyaaf ,goocha keenyaaf sababa dhiyeeffanu gonkumaa hinqabnu. Kanaafuu, badiinsa irraa ooluuf jecha cubbuu iraa fagaannee Mootuumaa Isaa akka dhaallu eeyyama Isaa nuuf haa ta’u; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu waliin haa ta’u-ameen! Madda: Kitaaba Andimtaa (Hiika Abbootii) kan Yoh.5 fi Kitaaba Gitsawwee