Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa

in Tibbana

Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa

Barruulee Hamar, Adoolessa/Hagayya 1997 irraa kan hiikame

Baay’atus xiqqaatus, amantoonni baay’een keessa keenya kan ittiin ilaallu, arjummaa Waaqayyoos kan ittiin gaafannu yeroo kadhannaa torbii (subaa’ee) ni qabanna. Sababa yeroo dhabuunis ta’e ciminni dhabamuun hojii gaarii hojjechuuf kan hin dandeenye jiraannus, waa’ee kadhannaa torbii (subaa’ee) kan yaannu baay’ee keenyaadha. Kana ta’uu isaatiinis abbootni baay’een waan ittiin bu’aa buufataniif, kadhannaan torbii eessaa akka dhufee fi faayidaan isaa akkasumas, naannoo kana irratti qabxiilee wal qabatoo beekuu qabaannu irratti barumsa bal’aa osoo nuuf kennitani gaariidha.

                                                            

                                                                                                Fiqirta Sillaasee Finfinnee irraa

Yeroo mara dubbistoonni baay’een naannoo mata duree kanaa irratti qophiiwwan keenya akka dhiyeessinuuf xalayaadhaan nu gaafattaniittu. Kanuma bu’uureffachuun waqtii isaa ilaalcha keessa galchuun barreeffama kana keessatti ni dhiyeessina. Deebii isaas qindeessee kan nuuf dhiyeesse B/saa H/Maariyaam Laaqawu dha.

 

Sirna Kadhannaa torbii (Subaa’ee)

Kadhannaan torbii Maaliidhaa? Kadhannaan torbii madda jecha irraa dhufeen torba jechuu dha. Kadhannaan torbii hiika Afuurawaatiin kan namni tokko guyyaa kanaa hanga guyyaa kanaatti kadhannaadhaan Uumaa koo waliin nan quunnama jedhee karoora afuuraa karoorfatu dha. Lakkoofsi torba Israa’elota biratti hojiinis ta’e jechaan kan ibsu waan gonka ta’an dha. Fakkeenyaaf, uumaan addunyaa Waaqayyo guyyaa toorbaffaatti sirna Uumamaa erga uumeen booda boqochuun Isaa   amantootni guyyaatti al toorba kadhannaaf dhaabbachuuun galateeffachuun isaanii gonkummaa lakkoofsa toorbaa agarsiisa. Uum 2:2, Faar 18:164. Akkaataa kanaan namni tokko guyyoota toorbaaf yoo tsoomu, torbee kadhannaa (subaa’ee) tokko tsoome jedhama. Guyyoota kudha afuriif yoo tsoome, Kadhannaa torbii (subaa’ee) lama tsoome jechuun ibsama.

Kadhannaan torbii (subaa’een) Yoom jalqabame?

Kadhannaan torbii kan jalqabame kufaatiin booda nama jalqabaa Addaamiinii dha. Ergamoonni qulqulloonni, waa’ee kadhannaa Addaamiin akka barsiisan hayyoonni Kitaaba Qulqulluu ni dubbatu. Ergamoonni, Addaamiin yeroowwan/waqtiilee barsiisanii turan(Hiikkaa Sirna qulqulleessaa Maariyaamii). Addaam badiisaa amanee galaana keessatti Kadhannaa torbii galuu fi kadhachuu isaatiin, Waaqayyo jecha Isaa hin jijjiiramneen “Guyyoota shanii fi walakkaan booda dhala dhala keerraa dhaladheen sin fayyisa” jechuudhaan kakuu galeefii ture. (Qalemeenxoos, boqonnaa4).

Kadhannaan torbii (subaa’een) Maaliifi?

Dhalli namaa qaama cubbuu waliin wal-simatuun guyyaa guyyaatti uumaa isaa ni yakka. Sababa yakka raawwaateef immoo sammuun isaa isa ceepha’a; ni gaabbas. Cubbuu jalqaba ija jabinaan hojjeteef boodarra ni na’a. Kun sammuu nama uumamaa kamiyyuu keessatti mudannoo jijijjiiramuudha. Yeroo kanas dhiifama Uumaasaa argachuudhaaf ni yaada, ni gaddas. Qulqulluun Phaawuloosis “Keessa kootti, namummaan koo seera Waaqayyootiin ni gammada;haa ta’u malee, seera cubbuu kutaa qaama kootiitiin jiruun kan na booji’u/hawwatu seera biraa nan arga. Ani nama qullaa akkamiitii? Kanaaf namummaa duuti itti kenname kanarraa eenyutu na fayyisa?” jedheera. Room 7:22-25

Namni ija jabina isaatiin, abboommii Waaqayyo olaanaa cabsuudhaan seerri addunyaa yommuu isa dhiphistu ba’aa isaa kan ittiin salphifatuu fi kan ittiin balleeffatu ogummaan Afuuraa Uumaa arjaa irraa isaaf kennameera. Kunis dadhabbiin foonii xiqqoon kan hin murteeffamne, kennaa Waaqayyoo kan ittiin argatu sirna Kadhannaa torbiitiini dha. Durii hanga har’aatti, namni tokko addunyaa yaadoon guutamte kana keessatti afuurri isaa yommuu jeeqamu, tasgabbii lubbuu fi foon isaa deebisuudhaa fi kabachiisuuf tsoomuu fi kadhachuun dirqama isatti ta’a. Yeroo kana jabeessee Kadhannaa torbii gala.

                                                             a)  Waaqayyoon Kadhachuuf

Dhimmoota bu’uuraa namni tokko Kadhannaa torbii qabatuuf keessaa inni tokko Waaqayyoon kadhachuufi dha. Namni kamiyyuu Kadhannaa torbii yeroo galu guutummaadhaan gara Uumaa isaatti kadhannaan inni dhiyeeffatu jiraachuu qabaata. Waanti nuti gaafannuu fi waanti kadhannu osoo hin jiraatiin Kadhannaa torbii yoo galle/qabanne deebiin nuti argannu hin jiraatu. Haal-duree qophii tokko malee Kadhannaa torbii namoonni galan sagantaa Kadhannaa torbii sanaan booda maaltu akka isaaniif deebi’u waanti beekan waan hin jirreef dadhabbii isaaniitiin waanti isaan argatan hin jiru.

Kanaafuu, Kadhannaa torbii galuu keenyaan duratti, Kadhannaa torbii maaliif galla? jechuudhaan mataa keenya gaafachuutu nurraa eegama. Fakkeenyaaf, Kiristaanni tokko waa’ee naannoo jireenya dhuunfaa isaa, nageenya biyyaa, fayyummaa hiriyyaa isaa fi dhimmoota k.k.f. irratti Uumaa isaa ni kadhata. Yeroo kana jireenya dhuunfaa isaatiis ta’e dhimma biyyaatiif Kadhannaa torbii galeef yeruma sanatti deebii argachuu danda’a; akkasumas deebiin isaa turuu ni danda’a. Yeroo kana nama kadhannaa qabate irraa obsi ni eegama. Gaaffiin ani dhiyeessee maaliif dafee deebiin naaf hin kennamne? jechuudhaan dhiphachuunii fi Waaqayyoon qoruun barbaachisaa miti. Waaqayyoon hojii Isaa kan itti raawwatuu fi kan Isa kadhataniif deebii kennuudhaaf yeroo mataa Isaa qaba. Fakkeenyaaf, sababa kufaatii hiriyyaa isaatiin Kadhannaa torbii galee torbee tokko keessatti deebii kan argate seenaa tajaajilaa kawaala (gadaamii) tokkoo ilaaluun barbaachisaa dha.

Obboloonni lama ergamaaf bakka bahanitti, isa tokko kufaatiin cubbuu isa mudatee buleera. Erga bari’ees, “Anaan kufaatiin na mudateeraatii ani kanaan booda gara kawaalichaatti hin deebi’u; addunyaa fakkaadheen jiraadha” jedhe. Inni lammataas, “Anas mudateera; egaa deemnee cubbuu keenya barsiisa gaabbii keenyatti himannee qanoonaa keenya fudhannee akka duraa taanee ni jiraanna” jedhee jajjabeessuun fuudhee deeme. Deemanii abbaa gaabbii isaaniitti himanii qanoonaa (adaba yakka isaanii) fudhachuun Kadhannaa torbii tokko galuun yommuu qanoonaa isaanii xumuranitti, “Egaa obboleessa kee isa cubbuu hin hojjanneetiif jedhee siif dhiiseera” sagalee jedhu dhageessiseera. (Seenaa Abbootaa)

Armaan olitti tajaajiltoonni kawaalaa (gadaamii) seenaa isaanii dhiyeessine, tajaajilaaf bakka itti ergamanitti isa tokko cubbuun argatee yommuu kufu, hiriyyaan isaa garuu cubbuun akka waan isa argatee taasisee hiriyyaa isaa jajjabeessee gara kawaalaatti deebisuudhaan tokko ta’anii Kadhannaa torbii galuu isaaniiti. Kadhannaa torbii tokko (guyyaa toorba) akkuma xumuraniin Waaqayyoon biraa, “Cubbuu osoo hin hojjatiin siif jedhee Kadhannaa torbii kan gale obboleessa keetiif jecha siif dhiiseera” kan jedhu deebii ariifachiisaa argateera. Kanaafuu, Kadhannaa torbii jireenya dhuunfaatiifis ta’e jireenya hiriyyaatiif yommuu gallu, deebii ariifachiisaa ykn kan turu nuuf kennuu waan danda’uuf obsaan eeguun nurraa eegama.

                                      b)  Suga Qulqullootaa Irraatii Hirmaachuudhaaf

Abbootiin fi haadholiin keenya qulqulloonni wareegamummaa isaan wareegaman yaadachuudhaan kawaalotaa fi Manneen Kiristaanaa jechi waadaa kennameefitti Kadhannaa torbii galamu qooddattoota suga qulqulloota sanaa nu taasisa. Qulqulloonni bakka wareegamanitti, “Ijoollee dhiiraa fi dubaraa caala maqaa caalu nan kennaaf; kan hin badne maqaa bara baraa nan kennaaf” (Isa 56:6) jechuudhaan Waaqayyoo waadaa waan isaaniif galeef Kadhannaa torbii galuudhaan suga isaanii irratti hirmaachuun ni danda’ama. Tsooma Raajotaatiin suga Raajotaa irratti hirmaachuun, tsooma Duuka bu’ootaa irratti hirmaachuun suga Duuka bu’ootaa irratti hirmaachuu fi tsooma Filsataa irratti hirmaachuudhaan eebba Giiftii keenyaa irratti hirmaachuudhaaf Kadhannaa torbii galuun kan turee fi gara fuulduraattis seera Mana Kiristaanaa jiraatuudha. Har’as sirna kana hordofuudhaan suga qulqullootaas argachuudhaaf, lafeen qulqullootaa kawaala itti boqotetti, tsoomaa fi kadhannaadhaan, humnaanis kawaalota tajaajiluudhaan eebba qulqullootaa kan argatan kawaalota keessatti kasoominaan kan deddeebi’an danuudha. Kanas, kitaaba Moototaa 2ffaa 2:9 irratti akkuma ilaallu, Raajichi Eelsaan barsiisaa isaa, Eeliyaas, tajaajiluudhaan, sugni Eeliyaas dachaadhaan Eelsaa irra buleera. Kanas fakkeenya taasifachuudhaan abootiin keenya kan qaban hunda dhiisuudhaan kawaalota keessakadhannaan jiraatan suga abbaa kawaala itti tajaajilanii fudhatu. Kun akka jirutti ta’ee, maqaa kawaalummaatiin maallaqa amantootaa kan saamanii fi jireenya qulqullaawaa monoksootaa dhugaa kan xureessan jiraachuu isaanii hubachuun barbaachisa.

                                        c)  Iccitiin Dhokate Akka Nuuf Ifuuf

Bara Kakuu Moofaatti Waaqayyo mootota tokko tokkotti mul’ata agarsiisuun iccitii Isaa jalaa dhoksaa ture. Fakkeenyaaf, kan biyya Gibxii Fara’oon, kan Baabiloon immoo Naabukadanatsoorii fi Bilxaasoor caqasuun ni danda’ama. Uum 41:14-36, Daan 4:9 fi 5:4. Moototni kunneen jireenya dhuunfaa isaaniittis ta’e addunyaa guutuutti wanta gara fuulduraatti ta’uuf mul’ata arganis, dafanii mul’aticha sirriitti hubatanii gahumsa “Akkana ta’a” jedhu hin qaban turan. Kanarraan kan ka’e, Raajonni bara isaaniitti jiraachaa turan, Kadhannaa torbii galuun hiikkaa mul’ata isaanii akka itti himaniif kadhachaa turan. Raajonnis Kadhannaa torbii galuudhaan mootonni kan argan dubbii iccitii Siggaawwee fi akkaataa kufaatii mootummaa isaanii ibsanii dubbachaa turan. (Daan 5:28).

Akkasumas, qulqulloonni matuma isaaniitiin iccitiin mul’ata arganii yommuu itti ulfaatu, iccitii fi hiikni mul’atichaa akka isaaniif ifuuf Kadhannaa torbii galu. Waaqayyos qulqullummaan ta’anii Kadhannaa torbii galan ilaalee iccitiisaa ni ibsaaf. Fakkeenyaaf, Raajichi Izraa, iccitiin kitaabolee akka isaaf ifuuf Kadhannaa torbii yommuu galu, kitaaboleen Kakuu Moofaa badan immoo deebisee barreessuuf danda’eera. Faar 8:10

Bara Kakuu Haaraatti bal’inaan kan mul’atu Duuka bu’oonni qulqulloonni Hagayya 1-14 Kadhannaa torbii isaan galaniidha. Kadhannaan torbii kun du’aa ka’umsa qulqulleettii Dubree Maariyamii dhokatee ture hubatanii suga ishee irraatii hirmaachuudhaaf isaan dandeessiseera.

Giiftiin keenya kan boqotte, Amajjii 21, B.A. 49 dha. Duuka bu’oonni awwaaluudhaaf gara Geete-Semaaniitti fuudhanii yommuu deeman, Yihuudonni isaan jeeqan. Yeroo kana ergamoonni qulqulloonni foon Giiftii keenyaa fuudhanii Gannatatti muka jireenyaa jala kaawan. (Ajaa’iba Maariyamii, Sinkisaara Hagayya guyyaa 16). Yeroo kana Duuka bu’oonni wareeranii waanta faffaca’aniif, boqonnaan foon Giiftii keenyaa isaan dhiphisaa ture.

Qulqulluun Yohaannis, mul’ataan fudhatamee deemuudhaan foon isheetti ixaana urgeessaa tureera; Duuka bu’ootattis himaa ture. Yohaannisitti mul’attee nuyitti akkam hin mul’anne jechuun Hagayya keessa Kadhannaa torbii galan. Kadhannaa torbii inni lammaffaan yommuu xumuramutti, guyyaa 14ffaatti ergamaan foon ishee fidee isaanitti kenneera; awwaalaniirus. Guyyaa sadaffaatti, Hagayya guyyaa 16 kaatee ol baateetti. (Ajaa’iba Maariyamii, Sinkisaara Hagayya guyyaa 16).

Egaa Duuka bu’oota qulqullootaaf iccitiin boqonnaa fi ol-bahiinsa Giiftii keenyaa kan isaaniif mul’ate Kadhannaa torbiitiinii dha. Kanas bu’uura taasifachuudhaan, Manni Kiristaanaa duuka bu’eettiin suga ol-ba’iinsa Giiftii keenyaa argachuudhaaf ni tsoomti. Manni Kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaas yeroo Kadhannaa torbii kana daa’immanillee osoo hin hafiin irratti hirmaatu.

Itti Fufa ….

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2017-08-09 13:44:492018-10-26 09:21:00Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Promotion picture Link to: Promotion picture Promotion picture Link to: Kutaa 2ffaa Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa Link to: Kutaa 2ffaa Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa Kutaa 2ffaa Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa
Scroll to top