Matsaaguu

Matsaaguu
Dn Katamaa Taganuutiin
01/07/2009 B.A.
Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa arfaffaati . Moggaafamni guyyaa kanaas Matsaaguu jedhama . Moggaafamni kun kan itti moggaafamuu danda’e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kanatti dhukkubsattoota fayyisuu Isaa, raajii goochuu Isaa, warra dhibee addaddaan qabamnii turan hundaaf fayyina kennuusafi qulqulleesuusaa;waluumaa gala fayyisaa ta’u Isaa ibsuudhaaf.
 
 
Keessumaayyuu guyyaa kanatti seenaan fayyinaa yaadatamu ni jira: dhukkubsatan tokko bakka itti xabala cuubbatani Beeta Saayidaa jedhamte waamamtuutti ciise ture. Maqaa Matsaaguu jedhamuun beekama. Kanaafuu Matsaaguu jeechuun dhukkubsataa jechuudha.
Dhukkubsataan kuni waggoota 38 tiif dhukkuba cimaatiin hubamee siree irratti rakkachaa kan ture yoggu ta’u, guyyaa kana Gooftaan sagaleesaatiin qofa isa fayyise; “ka’itii sireekee baattadhuu deemi” jechuunis guboo dhukkubbii tokko malee bilisa isa baaseera.
 
Mata-dureen faaruu Q/Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “አምላኩሰ ለአዳም
(Uumaa Addaam) isa jedhudha.
Sirna Qiddaasee guyyaa Matsaaguu keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa
dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:
  • Galaatiyaa 5:1
  • Ya’iiqoob 5:14
  • Hojii Ergamoota 3:1-12
  • Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 40 (41):3-4
              እግዚአብሔር ይረድኦ ዉስተ ዐራተ ሕማሙ (Waaqayyo dhukkubsataa siree isaarratti ni
              gargaara)
             ወይመይጥ ሎቱ ኩሎ ምስካቢሁ እምደዌሁ (Yeroo dhukkubasaa ciisicha isaa ni afaafi)
 
            አንሰ እቤ እግዚኦ ተሣሃለኒ (Anoo yaa Gooftaa dhiifama naaf godhi siinan jedha).
  • Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu : Yohaanis 5:1-25
Wangeela kana keessatti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Matsaaguutiin “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffi akka dhiyeessef ni duubisna. Garuu gaaffi kana Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan dhiyeesseef Matsaaguun gara fuulduuraatti cubbuu inni raawwatu Waaqummaa isaatiin hunda waan beekuf ture.
 
Innis maali jenne yennaa ilaallu, akka ibsa Abbootiin Mana Amantaa keenyaa ibsa isaanii Andimtaa irratti eeranitti:
  • Gaafa guyyaa jimaataa kaballaatiin fuula Isaa kan rukutu isa waan ta’eefi;
  • Warrootni Ayhuudi yeroo isa himatan ragaa sobaa ta’e kan gooftaa irratti raagu isa waan ta’efidha
Namootni “fayyina kan siif kenne irratti badiinsa kana maaliif rawwatta?” jedhanii yeroo isa gaafatani “yoom na fayyisi isan jedhe, ofumasaa na fayyise malee?” akka hin jenneef sababa dhabsiisuuf jecha “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffii dhiyeesseefi. Har’as Waaqayyo Waaqa bilisaa waan ta’ef, “abiddaafi bishaan fuuldura keetti qopheesseera; harkakee gara barbaaddetti ergi” jechuudhaan mirga hin daangeffamne nuuf kenneera. Bilisaan akka Isa Waaqeffannu nu taasisee waan jiruuf badiinsa keenyaaf ,goocha keenyaaf sababa dhiyeeffanu gonkumaa hinqabnu. Kanaafuu, badiinsa irraa ooluuf jecha cubbuu iraa fagaannee Mootuumaa Isaa akka dhaallu eeyyama Isaa nuuf haa ta’u; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu waliin haa ta’u-ameen! Madda: Kitaaba Andimtaa (Hiika Abbootii) kan Yoh.5 fi Kitaaba Gitsawwee

Mikuraab

Mikuraab

                                                                             Damissee Jamaneen

Torban sooma Gooftaa keenya keessaa inni sadaffaa Mikuraab jedhama. Torban kun sababa inni itti mikuraab jedhameef guyyaa kana luboonni faaruu sooma diggu’aa irraa kaasuun ‹‹ቦአ  ኢየሱስ ምኩራበ አይሁድ ወመሐረ ቃለ ሃይማኖት›› “Iyyesuus gara Mikuraaba Yihuudotaa seene; sagalee amantaas ni barsiise” jechaa waan faarfataniif dha.

Yihuudonni bara Kakuu Moofaa keessa mana qulqullummaa (Meqdesii) itti Waaqayyoon kadhatan Iyyerusaalem keessatti ni qabu ture. Boodarra garuu Naabukedenetsoor mana qulqullummaa isaanii kana waan diigeef uummanni sunis gara Baabiloonitti booji’aman. Warri booji’aman kun biyya ormaa keessa gabrummaan yeroo turanitti mana qulqullummaa hin qaban ture. Kanaaf yeroo sanaa kaasee Ayihuud bakka deeman hundaatti mana adda ta’e mana kadhaa qopheessuu akka jalqaban ni eerama. (Hizqeel 11:16). Haaluma kanaan bara Kiristoos biyya lafaarra deemee barsiisaa turetti Iyyerusaalem keessa Mikuraabonni Yihudotaa baay’een jiru ture. Duuka bu’oonnis Yihuudonni bakka tajaajilaaf faca’anii jiran hundaatti naanna’anii mikuraaba seenanii barsiisu ture. (Maat.4:23; H.Erg. 6:9; 13:5-14; 9:2; 14:1; 17:1; 10:17; 18:4; 19:8).

Gooftaan keenya Iyyesuus Kirirtoos yeroo ayyaana faasikaa kabajuuf gara Iyyerusaalem deemetti mana qulqullummaa seenee mana qulqullummaa kana keessatti warra daldalaa jiran isaan baase. Meeshaa isaaniis gargaragalche (Yoh.2:13-17). Warqee qarshiitti, qarshiis warqeetti warra waljijjiiraa jiran akkasumas akkuma namoonni biyya keenyaa lukkuuf siree hojjetanii irratti gurguran gugeedhaaf teessoo hojjetanii warra daldalaa turaniin meeshaa isaanii garagalchuun isaan arii’e. Akkuma kitaaba irratti barreeffametti “Manni koo mana kadhannaati jedhamee barreeffameera (Isa 56:7; Eerm7:11; Luq. 19:47). Isin garuu holqa hattuufi saamtotaaa taasistan” jedhe. Quuqama Gooftaan Mana Qulqulluummaa kanaaf agarsiise yaadachuufis turban kuni “Mikuraab” jedhamee akka moggaafamu taasifame.

 

Kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa Qiddaasee guyyaa kanaa irratti dubbifaman akka armaan gadiitti caqasamaniiru:

  • Qol.2:16-dhu
  • Yaa’i: 5:15
  • H.Er.10:1-8
  • Faar. 68 (69):9 (Misbaakii):

እስመቅንዐተቤትከበልዐኒ (Hinaaffaan manakee na nyaatteeti)

ትዕይርቶሙለእለይትዔየሩከወድቀላዕሌየ (Arabsoon warri siin arabsaniis narra qubateera)

ወቀጻዕክዋበጾምለነፍስየ (Lubbuu/Qaamakoo soomaan dadhabsiise)

  • Wangeela (Yoh.2:12-25) Kana booda Gooftaan Iyyesuus Haadha Isaafi obboloota Isaa akkasumas duuka bu’oota Isaa faana gara Qifirnaahomitti bu’an; achis guyyaa muraasa taa’an. Aayihuudis guyyaan itti faasikaa isaanii kabajatan gahee ture. Gooftaanis gara Iyyerusaalemitti deeme. Mana Qulqullummaa keessattis yoggu sangoota, hoolotafi gugeewwan gurguran fi warra qarshii jijiiran taa’anii isaan arge. Qaccee funyoo hojjetee; hoolotaafi sangootas hundasaanii Mana Qulqullummaa irraa gadi baase. Warra qarshii waljijjiiranis qarshii isaanii bittinse. Gabatee isaaniis galagalche. Warra gugee gurguruunis “kana asii baasaa; mana Abbaakoo mana daldalaa hin taasisiinaa” isaaniin jedhe. Duuka bu’oonni Isaas Raajiin ‘hinaaffaan waa’ee manakee keessa koo na nyaate’ jedhu barreeffamee akka jiru ni yaadatan…….

Egaa walumaa galatti haala Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nutti agarsiise kanaan Mana Qulqulleettii keenya kanaaf quuqamuu, qulqullinasheef carraaquu qabna. Namoonni mana amantaa keessatti hojii yaraa adda addaa hojjetan yogguu agarrus akkuma abbaa keenya Q/Daawwit “waa’een manakee keessa koo na nyaate” jechuun quuqamuu, gorsinees sirreessuu qabna.

Eebbi Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u; ameen!

Sooma Gooftaa (Sooma Guddicha (ዓቢይ ፆም)

Sooma Gooftaa (Sooma Guddicha (ዓቢይፆም)

Dn Gulummaa Addunyaan

Fulbaana 15/06/2009 B.A

Sooma Gooftaa kan jennu kun Sooma labsii torban Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessaa isa tokko dha. Tsooma Gooftaa kan jedhames Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos samiirraa bu’ee foon keenya uffatee addunyaa kanarratti yeroo deddeebi’utti waan soomeef yoo tahu ,Sooma Guddichaa kan jedhame immoo sooma Gooftaan ofii soome waan ta’eefi yeroo dheeraaf kan soomamu waan tahefi dha.

Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos eega harka Yohannisitti cuuphamee booda hojiiIsaa jalqabaa kan taasifate sooma dha. Nutille jalqaba hojii keenya hundaa sooma akka goonu barumsafi fakkeenya guddaa nuuf ta’eera. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos sooma kanarraa kan fayyadamu waan tokko osoo hin qabaatiin kan soome yoo tahu, nuti immoo faayidaa guddaa kan irraa argannu waan ta’eef soomuu qabna. Abbootiin keenya illee duuka bu’oonni eega Gooftaan keenya gara samiitti ol baheen booda hojii isaanii jalqabuun dura soomaan eegalu. Gooftaan keenyas duuka bu’ootni Isaa yeroo Inni isaan irraa adda bahu akka sooman dubbateera. Mat 9:15.      

Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos guyyoota afurtama Gadaamii Qorontositti yeroo soomu sanatti qormaanni seexanarraa dhiyaatee ture. Hoogganaa biyya lafaa kanaa kan ta’e seexanni Gooftaa keenya Iyyesuusiin cubbulee guguddoo kan ta’an sadiin qoreera. Mat 4:1-10. Gooftaan Keenyis qormaatilee seexanni fide hunda injifateera.

 

Sooma guddicha jennee inni soomnu kun guyyoota 55 ni tura. Gaaffiin asirratti ka’u tokko Gooftaan keenyi guyyoota afurtama yoo soome nuti guyyoota 55 maaliif soomna kan jedhu ta’a. Sooma Gooftaa dura torbeen inni jalqabaa sooma Hirqaal jedhama. Toorban guyyoota afurtama booda jiran ammo torbee gidiraa (ሰሙነሕማማት) jedhamee soomama. Torbee kanattiis amantootni hundi Mana Kiristaanaatti argamanii sagadaafi galataan Waaqayyoon kabaju. Kanaafuu, torbeen lamaan (guyyoonni 15) yoggu keessaa hir’atan guyyoota 40 ni ta’a. Gama biraan ammoo guyyoota Sanbatafi Dilbataa yoggu keessaa hir’isnu (guyyoota kanneenitti firiiwwan beeladaa irraa soomna malee hanga sa’aatii 9:00 waan hin turamneef), guyyoonni guutummaan soomaman 40 ni ta’u.

Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos maaliif guyyoota afurtama soome?

Gooftaan keenyi guyyoota afurtama kan soome sababootni isaa baay’ee yoo ta’anillee barumsaaf fakkeenya tokko haala armaan gadiin haa ilaallu.

  1. Fakkeenya Raajotaati.

Raajotni kan akka Musee guyyaafi halkan afurtama kan soomee seera Oritii akkuma hojjete (Ba’uu 34:28), Gooftaan keenyis guyyota afurtama soomee seera ishee gaarii seera Wangeelaa hojjeteera. Seera Isaa kessattis hojii hunda dura soomee seera jalqabaa sooma taasise. Museen guyyoota afurtama soomee akkuma Israa’elota biyya Misiraarraa baase, Innis namoota si’oolirra kan baasu waan ta’eef.

Abbootiin raajotni guyyaa afurtama waan soomaniif Innis kanarraa hir’isee yookiin itti dabalee yoo soome warreen Kakuu Moofaa Seera ishee gaarii kan taate wangeela hin fudhannu akka hin jenneef guyyoota afurtama soome.

Eeliyaasis guyyoota afurtama soomee gara Gannataatti fudhatameera. Isinis yoo soomtani Gannatatti ni galtu jechuudhaaf guyyota afurtama soome. Raajichi Hizqi’eel cinaacha isaa tokkoon guyyoota afurtama ciisee namoota dhibba ja’a du’arraa akkuma kaase (Hiz.4:6)isinis yoo soomtani yeroo dhufaatii Gooftaa du’arra kaatanii kabaja argattu jechuudhaaf. Raajichi Izraa Suutu’eel (1323-25) guyyoota afurtama soomee kitaabota barreessiseera. Isinis yoo soomtani iccitiin isiniif mul’ata jechuudhaaf.

Egaan taateewwan Kakuu Moofaatti kan turan, fakkeenyummaan isaanii gara Gooftaa Keenyaatti kan mul’isani dha.

  1. B.Addaam mucummaa Sillaasee guyyaa afurtamatti argate balleessee waa tureef, mucummaa addaamiif akka deebisuuf dhufe agarsiisuuf guyyoota afurtamaatiif soome.
  2. C.Ilmaan namaa gadameessa hadhaatti guyyaa afurtamaffaatti fakkii namummaa kan argatan yookin boca namaa kan qabatani waan ta’eef, ilmaan namaa hundaaf beenyaa akka ta’e mul’isuuf.

Moggaasa Sanbataalee Sooma Gooftaa

  1. Zawaradee (ዘወረደ) jedhama; kunis “Kan gadi bu’e” jechuudha.
  2. Qiddist/ቅድስት (Qulqulleetti
  3. Mikuraab (Mana Kadhannaa Ayihuud jechuudha).
  4. Metsaagu (dhukkubsaticha jechuudha)
  5. Debre Zeyit (Guyyaa dhufaatiin Gooftaa keenyaa itti yaadatamu).
  6. Gabriheer (ገብርኄር); kuni Tajaajilaa gaarii jechuudha.
  7. Niqodimoos.
  8. Hosaa’inaa.

Sooma kana haala akkamiin haa soomnu?

Nutis sooma kana akkamiin soomuu akka qabnu Manni Kiristaanaa keenya seera nuuf keesseetti. Soomni kun kabaja guddaan kan soomamudha. Sooma kana keessatti ayyaanni kamiyyuu nyaataafi dhugaatiidhaan hin kabajamu. Sababni isaas yeroon isaa yeroo itti foon keenya gammachiifnu waan hin taaneefi dha. Yeroo kanatti gidiraa Gooftaa keenyaa yaadachuun sagadaafi kadhannaadhaan kan dabarsinudha. Abbaan ogummaa Solomoon kitaaba isaa lallabaa 3:1-8 irratti akkuma katabee kaa’etti wanti hundinuu yeroofi waqtii itti hojjetamu ni qaba.

Yeroo sooma kanaatti namni kiristinnaa kaasisuufi ayyaana dhalootaa kabaju hundi sirni isaa qofa Mana Kiristaanaatti akka raawwatamuu, nyaataafi dhugaatii qoopheessanii affeeruun garuu akka hin malle abbootiin keenya kitaaba Fithaa Nagast (ፍትሐነገስት) boqonnaa 15 irratti seera kaa’aniiru. Sababa beekamaa (Abbaan Lubbuu itti amane) malee sooma kana namni hin soomne yoo jiraate, Luba yoo ta’e lubummaa isaarraa akka haqamu, amanaa (ምዕመን) yoo ta’e immoo tokkummaa Kiristaanotaa irraa adda ba’uu akka qabus murtaa’era.

Sooma Gooftaa keenyaa kana Inni akka nuuf fakkeenya ta’uuf, hojjetee hojjedhaa jechuuf waan soomeef, nuti immoo eebba fooniifi eebba lubbuu argachuuf akka abbootiin keenya nuuf kaa’anitti seera isaa hordofnee soomun nurraa eegama. Yeroo kanatti namootaaf waan gaarii akkaa hojjenne, warra beela’an beela baasaa, warreen dheebotan dheebuu baasaa, warreen huccuu hin qabne daara baasaa, haala kanaan dabarsuu qabna. Yeroo kana jennutti immoo wanneen kun yeroo soomaa qofa kan barbaachisanidha jechuu miti. Keessumattuu yeroo soomnu immoo cimsuu qabna jechuudha malee.

Akkuma qulqullichi Yaareed jedheetti qaamni keenya hunda cubbuurraa lagachuu qaba. Afaan keenyi waan gadhee dubbachuurraa, gurri keenyi waan gadhee dhagahuurraa, miilli keenyi gara bakka gadhee demuu irraa, harki keenyi wanta yaraa ta’e tuquu irraa fi ijji keenya wanta hin malle ilaaluurraa lagachuu qaba. Kana qofa otoo hin ta’iinis wantoota hamaa ta’anirraa akkuma of qusanne, wantoota gaarii immoo hojjechuu qabna.

Sooma kana soomnee akka eebba argannu gargaarsi Gooftaa keenyaa, kadhannaan qulqulloota nurraa adda hin bahiin.Ameen!!

                            

Madda dabalataa : http://eotcmk.org/site/2012-02-15-14-49-20/881–42

                             Adimtaa Wangeela Maatiwoos, Boqonnaa 4.                         

“Duuti dhala nama hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” Q/Yaareed

“Duuti dhala nama hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” Q/Yaareed

‹‹ሞትሰለመዋቲይደሉ፣ሞታለማርያምየአጽብለኩሉ፤ሞትለማናቸዉምሰዉሁሉየተገባነዉ፣የማርያምሞትግንሁሉንያስደንቃል፡፡›› /ያሬድ

Dn Takiluu Haayiluun

Amajjii 20/05/2009 B.A

Maariyamii jechuun ol aantuu jechuu dha;kunis isheen uumaatiin gadi, uumamtoota hundaa caalaa ol’aantu waan taateefi dha. Luq 1:35. Abirihaam abba hundaa akkuma jedhamuu Maariyaam jechuun hadhaa hundaa jechuu dha; qoricha isheen nuuf deesseen jireenya bara baraa addunyaan argateeraati. Uum. 12:2-3. Maariyaam jechuun kennaafi qabeenya jechuu dha, yeroof hadhaafi abbaa isheetiif mucaa wareegaan argamte yoo ta’uu illee qoricha addunyaa argamsiisuu isheetiin hanga bara baraatti dhala namaa hundaaf kennaafi qabeenya ta’uun kennamteetti. Luq 1:41. Akkasumas, Maariyaamiin kan hanqina/fafa hin qabnedha; yeroof midhaginaafi simboon waan isheef kennamef yoo ta’u, booda garuu foonifi yaadaan qulqulleettii, yaadafi foon isheetiin dubroo ta’uu ishee, dubrummaafi qulqullummaa waliin simsiistee qabachuu ishee agarsiisa (Luq 1:28-36; Luq 1:45 Weed. 4:7). Maariyamii jechuun amantoota hooggantee mootummaa Waaqayyoo kan seensistu jechuu dha. Sababa Hewaaniin balballii Gannataa cufamee ture deebi’ee sababa dubree Maariyamiin banameerati (Faar 33:15; Galata Maar. Kamisaa.lakk 2).

 

Waa’ee jireenya haadha keenya dubree Maariyaamii gabaabsinee yoo ilaalle, Caamsaa 01 guyyaa dhalatte irraa eegaluun hanga waggaa sadii guuttutti mana abbaafi haadha ishee jiraatte. Sanaa booda jalqabayyuu kan argamte kadhannaafi wareegaan waan ta’eef gaafa waggaa sadii guuttu Mudde sadii gara Mana Qulqullummaatti geessuun Waaqayyoof kennamte. Isheenis Mana Qulqullummaa tajaajilaa, harriifi warqee wal simsiistee fo’aa, harka ergamaa Qulqulluu Faanu’eelitti nyaataafi dhuugaatii samii sooramaa,waggaa 12 Mana Qulqullummaa keessa jiraatte. Waaqayyos qulqulummaa ishee argee, ergamaa Isaa gara Naazireet Galiilaatti ergee isheen osoo Mana Qulqullummaa keessa jiraattuu ergamaa Qulqulluu Gabri’eeliin misiraachoo ishee dhageessise; iccitii Afuura Qulqulluunis ulfoofte. Umurii ishee waggaa 15 kana booda Manaa Qulqullummaa keessaa kabajaan bahuun mana eegduu ishee Qulqullicha Yooseef akka jiraattu taasifame (Mat 1:18-25). Sana booda mucaa ishee fayyisaa keenya akkuma dubrummaan ulfoofte dubrummaan deesse. Gooftaan keenyi suuta suutaan guddatee waggaa 30 yoggu guutu cuuphamee, waggoota sadiifi ji’oota sadii biyya lafaa irra deddeebi’ee barsiisee, fayyina hundaa raawwatee nuuf jecha Tulluu Qaraaniyoo irratti hanga fannifametti mucaa ishee waliin jiraatte. Sana booda Mucaan ishee Gooftan keenyi qorichi keenyi Iyyasuus Kiristoos akka ajajetti kan jiraatte duukaa bu’aa Waaqayyoo isa jaalatamaa Wangeelaawwii Yohaannis waliin ta’uu Kitaabni Qulqulluun ragaa nuf ba’a. (Yoh 19:27). Du’aa ka’uu Gooftaa keenyaan boodas haati kenyaa dubroo Maariyamiin waa’ee du’aa ka’uu, gara mirga Abbaa Isaatti ol bahuu mucaa isheefi jireenya haarawaa dhugaa ba’aa Qulqulloota duuka bu’oota jaalalaafi kadhannaan jajjabeessaa akka turte kitaaboliin ragaa nuf ba’u.

Yeroon boqonnaa haadha keenya dubree Maariyamii bara B.A. 49 ti. Haati keenya dubroo Maariyaamiin foon kan uffatte waan taateef, sababa balleessaa Addaamiin duuti addunyaa irratti mo’e, ishees qaqqabeera. Haaluma kanaan haati keenya dubroo Maariyamii yeroo umuriin ishee waggaa 64 ta’etti (Gooftaa da’uun dura 15, erga desseen booda 49) Amajjii guyyaa 20 Gooftaan keenya gara Tulluu Dabra Zayiiti jedhamutti gara qulqulloota duuka bu’oota Isaa deemuun isaaniti mul’ate. Duuka bu’oota Isaatiinis boru deebi’een lubbuu haadha koo fudhadha jechuun itti hime. Akkuma jecha Isaatti gaafa Amajjii 21 guyyaa Dilbata Gooftaan keenya teessoo Kiruubel irra taa’uun faarfataa Daawit , qulqulloota ergamoota kumaaf kumaatamaa ta’an waliin dhufee, “yaa haadha koo addunyaa kana irraa si boqachiisuufan dhufe” jechuun itti hime. Yeroo kana isheenis “yaa mucaa koo addunyaan kan siin hin dandeenyee / dacheen kan si hin daangessine, ji’a sagaliifi guyyaa shan gadameessa kootti si badheen, durbummaan ulfa’uun dubrummaan si da’een nan du’aa?” jetteeni. Qulqullichi Yaared “Duuti dhala namaa hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” akkuma jedhe. Gooftaanis lubbuu si’ool keessatti dararaman/ rakkatan/ isheetti argisiisuun “yaa haadha ko duuti kee lubbuu kana maraaf fayyina isaaniiti” jedheen. Gara-laafettiin haati keenyi dubree Maariyaaminis sababa fayyina lubbuu isaaniif jecha, “lubbuuwwan kanneen naaf fayyifta taanaan haa ta’u” jechuun du’a filatteetti. Yeroo kana namootni achitti walitti qabaman marti jaalalaan ni boo’an; Gooftaan keenyis hunda isaanii jajjabeessee isaaniin eebbise. Lubbuuwwan hedduun si’ool keesssatti dararamanis fayyina waan argataniif hedduu gammadani. Q/Yaareed kana dhugaa yoo ba’uu yeroon boqonnaa dubree Maariyamii cidha fakkaata” ture jechuun barreesseera.

Gooftaanis Qulqulluun Pheexiros gara samiitti ol jedhee akka ilaalu ajaje, Waaqayyoo Abbaan kafana akka isheen ittin kafanamtuuf qophaa’e itti agarsiise. Dubreenis gara bahaati naannoftee sagalee hafuuran kadhannaa taasiste. Garaa bahaattis akkuma naannofteen boqatte. . Qulqulluun Daawitis sagalee olka’aa dhaan “Duuti qulqullootaa fuula Waaqayyootti kabajamaa dha” jechuun faarfatee ture (Faar.115፡5). Yeroo sa’a sagalaffaa Gooftaan lubbuu ishee fudhate. Foon ishees kafana samiin haguugame; Waaqayyo Gooftaanis duuka bu’oota Isaa bakka garaa garaa irra duumessaan fe’ee isaan waamuun akka foon ishee fudhatan ajaje. Duuka buutotnis foon ishee arganii, Pheexiroos karaa mataa, Yohaannis karaa miilla siree, baatanii gara bakka awwaalcha Geetesemaanii osoo deemaa jiranii waarri Ayihuud faaruu duuka bu’ootafi ergamoota dhaga’anii, “kana dura mucaan ishee <du’ee du’a mo’ee ka’e; gara mirga Abbaa Isaa gara samiitti olbahe> jechuun nu rakkisaa jirachaa jiru, amma immoo isheenis akkuma mucaa ishee du’a mootee kaate jechuun nu burjaajjessu danda’u. Kanaafuu gara jabinaan kottaa foon Maariyaamii haa gubnu’’ jechuun hammeenyaan ka’an. Isaan kessaa namtichi qaamaan jabaa ta’e kan Tawufaaniyaa jedhamu utaalee miilla siree qabate. Battaluma sana ergamaan Waaqayyoo ajajamuun harka isaa lameen seefiin kute. Warreen kaan ijji isaanii arguu dide; abidda ofii baataniinis of gubani. Yeroo kana “balleesseera/yakkeera/ naaf dhiisi” jedhee yoo ishee kadhatu dubroon mataa ishee gad qabattee Qulqullicha Pheexiroosiin “harkasaa cite kana akka duraatti deebisiif/fayyisi” jetten. Innis deebisuusaatiin dhiifama argateera. Namootni hedduunis badii isaanii irraa deebi’uun amananii cuphamaniiru. Sana booda Waaqayyoon galatni haa ga’uutii akka ogummaa Isaatti foon haadha keenya duuka bu’aa Isaa, isa jaalatamaa Qulqullicha Yohaannis waliin fudhachuun Gannata muka jireenyaa /ዕጸሕይወት/ jedhamu jala isaan kaa’eera.

Jalqaba sababni du’a haadha keenya dubroo maariyamii lubbuuwwan si’ool keessa jiraniif fayyina akka ta’e akkuma hubanne sababni inni biroon immoo iccitii foonii mul’isuuf Abbooliin keenya nuu barsiisu “Ati garuu osoo du’uu baattee/dhistee/ akka Henook, akka Eeliyaas, osoo gara samiitti ol baatee natti tola , akka dhokatufii malee garuu isaan kunnin martuu dhumatti du’a ni dhandhamu. Osoo kun siif ta’ee/du’uu dhiftee/ namootni shakkitootni isheenis samii irra kan buute gosa ergamootaa malee isheen gosa dhala namaa miti jechuun barsiisu ture…” jechuun abbootiin ni barsiisu. Kunis Waaqayyo dhala namaa jaalala dhugaa jalachuu Isaa dhugaa kan nuu ba’uufi Waaqayyo foon keenya isa Maariyamii irraa fudhate gonkuma kabajuu Isaafi fudhachuu Isaa caalaatti nu barsiisa.

Ayyaanni dubree Maariyamii kun maaliif Astariyoo /አስተርእዮማርያም/ jedhamaa?

Astariyoo /አስተርእዮ/ jechuun jecha gi’iizii yoo ta’u mul’achuu, ifa bahuu, argamuu jechuudha. Afaan Giriikiin immoo Ephifaaniyaa/ኤጵፋንያ/ jedhama.

Waqtiin Astariyoo galumsa sooma Gooftaa irratti hundaa’uun yoo gabaabbate/gad siiqe/ Amajjii 11 hanga Amajjii 30, (guyyoota 20), yoo dheerate/ol bahe/ Amajjii 11 hanga Guraandhala 3 (guyyota 53) hin caalu.

Waqtiin kun yeroo itti Inni waggaan hin lakkaawamneef Gooftaan waggaan lakka’ameefi waggaa 30 fffa Isaatti harka Yohaannisiin cuuphame, mana cidha Qaanaa Za Galiilaatti raajii isa jalqabaa taasisuun bishaan gara wayiniitti jijjiire, irra caalaa immoo Waaqni yeroo jalqabaaf iccitii tokkummaafi sadummaa bara Kakuu Haaraa ifatti mul’ise dha. (Maat 3:16-17)

Gama biraan haati keenya dubroo Maariyaamiin duumessaan fudhatamtee gara Gannataatti yoo ol galtu namootni akkasumaas qulqullootni ergamootni kabaja, araarsummaafi kennaa isheef kenname ifatti waan arganiif Astariyoo Maariyamii jedhameera. Dabalataan Qulqullichi Yaareedis Waaqayyo foon dubree Maariyamii irra fudhachuun ishee irraa dhalatee qaama daangeffamaa ta’een mul’achuu Isaa “Astariyoo” jechuun dubbateera. Akkasumas Abba Tsigee Dingil “raajiin abaaboo Waaqayyo foon keenya kan ta’e foon kee uffatee lafarratti akkuma mul’ate nuyiinis akkuma beekame yaa giiftii Maariyamii abdii gosa keenya kan taate har’a dubree Maariyaamiif gammachuu guddaafi mul’atni samii irratti ta’e” jechuun nuuf barreesseera. (Mahileta Tsigee.)

Walumaa galatti kabaja ayyaana waggaa kan giiftii Keenyaa kana yeroo kabajnu Mana Qulqullummaatti argamnee, jirenyaa bara baraa kan ta’e wangeela Waaqayyoo barannee, kabajamaa Fooniifi qulqulluu Dhiiga gooftaa keenyaa fudhannee, jireenya bara baraa dhaaluuf kan qophoofnu, iccitiiwwan Mana Qulqullummaa guyyaa itti hirmaannu irra caalaa immoo eebba, sugaafi kabaja haadha keenya dubroo Maariyaamii irraa guyyaa itti argannu nu haa taasisu.

Eegumsi Waaqayyoo, Araarsummaan haadha keenya dubroo Maariyamii, kadhannaan Qulqullootaa Kiristaanota mara waliin haa ta’u; ameen!

Madda:

v  Dubbii Maariyamii Waldaa Qulqullotaa, barruu Amaariffa(kitabaa)

v  Sinkisaarii (kan Amajji 21)

Jalabultii Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti

Jalabultii Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti

Amajji,10 B.A. 2009

Afaan Oromootti Kan Hiike

                                                                                                                                 Dn.Kumaa Araarsoo

Kabajamtoota dubbistoota keenyaa haala sirna Mana Kirstaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Kitaaboolee Mana Kiristaanaa keessatti guyya guyyaan dubbisaman keessaa Kitaabni Sinkisaara (መጽሐፈ ስንክሳር) isa tokko dha. Kitaabuma kana keessatti gaafa jalabultii ayyaana Cuuphaa kan dubbisamu haala armaan gadiitiin hiiknee isiniif qabannee dhiyaanneerra.

                                               

Amajji kudhan guyyaa kanatti nyaata kamiyyuu otoo hin nyaatiin amantoonni hunduu hanga galgalaatti akka soomaniif hayyonni hangafootni, barsiisonni Mana Kiristaanaa nuyiin dursanii turan sooma nyaata laguu qabu akka hin nyaatne seera tumani.

Guyyaa kanatti amantoonni hanga galgalaatti akka sooman kan ajajaniif sababni isaa kana dha. Ayyaanni Dhalootafi Cuuphaa Gooftaa keenyaa yoo guyyaa Roobii ykn Jimaata irra bu’e nyaata laguu qaban (warren guyyoota Ayyaana Shantamaatti (በዓለሃምሳ) nyaataman) ganamaan nyaachuun amantoonni hundi ayyaanicha akka kabajan abbootiin

keenya Duuka-bu’oonni ajajaniiru. Isaan kun lamaan Ayyaanota gurguddoo Waaqayyooti; kanaafuu hin soomaman. Nuti ayyaanoota keenya akka ormootaafi (warra alagaa) Yihuudotaatti nyaatafi dhugaatitiin qofa akka hin taasiifneef; namootni biroonis nuti addunyaa dabartuu kanatti quufaan, gammachuun kan gammadnu akka isaanitti hin fakkaanneef Ayyaani Dhalootafi Cuuphaa Gooftaa keenyaa yoo guyyaa Roobii ykn Jimaata irra bu’e, bakka isaanii (guyyoota bakka buusnee lagannu kaneen jechaa dha) akka isaaniitti lagachuu qabna. Kanaaniis ayyaana kabajuufi soomudhaan waan lama raawwanna.

Guyyaa Sanabata guddaatti ykn guyyaa Sanbata duraatti yoo ta’e (kunis guyyaa Gooftaan itti mul’ate Amajjii kudhan jechuudha), Jimaata jalabultii isaatti hanga galgalaatti haa soomani; dursinee akkuma dubbanne soorata laguu qaban hin nyaatiinaa. Ayyaanni Dhaloota Gooftaa keenyaafi Cuuphaa guyyaa Wiixata yoo ta’e jalabultiisaa (guyyaa Sanbata guddaatti) soomuun hin danda’amu; garuu, soorata laguu qaban nyaachuu irraa of haa eegan.

Guyyaa Cuuphaattis halkan walakkkaan dura ka’anii bishaanicha irratti kadhatanii haa cuuphaman; Duukaa-buutonni sirna kabajamaa isaaniitiin akkuma ajajanitti daa’imman yommuu cuuphamanitti bishaan afaan isaanii keessa akka hin seenne. Luboonnis otoo hin bari’iin; barraaqaan sirna Qurbaanaa haa raawwatani.

‘Malakaanoonni’ – መለካውያን’ (warren murtii yaa’ii Keelqedoonitti amanan-) garuu jalabultii Ayyaana Dhaloota Gooftaa keenyaafi Cuuphaa guyyaa Sanabata duraa ykn guyyaa Sanbata guddaa yoo ta’e sa’aatii saditti sirna Qiddaasee gaggeessu; yoo jaalatanis “biddeena eebbifame” nyaatanii bishaan dhugu. Kana boodas luboonni Mana Kiristaanaa keessa seenanii sa’aatii sa’aatitti kadhachuudhaan barreeffamoota raajotaa ayyaanichaaf malan ni dubbisu; bishaanicha irratti ni kadhatu; kunis Duukaa-buutonni abbootiin keenya akka ajajanitti hin taane. Isaanis Ayyaana Ephifaaniyaa (mul’achu) akka kabajan ajajaniiru; kunis Roomaatti ji’a lammaffaa Kaanuun jedhamu, gaafa guyyaa torbaffaa (mudde guyyaa kudha tokko) dha.

‘Malakaanoonni’ garuu abbootiin kabajaman barsiisotni Mana Kiristaanaa kan ajajan ni diigu; Ayyaanni Dhaloota Gooftaa keenyaafi Cuuphaatti Jimaatas ta’e Roobii yoo ta’e dursanii bakka buusuun otoo hin soomiin ganamaan ka’anii ni nyaatutii.

Nuyiinis badii keenya irraa nu qulqulleessuuf jecha kabaja Gooftummaa Isaa laga Yoordaanoositti akkuma mul’ise onnee keenya irrattis nuuf akka ibsuuf, Abbaa Kabajaa kan ta’e Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoositiin haa kadhannu. Gooftummaan, Kabajni, Sagadni Isaaf haa ta’uutii Arjaa Abbaa Isaa waliin, dhiifama kennaa kan ta’e Afuura Qulqulluu faanas har’as yeroo hundas bara baraaf ameen.

አርኬ (Arkee)

ሰላም፡እብል፡ለጾመ፡ዕለት፡ዋሕድ፡፡ዘስሙ፡ገሀድ፡፡መምህራነ፡ሥርዓት፡አቀሙ፡ለዘይመጽእ፡

ትውልድ፡፡እመባልዕት፡ጥሉላት፡ወእምነ፡ቅሡም፡ማዕድ፡፡አንስት፡ይትሀረማ፡ወይጹሙ፡ዕድ፡፡

Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti

Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti

Amajji,11 B.A. 2009

Afaan Oromootti Kan Hiike

                                                                                                                                                              Dn. Kumaa Araarsoo

Amajjii kudha tokko guyyaa kanatti Abbaan Kabajaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos cuuphicha Yohaannisiin bishaan laga Yordaanositi ni cuuphame.  

Guyyittiin kunis afaan Yoonaaniitiin (Greek) Ephifaaniyaa jedhhamti. Hiikaan isaas iccitiin Waaqummaa (መለኮት) kan itti mul’ate jechuu dha; Icciitii Sadummaa Qulqulleetti adda taate (ምሥጢረ ሥላሴ) itti mul’iseeraatii; Abbaan samii keessaa sagalee Isaa erguun “kan Ani jaaladhuu, kan Ani itti gammadus Ilmi Koo kana dha; Isa dhagahaa!” jechaa yeroo ragaa ba’u, Ilmis laga Yordaanos keessa dhaabatee yeroo jirutti Afuurri Qulqulluunis fakkeenya gugee adiitiin mataa Ilmaa irra qubateera.  

Guyyaa kanattis Gooftaan keenya of mul’iseeraati; kanaan dura hanga waggaa soddoma guututti ifatti of hin mul’isne ture. Guyyaa kanatti garuu ijoollee Israa’eeliif of ibse. “Cubbuu addunyaa kan balleessu, Hoolaan Waaqayyoo kunooti” jechudhaan Cuuphichi Yohaannis akkuma Isa ibseetti (Yoh.1:29); Wangeelli (Misiraachoon) kabajame ragaa ta’e. “Ani Isa hin beekun ture, garuu Israa’el akka Isa beekaniif bishaaniin akkaan cuuphe nan dhufe” jedhe (Yoh.1:31).

 

Ayyaana kana irrattis ulfinni Gooftummaa Kiristoos Ilma Waaqayyoo mul’ateera; Innis cubbuu addunyaa maraa balleessuuf kan aarsaa ta’e Hoolaa Dhugaa (በግዓ ጽድቅ) Waaqayyooti. Kanaafis ayyaanni kun Kiristaanotaa hunda biratti kan kabajameefi kan ol ol jedhe ta’e. Abbaa kabajaa kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin, Cuuphaa Isaatiinis bishaan Inni kabajeen ni qulqullaa’u; qulqulluummaa fudhatanis eeganii yoo jiraatan dhiifama cubbuu isaanii ni argatu.  

Kanaafuu wanta hamaa hunda irraa of eegnee baay’ina arjummaa Uumaa keenyaafi Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos galateeffachuun nurraa eegama; Inni nuuf jecha nama ta’ee cubbuu keenya irraa nu fayyiseeraatii.

Isaaf, arjaa Abbaa Isaafis, Jireenya kan ta’e Afuura Qulqulluu faana kabajni, galatni, sagadniis haa ta’u; har’a, yeroo hundas, bara baraaf. Ameen.

                                         አርኬ (Arkee)

ሰላም፡ለጥምቀትከ፡በኊልቈ: ክራማት፡ሠላሳ፡፡እምዘወለደተከ፡ድንግል፡ዘኢተአምርአበሳ፡፡አመ፡ቆምከ፡ዮም፡እግዚኦ፡ለዮርዳኖስ፡ማዕከለ፡ከርሣ፡፡ለወድሶትከ፡ማዕበላቲሃ፡ተከውሳ፡፡ወባረኩከ፡አናብርት፡ወዓሣ፡፡

ሰላም፡ለጥምቀትከ፡በዘቦቱይነጽሑ፡፡ኃጣውአሰብእ፡ዘዘዚአሁ፡፡አመ፡ላዕሌከ፡እግዚኦ፡አእዳወዮሐንስተሰፍሑ፡፡ሶበ፡ርእዩከ፡ቀላያት፡ደንገጹ፡ወፈርሁ፡፡ማያትኒ፡በርእስከ፡ፈልሑ፡፡

በዝንቱበዓልዘያሜንንወይነ፡፡ወዘያረስዕኀዘነ፡፡ንዑ፡ንትፈሣሕ፡እንዘናረትዕ፡ልሳነ፡፡ዘኢያስተርኢ፡ኅቡእ፡እስመ፡አስተርአየ፡ለነ፡፡እሳትበላዒአምላክነ፡፡

Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Dhaloota Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos

Damissee Jamaaneetiin kan hiikame

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhaloota lama akka qabu Kitaaba Qulqulluufi barumsa Duuka bu’ootaa bu’uureffachuun Manni Kiristaanaa keenya ni barsiifti. Kadhannaa Amantaa (ጸሎተሃይማት) keessattis “ ወነአምንበአሐዱእግዚእኢየሱስክርስቶስወልደአብዋሕድ . . . ዘተወልደወአኮዘተገብረ . . ተሰብአወተሠገወእመንፈስቅዱስወእማርያምእምቅድስትድንግል – Ilma tokkicha Waaqayyoo Abbaa kan ta’e Gooftaa tokko Iyyesuus Kiristoositti ni amanna . . . kan dhalate malee kan uumame miti . . .gocha Afuura Qulqulluutiin Qulqulleetti Dubroo Maariyaam irraa dhalate; Namas ta’e” jechuudhaan dhugaa ni baana. Kunis inni jalqabaa Iyyesuus Kiristoos addunyaan dura haadha malee Waaqayyo Abbaa irraa; addunyaan booda ammoo abbaa malee Haadha Isaa Dubroo Maariyaam irraa dhalachuu Isaa kan agarsiisudha. Addunyaa dura Abbaa qofa irraa dhalachuu Isaa Kitaabni Qulqulluu dhugaa nuuf baha (Yoh. 1:34, Mat. 3:17, Mar.9:7, Mat 16:16).

Barreeffama keenya kana keessatti gadi fageenyaan kan ilaallu dhaloota Isa lammataa Haadha Isaa Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalate ta’a. Bara gidiraa jedhamee kan beekamu barri badii xumuramee raajicha Isaayyiyaasiin “Mucaan nuu dhalate, Ilmis nuu kenname, aangoon hundis gateettii Isaarra ni ta’a. Maqaan Isaas Dinqii, Gorsaa, Waaqa jabaa, Abbaa bara baraa, hangafa nageenyaa jedhamee waamama”(Isa.9:6) jedhamee kan dubbatame  xumura argatee Gooftaan Iyyesuus Kiristos guyyaatti dhalate kun hidhaan gabrummaa guyyaatti hiikamefi bara fayyinaa jedhamee guyyaatti dubbatamedha.

Waaqayyo Gooftaan nama erga uumee booda namni badii waan hojjeteef duuti itti murtaa’ee ture. Dhalli namaa waan gaarii hojjetee bakka isaa duraa Gannatatti deebi’uu waan hin dandeenyeef Waaqayyo Gooftaan jaalala namaaf qaburraa kan ka’e akka kufetti dhiisuu hin barbaadne; waadaa faayyinaa galeefi malee. Waadaan kunis “guyyaa shaniif walakkaa booda dhufeen dhala dhala keerraa dhaladheen si fayyisa” kan jedhu ture. Waadaasaas osoo hin hanqisiin sadan Waaqa tokko keessaa, Ilmi Iyyesuus Kiristoos Addaamiin fayyisuuf   samiirraa gad bu’uun Dubroo Maariyaam irraa baroota 5,500 booda gaafa Mudde 29 magaalaa Daawit Beeteliheemitti dallaa horii keessatti dhalate.

 

“Waaqayyo guyyaan hojjete ishee kana, isheettis haa gammadnu” (Faar. 116:24). Guyyaan kun guyyaa fayyinaati; fayyisaan biyya lafaa Kiristoos dhala namaa fayyisuuf dallaa horii keessatti argameerati. Guyyaan kun guyyaa gammachuuti; Qulqulluun Gebri’eel “kunoo uummata hundaaf kan ta’u misiraachoo isinittan himaati hin sodaatiinaa” jechudhaan guyyaa itti dubbate waan ta’eef. Guyyaan kun guyyaa galataati; sababiin isaas namniif ergamootni tokkummaan galata Waaqaaf guyyaa itti dhiyeessan waan ta’eef.   Guyyaan kun guyyaa mul’achuu Gooftaati. Waa’ee dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos dursanii raajonniif abbootii hedduun dubbachaafi fakkeenya Isaa hubachaa turani (Uum. 22:18, Kees. 18:15, Dan. 9:25,1Sam. 16:1-13, Faar. 44:10-12, Faar. 10:3, Isa. 7:14, 9:6). Raajiin Raajoota maraa kunoo dhalachuu Gooftaatiin raawwii argateera!

“Bara sanatti Addunyaan hundi akka barreeffamuuf Awugisxoos Qeesaar irraa ajajni bahe. Namni hunduu barreeffamuuf gara magaalaatti bahe. Yooseefis   Daawitiif fira waan ta’eef Naazireet Magaalaa Galiilaatii ka’ee Beeteliheem gara jedhamtu magaala Daawitiitti ulfooftee kan turte kaadhimaa isaa Maariyaamii faana barreeffamuudhaaf bahe. Achi osoo jiraniis yeroon da’umsa ishee gahe. Ilma ishee hangafaas deesse. Quba Isaa isa guddaas hiite, huccuus itti marte. Keessummootaaf bakki bultoo waan hin turreef dallaa loonii keessa ciibsite. Harreefi saawwan yeroon isaa qorraa waan turef akka itti hin qorrineef afuura isaanii kennaa dhiyeessaniif. Raajiin “Harreen gooftaa isaa bare, sawwanis dallaa abbaa isaa bare Isiraa’eel garuu Gooftaa isaa baruu hin dandeenye” jedhame ni raawwate (Isa.1:3).

Gooftaan Beeteliheemitti maaliif dhalate?

Beeteliheemiif raajiin dubbatame waan tureef gooftaan Beeteliheemitti dhalate. Raajichi Miikiyaas bakka biraa barsiisaa oolee gara dhihaa karaa balbala Beeteliheem darbaa osoo jiruu Beeteliheem diigamtee, caccabdee, muujjaan irratti biqilee waan argeef gadduudhaan akka fayyisaan (Gooftaan) ishee keessatti dhalatu dubbateef (Miik.5:2).

Moototni baha fagoo akkamitti dhagahanii kennaa fidanii dhufani?

Abbaan ogeessota kanaa beekaa falaasmaati. Guyyaa tokko qarqara lagaa taa’ee hojii falaasamaa isaa hojjechaa osoo jiruu ol samii gaafa ilaalu urjii irratti dubreen ilmashee hammattee fakkiin ishee ka’ee arge. Yeruma sana fakkii sana bocee kaa’uun dulloomee du’uuf gaafa ga’u ijoollee isaatiin “samiirratti mallattoo urjii fakkii kana fakkaatu yoo agartan yeroo sana uumaan biyya lafaa ni dhalata waan ta’eef kennaa kana geessaa laadhaafi” jedhee ajajee ture (Andimtaa mat. 2:1-14). Ogeessonni sadan kunis yeroo booda mallattoo urjii kanaa gaafa argan warqee, Ixaanaafi karbee fudhatanii deemsa isaanii jalqabani. Waggaa lama boodas urjiin sun isaan dursaa, isaanis “mootiin biyya lafaa eessatti dhalate?” jechaa gaafachaa dhufanii Beeteliheem gahanii Gooftaa haadha Isaa Maariyaamii waliin arguun Baay’ee gammadanii erga sagadaniif booda kennaa harka fuudhii dhiyeessaniif.

Raajiin “Moototni Tarseesiifi cittuuwwan lafaa kennaa siif dhiheessuu; moototni Saabaafi Arabaas kennaa harka-fuudhii sii kennu”(Faar. 71:10) jedhus haaluma kanaan raawwate.

Kennaaleen isaan Gooftaaf dhiyeessan iccitii maalii qabu?(Andi.mat 2:1-14)

Warqee: warqeen qulqulluudha; Atis Waaqa qulqulluudha, akkeenya qulqullummaa qabda, akkuma warqeen qulqulluu ta’e warreen sitti amanan hunduu hojiifi amantiin qulqulloota ni ta’u jechuufi dha.

Ixaana: Ixaanni ni urgaa’a, fooliin isaas namatti tola. Suraafeel xinaa isaaniin teessoo kee ni aarsu, Atis urgooftuu qulqullootaa dha, luboonni yeroo hundaa kadhaa ittiin siif dhiyeessu jechuu isaaniti. Ixaanni urgooftuu akkuma ta’e Atis akkeenyaan urgaa’aadha, warren sitti amanan hunduu urgooftota hojii gaariihojjetan jechuudhaafi.

Karbee : karbeen wanta cabe lama kan deebisee walitti hidhu dha; Atis Addaam kan garee ergamootaa irraa foxxoqee bahee ture ergamoota faana tokko taasista jechuu isaaniiti. Karaa biraaniis yeroo booda yihuudonni hadhooftuu si obaasu, karbee siif dhiyeessu jechuu isaaniiti.

Dhalachuu Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos keessatti kanneen nama ajaa’ibsiisan keessaa muraasa:

  • Waaqayyo akkeenyaan abidda ta’e nama ta’ee qaama namaan tuqamuu Isaa.
  • Dubroon Maariyaam dubrummaan ulfooftee dubrummaan gooftaa dahuushee.
  • Kiruubeel teessoo Isaa baatanii sodaafi hollannaan kan galateeffatan warreen tuffataman (tiksitoota horiin) galateeffatamuusaa.
  • Gooftaan Tsirha-aariyaam (samii) keessa jiraatu dallaa horii keessatti dhalachuu Isaa.
  • Qaamni Isaa abidda, huccuun Isaa abidda ta’e gooftaan yommuu dhalatetti qorraan dhaamotee ho’a afuura horii fedhuu Isaa.
  • Namootni ogeessonni biyya fagoofi daandii hin beekne keessa deemanii mallattoo urjiidhaan dursamaa Beeteliheem dhufuun Isaaf sagaduun isaanii dinqii dha.

Egaa walumaa galatti dhaloota gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosiin addunyaan dukkana keessa ture ifa argateera; seexanni hedduu rifateera; namniif ergamootni tokkummaan Waaqayyoof galata dhiyeessaniiru; samiirratti kiruubeel teessoo Isaa kan baatan dallaa horii keessatti Yoseef, Seloomeen, tiksitoonni, sawwaniifi harreen akka kiruubeel teessoo isaa fuulduratti tajaajilaniiru; Waaqni samiifi lafti hin dandeenye dallaa horii keessatti waan dhalateef namoonni, Ergamoonnifi horiin tokkummaan galateeffataniiru. Nutis hundi keenya guyyaa fayyinaa kana yaadachaa Waaqayyoon galateeffachuu qabna.

Dhalatee kan nu fayyise Waaqayyoof galatni haa ta’u; Ameen!

v  Madda : Andimtaa Macaafa Maatiwoos 2:1-14

           ፡ Hamerii bara 2008 muddee barreeffame.

Sooma Raajotaa

Sooma Raajotaa

Sooma jechuun yeroo murtaa’eef nyaatotaafi dhugaatiiwwan bu’aa beeladaa ta’aniifi nama macheessan iraa lagachuu jechuu dha. Isaan kunis foon namaa gabbisuun cubbuutti kan nama saaxilaniifi mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf kan uumamte lubbuu keenya kan daandiisaarraa fageessani dha. Qulqulloonni qaama isaanii dadhabsuuf kan soomaa turan ,nyaatni biyya lafaa foon namaa gabbisuuf malee lubbuu keenyaaf akka faayidaa hin qabne hubatanii jiru. Kanumaaf Qulqullichi Daawit faarsasaa keessatti soomaan of dadhabsiise; qaamni koos dhadhaa dhabuun huqqate” jechuun kan barreesse (Faarsa 108/109:24)

Soomni ajaja jalqabaa ta’uun abbaa keenya Addaamiifi haadha keenya Hewaanitti kan himame dha. Bara Gannata keessa turan baala du’aaf isaan saaxiltu sana akka hin nyaanne itti himamee ture. Yoo isheerraa nyaatan du’a bara baraa akka du’an dhagahanii turan, garuu kana darbuun nyaachuun duuti isaan booji’e.(Uuma. 2:16). Warri seera Waaqaaf abboomamuun soomaa turan balaafi du’a jalaa baraaramaniiru. Qulqulluu Iziraanis diinota karaatti isaan eegaa turanirraa Waaqayyoo isaan eegaa akka ture, kadhaa isaan kadhatanis akka Gooftaan isaan dhagaye nutti hima.(Izi.8:21-23).Kana malees Qulqullichi Iyyu’eel raajiisaa keessatti “Sooma ulfeessaa” jechuun nuu dhaameera (Iyu.2:1).

Raajonnis ta’an Dduuka bu’oonni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos ajajuma kanarratti hundaa’uun soomaa turan. Soomuun isaanii ammo fooniin gaddanii, gammachuu lubbuu gonfachuun cubbuu mo’achuu danda’aniiru. Uummatnni Nanawee sababa soomaan du’arraa akkuma baraaraman, nutis akkuma uummata sanaa yoo qalbii jijjiirrannee laphee cabeen soomne du’arra ni bararamna. Abbootiin keenya waa’ee soomaa akkana jechuun ibsu: “Soomni haadha kadhannaa, obboleettii callisuu, burqaa imimmaan qalbii jijjiirrachuu isa dhugaafi hundee eegala qabsuura hundaa ti” (Kitaaba Monoksootaa, 316). Walumaa galatti, Soomni ajaja Gooftaa keenyaa waan ta’eef akkuma warri qulqullummaan soomuun fayyadaman sana nutis yoo soomne faayidaa arganna.

Gara ka’umsa keenyaatti deebinee waa’ee sooma raajotaa haa ilaallu. Raajotni hundumtuu ajaja isaaniif kenname hojiirra oolchaa otoo daandii Waaqayyoorraa adda hin bahiin tajaajilaa turaniiru. Kaayyoon soomasaanii inni guddaan waa’ee nama ta’uu Waaqaayyoo arguuf hawwuudhaani. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Addaamiifi ijoolleesaa fayyisuuf “samiirraa bu’een, dhala dhala keerraa dhaladheen si fayyisa” jedhee waadaa galuun abdii laateefii ture. Fiixaan bayiinsa waadaa kanaaf Gooftaan keenya samiirraa bu’ee foon haadha keenya Qulqulleettii Qulqullootaa Dubroo Maariyaamii uffatee nama ta’uun ni dhufa, ni dhalatas jedhanii abdiifi obsaan waan eeggachaa turaniifi dha.

Abdiin isaaniis otoo hin fashaliin akkuma qalbii qulqullummaatiin soomaa turan sana, Gooftaan keenyas isaan hin qaanessine; akkuma tokkummaan walii galuun sooman, kadhannaan isaanii dhagahamee guyyaa dhumaa baatii Mudde, Beeteliheem dallaa Loonii keessatti dhalate. Raajotni baatii tokkoofi walakkaaf soomaa Dhalachuu Gooftaa keenyaaf mi’aa addunyaa kana irraa of lagan. Nutis kana hubannee yoo hojiirra oolchinee Waaqayyoon tajaajillee sugaafi eebba isaatiin fayyina arganna.

Waan gaarii hawwuun, foonsaanii abboomaa badhaasa afuuraa bor argachuu danda’aniif of qopheessaa turan. Nyaata foonii beela’uun dhalachuufi nama ta’uu fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos arguuf ija afuuraan ilaalaa turan; boodarra isaan du’aan daangeffamanillee dhalachuunsaa dhugaa ta’eera. Kan isaan daawitii raajiin arganii dubbatan ifa ba’ee mul’ate; dirreen Beetelheemis ililleettiifi gammaachuun guutamte.

Akka dudhaafi barumsa mana Amantaa Ortodooksi Tawaahidoo Itoophiyaatti, baatiin sooma Raajotaa kutaalee adda addaa ni qaba. Keessumaayyuu, torbeewwan sadan guyyaa Dhalootaa dura jiran moggaasa adda addaa ni qabu:

  1. Lallaba (ስብከት) Faarsa 143:7
  2. Ifa (ብርሃን)
  3. Tiksee (ኖላዊ) (Faarsa 79/80:1) Noolaawii jechuun afaan gi’iiziin tikee jechuu dha. Gooftaan keenya halkaniifi guyyaa hamaa hunda irraa kan nu tikisu ta’uu kan itti lallabamudha.

Hangafni Raajotaa Museen soomuun ajajawwan kurnan Waaqayyoorraa fudhachuuf carroome, Nahiimiyaanis Gooftaa samii fuulduratti soomaa ture (Nah.1:4). Soomni nyaatawwan gosa fooniifi dhugaatiiwwan cubbuuf nama kakaasan qofaa lagachuu otoo hin ta’iin badiiwwan hundumaa raawwachuufi fagaachuu irraas ta’uu qaba. Qulqullichi Yaareedis ይጹምዐይንይጹምልሳን፥ዕዝንኒይጹምእምሰሚዐሕሱምበተፋቅሮ፤jaalala bu’uureffachuun ijji waan hamaa arguurraa haa soomu, arrabni hamaa dubbachuurraa haa soomu, gurris hamaa dhagahuurraa haa soomu››jechuun ibseera (Tsoome Digguwaa).

Akkuma Raajotni waan gaarii barbaachaaf soomaan Waaqayoo fuulduraatti eebba argatan sana nutis sooma dhugaa soomnee akka eebba Gooftaa keenyaa argannu Inni nu haa gargaaru. Sugniifi Eebbi Raajotaa hunduma keenyarra haa bulu. Ameen.

Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuun Adaamaa Manneen Amantaa misoomaan akka of danda’aniif carraaquun akka barbaachisu ibse!

Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuun Adaamaa Manneen Amantaa misoomaan akka of danda’aniif carraaquun akka barbaachisu ibse!

   Warquu Baqqalaatiin

(Kutaa Miidiyaa Wiirtuu Adaamaa)

Godina Shawaa Bahaa magaalaa Adaamaatti Waldaan Qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa Onkololeessa guyyaa 06, 2009 A.L.I tti oduu gadaamotaa qopheessuu irratti mari’ateera. Walgahiin marii kanaa ganama sa’aatii 3:30 irraa kaasee hanga 5:30 ti kan ture yoo ta’u, jalqaba irratti seensa marichaafi kallattii marichaaf kan ta’u barumsi wangeelaa mata duree “kan isiniif kenname jabeessaa eeggadhaa”jedhuun kennameera. Barsiisaa Geetaachoon lallaba kana keessatti kan nuuf kennamteefi bara baraaf qabeenya keenya taatee jiraattus mana amantaa ta’uu ishee ibsaniiru.

Hirmaattota Waltajjichaa Muraasa

Haaluma kanaan sagantaa ciree booda immoo Piroopoosaalli saganticha qopheessuuf qophaa’e Walitti qabaa Waldaa qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa kan ta’e barsiisaa Geetinat Asiraatiin dhiyaateera. Kaayyoon sagantaa kanaatis gadaamonni godina Shawaa Bahaa keessa jiran hundi isaanii misoomaan akka of danda’an, Wiirtulee leenjii lubootaa haaraa hundeessuufi tajaajiltoota Afaan Oromootiin tajaajiluu danda’an horachuuf akka ta’es ibsameera. Kaayyoo kana galmaan gahuuf Abbootii mana amantaa kan ta’an luboonni, manneen barnoota Dilbataa,waldaaleen hafuuraawaa adda addaafi maanguddoonni nannawaa illee dammaqinaan akka itti hirmaachuu qaban waamichi taasifameera.

Dhuma irratti hirmaattotni marii kanaasagantaa qophaa’e irratti yaada erga kennanii booda karoora kana galmaan gahuuf carraaqqichi koree miseensota shan qabuun akka durfamu, waltajjiin kunis ji’a ji’aan akka gaggeeffamu murteessuun sagantichi xumurameera.

                                                                                  

Dubartii Ilma Dhiiraa deesse ni ariyate

Dubartii Ilma Dhiiraa deesse ni ariyate.

(Mul.12:13)

Mata dureen kun waa’ee godaansa haadha keenya dubroo Maariyaam irratti xiyyeffatee kan barreeffamedha. Kanaan dura barullee Hamar waggaa 18ffaa lakkoofsa 7 irratti amaariffaan barreeffamee kan dhiyaate yoo ta’u barbaachisummaan isaa baay’ee waan ta’eef afaan oromootti hiiknee dhiyeessineerra. Kan gara Afaan Oromootti hike Dn. Zannabaadha. Barreeffamni kun baruullee dhangaa Lubbuu waggaa 1ffaa lakkoofsa 2 irratti kan bahedha. Dubbisa gaarii

 

 

Abbaa mul’ataa kan jedhame qulqulluu Yohaannis Ilmi qaqawwee bakkee lafa bishaaniin marfamtee jirtu, Fixmoottii hidhaarra( to’annaa) jala osoo jiruu Godaansa Giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam mul’ataan argee “Jawwichis akka lafarratti darbatame yoo argu dubartii Ilma dhiiraa deesse ni ariyate” jechuun diyaabiloos Heeroodsirra buluun haadha keenya akka ariyate barreesseera.( Mul. 12:13-15)

Bara diyaabiloos inni jawwee jedhamu Heeroodsirra bulee haadha keenya ariyate yoo ibsu bara tokko ( waggaa tokko), baroota (waggaa lama), walakkaa baraa (ji’a jaha) waliigalatti waggoota sadii fi ji’a jahaaf gara bakka itti eegamtutti akka balaliitu dubartittiif koochoo lama kennameef jechuun ibsa. Koochoo lama kan jedhaman qulqullummaa foonii fi qulqullummaa Lubbuuti. Haati keenya qulqullummaa kana lamaanuu qindeessitee kan argamte waan taateef.

 

Haadha keenyarratti yeroo godaansaa sana rakkoo fi gidiraan baay’een ishee irra gaheera. Abbaan Gabra Maariyaam yeroo godaansaa, gadda, boohichaa fi gidiraa ishee irra gahe ilaalchisee barreeffama isaa Gadda durbee ( Saqooqawa Dingil) jedhamu irratti ibsu:-“ Aduu (biiftuu) kan uffattu ilmoo ifaa yaa qulqulleettii dubree Maariyaam Ilma kee Heeroods isa hamaa sana duraa yeroo dhoksitetti rakkoowwan sirra ga’an baay’ina deemsaa fi gubiinsa cirrachaa miilli kee addeessa kaawwatan akka bilchaatan yeroo dhaga’amu namini haa hafuutii dhagaan illee kan boohuu qabudha ture.” Jechuun ibseera.

Mana kiristaanaa Ortodooksi Tawaahidoo godaansa haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamiifi kan Ilma ishee Isa fayyisaa addunyaa ta’ee waggaa waggaadhaan Fulbaana 25 hanga sadaasa 6 tti Soomaa fi kadhannaan ni yaaddatama. Sooma kanas sooma Tsigee (sooma Abaaboo), ji’a isaas ji’a   (waqta) Tsigee (Abaaboo), galata yeroo kana keessa dhiyaatus galata (Maahileeta) Tsigee jedhamee beekama; kanaaf manni kiristaanaas yeroo kana soomaan, galataan kabajji. Yeroo kanatti qiddaaseen (sirni qulqulleessaa), faarfannaan adeemsifamu godaansa haadha keenyaa kan nama yaaddachiisudha. Kana bu’uura taassisuun uummanni kiristaanaa baay’een ji’a tsigee soomaa fi kadhannaadhaan dabarsu.

                    

Haati keenya Maalif godaante?

Mootiiwwan bahaa eebba (barakata) dhaloota irraa akka hirmaattu carraa argatan mootii samii isa dhugaa Iyyasuus Kiristoosiif galchaa galchuuf humna kumaatama baay’eetti lakkaa’amu hordofsiisuun “Mootiin yihudaa dhalate garami? Isaaf sagaduuf dhufneerra” jechuun baha irraa gara Iyyarusaaleem dhufan(Maat.2:1-2). Bara sanatti Israa’eel bulchaa kan ture Heeroods kana dhagahee nahe; sababiin isaas mootummaasaa garagalchuun Israa’eel bittaa Roomaa Jalaa bilisa waan baasu waan itti fakkaateefi.

 

Hangafoota Lubootaa walitti qabee Kiristoos kan dhalatu yoomii fi eessatti? Jechuun gaafate. Isaanis Raajichi Miikiyaas “Beeteliheem yaa Efraataa ati kumaatama Yihudaa keessaa ta’uuf xiqqoodha; garuu si keessaa bahiinsi Isaa duraa eegalee kan bara baraa kan ta’e, Israa’eel irratti mootii kan ta’u naaf baha” jedhamee raajiin dubbatamuu isaa itti himani. (Mik.5:2)


Heeroods warra ogeessotaan (sabaa sagaliin) barri urjicha itti arganii fidaa’imni itti dhalate hangam akka ta’e gaafate. Deemaatii daa’imicha yoo argitan anis akkan sagaduufiitti deebi’aa natti himaa jedheenii addaan bahani. Isaanis urjii hordofuun Beeteliheem gahani. Daa’imicha arganii baay’ee gammadani. Adda isaaniitiin gombifamanii sagadaniif; saanduqa isaanii bananii warqee, ixaanaa fi karbee galachaniif.

Sabaa sagal (ogeeyyonni) haadha keenyaan eebbifamanii gara biyya isaaniitti yoo deebi’an karaa Heeroods akka hin deemne ergamaan Waaqayyoo waan itti himeef karaa biraan (karaa amantaa biraa) deebi’aniiru. Karaa daandii biraa waggaa lama isa deeman guyya afurtama deemaniiru. Karaa biraa iccitii guddaa deebi’uu isaanii, akka beekumsa Waaqayyootti dhaloota Isaa warra hin dhageenyeef dhaggeessisaa akka darbanii fi amantaan akka babal’atuuf. Sababa kanaaf jecha biraatiin “Garam jira?” jechaa dhufanii “ Argineerra” jedhanii “Mootii Yihudaati” kan jedhaniin “Waaqayyodha” jechaa deebi’aniiru.

Deebi’uu saba ogeessotaa (sabaa sagal) hawwiidhaan eegaa kan ture Heeroods akka isa goyyomsan yoo baru Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin kan argate itti fakkaatee daa’imman waggaa lamaa fi sanaa gadii Beeteliheemii fi godinasaatti argaman kuma afurtamii afur seefiin fixe. Yeroo sana raajicha Eermiyaasiin “ sagaleen Raamaatti dhaga’ame; Raaheel ijoollee isheef booyicha baay’ee boocheef” jedhamee raajiin dubbatame xumurame.(Er.31:15; Mat.2:17-18; Mul. 14: 1-4; Sinkisaara amajii fuula 558)

Seefiin Heeroods Daa’imicha, Amaanu’eel argachuu hin dandeenye. Waaqayyo kan garaa beeku, ergamaa Isaa ergee Yooseefiin “Heeroods daa’imicha ajjeesuuf barbaada; ka’iitii daa’imichaa fi haadha Isaa fudhadhuu gara biyya Gibxiitti deemi; hangan sitti himutti achi taa’i jedheen (Maat.2:13). Innis ijji koo dadhabe,jilbi koo hadoode jedhee sababa osoo hin uumiin oolee osoo hin buliin halkanuma sana ka’ee Saloomee of duuka buusuun gara dachee Gibxiitti godaane.

Haati Waaqayyoo gara Gibxiitti maalif

Godaante?

Haati keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam Heeroods mucaa Ishee akka jalaa hin ajjeesne Yooseefii fi Saloomee wajjin dachee Afrikaa kan taate Gibxitti godaante. Gooftaan keenya gara Gibxiitti kan baqateef akka dubbisa gubbaa irraa hubannutti bara isaattiif darbiinsa, mootummaa isaatiif aangoo irraa bu’uu kan irra jiru; dadhabaa kan ta’e Heeroods jalaa baqachuuf qofa osoo hin taane iccitiiwwan biro jiru. Isaanis:-

Raajicha Xumuruuf

Raajichi Isaayiyyaas Kiristoos gara Gibxii bu’uu Isaa “ Kunoo Waaqayyo duumessa saffisaa balali’uun gara Gibxii ni dhufa” jechuun akka dubbate raajicha raawwachuuf gara dachee Gibxiitti dugda haadha keenya Dubroo Maariyaamiin baatamee baqate. (Isaa.19;1-2). Raajichi Hoosee’is “ Ilma koo Gibxi irraan waame” akka jedhe. (Hose’i.11:1) waamamuuf dursa deemuun (baqachuun) irra jiraatii. “Ilma koo Gibxi irraan waame” kan jedhu yeroof Yaa’iqoobiif yoo ta’u, dhumni isaa Waaqa Yaa’iqoob Iyyasuus Kiristoosiif kan dubbatamedha.

Godaansi haadha keenyaa gara Itiyoophiyaatti kan ta’e ture. Raajii kanas dursee raajicha Imbaaqoomtu dubbate. “Waaqayyo teemaanirraa, qulqullichi gaara faaraanirraa ni dhufa; kabajni isaa samiiwwan haguugeera, galatni Isaas dachee uwwise; ifti Isaa akka ibsaati; carallaan harka Isaa irraa baheera, humni Isaa achitti dhokateera…. Daandiin Isaa kan bara baraati, dunkaanni Itiyoophiyaa yeroo dhiphatan arge” jedheera. (Inb.3:3-7) Bu’uurri raajii Isaa gaara faaraa kan jedhamte haadha keenya yoo taatu,gaara faaraa irraa ni dhufa kan jedhame immoo Iyyasuus Kiristoosi. Dunkaanichi bakkee boqonnaa Godaantotaati. Kana waan ta’eefi himni “Dunkaanonni Itiyoophiyaa yoo dhiphatan arge” jedhu godaansa haadha keenyaa gara Itiyoophiyaa ta’uu isaa agarsiisa. Kanaaf raajii kana raawwachuuf godaanuutu irra ture. “ Raajiin dubbii dursa” akka jedhu.

 

 

Fakkeenya raawwachuuf

Gibxi Abbaan saba hedduu Abrahaam kan itti baqatedha. “Beelli dacheerra qaqqabe; Abrahaam keessummaa ta’uuf gara Gibxiitti Godaane” akka jedhu (Se.Um.10:2-10). Yooseef garba ta’ee biyya itti gurguramedha. “ Yooseef Gibxitti hoogganaa human waraanaa Far’oon, hoogganaa waardiyyootaa Phiixifaaraatti gurgurame” (Se. Um.37:36). Israa’eel wanjoo garbummaan waggoota dhibba afuriif biyya itti bitamanidha (Hoj.du.7:6)

Abboonni raajonni godaansi gara biyya Gibxiitti godaanan fakkeenya akka ta’e hubachiisuufi fakkeenyicha raawwachuuf Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos qulqulleettii dubree Maariyaam wajjin gara Dachee Gibxiitti godaane. “Ani seeraafi raajiiwwan jijjiiruu kanan dhufe isinitti hin fakkaatiin raawwachuuf malee” akkuma jedhu (Maat.5:17)

 

 

Waaqeffannaa waaqa alagaa ( hark tolchee) balleessuuf

Gibxi biyya Waaqeffanaan hark tolchee itti babal’atee turedha. Waaqa hark tolchee waaqeffachuu isaaniitiin uummanni baay’een rukutameera (Se. Ba’uu. 32:1-35). Bu’uura raajicha Isaayiyyaasiin “Hark tolcheen (Xaa’otiin) Gibxii fuuldura Isaatti ni burkutaa’u (hollatu)” jedhamee dubbatameen waaq harktolchee Gibxii balleessuuf godaane (Isaa.19:2). Waaqota hark tolchee achi turanis ni balleesse.

Godaansi haadhaa fi Ilmaa isa Leencaan fakkeeffameefi boodarra ka’e Qulqulluu Maarqosiin gargaareera. Bara qulqulluu Maarqositti Gibxiitti waaqota dhalaa leencota dhalaadhaan, waaqota dhiiraa ammo leencota dhiiraan fakkeessuun bocanii waaqessu turani. Qulqulluu Maarqos Leencaan fakkeeffamee dachee Gibxii waaqeffannaa Waaqayyoo irraa qullaa dhaabataniin “Hangafni Wangeelaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi” jedhee yoo barsiisu uummata Kiristaanaatti dheekkaame; seexannii fi shakkitoonni ni nahani.

Qulqulluun Maarqoos waaqeffattoota waaqa hark tolchee osoo hin sodaatiin akka Leencaa ta’ee moototaa fi uummata waaqa hark tolchee (xaa’otii) waaqeffachaa turan waaqeffannaa horii (Saawwanii) laayyoo (faayida dhabeessa) ta’uusaa barsiisuun waaqota hark tolchee Leencaa biyya Gibxii turan barumsaan balleesseera.

 

Qulqulloota Wareegamtoota maqaa Isaatiin ka’aniif godaansa eebbisee kennuuf

Godaansi dhugaaf jecha Kiristoosiif jecha gidiraa fudhachuudha. Godaansa godaanee eebbisee Ilma namaaf kan kenne Ilma Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoosidha. Maqaasaan qulqulloota wareegamtoota ta’aniif eebbisuuf Gibxitti godaane. Wareegamummaan, ibiddaan gubachuu, albeen muramuu qofa osoo hin ta’iin amantaa isaaniif, mana kiristaanaa isaaniif jecha biyya dhiisanii godaanuu waan ta’eef Iyyasuus Kiristoos lallaba garaatiin “dhugaaf jecha kan godaanan kan eebbifaman; mootummaan Waaqayyoo kan isaaniiti” (Maat.5:1) akka jedhe barachuuf, barsiisuuf, addunyaa dhiisuuf,qalbii jijjiirrannaaf, akkasumas sababa amantaaf warri biyya isaanii dhiisanii Godaanankan eebbifamani.

Kana irraa kan hubannu qulqulloonni abbootiin keenya dhugaaf jecha wareegama isaan kanfalanidha. Duukaabu’oonni, bara isaaniitti Kiristoosiin lallabuuf godaananiiru. Amantootni warra hin amannee irraa gara mamantootaatti, mana waaqan hark tolchee irraa gara mana kiristaanaatti, foonummaa irraa gara afuurummaatti dhufuuf foon isaaniin gidiraa fudhataniiru; ibiddaan gubataniiru, seefiin muramaniiru, biyyaa biyyatti godaananiiru. Kana egaa kan eebbifamtoota isaan jechisiisee mootummaa Waaqayyoo isaan dhaalchisu. Kun hundi godaansa Gooftaa keenyaa fi godaansa qulqulleettii haadhasaan eebbifameera. Godaansi haadhaa fi Ilmaas kan darban gara duubaatti; kan dhufanis gara fuulduraatti deemuun dhugaaf jecha godaansa raawwatan hunda ni eebbisa waan ta’eefidha.

Gadaamota (kawaalota) Gibxii eebbisuuf

Gibxi keessa bakkeewwan qulqullaa’oo hedduutu jiru. Isaanis Dabra Qusqu’aam, dabra mixmaaq, kawaala Asxeeqs, kawaala sihaat, dabra Sooriyaan (Eefireem kan sooriyaa), Dabra abbaa Maqaars, Dabra abbaa Inxooniyoos…kkf jedhamuun bakkeewwan qulqullaa’oo beekaman hunda eebbisuuf gara Gibxiitti godaane.

                                         Gumaa Addaam raawwachuuf

Addaam gowwomee bakkee badhaadhinaa Gannata keessaa akka godaanu, addunyaa rakkinaatti akka godaanu kan taassise seexana /diyaabiloos/ nama walakkaa baasee ariyachuufi Addaamii fi ijoolleesaa bakka kabaja duraatti deebisuuf Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos gammoojjii fi ho’iinsa bakkee itti nama rakkisutti dachee Gibxiitrti godaane. Godaansa Addaam godaanuun gumaa baase.

Kadhannaan Giiftii keenya dubroo Maariyaam nu wajjin haa ta’u. Ameen!X