Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Ibsa Sinodoosii Qulqulluu irraa kenname

in Tibbana

Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti

Ibsa Sinodoosii Qulqulluu irraa kenname

Caamsa 14 Bara Gooftaa 2009

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen.

Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Walgahii dhaabbataan Sinodoosii Qulqulluu waggaatti yeroo lama akka ta’u ‘Fitih Manfasaawwii’ irratti haaluuma murtaa’een yaa’iin waliigalaa bara kanaa inni ‘Rikiba Kaahinaati’- [guyyaa 25ffaa Ayyaana Du’aa Ka’umsa booda jiru] Caamsa 1 hanga 14 Bara Gooftaa 2009 guyyoota 14’f mari’achaa tureera.

Haasawa saaqiinsaa ilaalchisees;

  • Tajaajiloota Hawwaasummaa Manni Kiristaanaa raawwachaa jirtu,
  • Sababa hanqina roobaan kan ka’e hongee kutaa biyyattii tokko tokkoo keessatti mul’ate waliin wal qabate lammiiwwan rakkataniif gargaarsa namummaa keennamuuf qaburratti,akkasumas
  • Mana Kiristaanaafi guddinabiyya keenyaaf karaa hundumaan kan tolu, kaka’umsa hojii uummataaf xiyyeffannoo taasisuun ergaa yaa’ii kana irratti darbuu qabu ta’uun beekamee akka wali galaatti murteen       gurguddoon darbaniiru; kanneen keessaa:
  1. Akkuma armaan olitti caqasametti, yeroo ammaa biyya keenya keessaa bakka tokko tokkotti hongeedhaan kan ka’e namoota beelaf saaxilaman gargaaruuf carraaqqii mootummaan gochaa jiru hubatameera. Akka Mana Kiristaana keenyattiis koomishiniin misoomafi gargaarsaa itti gaafatamumma fudhatee arjoomtota wajjin mari’achuun hojii gargaarsaa namoota hongeedhaan rakkatan akka gargaaru, kallatti gaggeessitootni nannoolee hongeen itti uumame kennaniin akka raawwatu Sinoodoosii qulqulluun murteessera.
  2. Sirnafi amantaa Mana Kiristaana keenyaan alatti walitti qabamuudhan barumsa gantootaa barsiisaa kan ture nama Assaggid Saahiluu jedhamu waggoota dheeraf barumsa shakkii facaasaa akka ture odeeffannon argameen dhugaa ta’uu isaa irraa geenyera. Kanaafuu, guyya har’aatii jalqabee maqaa Mana Kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyatiin akka hin barsiisne, hordoftoonni amantaa keenyaas barumsa isaa akka hin hordofne Caamsa sadi bara 2009 jalqabee kan foo’amee arii’ame ta’uu isaa Sinoodoosii qulqulluun murtee dabarseera. Hayyama Mana Kirstaanaatiin alatti maqaa Mana Kiristaanaatiin galma kireeffachuudhaan wangeela ni barsiifna, faaruus ni faarfanna jechuudhaan namootni sochii seeraan ala ta’e gaggeessaa jirani hundis hojii isaanii irraa akka of qusatan akeekkachiisaa, keessattuu dargaggootni Mana Kiristaanaa namoota haala kanaan seeraan ala socha’aa jiran akka hin hordofneefi namoota amantii keenya makuu barbaadan kana irraa akka of eegan Sinoodoosii qulqulluun cimsee akeekkachiisera.
  3. Waa’ee Dhaabbata Miidiyaa Mana Kiristaanaa ilaalchisee; Dhaabbatichi haala humna namaatiin cimuu, ergaa dabarsuunis qulqullina qabaachuu akkamiin akka danda’u ilaalchisee Sinoodoosii qulqulluudhaan mariin erga gaggeeffameen booda bajata bara 2010 tiif qarshii miiliyoona 12 (12,000,000.00) eeyyamudhaan akka itti fufiinsa qabaatu yaa’iin kun irrattii walii galeera.
  4. Biyya Iyyarusaalemitti Kawaalli Mana Kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa (waa’ee Deer-Sulxaan) ilaalchisee rakkoolee jiran irratti yaa’iichi bal’inaan erga marii’ateen booda, furmaata akka argatuuf Ministeera Dhimma biyya alaa Itiyoophiyaatiif, Itiyoophiyaatti Imbaasii Israa’eeliifi Israa’elitti Imbaasii Itiyoophiyaatiif xalayaan akka barreeffamuuf murteeffameera.
  5. Kitaaba sinkisaaraa gaafa Ebla 10 dubbiisamu irratti Kitaaba ‘Fitih Manfasaawwii’ keessatti “Namootni Itiyoophiyaa hayyoota isaani keessaa Phaaphaasoota ofii isaaniitiif akka hin muuddanne” kan jedhu, kabaja Mana Kirstaanaa akkasumas kabaja biyyaatif gaarii akka hin taanee ta’uu hubachuudhaan, barreeffamichis yeroo jaarra 7ffaa keessa abbootii Misiriin kan itti dabalame       waan ta’eef dubbisni kun kitaabicha keessaa akka ba’uufi gara fuulduraattis maxxansa irratti akka hin barreeffaamne murteen darbeera.
  6. Waa’ee muuda lubootaafi sirna Moloksummaa ilaalchisee murteewwan waggoota darban keessattti darban baay’een isaani rakkooleen raawwii akka isaan mudate hubachuun murtee gara fuulduraa eeggachaa, raawwiisaa hordofuun xiyeeffannon hojjetamuu akka qabu murtteeffameera.
  7. Hayyama malee lallabdoonnifi cuuphaa gaggeessitoonni Mana Kiristaanaa keessatti tajaajila akka hin kennine jechuudhaan kana dura murteen kan darbe ta’ullee, murteen kunis wanta hin kabajamneef rakkoowwan heedduun mul’achaa jiru. Ammas murteen kun jabinaan xiyyeffatamee akka kabajamu hordoffiin akka taasifamuuuf waliigalteerra gahameera.
  8. Maqaa Mana Kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatiin Finfinneetis ta’e kutaalee biyyattii adda addaa keessatti waldaadhaan gurmaa’anii Gadaamota doo’achiisuus ta’e hojii adda addaa kan raawwatan irratti to’annaa gaggeessuuf kan gargaaru qajeelfamni waldaaleen ittiin gurmaa’uu danda’an akka qophaa’u Sinoodoosii Qulqulluun murteesseera.
  9. Rakkooleen waliigalaa Mana Kiristaanaa ogeessootaan qoratamee akka dhiyaatufi akkuma duraan murteen darbetti qorannichi erga xumurameen booda yaa’iichi ilaale ogeessootni seeraafi hayyootni Mana Kiristaanaa erga ilaalaniin booda sirreeffamee yaa’ii waligalaa Sinoodoosii Onkololeessa bara 2010 gaggeeffamuuf akka dhiyaatu murteeffameera.
  10. Babal’insa lallaba Wangeelaa, barumsa Waldaalee Sanbataafi koolleejjota afuuraa jabeessuuf akkasuma manneen barnoota bu’uuraa qindeessuun bajata gahaadhaan akka deeggaraman taasisuun hojii ijoo Mana Kiristaana waan ta’eef, yaa’ichi bali’inaan erga irratti marii’ateen booda, haala lallaba Wangeelaafi qabiinsa barattoota kolleejjota afurawaa ilaalchisee hordoffii cimaan akka taasifamu murteen darbeera.
  11. Manni Kiristaana Ortodooksii Tawahidoo Itiyoophiyaa qabeenyafi hambaalee ishee kan ta’an abbummaadhaan eeguufi eegsisuu akka dandeessu ilaalchisee qorannoon dhiyaatee erga dhagahameefi mariin irratti erga gaggeeffameen       booda murtee xumuraa dabarsuuf Yaa’ii Sinoodoosii isa idileetiin ilaalamee akka dhiyaatu murteeffameera.
  12. Kutaalee lallabaa Abbootii eebbifamoota hin qabneef Eephisqophosoota ramaduuf jecha Qomosoota kaadhimaman ilaalchisee kanneen biyya keessaafi biyya alaa jiran keessaa Qomosootni 16 Ephiisqophosummaadhaaf filatamaniiru. Sirni muudama isaaniis Adoollessa 9 Bara Gooftaa 2009 akka gaggeeffamu murtaa’eera.
  13. Kutaalee Lallabaa biyyoota alaa keessa jiraniifi Ephisqophosoota hin qabne ilaalchisee Yaa’ii Sinoodoosii Isa Onkololeessa Bara 2010 irratti ilaalameefi qoratamee Abbootiin akka ramadaman akka taasifamu Sinoodoosii Qulqulluun irratti walii galeera.
  14. Baratootni Yunivarsiitiiwwan Godinaalee Oromiyaa torba keessatti argaman “barumsa Amantaa Afaan keenyaan akka hin baranneef       Waldaan Qulqullootaa       dhiibbaa nurraan gaheera” jechudhaan iyyata dhiyeessan ilaalchisee kutaaleen lallaba Yunivarsiitonni kanneen itti argaman dhimmicha bitaaf mirga isaa ilaaluun fuurmaata akka laataniifi wanta irra gahanis Sinoodoosii Qulqulluudhaaf akka dhiyaatu murtaa’eera.

Sinoodoosii Qulqulluun; qabxiilee murtii armaan oliitti ibsamaniifi dhimmoota gurguddoo isaan biroo irratti guyyoota 14’f marii’achaa turee Yaa’ii isaa kadhannaadhaan xumureera.

Waaqayyo Itiyoophiyaafi uummata ishee haa eebbisu

Galatni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen.

Abbaa Maatiyaas I

Paatriyaarkii Dursaa Hangafoota Phaaphaasotaa

Hangafa Phaaphaasii Aksuum, Icagee Teessoo Taklahaaymaanoot

Caamsa 14 Bara Gooftaa 2009

Finfinnee, Itiyoophiyaa

Hubachiisa:-kabajamtoota dubbistootaa; Waldaan Qulqullootaa bu’uura itti gaafatamummaa Sinoodoosii Qulqulluu irraa keennameefiin gaggeeffamaa baratootni dhaabbiilee barnoota olaanaa keessatti baratan barumsa Amantaa, Sirna Amantaa, Seenaa Mana Kiristaanaa, fi kkf akka baratan taasisaa turuun isaafi ammas tajaajiiluma kana irratti akka argamu ni beekama.

Tajaajila isaa yeroo jalqabu ; Barrulee, Gaazexaa, xobbee(flyers), Kitaabolee, VCD, Kaasseettii fi kkf fayyadamuudhaan Amaariffaatiin barsiisudhaaf kan isaaf dand’ame mara raawwachaa kan ture yommuu ta’u humni tajaajiltoota isaafi feedhiin Amantootaa erga dabaleen booddee immoo Afaan Oromootiin, Tigriffaan, Afaan Walaayittaa fi Afaan Ingilizziitiin tajaajilaa turuun isaa amantoota mara biratti dhugaa beekamu dha.

Sinoodoosii Qulqulluu murtii gaafa guyyaa Caamsa 14 Bara Gooftaa 2009 dabarse irratti Baratootni Yunivarsiitiiwwan Godinaalee Oromiyaa torba keessatti argaman “barumsa Amantaa Afaan keenyaan akka hin baranneef Waldaan Qulqullootaa dhiibbaa nurraan gaheera” jechudhaan komii dhiyeessan ilaalchisee dhimmichi akka qulqullaa’u murtee dabarseera; Waldaan Qulqullootaas qulqullaa’uu dhimmicha ni barbaada.

Wangeelli Mootummaa Waaqayyoo addunyaa mara keessatti akka lallabamuuf Waldaan Qulqullootaa itti gaafatamummaa Mana Kiristaanaa irraa fudhate sababa hanqina humnaa irraa kan ka’e gaaffiilee ka’an hunda dimshaashumatti deebisuuf rakkatullee Afaan dhagahaaniin akka hin baranne hin taasisne; gara fuulduraattiis hin taasisu.

Waldaan Qulqullootaa olola diinootni Mana Kiristaanaa Afaan sababeeffachudhaan “Amantaa Ortodooksii akka Amantaa uummata naannoo muraasaa” fakkeessuudhaan dubbachaa jiran waldichi bu’uura-dhabeessa waan duraa taasiseef diinootni kuni Mana Kiristaanaaf kan quuqaman, lubbuu amantootaatiif kan dhiphatan, barattoota Yunivarsiitiitiifis kan yaadan fakkaachudhaan daandii qajeelinaa irraa amantoota maqsuuf tooftaa qopheessan akka hin taaneef qulqulleessuun gaariidha. Kanaan alatti Waldaan Qulqullootaa baratootni Qooqa isaaniitiin akka barataniif wanta isaaf dand’ame mara raawwachaa turuu isaatiif hojiilee qabatamaawwan inni raawwatetu dhuga baha!

Hojiilee kana dura Waldaan Qulqullootaa Afaan Oromootiin raawwate keessaa muraasa isaanii caqasuuf:-

  • Kitaabolee haaraa Afaan Oromootiin qopheessee raabseera.
  • Kitaaboolii Afaan Gi’iizii, Amaariffaa fi Ingilizziitiin barreeffaman irraa gara Afaan Oromootti hiikuudhaan tajaajila irra akka oolan taasiseera.
  • Kitaabooli kadhaannaa ; Kadhannaa yeroo maraa, Galata Maariyaami, Galata Waaqaafi Seefii Sillaasee gara Afaan Oromoottii hiikuudhaan raabseerra.
  • Barrulee “Gubaa’ee Qaanaa” barattoota dhaabbilee barnoota olaana keessa jiraniif Ji’a sadiitti al tokko qophooftu gara Afaan Oromootti hikuudhaan raabsaa jira.
  • Amantoota hundaaf haala ta’uu dandeessuun barrulee “Dhangaa Lubbuu” ji’a sadiitti yeroo tokkoo maxxansuudhaan raabsaa jira.
  • Albamii Faaruu Afaan Oromo afur (4) qopheessuudhaan tajaajila irra oolchee jira.
  • VCD Barumsa adda addaa qaban akkasuma Afaan Oromootiin qopheessee raabsee jira.
  • Tajaajilaafi seen-qabeessummaa Mana Kiristaanaa naannoo Oromiyaa keessa jirtu ilaalchisee qorannaa adda addaa gaggeessuudhaan barreeffamoota qorannoo maxxanseera.
  • Barsiisota Afaan Oromootiin barsiisaniif leenjiiwwan yeroo gannaa marsaa 13’f kan kennee yommu ta’u bara kanattis leenjitoota 90 ol ta’aan leenjiisuuf qophii xumuree jira.
  • Sagantaa Televiizyinii Afaan Oromootiin qopheessuudhaan tamsaasaa ture ammas cimsee itti fufuuf qophii xumuree jira.
  • Toora interneetii (website) Afaan Oromootiin saaqee barsiisaa jira.
  • Yaa’ii ji’aa magaalaa Finfinnee keessatti haala adda ta’een qopheesse barsiisaa jira.
  • Wiirtuulee Waldaa Qulqullootaa biyya keessatti argamanfi Yaa’ii mooraa qaban 47 keessaa 38 keessatti sagantaa Afaan Oromootiin tajaajiilootni adda addaa; koorsii, Xoofoo, Sirna Kadhannaa, Qo’annaa Faaruu gaggeeffamaa jiru.
  • Naannoo Oromiyaa keessatti iddoo filataman irratti mana barnoota bu’uura amantaa banuudhaan Diyaaqonootni, Qeesootnifi barsiisotni Afaan uummataa beekan akka baay’atanifi tajaajila akka kennaniif jalqabbii gaarii agarsiiseera. Kanneen keessaa Godina Walaggaa Lixaatti Kawaalli Aabboo Qilxxuu Kaarraa fi Godina Jimmaatti Kawaalli Kidaanamiratii Abaltii fi manneen barnoota isaani akka fakkeenyaatti kan caqafamani dha.
  • Barreeffamoota adda addaa Barruulee eebbaa barattoota Yaa’ii mooraa irraatti Afaan Oromootiin qopheessaa tureera, gara fuulduraattiis kan ittii fufu ta’a.
  • Manneen barnootaa bu’ura amantaa naannicha keessatti argaman tajaajila kennaniin akka cimuu danda’aniif piroojaktii adda addaa qopheessuudhaan raawwachaa kan jiru yommu ta’u; barsiisootaafi barattootaaf deeggarsa qarshii taasisuudhaan tajaajiltootni Afaan Oromootiin tajaajiluu danda’an akka horataman ta’eera. Kanaanis Amantootni naannicha keessatti argaman Amantaa isaaniitiin akka ciman, manneen Kiristaanaa tajaajiltoota dhabuun cufaman saaqamu akka dand’aniif gumaacha guddaa taasiseera. (Manneen barnoota bu’uura amantaaa Kutaa lallaba [Godinaalee] Baalee, Baha Harargee, Boorana, . . . keessatti argaman caqasuun ni danda’ama.

Walumaa galatti Waldaan Qulqullootaa naannoolee biroo irraa haala adda ta’een Amantoota Naannoo Oromiyaa keessa jiraniif xiyyeeffannaa tajaajilaa kennuudhaan “Pirojektii Miidiyaa Afaan Oromoo” dhugoomsee, waajjira/kutaa haaraa saaqudhaan haala qindaa’een tajaajila kennaa akka jiru asumaan ibsuu barbaanna.

Haaluma wal qabateen gara fuulduraatti kanneen karoorfaman keessaa muraasa caqasuuf:

  • Guyya guyyaan Sagantaa TV afuurawaa Afaan Oromootiin jalqabu,
  • Sagantaa Raadiyoo afuurawaa Afaan Oromootiin eegaluu,
  • Barruulee Raadiyoo Ji’aan Qopheessuu,
  • Kitaabolee eeguumsa Amantaa irratti xiyyeeffatan Afaan Oromoon qopheessuu,
  • Kitaabolee garaa-garaa Afaan Oromootti hiikuu,
  • Kitaaboolii daa’immaniifi fiilmiiwwan afuurawaa qopheessuu,
  • Dargaggootni waa’ee Mana Kiristaana isaanii haalaan akka hubataniif Aplikeeshinii garaa-garaa qopheessuu,
  • Sagantaa Televiizyiniifi Raadiyoo keenya warreen hordofuu hin dandeenye, amantoota baadiyyaaf bakka jiranitti sagalee Waaqayyoo dhageessiisuuf Teeknoolojii ammayyaa salphaa ta’een garaaramuun barsiisu…. kan jeedhaman ni caqasamu.

Manni Kiristaanaa Amantootni afaan dhagahaaniin Waaqayyo waaqeeffachu akka danda’aniif sochii taasiisaa jirtu keessatti yeroo kanatti Kitaaba Qiddaasee gara Afaan Oromoottii hiiktee tajaajilarra oolchiteetti. Waldaan Qulqullootaas qaama Mana Kiristaanaa akkuma ta’uu isaatti kaayyoo ergama Mana Kiristaanaatiin ala ta’e hin qabu. Hanga humni isaa isaaf eeyyametti tajaajilli Afaan Oromootiin kennamu akka dagaaguuf adda-durummaadhaan hojiilee fakkeenya ta’uu dand’an raawwatee jira; gara fuulduraattiis kanumaan kan itti fufu ta’a.

Gargaarsa Waaqayyootiin gaggeeffamaa, gorsa abbootiis dhagahaa Waldaan Qulqullootaa kana raawwachaa jira; Eenyumtuu afaan isaatiin akka hin baranne dhiibbaa hin taasiisu. Tajaajilli Waldaan Qulqullootaa Afaan Oromotiin kennaa jiru kuni madaallii ergama Mana Kiristaanaatiin akkasumas imaanaa Sinoodoosii Qulqulluu irraa fudhateen yommu madaalamu guutummaa guutuutti hanqina hin qabu jechu keenya miti. Ammas ta’e gara fuulduraatti tajaajila Mana Kiristaanaa isa Afaan Oromootiin kennamaa jiru ilaalchisee Amantoota quuqama afurawaa ni qabna jedhan waliin tajaajiluuf balballii Waldaa Qulqullootaa bal’inaan kan saaqame dha.  

Gargaarsii Waaqayyoo nurraa hin fagaatiin.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2017-05-30 07:50:022018-10-26 09:21:01Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Ibsa Sinodoosii Qulqulluu irraa kenname
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.” Link to: “Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.” “Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.” Link to: “Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” Link to: “Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” “Iyyeruusaaleem Keessa Turaa”
Scroll to top