Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.”

in Tibbana

                      “Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.” Mat 21: 9

                                                          Biraanuu Dajaneetiin

                                                                30/07/2009 B.A

     Faaruu kana Uummanni Israa’eel yeroo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gara Iyyaruusaalem galu, isa gammachuudhaan yeroo simatan faaruu faarfatanidha.

‘’Hosaa’inaa’’ jechuun qooqa Ibrootaan “maaloo nufayyisi’’ jechuu yoo ta’u ‘’Hosaa’inaa ilma Daawitiif’’ jechuun immoo “Ilma Daawit maaloo nufayyisi’’ jechuudha. Yihuudonni (Uummanni Israa’eel faaruu kana kan faarfatan waggaatti guyyaa 7 (torba) yeroo ayyaana daasii (ayyaana dabtaraatti). Ayyaana kana irratti faaruu kana guyyaa hunda nifaarfatu. Ummanni Israa’eel yeroo ayyaana faasikaa kabajan kabaja haala ho’aa fi kabaja guddaadhaan kabaju. Uummanni ayyaana kana kabajuuf torban tokko dursuudhaan biyyoota garaa garaa irraa walitti qabamu ture. Gooftaan keenya gara biyya lafaa dhufee waggaa isa dhumaa irratti yeroo barsiisu ayyaana faasikaa kabajuuf, uummata barsiisuuf torbee tokko dursee duuka bu’oota isaa waliin gara Iyyaruusaalem dhufe.Raajicha Zakkaariyaasiin   akka dubbatetti Zak. 9:9 gara Iyyaruusaalem yeroo dhufu harree irra taa’ee kan dhufu ta’uu isaa raajiin dubbateera. kunis gad-ofqabuu isaa agarsisa.Yeroo Gooftaan harree irra taa’ee dhufu uummata Israa’eel hundatti naasuu guddaatu dhaga’amee ture. Kun hundi bu’aa amanuu dhabuuti. Namni kiristoositti hin amanne yeroo hunda naasuu fi sodaa irraa bilisa hin ta’u.

 

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos dursee akka dubbatetti gara Iyyaruusaalem galuuf yoo dhiyaatu tulluu Ejersaa (Dabra-zayit) cina kan taate Beetafaagee qaqqabe. Beetafaageen immoo Mandara harka qalleeyyiin keessa jiraatanidha. Kana irraa kan hubannu fayyisummaa isaatiin harka qalleyyii osoo hintuffatin sooreyyii taasisuudhaaf. Kunis, Addaam irraa kaasee abbootiin turan harka qalleeyyii/hiyyuma fayyinaa/kan qaban ta’uusaaniin si’oolitti cubbuun qabamanii daabiloosiin dhiitamanii gidiraa jala turan.

     Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos daandii bifa fannootiin walirra darbu irra dhaabatee duuka buutota isaa lamaan waamee “gara mandara fuuldura keessanii deemaa achittis harreen ilmoo ishee waliin hidhamte hiikaatii naafida! Eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaaf ni barbaachisu jedhaanii!’’ jedhee erge. Daandii bifa fannootiin walirra darbu irra dhaabatee erguun isaa fayyinni uummataa kan fannoo isaatiin raawwatu dhiyaachuu isaa ibsuufidha. Gama biraatiin ammoo harroonni hedduun kan hin hidhamne mandara sana keessa osoo jiranuu kan hidhaman filachuun isaas harroonni kun hattuun hatamtee kan hidhamte waantaateef “eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaaf ni barbaachifti jedhanii” jedheen. Kunis harreen kun kan isaa kan hintaane ni callisa jechuu isaati. Haaluma kanaan gooftaan isaan uumeera waan ta’eef dhala namaa ni barbaada.Kana irratti mandarri fakkeenya si’oolii,harree fi ilmoon ishee Addaamii fi ijoollee isaatiin, hidhamuun isaanii cubbuun hidhamuu, hattuun immoo Daabiloosiin fakkeeffamu. Har’as Gooftaan kan cubbuudhaan hidhaman hunda nibarbaada. kanaafuu luboota hidhaa cubbuu irraa nuhiikan nuuf kenneera. Mat 16;19:­­­­­­­18;18 Yoha 20;23

   Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka bu’oota lamaan kan inni ajaje hunda raawwachuun harree ilmoo ishee waliin hiikanii fidaniif. kooraa dhisanii uffata isaanii irra afuun immoo inni kan beekuwaan ta’eef iccitiin isaas kooraan ni quuqa,uffanni garuu hin quuqu. Kunis kan agarsiisu abboommiin jaalalaa/Seerri Waaqayyoo/ kan hinquuqne waan ta’eef abboommii wangeelaan jiraadhaa jechuu isaati. Gara Iyyaruusaalem yeroo galu uummanni baay’een “harreen ati irra teessellee lafa dhaabachuu hin qabdu” jedhanii uffata isaanii karaarratti afaniiru. Isaan kaan meexxii , baala ejersaa muruun karaa irratti afaa turan.

   Akkuma dursee faarfataa Daawit faarfatetti uummanni Gooftaan keenya gara Iyyaruusaalem yommuu galu hafaa qofaan osoo hintaane “Hosaa’inaa Ilma Daawitiif! Inni Maqaa Gooftaan dhufu galateeffamaadha Hosaa’inaa samii irratti’’ jechuudhaan galateeffatan. Dhuma irratti magaalattiinis niraafamte. Uummannis “kun eenyu?” jechuudhaan wal gaggaafatan. Uummannis kun Naazireet Galiilaa irraa kan dhufe raajicha Iyyasuusidha jedhan. Innis gara mana qulqullummaa galee kan gurguranii fi bitan hunda baase…mannikoo mana kadhannaati jedhamee barreeffameera, isin garuu holqa saamtotaa taasiftan. Mana qulqullummaattis qarodhabeessaa fi kan qaamni isaanii laamsha’e gara isaatti dhiyyatan/dhufan/ innis isaan fayyise. Mat. 21:1-15

Egaa Guyyaa kun guyyaa gooftaan keenya gara Iyyerusaalem deemuun mana qulqullummaa isaa keessaa daldaltootaa fi warren malaqa jijjiiran ar’ee mana isaa kabaje dha. Guyyaan kana abbootiin mana kiristaanaa “Hoosa’inaa samii irratti ilma Daawitiif”jedhanii faarfannaa fi yeedaloodhaan faarfataa bulu. . Arjoominni Waaqayyoo araarri durbee Maariyaamii hunda keenya waliin haata’u. Ameen.

  

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2017-04-08 13:56:232018-10-26 09:21:01“Hosaa’inaa Ilma Daawitiif.”
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Niqoodimoos Link to: Niqoodimoos Niqoodimoos Link to: Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Ibsa Sinodoosii Qulqulluu irraa kenname Link to: Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Ibsa Sinodoosii Qulqulluu irraa kenname Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Ibsa Sinodoosii Qulqulluu...
Scroll to top