Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Kutaa 2ffaa Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa

in Tibbana

                               Kutaa 2ffaa

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa

                                           Dn.Fayyeeraa Fiixumaa fi Dn.Namee Torbaniin kan hiikame

Waaqayyo jecha waadaa Addaamiif gale bu’uura taasifachuun dura bara Raajonni ka’an, itti aansuunis waa’ee nama ta’uu Iyyasuus Kiristoos, lammata deebi’ee dhufuu Isaas raajii dubbataniiru. Kadhannaa torbii lakkaawwataniiru. Isa 7:14, Faar 49:3, Zak 13:6, 14:1. Haalli dubbii raajummaa fi Kadhannaan torbee murtaawaa raaj-himeessa isa tokkoo kan raaj-himeessa isa biraa irraa addaa dha. Sababni isaas, Waaqayyo raajicha yommuu dubbisuu fi fakkeenyummaa isaas yommuu fakkeessu daandii isaa haala adda addaatiin ta’uu isaatiinii dha. “Durii jalqabee Waaqayyo akkaataa baay’ee fi daandii hedduun abbootota keenya raajotaan dubbateera” akkuma jedhu. (Ibr 1:1). Akkaataa lakkaawwii isaanii fi daandiin Kadhannaa torbii isaanii adda adda ta’us, kaayyoo fi galmi isaanii garuu tokkoo dha.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Addaam

Addaam raajii dubbachuudhaanii fi kadhannaa torbee murtaawaa galuudhaan bakka jalqabaa qabata. Sababni isaas, Gannata keessatti, waggoota toorbaa fi ji’a tokkoo fi guyyaa kudha toorba badhaadhummaa fi gammachuudhaan erga jiraateen booda seera fi jecha Uumaa isaa cabsuu isaatiin gadda hiyyummaa tokko malee kan itti jiraatu Eedan Gannat keessaa arii’atameera. Uum 3:24. Innis Uumaan isaa akka itti araaramuuf, ija dhiifama Isaatiinis akka isa mil’atuuf, galaana qorri isaa dhaqna namaa kukkutu keessa dhaabbachuudhaan guyyoota soddomii shaniif Kadhannaa torbii shan galeera. Waaqayyo arjaan amalummaa Isaatiin gidirfamuu namaa hin jaalanne, guutummaadhaan gaabbuu Addaam ilaalee, “Guyyaa shanii fi walakkaatti dhala dhala keerraa dhaladheen sin fayyisa” jedhee abdii Isaa kenneef. Addaamis abdii kennameef qabatee biyya fooniitti waggaa dhibba sagalii fi soddomaaf erga jiraateen booda addunyaa rakkoo fi gidiraan itti baay’atu kana keessaa du’aan adda baheera.

 

Namni yakkaan himatamee mana murtiitti itti murteeffame guyyaa itti mana hidhaa seenee jalqabee ji’a fi guyyaa itti kana keessaa bahu akkuma lakkaawu, Addaamis si’ool bakka adabbiin lubbuu jirutti jiraachaa waanta tureef, abdii isaaf kennamme yaaduudhaan Kadhannaa torbii isaa lakkaawaa ture. Kan dubbate kan hin hambisne, kan hin raawwannes kan hin dubbanne, Gooftaan “Kunoo sin fayyisa” akkuma jedhee waadaa isaaf galetti barichi xumuramnaan nama ta’ee foon uffateeAddaamiin ijoollota isaa waliin bilisa baaseera. Addaamiin hordofuudhaan ijoollonni isaas: abbootonni raajonni qulqulloonni Kadhannaa torbii galuudhaan bara abdii sana lakkaawuudhaan hojii gaariidhaan hordofaniiru. Bu’uura kanaan raajonni baay’een tooftaa adda addaatiin Kadhannaa torbii lakkaawaniiru. Nutis raajota Kadhannaa torbii lakkaawan muraasa barreeffama kana keessatti akkaataa armaan gadiitti ni dhiyeessina.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Heenook

Abbaan keenya Henook, ilma Yaareed yommuu ta’u, dhalootaan Addaam irraa isa toorbaffaadha. Innis jireenya isaatiin Waaqayyoon gammachiisuudhaaf mana isaa dhiisee Kadhannaa torbii galuun fi hojii gaarii hojjechuun Waaqayyoon tajaajileera. Adeemsa isaa guutuus Waaqayyoon akka gammachiise, Kakuu Moofaa keessattis ta’ee Kakuu Haaraatti hojiin isaa gaariin ragoomeefii jira. “Henook adeemsa isaa Waaqayyo waliin taasifate” (Uum 5:22). Kana ta’uu isaatiinis, Waaqayyo gatii Kadhannaa torbii isaa Afuura Isaa qulqulluun gargaarsa Isaatiin waan irra bulcheef raajii dubbateera, Kadhannaa torbiis lakkaaweera. Samii keessatti fudhatameeosoo jiraatuu kitaaba waa’ee ergamoota qulqullaa’oo, waa’ee Masihichaa Iyyesuus Kiristoos, waa’ee deddeebi’uu aduu fi addeessaa kan eeru maqaa isaatiin barreesseera. Uum 5:21-24, Yihudaa lakk 14, Heenook 1:9

Subaa’ee Henook jedhamuun kan beekamu sun Kadhannaa torbii Henook safartuudhaan lakkaawee waan ta’eefi dha. Safartuun isaas lakkoofsa baay’ataa 35 yoo ta’u, 35×19 bu’aa isaatiin yoo baay’atu waggaa 665 ni ta’a. 665 x12 yommuu baay’isnu, 7980 ta’a. Yaadni kunis kan nu hubachiisu waa’ee dhufaatii Kiristoosiidha.

Addunyaan erga uumamee jalqabee bara nuti amma itti qaqqabne waggoota 7,509 ni ta’a. Kanas mirkaneessuudhaaf, waggaa 5500 irratti waggoottan 2009 ida’uudhaanii dha. Yeroo kanas waggaa armaan olitti keenye, 7,509 nuuf kenna. Akkaataa bu’uura lakkaawwii raajicha Henookitti, dhufaatiin Kiristoos bara 7980 tti ta’a. Armaan olitti lakkoofsa Henook lakkaawe qabachuun waggaa 7980 irra waggaa amma keessa jirru, 7,509 yoo hir’isnu waggaa 471 ni arganna. Kanaafuu, bu’uura Kadhannaa torbii Henookiin dhufaatii Kiristoos tahuudhaaf waggaan 471 ni hafa jechuudha.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Daawiit

Raajichi Daawiit mootota Isra’eel keessaa mootii guddaa fi jaallatamaa ture. Barri mootummaa isaas Dhaloota Kiristoos Dura bara 1011-971 akka ture ni amnama. Raajichi Dawiit, akka laphee Waaqayyoo ta’uu isaati raajii dubbateera. Kadhannaa toorbiis lakkaaweera. Kunis lakkaawwii (Subaa’ee) Daawiit jedhamuudhaan beekama. “Waggaan kumni Si fuulduratti akka guyyaa kaleessa darbiteetii” (Faar 89:4) kan jedhus barsiisonni yommuu lakkaawan waggaa 1,140 ni ta’a. Kunis Gooftaa biratti waggaan 1140 akka guyyaa tokko akka ta’etti raajicha Daawwiit dubbateera. Kunis Daawitiif lakkaawwii/ safartuu Kadhannaa torbii ta’uun tajaajileera. 1,140×7=waggaa 7,980 ni ta’a. Addunyaan kun erga uumamtee kaasee waggaa 7,980tti Kiristoos lammaffaa akka dhufu kan agarsiisuu dha.

Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Daani’eel

Raajichi Daani’eel ramaddiin isaa raajota gurguddoo keessatti dha. Israa’eloonni booji’amanii yommuu gara Baabiloon deeman, booji’amee gara Baabiloonitti bu’eera. Innis waa’ee dhufaatii Kiristoos raajii dubbateera; Kadhannaa toorbiis lakkaaweera. “Sanbata toorbaatama lamiilee kee beellami” jedheera. Kunis Kiristoos waggoota 490 ykn (7 x 70) booda nama ta’uusaa raajii ibsu dha. “Hanga mooticha Kiristoostti, Manni Qulqullummaan ni ijaaramti, boodarras ni jigdi” jechuudhaanis dubbateera.

Tooftaan lakkaawuu isaa waggaadhaan yommuu ta’u, kunis waggoottan toorban akka Iyyaasuutti lakkaawuudhaanii dha. Kadhannaan toorbii kun Sanbata jedhama. Daani’eel Kadhannaa toorbii erga lakkaawee fi raajii erga dubbatee kaasee hanga Kiristoos dhalatutti waggaa 490 ni ta’a. Safartuun (baay’istuun) isaas torba yommuu ta’u, 7×70 yoo baay’isnu 490 ni arganna. Kunis raaj-himeessichi raajii erga dubbatee fi Kadhannaa torbii (subaa’ee) erga lakkaawwatee waggoota 490 booda dhalachuu Kiristoos kan ibsuudha.

Walumaa galatti, raajonni qulqulloonni armaan olitti ilaalle adeemsa isaanii Waaqayyo waliin taasisuudhaan, Kadhannaa torbii galuudhaan, qajeelinaan jiraachuu isaaniitiin ajaa’iba kan ta’e dhalachuu fi deebi’ee dhufuu Kiristoos raajuudhaaf danda’aniiru. Kadhannaa torbii galuudhaan kan fagaate dhiyeessuu, kan hin mul’anne ol-baasanii mul’isuuf Waaqayyo biraa gahumsa kan argamsiisu ogummaa Afuurawaa ta’uusaa hubachuun barbaachisaa dha

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2017-08-15 20:08:252018-10-26 09:21:00Kutaa 2ffaa Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa Link to: Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa Link to: Kutaa 3ffaa Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Link to: Kutaa 3ffaa Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Kutaa 3ffaa Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee)
Scroll to top