Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Kutaa 3ffaa Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee)

in Tibbana

Kutaa 3ffaa

Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee)

i. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Dhuunfaa (Kan Cufatan)

                                                        Dn.Fayyeeraa Fiixumaa fi Dn.Namee Torbaniin kan hiikame

Kadhannaan torbii dhuunfaa namni tokko qofaa isaa ta’uun manaa fi bakka kadhannaaf mijataa ta’etti kan inni qabatu, namni tokkollee osoo hin argiin iddoo kadhannaa isaa cufee sammuu guutuudhaan ta’ee, Uumaan isaa qofti akka isa arguu fi akka dhagahuuf dhuunfaadhaan Kadhannaa raawwatuu dha. (Maat 6:5-13). Bifa gosa kanaatiin, namni tokko yommuu Kadhannaa torbii galu, cufaa jedhama. Namni Kadhannaa torbii cufaa qabate waanta isa barbaachisu qabatee erga gara bakka kadhannaatti galcheen booda Kadhannaan torbii sun hanga dhumutti namaan walitti hin dhufu. (Faar 101:6-7)

ii. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Waldaa

Kadhannaa torbii waldaa kan jedhame, luboonni, amantootni, dhiironnii fi dubartoonni, jaarsolii fi dargaggoonni waliin ta’anii Mana Kiristaanaa fi bakkeewwan mijatoo ta’an hundatti walitti qabamanii Kadhannaa torbii galanii dha. Amantootni Kakuu Moofaas gara Waaqayyootti deemuudhaan kadhachaa turan. 1Saam 1:9, Faar 121:1, Luq 18:10-14

Bara Kakuu Haaraattis, hordoftoota Duuka bu’ootaa kan ta’an, monoksoonni, luboonnii fi amanattootni, kawaalotatti, Mana Kiristaanaatti, mana barnoota Dilbataatti, sadarkaa xoofoo afooshaatti jajjabina afoosha isaaniif, afoosha isaanii keessaa isa tokko yommuu rakkoon mudatu Kadhannaan torbii waaldaan /gamtaan ni qabatamaa.

 

iii. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Labsii

Kadhannaan toorbii labsii biyya irratti balaan battalaa, dhibee fi waraanni yommuu ka’u, akkasumas, miseensa amantootaaf adabbiin sodaachisaa ta’e yommuu mudatu, Waaqayyo adabbii Isaa dhiifamaan, ifannaa Isaa obsaan akka deebisuuf gosa Kadhannaa toorbii qabamuudha. Gosa Kadhannaa toorbii akkanaaf namoonni Nanawwee fi Israa’eloonni godaansaan Faars jiraachaa turan kanneen akka fakkeenyaatti caqasamanii dha. Namoonni Nanawwee lallaba Yoonaas dhagahanii guddaadhaa hanga xiqqaatti guyyaa sadiif nyaata fi dhugaatii irraa of ittisuun tsoomuudhaanii fi kadhachuudhaan Waaqayyo adabbii Isaa dhiifamaan, ifannaa Isaas obsaan akka deebisu taasiseera. Kan biraa, Ayihuud godaansaan Faars jiraachaa turan ajaja Asteeriin Kadhannaa toorbii qabatanis kan caqasamu dha. Bara sana Arxeeksis Ayihud bakka jiranitti akka ajjeefamaniif yoo ajaju, ajjeechaa Sanyii guutummaa kana jalaa ooluudhaaf Ayihud Kadhannaa torbii labsiidhaan galaniiru. Asteer ol-galtee yommuu mooticha haasofsiistu uummanni biraa alarraa ajaja ajajanii Kadhannaa torbii galanii Uumaa isaanii kadhataniiru. (Asteer 4:16-28).

Biyya keenyattis, Kadhannaan torbii labsii kana fakkaatu bara Mootummaa Miniliik taasifameera. Faashistiin Xaaliyaan biyya keenya weeraruun bittaa ishee taasifachuuf daangaa ishee darbuun yeroo dhuftetti mootichi Miniliik, “Humna kan qabdu humna keetiin, humna kan hin qabne immoo kadhannaa keetiin na gargaari” jechuudhaan Kadhannaa torbii labsii qabachuun isaanii ni dubbatama. Kana bu’uureffachuudhaanis, kawaalota hundatti kadhannaan qabatameera; mootichis Taabota Giyoorgisii qabatanii addunyaa hedduu kan ajaa’ibsiise, gurraachonni birmadummaa isaaniitiif akka kaka’aniif kan dammaqse, injifannoo argameefi dhagahamee hin beekne argatanii Xaaliyaan ishee biyya keenya koloneeffachuuf yaadde qaanessuu isaanii miira olaanaan kan yaadannuu dha.

Qophii Duraa

Namni Kadhannaa toorbii galuuf barbaadu qophii dursaa taasisuun isarra jiraata. Qophii tokko malee Kadhannaa torbii galuun qorumsaaf nama saaxila. Kanaafuu, Kadhannaa torbii osoo hin galiiniin dura, yeroo Kadhannaa torbii fi yeroo Torbee Kadhannaa booda qophii taasisuun barbaachisaa dha.

Qophii Kadhannaa toorbii (subaa’ee) Duraa Taasifamuu Qabu

Jalqabatti sababa Kadhannaa toorbii galluuf adda baasnee beekuun barbaachisaa dha. Namni tokko kaayyoo Kadhannaa toorbii galuuf adda baasee yoo kaa’e, Kadhannaa torbii isaatiin booda argachuu fi argachuu dhabuu isaa ni hubata. Kun osoo hin ta’iin Torbee Kadhannaa yoo gale, Kadhannaa torbii booda waanti inni gaafate waanta hin jirreef hiika dhaba. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii galuu keenyaan duratti Kadhannaa torbii galuun maaliif akka nu barbaachise adda baasnee beekuun nurraa eegama.

Sababa Kadhannaa toorbii galuu murteessineef erga adda baasneen booddee, sababa keenya qabannee abbaa gaabbii keenya marii’achiisuun ni barbaachisa. Sababni isaas, gorsa lubaatiin deemuun jalqabumatti dirqama Kiristaanummaa waan ta’eefi dha. Kanarraan kan darbe, abbummaa isaanii fi muuxannoo jireenya isaaniitiin maal raawwachuun akka nuuf ta’u gorsa argachuuf deeggarsa nuuf taasisu. Kanafuu, Kadhannaa toorbii dura abbaa gaabbii waliin marii’achuun dirqama ta’a. Fakkeenyaaf, namni tokko yeroo Kadhannaa toorbiitti qorumsaaleen adda addaa yoo isa mudatan, gorsa isaaf kennametti fayyadamee qorumsicha ofirraa qolachuu danda’a. Akkasumas, abbaan gaabbii isaa waqtii Kadhannaa toorbiitti kadhannaan akka yaadataniif yaadachiisuun isaa gahee mataa isaa qaba.

Kadhannaa toorbii galuudhaaf yommuu yaadnu, guyyoota meeqaaf turuu akka yaadne murteessuun ni barbaachisa. Kadhannaan toorbii hanganaa hanga hangasiitti nan tura jennee karoora kan irratti qabannuu dha. Akkaataa humna fi dandeettii keenyaatti guyyaa kanaa hanga guyyaa sanaatti jennee murteessuun Kadhannaa toorbii galuun barbaachisaa ta’a. Fakkeenyaaf: – muuxannoo tokkollee osoo hin qabaatiin namni tokko “holqa keessa nan tura” osoo jedhee faayidaa isaa irra miidhaan isaa caaluu danda’a. Sababni isaas yeroo Kadhannaa toorbiitti qorumsi waanta baay’atuuf, qorumsa isatti dhufu obsaan dabarsuu dadhabuudhaan Torbeen Kadhannaa addaan cituu danda’a. Kanaafuu, yeroon Kadhannaa toorbiin duratti humnaa fi dandeettii keenya giddu galeessa taasisuun murteessuun barbaachisaa dha.

Kan biraa immoo, yeroo Kadhannaa toorbii duraa keessatti Kadhannaa torbii sanaaf yeroo fi bakka mijataa ta’e filachuun barbaachisaa dha. Mana Kiristaanaa keessatti yeroo baay’ee Kadhannaan toorbii kan galamu, tsoomiiwwan hordofeeti. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii yeroon itti gallu yeroo tsoomii akka ta’ee fi hin taane adda baasuun barbaachisaa dha. Kadhannaan toorbii yeroo tsoomiitti qabamu nama hirmaatuuf faayidaan isaa baay’ee olaanaa dha. Sababni isaas, yeroo tsoomiitti abbootiin baay’een Kadhannaa toorbii waan qabataniif kadhannaa abbootii waliin kadhannaa fi himannaan keenya ol-bahuu ni danda’a. Kanaafuu, yeroo adda baasanii beekuun barbaachisaa dha.

As irratti garuu yeroo tsoomiitiin alatti Kadhannaan toorbii hin qabamu ilaalcha jedhu qabachuuf miti. Namni tokko yoo qorumsi isa mudate, yeroo kamittillee Kadhannaa toorbii galuu akka danda’u asirratti caqasuu ni feena. Kanarraan kan hafe, Kadhannaa toorbii bakka itti gallu filachuu qabaanna. Kadhannaa toorbii galuudhaaf bakkeewwan filannu qorumsaaf kan nu hin saaxille ta’uu isaanii dhugoomsuun barbaachisaa dha. Kunis Kadhannaa toorbii erga galaniin booda sammuun keenya akka hin bittinnoofneef deeggarsa nuuf taasisa. Wacuu fi sosochiin bakka itti baay’atutti sammuu guutuudhaan kadhachuudhaaf hin mijatu. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii bakki itti qabannu kawaalonnii fi Manneen Kiristaanaa magaalaa irraa fagaatan filatamoo dha.

Qophii Yeroo Kadhannaa Toorbiitti (subaa’eetti) Taasifamuu Qabu

Yeroo kadhannaatti utubaatti, waan dhaabbatu kamittuu osoo hin hirkatiin, hirkoos osoo hin qabatiin miila lamaan sorooranii dhaabbachuudhaan kadhachuutu nurraa eegama. Akkasumas, fuula keenya gara bahaatti garagalchanii dhaabbachuu, asii fi achi, bitaa fi mirgatti mil’achuu dhiisuu, harka bal’isuudhaan yaada guutuudhaan ta’anii kadhachuutu barbaachisa. Faar 5:3, 133:2, Yoh 11:41.

Yeroo Kadhannaa toorbiitti walduraa duubaan kadhachuu qabaanna. Jalqaba irratti, Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoon jennee qaama keenya hundumaa mallattoo Fannootiin mallatteeffachuu, jechoota “nan sagada” jedhan bira yoggu geenyus sagaduu, fannoo kan maqaa waamu bira yommuu geenyu of mallatteessuu qabna.

Itti aansuudhaanis, Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa, faarsaa Daawiit, Galata Maariyaamii fi kanneen biroo kitaaba kadhannaa irratti argaman kadhachuun itti aansinee Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa, kadhannaa Giiftii keenya Maariyaamii, kadhannaa Amantaa erga kadhanneen booda Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa daballee jechuun; sanaan booda si’a 41 maaloo naaf dhiisi/kiraalaayisoon jedhama. Kan biraa immoo nama subaa’ee gale tokkorraa wanti eegamu cubbuu isaa yaadaa gadduudhaan boowuu dha. Yommuu boo’us tokkoo tokkoo cubbuu isaatiif imimmaan buusuutu isarraa eegama.

Dhumarrattis, namni Kadhannaa toorbii gale tokko Kadhannaa torbii isaa osoo hin xumuriin yookiin Kadhannaa torbii isaa addaan kutee nama kamiyyuu waliin gonkumaa wal quunnamuu hin qabaatu.

Qophii Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Boodaa Taasifamuu Qabu

Kadhannaa dhiyaateef waanta Waaqayyo nuuf raawwatu obsaan eeguun nurraa eegama. Waaqayyo araaraa fi Kadhannaa dhiyeessineef akka hawwii laphee keenyaatti, akka arjummaa Isaatti, Inni yeroo jaalatetti nuuf raawwata. Namni Kadhannaa toorbii gale hundinuu mul’ata arguu dhiisuu danda’a. Sababni isaas, deebiin Waaqayyoo eenyuufuu ifa miti waan ta’eef. Kadhannaa toorbii booda jalqabatti kan nuti argannu nageenya sammuuti. Kunis kennaa Waaqayyoo isa guddaa dha. Kanarraan kan hafe, Kadhannaa toorbii gallee kan yaadne dhabuun keenya yoo nutti dhagahame, lammaffaa qophoofnee hanga sa’aatii isa xumuraatti itti himachuu fi kadhachuutu nurraa eegama.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2017-08-15 20:12:542018-10-26 09:21:00Kutaa 3ffaa Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Kutaa 2ffaa Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa Link to: Kutaa 2ffaa Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa Kutaa 2ffaa Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa Link to: “Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22 Link to: “Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22 “Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22
Scroll to top