Baga guyyaa dhalachuu Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin Isinin gahe

“እስመ ናሁ ተወልደ ለክሙ ዮም መድኅን ዘውእቱ ክርስቶስ እግዚእ ቡሩክ በሃገረ ዳዊት፡፡ Har’a magaala Daawititti Fayyisaan isiniif dhalateera. Innis Kiristoos Goofticha dha.” (Luuq. ፪፥፩-፲፪/2፡1-12/)

Dn. Ga/Sillaasee Shittaahun

Addaam abbooma Waaqayyoo diigee, duuti foonii fi duuti lubbuu akkasumas awwaalaatti darbatame fi abiddi bara baraa itti murtaa’ee “Abbaa koo Waaqayyo Gooftaa, Iddoo koo Gannataa dhabee hafaa?” jechaa odoo gaddu, “በሐሙስ ዕለት ወበመንፈቃ ለዕለት እትወለድ እምወለተ ወለትከ ወእትቤዘወከ በመስቀልየ ወበሞትየ። Guyyoota shanii fi walakkaan booda dhala dhala kee irraa dhaladhee Fannoo kootiin fi du’a kootiin si fayyisa.” Jechuudhaan isa jajjabeesseera.

Yeroon isaas yeroo gahu, bara irraa bara; ji’arraayis ji’a; torbee isaarraa torbee akkasumas, guyyaasaa irraa guyyaa odoo hin dabarsin Haadha keenya, Fageessituu dheekkamsaa, Fidduu Araaraa, Qulqulleettii Qulqullootaa Giiftii keenya Maariyaamirraa Dubrummaan; akkuma Gadaameessi ishee chaappeeffameen dubrummaa ishee odoo hin jijjiirin dhalateera. Read more

Yaa Suulaamaaxis (Laattuu Nageenyaa) deebi’i deebi’i akka si arginuuf deebi’i (Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 7:1)

Asaffaa Guddataa

Mootichi Salamoon weedduu isaa Faaruu Faaruu caalu jedhamee beekamu keessatti “Deebi’i deebi’i akka Si arginuuf deebi’i” jechuudhaan irra deddeebi’ee waama. Waamicha kana kan dabarsuus Giiftii keenyaafi dha. Iccitii gara boodaatti baroota dheeraan booda raawwatu ilaalee Afuura Qulqulluun argee “Godaansi si ga’aa. Amma yeroon isaa gaheeraatii gara biyya Kee Naazireetitti deebi’i” Isheen jedha. Haaluma jecha raajii kanaan Giiftiin keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga waggoota sadi’ii fi ji’a jahaaf godaansaan biyya Gibtsi keessa turtee booda akka Heroodis du’e ergamaan Waaqayyoo itti himnaan gara biyya Isheetti deebiteetti.

Giiftiin keenya yeroo ijoollummaa Isheetti Ilma Ishee ijoollummaa Isheetti dubrummaan deesse waliin cubbuu tokko malee ari’atamtee gidiraa baayyee arguun Ishee adunyaa dinqisiisaa jiraata. Namni biraa yoo gidiraa arge cubbuu isaatiif gidiraa arge jedhama Giiftiin keenya garuu balleessaa tokko malee Ilma ishee Isa hunda uumeefi hundumaa raawwachuu danda’u baattee baqachuun Ishee adda Ishee taasisa. Qulqullichi Selemoon kana ilaaleeti kan inni “Deebi’i” Isheen jedhu. “Maddiiwwan Kee imimmaaniin dhiqamuun isaanii, lapheen Kee gara laafummaan guutame dhiphachuu fi gidiramuun isaa, hidhiin Kee dheebuu bishaaniin gogee argamuun isaa haa ga’u. Amma deebi’i. Boqodhu” isheen jedha. Haaluma raajii dubbatame kanaan Giiftiin keenya gaafa Saadasa bultii ja’aa (6), godaansa irraa deebitee bakka Qusquwaam jedhamu boqochuu (aara galfachuu) ishee yeroo itti yaadannu waan ta’eef nutis Hayyicha (Ogeessicha) Salamoon waliin “Yaa Giiftii deebi’i deebi’i” Isheen jenna. Yeroo darbe godaanuu Ishee; gidiraa arguu Ishee yaaduun kan gaddine hundi keenya amma immoo deebi’uu Ishee yaadnee gammadna. Read more

WAREEGAMTOOTA SADAASA GUYYAA TOKKOO

WAREEGAMTOOTA SADAASA GUYYAA TOKKOO

Mulugeetaa Ayyaaleewutiin

Jalqaba isaa eenyumtuu beekuu kan hin dandeenyee fi onnee/ laphee namoota foon uffatanii jalaa iccitiin isaa baay’ee fagaataa kan ta’e;asii hamma achii; as keessa jira;as immoo hin jiru; jechuun kan hin danda’amne;garuu jalqaba kan jiruu fi jiraachuu waan hundumaa Inni kan beeku; samii fi lafa,Kan muul’atuu fi kan hin muul’anne; hundumaa kan uume; maqaa Waaqa Abbaa;

Addunyaan otuu hin uumaminii fi hin hojjetamin; iccitiidhaan abbaa isaa wajjiin tokko kan ta’e; waan hundumaan; Abbaa wajjiin kan wal qixxaate maqaa Waaqa Ilmaa;

Gadaamessa garbawwanii keessaa; burqaawwan bishaanii otuu hin dhangala’in;galma isaa keessaas; ifni guddaan otuu hin ba’in; Abbaa irraa; kan ba’e; maqaa Waaqa Afuura Qulqulluutiin dursina.

Guyyaa kanatti biyya Afqaariyaa jedhamu keessa kan jiraachaa turan; Maaksimoos,Manfiyoos,Fiiqxoorii fi Filiphoos, bara mooticha gantuu; Daakeyoos wareegamummaan boqotan.

Bara mooticha gantuu kanaatti; ijoolleen sadeen;woggoota dhibba sadii fi torbaatamii lamaaf erga boqotanii booda kan dammaqan; yeroo isa jalaa baqatan ture.Egaa qulqulloonni; qabsaa’ota afuuraa kun; galannii fi ulfinni Gooftaa keenyaaf haa ta’uutii; mootichi kun Kiristoosiin ganee; Kiristaanota yemmuu gidirsu yeroo arganitti; amantaa isaanii akka soda malee ibsaniif laphee qulqulluudhaan tokkummaa’anii wal mari’achuun; fuula mootii gantuu kanaatti ragaa ba’uudhaaf; kutannoodhaan deeman.

Ilma Waaqayyoo; Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoositti; ifaan ifatti kan amannu; nuti kiristaanota; isaafis nisagadna/ jilbiiffanna, ni waaqeffannas; jedhanii sagalee ol kaasuun iyyanii dubbatan.Mootichi gantuun; Daakeyoos jedhamu kunis kana yemmuu dhagahu; aariidhaan boba’ee; baay’ee dheekkamuudhaan; qaccee gogaa loonii irraaa hojjetameen; akka reeban taasise. Sana boodas; ulee sibiilaa; ibidda keessatti diimeffameen; hamma dadhabanitti akka isaan reeban taasise.

Kana boodas; uffata waaroo moofaa /baarnoosii;hadhooftuu fi soogidda yookin ashaboo; walitti bulbulanii;uffaticha kana cuubuudhaan; qaama isaanii isa madaa’e sana akka ittiin rirriitan taasisan. Wareegamtoonni kun garuu; obsanii gidiraa kana fudhachaa; ajaja mooticha gantuu kanaa; dhaga’uu waan didanii fi akkasumas; gidiraawwan kana sodaatanii; kaayyoo isaanii qajeelaa kana irraa deebi ‘uufii dinnaan; dheekkamsa isaa itti cimsuun; gidiraawwan; dachaa ta’an akka irratti geessisan; loltoota isaa ajaje. Isaanis; kan ajajaman hundumaa irratti raawwatan. Uummanni baay’een; isaan marsaanii ilaalaa turanis; obsa isaanii kana arganii; baay’isanii dinqisiifachuudhaan; Galanni isaaf haa ta’uutii;Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoositti amananii;wareegamummaan du’an. Mootichi gantuun kun yeroo kana argutti aariidhaan lapheen isaa boba’ee;qulqulloota qabsaa’ota afuuraa ta’an kanas; qaama isaanii; xixinneessanii akka mummuran taasisuun; dhumarratti; morma isaanii seefaan akka irraa kutan ajajee; isaanis morma isaanii; seefaan irraa kutan. Qulqulloonni; qabsaa’ota afuuraa ta’an kunis; haala kanaan qabsuura isaanii raawwatanii; gonfoo wareegamummaa isaanii; mootummaa Waaqayootti fudhatan.

Waaqayyoof galanni haa ta’u; Nu’is kadhannaa Ququlqulloota kanaatiin dhiifama nuuf haa taasisu.Eebbi isaanis nu hunda keenya waliin haa ta’u.

               Madda:- Kitaaba Sinkisaara Sadaasa guyyaa tokko dubbifamu.

Maqaa Abbaa,Ilmaa ,Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen! Waqtii (Yeroo)Abaaboo(Tsigee)

Maqaa Abbaa,Ilmaa ,Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen!

Waqtii (Yeroo)Abaaboo(Tsigee)

                                                                                                                        Damissee Jemaaneen.

Akka mana Kiristaanaa OrtodoksiiTawaahidoo biyya keenyaatti waqtiin abaaboo fulbaana 26-sadaasa 6tti ni kabajama.waqtii kanatti abbootiin seenaa godaansa Giiftii keenya dubroo Maariyaam;ilma ishee wajjiin Heroods jalaa goodaanan iccitiidhaan,yeedaloon, weedduun yeroo itti yaadatanidha.yeroo kanatti Abbootiin Mana Kiristaanaa keenyaa yaadaan Giiftii keenya waliin gara gammoojjii Gibtsiitti(misiriitti) bu’u, bakkaa bakkattis ni socho’u.

Seenaan godaansa Giiftii keenya Dubroo Maariyaamii fi Gooftaa keenyaa Wangeela Maatewoos boqonnaa lamarratti barreeffameera.Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gaafa Beeteliheem Dallaa horii keessatti dhalate; Ergamoonni bu’anii galateeffatan,loon aarsaa afuura isaanii dhiheessaniif,ogeessonni biyya baha fagoo warqee ,ixaanaa fi Qumbii fidanii dhufuun; Mootiin samii fi lafaa eessatti; gara kamitti dhalate?deemnee aarsaa dhiheeessinaaf jechaa yeroo dhufan; Heroods dhagahee nahe.Heroods aangoo mootummaa isaa; akka agartuu ija isaatti eeggata.Kanaaf mootiin samiif lafaa

dhalateera jechuu gaafa dhagahu ajjeesuuf jecha barbaacha jalqabe.Yeroo kanatti Ergamaan waaqayyoo; eegaa Maariyaam kan ta’e qulqulluu Yoseefiin Heroods mucaa kana ajjeesuuf barbaadaa jira waan ta’eef; haadhaa fi mucaa fudhuutii gara Gibtsiitti baqadhu; deebi’aa jedhee hangan sitti himutti achuma turaa jedheen.Yoseefis Giiftii keenya Dubroo Maariyaam ilma ishee waliin; Seloomee dabalatee; ni oolla ni bulla osoo hin jedhin godaansa gara Gibtsiitti jalqaban.kana irraa ajajamuu guddaa baranna.ergamaan ka’aa deemaa jennaan tole jedhanii,har’uma ka’aa jennaan; galaa hin qopheeffanne jedhanii sababa hin dhiheessine;hangan isinitti himutti achuma turaa jennaanis tole jedhan.ajajamuun akkanaa ajajamuu dinqisiisaa mitiiree?. godaansi Dubroo Maariyaam ilma ishee wajjiin Yooseefi fi Selomeen gara Gibtsiitti jalqabame kun karaa dugda lukkuurra/gabaabaa fi salphaa hin turre.Gaafa godaansa jalqaban galaa qopheeffatanii manaa hin bane. Karaa irratti beelaan qoramani,bishaan dhugan fudhatanii manaa hin bane; dheebuudhaan gidirfaman,uffata qorraa fudhatanii hin baane ilmi ishee uffata ifaa ergamoota isaatti uffisu qorraan gidiraa argan;Gammoojjii Gibtsii keessa miillaan ciirracha akka ibiddaa miila namaa nyaaturra; samiirraa akka abiddaa aduu isaan gubu danda’aa,sodaa saamtotaan gammoojjiidhaa gara gammoojjii biraatti gidira guddaa argaa godaanan.Godaansa isaanii keessattis takkaa gara xibiriyaados,takkaa gara gaara Libaanositti,takkaa gara debre Toonaatti,takkaa gara Beeteliheemitti,takkaa gara lafa Gaazaatti,takkaa gara lafa Gaaditti,takkaa immoo gara Itiyoophiyaatti fi kkf tti godaanuun gidiraa guddaa arganiiru. .Baqni isaanii akka godaansa yeroo har’aa daandii konkolaataarra konkolaataadhaan,galaana irra Dooniidhaan,qilleensa irra xiyyaaraan hin turre.miila qullaa karaa irratti; loltoonni Heroods na argu jettee sodaachuun basonaa bosonatti,ciirrachaa gara ciirrachaatti lafa gogaa bakka bishaan hin jirre keessa malee.

         Gooftaan maaliif godaane?

Godaansa Giiftii keenyaa fi ilma ishee yommuu kaasnu yeroo baay’ee maaliif godaanan gaaffiin jedhu keessa keenyatti ni uumama.yoomiyyuu namni sababa malee hin godaanu waan ta’eef gaaffiin sammuu keenyaa dhuguma.namni kan nyaatu,kan dhuguu fi kan uffatu yoo dhabu ni godaana.Diinni hamaan yoo isa qunnamu; diina isaa jalaa ni godaana;yakka guddaa yoo hojjete adabbii jalaa miliquuf ni godaana;sababa siyaasaan ni godaana.Gooftaan keenya garuu diinummaadhaan kan irratti ka’e Heroods loltoota isaa faana sekondii keessatti fixuu danda’a ture.Foon uffachuun daa’ima waggaa lamaa ta’ullee baroota dura Waaqa ture waan ta’eef; Heroods irratti humna waaqummaa isaa muul’isuu dhiisee godaanuun; godaansi Gooftaa godaansa namootaa irraa adda waan ta’eef; gaaffii kaasa?.Haa ta’uutii; godaansi Gooftaa iccitii bal’aa qaba.Gooftaan kan godaane; sababa sadiifidha. Sadanuu akka armaan gadiitti kan jiru kana ta’a.

1ffaa Godaansa hordoftoota isaa barsiisuuf godaane

Mana hoo’aa dhiisanii; aduufi qorri gara bakka wal jijjiirutti gara gammoojjitti godaanuun; ibiddaan gubachuu fi Seefiidhaan qalamuu gadi kan hin taane; hojii aarsaa ta’uu dha.Hojiin aarsaa Iyyesuus kiristoos hin jalqabne hin jiru.godaansas daa’ima waggaa lamaa ta’ee jalqabe.Sababa amantaa isaaniin reebamuufi hidhamuun akkuma jiru; biyya isaanii ,qabeenya isaanii,dhiisanii hanga godaanuutti; kan ga’an ni jiru.namoonni godaansarra jiran; godaansa Gooftaa fi dubroo Maariyaam yaadachaa ni jajjabaatu.Iyyesus Kiristoos dursaa kiristaanotaa waan ta’eef Heerodsiin waraanuun; waraana barsiisuu hin barbaadne.Waraanni hojii kiristaanotaa akka hin taane barsiisuuf jecha godaane. “Magaalaa tokko keessatti gidiraa yoo isinitti baay’isan gara magaala biraatti godaanaa”akkuma jedhe,Mate 10:23

2ffaa Nama ta’uu isaa ibsuuf jecha godaane.

Iyyesuus kiristoos biyya isaa osoo hin gadhiisin; ija Heeroodsi jalaa dhokachuu ni danda’a ture(Yoh 7÷10);garuu ogummaa Waaqummaa isaan Heroods jalaa dhokateera osoo ta’ee; foon uffachuun isaa, nama ta’uun isaa ifa hin ba’u ture.Ija Heerodsiin kan hin argamne yoo ta’e; foon osoo hin uffatin kan uffate fakkaatee kan muul’ate; foonii fi lafee kan hin qabne ekeraadha jedhu ture.Foon Addaam irraa tokko kan hin hir’anne; Addaam lammaffaa isa guutuu ta’uu isaa; foon inni uffate kan dhiigu kan madaa’u,Seeyifiinis ta’ee; eeboodhaan yoo waraaname miidhaan kan irra ga’u; foon ilma namaa kan uffate ta’uu isaa ibsuuf godaanaa ta’e.Namni foon uffate hunduu diina isaa jalaa miliquu kan danda’u godaanuun waan ta’eef; Gooftaanis diina isaa Heroods jalaa miliquuf gara Gibtsiitti godaane.

3ffaa Diyaabiloosiin ari’uuf godaane

Addaam muka Balasii nyaatee; uumaa isaa wajjiin walloluun Gannata keessaa erga ba’ee booda; walitti dhufeenyi waaqayyoo fi namaa; walirraa fagaachaa deeme.Kanas kan fide Diyaabiloos.

Waaqayyo Ilmi foon namaa yeroo uffatetti walitti dhufeenyi namaa fi waaqayyoo deebi’ee hundaa’e;manni diigamee ture deebi’ee ijaarame.Iyyesuus Kiristoos biyya isaa dhiisee ba’uun; Diyaabiloos sammuu namaa abboomee; Too’annaa jala oolche.Gooftaan Heroods jalaa fagaachaa yommuu deemetti Diyaabiloos sammuu namaa irraa fagaachaa deeme;godaansi Gooftaa karaa biraan godaansa Diyaabiloos ta’e.gidiraan Gooftaan fudhatu hunduu; Diyaabiloosiin fagootti meeshaa rukutu ta’e.dhumarrattis fannoorratti duuni Gooftaa du’a Diyaabiloos ta’e.

          Gooftaan maaliif gara Gibtsiitti godaane?

Ergamichi yoseefiin mucaafi haadha qabadhuu gara Gibtsiitti godaani jedheera.Yoseef gara biyya barbaadetti akka hin godaanne; ergamichi Gibtsitti jechuun akeekkachiiseera.Gibtsi biyya biroo irraa adda taatee; uumaan ishee dugda haadhaa isaa irra taa’een hubatamteetti.

Gooftaan Gibtsitti akka godaanuuf sababa kan ta’an keessaa :

1.raajin raajotaa akka raawwatamuuf

Raajonni waa’ee godaansa isaa gara Gibtsiittii dubbataniiru.

“Mucaa koo Gibtsi irraan waame”Hosee 11:1

“Waaqayyo duumessa ariifataan balali’aa; gara Gibtsiitti ni dhufa. waaqa(Wantoota) tolfamaa Gibtsiis fuuldura isaatti ni kufu”Isa 19:1.Raajichi Waaqayyo duumessa ariifataan balali’aa ni dhufa jechuun isaa duumessa arifataa kan jedhamte Dubroo Maariyaam yommuu taatu; Gooftaan dugda isheerra taa’ee gara Gibtsiitti dhufuu agarsiisa.

2. Abbootii fakkaachuuf

Abbootiin darban akka Abrihaam,yisihaaq faa yeroo adda addaatti gara Gibtsiitti godaananiiru. Waaqayyo Gooftaan immoo Abrihaam dura kan ture ta’ullee Abbootii fakkaachuuf Gibtsitti godaaneera.

3.waaqolii tolfamoo Gibtsi keessa jiran balleessuuf

Gibtsi biyya waaqoliin tolfamoo itti baay’atan turte.Gooftaan dugda Haadha isaarra taa’ee gara Gibtsiitti yommuu dhufu; waaqoliin tolfamoo Gibtsii kukkufanii caccabaniiru.Afuuronni waaqa tolfamoo irra bulaa turan; Gooftaa gaafa argan sodaatanii waaqolii tolfamoo gadhiisanii deemaniiru.waaqoliin tolfamoo afuurota warra xuraa’oof bultoo ta’anis homtuu osoo isaan hin tuqin caccabaniiru.

Egaa walumaa galatti godaansi; Giiftii keenya dubroo Maariyaam ilma ishee wajjiin godaante; sababoota warreen kanaan oliifidha.Baatii kana keessa abbootiin mana kiristaanaa keenyaa Waa’ee godaansa kanaa kaasuun Maahileetii ni dhaabbatu.Eebba isaa irraas ni hirmaatu. Nutis eebbi abbootii galata isheef dhaabbatanii eebba ergatan hunda keenya irra haa bubbulu.Ameen!

Madda🙁Godaansa Giiftii keenyaa Gibtsii hanga Itiyoophiyaatti; Maggabee Haddis Sibbuuh Daamxeetiin qophaa’e; maxxansa lammaffaa Afaan Amaariffaatiin.)

BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS

BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS

Mulugeetaa Ayyaaleetiin

Abbaan keenya Abbaa Gabre Kiristoos; abbaan isaanii Mootii Qusxinxiniyaa Tewoodoosiyoos yoo ta.u;haati saanii immoo; Mootittii Maarkeezaa yoo jedhamtu;Wareegaan kan argatan ilma isaanii tokkicha Abbaa Gabre Kiristoos barnoota amantaa barsiisaa haala gaariidhaan kunuunsanii guddisan.Aangoo abbaa isaa dhaaluudhaan Qusxinxiniyaa akka bulchuuf waan barbaadaniif;abbaa fi haati isaa yeroo inni umrii gaa’ilummaaf ga’u; intala mootii Roomaa fuusisan.Abbaan keenya garuu addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan; fannoo Kiristoos baachuudhaaf kan qophaa’e waan ta’eef; halkan gaafa guyyaa cidhaa sana galagala; dubrummaa haadha manaa isaa; kan isaas akkuma kabajetti; mana cidhaa isaaniif qofa kennameef keessaa dhokatee ba’ee;doonii yaabbatee; biyyaa fagoo deemuudhaan; Mana Kiristaanaa keessatti; hiyyeessota waliin walitti makamee kadhachaatii; isa kadhate sanas hiyyeessota biroof kennaa ofii isaatii kadhannaa fi laguun woggaa kudha shan guutuu isaan wajjiin jiraate.

Giiftiin keenya muul’attee; tajaajilaa Mana Kiristaanaa tokkoof gaarummaa fi qabsuura abbaa keenyaa; Abbaa Gabre Kiristoos itti himnaan; tajaajilaan Mana Kiristaanaa sunis icciticha biyyattii hundatti jalaa labse.Misirroon Gabre Kiristoosis hojiinkoo najalaa beekkame; galata gatii hin qabne kana jalaa baqachuun qaba jedhanii; gara biyya biraa dooniidhaan; yeroo deeman; eeyyama Waaqayyoo ta’ee garuu; doonittii kallattii ishee karaa qe’ee abbaa isaatti qajeelchuun; qe’ee abbaa isaa biraatti buuse.Abbaan keenyas eenyummaa isaa akkuma dhoksettii fi addunyaa Kanas hammam akka tuuffate hubachuudhaaf; qe’ee Abbaa isaa; qe’ee Mootii fuulduratti; hiyyeessa kadhattuu ta’ee;hambaa saroota isaaniif kennan soorachaa; ammas woggaa kudha shan guutuu obsaan Waaqa isaa kadhachaa; qe’ee abbaa isaa fuulduratti kadhattuu ta’ee jiraate nama hin ajaa’ibuu! Edaa kanaafi abbaan keenya qulqulluun Daawwit faarsaa isaa; Faf.D 118129 irratti “Dhugaa baatonnikee ajaa’ibsiisoodhaa; lubbuun koos isaan barbaadde”. Kan jedheef.

Hojjettoonni abbaa isaa illee otoo hin hafin; dhidhiqaafi kosii xuraawaa irratti gatuudhaan; yemmuu isa gidirsan; saroonni abbaa isaa garuu; madaa isaa ni harraabuuf ture. Kanas; raajaan Isaayyaas;Raj.Isa 13 irratti” Qotiyyoon abbaa isaa;harreenis Dallaasaa beeke; Israa’el sabni koo garuu; hin beeku; hin hibatus” jedhee kan dubbate mirkanaa’e.Egaa walumaa galatti abbaan keenya; misirroon Gabre Kiristoos;ilma mootii dureessa kabajamaa ta’ee otuu jiruu;haa ta’u malee addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan;waa’ee qulqullummaatiif; godaanee;kadhachaa; isa kadhatee argate immoo; hiyyeessota biroof laachaatii; ofii isaatiif laguu/sooma fi kadhannaadhaan jabaatee woggaa soddoma guutuu qabsuuraan/ qabsoo hafuuraatiin jiraate. Dhuma irrattis; Gooftaan keenya; Giiftii keenya, Ergamtoota qulqulloota hundumaa, Abbaa keenya Gabre Kiristoos dura kan jiran Raajota hundumaa,duuka bu’oota, tolootaa fi wareegamtoota hundumaa of duuka hiriirsee; dhufuudhaan;waadaa hedduu erga galee fi booda; Gooftaa keenya waliin kan dhufan qulqulloonni hundumtuu; kabaja guddaa fi galata guddaadhaan; galateeffachaa; Gooftaan keenya;lubbuu eebbifamtuu abbaa keenyaa; misirroo Gabre Kiristoos; Onkololeessa 14; hammannaa isaatiin olbaaseera.

Angafti Phaaphaasii Qusxinxiyaa; Abbaa Tewoofiloos; sirna Qiddaasee irra otuu jiranii; mana mootii deemanii; qaama Abbaa keenyaa Gebre Kiristos isa boqate akka fidaniif; sagaleen Waaqayyoo samii irraa ajajaan dhufeefii deemanii yemmuu ilaalan; Abbaan keenya Gabre Kiristoos; qe‘ee Mootii, abbaa isaatti; utuu namniyyuu hin beekiin woggaa kudha shaniif; jiraatanii; achumatti boqotanii argaman.Harka abbaa keenyaa keessatti waraqaa maramee; barreeffame tokko waan arganiif;fuudhanii dubbisuuf yemmuu jedhan harka isaanii keessaa ba’uufii didde.Booda irra kadhannaa baay’ee erga taasisanii waraqittiin harkaa isaanii irraa baateefii yemmuu dubbisan;Abbaan keenya Misirroon Gabre Kiristoos; jaalala Waaqa isaaf jedhee; woggaa soddoma guutuuf gidiraa inni dabarse; keessattuu; qe’ee abbaa isaa duratti otuu namuu hin beekin;gidiraa gaddisiisaafi seenaa isaa kan laphee irraa nama boossisu; harka isaatiin kan barreeffameedha.

Mootichi; abbaan isaa; mootittiin haati isaas;xalayaa ilmi isaanii barreesse kana yemmuu dubbisan wanti ta’an jalaa bade; boo’anii gangalatan.Wanti baay’isee nama ajaa’ibu immoo; maatiin isaa haadha manaa haa taatuuf jedhanii kan isa fuusisan; intalli mootii Roomaa; abbaa manaa isheetiif amanamtuu taatee; woggaa soddoma guutuudhaaf; mana abbaafi haadha isaa teessee obsaan eegaa jiraachuu isheeti. Isheenis seenichi yeroo dubbifamee dhageessu; akka maraachuu taate. Qaama abbaa keenyaa; qulqulluu Gabre Kiristoos; gara Mana Kiristaanaatti yemmuu geessan; dinqiiwwaan adda addaa nama dinqisiisan; dhukkubsattota heddu irratti raawwataman. Dinqiiwwan kana irraa kan ka’e; daandiin cufamee; uummanni deemsisuu dhoorkinaan;mootichi karaa irraa achi fageessee; warqee bittinneesseef; yeroo namoonni warqicha funaanachuu deeman; warroonni baatan; dafanii mana amantaatti geessaniiru. Boqonnaan isaaniis;Onkololeessa kudha afuri(14)dha. Eebbi abbaa keenyaa; hunduma keenya irra bara baraan haa bulu.Ameen!

Madda   (ገድለ ቅዱስ ገብረ ክርስቶስ፤ የቅዱሳን ታሪክ-56)

ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOO)

ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOO)

Mulugeetaa Ayyaalew

ONKOLOLEESSA SHAN GUYYAA ABBAAN KEENYA ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOON) WAADAA(QAAL-KIDAANII) WAAQAYYO IRRAA ITTI FUDHATAN

AbuneGebreMenfesqidusAbbaan keenya Abune    Gebre Menfes Qiddus/Aabboon; biyyi dhalootaa isaanii Gibtsi; iddoo Nihiisaa jedhamtu yoo ta’u; Abbaan isaanii Simi’oon, haati isaaanii immoo Aqleesiyaa jedhamu. Abbaa fi haati abbaa keenyaa Abune Gebre Menfes Qiddus/Aabboo akka ajajaa fi abboommii Waaqayyootti kan jiraatan yoo ta’u; dhala otuu hin argatin woggaa soddoma obsanii Waaqayyoon kadhachaa jiraatan. Akkuma barte gaaf tokko Aqleesiyaan Mana Waaqayyoo seentee ; fakkii Sillaaseejalatti kuftee; boo’aa yemmuu kadhattu;” ilma kabajni isaa fageenya samii caalu kunoo fudhadhu” sagalee jedhu dhageessee ;gammadaa gara mana isheetti Waaqayyoon galateeffachaa deebite. Egaa bu’uuruma kanaan Abbaan keenya Abune Gebre Menfes Qiddus/Aabboon Bitootessa 29 garaa haadha isaaniitti hafan (gadamessa haadha isaanii Aqleesiyaa keessatti uumaamanii) Muddee, 29 guyyaa kabajamaa fi jaallatamaa; guyyaa yaadannoo Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos gara addunyaa tanaatti kabajaan dhufan.

 

Akkuma yeroo ifa keessatti ija banatan wantoota muul’atu irra iji namaa qubatu sana; Abbaan keenyas akkuma gadaamessa haadha isaanii keessaa ba’anii lafa tuqaniin taraf jedhanii lafaa ka’uun; Abbaaf galanni haa ta’u, Ilmaaf galanni haa ta’u, Afuura Qulqulluuf galanni haa ta’u,kan dukkana keessaa na baastee gara ifaatti na ceesiste jedhanii galateeffachuu isaanitiinii fi sana boodas midhaanii fi bishaan biyya lafaa otuu hin nyaatin hin dhugiin galata qofaaf jabaatanii dhaabbachuu isaanitiin Ergamoota samii fakkaatu.

Waggaa sadi yommuu guutan Qulqulluu Gabri’eeliin Qulqulleettii Dubree Maariyaamii fi Qulqulloota gannata keessa jiraniin eebbisiisee; deebisee Kawaalota (Gadaamota) itti gaafatamtoonni keessa jiran balbala irraan ga’ee deeme. Itti gaafatamaan Kawaalichaa mallattoon itti himamee yommuu ilaaluuf deeman fuulli isaanii kan nama gammachiisu ta’ee argataniiru. Isaanis guddisanii; barsiisuun muudamaa monoksummaarraan ga’aniiru. Sana booda kennaan fayyisummaa laatameefi guyyaa tokko keessaatti qaroo dhabeeyyii kumaatamaan lakkaa’aman fayyisaniiru. Kana irraa ka’uudhaan uummanni baay’een raajii/dinqii isaanii kana dhagahuudhaan hojii isaan hiiksisanii rakkisnaan; Ergamaan Gabri’eeliin koola/koochoo isaatiin baatee Gooftaa keenya fuulduratti isaan dhiyeesse. Gooftaan keenyas; qabsuuraa fi eebba keetiin namoota baay’ee du’a lubbuu irraa fi ibidda bara baraa jalaa baasta waan ta’eef uummata gidduutii ba’iitii bosonatti gali jedheen. Jireenyi keetis namoota wajjiin otoo hin ta’in; Leencota 60 fi Qeerransoota 60 wajjiin ta’a. Abbaan keenyas bineensoonni kun maal nyaatanii ana wajjiin jiraatu jennaan, bakka miillikee ejjete qofa arraabanii quufu jedheen. Sana booda gara Kaawaalaa seenanii Leencotaa fi Qerransoota qofa wajjiin jiraachuu jalqaban. Haala kanaan woggaa soddoma erga jiraatanii booda; Gooftaan sadummaa fi tokkummaan itti muul’atee maal akkan siif raawwadhu barbaadda jedheen. Abbaan keenyas jalqaba iddoo jiraniif kadhachuu wayya waan ta’eef; namoota biyya Gabootaaf cubbuu isaaniif dhiifama naaf taasisi jedhaniin. Battala sanatti cubbamoota kuma sadi si’ool keessaa baaseefi gannata galcheefira.

ZiqualaSana booda; gara Itiyoophiyaa deemii lubbuuwwan baay’ee cubbuu irraa oolchita jedheenii; Gooftaan gara Biyya keenyaa Iiytoophiyaa akka dhufan isaan ajaje. Qulqulluu Gabri’eeliinis bubbeetiin/qilleensaan fe’ee bakka yeroo ammaa Godina Guraagee keessatti argattu iddoo Midra-Kabdi jedhamutti isaan qubachiise. Itti aansees yeroo ammaa Godina baha shewaa keessatti iddoo argamu tulluu Qulqulluu Cuqqaalaa/Zuqaalaa/ isaan geesse. Isaanis cubbuu uummata Itiyoophiyaa ilaaluudhaan haroo keessa mataan dhaabbatanii kadhachuu eegalan. Gaafa guyyaa 40 guutan ; Ergamaan dhufee; yaadannoo kee kan raawwate, maqaakee kan waame hundumaa cubbuurraa siif qulqulleesseeraa koottu ba’ii siin jedheera Gooftaan ittiin jedheen; Abbaan keenya garuu uummata Itiyoophiyaa hundumaa cubbuu isaanirraa yoo naaf qulqulleessite malee hin ba’u jedhanii diduun kadhannaa isaanii caalaattuu itti fufanii woggaa dhibba tokko guutuu bishaan keessa mataan dhaabbatanii kadhachaa turan. Gooftaanis waggaa dhibba booda dhufuun Itiyoophiyaa guutummaashee cubbuu irraa siif qulqulleesseeraa koottuu ba’i jedheen. Sana boodas gara iddoo Midre-Kabdi jedhamutti deebi’anii samii fi lafa gidduu qilleensa gubbaa dhaabbachuun woggaa torbaaf akka utubaatti dhaabbatanii yemmuu kadhatan; seexanni inaaffaaf boqannaa hin qabu waan ta’eef; quuroo/harraageessa/ fakkaatee ija isaanii buruqsuun ija isaanii lachuu jaamse. Abbaan keenyas kana akka qorumsaatti otuu hin lakkaa’in woggaa kudha afuriif (subaa’ee lama) erga akkasumatti kadhannaan turanii booda; Ergamoonni lama; Ergamaa Mikaa’elii fi Ergamaan Gabri’eeliin dhufanii afuura fayyinaatiin uuff jedhanii qaroo ijaa isaanii lachuu deebisaniif. Sana booda gara Tulluu Cuqqaalaa deebi’anii yemmuu deeman; Waaqayyoo Sadummaan (Sillaasee) bifa maanguddooliin gaaddisa jala boqatanii itti muul’atan. Teessoo kabajaa Waaqayyoon si kadhannee boqonnaa tokko tokko baadhuutii nu gaggeessi jedhaniin. Baatanii erga gaggeessanii booda sadummaa tokkummaan itti muul’atan. Yeroo kana Abban keenya rifatanii kufan, isaanis bakka kufanii kaasanii Tulluu Cuqqaalaa deemii diinakee haaloo ba’i jedhaniin. Abbaan keenyas, teessuma bakakkaa irra taa’anii hangafoota Ergamootaa torban gargaarsa godhachuun seexanoota kuma kumaatamaan lakkaawaman; bakakkaan fixaniiru. Sana booda raajii/dinqii isaanii kana dhagahanii; Aabbaa Saamu’eel kan Waaldibbaa, Aabbaa Anbassee kan Hazaloo fi Aabbaa Biiniyaam kan Gibtsii eebba isaan irraa argachuuf; leencotaa isaanii of duuba hiriirsanii gara isaanii dhufan. Abbaan keenya Abune Gabre Menfes Qiddus/Aabboon/ guyyaa torba booda muul’ataniif. Leenconni isaanii leencota abbaa keenyaan jalaa waan nyaatamaniif gaddanii turan; Abbaan keenyas leencota isaaniitiin; Waaqayyo kan isiniif ajaje; biyyoo miila kootiti malee foonii fi dhiiga akka soorattaniif mitii amma dafaati tufaa jedhaniin; leenconnis battala sanatti tufanii jennaan Abbaan keenya yommuu fannoo isaanitiin eebbisan hundumtii isaanii ka’aniiru. Yeroo kanas Abbootiin kun yaa Abbaa keenya raajii/dinqii addaa arginee jechaa eebba isaanii fudhatanii deebi’aniiru. Egaa akkanatti hojii dinqisiisaa hedduu raawwachaa woggaa 262 Itiyoophiyaa keessa jiraatanii; walumaa galatti waggaa 562tti kadhannaa isaanitti kan abdatan, yaadannoo isaanii kan raawwatan, maqaaisaanitiin kan hiyyeessa gargaaree, mootummaa samii akka dhaalchisuuf guyyaa Waaqayyoo waadaa itti isaaniif galeefidha. Egaa nutis kadhannaa isaanitiin Waaqayyoo fuuldura akka nuuf dhaabbataniif; cubbuu keenyaafis dhiifama akka nuuf kadhataniif; yeroo hundumaa yaadannoo isaanii kan beela’an nyaachisuun, kan dheebotan obaasuun,kan daaroman daara baasuun eebba isaanii akka ragannu Waaqayyo uumaan keenya nuhaa gargaaru. Eebbii fi sugni Abbaa keenyaa hunda keenya irra haa bulu.

Madda   GALMEE SEENAA LAKKOOFSA LAMMAFFAA                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                           

QABSUURA WAREEGAMTUU QULQULLEETTII ARSEEMAA

QABSUURA WAREEGAMTUU QULQULLEETTII ARSEEMAA

Mulugeetaa Ayyaaloon

27/01/2010 B.A


Arsema2010aJalqaba isaa eenyumtuu beekuu kan hin dandeenyee fi onnee namoota foon uffatanii jalaa iccitiin isaa baay’ee fagaataa kan ta’e; asii hamma achii, as keessa jira as immoo hin jiru jechuun kan hin danda’amne, garuu jalqaba kan jiruufi jiraachuu waan hundumaa inni kan beeku samiifi lafa, kan muula’atuufi kan hin muul’anne hundumaa kan uume maqaa Waaqa Abbaa, Addunyaan utuu hin uumaminii fi hin hojjetamin iccitiidhaan Abbaa isaa wajjiin tokko kan ta’e waan hundumaan Abbaa wajjiin kan wal qixxaate maqaa Waaqa Ilmaa Gadaamessa garbawwanii keessaa burqaawwan bishaanii utuu hin dhangala’in, galma isaa guddaa keessaas ifni utuu hin ba’in, Abbaa irraa kan ba’e maqaa Waaqa Afuura Qulqulluutiin dursina.

Kadhannaan isheetii fi Eebbi ishee nu hunda keenya irra bara baraan haa jiraatu.

Fulbaana, 29 haati keenya Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaan, itti gaafatamtuu kawaala isaanii kan taate wareegamtuu Agaataa wajjiin wareegamummaan boqatan. Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaan B.A. 290 Biyya Armaaniyaatti kiristaana umrii dardarummaatti wareegamteedha.

Dhaloonni Ishee Room yoo ta’u wareegamummaa kan fudhatte immoo biyya Armaaniyaatti. Manneen Kiristaanaa Ortodooksii Isaan Bahaa (Oriental and Eastern) Fulbaana, 29 ykn October 9 guyyaa wareegamummaa itti fudhatte kabajuuf.

Seenaa Ishee Kitaaba Sinkisaara Fulbaana, 29 irratti akkuma barreffametti mootii bara sanaa kan ture gantuu Diyooqilixiyaanos; durba bifti ishee baay’ee miidhagduu taate fuudhuu waan barbaadeef biyyoota bulchiinsa isaa jala jiran hundumaa keessa barbaadanii akka fidaniif hojjettoota isaa ajaje. Miidhaginaafi naatoodhaan dorgomtuun kan hin argamneef Qulqulleettii Arseemaa Kawaala dubartootaa Room keessatti argatanii fakkii ishee kaasuudhaan fidaniif. Otuu loon hin galin hattuun mooraa guutte akkuma jedhan, Mootichis fakkii ishee qofa ilaalee baay’ee waan gammadeef hatattamaan cidhi akka raawwatamuuf gara warra abbootii aangoo gurguddaatti xalayaa waamichaa erge.

 

Dubartoonni Qulqulloonni kunis kana yommuu dhagahan akka isaan oolchuuf, durbummaa isaanitiinis akka isaan eeguuf boo’anii gara Waaqayyootti kadhannaa taasisan. Kana boodas dhokatanii kawaala sanaa baqatanii gara kutaa bulchiinsa mootii Dirxaadis; Isa Armaaniyaa, iddoo ija namaarraa fagaachuun gammoojjii keessa qubatan. Isaan wajjiin kan baqatan dhiirota torbaatamii shanii (75)fi dubartoota soddomii sagali(39)turan. Waan nyaatan waan hin arganneef rakkoo guddaa keessa turan. Haa ta’u malee,Waaqayyo ijoollee isaa hin dagatuutii, Isaan keessaa meshaa ifaa hojjechuu kan beektu isheen tokko waan jirtuuf qarshii meeshaa ifaa sanarraa argamuun xixinneessanii sooratu ture.

Mootichi Diyooqilixiyaanos Qulqulleettii Arseemaa barbaadee argachuu baatus biyya Armaaniyaa akka jirtu waa’ee ishee dhagahe. Namoonni biyyichaatis Diyooqilixiyaanos jalaa baddee kan dhufte waa’ee             Qulqulleettii Arseemaa mooticha Armaaniyaa Dirxaadisitti himan. Innis bulchiinsa isaa keessatti muudamaasaa kan ta’e tokkotti anaaf eegiitii naaf ergi jedhee ajajeen. Achittis kana yemmuu dhagahan achiis baqatanii deeman. Namoonni isaan arganis mootichaaf isaan saaxileessanii jennaan, mootichis kabajaan akka fidaniif tajaajiltoota isaa ajajeen. Isheen garuu dhaquu dinnaan lafarra harkisanii mooticha bira ishee geessan. Mootichis miidhaginaafi naatoo ishee ilaalee fedha fooniitiif waan hawweef qulqullummaa ishee xureessuu barbaadee, Itti waamamtuu ishee Agaataan akka isaaf sossobdee tole jechisiistu ishee ajaje.Qulqulleettii Agaataanis gara Qulqulleettii Arseemaa deemtee laphee ishee jabeessiteen, akkanas jetteen, “beekkadhu! xuraa’aan amantaa hin qabne kun akka sin xureessinee fi misirrummaa samiikee akka hin dhabne, kunis galannii fi ulfinni isaaf haa ta’uutii jiraataa Ilma Waaqayyoo Kiristoosidha.” jetteen. Qulqulleettii Arseemaan tole jechuu dinnaan mootichis humnaan qabee gara gola isaatti fudhachuuf durboota kanneen keessaa Qulqulleettii Arseemaa qabe, yeroo sanattis Qulqulleettii Arseemaa irra humni Waaqayyoo waan buleef mooticha lafa irratti isa diriirsite. Mootichis dirree waraanaa keessatti goota cimaa waan tureef durba daa’ima tanaan waan moo’ameef baay’ee qaana’ee, leeyya’ee morma ishee seefidhaan akka irraa kutan ajajee fi Itti waamamtuu ishee Agaataa , durbootaa fi qeerrota hundumaas akka ajjeesan ajaje.

Isaanis ajjeesuuf yommuu fuudhanii deemaa jiran, durboota qulqulloota kana keessaa isheen tokko dhukkubsattee ciisaa turte, isheenis iyyuudhaan warroota ajjeesuuf deeman sana waamtee anas akka obboleewwan kootii morma koo narraa kutaa jettee kadhatte, isaanis garaa laafina tokko malee morma ishee irraa kutanii hundumtuu tokkummaan gonfoo kabaja wareegamummaa fudhatan. Qeerrota Roomii isaan wajjiin dhufan sanas hundumaa ajjeesanii reeffa isaanitis gaara gubbaatti gatan. Wareegamtoonni kun erga wareegamanii booda mooticha irratti Afuuronni hamoon walga’an. Bifti namummaa isaatis badee akka karkarroo/booyyee ta’e.

Qulqulluun Gorgooriyoos gara isaa dhufee isaaf kadhatee fayyinaan, galanni isaaf haa ta’uutii Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti ni amane. Sana boodas qaama kabajamaa wareegamtootaa bakka gatamanii walitti sassaabee iddoo kabajamaa kaa’uudhaan Mana Kiristaanaa bareedaas isaaniif ijaarsiseef. Isaan irraas dinqiiwwan gurguddaan ni rawwataman.

Bara ammaa kana keessa Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaan Ijoollee Ortodooksi Tewaahidoo biratti caalaatti beekkamaa fi kabajamaa dhufteetti. Ijoolleen Tewaahidoo waa’ee wareegamtuu durbee tanaa kaasanii kabajuun isaanii kan isaan galateeffachiisudha. Haa ta’u malee waa’ee Kiristoosiif jettee wareegamummaan isheen kaffalte, qulqullummaa foon ishee kabachiisuuf gidiraa isheen argite, shamarrummaan otuu ishee hin gowwoomsin gatiin isheen amantaaf kaffalte, fooniin biyya lafaarra otuu jirtuu kan hojjette caalaa, firii wareegamummaan buuste yaadachuun isheerraa barachuun, bara keessa jiran moo’achuu irra, yaadannoo wareegamtuu kanaa gaa’ela addunyaa kanaa, jaalala foonii isaa yeroof qofa ta’eefi shakkii seenaa ishee wajjiin deemuu hin dandeenye wajjiin wal qabsiisuun gaarii hin ta’u.

Dabalataaniis yeroo ammaa Fakkii wareegamtuu Qulqulleettii Arseemati jedhamee bal’inaan kan beekkamu akkaataa seera fakkii Qulqulloota Amantaa Ortodooksi Tewaahidootiin fakkii Qulqulleettii Baarbaaraati. Armaniyaatti, awwaala ishee irratti kan argamu isa gaditti agarsiifame kana. Mana Kiristaanaa ishee Odola/lafa cittuu Xaanaa keessatti argamtu keessattis fakkii ishee haala duudhaa Fakkiiwwan Itiyoophiyaatiin qophaa’e (Ethiopic Iconography) argachuun ni danda’ama.                  

                                 Arsema2010b                               Arsema2010c 

                                     Fakkii Qulqulleettii Baarbaaraa                                  Fakki Qulqulleetti Arseemaa Mana Kiristaana
                                                                                                                       Ortodoksii Armaaniyaati argamu.

                      Arsema2010d

                                                                                             Fakkii Awaala ishee irratti fakkii argamu

Walumaa galatti seenaan Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaa, kiristaanota addunyaa hunda biratti kan beekkame, kabajaafi qulqullummaa wajjiin baay’isee kan wal qabate, wareegamtoota dardarraniif fakkeenya guddaa kan ta’u, qulqullummaa ofii eeggachuun qorumsa guddaa kan ta’e bara kana keessatti fakkeenya kan ta’uufi duris obboleewwan shamarranii fi haawwoliin keenya waa’ee Kiristoosiif jecha gatii isaan kaffalan kan agarsiisu ta’uu isaatin guyyaa ayyaanaa ishees afuura kanaan kabajuun barbaachisaadha.

Madda

  • SINKISAARA FULBAANA 29
  • Mil’uu D/n Daani’eel Kibret                      

Kabaja Ayyaana Maariyaamii Haadha Hundaa (ብዙኃን ማርያም)

Kabaja Ayyaana Maariyaamii Haadha Hundaa (ብዙኃንማርያም)

Dn Takiluu Hayiluun

21/01/2010 B.A

Ayyaanota gurguddoo haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyamii yeroo mara kabajaman keessaa ayyaanni Maariyaamii haadha hundaa (ብዙኃንማርያም) jedhamuun Fulbaana digdamii tokko(21) kabajamu isa tokko. Ayyaanni kun sababa gurguddoo lamaaf kabajama.

Inni Duraa Hayyoonni Mana Kiristaanaa fagoodhaas dhiyoodhaas walitti qabamuun amantaa ishee duraa eegsisuuf yaa’ii isaan taasisan sababeeffachuun yoo ta’u,

Inni lamaffaan immoo Fannoon Gooftaa keenya, qoricha keenya, Iyyasuus Kiristoos irratti fannifame GisheenDabra Karbee guyyaa itti gale sababeeffachuun kabajama. Sababiiwwan armaan olitti caqasaman kanneen gabaabsinee yoo ilaallu;

  1. Duuka bu’aa wareegamaa Qulqulluu Pheexiroos kan ture Aariyoos Kitaaba Fakkeenyaa Abbaa ogummaa Solomoon irraa jecha “Waaqayyo hojii isaaf daandii isa jalqabaa taasisee na uume”. ( K.Fakk 8:22) jedhee barreesse irraa ka’uun galanni Waaqayyoof haa ta’uutii Aariyoos ‘Ilmi Uumamaadha’ jechuun gane. Barumsa shakkii isaas barsiisuu eegale. Summii barumsa isaatiinis tajaajiltoota Mana kiristaanaa gidduutti waldhabbii uumee ture. Abbootiin Mana Kiristaanaas yoo isa barsiisanis, itti dheekkamanis fudhachuu fi amanuu ni dide. Barnoota Shakkii isaas babaldhisuun itti fufe. Sababa kanaanis Phaaphaasiin Iskiindiriyaa Illeskindiriyoos (328-342BA) Aariyoosiin amantootarraa foo’ee adda baase Bara 325 B.A, Sababa shakkii Aariyoosiin Mootiin Roomaa Qusxinxiniyoos Niiqiyaatti akka yaa’iin taasifamu laabsii labsuun Hayyoonni Mana kiristaanaa 318 ta’an walitti qabamuu danda’aniiru. Sababni yaa’iin kun Niiqiyaatti ta’uu danda’eef Niiqiyaan namoota hundaaf giddugaleessaaf mijattuu, akkasumas keessummoota haala gaariidhaan keessummeessuu ni dandeessi jedhamee waan itti amanameefidha. Yaa’ii kana irratti akkuma duuka bu’ootaa, du’aa kan kaasan, naafa kan diriirsan, qaroo dhabeessaaf qaroo kan laataniifi, raajii gara garaa kan hojjettan kan irratti hirmaatan yoo ta’u sababa amantaa isaaniif gidiraa heddus kan argan turani.

Hayyoonni kunniin erga kadhannaan turanii booda Sadaasa gaafa guyyaa sagalii gaggeessummaa Qusxinxiniyoosii fi Afa-yaa’uummaa Illeskindiriyoosiin hogganamaa sagantaa isaanii eegalan. Mootichis maqaa keessan, biyya irraa dhuftan fi amantaa keessan barreessaa fidaa yommuu jedhuun Abbootiin 318 amantaa isaani “Gooftaa keenyaa fi qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqummaa isaatiin (amalummaasaatiin) Abbaa wajjiin kan walqixxaatu jechuun Ilmi Abbaa waliin aangoon, waaqummaan, amalummaan, addunyaa uumuun, bulchuu fi jiraachisuun tokko” ta’uu isaa ibsanii barreessanii kennaniif. Mootichis Amantii akka Abbootii 318’ jechuun laabsii labsisiise. Abbootiin kunniin fakkeenya ijoollee Abrahaam seera uumamaa irratti caqasamaniiti. (Uma 14:14). Abbootiin 318’n kunneen Shakkaa Aariyoos tokkummaa isaanii keessaa foo’uun “Hundumaa kan uume Waaqa tokko kan ta’u Waaqayyo Abbaatti ni amanna. Samii fi lafa kan uume, addunyaa muul’atuuf hin muul’anne osoo hin uumamin isa wajjiin kan ture Ilma abbaa kan ta’e Waaqa tokko Iyyasuus Kiristoositti ni amanna” jechuun bu’uura Amantaa fi murtiiwwan biroo tokko tokkos murteessaniiru. Abbootiin hedduun akkanatti walitti kan qabaman Fulbaana gaafa guyyaa digdamii tokkoo(21) waan ta’eef guyyaan kun moggaasa Maariyaamii Haadha hundaa jedhu argateera. Egaa nutis akkuma abbootiin keenya nu barsiisan, Kitaabni Qulqulluunis nu hubachiise, Waaqayyo uumama uumuudhaan, dabarsuudhaan, jechaan, afuuraan, lapheedhaan, jireenyaan, taayitaadhaan (aangoodhaan) Waaqummaadhaan (amalummaadhaan) tokkoodha (Uma 1:26;Yoh 14:10), akkasumas Maqaadhaan, gochaan, qaamaan, sadiidha (Mat 28:19; Isa 6:3; jennee amanna jechuu dha.

  1. Sababiin inni lamaffaan Fannoo Gooftaa keenya, qoricha keenya Iyyesuus kiristoos waliin wal qabata. Kunis akkamitti yoo jennu, yeroo warreen Waaqayyotti hin amanne biyya Misiraa irratti aangoo argatan sana Kiristaanota irratti gidiraa baay’isan. Kiristaanonni kunis yaadaan tokkoo ta’uun Mooticha Itiyoophiyaa Atsee Daawitiin akka isaan gargaaruuf iyyannoo dhiyeeffatan. Yeroo kana Laga Giyoon hanga Sinaar (Sudaan) ga’utti deemuun jalaa cufan. Jireenyi uummata Misiraa laga Giyoon /Abbayyaa/ irratti sababa bu’uureffatteef nuyi mootii Itiyoophiyaa waliin nagaa fi jaalalaan jiraachuu irraa kan hafe rakkoo biroo hin qabnu, kanaafuu lammaffaa isin hin tuqnu laga Giyoon nuuf gadhiisaa, sababa cufamuu laga kanaatiin kiristaanotnis keessa ni rakkatu jechuun kennaa wajjiin araarsituu ergan. Mootiin Itiyoophiyaas haa ta’u duraanis isin goonaan malee jechuun kennaa isaanii hunda deebisuun Laga Giyoon jalaa cufanii turan deebisanii bananiif. Haa ta’u malee Biyyi koo samiin lafaaf bokkaa ni laatti, lafti sanyii fudhatee biqilchuu diduun hongee fi beelli hammaatee waan jiruuf, mee Gooftaan akka nuuf araaramuuf Fannoo Gooftaa naaf kennaa jechuun xalayaa barreessee kennaa waliin erge. Kunis, mootichi akkuma Phaawuloos dubbate Fannoon Nageenya, badhaadhinaa fi abdii kiristaanootaa ta’uu isaa waan beekuuf. (Efe 2:14; Gal 6:14). Isaanis isaan ni barbachisa jechuun yaada dhiyaate irratti walii galuun gar-tokkee Fannoo isaa harki MirgaaGooftaa irra oole, fakkii Gooftaa fi fakkii Qulqulleettii dubroo Maariyaamii isa wangeelaawiin` Luqaas kaase waliin bakka tokkotti gochuun erganiif. Isaanis hanga Siinaar/Suudan deemuun faarfannaa fi Ililleen simatani. Yeroo kana tasa daandii irratti mootichi Atsee Daawit ni boqote. Du’a mootichaa irraan kan ka’e Fannoo kiristoos waggoota 30f gammoojjii siinaar/Suudan keessa ture.

Ilmi Atsee Daawiti Mootichi ZaraYaa’iqoob (Bara 1427-1440 BA Kan Bulche) yeroo aangoo qabatu Fannoo Kiristoos gammoojjii Siinaari/Suudan keessaa fuudhuun eessa akka kaa’u yaadaa ture. Mootichis Fannoo Gooftaa bakkeewwan gara garaa kanneen akka Tulluu Inxooxxoo, Dabra Tsiggee, Mannaageshaa Maariyaamii, Wacacaa Maariyaamii kaa’uuf yaalee ture. Bakkeewwan caqasaman kana kaa’uuf garuu fedha Waaqayyoo waan hin turreef, Gooftaan abjuun “Fannoo koo bakkee qaxxaamuraa kaa’i jechuun’’ itti dubbate. Yeroo kana mootichis labsii labsisiisuun ayyaana taasisanii gar-tokkee Fannoo kiristoos gara kutaa biyya Walloo Ambaassal Gisheen Tulluu Kabree irra kaa’uun Mana Qulqullummaa Dubroo Maariyaam hojjechuun Fannoo Gooftaa kabajaan kaa’aniiru. Egaa seenaa kana irraa; mallattoo Fannootiin Afuurawwan hamaan hundi akka Sodaatan, dhalli namaa gidiraa Seexanaa fi rakkoo jalaa kan bahe sirna bilisa baasaa Fannoon ta’uu ni hubanna. Yoo amantiin raawwanne Fannoon Afuura hamaa akka balleessu rakkoo akka nuu irra fageessu ni qalbeeffanna. Nuyis ijoolleen Waaqayyoo mallattoo injifannoo godhannee, qabannee hanga dhumaatti deemna. Humna hamaas ittiin moo’anna.

Walumaa galatti ayyaana waggaa kana yeroo kabajnu Manaa Qulqulummaatti argamnee, jireenya bara baraa kan ta’e Wangeela Waaqayyoo barannee kabajamaa Foonii fi Qulqulluu dhiiga Gooftaa fudhannee, jireenya bara baraa dhaaluuf kan qophoofnu, akkasumas eebba, sugaa fi kabajaa haadha keenya Dubroo Maariyaamii fi Fannoo Gooftaa keenya irraa guyyaa itti argannu nu haa taasisu.

Eegumsi Waaqayyoo, kadhannaan Qulqullootaa, Araarsummaan haadha keenya Dubroo Maariyaamii nu waliin haa ta’u. Ameen!!

Madda

vToora Interneetii Waldaa Qulqullootaa barruu Afaan Amaariffaa

vBarruu Simaa-Tsidiqi Guraandhala 2001

vDirsaanii Masqalaa( kitaabaa Afaan Amaariffaa)

Sababa cubbuu keenyaaf inni fannoo irratti fannifamee 1Phex 2:24

Sababa cubbuu keenyaaf inni fannoo irratti fannifamee 1Phex 2:24

D/n Takiluu Hayiluutiin

16/01/2010 B.A.

Jechi fannoo isaa warreen badaniif gowwummaa, nuyi warreen fayyinuuf garuu humna Waaqayyootti, akkuma jedhe ifni addunyaa Qulqulliichi Phaawulos, Mannii kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa ayyaanota gurguddoo kabajuu kessaa ayyaanni Fannoo (Masqalaa) tokko.

Waaqayyo jaalala dhala namaaf qabuu karaa hedduu mul’iseera. Waadaa dhiifama Addaamiif gale raawwachuuf fayyina addunyaa labsuuf Abbotii hangafoota, Raajota, Mootota, kaasuun fakkeenyaan erga barsissee booda gaafa guyyaan beelama ga’u magaala Daawwiit kan taate Beeteliheemiitti Gooftaa dubroo Maariyaamii irraa mooraa loonii keessatti dhalateera (Gala.4:4). Dhalachuu isaan barri rakkoo fi gadadoo dhumatee, barri Araaraa, barri nageenyaa eegale. Duukkanni muluqfamee, ifni ni ba’e, abdiin Addaamii fi ijoollee isaa lammaffaa ni lalise, guyyaan fayyinaa ni dhiyaate. Luq 2:15

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos daandii fayyinaa gadameessa dubree Maariyaamii keessatti eegalame xumuruuf biyya lafaarraa waggoota soddomii sadiif fi ji’a sadii deddeebi’uun fayyina addunyaatiif du’a fannoo du’uun gaarummaa fi fedha isaatiin gidiraawwan fannoo kudha sadeen(13) gidiramuun guyyaan beellamaa yeroo ga’u fannoo irrattii fannifamuun nuuf jechaa du’e. Abdiin abbootii dubree Maariyaamiin raawwatte qaraaniyoo irratti fannoo qorichaa dhaabe. Sababa mukaan mucummaa isaa kan dhabe Addaam, Gooftaan muka irratti fannifamuun, fannoo isaatiin lammaffaa deebisee bitate (Isa. 53:4-7). Fannoo irra ooluun xumurame jechuun du’a addunyaa irratti moo’ee ture fannoo isaatiin ajjeeseera. Addunyaa osoo hin uumiin dura mootiidha kan ture dachee kana gidduuttis qoricha ta’eera (Faarsa 17:13).

Fannoo bara kakuu moofaa.

Seenaa warra yihuudotaa kan barreesse Yoosef mucaan Koriyoon akkuma ibsutti, Faannoon hawaasa Yihuudota biratti beekamaa ture (Yoseef W. Kor 17:10). Yihuudotni nama yakkamaa fi abaaramaa jedhan gama ittiin adabamu keessaa, fannoon adabuun isa tokko ture (Kessa 21:22-23). Kanaaf bara kakuu moofaa keessatti fannoon mallattoo abaarsaa, yakkamaan kan irratti fannifamu ture. Galatni fi kabajni maqaa isaaf haa ta’uuti, qulqulluu badii kan irratti hin argamne, Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ajjeesuuf yihuudotni fannoo filataniif. Harka isaa fi miilla isaa faannoo irratti rukutanii, eeboon isa waraanaanii, yakkamaa dha jechuuni “Iyyesuus isa Naazreet mootii Yihuudotaa” jechuun barreessanii mataa dura fannoo isaatti maxxansaani. Raajiin dubbatame akka raawwatuuf gidiraa hunda isaa Gooftaan fedha isaan gidirame.

Fannoo bara kakuu Haaraa.

Galatni fi kabajni isaaf haa ta’uutii du’aa Gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosiin booda fannoon malattoo yakkaa,abarsaa ta’uu isaa hafee mallattoo bilisummaa, asxa jireenyaa fi nageenyaa ta’e. Fannoon mallattoo faayinaa ta’uun isaa kan itti mirkanaa’e kakuuu haaraatti dhiiga Gooftaa keenyaan biyyi lafaa yommuu qulqullaa’ee duuti bara baraa barbadaa’ee yeroo ilmi namaa nageenyaa fi jireenya argateeti dha. Kanaafi yeroo hunda wayita kadhannaa gaggeessinu “Addunyaa hundumaa fayyisuuf jedhee fannoo Gooftaan keenya IIyyesuus kiristoos irratti fannifameef ni sagadna,Fannoonsaa hunma keenya, humni keenya fannoo isaati, fannoon furaa keenya dha, fannoon isaa fayyisaa lubbuu keenyatti, warri yihuudoota isa ganu nuti garuu itti amanna, warri itti amannus fannichaan ni fayyina, fayyineerras” kan jennu. Sababa mukaan duuti gara addunyaatti seene, sababa fannoo kiristoosiin jireenyi gara addunyaa dhufe. Sababa mukaan wanjoon garbuummaa dhala addam irratti fe’ame, sababa fannoo kiristoosiin wanjoo garbummaa san nurraa cabe. Muka seexanni Addaamii fi ijoollee Addaamii ittiin reebaa tureen har’a immoo fannoo kiristoosin ijoolleen Adaam seexana reebna, kanaafuu fannoon humna keenya, fannoon furaa keenya. Kanaaf yeroo dalagaa dalagnu mara, yeroo soorachuuf jennu, erga sooratnee booda, yeroo baanu, yeroo gallu, yeroo qo’annu yeroo qo’annee xumurru, hojii kami iyyu yeroo eegalluuf jennu fi yeroo xumuruu yeroo maraa malattoo fannoo Gooftaa keenyaan mallatteefanna.

Fannoo kiristoos kabajamaa fi ulfaataa dha, moototni fi abbootiin kan ittin kabajamanii dha, fannoon dhala namaa kan jabeessu/cimsu muka kabajamaa dha. Isaan yeroo mallatteeffannu jinniin ni baqata, abaaramaan diiyaabiloosis ni rifata. Ergamootni ni kabaju, wareegamtootni ni galateeffatu, duukaa bu’ootni kabajaa isaa lallabu, manni amantaa badhaasaa fi simboo isaa godhatti, kunis abbaan kabajaa kan irratti fannifame fannoo Kiristoosi (kitabaa gibre Himamaat fuula 167).

Bu’uura kabaja ayyaana faannoo

Ayyaannii fannoo yeroo hundaa fulbanaa 17 akka seera M/A/O/T/I haala ho’aan kabajamee oola. Waa’ee kabaja faannoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo kaasnu akka abbootiin nu barsiisanitti fannoon Gooftaan kenyaa irratti fannifame raajiiwwan heddu waan taasisuu eegaleef kiristaanota biratti kabajaa guddaa, Yihuudota biratti garuu inaaffaa waan uumeef akkasumas namootni raajii fannoo isaa arganii akka hin fayyineef jecha, yihuudotni fannoo kiristoos dhoksuuf/balleessuuf jecha waggoota 300 oliif naannoo Iyyerusaalemitti awwaalanii turani. Labsii baasuun namnii martuu gataa mana isaa irrratti akka gatu taasisan. Balfaan irratti tuulamuun gaara guddaa ta’e. Fannoo yakkamtoota lamaan mirgaa fi bitaa isaatti fannifaman itti dabaluun akka bakki isaa hin mul’anneef jecha tulluu walfakkaatoo sadii keessaa isa tokko keessatti awwaalani. Badii duraan balleessaniif gaabbii galuu osoo qabanii cubbuu irratti cubbuu hojjechaa turani. Waa’ee fannoo kiristoos nama jalaa dhoksuu, dagachiisuu hedani. Haa ta’u malee kan dhokatee hunda kan argu, kan dagatame kan nama yaadachiisu waaqayyo guyyaan fannoon isaa itti argamu ni ga’e. Waaqayyo nama mootii amantaaf quuqamu Qosxaanxiinos kaase. Jaalalli fannoo kiristoosis laphee keessa bule. Bara 326 BA haati mootii Qosxaanxiiniyoos mootittii Illeeniin nama seenaa beeku fi umurii dheeraa qabu Kiraakos kan jedhamu, Fulbaana 16 damaraa(mukaa jidhaa aaruu danda’u) dhaabde. Damaraa (muka jidhaa walitti qabuun erga dhaabdee booda, ixaana itti naquun yoo gubduu/aarsitu/, aarri damaraa sanaa tulluu fannoon Gooftaa keessatti awwaalame irratti boqatee, ni sagade. Qulqullichi daawwitis bakkee miilli waaqayyoo dhaabateetti ni jilbeefanna akkuma jedhu, ( Fars. 132:7)aarri damaraa fannoo Waaqayyoof jilbeefatee, bakkee fannoon jirus Mootiitti Illeeniitti agarsise. Haaluma kanaan Fuulbana 17 qotuu eegalamee, Bitootessa 10 akka fedha isaatti fannoon Gooftaa argame. Ifni fannoo isaas addunyaa guute, fannoo Waaqayyos akkuma duraanii raajii argisiisuu, du’a kaasuu eegale. Kanaaf nuyis Fulbaana 16, guyyaa itti manneen amantaa mootiittiin Illeenii Iyyerusaalemitti dhaabsifte guyyaa itti eebifamaan, guyyaa damaraan /aarri/ bakka fannoo Gooftaa jiru agarsisee, fulbaana 17 guyyaa itti qotuun eegalaman fi guyyaa kabaja mana isaa fi galatoo sababeeffachuun ni kabajna. Guyyaan fannoon Gooftaa qotamee argame Bitootessa 10, yoo ta’u illee guyyaan kun yeroo maraa soomii Gooftaa waan ta’uf sooma Gooftaa keessa gammachuu taasisuun dhorkamaa sababa waan ta’eef kabaajni ayyaana fannoo Gooftaa Fulbaana 17 akka ta’uu abbootiin seera tumaniiru.

Fannoon nuyi kiristaanotaaf:

vNageenya kan ittiin arganne, hundee nageenyaatti dha Qol. 1:19

vLola ittin ajjeesuun Waaqayyo waliin tokko kan ittiin taane dha Efe 2:13-16

vAbdii keenya dha. Gala 6:14

vGabrummaan seexanaa kan ittiin nurraa ka’e, furaa keenya Qola 2:14

vJaalala Waaqayyoo kan ittiin yaadannu dha. 1Yoh 3:16, yoh 15:13

vDiyaabiloos kan itti qaana’e, du’i kan ittiin nurra barbadaa’e dha 2Phex 2:24, Gal 3:13

vHunma keenya (1Qor 1:18), fannoo furaa keenya dha, fannoon isa fayyisaa lubbuu keenyaati.

Walumaagalatti fannoon fakeenyaan kan fakkeefamuuf, raajiin kan dubbatameef dhiiga kiristoosiin kan kabajame, furaa fi nageenya keenya waan ta’eef ni kabajna, sagada kennaa ni sagadnaaf (Far. 132:7) fannoon humna, keenya hirkoo keenya, jennees ni farfanna.

Kanaafuu nuyis oolmaa Waaqayyoon fannoo irratti nuuf oole, dhala namaaf jecha akka fannifame, fannoo irratti ba’aa keenya akka baate, nuuf jecha akka dhukkubsate yaadachaa akka ayyaana fannoo isaa kabajnu Waaqayyo nu haa gargaru. Jaalalli fannoo Isaa nu hundarra haa bulu.

Galatni Waaqayyoof, hadha isaa dubroof, kabajamaa fannoo Isaa qulqulluuf haa ta’u.Ameen

Madda፡፡:-

  • Barullee Hamer fulbanaa 2008 BA
  • Kitaaba sinkisaari fulbaanaa 16 fi 17 dubbifamu
  • Kitaaba Gibre himaamat
  • Kitaaba Qulqulluu abbaa 81.
  • Toora interneeti Waldaa Qulqullootaa fuula afaan Amaariffaa.

“Gidiraan Qulqullootaa baayee dha.” Far.33:19:

“Gidiraan Qulqullootaa baayee dha.” Far.33:19:

Yaadannoo Wareegamaa Zakkaariyaas

Dn Zariyuun Siisayiin

08/01/2010 B.A

Jecha kana kan dubbate onnee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluu Daawiti dha. Kaayyoon barnoota kanaa hamma kamiyyuu yoo gidiraan nutti baay’ate obsaan Waaqayyoo akka eegnu ykn hanga dhumaatti amanamaa akka ta’u gochuu dha.

“Gidiraan Qulqullootaa baay’ee dha. Waaqayyo hunda irraa isaan fayyisa. Waaqayyo onnee isaanii hunda iyyuu ni eega. Isaan keessaa tokko illee hin dhokatu.” Far 33:19-20

Egaa yaa saboota Waaqayyoo Manni Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itiyoophiyaatti Fulbaanni 8 guyyaa boqonnaa Wareegamaa hangafa Lubootaa Qulqulluu Zakkariyaas jettee kabajji.Eebbii fi kabajni isaa nurra haa buluutii abbaan keenya Qulqulluu Zakkaariyaas mana Qulqullummaa Iyyerusaalem keessatti Waaqayyoon kan tajaajilu luba ture. Zakkariyaasii fi Haati manaa isaa Eelsaabeex kan eebifamanii fi kan Qulqullaa’an turan.yeroo hundumaa seeraa fi jecha Waaqayyoo ni eegu turan. Akkasumas namoota rakkateef kan gaddanii fi kan rakkatan rakkina keessaa kan baasan turan. Ta’es garuu dhala hin qaban turan. Sababa Kanaan gaddaan kan guutamanii jiraatan turan. Waaqayyos dhala isaaniif akka kennuuf yeroo hundumaa kadhaa ni dhiyeessu turan. Waaqayyo kan isaan hin dhageenye fakkaatee hanga dullumaatti isaan callise. Isaanis waan dulloomaniif waa’ee dhalaa yaaduu dhiisan. Guyyaa tokko lubni Zakkariyaas Waaqayyoon otoo tajaajiluu fi Ixaanaa aarsuu ergamaan Qulqulluu Gabrieel Waaqa biraa ergamee gara Zakkariyaas dhufe. Ilma akka argatus itti hime. Yaa saboota Waaqayyoo meeqaan keenyaadhaa?gaaffiin keenya deebii yoo dhabu amantaa keenyatti hin cimne,namootni baayee abdii kutachuudhaan gara waa beekan kan jennu deemanii amantaa jijjiiruutti kan deeman ni jiru. Zakkariyas garuu ni obse,Waaqayyoos firii obsa isaa mucaa gaarii Yohaannisii kenneefii. Kanaaf obsaan eegachuun barbaachisaa dha. Kanaafidha Raajichi Inbaaqoom “Mul’anni kun yeroo itti rawwatamu isaaf ta’u ni eega,waa’ee guyyaa booddee ni dubbata,garuu soba miti. Yoo lafa irra harkifameyyuu isa eeggadhaa,Inni dhuguma ni dhufa,hin turus jedhe” kan jedhu Inb.2:3

 

Zakkaariyaas erga dulloomee booda ilma argate. Luq.1:1-26,57 –dhumatti. Arraba isaa irratti qoosus ni callise. Yaa saboota Waaqayyoo yeroo Waaqayyo nu ilaalu quba nutti qabaa turan boquu isaanii gad ni buusu. Zakkaariyaasis ni gammade. Kanaaf Qulqulluun Yaared “…Jaarsa,Lubaa fi ajaja Waaqayyoo kan eege Zakkaariyaas qulqulluu ni dinqisiifate. Dubbachuus jalqabe Waaqni keenya dhiifama isaatiin Aariyaamii irra taa’ee nu daawwate. Kan duukkanaa fi gaaddiduu du’aa jala jiraachaa turaniif ifasaa isaaniif ibsuuf dhalate….”kan jedhe Baha Ifaa 8. Waaqni Zakkariyaas daawwate nuunis haa daawwatu. Xiqqo akka gammadeen gaddi biraa itti dhufe. Heeroods lubbuu Gooftaa keenyaa bara barbaadu sana ture. Namootni Heroods bira deemanii yeroo Yohaannis ulfaa’u Afaan Abbaa isaa kan cufsiise yeroo dhalatu Afaan abbaa isaa kan bansiise mucaa qaba jedhanii itti himan. Heroodsiis mucaa isaa ajjeesuuf barbaade. Zakkaariyaasis mucaa isaa qabatee gara Mana Qulqulummaa deemee kadhannaa eegale. Ergamaan Waaqayyoo dhufee Elsaabeexiin mucaa ishee fudhattee gara bosona akka deemtu godhe. Loltootni Heroods dhufanii mucaa isaa yeroo dhabanitti Fulbaana 8 Mana Qulqullummaa keessatti isa qalanii deemani.

Jireenyi kiristaanaa siree irraa gara sireetti miti. Qaraaniyoo bahuu (ilaaluu) dha malee. Namootni waan xiqqootti abdii kutannu yoo jiraanne qormaanni nu qunname kan nu madaalu malee kan humna keenyaa olii akka hin taane hubachuu qabna. Kanaafidha Qulqulluun Phaawuloos “kanaafuu kan dhaabate kan fakkatu akka hin kufne of haa eegattu. Nama hundaaf kan ta’u irraa ala qormaanni kamiyyuu isin irra hin geenye. Haa ta’u malee humna keessanii oli akka qoramtaniif kan hin eeyyamne Waaqayyoo kan amaname dha. Obsuu akka dandeessaniif qormaata waliin akka baatani isiniif godha. Kanaafuu yaa obboloota koo Waaqa tolfamaa waaqeffachuu irraa of qusadhaa” 1ffaa Qoron. 10:12-14. Kanaafuu gidiraa nurra gahu ilaallee namootni abdii kutannu,Waaqayyo na irraanfateera kan jennu yoo jiraanne, gidiraan nurra gahe kan humna keenyaa ta’uu isaa obsaan Waaqayyoon akka eegnu Waaqayyo nu haa gargaaru. Maarree namootni baay’ee gidiraan xiqqoo yoo irra gahu Waaqa isaanii ni ganu,amantaa isaanii ni jijjiiru,gara waa beektotaa (magic) ni deemu,kun garuu dogongora dha. Kiristaana jechuun waarqii Jechuu dha. Kanaafidha abbaan keenya Iyoob “erga na qoree booda akka Warqiitti naan baha.”kan jedhe Iyob.23:10. Warqiin qotamee lafa keessaa ni baha,gara abiddaattis ni darbatamaa,qormaata kana hunda keessa erga darbee booda garuu kabajaan bakka kabajamaa ni kaawwama. Kiristaannis qormaata itti dhufe obsaan fudhatanii yoo darbanii ulfinaa fi kabajaa argatu. Kanaafi Qulqulluun Yohaannis gidiraa sitti dhufuu jirutti hin sodaatiin. Kunoo Seexanni akka isin qoramtanii ilaalamtaniif isin keessaa kaan mana hidhaatti akka galfaman gochuuf jedha. Guyyaa kudhaniif rakkina argachuuf jirtu. Du’a yoo sitti fide iyyuu ati hamma du’aatti amanamaa ta’i. Ani immoo gonfoo jireenyaa siif kenna.”Mul.yo 2:10-11 kan jedhu. Yaa saboota Waaqayyoo qormaanni ykn gidiraan karaa adda addaa nutti dhufuu damda’a, nuti garuu qormaata yoo nutti dhufu kabajaaf ta’uu isaa hubannee hanga dhumaatti akka dhaabannu araarsummaan Giiftii keenya Dubroo Maariyaamii nu haa gargaaru. Gara mata duree keenyaatti haa deebinuutii gidiraan Qulqullootaa immoo kan keenyaa oli dha. Kanaafidha Qulqullichi Efireem “Wareegamtootni dhugumatti miidhagina Addunyaa kanaa tuffatani,dhiiga isaanii Waaqayyoof jedhanii dhangalaasani,mootummaa Waaqayyoofis du’a hadhaa obsani. Yaa Gooftaa akka baay’ina dhiifama keetti dhiifama nuuf godhi.” Kan jedhe Galata Maariyaamii kan Kamisaa.

Yaa saboota Waaqayyoo Qulqulloonni Wareegamtootni Mana Qulqullummaa keenya amantaa keenya dhiiga isaanii dhangalaasuun nutti dabarsaniiru. Dhalootni har’aa hoo maal hojjechuu jiraa ? baay’een keenya Amantaa keenya nyaataan, fudhaa fi heerumaan fi fedha fooniin jijjiirraa jirra. Dhiigni Abboootii fi Hadhoolii keenyaa akka nu hin gaafanneef dangaa abbootii keenyaa eeguun dirqamaa hunda keenyaati.

Maalif ayyaana kana kabajnaa?

  1. Yaadannoon isaanii baraa hanga baraatti waan ta’eef .Far 111:6
  2. Isaaniin akka fakkaannuuf Ibr.13:7
  3. Eebba isaaniin akka fayyinuufii dha. “amma immoo sagaleen samiirraas kana booda warri Gooftaatiin qabatanii otoo jiranii kan du’an(boqotan) Qulqulloota dha. Jedhii barreessi naan jedhe. Afuura Qulqulluunis eeyyee dadhabbii isaan irraa ni boqotu. Isii hojii isaanii immoo isaan waliin ni bu’a.”Mul.Yoh. 14:13.

Zakkaariyaas araarsaa ture ;har’as ni araarsa. Eebbii fi kabajni isaa hunda keenya waliin haa ta’u. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!!!

Madda :Macaafa Qulqulluu

           Galata Maariyaamii

         Hiikkaa Wangeelaa