Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22

in Tibbana

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22

Dn. Zariyuun Siisaayiin

Qaammee 03/13/2009 B.A

Hordoftoota Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo hundaaf baga bara Wangeela Qulqulluu Maatiyoos irraa gara bara Wangeela Qulqulluu Maarqoositti ceetani. Barri kun kana Nagaa,Jaalalaa,Badhaadhinaa fi Gaabbii isiniif haa tahu. Ameen

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson. 4:22

Jecha kana kan dubbate ifa addunyaa kan jedhame Qulqulluu Phaawuloosi dha. Jecha kana kan dubbateefis uummattoota Kiristaanaa biyya Efesooni fi dha. Kayyoon barnoota kanaa namoonni kaleessa cubbuu keessa jiraachaa turre,bara haaraa kanatti gaabbiidhaan deebinee nama haaraa akka taanu dha. “Jireenya keessan duraa yaadachaa hawwii isa nama gowwomsu isa badu nama moofaa sana dhabamsiisaa. Afuuraan yaada garaa keessanii keessatti haareffamaa. Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti fakkeettii Waaqayyootiin uumame uffadhaa.”Efeson 4:21-24

Yaa saboota Waaqayyoo nama moofaa kan jedhame fedha foonii dha. Barri baraan yammuu jijjiiramu huccuu haaraa Adii uffachuu qofa osoo hin taane qaama keenya cubbuun moofa’e ykn xuraa’e gaabbiin haareffachuun ykn qulqulleeffachuu qabna. Kanaafidha Raajichi Waaqayyoo Iyuu’el “Waaqayyo akkas jedha laphee keessan guutuudhaan,soomuudhaan,booyichaan,gadduudhanis gara kootti deebi’aa laphee keessan malee uffata keessan hin tarsaasinaa” jechuun kan dubbate Iyuu’el 2:12-13. Laphee keessan tarsaasaa jechuun isaa gaabbii galaa, yarummaa garaa keessan keessa jiru baasaa jechuu dha. Namni fedha foonii hojjetu Waaqayyoo hin sodaatu; hojii Waaqayyo jaalatus hin hojjetu. Namoonni waan akkasii hojjenu yoo jiraanne bara haaraa kanatti hojii keenya moofaa kana dhiisnee barri darbe nu gaha jennee akkuma bara baraan jijjiirre hojii keenya isa moofaa dhiisnee Waaqayyo kan jaalatu hojjechuu qabna. Kanaafidha hangafa Duukaa bu’ootaa kan tahe Qulqulluun Pheexiroos

“Kiristoos fooniin waa’ee keenyaaf gidiraa ykn rakkina wan fudhateef kana booda bara isin hafe akka eeyama Waaqayyootti malee akka fedha fooniitti hin jiraatiinaa. Isin immoo yaada sana akka meeshaa lolaatti godhaatii qabadhaa. Fooniin gidiraa kan fudhate cubbuu dhiseeraati dha. Warri saba Waaqayyoo hin ta’iin hojjechuu jaalatan hojjechuudhaan sagaagaluu fi fedha fooniin, machiin,sirbaan, human ol dhuguun Waaqa tolfamaa waaqeffachuun deddeebi’aa kan turre barri darbe nu gaha.” 1ffaaPhex. 4:1-3. Kan jedhe. Kanaafuu yaa saboota Waaqayyoo baroota baay’ee dabarsineerra,baroota haaraa baay’ee argineerra. Baroota baay’ees uffata haaraa uffachuun dabarsineerra. Bara haaraa kana garuu uffata Qulqulluu kan taheen kan hin xuroofne Iyyesuus Kiristoosiin haa uffannu. Nama haaraa haa taahu. Baroota cubbuun dabarsine keessaa baanee nama haaraa haa taanu. Baroota baay’ee ejjaan sirbaan,fedha fooni rawwachuun dabarsineerra ta’a,amma garuu eessatti akka kufne barree, gaabbiin deebi’uutu nurra jira. Mul.Yoh2:5

“Waaqayyo dhifamummaa isaatiin bara ni qopheessa.” Fars. 64:11(12). Waaqayo bara baran yoo jijjiiru nuti maal gochuu qabnaa? Ayyaana bara haaraa yammuu kabajnu daraaraa waliif kennuuni dha. Kunis fakkeenyaa fi hiika kan qabu dha. Daaraaraan fakkeenya Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosi dha. Daraaraan yammuu daraaru fooliin isaa nama hundumaa hawwata. Namni daraaraa ilaalu daawwachuun ni quufa. Iyyesuus Kiristoosis foon isaa fi dhiiga isaa namni nyaatuu fi dhugu hin beela’u,jireenya bara baraas ni jiraata. Yoh 6:35-55. Tokkos daraaraan fakkeenya Giftii keenya Dubroo Maariyaamii dha. Daraaraan daraaree firii kenna firiin isaas namoota rakkoo keessaa fi beela keessaa isaan baasa. Dubroon Maariyaamiinis firii gaarii nuuf argamsiisuun nama moofaa sana nurraa dhabamsiisteetti, Ibidda si’oolii nu baasisteetti. Kanaafuu daraarota ilaallee nama moofaa dhabamsiisame kana ofii Keenya namoonni ofitti deebisne bara haaraa kanatti daraaraa kana ilaaluun namummaa moofaa kana dhabamsiisuu qabna. Tokkos daraaraan fakkeenya sanyii Addaamii dha. Daraaraan ni daraara,ni goga,ni harca’a; namnis akkasuma dha. Kanaafi dha laphee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluu Daawwit “Namootni barri isaanii akka margaa dha, akka daraaraa bosonaattis ni daraara;Qileensi yeroo itti qileensa’uttis ni darba” kan jedhe fars.102:15(16)

Kanaaf maal haa goonu?

  1. Akka fedha foonii keenyaatti kan deddeebine nu haa ga’u. “Yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan fayyinaa waan nutti dhiyaateef,yeroo kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru ta’uusaa beekaa, halkanichi sokkee guyyichi dhiyaateera,kanaafis kottaa hojii duukkana keessa hojjetamu of irraa fuunee gannee mi’a lolaa isa ifa keessa hojjetan ni hidhanna. Sirbaafi machiin hin ta’iin ejjaa fi sagaagilaan hin ta’in falmii fi goomii hin ta’iin. Haa ta’u malee Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoosiin uffadhaa. Hawwii isaas akka raawwatu fooniif hin yaadinaa” Rom 13:11-dh,1ffaa Teselon. 5:7.
  2. Sodaa Waaqayyoo malee fi osoo hin beekiin baroonni dabarsine nu gahu. 1ffaa phex.4:3,s.um 19:20,Gal.5:16 ,Fili.3:13
  3. Gaabbii haa gallu “Cubbuun keessan akka siniif haqamuuf gaabbii galaa,deebi’as” Hoj.duk.3:20
  4. Nama kamiyyuu waliin nageenyaan (Jaalalaan) haa jiraannu. 1ffaa Qor.13:1-13,Rom. 12:18

Yaa jalamtoota dubbistootaa sagalee Waaqayyoo bara haaraatti nama haaraa ta’uu yoo barbaanne,kaleessa afaan keenyaan namoota gaddisiisnerra yoo tahe dhiifama haa gaafannu, kan hanne ,kan sobne,kan ajjeesne,kan hamanne,qabeenya namaa akka malee kan itti fayyadamne, ejjaa fi machiin namootni kufne,afuura mooraa machii falmii kan qabnu fi kkf hundi ofii keenya of miidhuu malee faayidaa akka hin qabne hubannee gaabbii galuun Waaqayyo waliin araaramuutu nurra jira.

Egaahoo guyyaan fayyinaa har’adhaati,cubbuu keenya bishaan gaabbiitiin yeroo itti dhiqannu,Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qeraaniyootti foon nuuf kuteen dhiiga nuuf dhangalaseen kan itti chappeffamnu,cubbamaa isa ture qaama keenya seera Waaqayyoof kan bichisiisnu bara Dhiifamaa akka nuuf ta’uuf mata keenya of haa qulqulleesinu. Bara haaraatti nama haaraa akka taanu Waqti Nagaa,Jaalalaa,Dhiifamaa nu ha gargaaru. Ameen!!!

Maddaa :Macafa Qulqulluu Abbaa 81

             Macaafa Adimtaa Wangeelaa

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2017-09-08 15:36:512018-10-26 09:20:59“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Kutaa 3ffaa Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Link to: Kutaa 3ffaa Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Kutaa 3ffaa Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Link to: “Gidiraan Qulqullootaa baayee dha.” Far.33:19: Link to: “Gidiraan Qulqullootaa baayee dha.” Far.33:19: “Gidiraan Qulqullootaa baayee dha.” Far.33:19:
Scroll to top