“Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa.” “ንበሩ ሀገረ ኢየሩሳሌም እስከ ትለብሱ ኃይለ እምአርያም::” (Luuq. 24:49)

Jecha kana kan dubbate Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Warrootni jechichi dubbatameef immoo Duuka Bu’oota isaati. Jecha Inni dubbate guutummaan yoo ilaalle, “Kunoo, isa Abbaan Koo isin abdachiise isiniif nan erga; waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa”  jedha (Luuq. 24:49). Kana qofa miti; hamma Bitaaniyaatti isaan baasee harka isaa mataa isaaniirra kaa’ee ni eebbiseen. Karaa biraatiin aangoo lubummaa isa hamma paatriyaarkummaa jiru jiruun isaan muudee osuma Isa argan gara samiitti ol bahe.

Isaan garuu, gara samiitti ol bahuu Gooftaa ilaalaa osuma yaadda’aa jiran Ergamaan waaqayyoo dhufee “Isin namoota Galiilaa, maaliif dhattanii samii keessa ol ilaalaa yaadda’aa jirtu? Iyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi’ee in dhufa” jechuudhaan isaan jajjabeessee jira. Asirratti waan lama hobachuu dandeenya.

  1. “Iyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi’ee in dhufa.” jechuudhaan dhufaatiin Gooftaa Keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos ifatti yookan haala nama hundumaaf mul’achuu danda’uun akka ta’e nuhubachiisa. Raajoonni dharaa bara keenya kana keessatti jiraatan “Gooftaa Mul’ataan (raa’iyyii) naaf mil’atee yoom akka dhufu natti himeera.” Jechaa fa’a raagu. Kun raajii dharaa akka ta’e beekuu qabna. Guyyaa sana ilma namaa dhiisnee Ergamoonni Waaqayyooyyuu kan hin beekne akka ta’e Kitaabni Qulqulluu nuuf mirkaneesseera. (Maat. 24:36, Maar. 13:32).
  2. Shakkitootni “Malakoonni (Waaqummaan) fooniin hin waloomne” jecha barumsa dogongoraa barsiisaniifis deebii kennuufi dha. Kunis, yeroo Inni (Gooftaan keenya) gara samiitti olbahu Duuka Bu’oonni Isaa arguun isaanii waan Malakoonni fooniin waloomeefi dha malee Malakoonni qofaasaa foon hin qabu ija ta’eef hin mul’atu ture. Jecha Waloomaatu gara samiitti olbahe. Kitaabni Qulqulluus “……ወዘንተ እንዘ ይብሎሙ ተለዐለ ወነሥአቶ ደመና ወዐርገ ሰማየ እንዘ እሙንቱ ይኔጽሩ ኀቤሁ……; kanas isaanitti himaa gara samiitti olbahuu eegale. Duumeessis Isa simatte.” Jechuudhaan yeroo inni olbahu Duuka bu’ootaaf mul’achaa akka ture fi isaanillee Isa laalaa akka turan nuhubachiisa. H/D/Bu. 1:8
  3. ‘Iyyaruusaaleem’ jechi jedhu
    1. Mana Kiristaanaa dha. Kanaauu, mana kiristaanaa keessa turraan (jiraannaan) kennaa Waaqayyoorraa argamu hunda ni arganna ija ta’eef “Iyyaruusaaleem keessa turaa” nuun jedheera.
    2. Iyyarusaalee Giiftii keenya Durbee Maariyaamii dha. Ishiirraa osoo hin fagaatin Iyyaruusaaleemitti (Giiftii keenya wajjiin) turaa nuun jechuufi dha.
    3. “በሰማይ የሀሉ ልብክሙ፤qalbiin keessan samiitti yookan Iyyaruusaaleem ishee samiirraatti haa jiraatu” jechuudhaan waan lafarraa osoo hin taane, waan samiirraa (kan Iyyaruusaaleem ishee samiirraa) abdachuu akka qabnu Kitaabni Sirna Qulqulleessaa nugorsa.

Dhufaatii Isaaf nagaan nuhaagahu.