BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS

BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS

Mulugeetaa Ayyaaleetiin

Abbaan keenya Abbaa Gabre Kiristoos; abbaan isaanii Mootii Qusxinxiniyaa Tewoodoosiyoos yoo ta.u;haati saanii immoo; Mootittii Maarkeezaa yoo jedhamtu;Wareegaan kan argatan ilma isaanii tokkicha Abbaa Gabre Kiristoos barnoota amantaa barsiisaa haala gaariidhaan kunuunsanii guddisan.Aangoo abbaa isaa dhaaluudhaan Qusxinxiniyaa akka bulchuuf waan barbaadaniif;abbaa fi haati isaa yeroo inni umrii gaa’ilummaaf ga’u; intala mootii Roomaa fuusisan.Abbaan keenya garuu addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan; fannoo Kiristoos baachuudhaaf kan qophaa’e waan ta’eef; halkan gaafa guyyaa cidhaa sana galagala; dubrummaa haadha manaa isaa; kan isaas akkuma kabajetti; mana cidhaa isaaniif qofa kennameef keessaa dhokatee ba’ee;doonii yaabbatee; biyyaa fagoo deemuudhaan; Mana Kiristaanaa keessatti; hiyyeessota waliin walitti makamee kadhachaatii; isa kadhate sanas hiyyeessota biroof kennaa ofii isaatii kadhannaa fi laguun woggaa kudha shan guutuu isaan wajjiin jiraate.

Giiftiin keenya muul’attee; tajaajilaa Mana Kiristaanaa tokkoof gaarummaa fi qabsuura abbaa keenyaa; Abbaa Gabre Kiristoos itti himnaan; tajaajilaan Mana Kiristaanaa sunis icciticha biyyattii hundatti jalaa labse.Misirroon Gabre Kiristoosis hojiinkoo najalaa beekkame; galata gatii hin qabne kana jalaa baqachuun qaba jedhanii; gara biyya biraa dooniidhaan; yeroo deeman; eeyyama Waaqayyoo ta’ee garuu; doonittii kallattii ishee karaa qe’ee abbaa isaatti qajeelchuun; qe’ee abbaa isaa biraatti buuse.Abbaan keenyas eenyummaa isaa akkuma dhoksettii fi addunyaa Kanas hammam akka tuuffate hubachuudhaaf; qe’ee Abbaa isaa; qe’ee Mootii fuulduratti; hiyyeessa kadhattuu ta’ee;hambaa saroota isaaniif kennan soorachaa; ammas woggaa kudha shan guutuu obsaan Waaqa isaa kadhachaa; qe’ee abbaa isaa fuulduratti kadhattuu ta’ee jiraate nama hin ajaa’ibuu! Edaa kanaafi abbaan keenya qulqulluun Daawwit faarsaa isaa; Faf.D 118129 irratti “Dhugaa baatonnikee ajaa’ibsiisoodhaa; lubbuun koos isaan barbaadde”. Kan jedheef.

Hojjettoonni abbaa isaa illee otoo hin hafin; dhidhiqaafi kosii xuraawaa irratti gatuudhaan; yemmuu isa gidirsan; saroonni abbaa isaa garuu; madaa isaa ni harraabuuf ture. Kanas; raajaan Isaayyaas;Raj.Isa 13 irratti” Qotiyyoon abbaa isaa;harreenis Dallaasaa beeke; Israa’el sabni koo garuu; hin beeku; hin hibatus” jedhee kan dubbate mirkanaa’e.Egaa walumaa galatti abbaan keenya; misirroon Gabre Kiristoos;ilma mootii dureessa kabajamaa ta’ee otuu jiruu;haa ta’u malee addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan;waa’ee qulqullummaatiif; godaanee;kadhachaa; isa kadhatee argate immoo; hiyyeessota biroof laachaatii; ofii isaatiif laguu/sooma fi kadhannaadhaan jabaatee woggaa soddoma guutuu qabsuuraan/ qabsoo hafuuraatiin jiraate. Dhuma irrattis; Gooftaan keenya; Giiftii keenya, Ergamtoota qulqulloota hundumaa, Abbaa keenya Gabre Kiristoos dura kan jiran Raajota hundumaa,duuka bu’oota, tolootaa fi wareegamtoota hundumaa of duuka hiriirsee; dhufuudhaan;waadaa hedduu erga galee fi booda; Gooftaa keenya waliin kan dhufan qulqulloonni hundumtuu; kabaja guddaa fi galata guddaadhaan; galateeffachaa; Gooftaan keenya;lubbuu eebbifamtuu abbaa keenyaa; misirroo Gabre Kiristoos; Onkololeessa 14; hammannaa isaatiin olbaaseera.

Angafti Phaaphaasii Qusxinxiyaa; Abbaa Tewoofiloos; sirna Qiddaasee irra otuu jiranii; mana mootii deemanii; qaama Abbaa keenyaa Gebre Kiristos isa boqate akka fidaniif; sagaleen Waaqayyoo samii irraa ajajaan dhufeefii deemanii yemmuu ilaalan; Abbaan keenya Gabre Kiristoos; qe‘ee Mootii, abbaa isaatti; utuu namniyyuu hin beekiin woggaa kudha shaniif; jiraatanii; achumatti boqotanii argaman.Harka abbaa keenyaa keessatti waraqaa maramee; barreeffame tokko waan arganiif;fuudhanii dubbisuuf yemmuu jedhan harka isaanii keessaa ba’uufii didde.Booda irra kadhannaa baay’ee erga taasisanii waraqittiin harkaa isaanii irraa baateefii yemmuu dubbisan;Abbaan keenya Misirroon Gabre Kiristoos; jaalala Waaqa isaaf jedhee; woggaa soddoma guutuuf gidiraa inni dabarse; keessattuu; qe’ee abbaa isaa duratti otuu namuu hin beekin;gidiraa gaddisiisaafi seenaa isaa kan laphee irraa nama boossisu; harka isaatiin kan barreeffameedha.

Mootichi; abbaan isaa; mootittiin haati isaas;xalayaa ilmi isaanii barreesse kana yemmuu dubbisan wanti ta’an jalaa bade; boo’anii gangalatan.Wanti baay’isee nama ajaa’ibu immoo; maatiin isaa haadha manaa haa taatuuf jedhanii kan isa fuusisan; intalli mootii Roomaa; abbaa manaa isheetiif amanamtuu taatee; woggaa soddoma guutuudhaaf; mana abbaafi haadha isaa teessee obsaan eegaa jiraachuu isheeti. Isheenis seenichi yeroo dubbifamee dhageessu; akka maraachuu taate. Qaama abbaa keenyaa; qulqulluu Gabre Kiristoos; gara Mana Kiristaanaatti yemmuu geessan; dinqiiwwaan adda addaa nama dinqisiisan; dhukkubsattota heddu irratti raawwataman. Dinqiiwwan kana irraa kan ka’e; daandiin cufamee; uummanni deemsisuu dhoorkinaan;mootichi karaa irraa achi fageessee; warqee bittinneesseef; yeroo namoonni warqicha funaanachuu deeman; warroonni baatan; dafanii mana amantaatti geessaniiru. Boqonnaan isaaniis;Onkololeessa kudha afuri(14)dha. Eebbi abbaa keenyaa; hunduma keenya irra bara baraan haa bulu.Ameen!

Madda   (ገድለ ቅዱስ ገብረ ክርስቶስ፤ የቅዱሳን ታሪክ-56)

ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOO)

ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOO)

Mulugeetaa Ayyaalew

ONKOLOLEESSA SHAN GUYYAA ABBAAN KEENYA ABUNE GEBRE MENFES QIDDUS(AABBOON) WAADAA(QAAL-KIDAANII) WAAQAYYO IRRAA ITTI FUDHATAN

AbuneGebreMenfesqidusAbbaan keenya Abune    Gebre Menfes Qiddus/Aabboon; biyyi dhalootaa isaanii Gibtsi; iddoo Nihiisaa jedhamtu yoo ta’u; Abbaan isaanii Simi’oon, haati isaaanii immoo Aqleesiyaa jedhamu. Abbaa fi haati abbaa keenyaa Abune Gebre Menfes Qiddus/Aabboo akka ajajaa fi abboommii Waaqayyootti kan jiraatan yoo ta’u; dhala otuu hin argatin woggaa soddoma obsanii Waaqayyoon kadhachaa jiraatan. Akkuma barte gaaf tokko Aqleesiyaan Mana Waaqayyoo seentee ; fakkii Sillaaseejalatti kuftee; boo’aa yemmuu kadhattu;” ilma kabajni isaa fageenya samii caalu kunoo fudhadhu” sagalee jedhu dhageessee ;gammadaa gara mana isheetti Waaqayyoon galateeffachaa deebite. Egaa bu’uuruma kanaan Abbaan keenya Abune Gebre Menfes Qiddus/Aabboon Bitootessa 29 garaa haadha isaaniitti hafan (gadamessa haadha isaanii Aqleesiyaa keessatti uumaamanii) Muddee, 29 guyyaa kabajamaa fi jaallatamaa; guyyaa yaadannoo Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos gara addunyaa tanaatti kabajaan dhufan.

 

Akkuma yeroo ifa keessatti ija banatan wantoota muul’atu irra iji namaa qubatu sana; Abbaan keenyas akkuma gadaamessa haadha isaanii keessaa ba’anii lafa tuqaniin taraf jedhanii lafaa ka’uun; Abbaaf galanni haa ta’u, Ilmaaf galanni haa ta’u, Afuura Qulqulluuf galanni haa ta’u,kan dukkana keessaa na baastee gara ifaatti na ceesiste jedhanii galateeffachuu isaanitiinii fi sana boodas midhaanii fi bishaan biyya lafaa otuu hin nyaatin hin dhugiin galata qofaaf jabaatanii dhaabbachuu isaanitiin Ergamoota samii fakkaatu.

Waggaa sadi yommuu guutan Qulqulluu Gabri’eeliin Qulqulleettii Dubree Maariyaamii fi Qulqulloota gannata keessa jiraniin eebbisiisee; deebisee Kawaalota (Gadaamota) itti gaafatamtoonni keessa jiran balbala irraan ga’ee deeme. Itti gaafatamaan Kawaalichaa mallattoon itti himamee yommuu ilaaluuf deeman fuulli isaanii kan nama gammachiisu ta’ee argataniiru. Isaanis guddisanii; barsiisuun muudamaa monoksummaarraan ga’aniiru. Sana booda kennaan fayyisummaa laatameefi guyyaa tokko keessaatti qaroo dhabeeyyii kumaatamaan lakkaa’aman fayyisaniiru. Kana irraa ka’uudhaan uummanni baay’een raajii/dinqii isaanii kana dhagahuudhaan hojii isaan hiiksisanii rakkisnaan; Ergamaan Gabri’eeliin koola/koochoo isaatiin baatee Gooftaa keenya fuulduratti isaan dhiyeesse. Gooftaan keenyas; qabsuuraa fi eebba keetiin namoota baay’ee du’a lubbuu irraa fi ibidda bara baraa jalaa baasta waan ta’eef uummata gidduutii ba’iitii bosonatti gali jedheen. Jireenyi keetis namoota wajjiin otoo hin ta’in; Leencota 60 fi Qeerransoota 60 wajjiin ta’a. Abbaan keenyas bineensoonni kun maal nyaatanii ana wajjiin jiraatu jennaan, bakka miillikee ejjete qofa arraabanii quufu jedheen. Sana booda gara Kaawaalaa seenanii Leencotaa fi Qerransoota qofa wajjiin jiraachuu jalqaban. Haala kanaan woggaa soddoma erga jiraatanii booda; Gooftaan sadummaa fi tokkummaan itti muul’atee maal akkan siif raawwadhu barbaadda jedheen. Abbaan keenyas jalqaba iddoo jiraniif kadhachuu wayya waan ta’eef; namoota biyya Gabootaaf cubbuu isaaniif dhiifama naaf taasisi jedhaniin. Battala sanatti cubbamoota kuma sadi si’ool keessaa baaseefi gannata galcheefira.

ZiqualaSana booda; gara Itiyoophiyaa deemii lubbuuwwan baay’ee cubbuu irraa oolchita jedheenii; Gooftaan gara Biyya keenyaa Iiytoophiyaa akka dhufan isaan ajaje. Qulqulluu Gabri’eeliinis bubbeetiin/qilleensaan fe’ee bakka yeroo ammaa Godina Guraagee keessatti argattu iddoo Midra-Kabdi jedhamutti isaan qubachiise. Itti aansees yeroo ammaa Godina baha shewaa keessatti iddoo argamu tulluu Qulqulluu Cuqqaalaa/Zuqaalaa/ isaan geesse. Isaanis cubbuu uummata Itiyoophiyaa ilaaluudhaan haroo keessa mataan dhaabbatanii kadhachuu eegalan. Gaafa guyyaa 40 guutan ; Ergamaan dhufee; yaadannoo kee kan raawwate, maqaakee kan waame hundumaa cubbuurraa siif qulqulleesseeraa koottu ba’ii siin jedheera Gooftaan ittiin jedheen; Abbaan keenya garuu uummata Itiyoophiyaa hundumaa cubbuu isaanirraa yoo naaf qulqulleessite malee hin ba’u jedhanii diduun kadhannaa isaanii caalaattuu itti fufanii woggaa dhibba tokko guutuu bishaan keessa mataan dhaabbatanii kadhachaa turan. Gooftaanis waggaa dhibba booda dhufuun Itiyoophiyaa guutummaashee cubbuu irraa siif qulqulleesseeraa koottuu ba’i jedheen. Sana boodas gara iddoo Midre-Kabdi jedhamutti deebi’anii samii fi lafa gidduu qilleensa gubbaa dhaabbachuun woggaa torbaaf akka utubaatti dhaabbatanii yemmuu kadhatan; seexanni inaaffaaf boqannaa hin qabu waan ta’eef; quuroo/harraageessa/ fakkaatee ija isaanii buruqsuun ija isaanii lachuu jaamse. Abbaan keenyas kana akka qorumsaatti otuu hin lakkaa’in woggaa kudha afuriif (subaa’ee lama) erga akkasumatti kadhannaan turanii booda; Ergamoonni lama; Ergamaa Mikaa’elii fi Ergamaan Gabri’eeliin dhufanii afuura fayyinaatiin uuff jedhanii qaroo ijaa isaanii lachuu deebisaniif. Sana booda gara Tulluu Cuqqaalaa deebi’anii yemmuu deeman; Waaqayyoo Sadummaan (Sillaasee) bifa maanguddooliin gaaddisa jala boqatanii itti muul’atan. Teessoo kabajaa Waaqayyoon si kadhannee boqonnaa tokko tokko baadhuutii nu gaggeessi jedhaniin. Baatanii erga gaggeessanii booda sadummaa tokkummaan itti muul’atan. Yeroo kana Abban keenya rifatanii kufan, isaanis bakka kufanii kaasanii Tulluu Cuqqaalaa deemii diinakee haaloo ba’i jedhaniin. Abbaan keenyas, teessuma bakakkaa irra taa’anii hangafoota Ergamootaa torban gargaarsa godhachuun seexanoota kuma kumaatamaan lakkaawaman; bakakkaan fixaniiru. Sana booda raajii/dinqii isaanii kana dhagahanii; Aabbaa Saamu’eel kan Waaldibbaa, Aabbaa Anbassee kan Hazaloo fi Aabbaa Biiniyaam kan Gibtsii eebba isaan irraa argachuuf; leencotaa isaanii of duuba hiriirsanii gara isaanii dhufan. Abbaan keenya Abune Gabre Menfes Qiddus/Aabboon/ guyyaa torba booda muul’ataniif. Leenconni isaanii leencota abbaa keenyaan jalaa waan nyaatamaniif gaddanii turan; Abbaan keenyas leencota isaaniitiin; Waaqayyo kan isiniif ajaje; biyyoo miila kootiti malee foonii fi dhiiga akka soorattaniif mitii amma dafaati tufaa jedhaniin; leenconnis battala sanatti tufanii jennaan Abbaan keenya yommuu fannoo isaanitiin eebbisan hundumtii isaanii ka’aniiru. Yeroo kanas Abbootiin kun yaa Abbaa keenya raajii/dinqii addaa arginee jechaa eebba isaanii fudhatanii deebi’aniiru. Egaa akkanatti hojii dinqisiisaa hedduu raawwachaa woggaa 262 Itiyoophiyaa keessa jiraatanii; walumaa galatti waggaa 562tti kadhannaa isaanitti kan abdatan, yaadannoo isaanii kan raawwatan, maqaaisaanitiin kan hiyyeessa gargaaree, mootummaa samii akka dhaalchisuuf guyyaa Waaqayyoo waadaa itti isaaniif galeefidha. Egaa nutis kadhannaa isaanitiin Waaqayyoo fuuldura akka nuuf dhaabbataniif; cubbuu keenyaafis dhiifama akka nuuf kadhataniif; yeroo hundumaa yaadannoo isaanii kan beela’an nyaachisuun, kan dheebotan obaasuun,kan daaroman daara baasuun eebba isaanii akka ragannu Waaqayyo uumaan keenya nuhaa gargaaru. Eebbii fi sugni Abbaa keenyaa hunda keenya irra haa bulu.

Madda   GALMEE SEENAA LAKKOOFSA LAMMAFFAA                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                                           

QABSUURA WAREEGAMTUU QULQULLEETTII ARSEEMAA

QABSUURA WAREEGAMTUU QULQULLEETTII ARSEEMAA

Mulugeetaa Ayyaaloon

27/01/2010 B.A


Arsema2010aJalqaba isaa eenyumtuu beekuu kan hin dandeenyee fi onnee namoota foon uffatanii jalaa iccitiin isaa baay’ee fagaataa kan ta’e; asii hamma achii, as keessa jira as immoo hin jiru jechuun kan hin danda’amne, garuu jalqaba kan jiruufi jiraachuu waan hundumaa inni kan beeku samiifi lafa, kan muula’atuufi kan hin muul’anne hundumaa kan uume maqaa Waaqa Abbaa, Addunyaan utuu hin uumaminii fi hin hojjetamin iccitiidhaan Abbaa isaa wajjiin tokko kan ta’e waan hundumaan Abbaa wajjiin kan wal qixxaate maqaa Waaqa Ilmaa Gadaamessa garbawwanii keessaa burqaawwan bishaanii utuu hin dhangala’in, galma isaa guddaa keessaas ifni utuu hin ba’in, Abbaa irraa kan ba’e maqaa Waaqa Afuura Qulqulluutiin dursina.

Kadhannaan isheetii fi Eebbi ishee nu hunda keenya irra bara baraan haa jiraatu.

Fulbaana, 29 haati keenya Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaan, itti gaafatamtuu kawaala isaanii kan taate wareegamtuu Agaataa wajjiin wareegamummaan boqatan. Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaan B.A. 290 Biyya Armaaniyaatti kiristaana umrii dardarummaatti wareegamteedha.

Dhaloonni Ishee Room yoo ta’u wareegamummaa kan fudhatte immoo biyya Armaaniyaatti. Manneen Kiristaanaa Ortodooksii Isaan Bahaa (Oriental and Eastern) Fulbaana, 29 ykn October 9 guyyaa wareegamummaa itti fudhatte kabajuuf.

Seenaa Ishee Kitaaba Sinkisaara Fulbaana, 29 irratti akkuma barreffametti mootii bara sanaa kan ture gantuu Diyooqilixiyaanos; durba bifti ishee baay’ee miidhagduu taate fuudhuu waan barbaadeef biyyoota bulchiinsa isaa jala jiran hundumaa keessa barbaadanii akka fidaniif hojjettoota isaa ajaje. Miidhaginaafi naatoodhaan dorgomtuun kan hin argamneef Qulqulleettii Arseemaa Kawaala dubartootaa Room keessatti argatanii fakkii ishee kaasuudhaan fidaniif. Otuu loon hin galin hattuun mooraa guutte akkuma jedhan, Mootichis fakkii ishee qofa ilaalee baay’ee waan gammadeef hatattamaan cidhi akka raawwatamuuf gara warra abbootii aangoo gurguddaatti xalayaa waamichaa erge.

 

Dubartoonni Qulqulloonni kunis kana yommuu dhagahan akka isaan oolchuuf, durbummaa isaanitiinis akka isaan eeguuf boo’anii gara Waaqayyootti kadhannaa taasisan. Kana boodas dhokatanii kawaala sanaa baqatanii gara kutaa bulchiinsa mootii Dirxaadis; Isa Armaaniyaa, iddoo ija namaarraa fagaachuun gammoojjii keessa qubatan. Isaan wajjiin kan baqatan dhiirota torbaatamii shanii (75)fi dubartoota soddomii sagali(39)turan. Waan nyaatan waan hin arganneef rakkoo guddaa keessa turan. Haa ta’u malee,Waaqayyo ijoollee isaa hin dagatuutii, Isaan keessaa meshaa ifaa hojjechuu kan beektu isheen tokko waan jirtuuf qarshii meeshaa ifaa sanarraa argamuun xixinneessanii sooratu ture.

Mootichi Diyooqilixiyaanos Qulqulleettii Arseemaa barbaadee argachuu baatus biyya Armaaniyaa akka jirtu waa’ee ishee dhagahe. Namoonni biyyichaatis Diyooqilixiyaanos jalaa baddee kan dhufte waa’ee             Qulqulleettii Arseemaa mooticha Armaaniyaa Dirxaadisitti himan. Innis bulchiinsa isaa keessatti muudamaasaa kan ta’e tokkotti anaaf eegiitii naaf ergi jedhee ajajeen. Achittis kana yemmuu dhagahan achiis baqatanii deeman. Namoonni isaan arganis mootichaaf isaan saaxileessanii jennaan, mootichis kabajaan akka fidaniif tajaajiltoota isaa ajajeen. Isheen garuu dhaquu dinnaan lafarra harkisanii mooticha bira ishee geessan. Mootichis miidhaginaafi naatoo ishee ilaalee fedha fooniitiif waan hawweef qulqullummaa ishee xureessuu barbaadee, Itti waamamtuu ishee Agaataan akka isaaf sossobdee tole jechisiistu ishee ajaje.Qulqulleettii Agaataanis gara Qulqulleettii Arseemaa deemtee laphee ishee jabeessiteen, akkanas jetteen, “beekkadhu! xuraa’aan amantaa hin qabne kun akka sin xureessinee fi misirrummaa samiikee akka hin dhabne, kunis galannii fi ulfinni isaaf haa ta’uutii jiraataa Ilma Waaqayyoo Kiristoosidha.” jetteen. Qulqulleettii Arseemaan tole jechuu dinnaan mootichis humnaan qabee gara gola isaatti fudhachuuf durboota kanneen keessaa Qulqulleettii Arseemaa qabe, yeroo sanattis Qulqulleettii Arseemaa irra humni Waaqayyoo waan buleef mooticha lafa irratti isa diriirsite. Mootichis dirree waraanaa keessatti goota cimaa waan tureef durba daa’ima tanaan waan moo’ameef baay’ee qaana’ee, leeyya’ee morma ishee seefidhaan akka irraa kutan ajajee fi Itti waamamtuu ishee Agaataa , durbootaa fi qeerrota hundumaas akka ajjeesan ajaje.

Isaanis ajjeesuuf yommuu fuudhanii deemaa jiran, durboota qulqulloota kana keessaa isheen tokko dhukkubsattee ciisaa turte, isheenis iyyuudhaan warroota ajjeesuuf deeman sana waamtee anas akka obboleewwan kootii morma koo narraa kutaa jettee kadhatte, isaanis garaa laafina tokko malee morma ishee irraa kutanii hundumtuu tokkummaan gonfoo kabaja wareegamummaa fudhatan. Qeerrota Roomii isaan wajjiin dhufan sanas hundumaa ajjeesanii reeffa isaanitis gaara gubbaatti gatan. Wareegamtoonni kun erga wareegamanii booda mooticha irratti Afuuronni hamoon walga’an. Bifti namummaa isaatis badee akka karkarroo/booyyee ta’e.

Qulqulluun Gorgooriyoos gara isaa dhufee isaaf kadhatee fayyinaan, galanni isaaf haa ta’uutii Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoositti ni amane. Sana boodas qaama kabajamaa wareegamtootaa bakka gatamanii walitti sassaabee iddoo kabajamaa kaa’uudhaan Mana Kiristaanaa bareedaas isaaniif ijaarsiseef. Isaan irraas dinqiiwwan gurguddaan ni rawwataman.

Bara ammaa kana keessa Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaan Ijoollee Ortodooksi Tewaahidoo biratti caalaatti beekkamaa fi kabajamaa dhufteetti. Ijoolleen Tewaahidoo waa’ee wareegamtuu durbee tanaa kaasanii kabajuun isaanii kan isaan galateeffachiisudha. Haa ta’u malee waa’ee Kiristoosiif jettee wareegamummaan isheen kaffalte, qulqullummaa foon ishee kabachiisuuf gidiraa isheen argite, shamarrummaan otuu ishee hin gowwoomsin gatiin isheen amantaaf kaffalte, fooniin biyya lafaarra otuu jirtuu kan hojjette caalaa, firii wareegamummaan buuste yaadachuun isheerraa barachuun, bara keessa jiran moo’achuu irra, yaadannoo wareegamtuu kanaa gaa’ela addunyaa kanaa, jaalala foonii isaa yeroof qofa ta’eefi shakkii seenaa ishee wajjiin deemuu hin dandeenye wajjiin wal qabsiisuun gaarii hin ta’u.

Dabalataaniis yeroo ammaa Fakkii wareegamtuu Qulqulleettii Arseemati jedhamee bal’inaan kan beekkamu akkaataa seera fakkii Qulqulloota Amantaa Ortodooksi Tewaahidootiin fakkii Qulqulleettii Baarbaaraati. Armaniyaatti, awwaala ishee irratti kan argamu isa gaditti agarsiifame kana. Mana Kiristaanaa ishee Odola/lafa cittuu Xaanaa keessatti argamtu keessattis fakkii ishee haala duudhaa Fakkiiwwan Itiyoophiyaatiin qophaa’e (Ethiopic Iconography) argachuun ni danda’ama.                  

                                 Arsema2010b                               Arsema2010c 

                                     Fakkii Qulqulleettii Baarbaaraa                                  Fakki Qulqulleetti Arseemaa Mana Kiristaana
                                                                                                                       Ortodoksii Armaaniyaati argamu.

                      Arsema2010d

                                                                                             Fakkii Awaala ishee irratti fakkii argamu

Walumaa galatti seenaan Wareegamtuu Qulqulleettii Arseemaa, kiristaanota addunyaa hunda biratti kan beekkame, kabajaafi qulqullummaa wajjiin baay’isee kan wal qabate, wareegamtoota dardarraniif fakkeenya guddaa kan ta’u, qulqullummaa ofii eeggachuun qorumsa guddaa kan ta’e bara kana keessatti fakkeenya kan ta’uufi duris obboleewwan shamarranii fi haawwoliin keenya waa’ee Kiristoosiif jecha gatii isaan kaffalan kan agarsiisu ta’uu isaatin guyyaa ayyaanaa ishees afuura kanaan kabajuun barbaachisaadha.

Madda

  • SINKISAARA FULBAANA 29
  • Mil’uu D/n Daani’eel Kibret                      

Kabaja Ayyaana Maariyaamii Haadha Hundaa (ብዙኃን ማርያም)

Kabaja Ayyaana Maariyaamii Haadha Hundaa (ብዙኃንማርያም)

Dn Takiluu Hayiluun

21/01/2010 B.A

Ayyaanota gurguddoo haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyamii yeroo mara kabajaman keessaa ayyaanni Maariyaamii haadha hundaa (ብዙኃንማርያም) jedhamuun Fulbaana digdamii tokko(21) kabajamu isa tokko. Ayyaanni kun sababa gurguddoo lamaaf kabajama.

Inni Duraa Hayyoonni Mana Kiristaanaa fagoodhaas dhiyoodhaas walitti qabamuun amantaa ishee duraa eegsisuuf yaa’ii isaan taasisan sababeeffachuun yoo ta’u,

Inni lamaffaan immoo Fannoon Gooftaa keenya, qoricha keenya, Iyyasuus Kiristoos irratti fannifame GisheenDabra Karbee guyyaa itti gale sababeeffachuun kabajama. Sababiiwwan armaan olitti caqasaman kanneen gabaabsinee yoo ilaallu;

  1. Duuka bu’aa wareegamaa Qulqulluu Pheexiroos kan ture Aariyoos Kitaaba Fakkeenyaa Abbaa ogummaa Solomoon irraa jecha “Waaqayyo hojii isaaf daandii isa jalqabaa taasisee na uume”. ( K.Fakk 8:22) jedhee barreesse irraa ka’uun galanni Waaqayyoof haa ta’uutii Aariyoos ‘Ilmi Uumamaadha’ jechuun gane. Barumsa shakkii isaas barsiisuu eegale. Summii barumsa isaatiinis tajaajiltoota Mana kiristaanaa gidduutti waldhabbii uumee ture. Abbootiin Mana Kiristaanaas yoo isa barsiisanis, itti dheekkamanis fudhachuu fi amanuu ni dide. Barnoota Shakkii isaas babaldhisuun itti fufe. Sababa kanaanis Phaaphaasiin Iskiindiriyaa Illeskindiriyoos (328-342BA) Aariyoosiin amantootarraa foo’ee adda baase Bara 325 B.A, Sababa shakkii Aariyoosiin Mootiin Roomaa Qusxinxiniyoos Niiqiyaatti akka yaa’iin taasifamu laabsii labsuun Hayyoonni Mana kiristaanaa 318 ta’an walitti qabamuu danda’aniiru. Sababni yaa’iin kun Niiqiyaatti ta’uu danda’eef Niiqiyaan namoota hundaaf giddugaleessaaf mijattuu, akkasumas keessummoota haala gaariidhaan keessummeessuu ni dandeessi jedhamee waan itti amanameefidha. Yaa’ii kana irratti akkuma duuka bu’ootaa, du’aa kan kaasan, naafa kan diriirsan, qaroo dhabeessaaf qaroo kan laataniifi, raajii gara garaa kan hojjettan kan irratti hirmaatan yoo ta’u sababa amantaa isaaniif gidiraa heddus kan argan turani.

Hayyoonni kunniin erga kadhannaan turanii booda Sadaasa gaafa guyyaa sagalii gaggeessummaa Qusxinxiniyoosii fi Afa-yaa’uummaa Illeskindiriyoosiin hogganamaa sagantaa isaanii eegalan. Mootichis maqaa keessan, biyya irraa dhuftan fi amantaa keessan barreessaa fidaa yommuu jedhuun Abbootiin 318 amantaa isaani “Gooftaa keenyaa fi qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqummaa isaatiin (amalummaasaatiin) Abbaa wajjiin kan walqixxaatu jechuun Ilmi Abbaa waliin aangoon, waaqummaan, amalummaan, addunyaa uumuun, bulchuu fi jiraachisuun tokko” ta’uu isaa ibsanii barreessanii kennaniif. Mootichis Amantii akka Abbootii 318’ jechuun laabsii labsisiise. Abbootiin kunniin fakkeenya ijoollee Abrahaam seera uumamaa irratti caqasamaniiti. (Uma 14:14). Abbootiin 318’n kunneen Shakkaa Aariyoos tokkummaa isaanii keessaa foo’uun “Hundumaa kan uume Waaqa tokko kan ta’u Waaqayyo Abbaatti ni amanna. Samii fi lafa kan uume, addunyaa muul’atuuf hin muul’anne osoo hin uumamin isa wajjiin kan ture Ilma abbaa kan ta’e Waaqa tokko Iyyasuus Kiristoositti ni amanna” jechuun bu’uura Amantaa fi murtiiwwan biroo tokko tokkos murteessaniiru. Abbootiin hedduun akkanatti walitti kan qabaman Fulbaana gaafa guyyaa digdamii tokkoo(21) waan ta’eef guyyaan kun moggaasa Maariyaamii Haadha hundaa jedhu argateera. Egaa nutis akkuma abbootiin keenya nu barsiisan, Kitaabni Qulqulluunis nu hubachiise, Waaqayyo uumama uumuudhaan, dabarsuudhaan, jechaan, afuuraan, lapheedhaan, jireenyaan, taayitaadhaan (aangoodhaan) Waaqummaadhaan (amalummaadhaan) tokkoodha (Uma 1:26;Yoh 14:10), akkasumas Maqaadhaan, gochaan, qaamaan, sadiidha (Mat 28:19; Isa 6:3; jennee amanna jechuu dha.

  1. Sababiin inni lamaffaan Fannoo Gooftaa keenya, qoricha keenya Iyyesuus kiristoos waliin wal qabata. Kunis akkamitti yoo jennu, yeroo warreen Waaqayyotti hin amanne biyya Misiraa irratti aangoo argatan sana Kiristaanota irratti gidiraa baay’isan. Kiristaanonni kunis yaadaan tokkoo ta’uun Mooticha Itiyoophiyaa Atsee Daawitiin akka isaan gargaaruuf iyyannoo dhiyeeffatan. Yeroo kana Laga Giyoon hanga Sinaar (Sudaan) ga’utti deemuun jalaa cufan. Jireenyi uummata Misiraa laga Giyoon /Abbayyaa/ irratti sababa bu’uureffatteef nuyi mootii Itiyoophiyaa waliin nagaa fi jaalalaan jiraachuu irraa kan hafe rakkoo biroo hin qabnu, kanaafuu lammaffaa isin hin tuqnu laga Giyoon nuuf gadhiisaa, sababa cufamuu laga kanaatiin kiristaanotnis keessa ni rakkatu jechuun kennaa wajjiin araarsituu ergan. Mootiin Itiyoophiyaas haa ta’u duraanis isin goonaan malee jechuun kennaa isaanii hunda deebisuun Laga Giyoon jalaa cufanii turan deebisanii bananiif. Haa ta’u malee Biyyi koo samiin lafaaf bokkaa ni laatti, lafti sanyii fudhatee biqilchuu diduun hongee fi beelli hammaatee waan jiruuf, mee Gooftaan akka nuuf araaramuuf Fannoo Gooftaa naaf kennaa jechuun xalayaa barreessee kennaa waliin erge. Kunis, mootichi akkuma Phaawuloos dubbate Fannoon Nageenya, badhaadhinaa fi abdii kiristaanootaa ta’uu isaa waan beekuuf. (Efe 2:14; Gal 6:14). Isaanis isaan ni barbachisa jechuun yaada dhiyaate irratti walii galuun gar-tokkee Fannoo isaa harki MirgaaGooftaa irra oole, fakkii Gooftaa fi fakkii Qulqulleettii dubroo Maariyaamii isa wangeelaawiin` Luqaas kaase waliin bakka tokkotti gochuun erganiif. Isaanis hanga Siinaar/Suudan deemuun faarfannaa fi Ililleen simatani. Yeroo kana tasa daandii irratti mootichi Atsee Daawit ni boqote. Du’a mootichaa irraan kan ka’e Fannoo kiristoos waggoota 30f gammoojjii siinaar/Suudan keessa ture.

Ilmi Atsee Daawiti Mootichi ZaraYaa’iqoob (Bara 1427-1440 BA Kan Bulche) yeroo aangoo qabatu Fannoo Kiristoos gammoojjii Siinaari/Suudan keessaa fuudhuun eessa akka kaa’u yaadaa ture. Mootichis Fannoo Gooftaa bakkeewwan gara garaa kanneen akka Tulluu Inxooxxoo, Dabra Tsiggee, Mannaageshaa Maariyaamii, Wacacaa Maariyaamii kaa’uuf yaalee ture. Bakkeewwan caqasaman kana kaa’uuf garuu fedha Waaqayyoo waan hin turreef, Gooftaan abjuun “Fannoo koo bakkee qaxxaamuraa kaa’i jechuun’’ itti dubbate. Yeroo kana mootichis labsii labsisiisuun ayyaana taasisanii gar-tokkee Fannoo kiristoos gara kutaa biyya Walloo Ambaassal Gisheen Tulluu Kabree irra kaa’uun Mana Qulqullummaa Dubroo Maariyaam hojjechuun Fannoo Gooftaa kabajaan kaa’aniiru. Egaa seenaa kana irraa; mallattoo Fannootiin Afuurawwan hamaan hundi akka Sodaatan, dhalli namaa gidiraa Seexanaa fi rakkoo jalaa kan bahe sirna bilisa baasaa Fannoon ta’uu ni hubanna. Yoo amantiin raawwanne Fannoon Afuura hamaa akka balleessu rakkoo akka nuu irra fageessu ni qalbeeffanna. Nuyis ijoolleen Waaqayyoo mallattoo injifannoo godhannee, qabannee hanga dhumaatti deemna. Humna hamaas ittiin moo’anna.

Walumaa galatti ayyaana waggaa kana yeroo kabajnu Manaa Qulqulummaatti argamnee, jireenya bara baraa kan ta’e Wangeela Waaqayyoo barannee kabajamaa Foonii fi Qulqulluu dhiiga Gooftaa fudhannee, jireenya bara baraa dhaaluuf kan qophoofnu, akkasumas eebba, sugaa fi kabajaa haadha keenya Dubroo Maariyaamii fi Fannoo Gooftaa keenya irraa guyyaa itti argannu nu haa taasisu.

Eegumsi Waaqayyoo, kadhannaan Qulqullootaa, Araarsummaan haadha keenya Dubroo Maariyaamii nu waliin haa ta’u. Ameen!!

Madda

vToora Interneetii Waldaa Qulqullootaa barruu Afaan Amaariffaa

vBarruu Simaa-Tsidiqi Guraandhala 2001

vDirsaanii Masqalaa( kitaabaa Afaan Amaariffaa)

Sababa cubbuu keenyaaf inni fannoo irratti fannifamee 1Phex 2:24

Sababa cubbuu keenyaaf inni fannoo irratti fannifamee 1Phex 2:24

D/n Takiluu Hayiluutiin

16/01/2010 B.A.

Jechi fannoo isaa warreen badaniif gowwummaa, nuyi warreen fayyinuuf garuu humna Waaqayyootti, akkuma jedhe ifni addunyaa Qulqulliichi Phaawulos, Mannii kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa ayyaanota gurguddoo kabajuu kessaa ayyaanni Fannoo (Masqalaa) tokko.

Waaqayyo jaalala dhala namaaf qabuu karaa hedduu mul’iseera. Waadaa dhiifama Addaamiif gale raawwachuuf fayyina addunyaa labsuuf Abbotii hangafoota, Raajota, Mootota, kaasuun fakkeenyaan erga barsissee booda gaafa guyyaan beelama ga’u magaala Daawwiit kan taate Beeteliheemiitti Gooftaa dubroo Maariyaamii irraa mooraa loonii keessatti dhalateera (Gala.4:4). Dhalachuu isaan barri rakkoo fi gadadoo dhumatee, barri Araaraa, barri nageenyaa eegale. Duukkanni muluqfamee, ifni ni ba’e, abdiin Addaamii fi ijoollee isaa lammaffaa ni lalise, guyyaan fayyinaa ni dhiyaate. Luq 2:15

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos daandii fayyinaa gadameessa dubree Maariyaamii keessatti eegalame xumuruuf biyya lafaarraa waggoota soddomii sadiif fi ji’a sadii deddeebi’uun fayyina addunyaatiif du’a fannoo du’uun gaarummaa fi fedha isaatiin gidiraawwan fannoo kudha sadeen(13) gidiramuun guyyaan beellamaa yeroo ga’u fannoo irrattii fannifamuun nuuf jechaa du’e. Abdiin abbootii dubree Maariyaamiin raawwatte qaraaniyoo irratti fannoo qorichaa dhaabe. Sababa mukaan mucummaa isaa kan dhabe Addaam, Gooftaan muka irratti fannifamuun, fannoo isaatiin lammaffaa deebisee bitate (Isa. 53:4-7). Fannoo irra ooluun xumurame jechuun du’a addunyaa irratti moo’ee ture fannoo isaatiin ajjeeseera. Addunyaa osoo hin uumiin dura mootiidha kan ture dachee kana gidduuttis qoricha ta’eera (Faarsa 17:13).

Fannoo bara kakuu moofaa.

Seenaa warra yihuudotaa kan barreesse Yoosef mucaan Koriyoon akkuma ibsutti, Faannoon hawaasa Yihuudota biratti beekamaa ture (Yoseef W. Kor 17:10). Yihuudotni nama yakkamaa fi abaaramaa jedhan gama ittiin adabamu keessaa, fannoon adabuun isa tokko ture (Kessa 21:22-23). Kanaaf bara kakuu moofaa keessatti fannoon mallattoo abaarsaa, yakkamaan kan irratti fannifamu ture. Galatni fi kabajni maqaa isaaf haa ta’uuti, qulqulluu badii kan irratti hin argamne, Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos ajjeesuuf yihuudotni fannoo filataniif. Harka isaa fi miilla isaa faannoo irratti rukutanii, eeboon isa waraanaanii, yakkamaa dha jechuuni “Iyyesuus isa Naazreet mootii Yihuudotaa” jechuun barreessanii mataa dura fannoo isaatti maxxansaani. Raajiin dubbatame akka raawwatuuf gidiraa hunda isaa Gooftaan fedha isaan gidirame.

Fannoo bara kakuu Haaraa.

Galatni fi kabajni isaaf haa ta’uutii du’aa Gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosiin booda fannoon malattoo yakkaa,abarsaa ta’uu isaa hafee mallattoo bilisummaa, asxa jireenyaa fi nageenyaa ta’e. Fannoon mallattoo faayinaa ta’uun isaa kan itti mirkanaa’e kakuuu haaraatti dhiiga Gooftaa keenyaan biyyi lafaa yommuu qulqullaa’ee duuti bara baraa barbadaa’ee yeroo ilmi namaa nageenyaa fi jireenya argateeti dha. Kanaafi yeroo hunda wayita kadhannaa gaggeessinu “Addunyaa hundumaa fayyisuuf jedhee fannoo Gooftaan keenya IIyyesuus kiristoos irratti fannifameef ni sagadna,Fannoonsaa hunma keenya, humni keenya fannoo isaati, fannoon furaa keenya dha, fannoon isaa fayyisaa lubbuu keenyatti, warri yihuudoota isa ganu nuti garuu itti amanna, warri itti amannus fannichaan ni fayyina, fayyineerras” kan jennu. Sababa mukaan duuti gara addunyaatti seene, sababa fannoo kiristoosiin jireenyi gara addunyaa dhufe. Sababa mukaan wanjoon garbuummaa dhala addam irratti fe’ame, sababa fannoo kiristoosiin wanjoo garbummaa san nurraa cabe. Muka seexanni Addaamii fi ijoollee Addaamii ittiin reebaa tureen har’a immoo fannoo kiristoosin ijoolleen Adaam seexana reebna, kanaafuu fannoon humna keenya, fannoon furaa keenya. Kanaaf yeroo dalagaa dalagnu mara, yeroo soorachuuf jennu, erga sooratnee booda, yeroo baanu, yeroo gallu, yeroo qo’annu yeroo qo’annee xumurru, hojii kami iyyu yeroo eegalluuf jennu fi yeroo xumuruu yeroo maraa malattoo fannoo Gooftaa keenyaan mallatteefanna.

Fannoo kiristoos kabajamaa fi ulfaataa dha, moototni fi abbootiin kan ittin kabajamanii dha, fannoon dhala namaa kan jabeessu/cimsu muka kabajamaa dha. Isaan yeroo mallatteeffannu jinniin ni baqata, abaaramaan diiyaabiloosis ni rifata. Ergamootni ni kabaju, wareegamtootni ni galateeffatu, duukaa bu’ootni kabajaa isaa lallabu, manni amantaa badhaasaa fi simboo isaa godhatti, kunis abbaan kabajaa kan irratti fannifame fannoo Kiristoosi (kitabaa gibre Himamaat fuula 167).

Bu’uura kabaja ayyaana faannoo

Ayyaannii fannoo yeroo hundaa fulbanaa 17 akka seera M/A/O/T/I haala ho’aan kabajamee oola. Waa’ee kabaja faannoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo kaasnu akka abbootiin nu barsiisanitti fannoon Gooftaan kenyaa irratti fannifame raajiiwwan heddu waan taasisuu eegaleef kiristaanota biratti kabajaa guddaa, Yihuudota biratti garuu inaaffaa waan uumeef akkasumas namootni raajii fannoo isaa arganii akka hin fayyineef jecha, yihuudotni fannoo kiristoos dhoksuuf/balleessuuf jecha waggoota 300 oliif naannoo Iyyerusaalemitti awwaalanii turani. Labsii baasuun namnii martuu gataa mana isaa irrratti akka gatu taasisan. Balfaan irratti tuulamuun gaara guddaa ta’e. Fannoo yakkamtoota lamaan mirgaa fi bitaa isaatti fannifaman itti dabaluun akka bakki isaa hin mul’anneef jecha tulluu walfakkaatoo sadii keessaa isa tokko keessatti awwaalani. Badii duraan balleessaniif gaabbii galuu osoo qabanii cubbuu irratti cubbuu hojjechaa turani. Waa’ee fannoo kiristoos nama jalaa dhoksuu, dagachiisuu hedani. Haa ta’u malee kan dhokatee hunda kan argu, kan dagatame kan nama yaadachiisu waaqayyo guyyaan fannoon isaa itti argamu ni ga’e. Waaqayyo nama mootii amantaaf quuqamu Qosxaanxiinos kaase. Jaalalli fannoo kiristoosis laphee keessa bule. Bara 326 BA haati mootii Qosxaanxiiniyoos mootittii Illeeniin nama seenaa beeku fi umurii dheeraa qabu Kiraakos kan jedhamu, Fulbaana 16 damaraa(mukaa jidhaa aaruu danda’u) dhaabde. Damaraa (muka jidhaa walitti qabuun erga dhaabdee booda, ixaana itti naquun yoo gubduu/aarsitu/, aarri damaraa sanaa tulluu fannoon Gooftaa keessatti awwaalame irratti boqatee, ni sagade. Qulqullichi daawwitis bakkee miilli waaqayyoo dhaabateetti ni jilbeefanna akkuma jedhu, ( Fars. 132:7)aarri damaraa fannoo Waaqayyoof jilbeefatee, bakkee fannoon jirus Mootiitti Illeeniitti agarsise. Haaluma kanaan Fuulbana 17 qotuu eegalamee, Bitootessa 10 akka fedha isaatti fannoon Gooftaa argame. Ifni fannoo isaas addunyaa guute, fannoo Waaqayyos akkuma duraanii raajii argisiisuu, du’a kaasuu eegale. Kanaaf nuyis Fulbaana 16, guyyaa itti manneen amantaa mootiittiin Illeenii Iyyerusaalemitti dhaabsifte guyyaa itti eebifamaan, guyyaa damaraan /aarri/ bakka fannoo Gooftaa jiru agarsisee, fulbaana 17 guyyaa itti qotuun eegalaman fi guyyaa kabaja mana isaa fi galatoo sababeeffachuun ni kabajna. Guyyaan fannoon Gooftaa qotamee argame Bitootessa 10, yoo ta’u illee guyyaan kun yeroo maraa soomii Gooftaa waan ta’uf sooma Gooftaa keessa gammachuu taasisuun dhorkamaa sababa waan ta’eef kabaajni ayyaana fannoo Gooftaa Fulbaana 17 akka ta’uu abbootiin seera tumaniiru.

Fannoon nuyi kiristaanotaaf:

vNageenya kan ittiin arganne, hundee nageenyaatti dha Qol. 1:19

vLola ittin ajjeesuun Waaqayyo waliin tokko kan ittiin taane dha Efe 2:13-16

vAbdii keenya dha. Gala 6:14

vGabrummaan seexanaa kan ittiin nurraa ka’e, furaa keenya Qola 2:14

vJaalala Waaqayyoo kan ittiin yaadannu dha. 1Yoh 3:16, yoh 15:13

vDiyaabiloos kan itti qaana’e, du’i kan ittiin nurra barbadaa’e dha 2Phex 2:24, Gal 3:13

vHunma keenya (1Qor 1:18), fannoo furaa keenya dha, fannoon isa fayyisaa lubbuu keenyaati.

Walumaagalatti fannoon fakeenyaan kan fakkeefamuuf, raajiin kan dubbatameef dhiiga kiristoosiin kan kabajame, furaa fi nageenya keenya waan ta’eef ni kabajna, sagada kennaa ni sagadnaaf (Far. 132:7) fannoon humna, keenya hirkoo keenya, jennees ni farfanna.

Kanaafuu nuyis oolmaa Waaqayyoon fannoo irratti nuuf oole, dhala namaaf jecha akka fannifame, fannoo irratti ba’aa keenya akka baate, nuuf jecha akka dhukkubsate yaadachaa akka ayyaana fannoo isaa kabajnu Waaqayyo nu haa gargaru. Jaalalli fannoo Isaa nu hundarra haa bulu.

Galatni Waaqayyoof, hadha isaa dubroof, kabajamaa fannoo Isaa qulqulluuf haa ta’u.Ameen

Madda፡፡:-

  • Barullee Hamer fulbanaa 2008 BA
  • Kitaaba sinkisaari fulbaanaa 16 fi 17 dubbifamu
  • Kitaaba Gibre himaamat
  • Kitaaba Qulqulluu abbaa 81.
  • Toora interneeti Waldaa Qulqullootaa fuula afaan Amaariffaa.

“Gidiraan Qulqullootaa baayee dha.” Far.33:19:

“Gidiraan Qulqullootaa baayee dha.” Far.33:19:

Yaadannoo Wareegamaa Zakkaariyaas

Dn Zariyuun Siisayiin

08/01/2010 B.A

Jecha kana kan dubbate onnee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluu Daawiti dha. Kaayyoon barnoota kanaa hamma kamiyyuu yoo gidiraan nutti baay’ate obsaan Waaqayyoo akka eegnu ykn hanga dhumaatti amanamaa akka ta’u gochuu dha.

“Gidiraan Qulqullootaa baay’ee dha. Waaqayyo hunda irraa isaan fayyisa. Waaqayyo onnee isaanii hunda iyyuu ni eega. Isaan keessaa tokko illee hin dhokatu.” Far 33:19-20

Egaa yaa saboota Waaqayyoo Manni Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itiyoophiyaatti Fulbaanni 8 guyyaa boqonnaa Wareegamaa hangafa Lubootaa Qulqulluu Zakkariyaas jettee kabajji.Eebbii fi kabajni isaa nurra haa buluutii abbaan keenya Qulqulluu Zakkaariyaas mana Qulqullummaa Iyyerusaalem keessatti Waaqayyoon kan tajaajilu luba ture. Zakkariyaasii fi Haati manaa isaa Eelsaabeex kan eebifamanii fi kan Qulqullaa’an turan.yeroo hundumaa seeraa fi jecha Waaqayyoo ni eegu turan. Akkasumas namoota rakkateef kan gaddanii fi kan rakkatan rakkina keessaa kan baasan turan. Ta’es garuu dhala hin qaban turan. Sababa Kanaan gaddaan kan guutamanii jiraatan turan. Waaqayyos dhala isaaniif akka kennuuf yeroo hundumaa kadhaa ni dhiyeessu turan. Waaqayyo kan isaan hin dhageenye fakkaatee hanga dullumaatti isaan callise. Isaanis waan dulloomaniif waa’ee dhalaa yaaduu dhiisan. Guyyaa tokko lubni Zakkariyaas Waaqayyoon otoo tajaajiluu fi Ixaanaa aarsuu ergamaan Qulqulluu Gabrieel Waaqa biraa ergamee gara Zakkariyaas dhufe. Ilma akka argatus itti hime. Yaa saboota Waaqayyoo meeqaan keenyaadhaa?gaaffiin keenya deebii yoo dhabu amantaa keenyatti hin cimne,namootni baayee abdii kutachuudhaan gara waa beekan kan jennu deemanii amantaa jijjiiruutti kan deeman ni jiru. Zakkariyas garuu ni obse,Waaqayyoos firii obsa isaa mucaa gaarii Yohaannisii kenneefii. Kanaaf obsaan eegachuun barbaachisaa dha. Kanaafidha Raajichi Inbaaqoom “Mul’anni kun yeroo itti rawwatamu isaaf ta’u ni eega,waa’ee guyyaa booddee ni dubbata,garuu soba miti. Yoo lafa irra harkifameyyuu isa eeggadhaa,Inni dhuguma ni dhufa,hin turus jedhe” kan jedhu Inb.2:3

 

Zakkaariyaas erga dulloomee booda ilma argate. Luq.1:1-26,57 –dhumatti. Arraba isaa irratti qoosus ni callise. Yaa saboota Waaqayyoo yeroo Waaqayyo nu ilaalu quba nutti qabaa turan boquu isaanii gad ni buusu. Zakkaariyaasis ni gammade. Kanaaf Qulqulluun Yaared “…Jaarsa,Lubaa fi ajaja Waaqayyoo kan eege Zakkaariyaas qulqulluu ni dinqisiifate. Dubbachuus jalqabe Waaqni keenya dhiifama isaatiin Aariyaamii irra taa’ee nu daawwate. Kan duukkanaa fi gaaddiduu du’aa jala jiraachaa turaniif ifasaa isaaniif ibsuuf dhalate….”kan jedhe Baha Ifaa 8. Waaqni Zakkariyaas daawwate nuunis haa daawwatu. Xiqqo akka gammadeen gaddi biraa itti dhufe. Heeroods lubbuu Gooftaa keenyaa bara barbaadu sana ture. Namootni Heroods bira deemanii yeroo Yohaannis ulfaa’u Afaan Abbaa isaa kan cufsiise yeroo dhalatu Afaan abbaa isaa kan bansiise mucaa qaba jedhanii itti himan. Heroodsiis mucaa isaa ajjeesuuf barbaade. Zakkaariyaasis mucaa isaa qabatee gara Mana Qulqulummaa deemee kadhannaa eegale. Ergamaan Waaqayyoo dhufee Elsaabeexiin mucaa ishee fudhattee gara bosona akka deemtu godhe. Loltootni Heroods dhufanii mucaa isaa yeroo dhabanitti Fulbaana 8 Mana Qulqullummaa keessatti isa qalanii deemani.

Jireenyi kiristaanaa siree irraa gara sireetti miti. Qaraaniyoo bahuu (ilaaluu) dha malee. Namootni waan xiqqootti abdii kutannu yoo jiraanne qormaanni nu qunname kan nu madaalu malee kan humna keenyaa olii akka hin taane hubachuu qabna. Kanaafidha Qulqulluun Phaawuloos “kanaafuu kan dhaabate kan fakkatu akka hin kufne of haa eegattu. Nama hundaaf kan ta’u irraa ala qormaanni kamiyyuu isin irra hin geenye. Haa ta’u malee humna keessanii oli akka qoramtaniif kan hin eeyyamne Waaqayyoo kan amaname dha. Obsuu akka dandeessaniif qormaata waliin akka baatani isiniif godha. Kanaafuu yaa obboloota koo Waaqa tolfamaa waaqeffachuu irraa of qusadhaa” 1ffaa Qoron. 10:12-14. Kanaafuu gidiraa nurra gahu ilaallee namootni abdii kutannu,Waaqayyo na irraanfateera kan jennu yoo jiraanne, gidiraan nurra gahe kan humna keenyaa ta’uu isaa obsaan Waaqayyoon akka eegnu Waaqayyo nu haa gargaaru. Maarree namootni baay’ee gidiraan xiqqoo yoo irra gahu Waaqa isaanii ni ganu,amantaa isaanii ni jijjiiru,gara waa beektotaa (magic) ni deemu,kun garuu dogongora dha. Kiristaana jechuun waarqii Jechuu dha. Kanaafidha abbaan keenya Iyoob “erga na qoree booda akka Warqiitti naan baha.”kan jedhe Iyob.23:10. Warqiin qotamee lafa keessaa ni baha,gara abiddaattis ni darbatamaa,qormaata kana hunda keessa erga darbee booda garuu kabajaan bakka kabajamaa ni kaawwama. Kiristaannis qormaata itti dhufe obsaan fudhatanii yoo darbanii ulfinaa fi kabajaa argatu. Kanaafi Qulqulluun Yohaannis gidiraa sitti dhufuu jirutti hin sodaatiin. Kunoo Seexanni akka isin qoramtanii ilaalamtaniif isin keessaa kaan mana hidhaatti akka galfaman gochuuf jedha. Guyyaa kudhaniif rakkina argachuuf jirtu. Du’a yoo sitti fide iyyuu ati hamma du’aatti amanamaa ta’i. Ani immoo gonfoo jireenyaa siif kenna.”Mul.yo 2:10-11 kan jedhu. Yaa saboota Waaqayyoo qormaanni ykn gidiraan karaa adda addaa nutti dhufuu damda’a, nuti garuu qormaata yoo nutti dhufu kabajaaf ta’uu isaa hubannee hanga dhumaatti akka dhaabannu araarsummaan Giiftii keenya Dubroo Maariyaamii nu haa gargaaru. Gara mata duree keenyaatti haa deebinuutii gidiraan Qulqullootaa immoo kan keenyaa oli dha. Kanaafidha Qulqullichi Efireem “Wareegamtootni dhugumatti miidhagina Addunyaa kanaa tuffatani,dhiiga isaanii Waaqayyoof jedhanii dhangalaasani,mootummaa Waaqayyoofis du’a hadhaa obsani. Yaa Gooftaa akka baay’ina dhiifama keetti dhiifama nuuf godhi.” Kan jedhe Galata Maariyaamii kan Kamisaa.

Yaa saboota Waaqayyoo Qulqulloonni Wareegamtootni Mana Qulqullummaa keenya amantaa keenya dhiiga isaanii dhangalaasuun nutti dabarsaniiru. Dhalootni har’aa hoo maal hojjechuu jiraa ? baay’een keenya Amantaa keenya nyaataan, fudhaa fi heerumaan fi fedha fooniin jijjiirraa jirra. Dhiigni Abboootii fi Hadhoolii keenyaa akka nu hin gaafanneef dangaa abbootii keenyaa eeguun dirqamaa hunda keenyaati.

Maalif ayyaana kana kabajnaa?

  1. Yaadannoon isaanii baraa hanga baraatti waan ta’eef .Far 111:6
  2. Isaaniin akka fakkaannuuf Ibr.13:7
  3. Eebba isaaniin akka fayyinuufii dha. “amma immoo sagaleen samiirraas kana booda warri Gooftaatiin qabatanii otoo jiranii kan du’an(boqotan) Qulqulloota dha. Jedhii barreessi naan jedhe. Afuura Qulqulluunis eeyyee dadhabbii isaan irraa ni boqotu. Isii hojii isaanii immoo isaan waliin ni bu’a.”Mul.Yoh. 14:13.

Zakkaariyaas araarsaa ture ;har’as ni araarsa. Eebbii fi kabajni isaa hunda keenya waliin haa ta’u. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!!!

Madda :Macaafa Qulqulluu

           Galata Maariyaamii

         Hiikkaa Wangeelaa

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson.4:22

Dn. Zariyuun Siisaayiin

Qaammee 03/13/2009 B.A

Hordoftoota Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo hundaaf baga bara Wangeela Qulqulluu Maatiyoos irraa gara bara Wangeela Qulqulluu Maarqoositti ceetani. Barri kun kana Nagaa,Jaalalaa,Badhaadhinaa fi Gaabbii isiniif haa tahu. Ameen

“Nama moofaa sana dhabamsiisaa”

Nama moofaa sana dhabamsiisaa”. Efeson. 4:22

Jecha kana kan dubbate ifa addunyaa kan jedhame Qulqulluu Phaawuloosi dha. Jecha kana kan dubbateefis uummattoota Kiristaanaa biyya Efesooni fi dha. Kayyoon barnoota kanaa namoonni kaleessa cubbuu keessa jiraachaa turre,bara haaraa kanatti gaabbiidhaan deebinee nama haaraa akka taanu dha. “Jireenya keessan duraa yaadachaa hawwii isa nama gowwomsu isa badu nama moofaa sana dhabamsiisaa. Afuuraan yaada garaa keessanii keessatti haareffamaa. Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti fakkeettii Waaqayyootiin uumame uffadhaa.”Efeson 4:21-24

Yaa saboota Waaqayyoo nama moofaa kan jedhame fedha foonii dha. Barri baraan yammuu jijjiiramu huccuu haaraa Adii uffachuu qofa osoo hin taane qaama keenya cubbuun moofa’e ykn xuraa’e gaabbiin haareffachuun ykn qulqulleeffachuu qabna. Kanaafidha Raajichi Waaqayyoo Iyuu’el “Waaqayyo akkas jedha laphee keessan guutuudhaan,soomuudhaan,booyichaan,gadduudhanis gara kootti deebi’aa laphee keessan malee uffata keessan hin tarsaasinaa” jechuun kan dubbate Iyuu’el 2:12-13. Laphee keessan tarsaasaa jechuun isaa gaabbii galaa, yarummaa garaa keessan keessa jiru baasaa jechuu dha. Namni fedha foonii hojjetu Waaqayyoo hin sodaatu; hojii Waaqayyo jaalatus hin hojjetu. Namoonni waan akkasii hojjenu yoo jiraanne bara haaraa kanatti hojii keenya moofaa kana dhiisnee barri darbe nu gaha jennee akkuma bara baraan jijjiirre hojii keenya isa moofaa dhiisnee Waaqayyo kan jaalatu hojjechuu qabna. Kanaafidha hangafa Duukaa bu’ootaa kan tahe Qulqulluun Pheexiroos

Kiristoos fooniin waa’ee keenyaaf gidiraa ykn rakkina wan fudhateef kana booda bara isin hafe akka eeyama Waaqayyootti malee akka fedha fooniitti hin jiraatiinaa. Isin immoo yaada sana akka meeshaa lolaatti godhaatii qabadhaa. Fooniin gidiraa kan fudhate cubbuu dhiseeraati dha. Warri saba Waaqayyoo hin ta’iin hojjechuu jaalatan hojjechuudhaan sagaagaluu fi fedha fooniin, machiin,sirbaan, human ol dhuguun Waaqa tolfamaa waaqeffachuun deddeebi’aa kan turre barri darbe nu gaha.” 1ffaaPhex. 4:1-3. Kan jedhe. Kanaafuu yaa saboota Waaqayyoo baroota baay’ee dabarsineerra,baroota haaraa baay’ee argineerra. Baroota baay’ees uffata haaraa uffachuun dabarsineerra. Bara haaraa kana garuu uffata Qulqulluu kan taheen kan hin xuroofne Iyyesuus Kiristoosiin haa uffannu. Nama haaraa haa taahu. Baroota cubbuun dabarsine keessaa baanee nama haaraa haa taanu. Baroota baay’ee ejjaan sirbaan,fedha fooni rawwachuun dabarsineerra ta’a,amma garuu eessatti akka kufne barree, gaabbiin deebi’uutu nurra jira. Mul.Yoh2:5

Waaqayyo dhifamummaa isaatiin bara ni qopheessa.” Fars. 64:11(12). Waaqayo bara baran yoo jijjiiru nuti maal gochuu qabnaa? Ayyaana bara haaraa yammuu kabajnu daraaraa waliif kennuuni dha. Kunis fakkeenyaa fi hiika kan qabu dha. Daaraaraan fakkeenya Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosi dha. Daraaraan yammuu daraaru fooliin isaa nama hundumaa hawwata. Namni daraaraa ilaalu daawwachuun ni quufa. Iyyesuus Kiristoosis foon isaa fi dhiiga isaa namni nyaatuu fi dhugu hin beela’u,jireenya bara baraas ni jiraata. Yoh 6:35-55. Tokkos daraaraan fakkeenya Giftii keenya Dubroo Maariyaamii dha. Daraaraan daraaree firii kenna firiin isaas namoota rakkoo keessaa fi beela keessaa isaan baasa. Dubroon Maariyaamiinis firii gaarii nuuf argamsiisuun nama moofaa sana nurraa dhabamsiisteetti, Ibidda si’oolii nu baasisteetti. Kanaafuu daraarota ilaallee nama moofaa dhabamsiisame kana ofii Keenya namoonni ofitti deebisne bara haaraa kanatti daraaraa kana ilaaluun namummaa moofaa kana dhabamsiisuu qabna. Tokkos daraaraan fakkeenya sanyii Addaamii dha. Daraaraan ni daraara,ni goga,ni harca’a; namnis akkasuma dha. Kanaafi dha laphee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluu Daawwit “Namootni barri isaanii akka margaa dha, akka daraaraa bosonaattis ni daraara;Qileensi yeroo itti qileensa’uttis ni darba” kan jedhe fars.102:15(16)

Kanaaf maal haa goonu?

  1. Akka fedha foonii keenyaatti kan deddeebine nu haa ga’u. “Yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan fayyinaa waan nutti dhiyaateef,yeroo kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru ta’uusaa beekaa, halkanichi sokkee guyyichi dhiyaateera,kanaafis kottaa hojii duukkana keessa hojjetamu of irraa fuunee gannee mi’a lolaa isa ifa keessa hojjetan ni hidhanna. Sirbaafi machiin hin ta’iin ejjaa fi sagaagilaan hin ta’in falmii fi goomii hin ta’iin. Haa ta’u malee Gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoosiin uffadhaa. Hawwii isaas akka raawwatu fooniif hin yaadinaa” Rom 13:11-dh,1ffaa Teselon. 5:7.
  2. Sodaa Waaqayyoo malee fi osoo hin beekiin baroonni dabarsine nu gahu. 1ffaa phex.4:3,s.um 19:20,Gal.5:16 ,Fili.3:13
  3. Gaabbii haa gallu “Cubbuun keessan akka siniif haqamuuf gaabbii galaa,deebi’as” Hoj.duk.3:20
  4. Nama kamiyyuu waliin nageenyaan (Jaalalaan) haa jiraannu. 1ffaa Qor.13:1-13,Rom. 12:18

Yaa jalamtoota dubbistootaa sagalee Waaqayyoo bara haaraatti nama haaraa ta’uu yoo barbaanne,kaleessa afaan keenyaan namoota gaddisiisnerra yoo tahe dhiifama haa gaafannu, kan hanne ,kan sobne,kan ajjeesne,kan hamanne,qabeenya namaa akka malee kan itti fayyadamne, ejjaa fi machiin namootni kufne,afuura mooraa machii falmii kan qabnu fi kkf hundi ofii keenya of miidhuu malee faayidaa akka hin qabne hubannee gaabbii galuun Waaqayyo waliin araaramuutu nurra jira.

Egaahoo guyyaan fayyinaa har’adhaati,cubbuu keenya bishaan gaabbiitiin yeroo itti dhiqannu,Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qeraaniyootti foon nuuf kuteen dhiiga nuuf dhangalaseen kan itti chappeffamnu,cubbamaa isa ture qaama keenya seera Waaqayyoof kan bichisiisnu bara Dhiifamaa akka nuuf ta’uuf mata keenya of haa qulqulleesinu. Bara haaraatti nama haaraa akka taanu Waqti Nagaa,Jaalalaa,Dhiifamaa nu ha gargaaru. Ameen!!!

Maddaa :Macafa Qulqulluu Abbaa 81

             Macaafa Adimtaa Wangeelaa

Kutaa 3ffaa Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee)

Kutaa 3ffaa

Gosa Kadhannaa Toorbii (subaa’ee)

i. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Dhuunfaa (Kan Cufatan)

                                                        Dn.Fayyeeraa Fiixumaa fi Dn.Namee Torbaniin kan hiikame

Kadhannaan torbii dhuunfaa namni tokko qofaa isaa ta’uun manaa fi bakka kadhannaaf mijataa ta’etti kan inni qabatu, namni tokkollee osoo hin argiin iddoo kadhannaa isaa cufee sammuu guutuudhaan ta’ee, Uumaan isaa qofti akka isa arguu fi akka dhagahuuf dhuunfaadhaan Kadhannaa raawwatuu dha. (Maat 6:5-13). Bifa gosa kanaatiin, namni tokko yommuu Kadhannaa torbii galu, cufaa jedhama. Namni Kadhannaa torbii cufaa qabate waanta isa barbaachisu qabatee erga gara bakka kadhannaatti galcheen booda Kadhannaan torbii sun hanga dhumutti namaan walitti hin dhufu. (Faar 101:6-7)

ii. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Waldaa

Kadhannaa torbii waldaa kan jedhame, luboonni, amantootni, dhiironnii fi dubartoonni, jaarsolii fi dargaggoonni waliin ta’anii Mana Kiristaanaa fi bakkeewwan mijatoo ta’an hundatti walitti qabamanii Kadhannaa torbii galanii dha. Amantootni Kakuu Moofaas gara Waaqayyootti deemuudhaan kadhachaa turan. 1Saam 1:9, Faar 121:1, Luq 18:10-14

Bara Kakuu Haaraattis, hordoftoota Duuka bu’ootaa kan ta’an, monoksoonni, luboonnii fi amanattootni, kawaalotatti, Mana Kiristaanaatti, mana barnoota Dilbataatti, sadarkaa xoofoo afooshaatti jajjabina afoosha isaaniif, afoosha isaanii keessaa isa tokko yommuu rakkoon mudatu Kadhannaan torbii waaldaan /gamtaan ni qabatamaa.

 

iii. Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Labsii

Kadhannaan toorbii labsii biyya irratti balaan battalaa, dhibee fi waraanni yommuu ka’u, akkasumas, miseensa amantootaaf adabbiin sodaachisaa ta’e yommuu mudatu, Waaqayyo adabbii Isaa dhiifamaan, ifannaa Isaa obsaan akka deebisuuf gosa Kadhannaa toorbii qabamuudha. Gosa Kadhannaa toorbii akkanaaf namoonni Nanawwee fi Israa’eloonni godaansaan Faars jiraachaa turan kanneen akka fakkeenyaatti caqasamanii dha. Namoonni Nanawwee lallaba Yoonaas dhagahanii guddaadhaa hanga xiqqaatti guyyaa sadiif nyaata fi dhugaatii irraa of ittisuun tsoomuudhaanii fi kadhachuudhaan Waaqayyo adabbii Isaa dhiifamaan, ifannaa Isaas obsaan akka deebisu taasiseera. Kan biraa, Ayihuud godaansaan Faars jiraachaa turan ajaja Asteeriin Kadhannaa toorbii qabatanis kan caqasamu dha. Bara sana Arxeeksis Ayihud bakka jiranitti akka ajjeefamaniif yoo ajaju, ajjeechaa Sanyii guutummaa kana jalaa ooluudhaaf Ayihud Kadhannaa torbii labsiidhaan galaniiru. Asteer ol-galtee yommuu mooticha haasofsiistu uummanni biraa alarraa ajaja ajajanii Kadhannaa torbii galanii Uumaa isaanii kadhataniiru. (Asteer 4:16-28).

Biyya keenyattis, Kadhannaan torbii labsii kana fakkaatu bara Mootummaa Miniliik taasifameera. Faashistiin Xaaliyaan biyya keenya weeraruun bittaa ishee taasifachuuf daangaa ishee darbuun yeroo dhuftetti mootichi Miniliik, “Humna kan qabdu humna keetiin, humna kan hin qabne immoo kadhannaa keetiin na gargaari” jechuudhaan Kadhannaa torbii labsii qabachuun isaanii ni dubbatama. Kana bu’uureffachuudhaanis, kawaalota hundatti kadhannaan qabatameera; mootichis Taabota Giyoorgisii qabatanii addunyaa hedduu kan ajaa’ibsiise, gurraachonni birmadummaa isaaniitiif akka kaka’aniif kan dammaqse, injifannoo argameefi dhagahamee hin beekne argatanii Xaaliyaan ishee biyya keenya koloneeffachuuf yaadde qaanessuu isaanii miira olaanaan kan yaadannuu dha.

Qophii Duraa

Namni Kadhannaa toorbii galuuf barbaadu qophii dursaa taasisuun isarra jiraata. Qophii tokko malee Kadhannaa torbii galuun qorumsaaf nama saaxila. Kanaafuu, Kadhannaa torbii osoo hin galiiniin dura, yeroo Kadhannaa torbii fi yeroo Torbee Kadhannaa booda qophii taasisuun barbaachisaa dha.

Qophii Kadhannaa toorbii (subaa’ee) Duraa Taasifamuu Qabu

Jalqabatti sababa Kadhannaa toorbii galluuf adda baasnee beekuun barbaachisaa dha. Namni tokko kaayyoo Kadhannaa toorbii galuuf adda baasee yoo kaa’e, Kadhannaa torbii isaatiin booda argachuu fi argachuu dhabuu isaa ni hubata. Kun osoo hin ta’iin Torbee Kadhannaa yoo gale, Kadhannaa torbii booda waanti inni gaafate waanta hin jirreef hiika dhaba. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii galuu keenyaan duratti Kadhannaa torbii galuun maaliif akka nu barbaachise adda baasnee beekuun nurraa eegama.

Sababa Kadhannaa toorbii galuu murteessineef erga adda baasneen booddee, sababa keenya qabannee abbaa gaabbii keenya marii’achiisuun ni barbaachisa. Sababni isaas, gorsa lubaatiin deemuun jalqabumatti dirqama Kiristaanummaa waan ta’eefi dha. Kanarraan kan darbe, abbummaa isaanii fi muuxannoo jireenya isaaniitiin maal raawwachuun akka nuuf ta’u gorsa argachuuf deeggarsa nuuf taasisu. Kanafuu, Kadhannaa toorbii dura abbaa gaabbii waliin marii’achuun dirqama ta’a. Fakkeenyaaf, namni tokko yeroo Kadhannaa toorbiitti qorumsaaleen adda addaa yoo isa mudatan, gorsa isaaf kennametti fayyadamee qorumsicha ofirraa qolachuu danda’a. Akkasumas, abbaan gaabbii isaa waqtii Kadhannaa toorbiitti kadhannaan akka yaadataniif yaadachiisuun isaa gahee mataa isaa qaba.

Kadhannaa toorbii galuudhaaf yommuu yaadnu, guyyoota meeqaaf turuu akka yaadne murteessuun ni barbaachisa. Kadhannaan toorbii hanganaa hanga hangasiitti nan tura jennee karoora kan irratti qabannuu dha. Akkaataa humna fi dandeettii keenyaatti guyyaa kanaa hanga guyyaa sanaatti jennee murteessuun Kadhannaa toorbii galuun barbaachisaa ta’a. Fakkeenyaaf: – muuxannoo tokkollee osoo hin qabaatiin namni tokko “holqa keessa nan tura” osoo jedhee faayidaa isaa irra miidhaan isaa caaluu danda’a. Sababni isaas yeroo Kadhannaa toorbiitti qorumsi waanta baay’atuuf, qorumsa isatti dhufu obsaan dabarsuu dadhabuudhaan Torbeen Kadhannaa addaan cituu danda’a. Kanaafuu, yeroon Kadhannaa toorbiin duratti humnaa fi dandeettii keenya giddu galeessa taasisuun murteessuun barbaachisaa dha.

Kan biraa immoo, yeroo Kadhannaa toorbii duraa keessatti Kadhannaa torbii sanaaf yeroo fi bakka mijataa ta’e filachuun barbaachisaa dha. Mana Kiristaanaa keessatti yeroo baay’ee Kadhannaan toorbii kan galamu, tsoomiiwwan hordofeeti. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii yeroon itti gallu yeroo tsoomii akka ta’ee fi hin taane adda baasuun barbaachisaa dha. Kadhannaan toorbii yeroo tsoomiitti qabamu nama hirmaatuuf faayidaan isaa baay’ee olaanaa dha. Sababni isaas, yeroo tsoomiitti abbootiin baay’een Kadhannaa toorbii waan qabataniif kadhannaa abbootii waliin kadhannaa fi himannaan keenya ol-bahuu ni danda’a. Kanaafuu, yeroo adda baasanii beekuun barbaachisaa dha.

As irratti garuu yeroo tsoomiitiin alatti Kadhannaan toorbii hin qabamu ilaalcha jedhu qabachuuf miti. Namni tokko yoo qorumsi isa mudate, yeroo kamittillee Kadhannaa toorbii galuu akka danda’u asirratti caqasuu ni feena. Kanarraan kan hafe, Kadhannaa toorbii bakka itti gallu filachuu qabaanna. Kadhannaa toorbii galuudhaaf bakkeewwan filannu qorumsaaf kan nu hin saaxille ta’uu isaanii dhugoomsuun barbaachisaa dha. Kunis Kadhannaa toorbii erga galaniin booda sammuun keenya akka hin bittinnoofneef deeggarsa nuuf taasisa. Wacuu fi sosochiin bakka itti baay’atutti sammuu guutuudhaan kadhachuudhaaf hin mijatu. Kanaafuu, Kadhannaa toorbii bakki itti qabannu kawaalonnii fi Manneen Kiristaanaa magaalaa irraa fagaatan filatamoo dha.

Qophii Yeroo Kadhannaa Toorbiitti (subaa’eetti) Taasifamuu Qabu

Yeroo kadhannaatti utubaatti, waan dhaabbatu kamittuu osoo hin hirkatiin, hirkoos osoo hin qabatiin miila lamaan sorooranii dhaabbachuudhaan kadhachuutu nurraa eegama. Akkasumas, fuula keenya gara bahaatti garagalchanii dhaabbachuu, asii fi achi, bitaa fi mirgatti mil’achuu dhiisuu, harka bal’isuudhaan yaada guutuudhaan ta’anii kadhachuutu barbaachisa. Faar 5:3, 133:2, Yoh 11:41.

Yeroo Kadhannaa toorbiitti walduraa duubaan kadhachuu qabaanna. Jalqaba irratti, Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoon jennee qaama keenya hundumaa mallattoo Fannootiin mallatteeffachuu, jechoota “nan sagada” jedhan bira yoggu geenyus sagaduu, fannoo kan maqaa waamu bira yommuu geenyu of mallatteessuu qabna.

Itti aansuudhaanis, Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa, faarsaa Daawiit, Galata Maariyaamii fi kanneen biroo kitaaba kadhannaa irratti argaman kadhachuun itti aansinee Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa, kadhannaa Giiftii keenya Maariyaamii, kadhannaa Amantaa erga kadhanneen booda Yaa Abbaa keenya Isa samiiwwanirraa daballee jechuun; sanaan booda si’a 41 maaloo naaf dhiisi/kiraalaayisoon jedhama. Kan biraa immoo nama subaa’ee gale tokkorraa wanti eegamu cubbuu isaa yaadaa gadduudhaan boowuu dha. Yommuu boo’us tokkoo tokkoo cubbuu isaatiif imimmaan buusuutu isarraa eegama.

Dhumarrattis, namni Kadhannaa toorbii gale tokko Kadhannaa torbii isaa osoo hin xumuriin yookiin Kadhannaa torbii isaa addaan kutee nama kamiyyuu waliin gonkumaa wal quunnamuu hin qabaatu.

Qophii Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Boodaa Taasifamuu Qabu

Kadhannaa dhiyaateef waanta Waaqayyo nuuf raawwatu obsaan eeguun nurraa eegama. Waaqayyo araaraa fi Kadhannaa dhiyeessineef akka hawwii laphee keenyaatti, akka arjummaa Isaatti, Inni yeroo jaalatetti nuuf raawwata. Namni Kadhannaa toorbii gale hundinuu mul’ata arguu dhiisuu danda’a. Sababni isaas, deebiin Waaqayyoo eenyuufuu ifa miti waan ta’eef. Kadhannaa toorbii booda jalqabatti kan nuti argannu nageenya sammuuti. Kunis kennaa Waaqayyoo isa guddaa dha. Kanarraan kan hafe, Kadhannaa toorbii gallee kan yaadne dhabuun keenya yoo nutti dhagahame, lammaffaa qophoofnee hanga sa’aatii isa xumuraatti itti himachuu fi kadhachuutu nurraa eegama.

Kutaa 2ffaa Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa

                               Kutaa 2ffaa

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Raajotaa

                                           Dn.Fayyeeraa Fiixumaa fi Dn.Namee Torbaniin kan hiikame

Waaqayyo jecha waadaa Addaamiif gale bu’uura taasifachuun dura bara Raajonni ka’an, itti aansuunis waa’ee nama ta’uu Iyyasuus Kiristoos, lammata deebi’ee dhufuu Isaas raajii dubbataniiru. Kadhannaa torbii lakkaawwataniiru. Isa 7:14, Faar 49:3, Zak 13:6, 14:1. Haalli dubbii raajummaa fi Kadhannaan torbee murtaawaa raaj-himeessa isa tokkoo kan raaj-himeessa isa biraa irraa addaa dha. Sababni isaas, Waaqayyo raajicha yommuu dubbisuu fi fakkeenyummaa isaas yommuu fakkeessu daandii isaa haala adda addaatiin ta’uu isaatiinii dha. “Durii jalqabee Waaqayyo akkaataa baay’ee fi daandii hedduun abbootota keenya raajotaan dubbateera” akkuma jedhu. (Ibr 1:1). Akkaataa lakkaawwii isaanii fi daandiin Kadhannaa torbii isaanii adda adda ta’us, kaayyoo fi galmi isaanii garuu tokkoo dha.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Addaam

Addaam raajii dubbachuudhaanii fi kadhannaa torbee murtaawaa galuudhaan bakka jalqabaa qabata. Sababni isaas, Gannata keessatti, waggoota toorbaa fi ji’a tokkoo fi guyyaa kudha toorba badhaadhummaa fi gammachuudhaan erga jiraateen booda seera fi jecha Uumaa isaa cabsuu isaatiin gadda hiyyummaa tokko malee kan itti jiraatu Eedan Gannat keessaa arii’atameera. Uum 3:24. Innis Uumaan isaa akka itti araaramuuf, ija dhiifama Isaatiinis akka isa mil’atuuf, galaana qorri isaa dhaqna namaa kukkutu keessa dhaabbachuudhaan guyyoota soddomii shaniif Kadhannaa torbii shan galeera. Waaqayyo arjaan amalummaa Isaatiin gidirfamuu namaa hin jaalanne, guutummaadhaan gaabbuu Addaam ilaalee, “Guyyaa shanii fi walakkaatti dhala dhala keerraa dhaladheen sin fayyisa” jedhee abdii Isaa kenneef. Addaamis abdii kennameef qabatee biyya fooniitti waggaa dhibba sagalii fi soddomaaf erga jiraateen booda addunyaa rakkoo fi gidiraan itti baay’atu kana keessaa du’aan adda baheera.

 

Namni yakkaan himatamee mana murtiitti itti murteeffame guyyaa itti mana hidhaa seenee jalqabee ji’a fi guyyaa itti kana keessaa bahu akkuma lakkaawu, Addaamis si’ool bakka adabbiin lubbuu jirutti jiraachaa waanta tureef, abdii isaaf kennamme yaaduudhaan Kadhannaa torbii isaa lakkaawaa ture. Kan dubbate kan hin hambisne, kan hin raawwannes kan hin dubbanne, Gooftaan “Kunoo sin fayyisa” akkuma jedhee waadaa isaaf galetti barichi xumuramnaan nama ta’ee foon uffateeAddaamiin ijoollota isaa waliin bilisa baaseera. Addaamiin hordofuudhaan ijoollonni isaas: abbootonni raajonni qulqulloonni Kadhannaa torbii galuudhaan bara abdii sana lakkaawuudhaan hojii gaariidhaan hordofaniiru. Bu’uura kanaan raajonni baay’een tooftaa adda addaatiin Kadhannaa torbii lakkaawaniiru. Nutis raajota Kadhannaa torbii lakkaawan muraasa barreeffama kana keessatti akkaataa armaan gadiitti ni dhiyeessina.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Heenook

Abbaan keenya Henook, ilma Yaareed yommuu ta’u, dhalootaan Addaam irraa isa toorbaffaadha. Innis jireenya isaatiin Waaqayyoon gammachiisuudhaaf mana isaa dhiisee Kadhannaa torbii galuun fi hojii gaarii hojjechuun Waaqayyoon tajaajileera. Adeemsa isaa guutuus Waaqayyoon akka gammachiise, Kakuu Moofaa keessattis ta’ee Kakuu Haaraatti hojiin isaa gaariin ragoomeefii jira. “Henook adeemsa isaa Waaqayyo waliin taasifate” (Uum 5:22). Kana ta’uu isaatiinis, Waaqayyo gatii Kadhannaa torbii isaa Afuura Isaa qulqulluun gargaarsa Isaatiin waan irra bulcheef raajii dubbateera, Kadhannaa torbiis lakkaaweera. Samii keessatti fudhatameeosoo jiraatuu kitaaba waa’ee ergamoota qulqullaa’oo, waa’ee Masihichaa Iyyesuus Kiristoos, waa’ee deddeebi’uu aduu fi addeessaa kan eeru maqaa isaatiin barreesseera. Uum 5:21-24, Yihudaa lakk 14, Heenook 1:9

Subaa’ee Henook jedhamuun kan beekamu sun Kadhannaa torbii Henook safartuudhaan lakkaawee waan ta’eefi dha. Safartuun isaas lakkoofsa baay’ataa 35 yoo ta’u, 35×19 bu’aa isaatiin yoo baay’atu waggaa 665 ni ta’a. 665 x12 yommuu baay’isnu, 7980 ta’a. Yaadni kunis kan nu hubachiisu waa’ee dhufaatii Kiristoosiidha.

Addunyaan erga uumamee jalqabee bara nuti amma itti qaqqabne waggoota 7,509 ni ta’a. Kanas mirkaneessuudhaaf, waggaa 5500 irratti waggoottan 2009 ida’uudhaanii dha. Yeroo kanas waggaa armaan olitti keenye, 7,509 nuuf kenna. Akkaataa bu’uura lakkaawwii raajicha Henookitti, dhufaatiin Kiristoos bara 7980 tti ta’a. Armaan olitti lakkoofsa Henook lakkaawe qabachuun waggaa 7980 irra waggaa amma keessa jirru, 7,509 yoo hir’isnu waggaa 471 ni arganna. Kanaafuu, bu’uura Kadhannaa torbii Henookiin dhufaatii Kiristoos tahuudhaaf waggaan 471 ni hafa jechuudha.

Kadhannaa Torbii (subaa’ee) Daawiit

Raajichi Daawiit mootota Isra’eel keessaa mootii guddaa fi jaallatamaa ture. Barri mootummaa isaas Dhaloota Kiristoos Dura bara 1011-971 akka ture ni amnama. Raajichi Dawiit, akka laphee Waaqayyoo ta’uu isaati raajii dubbateera. Kadhannaa toorbiis lakkaaweera. Kunis lakkaawwii (Subaa’ee) Daawiit jedhamuudhaan beekama. “Waggaan kumni Si fuulduratti akka guyyaa kaleessa darbiteetii” (Faar 89:4) kan jedhus barsiisonni yommuu lakkaawan waggaa 1,140 ni ta’a. Kunis Gooftaa biratti waggaan 1140 akka guyyaa tokko akka ta’etti raajicha Daawwiit dubbateera. Kunis Daawitiif lakkaawwii/ safartuu Kadhannaa torbii ta’uun tajaajileera. 1,140×7=waggaa 7,980 ni ta’a. Addunyaan kun erga uumamtee kaasee waggaa 7,980tti Kiristoos lammaffaa akka dhufu kan agarsiisuu dha.

Kadhannaa Toorbii (subaa’ee) Daani’eel

Raajichi Daani’eel ramaddiin isaa raajota gurguddoo keessatti dha. Israa’eloonni booji’amanii yommuu gara Baabiloon deeman, booji’amee gara Baabiloonitti bu’eera. Innis waa’ee dhufaatii Kiristoos raajii dubbateera; Kadhannaa toorbiis lakkaaweera. “Sanbata toorbaatama lamiilee kee beellami” jedheera. Kunis Kiristoos waggoota 490 ykn (7 x 70) booda nama ta’uusaa raajii ibsu dha. “Hanga mooticha Kiristoostti, Manni Qulqullummaan ni ijaaramti, boodarras ni jigdi” jechuudhaanis dubbateera.

Tooftaan lakkaawuu isaa waggaadhaan yommuu ta’u, kunis waggoottan toorban akka Iyyaasuutti lakkaawuudhaanii dha. Kadhannaan toorbii kun Sanbata jedhama. Daani’eel Kadhannaa toorbii erga lakkaawee fi raajii erga dubbatee kaasee hanga Kiristoos dhalatutti waggaa 490 ni ta’a. Safartuun (baay’istuun) isaas torba yommuu ta’u, 7×70 yoo baay’isnu 490 ni arganna. Kunis raaj-himeessichi raajii erga dubbatee fi Kadhannaa torbii (subaa’ee) erga lakkaawwatee waggoota 490 booda dhalachuu Kiristoos kan ibsuudha.

Walumaa galatti, raajonni qulqulloonni armaan olitti ilaalle adeemsa isaanii Waaqayyo waliin taasisuudhaan, Kadhannaa torbii galuudhaan, qajeelinaan jiraachuu isaaniitiin ajaa’iba kan ta’e dhalachuu fi deebi’ee dhufuu Kiristoos raajuudhaaf danda’aniiru. Kadhannaa torbii galuudhaan kan fagaate dhiyeessuu, kan hin mul’anne ol-baasanii mul’isuuf Waaqayyo biraa gahumsa kan argamsiisu ogummaa Afuurawaa ta’uusaa hubachuun barbaachisaa dha

Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa

Kadhannaa Torbii (Subaa’ee), Maalummaa fi Sirna Isaa

Barruulee Hamar, Adoolessa/Hagayya 1997 irraa kan hiikame

Baay’atus xiqqaatus, amantoonni baay’een keessa keenya kan ittiin ilaallu, arjummaa Waaqayyoos kan ittiin gaafannu yeroo kadhannaa torbii (subaa’ee) ni qabanna. Sababa yeroo dhabuunis ta’e ciminni dhabamuun hojii gaarii hojjechuuf kan hin dandeenye jiraannus, waa’ee kadhannaa torbii (subaa’ee) kan yaannu baay’ee keenyaadha. Kana ta’uu isaatiinis abbootni baay’een waan ittiin bu’aa buufataniif, kadhannaan torbii eessaa akka dhufee fi faayidaan isaa akkasumas, naannoo kana irratti qabxiilee wal qabatoo beekuu qabaannu irratti barumsa bal’aa osoo nuuf kennitani gaariidha.

                                                            

                                                                                                Fiqirta Sillaasee Finfinnee irraa

Yeroo mara dubbistoonni baay’een naannoo mata duree kanaa irratti qophiiwwan keenya akka dhiyeessinuuf xalayaadhaan nu gaafattaniittu. Kanuma bu’uureffachuun waqtii isaa ilaalcha keessa galchuun barreeffama kana keessatti ni dhiyeessina. Deebii isaas qindeessee kan nuuf dhiyeesse B/saa H/Maariyaam Laaqawu dha.

 

Sirna Kadhannaa torbii (Subaa’ee)

Kadhannaan torbii Maaliidhaa? Kadhannaan torbii madda jecha irraa dhufeen torba jechuu dha. Kadhannaan torbii hiika Afuurawaatiin kan namni tokko guyyaa kanaa hanga guyyaa kanaatti kadhannaadhaan Uumaa koo waliin nan quunnama jedhee karoora afuuraa karoorfatu dha. Lakkoofsi torba Israa’elota biratti hojiinis ta’e jechaan kan ibsu waan gonka ta’an dha. Fakkeenyaaf, uumaan addunyaa Waaqayyo guyyaa toorbaffaatti sirna Uumamaa erga uumeen booda boqochuun Isaa   amantootni guyyaatti al toorba kadhannaaf dhaabbachuuun galateeffachuun isaanii gonkummaa lakkoofsa toorbaa agarsiisa. Uum 2:2, Faar 18:164. Akkaataa kanaan namni tokko guyyoota toorbaaf yoo tsoomu, torbee kadhannaa (subaa’ee) tokko tsoome jedhama. Guyyoota kudha afuriif yoo tsoome, Kadhannaa torbii (subaa’ee) lama tsoome jechuun ibsama.

Kadhannaan torbii (subaa’een) Yoom jalqabame?

Kadhannaan torbii kan jalqabame kufaatiin booda nama jalqabaa Addaamiinii dha. Ergamoonni qulqulloonni, waa’ee kadhannaa Addaamiin akka barsiisan hayyoonni Kitaaba Qulqulluu ni dubbatu. Ergamoonni, Addaamiin yeroowwan/waqtiilee barsiisanii turan(Hiikkaa Sirna qulqulleessaa Maariyaamii). Addaam badiisaa amanee galaana keessatti Kadhannaa torbii galuu fi kadhachuu isaatiin, Waaqayyo jecha Isaa hin jijjiiramneen “Guyyoota shanii fi walakkaan booda dhala dhala keerraa dhaladheen sin fayyisa” jechuudhaan kakuu galeefii ture. (Qalemeenxoos, boqonnaa4).

Kadhannaan torbii (subaa’een) Maaliifi?

Dhalli namaa qaama cubbuu waliin wal-simatuun guyyaa guyyaatti uumaa isaa ni yakka. Sababa yakka raawwaateef immoo sammuun isaa isa ceepha’a; ni gaabbas. Cubbuu jalqaba ija jabinaan hojjeteef boodarra ni na’a. Kun sammuu nama uumamaa kamiyyuu keessatti mudannoo jijijjiiramuudha. Yeroo kanas dhiifama Uumaasaa argachuudhaaf ni yaada, ni gaddas. Qulqulluun Phaawuloosis “Keessa kootti, namummaan koo seera Waaqayyootiin ni gammada;haa ta’u malee, seera cubbuu kutaa qaama kootiitiin jiruun kan na booji’u/hawwatu seera biraa nan arga. Ani nama qullaa akkamiitii? Kanaaf namummaa duuti itti kenname kanarraa eenyutu na fayyisa?” jedheera. Room 7:22-25

Namni ija jabina isaatiin, abboommii Waaqayyo olaanaa cabsuudhaan seerri addunyaa yommuu isa dhiphistu ba’aa isaa kan ittiin salphifatuu fi kan ittiin balleeffatu ogummaan Afuuraa Uumaa arjaa irraa isaaf kennameera. Kunis dadhabbiin foonii xiqqoon kan hin murteeffamne, kennaa Waaqayyoo kan ittiin argatu sirna Kadhannaa torbiitiini dha. Durii hanga har’aatti, namni tokko addunyaa yaadoon guutamte kana keessatti afuurri isaa yommuu jeeqamu, tasgabbii lubbuu fi foon isaa deebisuudhaa fi kabachiisuuf tsoomuu fi kadhachuun dirqama isatti ta’a. Yeroo kana jabeessee Kadhannaa torbii gala.

                                                             a)  Waaqayyoon Kadhachuuf

Dhimmoota bu’uuraa namni tokko Kadhannaa torbii qabatuuf keessaa inni tokko Waaqayyoon kadhachuufi dha. Namni kamiyyuu Kadhannaa torbii yeroo galu guutummaadhaan gara Uumaa isaatti kadhannaan inni dhiyeeffatu jiraachuu qabaata. Waanti nuti gaafannuu fi waanti kadhannu osoo hin jiraatiin Kadhannaa torbii yoo galle/qabanne deebiin nuti argannu hin jiraatu. Haal-duree qophii tokko malee Kadhannaa torbii namoonni galan sagantaa Kadhannaa torbii sanaan booda maaltu akka isaaniif deebi’u waanti beekan waan hin jirreef dadhabbii isaaniitiin waanti isaan argatan hin jiru.

Kanaafuu, Kadhannaa torbii galuu keenyaan duratti, Kadhannaa torbii maaliif galla? jechuudhaan mataa keenya gaafachuutu nurraa eegama. Fakkeenyaaf, Kiristaanni tokko waa’ee naannoo jireenya dhuunfaa isaa, nageenya biyyaa, fayyummaa hiriyyaa isaa fi dhimmoota k.k.f. irratti Uumaa isaa ni kadhata. Yeroo kana jireenya dhuunfaa isaatiis ta’e dhimma biyyaatiif Kadhannaa torbii galeef yeruma sanatti deebii argachuu danda’a; akkasumas deebiin isaa turuu ni danda’a. Yeroo kana nama kadhannaa qabate irraa obsi ni eegama. Gaaffiin ani dhiyeessee maaliif dafee deebiin naaf hin kennamne? jechuudhaan dhiphachuunii fi Waaqayyoon qoruun barbaachisaa miti. Waaqayyoon hojii Isaa kan itti raawwatuu fi kan Isa kadhataniif deebii kennuudhaaf yeroo mataa Isaa qaba. Fakkeenyaaf, sababa kufaatii hiriyyaa isaatiin Kadhannaa torbii galee torbee tokko keessatti deebii kan argate seenaa tajaajilaa kawaala (gadaamii) tokkoo ilaaluun barbaachisaa dha.

Obboloonni lama ergamaaf bakka bahanitti, isa tokko kufaatiin cubbuu isa mudatee buleera. Erga bari’ees, “Anaan kufaatiin na mudateeraatii ani kanaan booda gara kawaalichaatti hin deebi’u; addunyaa fakkaadheen jiraadha” jedhe. Inni lammataas, “Anas mudateera; egaa deemnee cubbuu keenya barsiisa gaabbii keenyatti himannee qanoonaa keenya fudhannee akka duraa taanee ni jiraanna” jedhee jajjabeessuun fuudhee deeme. Deemanii abbaa gaabbii isaaniitti himanii qanoonaa (adaba yakka isaanii) fudhachuun Kadhannaa torbii tokko galuun yommuu qanoonaa isaanii xumuranitti, “Egaa obboleessa kee isa cubbuu hin hojjanneetiif jedhee siif dhiiseera” sagalee jedhu dhageessiseera. (Seenaa Abbootaa)

Armaan olitti tajaajiltoonni kawaalaa (gadaamii) seenaa isaanii dhiyeessine, tajaajilaaf bakka itti ergamanitti isa tokko cubbuun argatee yommuu kufu, hiriyyaan isaa garuu cubbuun akka waan isa argatee taasisee hiriyyaa isaa jajjabeessee gara kawaalaatti deebisuudhaan tokko ta’anii Kadhannaa torbii galuu isaaniiti. Kadhannaa torbii tokko (guyyaa toorba) akkuma xumuraniin Waaqayyoon biraa, “Cubbuu osoo hin hojjatiin siif jedhee Kadhannaa torbii kan gale obboleessa keetiif jecha siif dhiiseera” kan jedhu deebii ariifachiisaa argateera. Kanaafuu, Kadhannaa torbii jireenya dhuunfaatiifis ta’e jireenya hiriyyaatiif yommuu gallu, deebii ariifachiisaa ykn kan turu nuuf kennuu waan danda’uuf obsaan eeguun nurraa eegama.

                                      b)  Suga Qulqullootaa Irraatii Hirmaachuudhaaf

Abbootiin fi haadholiin keenya qulqulloonni wareegamummaa isaan wareegaman yaadachuudhaan kawaalotaa fi Manneen Kiristaanaa jechi waadaa kennameefitti Kadhannaa torbii galamu qooddattoota suga qulqulloota sanaa nu taasisa. Qulqulloonni bakka wareegamanitti, “Ijoollee dhiiraa fi dubaraa caala maqaa caalu nan kennaaf; kan hin badne maqaa bara baraa nan kennaaf” (Isa 56:6) jechuudhaan Waaqayyoo waadaa waan isaaniif galeef Kadhannaa torbii galuudhaan suga isaanii irratti hirmaachuun ni danda’ama. Tsooma Raajotaatiin suga Raajotaa irratti hirmaachuun, tsooma Duuka bu’ootaa irratti hirmaachuun suga Duuka bu’ootaa irratti hirmaachuu fi tsooma Filsataa irratti hirmaachuudhaan eebba Giiftii keenyaa irratti hirmaachuudhaaf Kadhannaa torbii galuun kan turee fi gara fuulduraattis seera Mana Kiristaanaa jiraatuudha. Har’as sirna kana hordofuudhaan suga qulqullootaas argachuudhaaf, lafeen qulqullootaa kawaala itti boqotetti, tsoomaa fi kadhannaadhaan, humnaanis kawaalota tajaajiluudhaan eebba qulqullootaa kan argatan kawaalota keessatti kasoominaan kan deddeebi’an danuudha. Kanas, kitaaba Moototaa 2ffaa 2:9 irratti akkuma ilaallu, Raajichi Eelsaan barsiisaa isaa, Eeliyaas, tajaajiluudhaan, sugni Eeliyaas dachaadhaan Eelsaa irra buleera. Kanas fakkeenya taasifachuudhaan abootiin keenya kan qaban hunda dhiisuudhaan kawaalota keessakadhannaan jiraatan suga abbaa kawaala itti tajaajilanii fudhatu. Kun akka jirutti ta’ee, maqaa kawaalummaatiin maallaqa amantootaa kan saamanii fi jireenya qulqullaawaa monoksootaa dhugaa kan xureessan jiraachuu isaanii hubachuun barbaachisa.

                                        c)  Iccitiin Dhokate Akka Nuuf Ifuuf

Bara Kakuu Moofaatti Waaqayyo mootota tokko tokkotti mul’ata agarsiisuun iccitii Isaa jalaa dhoksaa ture. Fakkeenyaaf, kan biyya Gibxii Fara’oon, kan Baabiloon immoo Naabukadanatsoorii fi Bilxaasoor caqasuun ni danda’ama. Uum 41:14-36, Daan 4:9 fi 5:4. Moototni kunneen jireenya dhuunfaa isaaniittis ta’e addunyaa guutuutti wanta gara fuulduraatti ta’uuf mul’ata arganis, dafanii mul’aticha sirriitti hubatanii gahumsa “Akkana ta’a” jedhu hin qaban turan. Kanarraan kan ka’e, Raajonni bara isaaniitti jiraachaa turan, Kadhannaa torbii galuun hiikkaa mul’ata isaanii akka itti himaniif kadhachaa turan. Raajonnis Kadhannaa torbii galuudhaan mootonni kan argan dubbii iccitii Siggaawwee fi akkaataa kufaatii mootummaa isaanii ibsanii dubbachaa turan. (Daan 5:28).

Akkasumas, qulqulloonni matuma isaaniitiin iccitiin mul’ata arganii yommuu itti ulfaatu, iccitii fi hiikni mul’atichaa akka isaaniif ifuuf Kadhannaa torbii galu. Waaqayyos qulqullummaan ta’anii Kadhannaa torbii galan ilaalee iccitiisaa ni ibsaaf. Fakkeenyaaf, Raajichi Izraa, iccitiin kitaabolee akka isaaf ifuuf Kadhannaa torbii yommuu galu, kitaaboleen Kakuu Moofaa badan immoo deebisee barreessuuf danda’eera. Faar 8:10

Bara Kakuu Haaraatti bal’inaan kan mul’atu Duuka bu’oonni qulqulloonni Hagayya 1-14 Kadhannaa torbii isaan galaniidha. Kadhannaan torbii kun du’aa ka’umsa qulqulleettii Dubree Maariyamii dhokatee ture hubatanii suga ishee irraatii hirmaachuudhaaf isaan dandeessiseera.

Giiftiin keenya kan boqotte, Amajjii 21, B.A. 49 dha. Duuka bu’oonni awwaaluudhaaf gara Geete-Semaaniitti fuudhanii yommuu deeman, Yihuudonni isaan jeeqan. Yeroo kana ergamoonni qulqulloonni foon Giiftii keenyaa fuudhanii Gannatatti muka jireenyaa jala kaawan. (Ajaa’iba Maariyamii, Sinkisaara Hagayya guyyaa 16). Yeroo kana Duuka bu’oonni wareeranii waanta faffaca’aniif, boqonnaan foon Giiftii keenyaa isaan dhiphisaa ture.

Qulqulluun Yohaannis, mul’ataan fudhatamee deemuudhaan foon isheetti ixaana urgeessaa tureera; Duuka bu’ootattis himaa ture. Yohaannisitti mul’attee nuyitti akkam hin mul’anne jechuun Hagayya keessa Kadhannaa torbii galan. Kadhannaa torbii inni lammaffaan yommuu xumuramutti, guyyaa 14ffaatti ergamaan foon ishee fidee isaanitti kenneera; awwaalaniirus. Guyyaa sadaffaatti, Hagayya guyyaa 16 kaatee ol baateetti. (Ajaa’iba Maariyamii, Sinkisaara Hagayya guyyaa 16).

Egaa Duuka bu’oota qulqullootaaf iccitiin boqonnaa fi ol-bahiinsa Giiftii keenyaa kan isaaniif mul’ate Kadhannaa torbiitiinii dha. Kanas bu’uura taasifachuudhaan, Manni Kiristaanaa duuka bu’eettiin suga ol-ba’iinsa Giiftii keenyaa argachuudhaaf ni tsoomti. Manni Kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaas yeroo Kadhannaa torbii kana daa’immanillee osoo hin hafiin irratti hirmaatu.

Itti Fufa ….