Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos

in Tibbana

Asaffaa Guddataa

Gaafti Adoolessa bultii shan (5) guyyaa ayyaana yaadannoo Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloosi dha. Qulqulluu Pheexiroos qurxummii kiyyeessuu keessaa bahee gara nama kiyyeessuutti yokiin akka namoonni ilmaan Waaqayyoo ta’an taasisuutti kan dhufe waamicha Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin ture (Maat. 4:18-20). Qulqulluu Phaawuloosis osoo Waaqayyoof inaafee kiristaanota ari’ataa jiruu daandii Damasqoo irratti Gooftaan keenya itti dubbatee akka inni meeshaa filatamaa Isaaf ta’u kan isa taasise dha (H.D.B. 9:1-13). Qulqulloonni kunneen Amantaa Kiristaanaa babalisuu fi namoota fooninis ta’e lubbuun fayyisuu keessatti gahee gurguddaa bahachaa turanii guyyuma tokkotti magaalaa Roomee keessatti wareegamumman boqotaniiru. Haalli boqonnaa isaaniis akkuma Qulqulluu Phaawuloos ergaa isaa warra Roomeef barreesse irratti “Du’a du’a Isaa fakkaatuun yoo Isa waliin tumsine du’aa ka’umsa kan Isaa fakkaatuun immoo Isa waliin wal tumsina” jedhetti akka Gooftaa isaaniitti boqotaniiru (Room. 6:5). Ququlluu Pheexiroos yommuu fannifamee boqochuun itti murtaa’u, “Akka Gooftaa kootti ana hin fannisiinaa!” jedhee irra gadee fannifamuun yommuu boqotu Qulqulluu Phaawuloos immoo seefiin qalamee boqoteera.
Qulqulloota kana irraa Maal Baranna?

1. Gara Waaqaatti Iyyuun Qormaata Isaan Mudate Darbuu

Qulqulluu Pheexiroos jireenya tajaajilaa isaa keessatti qormaatota baayyee dabarseera. Qormaatota isa mudatan keessaa tokko guyyaa tokko osoo Duuka bu’oonni dooniin deemaa jiranii buubbeen hamaan isaan rakkisnaan muddamuu isaanii kan arge Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos galaanicha irraa deemaa gara isaaniitti dhufe. Qulqulluu Pheexiroosgalaana irra deemaa kan jiru Gooftaa ta’uu Isaa yommuu baru, akkuma Gooftaa isaa galaanicha irra deemuu akka danda’u Gooftaa eeyyamsiifatee galaana irra deemuu eegalee. Haa ta’u malee gidduu ga’ee shakkuu isaa irraan kan ka’e liqinfamuu jalqabe. Yommuu sanas eenyu waliin akka jiru waan beekuuf harka isaa gara Gooftaatti ballisee “Yaa Gooftaa na fayyisi” jedhee gaafa inni iyyatu Gooftaanis, akka inni shakkuu hin qabne akeekkachiisee galaanaan liqimfamuu irraa isa fayyiseera (Maat. 14:28-33). Qormaanni inni nuti lammaffaa irratti kaafnu immoo, yeroo Ayihudoonni Gooftaa keenya qabani gara Philaaxoos deemsisaa jiran Qulqulluu Pheexiroos gara boodaatti hafuun Gooftaa irraa fagaatee hordofaa ture. Otuma irraa fagaatee deemaa jiruu nama naannoo fakkachuuf jecha warra abidda bobeessanii qanqaammataa jiranitti makamee abbidda qanqaammachuu jalqabe. Haa ta’u malee dubbiin isaa fi haalli uffannaa isaa akka inni Kiristoos waliin turee fi akka inni kiristaana ta’e waan ibsuuf warra isa waliin abbidda qanqaammatan keessaa isheen tokko akka inni Kiristoos waliin ture itti himnaan “Isa ati jettu hin beeku” jedhee osoo handaanqoon takkaa hin iyyiin al-sadii Gooftaa isaa gane. Ta’us Qulqullichi ganinsa isaa kana akka aduun dhiite deebitee itti baatu hin taasifne. Battaluma sana yommuu handaanqoon iyyitu gocha isaatti gaabbee boo’uudhaan qalbii diddiirratee gara Waaqa isaatti deebi’e malee (Luq. 22:54-62). Egaa kana irraa waan baayyee baranna. Waaqa ofii irraa fagaatanii kan Waaqa waliin jiran of-fakkeessuun qofummaaf nama saaxilee akka furmaata foonii barbaadnu nu taasisa. Furmaanni foonii immoo akka nuti Waaqa keenya irraa fagaannee isa gannu nutaasisa waan ta’eef yeroo hunda gara Mana Kiristaanaa deemuun abboommii isaa raawwachuutuu nurraa eegama. Yoo sababa addaa addaan cubbuu keessatti kufne illee Waaqni imimmaan Qulqulluu Pheexiroos fudhate kan keenyas fudhatee waan cubbuu keenya nuuf dhiisuuf boo’ichaan gara abbootii keenyaa dhaqnee cubbuu keenya himachuun qalbii diddiirrachuu qabna.

2. Maalummaa Kiristoosii fi Afuura Qulqulluu Ifa Baasuu

Yeroo Gooftaan “Namoonni eenyu Naan jedhu” jedhee gaafate, erga waan namoonni Isaan jedhani dubbatanii booda gaaffii Inni “Isinoo eenyu Naan jettu?” jedhee gaafateef Qulqulluu Pheexiroos Waaqa Ilma Waaqayyoo ta’uu Isaa ibsuu isaatiin eebbifamaa jedhameera. Sababni isaas waa’ee Waaqummaa Gooftaa keenyaa yoo Afuura Qulqulluun ta’e malee fooniifi dhiigaan dubbachuun waan hin danda’amneef (Maat. 16:13). Namoonni Afuura Qulqulluu waliin jiran Waaqummaa Gooftaa Keenyaa, deessuu Waaqaa ta’uu Giiftii keenya Dubroo Maariyaam shakkii tokko malee dubbatu kana dubbachuu isaaniifis eebbifamoo jedhamu (Luq. 1: 41-43).
Gooftaan du’aa ka’ee gaafa guyaa shantamaffaa, Duuka bu’ootaaf Afuura Qulqulluu ergee yommuu isaan afaan addaa addaan barsiisan dhaga’anii namoota akka waan isaan machaa’aniitti fudhataniif deebii kennee wangeela Qulqulluu kan barsiise Qulqullich Pheexiroos lallaba yeroo tokkootti namoota kuma sadii amansiisee akka isaan cuuphaman taasiseera (H.D.B. 2:42).
Abbaa manaa fi haadha manaa kan ta’an Hanaaniyaa fi Saphiiraan, waliin ta’anii jiraachuu Duuka Bu’ootaatti gammadanii tokkummaa isaaniitti dabalamuuf lafa isaanii gurguran. Haa ta’u malee maallaqa lafa sana itti gurguran irraa dhoksanii hambifatanii yommuu dhaqanii miila Duuka bu’ootaa jala kaa’an kennaa Afuura Qulqulluun ilaalaa kan ture Qulqulluu Pheexiroos. Afuura Qulqulluu sobuu isaanii irraan kan ka’e akka isaan du’aan adabaman taasisee akka warri kaanis soba irraa of qusatan taasiseera (H.D.B. 5:1-11).

3. Kadhannaa Mana Kiristaanaatti Taasifamu Abdii Taasifachuu

Heroodis Qulqulluu Pheexiroosiin ajjeesisuuf mana hidhaa keessatti isa eegsisaa osoo jiruu Manni Kiristaanaa waa’ee isaa jabeessitee kadhataa turte. Ququlluu Pheexiroos garuu kadhannaa Mana Kiristaanaa abdii godhatee yaaddoo malee rafaa ture. Heroodis barii isaa isa baasee ajjeesisee Ayihudoota gammachiisuu yaadee osoo jiruu,alkanuma sana ergamaan Waaqayyoo gara mana hidhaa deemee Qulqulluu Pheexiroosiin damaqsee akka inni uffata isaa uffatee kophee isaa keewwatu taasisee.Hidhaan harkaa fi miila isaa irra jirus ofuuma isaa irraa hiikamee balballi hundis isaaf banamee gara obbolaa isaa warra isaaf kadhataa jiranii dhaqe (H.D.B. 12:1-12). Obbolaa isaattis akkaataa itti Waaqayyo ergamaa isaa ergee isa baase hime. Kadhannaan obbolaan Mana Kiristaanaatti waliif kadhatan hidhaa cubbuu fi foonii irraa nama hiiksisee akka namoonni du’a irraa baraaraman waan taasisuuf, nutis kadhannaa akkasii abdii taasifachuu qabna.

4. Nama Namaaf Dhiifama kan taasisu Ta’uu

Qulqulluu Pheexiroos yeroo waa’ee dhiifamaa barate gara Gooftaatti siqee “Yaa Gooftaa obboleessi koo yoo natti balleesse al-meeqa dhiisuuf? Al-toorbaa?” jedhee gaafate. Gooftaanis dhiifamni kan lakkoofsa hin qabnee fi eenyuufuu yeroo hunda dhiifama gochuufii akka qabnu nu barsiisuuf jecha “Al- toorba siin hin jedhu al–toorbaatama si’a toorba malee” jedhee akka inni laphee gonkaan dhiifama namaaf taasisuu akka qabaatu isa taasiseera (Maat. 18:21-22). Nutoo ammam waliif dhiifna? Yoo akka Wangeelli jedhu isa maddii keenya mirgaa kabaleef bitaa galagalchuufiin nutti ulfaate illee nama miinees ta’e arrabsinee yokiin lollee gammaduu hin qabnu. Waan akkasii warri Waaqa hin qabne illee hin raawwatan waan ta’eef.

5. Yeroo hunda Waaqayyoon Galateeffachuu

Qulqulluu Phaawuloosii fi Qulqulluu Siilaas osoo mana hidhaa keessa harkii fi miilli isaanii hidhamee jiruu,yeedalootiin Waaqayyoon galateeffataa turan. Farfannaa isaanii sanaanis manni hidhaa sun tocho’e, hidhaan hidhantoonni ittiin hidhaman hundis irraa hiikame, balballoonni hundis ni banaman. Raajii kanaanis namni mana hidhaa sana eegaa ture carraa kiristaana ta’uu argateera (H.D.B. 16:25-28). Kun kan ta’e sababa Qqulqulloonni kun osoo bakka jiranitti Waaqa isaanii hin komatiin laphee guutuun Isa galateeffataniif. Haal mijaa’aa keessattis ta’e haala rakkisaa keessatti Waaqayyoon galateeffachuun barbaachisaa ta’uu isaa Qulqulloonni kun nu barsiisu. Qulqulluu Phaawuloos nama qulqullummaan isaa uffata isaatti darbee dhukkubsattoonni uffata isaa of irra buusaanii fayyani dha (H.D.B. 19:11-12). Qulqulluu Pheexiroosis nama gaaddidduu isaatiin namoota fayyisaa ture dha (H.D.B. 5:15). Osoo kennaa akkasii qabanii fi osoo warra isaan miidhan irratti waan barbaadan raawwachuu danda’anii yeroo sababa kiristaana ta’aniif gidiraa gurguddaa argan gammachuudhan Waaqa isaanii galateeffatu turan. Kana irraa kan nuti barannu akka Kiristaanummaan gidiraa keessa ta’anii illee Waaqayyoon galateeffachuu ta’e dha.
Nuyis akkuma Qulqulloota kanaatti:-

  • Yoroo qormaanni nu mudatu gara Waaqaatti iyyuun of-irra dabarsuu akka dandeenyu.

  • Eenyummaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos, kan Abbaa Isaa fi kan Afuura Qulqulluu irratti amantii cimaa Afuura Qulqulluun deggerame qabaachuu akka qabnu.

  • Namoota nuyakkaniifis dhiifama daangaa hin qabne taasisuu akka qabnuu fi

  • Yeroo qormaataas ta’e yeroo qananii Waaqayyoon galateeffachuu akka qabnu fakkeenya gita hin qabne nuuf ta’aniiru.

Fakkeenyummaa Qulqulloota kanaan gara Isaatti kan nu deebise Waaqayyoof galanni haa ta’u.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-07-06 15:41:082019-07-06 17:01:08Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Hundumtuu Humna Afuura Qulqulluun ni guutaman.” “ወተመልኡ ኵሎሙ መንፈሰ ኀይል” H/D/B/ 2:1-21 Link to: “Hundumtuu Humna Afuura Qulqulluun ni guutaman.” “ወተመልኡ ኵሎሙ መንፈሰ ኀይል” H/D/B/ 2:1-21 “Hundumtuu Humna Afuura Qulqulluun ni guutaman.” “ወተመልኡ ኵሎሙ... Link to: Gocha Sukaneessaa Mana Kiristaana keenyarra gahaa jiru ni balaaleeffanna!!! Link to: Gocha Sukaneessaa Mana Kiristaana keenyarra gahaa jiru ni balaaleeffanna!!! Gocha Sukaneessaa Mana Kiristaana keenyarra gahaa jiru ni balaaleeffanna!!!
Scroll to top