Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Hundumtuu Humna Afuura Qulqulluun ni guutaman.” “ወተመልኡ ኵሎሙ መንፈሰ ኀይል” H/D/B/ 2:1-21

in Tibbana

Sagaleen kun katabamee kan argamu Hojii Duuka Bu’ootaa isa harka barreessaa Wangeelaa kan ta’e Luuqaasiin bareeffame keessatti dha. Taateen yeroo sanatti ta’ee tures Duuka Bu’ootarra bu’uu Afuura Qulqulluuti (ርደተ መንፈስ ቅዱስ). Guyyaan sunis ‘Guyyaa dhalachuu Mana Kiristaanaa’s ni jedhama. Caqasni isaas Hoj.Duu.Bu. 2:1-Dhu.Boq. ti.

Caqasa kanaan wal qabatee shakkitoonni amantaa yaad-rimeewwan adda addaa ni kaasu.

  1. ‘Nuyi Afuura Qulqulluun guutamnee qooqaalee adda addaa dubbanna. Akkuma Kitaabni Qulqulluu “Hundumtuu Afuura Qulqulluun ni guutamani. Hammuma Afuurri Qulqulluu isaaniif laateen qooqaalee biroon dubbachuu jalqabani.’ ወተመልኡ ኵሎሙ መንፈሰ ኀይል ወአኀዙ ይንብቡ ዘዘዚኣሆሙ በነገረ ኵሉ በሐውርት በከመ ወሀቦሙ መንፈስ ይንብቡ።” H/D/B/ 2:1-21 jedhutti jechuudhaan caqasa Kitaaba Qulqulluu caqasuu yeroo barbaadan ni mul’atu.

Haa ta’u malee, waan Kitaabni Qulqulluu jedhu fi isaan (shakkitootni) kan jedhan walitti hin dhufu. Kitaabni Qulqulluu “Hundumtuu Afuura Qulqulluun ni guutamani. Hammuma Afuurri Qulqulluu isaaniif lateen qooqaalee biroon dubbachuu jalqabani” jedha malee, qooqa hin beekkamneen dubbatani hin jedu. Isa kana hubachuufis Hoj. D/B/ 2:6 irratti “Jarreen kun hundinuu bubbee kana yeroo dhaga’an; iddoo kun ta’etti walitti qabamani. Warri Afuura Qulqulluudhaan guutaman kun afaan tokkoon tokkoo isaaniitiin akka dubbatan dhageenyaan, waan jedhan wallaalan. Na’anii dinqisiifatanii “Warri dubbachaa jiran kun hundinuu namoota Galiilaa miti moo? jedhani. Dabalataanis, “Tokkoon tokkoon keenya akkamitti afaan itti dhalanneen yeroo dubbatan isaan dhageenya? ”jechuudhaan afaan /qooqni/ isaaniif kenname qooqa biyya lafaarratti dubbatamu ta’uusaa beekuu dandeenya.

  1. Caqasni Hoj.D/B/ 2:6 irratti caqasame akka isaan hin deeggarre yeroo beekanitti gara Wangeela Maariqoos deemanii Maar. 16:16 kaasuudhaan “Gooftaa Iyyasuus Kiristoositti ija amanneef qooqa armaan dura hin dubbatamne nudubbachiisa.” Jedhu. Dhugaa dha Gooftaan keenya Fayyisaan keennya Iyyasuus Kiristoos  qooqa addunyarratti dubbatamee hin beekne amantoota dhugaaf kennuu akka danda’u shakkii hin qabnu. Garuu, ifa Mana Kiristaana jedhamuun kan beekkamu Qulqulluu Phaawloos 1ffaa 14:11 irratti akkas nuun jedha. “Addunyaarratti akaakuu qooqaa lakkoofsa hin qabne (bay’ee) jiraachuu danda’u; uummanni qooqa hin qabne hin jiru. Egaa, hiika qooqa sanaa beekuu dhabnaan hawaasa qooqa sana dubbatu biratti keessummaan ta’a; hawaasni sunis anaaf keessummaa ta’a.” jedhee ka’ee lakkoofsa 13ffaarratti “Kanaafuu, namni qooqaan dubbatu qooqa sana hiikuu akka danda’uuf  gara Waaqayyoo haa kadhatu.” Jechuudhaan erga ibse booda, lakkoofsa 28ffaa rrattii “Namni hiiku dhabamnaan garuu, waldaa keessa callisuudhaan Waaqayyoo waliin ittiin haahaasa’u.” jechuudhaan goolabeera. Ammas asirratti qabxiilee sadi gad-fageenyaan ilaaluun barbaachisaa dha.

    1. Qooqni tokko hiikamu kan danda’u ta’uu qaba. Qooqni shakkitoonni amantaa ni dubbanna jedhan kun hiika kan hin qabne fi waldaa ykn gurmii amantootaa amantiin cimsuuf kan hin fayyadne dha.

    2. Namoonni lama fi sanaa ol ifoominni qooqaa isaaniif yoo ifoome dabaree dabareen dubbachuu qabu. Shakkitoonni amntaa garuu yeroo dubbatan waluu hin dhaggeeffatan. Dabaree isaanii eeggatanii dubbachuu dhiisuun isaanii dogongora guddaa akka ta’e Kitaabni Qulqulluu ragaa nuuf baha.

    3. Ifoomonni qooqaa yoo namaaf ifoome, hiika isaas Waaqni akka isaaniif kennu kadhannaa gochuu qabu. Kennaan hiikkaa kennamuu dhiisnaan garuu, waldaa keessa callisuu qabu. Shakkitoonni amntaa qooqa hin beekneen waldaa keessa dubbachuu dhiisuu dhabuun isaaniis dogongora biraa dha.

Kanaaf kana hubannee barsiifata dogongoraa shakkitoonni barsiisan irraa of-eeguu akka qabnu beekuun nurraa eegama.

Galanni Waaqayoof haa ta’u.

Araarsummaan Durbee Isa deesse fi eebbisni Fannoo Isaa ulfaataa nurra haa bulu.

Amen.

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-06-27 08:29:012019-07-02 15:21:05“Hundumtuu Humna Afuura Qulqulluun ni guutaman.” “ወተመልኡ ኵሎሙ መንፈሰ ኀይል” H/D/B/ 2:1-21
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa.” “ንበሩ ሀገረ ኢየሩሳሌም እስከ ትለብሱ ኃይለ እምአርያም::” (Luuq. 24:49) Link to: “Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa.” “ንበሩ ሀገረ ኢየሩሳሌም እስከ ትለብሱ ኃይለ እምአርያም::” (Luuq. 24:49) “Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa.” “ንበሩ... Link to: Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos Link to: Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos
Scroll to top