Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

Kutaa dhumaa

  • Dhaadheessitoonni tokko tokkoo uummata uummata waliin walitti buusuuf akkuma HEERA MANA KIRISTAANAA keewwata 4 (afur) irratti caqasameen sabbata waaqaa baroota dheeraaf akka asxaatti fayyadamaa turte fi ammas ittiin fayyadamaa jirtu guyyaa Ayyaanaa qabattanii baataniittu, baaxii manaa fi bantoo Mana Kiristaanaa irratti dibdaniittu jechuun amantoota burjaajeessuun, dargaggoota hidhuu, kana irraa darbee kutaalee lallabaa tokko tokkotti maallaqa Mana Kiristaanaa ‘baankii daldalaa keessaa baasaa baankii nuti barbaannu keessa qofa galchaa!’ jechaa dirqisiisuuf yaaluu, gulummaa baroota dheeraaf Ayyaana Fannoo Gooftaa fi Ayyaana Cuuphaa itti kabajaa turte jalaa fudhachuu fi irraa kutuun qaamolee biroof kennuu fi dhiibbaawwan sirrii hin taane akkasumas, beekkamtii heeraa kan hin qabne yaa’ichi gar-malee balaaleeffachaa; dhimmichi dhimma yaadachiisaa waan ta’eef Qulqulluun Sinoodoos dhimma kana xiyyeeffannaa keessa galchee akka irratti mari’atu yaa’ichi kabaja guddaan gaafata.
  • Kakkoolee alaa gara Mana Kiristaana keenyaatti darbamaa jiran osoo hin xiqqaatin, gosummaa fi malaammaltummaan Mana Kiristaanaa keessatti mul’atan kun yeroodhaa yerootti yaa’ii idila addunyaa kana kan mormisiisu waan ta’eef, rakkoo kana dhabamsiisuu kan danda’amu hoggantootni sadarkaa sadarkaan jiran ilaalcha Afuurawaa qabaatanii qaamolee hundumaa ija tokkoon ilaaluu gaafa danda’an fi muudama naannoo fi gooxii irratti hundaa’een muuduu osoo hin ta’in, muudama fi ramaddii gita hojii sirrii fi qajeelaa beekumsa irratti hundaa’e raawwachuun gaafa danda’ame dha. Kanaafuu, bulchiinsi gaariin lafa qabatee rakkoolee amma jiran kana xiqqeessuu kan danda’amu, jireenya Afuurawaa iftoomina fi ittigaafatamummaa mirkaneessuu gaafa dursa keennuun bulchiinsa maalaqaa, qabeenyaa fi humna namaa dambii teeknoolojii ammayyaan deeggarame qophaa’ee hojii irra akka oolu yeroo godhamu si’a ta’u, miilkaa’uu hojii kanaaf jecha qophii karoora agarsiistuu kallattii fi kallattiiwwan jijjiirramaa faayidaa qabu jedhamanii  yaadaman kanaan dura jalqabaman kun Qulqulluu Sinoodoosiif dhihaatanii sakatta’amanii sirraa’anii gara hojiitti gaafa galame qofa ta’uu isaa yaa’ichi xiyyeeffannaa guddaa kan itti kenne yoo ta’u, Qulqulluun Sinoodoosis dhimma kanaaf xiyyeeffannaa guddaa itti kennee murtee akka itti kennu gaafachaa hojii irra oolmaa isaaf hojjechuuf waadaa galla.
  • Manni Kiristaanaan keenya yeroo ammaa kana adunyaa maraatti Manneen Kiristaanaa baay’ee kan qabdu si’a taatu, Sinoodoosiin sababa gargar qoodamuu abbootaan bakka lamatti qoodamee ture amma tokkummaa uumee osoo jiru, adeemsi Qulqulluu Sinoodoosi balaaleeffachuu yeroo ammaa kanatti Kaanaadaa Lixaa keessatti mul’atu fi eeyyamni Mana Kiristaanaa maqaa abbaa dhuunfaatiin bahe caasaa Mana Kiristaanaa Qulqulleettii kana qorumsa keessa kan galchu waan ta’eef, Qulqulluun Sinoodoosi furmaata akka itti kennu yaadachiisaa; tajaajila biyya keessaanis mata dureewwan siyaasawaa duubarraan qabatanii quuqamtoota lallaba Wangeelaa fi ergama Duuka Bu’ummaa of-fakkeessuun carraaqqii Manni Kiristaanaa keenya hamma humni ishee danda’uun qooqaalee adda addaatiin tajaajilaa kan turte fi ammas kitaabolee Afuuraa hiiksisaa lallaba Wangeelaa qooqaalee adda addaan waliin gahuuf godhaa jirtu cilee itti dibuun caasaa fi bulchiinsa ishee akkasumas tokkummaa ishee diiguuf yaaluun ofii isaaniin hundeessitoota mana lubummaa Oromiyaa jedhanii moggaasuun gareewwan socho’aa jiran gochi isaanii yaa’ii kana kan mufachiise ta’us, Qulqulluu Sinoodoos garaa bal’ifachuun karaa inni obsaa fi ogummaan hiikuuf deeme yaa’iin idila addunyaa kun dinqisiisaa namoonni kun hojii isaanii irraa akka of-qusatan yaadachiisaa, eeggamuu tokkummaa fi hojimaata caasaa Mana Kiristaanaa keenyaaf cimee akka hojjetu waadaa galee jira.
  • Jijjiirama biyyattii reef dhufaa jiruun wal-qabatee tibbi kun tibba Mana KIristaanaa keenyaaf deeggarsa mootummaa adda addaa kan godhameefi, gamoowwan jalaa fudhatamanii turan deebi’anii gammachuu ishee kan itti ibsite yoo ta’u, tola ooltummaa isheef raawatame dubbattee osoo hin fixin, doorsisni fi gidiraan sukaneessaa ishee irra gahaa jiru daran ishee gaddisiisaa fi yaadachiisaa ta’uu isaatiin dhimmichi waan callisaan ilaalamu waan hin taaneef roorroo iyya ishee gara mootummaa lafaatti gar-malee dhageessisaa dhimmoota furmaata hin arganne irratti immoo murtee sirrii Waaqayyoo irraa gaafachaa gara Abbaa fi eegaa ishee Waaqayyootti harka ishee akka ol diriirstu Ququlluun Sinoodoosi irra deebiin sagantaa soomaa fi Kadhannaa akka labsu gad-of-qabummaan (kasoominaan) gaafanna.
  • Yaaliin yeroo ammaa kanatti qabeenya Mana Kiristaana saamuuf taasifamaa jiru dargaggoota keenya naamusa Kiristaanummaan guddisuu dhabuu keenyaa irra kan madde akka ta’e kan waakkatamu miti. Rakkoo kana madda isaa irraa hiikuu fi dhaloota naamusa Kiristaanummaan guddifame fi Waaqayyoon sodaatu horachuun akka danda’amu kutaaleen lallabaa manneen barumsaa naannoo Manneen Kiristaanaatti ijaaramaa jiran madda galii ta’uu irraa darbanii hojii dhaloota gaarii oomishuus karaa qorannaa fi qu’annaan deeggarameen fi karoorfameen akka hojjetamu taasisuuf waadaa galla.
  • Hojii irra ooluu Yaadolee murtee waggaa waggaan wal-gahii Afuuraa yaa’ii lallabaa kan walii galaa irratti murtaa’an fi murteewwan Qulqulluu Sinoodoosiin rakkoolee adda addaa furuuf kennaman yeroo fashalaa’an ni mul’atu. Rakkoo kana salphisuuf koree ijoo yaadoleen murtee yeroodhaa yerootti murteeffaman hojii irra ooluu isaanii qaama hordofu fi qaama dhimmi ilaallatuuf kan gabaasu fi furmaata akka argatan kan godhu akka dhaabamu/hundeeffamu ni gaafanna.
  • Jijjiirama akka biyyattiitti dhufeen wal-qabatee nageenya argame dhabuun fi sochiilee Mana Kiristaanaa irratti miidhaa adda addaa geessaa jiran tas-gabbeessuu fi nageenyi keenya akka deebi’u carraaqqiin karaa naga qabeessa ta’een, jaarsummaan fi diippilomaasiin godhamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’ee; hiriira nagaa seera qabeessa fi adila addunyaa kan ta’e fi phaaphaasota eebbifamoon kan hogganamu adeemsisuuf Qulqulluun Siinoodoosi akka murteessu fi dhiibbaa tola ooltummaa Mana Kiristaana keenya hin madaalle gocha hammeenyaa qaamolee siyaasaa adda addaan irra gahaa jiru kanaaf Qulqulluun Siinoodoosi ejjennoo hin worraaqne qabatee akka socho’u fi murteewwan rakkoo hiikuu danda’an akka dabarsu ni gaafanna.
  • Yaa’ii walii galaa Afuuraa kan yaa’ii lallabaa woggaadhaa woggaatti taasifamu gabaasa rakkoowwan kutaalee lallabaa adda addaa keessatti mudatani irratti mari’achuu qofa osoo hin ta’in, sa’atii dheeraa laatameefi rakkoolee mudatan fi kallattiiwwan furmaataa rakkooleen kun ittiin furaman, waltajjii Qulqulluu Sinoodoos yaadolee gurguddoo itti dhiheessu  akka ta’uuf gabaasonni kanaa duratti kutaalee lallabaa adda addaa irraa gara qindeessaa yaa’iiwwan lallabaatti ergaman cuunfamanii hogganaa hoggansichaatii akka dhihaatan fi irratti mari’achuuf immoo yeroon bal’aa akka kennamu ni gaafanna.

Dhuma irrattis, Manni Kiristaanaa keenya tibba hamaa kana darbuuf tajaajila lallaba Wangeelaa dammaqinaa fi tokkummaa cimaan haala tibba kanaa waliin deemuu danda’uun Manneen Kiristaanaa kutaalee lallabaa biyya keessas ta’e biyya alaatti argamanitti qooqaalee adda addaatiin tajaajila ishee babal’istee itti fufsiisuun gufuuwwan alaas ta’e keessaa dandamattee darbuuf carraaqqii ol’aanaa godhuun yeeroo irraa eeggamudha waan ta’eef, Qulqulluun Siinoodoosis dhimmichaaf xiyyeeffannaa guddaa kennee akka irratti mari’atu yaa’ichi cimsee gaafata.

Maddi: @EOTC TV 7