“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1Qor. 15: 12-32)

 Dn. Mazgabuu Kafiyaalaw

Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun muudannoowwan  deddeebi’anii mul’atani dha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti afuursuu fi deddeebi’u qofatti malee duunaan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii yaadu. Garuu, jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kanarraa darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni barsiisti. Barumsa ishee kanas barumsa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos irratti hundeeffatte dha. Kiristoos irraa kan baratan Duuka Bu’oonnis, Mana Kiristaanaaf dhaalchisaniiru. Duuka Bu’ichi Qulqulluu Phaawloos ergaa isaa gara saba Qorntoositti erge irratti “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e, du’aa ka’uunis karaa namaa ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an  hunduu ammoo  Kiristoosiin du’aa ka’u” jechuudhaan dhalli namaa du’ee akka hin hafnee fi jireenya bara baraatiif akka ka’u nu barsiiseera. (1Qor. 15:20) Barreeffama kana keessatti waa’ee du’aa ka’uu dhala namaa, du’aa ka’uu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin isa nuuf labsame waliin wal bira qabnee barumsa Manni Kiristaanaa keenya nu barsiistu ilaalla.

  1. Dhalli namaa du’aaf hin uumamne.

 Uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf osoo hin taane jireenya bara baraa argachuun akka Waaqa isaa galateeffachaa jiraatuuf ture.  Seenaa  sirna uumamaa jalqabaa keessatti akkuma hubannu duuti hin turre. Namoonni akkuma Ergamootaa bara baraan akka jiraataniif uumamani malee akka du’aniif hin turre. Waaqayyo nama bifa Isaatii fi fakkaatti Isaatiin yemmuu uumu;  Afuura jireenyaas yemmuu irra bulchu; lubbuun isaa qofa jiraattuu bara baraa akka taatuuf osoo hin taane lubbuun isaa foon isaa wajjin tokko taatee hanga akka inni bara baraaf akka jiraattuufi dha. Kanas Waaqayyo dhala namaa akka bifa Isaa fi akka fakkeenya Isaatti uumuu isaatiin akka isaan jiraattota bara baraa ta’aniif uumamuu isaanii hubanna. Kanaafuu, Addaamii fi Heewaaniin uumee bakka jireenyi bara baraa  jiru gammachuudhaan akka jiraataniif Gannata keessa isaan galche. Gannata keessattis, dhukkubni fi du’ti hin jiru ture (Se.Um.1: 26-30; 2: 8-9)

Manni Kiristaanaa keenya dhalli namaa du’ee tortoree hafuuf akka hin uumamne barsiisti. Waaqayyo du’aaf akka nama hin uumnes irra deddeebiidhaan ni ibsiti.  ogeesichi Solomoon “Waaqayyo du’a hin uumne; bara baraan akka jiraatuuf uumama uume; badiin namootaa Isa hin gammachiisu” jechuudhaan nu hubachiisa. Dhalli namaa akka hin dune qofa osoo hin taane; bakka duuti hin jirre akka jiraachaa tures“ Awwaallis daangaa kana keessa hin turre”  jechuudhaan nu hubachiisa ( Xibab. 1:13-16).

Dhalli namaa du’aaf hin uumamne erga ta’ee, duuti akkamiin dhufe? Gaaffii jedhu ilaaluun du’aa ka’uu dhala namaa hubachuuf nu gargaara. Sababni du’a dhala namaa Waaqayyo irraa fagaachuun ajaja Isaa cabsuu dhala namaati. Kana ilaalchisee ogeessichi Solomoon “Warreen Waaqayyo hirraanfatan garuu, sagaleedhaan Isa waamani; hiriyyaa isaaniis Isa taassisani; kanumaanis badani” jedhee dhalli namaa fedhaan du’a akka ofitti fide dubbata (Xibab. 1:13).

Duuti kan eegale Addaamii fi Heewaan  seera Uumaa isaanii cabsuun yeroo balleessaa hojjetani ture,( se. uum. 2:17)  kanaafuu, gatiin  cubbuu isaanii du’a ta’e ( se. uum. 3:16-19). Isaan seera Uumaa isaanii yemmuu diigan; kabaja  uumama isaanii jalqabaa irraa haqamani. Kennaan isaaniis isaan irraa mulqame; qullaas ta’ani.  Sana booda, biyya bareedduu fi Qulqulleettii taate keessaa ari’atamanii biyya rakkoonii fi duuti irra jiru keessa jiraachuu eegalani. Yeroo sanaa eegalee duuti Addaamii fi Heewaan irratti injifannoo argatee bittaa isaa jala galche. Eegumsa addaa Waaqayyoon eegamaa kan turte Giiftii keenya Dubroo Maariyaam irraa kan hafe dhalli namaa hundi Addaamii fi Heewaan irraa dhalatan hirmaattotaa fi dhaaltota balleessaa isaanii ta’ani.

Kana waan ta’eef, Duuka Buutichi Qulqulluu Phaawloos “Sababa nama tokkoo cubbuun gara addunyaatti dhufe; cubbuudhaanis duuti seene; akkuma kanaa hundi isaanii waan cubbuu hojjetaniif  duuti dhala namaa hunda bira ga’e”   jechuun dhufaatii du’aa hubachiiseera (Room.5:12).

Namni du’a ofitti fidus, abdiin du’aa ka’uu kennemeeraaf

 Dhalli namaa harka isaatiin ajaja Waaqayyoo cabsuun du’a ofitti fidus; Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du’a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo baduu dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuuf yaadee cubbuu fi du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa dhala namaaf kan kennu  ta’uu Isaa dursa sababa raajota Isaatiin fedha Isaa nuuf ibseera. Faarsaa Daawit irratti “ Afuura kee ni ergita ; ni uumamus; fuula lafaas ni haaroomsita” inni jedhu sagalee du’aa ka’uuti (Faar. 103: 30).  Waaqayyo du’a balleessee nu haaromsee akka nu jiraachisu sagalee Faarsaa Daawit waliin kan walfakkaatu Mul’ata Yohaannis keessatti “……Kunoo hunda iyyuu haaraan taassisa”  jedhee nutti hima (Mul. 21:5)

Raajichi Isaayiyyaasis  “ warri du’an jiraattota ta’u;  reeffawwanis ni ka’u; yaa warra lafa irra jiraattanii jiidhi kee jiidha ifaati waan ta’eef; laftis warra du’an baasti waan ta’eef ka’aa faarfadhaa!” jedhee barreesse (Isaa. 26:19). Kunis, waa’ee du’aa ka’uu dhala nama hundaa dhuma addunyaa irratti raawwatamu nu hubachiisa. Akkasuma, Raajichi Daani’eel  “Bara sanas waa’ee ijoollee uummata keetiif inni dhaabatu hogganaa Agngafaa Mikaa’el ni ka’a; uummata irrattis erga uummata ta’ee (addunayaan uumamee) eegalees hanga bara sanaatti rakkoon ta’ee hin beekne bara rakkoo ta’a;  bara sanas uummanni kee kitaaba Isaa irratti barreeffamee argame hundi tokkoon tokkoon isaanii  ni fayyu. Warri biyyee lafaa keessatti rafan  baay’een isaaniis ni ka’u; walakkaan isaanii gara jireenya bara baraa; walakkaan isaanii ammoo gara leeyyoo  fi  gidiraa bara baraatti. Ogeessonni akka calaqqee; warri namoota baay’ee gara daandii qulqullummaatti deebisan ammoo  akka urjiitti bara baraan bareedanii mul’atu” ( Daan. 12:1-3) jechuun dubbata.

“Walakkaan isaanii gara jireenya bara baraatti” kan jedhame du’aa ka’uu kabajaa kan Qulqullootaa kan agarsiisu yemmuu ta’u; “Walakkaan isaanii gara gidiraa bara baraatti” kan jedhu ammoo  du’aa ka’uu cubbamtootaa kan agarsiisu dha. Warreen ogeessota jedhaman Qulqulloota dha. Isaan du’aa ka’uu dhumaa irratti akka biiftuutti  calaqqisan; akka urjiilees bareedanii mul’atu isaanii kennaa bara dhumaa irratti Waaqayyo biraa isaanii kennamu dha. Kabajnii fi kennaan kun hundi kan argamu; namnis kan gara kabaja isaa jalqabaatti deebi’u cubbuun isaa isaaf  yommuu haqamu; abaarsi isaas yommuu irraa ka’u dha. Kanaafis, Gooftaan nama ta’ee murtii du’aa sababa cubbuutiin dhufe namummaa Isaatiin fudhatee beenyaa kaffalee du’as du’a Isaatiin haqeera. Sababa du’a Isaatiin namootaaf du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa kenneera. Kanaaf, Gooftaan Fannoo irratti aarsaa ta’ee guyyaa Jimaataa fannifame sana Lubbuu Isaa Qulqulleettii taate Foon Isaa Qulqulluu ta’e irraa yeroo adda baasetti awwaalchonni banamanii Qulqulloota rafanii (du’anii) turan keessaa baay’een isaanii ka’an ( Maat.27:52).

Lubbuuwwanis si’ool keessaa baasee Gannatatti kan galche gaafa guyyaa sanaa ture. Egaa, Kiristoos aarsaa ta’uun du’a Isaa kabajamaa ta’een cubbuu fi du’a dhabamsiisee nama gara kabaja isaa duraatti deebiseera. Booda irra ammoo foonii fi lubbuu Isaa walitti deebisee ( tokko taassisee) du’aa ka’uu kabajaa kennee Mootummaa Waaqayyoo galcha. Waaqayyo dhala namaa waan jaalatuuf jireenya bara baraa kenneef. Kanaafis foon hin tortorre gonfatee akka du’aa ka’uuf abdii kenne. Abdii Isaa kanas haala itti raawwatu  Qulqullichi Phaawuloos yommuu ibsu:- “kan hin tortorre ta’anii ka’u; nutis ni jijjiiramna, inni tortoru kun isa hin tortorre uffachuuf; inni du’u isa hin duune uffachuun irra jiraataatii; garuu, inni tortoru kun isa hin tortorre yemmuu uffatu; inni du’u kunis isa hin dune yemmuu uffatu; yeroo sana duuti injifatamuu isaatiin liqimfame jedhamee sagaleen barreeffame ni raawwata. Yaa du’a waraanni kee eessa jira? Yaa si’ool injifannoon kee meerre? Waraanni du’aa cubbuu dha; humni cubbuus seera dha; Garuu,  karaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos Waaqayyo injifannoo  nuuf kennuuf galatni haa ta’u”( 1Qor. 15:51-57) jedha.

Dhalli namaa abdii kutatee akka hin hafneef Waaqayyo jalqaba abdii du’aa ka’uu raajota isaarra bulee itti hime. Kanaafuu, jireeni dhalli namaa hanga lafarra deddeebi’u qofatti osoo hin taane jireenya bara baraatiif uumamuu isaa nu hubachiise. Isa hubachiise kanas Waaqayyo ofuma Isaa raawwachuudhaan abdii jechaan kenne sana gochaan mirkaneesse. Mirkaneessi Waaqayyo raawwate kunis du’uudhaan du’aa ka’ee agarsiisuu Isaati.

Abdiin du’aa ka’uu nuuf kenname  du’aa ka’uu Gooftaatiin mirkanaa’e

Manni Kiristaanaa keenya du’aa ka’uu dhala namaa yeroo barsiistutti ragaa qabatteeti malee akkanumaan miti.  Ragaan ishee kunis jalqaba Mana Kiristaanaa kan hundeesse Gooftaa fi Hudeessaa ishee du’ee du’a injifachuun du’aa ka’e; Kiristoosiin bu’uura godhachuudhaani dha. Ka’umsii fi ga’umsi barumsa Mana Kiristaanaa dhimma du’aa fi du’aa ka’uu irratti kan xiiyyeffate yoo jedhame kan dhugaa irraa fagaate hin ta’u. kaayyoonii fi galmi inni dhumaa kan itti Kiristoos nama ta’ee du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa nu gonfachiisuuf akka ta’e Wangeelaa irratti barreeffameera. Amantaan kiristaanaa ka’umsa isaa irraa, Wangeelli jalqaba irratti yemmuu lallabamu waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akka ta’e gaafa guyyaa shantammaffaa ragummaan Qulqulluu Pheexroos irraa kenname nuuf mirkaneessa. ( Hoj. Duuk.2:14-36)

Ayihudoonni foon Gooftaa awwaalcha keessaa akka hin kaane taassisuuf cuqqaalanii turan ( Maat.27:62-66). Garuu, Gooftaan  awwaalcha naaf bann! Kanan ittiin kafaname naaf hiikaa! Osoo hin jedhiin awwaalcha cufamee jiru keessaa aangoo Waaqummaa  Isaatiin du’a irraa adda bahee  gaafa guyyaa sadaffaa ka’e. awwaalcha inni itti awwaalames  duwwaa hafe, Kiristoos, inni du’aa ka’es,  harka Isaa dhisamanii fi cinaacha Isaa eeboodhaan waraaname akka agarsiisetti Duukaa Buutotaa fi hordoftoota Isaa hundatti mul’ate.

Ayihudoonni Kiristoos akka du’aa hin kaaneef awwaala  Inni itti awwaalame saamsanii waardiyyoota isaaniif amanamoo ta’anii fi jabina qaban filatanii eegsisaa turani. Garuu hanguma cimsanii awwaala Isaa eegsisan du’aa ka’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos cimsanii raggaassisani. Kanas qulqullichi Eefireem inni biyya Sooriyaa faaruu Isaa waa’ee dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos faarfate irratti :- “ Yaa Gooftaa du’aa ka’uun kee akka mirkanaa’uuf Yihudoonni awwaala kee saamsanii waardiyyootaan eegsisani. Yaa Gooftaa osoo si awwaalanii dhiisanii deemaniiru ta’ee [duukabuutonni kee] dhufanii foon kee hatanii fudhatanii deeman jedhanii sobuuf isaaniif mijata ture; garuu awwaala kee saamsanii eeguu isaaniitiin du’aa ka’uu kee mirkaneessani. Sababiin isaa duukabuutota keetu foon kee hate jechuuf isaanii hin mijanneetii” jechuun dubbateera (st. Ephrem Syrian Hymn on Nativity 6:8)

Ayihudoonni awwaalcha Gooftaan keenya Iyyasiuus Kiristoos itti awwaalame saamsanii eeganis du’aa ka’uu Isaa hambisuu hin dandeenye. Du’aa ka’uu Isaa warreen hubatan Duukaa Bu’oo Isaa ragoota du’aa ka’uu Isaa ta’uun amantaa Kiristaanummaa babal’isani. Warra diinota du’aa ka’uu ta’an hunda qaanessani. Eeboos, ibiddas, seefiis, rakkinas hunda osoo hin sodaatiinii fi hin leeyya’iin  hanga du’aatti wangeela du’aa ka’uu Isaa barsiisaniiru. Sababni isaan du’a osoo hin sodaatiin hafaniifis isaan hirmaattota du’aa ka’uu  Kiristoos akka ta’an waan amananiifidha ture. Egaa hangafni du’aa ka’uu, jechuunis, Kiristoos Isa du’aa  ka’uudhaaf isa jalqabaa ta’e akka ilaalle; sagalee Isaa irraas akka baranne du’aa ka’uun akka jiru haa amannu. abdiis haa godhannu. Kiristoos ka’umsaa fi jireenyadhaatii. “Kan Anatti amanu yoo du’e illee jiraataa ta’a; kan  jiraataa ta’es hunduu bara baraan hin du’u” ( Yoh. 11:25-26)

Du’aa ka’uu dhala namaa ilaalchisee Qulqullichi Phaawloos yeroo barsiisaa turetti namoota Qorontoos keessaa muraasni “Namni du’e akkamiin du’aa ka’a?” gaaffii jedhu kaasaa turani. Kanaaf Qulqullichi Phaawuloos“Kiristoos du’aa akka ka’e kan lallabu yoo ta’e garuu isin keessaa namoonni tokko tokko akkamiin du’aa ka’uun hin jiru jedhu?” jechuun gaaffiiwwan namoonni Qorontoos kaasaniif  yemmuu deebisu: “ Du’aa ka’uun hin jiru yoo ta’e  Kiristoos hin kaane jechuudhakaa; Kiristoos hin kaane yoo ta’e egaa lallabni keenya faayidaa dhabeessa; amantaan keessanis ammoo faayidaa hin qabu; hanga ammaatti cubbuu keessaniin jirtu. Egaa, warri Kiristoosiin rafan (du’an) ammoo badaniiru jechuudhakaa! jireenya kana qofaan (jireenya lafa irraa  qofaan) kan Kiristoosiin abdannu yoo ta’e, namoota hunda caala nuti gowwoota dha” erga jedhee booda, itti fufuun waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akkas jechuun ragaa baha.

Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf Angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e du’aa ka’uunis karaa namaa (Kiristoos) ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an,  hunduu ammoo Kiristoosiin jiraattota ta’u” jedhee dubbate. kanuma wajjin walqabsiisuunis,  Duukaa Bu’chi ragummaa isaa kakuudhaan kenna: “ akkana ta’uu baannaan ammoo nuti hoo maalif jireenya nama sodaachisu keessa jiraanna ree? Abdii Iyyasuus irraa qabnuun akkan kakadhe Yaa obbolootaa! Guyyaa guyyaadhaan nan du’a;  akka namaatti Eefeesoon keessaitti bineensa waliin wal’aansoo wal qabe? Warri du’an kan hin kaane yoo ta’e kana raawwachuun koo maal na fayyada?” (1Qor. 15:12-32) jedhees gaafata.

Ragummaan Duukaa Bu’aa Phaawuloos kun dhugaa ta’uun kan bara baraan jiraatu ta’a. warri ergaasaa dubbisan hundi  dhugummaa fi sirrii ta’uu ragummaa isaas hubatu. Sababni isaas jalqaba irratti inni balaaleeffataa ta’ee Ayihudoota waliin waliigaluun kiristaanota osoo ari’ataa jiruu Kiristoos inni du’ee ka’e waan isatti mul’ateef du’aa ka’uu  ilaalchisee amantaa isaa afaaniin qofa osoo hin taane hojii isaatiinis, jireenya isaatiinis, du’a isaatiinis, waan mirkaneesseefi dha. ( Hoj. Duuk. 9:1-30; 17:1-34; 22:1-30;23:1-11)

Egaa, isa Qulqulluu Phaawloos argee dhandhamee barsiise kana, nuti ammoo barachuu fi amanuudhaan jireenya bara baraa akka argannuuf cimnee dhaabachuutu nurra jiraata. Kiristoos warreen du’aniif angafa ta’uun akkuma du’aa ka’e bara dhumaatti dhalli namaa hunduu jireenya bara baraa dhaaluuf akka du’aa ka’u amanuu fi  abdachuun of qopheessinuu qabna.

Akkuma armaan olitti ilaalle, jalqaba irraa uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf miti. Jireenya bara baraatiif uumamee fedha isaatiin du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu akka du’etti akka hin hafneef abdii du’aa ka’uu kenneef. Cubbuu dhalli namaa ittiin du’e ajjeesuudhaafis Waaqayyo nama ta’ee du’ee du’a ajjeese. Waaqayyoo Ofii du’ee du’aa ka’uudhaanis abdii du’aa ka’uu kenne sana akka raawwatu mirkaneessee jira. Garuu, namoonni ammallee wallaalummaadhaan dhalli namaa du’aa ka’uun jireenya bara baraa jiraachuu isaa irratti yeroo gaaffii kaasan ni dhagahamu. Gaaffiin akkanaa kan amma eegale osoo hin taane, duruma “Namni du’ee tortoree biyyee erga ta’ee booda akkamiin ka’a?” jechuun gaafachaa turaniiru. Namoonni akkanaa kun namni jalqaba yemmuu uumamu biyyee lafaa irraa akka ta’e irraanfachuu isaanii nu hubachiisa. Waaqayyo dhala namaa jalqabumaa biyyee irraa uume (Se. Uum.2: 7) ammas Uumaan isaa biyyee keessaa isa kaasuu danda’a. Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru. Kanaafuu, du’aa ka’uutti ni amanna; ni abdannas yemmuu jennu Waaqayyoo fi sagalee abdii Isaatti amanuudhaani ( Yoh. 5:24-29)

Kanaaf, amantaadhaan dhaabannee, du’aa ka’uu dhala namaa abdannee cimnee eeguutu nurra jiraata. Waaqayyo dhufaatii Isaa isa lammaffaa irratti “Isin yaa eebbifamtoota Abbaa Koo gara bakka addunyaan osoo hin uumamiin dura isiniif qophaa’eetti koottaa seenaa!” sagalee jedhu akka dhageenyuuf hojii gaarii haa hojjennu. Waaqayyo dhufaatii Isaatti gara Mootummaa Isaa akka nu galchu eeyyama Isaa  nuuf haa ta’u; ameen!