Haa ta’u malee, waan Kitaabni Qulqulluu jedhu fi isaan (shakkitootni) kan jedhan walitti hin dhufu. Kitaabni Qulqulluu “Hundumtuu Afuura Qulqulluun ni guutamani. Hammuma Afuurri Qulqulluu isaaniif lateen qooqaalee biroon dubbachuu jalqabani” jedha malee, qooqa hin beekkamneen dubbatani hin jedu. Isa kana hubachuufis Hoj. D/B/ 2:6 irratti “Jarreenkun hundinuu bubbee kana yeroo dhaga’an; iddoo kun ta’etti walitti qabamani. Warri Afuura Qulqulluudhaan guutaman kun afaan tokkoon tokkoo isaaniitiin akka dubbatan dhageenyaan, waan jedhan wallaalan. Na’anii dinqisiifatanii “Warri dubbachaa jiran kun hundinuu namoota Galiilaa miti moo? jedhani. Dabalataanis, “Tokkoon tokkoon keenya akkamitti afaan itti dhalanneen yeroo dubbatan isaan dhageenya? ”jechuudhaan afaan /qooqni/ isaaniif kenname qooqa biyya lafaarratti dubbatamu ta’uusaa beekuu dandeenya.
Caqasni Hoj.D/B/ 2:6 irratti caqasame akka isaan hin deeggarre yeroo beekanitti gara Wangeela Maariqoos deemanii Maar. 16:16 kaasuudhaan “Gooftaa Iyyasuus Kiristoositti ija amanneef qooqa armaan dura hin dubbatamne nudubbachiisa.” Jedhu. Dhugaa dha Gooftaan keenya Fayyisaan keennya Iyyasuus Kiristoos qooqa addunyarratti dubbatamee hin beekne amantoota dhugaaf kennuu akka danda’u shakkii hin qabnu. Garuu, ifa Mana Kiristaana jedhamuun kan beekkamu Qulqulluu Phaawloos 1ffaa 14:11 irratti akkas nuun jedha. “Addunyaarratti akaakuu qooqaa lakkoofsa hin qabne (bay’ee) jiraachuu danda’u; uummanni qooqa hin qabne hin jiru. Egaa, hiika qooqa sanaa beekuu dhabnaan hawaasa qooqa sana dubbatu biratti keessummaan ta’a; hawaasni sunis anaaf keessummaa ta’a.”jedhee ka’ee lakkoofsa 13ffaarratti “Kanaafuu, namni qooqaan dubbatu qooqa sana hiikuu akka danda’uuf gara Waaqayyoo haa kadhatu.” Jechuudhaan erga ibse booda, lakkoofsa 28ffaa rrattii “Namni hiiku dhabamnaan garuu, waldaa keessa callisuudhaan Waaqayyoo waliin ittiin haahaasa’u.” jechuudhaan goolabeera. Ammas asirratti qabxiilee sadi gad-fageenyaan ilaaluun barbaachisaa dha.
Qooqni tokko hiikamu kan danda’u ta’uu qaba. Qooqni shakkitoonni amantaa ni dubbanna jedhan kun hiika kan hin qabne fi waldaa ykn gurmii amantootaa amantiin cimsuuf kan hin fayyadne dha.
Namoonni lama fi sanaa ol ifoominni qooqaa isaaniif yoo ifoome dabaree dabareen dubbachuu qabu. Shakkitoonni amntaa garuu yeroo dubbatan waluu hin dhaggeeffatan. Dabaree isaanii eeggatanii dubbachuu dhiisuun isaanii dogongora guddaa akka ta’e Kitaabni Qulqulluu ragaa nuuf baha.
Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun muudannoowwan deddeebi’anii mul’atani dha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti afuursuu fi deddeebi’u qofatti malee duunaan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii yaadu. Garuu, jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kanarraa darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni barsiisti. Barumsa ishee kanas barumsa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos irratti hundeeffatte dha. Kiristoos irraa kan baratan Duuka Bu’oonnis, Mana Kiristaanaaf dhaalchisaniiru. Duuka Bu’ichi Qulqulluu Phaawloos ergaa isaa gara saba Qorntoositti erge irratti “Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e, du’aa ka’uunis karaa namaa ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an hunduu ammoo Kiristoosiin du’aa ka’u” jechuudhaan dhalli namaa du’ee akka hin hafnee fi jireenya bara baraatiif akka ka’u nu barsiiseera. (1Qor. 15:20) Barreeffama kana keessatti waa’ee du’aa ka’uu dhala namaa, du’aa ka’uu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin isa nuuf labsame waliin wal bira qabnee barumsa Manni Kiristaanaa keenya nu barsiistu ilaalla.
Dhalli namaa du’aaf hin uumamne.
Uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf osoo hin taane jireenya bara baraa argachuun akka Waaqa isaa galateeffachaa jiraatuuf ture. Seenaa sirna uumamaa jalqabaa keessatti akkuma hubannu duuti hin turre. Namoonni akkuma Ergamootaa bara baraan akka jiraataniif uumamani malee akka du’aniif hin turre. Waaqayyo nama bifa Isaatii fi fakkaatti Isaatiin yemmuu uumu; Afuura jireenyaas yemmuu irra bulchu; lubbuun isaa qofa jiraattuu bara baraa akka taatuuf osoo hin taane lubbuun isaa foon isaa wajjin tokko taatee hanga akka inni bara baraaf akka jiraattuufi dha. Kanas Waaqayyo dhala namaa akka bifa Isaa fi akka fakkeenya Isaatti uumuu isaatiin akka isaan jiraattota bara baraa ta’aniif uumamuu isaanii hubanna. Kanaafuu, Addaamii fi Heewaaniin uumee bakka jireenyi bara baraa jiru gammachuudhaan akka jiraataniif Gannata keessa isaan galche. Gannata keessattis, dhukkubni fi du’ti hin jiru ture (Se.Um.1: 26-30; 2: 8-9)
Manni Kiristaanaa keenya dhalli namaa du’ee tortoree hafuuf akka hin uumamne barsiisti. Waaqayyo du’aaf akka nama hin uumnes irra deddeebiidhaan ni ibsiti. ogeesichi Solomoon “Waaqayyo du’a hin uumne; bara baraan akka jiraatuuf uumama uume; badiin namootaa Isa hin gammachiisu” jechuudhaan nu hubachiisa. Dhalli namaa akka hin dune qofa osoo hin taane; bakka duuti hin jirre akka jiraachaa tures“ Awwaallis daangaa kana keessa hin turre” jechuudhaan nu hubachiisa ( Xibab. 1:13-16).
Namootni tokko tokko soomni Manni Kiristaanaa Ortoodooksi soomtu kun biyya kana keessa kan jiru malee biyyoota bira keessa akka hinjireetti yeroo haasa’ani fi, jechuun soomuu dhiisuuf yommuu yaada madaallii hin kaasne kaasaan ni dhagahaamu. Kanaaf deebiin keenya soomni akkasi biyya kana keessa kan jiru miti Manneen kiristaanaa biroonillee akkuma keenya akka sooman jiran bara kana keessaa raga argachuun baay’ee salphaa waan ta’eef, biyyoota Gibxii, Sooriyaa, Hindii, Arman, Ruusiyaa, Girikii . . . gaggaafadhaa jennaani.
Armaan olitti akkuma ilaalletti Wantootni kanneen irraa of dhorkinu mataa isaanitiin hammeenyummaa qabaatani ykn xuraawoo waan ta’aniif miti. Qaamni keenya yoo itti tole fedha Waaqayyoorra nu fageessuu waan danda’uuf fardi fuuloodhaan akkuma abboommamu namummaa keenya mara fedha Waaqayyoof abboomsiisuuf soomni fuuloo gaari waan taateef fuloo kana jaalalaan qabachuun ni mala.
Yommuu beelaa fi dheebuu mo’achuu jalqabnu miirawwan keenya kanneen hafanis mo’achuu akka dandeenyu miira injifannoo gonfachuu jalqabna. Namni garaa isaa hin mo’iin akkamiin miraalee isaan dhokatoo ta’an injifachuufi abboomuu danda’a?! miiroota ofii abboomun guutuu injifannoowwan maraati. “ Namni afuura isaa abboomu nama magaala bitu ni caala”” akkuma jedhame (Fak. 16:32).
Nyaata fi dhugaatii dhiisuu yommu shaakallu, suuta suuta arrabni keenya waan hamaa fi wanta faayidaa hin qabne dubbachuu irraa akka ofqusatu leenjiisna. Akkasuma sammuu keenya yaada gatii hin qabne (Vain thought) akka hin yaadne taasisna. Onnee keenyas yaada cubbuu, miira xuraawaa akka hin yaadne ykn hin deddeebisne ni leenjifna. Haaluma kanaan sooma afaanii irraa gara arrabaatti, gara yaadaatti akkasumas gara sooma onneedhaan soomamutti guddanna.
Fedhii foonii ajjeesuuf foon keenya ni dadhabsina, kanaaniis kaayyoo waaqayyo nu uumeef qofa akka jiraachuu dandeenyuuf namummaan keenya (Foon+Lubbuu+ Afuura) waaqayyoof akka abboomamuu danda’uuf ni leenjiisna.
Karaa biraatiin hammeenyi gara addunyaa kanaatti karaawwan ittiin seene keessaa inni tokko nyaata dha. Balaan nyaataa addunyaa mara akkuma miidhe sana nyaata kana dhiisuun immoo seexanaaf balaa qaba. Akka soomaatti kan isa miidhu hin jiru (Mat.17:21). Namni nyaata yoo dhiise foon isaatiin akkuma du’u hunda, yoo sooma dhiisees lubbuu isaatiin ni du’a. “Namnii nyaata qofaan hin jiraatuuti!” jedhamee barreefameeraati (S.Ke.De. 8:3, Mat.4:4). Addaam fedha isaatiin abboommi Waaqayyoo diigee Waaqayyoo irraa akkuma gargar bahe hunda fedha keenyaan soomaan gara Waaqayyoottii ni deebina (Iyyu. 2:12).
Namni bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee otuu jiru sababa nyaataatiin bifa isaa; isa Waaqayyoon isa fakkeessu sana dhabeera. Bifa isarratti chaappeeffame sana kan eegu immoo nyaachuu dhiisuun (Soomaan) ture. Soomni seera jalqabaati kan jennuus kanaafidha.
Misirrichi Misirroo isaa fudhaachuuf gara mana misirrootti akkuma deemu mara, Gooftaanis Misirroo Isaa kan taate Mana Kiristaanaa (Uummata Isaa) gara ofitti fudhachuuf lammaffaa ni dhufa (Yoh.14:2-3). Misirroonis; Manni Kiristaanaa dhufaatii Isaa kana soomuudhaan abdii godhatti.
Qaamota sadan keessaa tokko kan ta’e Ilmi yoo foon waliin wal-sime iyyu Inni Gooftaa gooftotaa Mootii moototaa Waaqa waaqotaa dha. Mul. 17:14 , 19:16, K.D 10:17 1Ximo. 7:15.
Gooftaan keenya qorich keenya Iyyasuus Kiristoos nan kabajama kan hin jenne Kabajamaa mootiin ta’a kan hin jenne mootii bara baraa ta’ee otuu jiruu maaliif cuuphamuun isa barbaachise? Gooftaan keenya kan cuuphame akka keenya mucummaa argachuuf miti. Sababni isaas Gooftaan keenya otuu addunyaan hin uumamiin Abbaa amalummaa isaa kan ta’e Waaqa Abbaa irraa dhalateera waan ta’eef.
Kana ilaalchisee Qulqulluu Daawit “Waaqayyo nan jedhe ati mucaa Kooti ani ar’an si argadhe /dhale” jechuun dubbateera. Far. 2:7. Ogeessichi Solomoonis “Duruma bara baraa irraa jalqabeen muudame otuu lafti hin uumamiin dura otuu urriiwwan hin jiraatiin in dhaladhe; otuu burqaawwan bishaanii hin maddiin otuu tulluuwwan hin hundaa’iin tabbaawwan duran dhaldhe. Jechuun dhaloota duraa Ilmaa dhugaa baheera. Read more