Entries by EOTC Afaan Oromo

“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1Qor. 15: 12-32)

 Dn. Mazgabuu Kafiyaalaw Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun muudannoowwan  deddeebi’anii mul’atani dha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti afuursuu fi deddeebi’u qofatti malee duunaan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii yaadu. Garuu, jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kanarraa darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni […]

Seenaan akka hin Komatamneef Tajaajila Afuurawaaf haa tattaaffannu!

Haati keenya Manni Kiristaanaa baroota darban keessatti tajaajiltoota tajaajila Afuurawaaf tattaaffatan baay’ee horteetti. Hundumtuu galmi isaanii Mootummaa Waaqayyoo dha. Baroota tajaajilli gaarii itti raawwatamaa turan keessatti maqaan isaanii odoo hin tuqamin darbeetu hin beeku. Bara gidiraan adda addaa itti baay’atetti Ishiirraa fagaatanii yeroo qananii eeganii Ishii cinaa dhaabbachuudhaan Ishee tajaajilaa waan hin turreef fi bara […]

JAALALA ONNEERRATTI CHAAPPEEFFAME

Dn. Mulugeetaa Ayyaaleew Ani nama biyya Maqdalooni; cubbuu baay’ee kan na hojjechiisan afuurota hamoo gosa torbatu narratti walga’anii nagidirsaa turan. Namaa gadi ta’ee akka  nama   maraatuttan   lakkaawwamee jiraadhan ture. Kan fagootti na dheessu malee; natti dhiyaatee rakkina koo nagaafachuuf kan nadubbisu, ana wajjiin kan nyaatee dhugu mitii, ayii yaa intala kana jedhee sobee kan hidhii […]

Qorumsawwan sadeen (Maat. 4:1-11)

Dn. Gabrasillaasee Shittaahun Mata dureen keenya kun mata duree yeroo baay’ee tibba soomanaaf filatamu dha. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo cuuphamee xummuretti gara kawaala (Gadaamii) Qorontoos dhaqee guyyaa 40 fi halkan 40f soomuu Isaa kitaabniQulqulluu dhugaa nuuf baha (Maat. 4፡1-11, Maar. 1፡1-12, Luuq. 4፥1-13). Akkuma armaan olitti ibsameen mata dureen keenya “Ergasi Gooftaankeenya […]

Hangafa hojii qajeelina hundaa; Sooma

Dn. Issubaalaw Damissee Amantiin Kiristaanummaa amantaa hojii gaaridhaan mul’atuufi mul’achuu qabu dha. Hojiiwwan gaarii ykn qajeelinaa jedhamanii waammaman kanneen immoo akka salphaatti jireenya keenyaan kan ibsinu miti. Kanarraas kan ka’ee Amantaa dhugaa kana keessa namni jiraatu,nama daandii dhiphaa filatedha jedhamee Gooftaa keeyaan kan ibsameef (Mat. 7:13). Daandii dhiphaa kana keessa yommu dabarru immoo wantoota daandii […]

Beeksisa

Baga gammaddan! Barruu Dhangaa Lubbuu Dubbisaa! Mata dureewwan Soomana fi Tibba Soomanaa Afuura /Hafuura Amantaa Du’aa ka’uu Jaalala Onneerratti Chaappeeffame Mi’iraafa Qiddusaan Koomtoo Qululleettii Sillaasee Qorumsawwan Sadeen fi kanneen kana fakkaataniif ibsa bal’aa barbaannaan Dhangaan Lubbuu Deebii isinii laatti!

Sagantaa keenyarratti hirmaadhaa!

Sagantaa Yaa’ii Ji’aa kan Afaan Oromoo Bitooteessa 15/2011 B.A. Sa’aatii:- 7:30tti Gamoo Waldaa Qulqullootaa Darbii 3ffaa Sagantaa Yaa’ii Ji’aa kan Afaan Oromoo Bitooteessa 15/2011 B.A. Sa’aatii:- 7:30tti Gamoo Waldaa Qulqullootaa Darbii 3ffaa የአፋን ኦሮሞ ወርኀዊ ጉባኤ መጋቢት ፲፭/፳፻፲፩ ዓ.ም. ሰዓት፡- 7፡30 በማኅበረ ቅዱሳን ፫ኛ ፎቅ የአፋን ኦሮሞ ወርኀዊ ጉባኤ መጋቢት ፲፭/፳፻፲፩ ዓ.ም. ሰዓት፡- 7፡300 በማኅበረ […]

Lubummaan Eenyuuf Mala?

Lubummaan eenyuuf mala? Kan jedhu, gaaffii bu’uurawaa kana kan deebisu dubbii ijoo “Lubummaan maali dha?” Kan jedhuu dha.  Namootaaf waa’een lubummaa yeroo hundaa gaaffii kan itti ta’u hubannoo bal’aa lubummaadhaa waan hin qabaanneefi dha. Lubummaan afaan gi’iizitiin (ተክህነ- tajaajile) jedhu irraa kan bahe yoo ta’u tajaajiluu, eegamuu, kan birootiif jiraachuu, eenyummaa ofii laachuu, guutuu jireenya […]

Isa argatanii, “Hundinuu Si barbaadaa jiru.” jedhaniin. “ወሶበ ረከብዎ ይብልዎ ኵሉ ሕዝብ የኃሥሱከ” Maar. ፩፥፴፯/1:37

   Dn. Ga/Sillaasee Shittaahun “ወበጽባሕ ተንሥአ ወአሌለየ ጥቀ ወወፂኦ ሖረ ሐቅለ ወጸለየ በህየ፡፡ ወዴገንዎ ስምዖን ወእለ ምስሌሁ፡፡ ወሶበ ረከብዎ ይብልዎ እንጋ ኵሉ ሕዝብ የኀሥሡከ፡፡ Subiin, odoo lafti hin bari’in ka’ee gadi bahe. Gara lafa onaattis dhaqee achittis kadhannaasaa geesse. Simi’ooni fi warroonni isa wajjiin turan fiigaa Isa duuka bu’an. Hoggaa Isa argatanis “Hundinuu Si barbaadaa […]

Koottaa wal ceephanna (ISAY. 1:18)

Sisaay Fiqaaduu Eessaan jira laata jedhii of ilaali Kufuuf dhaabbachuu kee xiinxali madaali Eddoo kee kalee moo bakka biraa jirta Waadaa fudhatte hoo dhuguma eegdeettaa?   Maaliin dabarsite yeroo siif laatame Fayyadamteerta moo diinatu si saame Soba dhugaa godhee sitti asaasuudhaan Yeroon inni si waame sitti dhihachuudhaan,   Kan kana hin hubannee hedduutu nyaaatame Kirrii […]