“Gidiraan Qulqullootaa baayee dha.” Far.33:19:

“Gidiraan Qulqullootaa baayee dha.” Far.33:19:

Yaadannoo Wareegamaa Zakkaariyaas

Dn Zariyuun Siisayiin

08/01/2010 B.A

Jecha kana kan dubbate onnee Waaqayyoo kan jedhame Qulqulluu Daawiti dha. Kaayyoon barnoota kanaa hamma kamiyyuu yoo gidiraan nutti baay’ate obsaan Waaqayyoo akka eegnu ykn hanga dhumaatti amanamaa akka ta’u gochuu dha.

“Gidiraan Qulqullootaa baay’ee dha. Waaqayyo hunda irraa isaan fayyisa. Waaqayyo onnee isaanii hunda iyyuu ni eega. Isaan keessaa tokko illee hin dhokatu.” Far 33:19-20

Egaa yaa saboota Waaqayyoo Manni Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itiyoophiyaatti Fulbaanni 8 guyyaa boqonnaa Wareegamaa hangafa Lubootaa Qulqulluu Zakkariyaas jettee kabajji.Eebbii fi kabajni isaa nurra haa buluutii abbaan keenya Qulqulluu Zakkaariyaas mana Qulqullummaa Iyyerusaalem keessatti Waaqayyoon kan tajaajilu luba ture. Zakkariyaasii fi Haati manaa isaa Eelsaabeex kan eebifamanii fi kan Qulqullaa’an turan.yeroo hundumaa seeraa fi jecha Waaqayyoo ni eegu turan. Akkasumas namoota rakkateef kan gaddanii fi kan rakkatan rakkina keessaa kan baasan turan. Ta’es garuu dhala hin qaban turan. Sababa Kanaan gaddaan kan guutamanii jiraatan turan. Waaqayyos dhala isaaniif akka kennuuf yeroo hundumaa kadhaa ni dhiyeessu turan. Waaqayyo kan isaan hin dhageenye fakkaatee hanga dullumaatti isaan callise. Isaanis waan dulloomaniif waa’ee dhalaa yaaduu dhiisan. Guyyaa tokko lubni Zakkariyaas Waaqayyoon otoo tajaajiluu fi Ixaanaa aarsuu ergamaan Qulqulluu Gabrieel Waaqa biraa ergamee gara Zakkariyaas dhufe. Ilma akka argatus itti hime. Yaa saboota Waaqayyoo meeqaan keenyaadhaa?gaaffiin keenya deebii yoo dhabu amantaa keenyatti hin cimne,namootni baayee abdii kutachuudhaan gara waa beekan kan jennu deemanii amantaa jijjiiruutti kan deeman ni jiru. Zakkariyas garuu ni obse,Waaqayyoos firii obsa isaa mucaa gaarii Yohaannisii kenneefii. Kanaaf obsaan eegachuun barbaachisaa dha. Kanaafidha Raajichi Inbaaqoom “Mul’anni kun yeroo itti rawwatamu isaaf ta’u ni eega,waa’ee guyyaa booddee ni dubbata,garuu soba miti. Yoo lafa irra harkifameyyuu isa eeggadhaa,Inni dhuguma ni dhufa,hin turus jedhe” kan jedhu Inb.2:3

 

Zakkaariyaas erga dulloomee booda ilma argate. Luq.1:1-26,57 –dhumatti. Arraba isaa irratti qoosus ni callise. Yaa saboota Waaqayyoo yeroo Waaqayyo nu ilaalu quba nutti qabaa turan boquu isaanii gad ni buusu. Zakkaariyaasis ni gammade. Kanaaf Qulqulluun Yaared “…Jaarsa,Lubaa fi ajaja Waaqayyoo kan eege Zakkaariyaas qulqulluu ni dinqisiifate. Dubbachuus jalqabe Waaqni keenya dhiifama isaatiin Aariyaamii irra taa’ee nu daawwate. Kan duukkanaa fi gaaddiduu du’aa jala jiraachaa turaniif ifasaa isaaniif ibsuuf dhalate….”kan jedhe Baha Ifaa 8. Waaqni Zakkariyaas daawwate nuunis haa daawwatu. Xiqqo akka gammadeen gaddi biraa itti dhufe. Heeroods lubbuu Gooftaa keenyaa bara barbaadu sana ture. Namootni Heroods bira deemanii yeroo Yohaannis ulfaa’u Afaan Abbaa isaa kan cufsiise yeroo dhalatu Afaan abbaa isaa kan bansiise mucaa qaba jedhanii itti himan. Heroodsiis mucaa isaa ajjeesuuf barbaade. Zakkaariyaasis mucaa isaa qabatee gara Mana Qulqulummaa deemee kadhannaa eegale. Ergamaan Waaqayyoo dhufee Elsaabeexiin mucaa ishee fudhattee gara bosona akka deemtu godhe. Loltootni Heroods dhufanii mucaa isaa yeroo dhabanitti Fulbaana 8 Mana Qulqullummaa keessatti isa qalanii deemani.

Jireenyi kiristaanaa siree irraa gara sireetti miti. Qaraaniyoo bahuu (ilaaluu) dha malee. Namootni waan xiqqootti abdii kutannu yoo jiraanne qormaanni nu qunname kan nu madaalu malee kan humna keenyaa olii akka hin taane hubachuu qabna. Kanaafidha Qulqulluun Phaawuloos “kanaafuu kan dhaabate kan fakkatu akka hin kufne of haa eegattu. Nama hundaaf kan ta’u irraa ala qormaanni kamiyyuu isin irra hin geenye. Haa ta’u malee humna keessanii oli akka qoramtaniif kan hin eeyyamne Waaqayyoo kan amaname dha. Obsuu akka dandeessaniif qormaata waliin akka baatani isiniif godha. Kanaafuu yaa obboloota koo Waaqa tolfamaa waaqeffachuu irraa of qusadhaa” 1ffaa Qoron. 10:12-14. Kanaafuu gidiraa nurra gahu ilaallee namootni abdii kutannu,Waaqayyo na irraanfateera kan jennu yoo jiraanne, gidiraan nurra gahe kan humna keenyaa ta’uu isaa obsaan Waaqayyoon akka eegnu Waaqayyo nu haa gargaaru. Maarree namootni baay’ee gidiraan xiqqoo yoo irra gahu Waaqa isaanii ni ganu,amantaa isaanii ni jijjiiru,gara waa beektotaa (magic) ni deemu,kun garuu dogongora dha. Kiristaana jechuun waarqii Jechuu dha. Kanaafidha abbaan keenya Iyoob “erga na qoree booda akka Warqiitti naan baha.”kan jedhe Iyob.23:10. Warqiin qotamee lafa keessaa ni baha,gara abiddaattis ni darbatamaa,qormaata kana hunda keessa erga darbee booda garuu kabajaan bakka kabajamaa ni kaawwama. Kiristaannis qormaata itti dhufe obsaan fudhatanii yoo darbanii ulfinaa fi kabajaa argatu. Kanaafi Qulqulluun Yohaannis gidiraa sitti dhufuu jirutti hin sodaatiin. Kunoo Seexanni akka isin qoramtanii ilaalamtaniif isin keessaa kaan mana hidhaatti akka galfaman gochuuf jedha. Guyyaa kudhaniif rakkina argachuuf jirtu. Du’a yoo sitti fide iyyuu ati hamma du’aatti amanamaa ta’i. Ani immoo gonfoo jireenyaa siif kenna.”Mul.yo 2:10-11 kan jedhu. Yaa saboota Waaqayyoo qormaanni ykn gidiraan karaa adda addaa nutti dhufuu damda’a, nuti garuu qormaata yoo nutti dhufu kabajaaf ta’uu isaa hubannee hanga dhumaatti akka dhaabannu araarsummaan Giiftii keenya Dubroo Maariyaamii nu haa gargaaru. Gara mata duree keenyaatti haa deebinuutii gidiraan Qulqullootaa immoo kan keenyaa oli dha. Kanaafidha Qulqullichi Efireem “Wareegamtootni dhugumatti miidhagina Addunyaa kanaa tuffatani,dhiiga isaanii Waaqayyoof jedhanii dhangalaasani,mootummaa Waaqayyoofis du’a hadhaa obsani. Yaa Gooftaa akka baay’ina dhiifama keetti dhiifama nuuf godhi.” Kan jedhe Galata Maariyaamii kan Kamisaa.

Yaa saboota Waaqayyoo Qulqulloonni Wareegamtootni Mana Qulqullummaa keenya amantaa keenya dhiiga isaanii dhangalaasuun nutti dabarsaniiru. Dhalootni har’aa hoo maal hojjechuu jiraa ? baay’een keenya Amantaa keenya nyaataan, fudhaa fi heerumaan fi fedha fooniin jijjiirraa jirra. Dhiigni Abboootii fi Hadhoolii keenyaa akka nu hin gaafanneef dangaa abbootii keenyaa eeguun dirqamaa hunda keenyaati.

Maalif ayyaana kana kabajnaa?

  1. Yaadannoon isaanii baraa hanga baraatti waan ta’eef .Far 111:6
  2. Isaaniin akka fakkaannuuf Ibr.13:7
  3. Eebba isaaniin akka fayyinuufii dha. “amma immoo sagaleen samiirraas kana booda warri Gooftaatiin qabatanii otoo jiranii kan du’an(boqotan) Qulqulloota dha. Jedhii barreessi naan jedhe. Afuura Qulqulluunis eeyyee dadhabbii isaan irraa ni boqotu. Isii hojii isaanii immoo isaan waliin ni bu’a.”Mul.Yoh. 14:13.

Zakkaariyaas araarsaa ture ;har’as ni araarsa. Eebbii fi kabajni isaa hunda keenya waliin haa ta’u. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Ameen!!!

Madda :Macaafa Qulqulluu

           Galata Maariyaamii

         Hiikkaa Wangeelaa