Tamsaasa idilaa si’aa’inaa eegamaa kan ture jalqabuuf qophii isaa akka xummure Waldaan Qulqullootaa ni beeksise.

Waldaan Qulqullootaa si’aa’inaan eegamaa kan ture Tamsaasa idilaa sa’aatii 24 dhiheessii adda ta’ee fi haala yeroo waliin wal-simataa ta’een B.A. Muddee 5/2012tti akka jal qabu barreessaan ol’aanaa Waldaa Qulqullootaa Obboo Wub’isheet Otooroo ibsani. Yaada dhaggeeffattootni fi daawwattootni kennaa turan irratti hundaa’uun fi qu’annaa adeemsisuun akkasumas muuxannoo Manneen Kiristaanaa obboleewwanii irraa qooddachuun tamsaasichi yericha waliin kanb deemu akka ta’u carraaqnee jirra jedhaniiru. Sagantaan televiizhinii kun daa’immaniif, dargaggootaaf, dhimmoota maatii jireenya hawaasummaa irratti xiyyeeffatan, amantoota ta’anii waa’ee amantaa isaanii hubannaa ga’aa warra hin qabneef, warra amantaa bira keessa jiraachaa gaaffilee adda addaa dhiheessaniif, barattoota Univarsitii fi barattoota Sambataaf, hayyoota Mana Kiristaanaa fi kanneen biroof kan fayyadan qophiiwwan adda addaan kan deeggaramu akka ta’u barreesichi ibsanii jiru.

Sagantaan idilaa Muddee 5tti jalqabamu kun kanneen hamma ammaatti dhihaachaa turan irraa adda kan isa taasisu fedhii kutaalee hawaasa maraa kan giddu galeeffate akka ta’u carraaqqiin addaa taasifamuu isaatiin, qooqaalee Amaariffaa, Afaan Oromoo fi Tigriffaadhaa alattis Ingiliffaanis tamsaasuuf karoorfachuun isaa akkasumas fuul-duraaf immoo qooqaalee biyya keessaa kanneen biroonis dhiheessuuf qu’annaan adeemsifamaa jiraachuu isaatiini dha jedhanii jiru.

Dabalataanis, Waldaan Qulqullootaa tamsaasa isaa bu’a qabeessa taasisuuf sa’aatii tamsaasaa Manneen sambataa Gannata Tsiggee Qulqulluu Giyoorgis, Boolee Dabra Saaleem Madihaane’alami fi Dabra Nagodiguwaadi Qulqulluu Yooohaanisiif tolaan (kaffaltii malee) kennuun waliin hojjechuuf qophii isaa kan xummure yeroo ta’u, itti’aansuunis qaamolee Mana Kiristaanaa hundumaa waliin hojjechuuf karri isaa banaa akka ta’a barreessaan ol’aanaa dubbatanii jiru.

Oduu Gammachiisaa!!!

Dubbii Maariyaam

Kitaaba Dubbii Maariyaam

Dubbiin Maariyaamii qaama Barumsa hundee Mana Kiristaanaa /Doogmaa/ Ortodoksii keessaa isa tokko dha. Dubbii Fayyina dhala namaa keessatti fi, waayee seenaa Kakuu Haaraa fi Adeemsa hojii dhala namaa fiyyisuu Gooftaa Keenya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoos keessattis barumsa murteessaa ta’e dha.

Waaqayyoo iccitii addunyaa kana ittiin fayyise keessatti Dubbiin Maariyaami bakka guddaa fi iccitii guddaa qaba. Dubbii Mariyaamii sirnaan hubaachuu fi hubachuu dhabuun, kufaatii fi fayyina namoota hedduuf bu’uura dha.

Seenaa Uumamaa keessatti kan akka ishee kabaja fi jaalala Waaqayyo fulduratti argate kan hin jirre haati keenya Durbee Maariyaam Uumaa ishee kan deesse ‘Haadha Waaqayyoo’ kan taate, Rajjiin guddaa kan raawwatameefi dha. Kunis, Sanyii ishee kan ta’an ijoollee Addaam hundumaaf badhaadhinaa fi milkaa’ina guddaa dha.

Dubbiin Maariyaam ilaalcha fi ejjennoo Amantaa sirrii qabaachuu caalayyuu jireenya Afuuraa guyya guyyaa keessattis faayidaa fi furmaata hedduu kan qabu, waadaa fi kadhannaan Haadha keenya Maariyaami gahee fi kabaja guddaa akkamii Waaqayyo biratti akka qabu kan nu hubachiisu dha. Manni Amantaa Keenya Umriin badhaatuu ija taateef, birsiisaa fi kitaabota hedduu hundee amantii nuhubachiisan bay’ee qabdi. Garuu, hedduun isaanii Afaan Gi’iiziin yoo jiraatan, muraasni isaanii gara afaan Amaariffaa fi Afaan Oromootti hiikaman illee bal’inaan uummata bira gahanii jiru jechuun ni ulfaata. Dabalataanis, barumsawwan gurguddoon akkasii, dhaloota yeroo yeroon ka’uuf haala uerootiin himamuu akka qaban seenaan nuuf ibsa.

Imaanaa kana fudhachuun Barsiisaa Mana Amantaa keenyaa kan ta’an Amaanu’eel Mallasaa, mata duree “DUBBII MAARIYAAM” jedhuun bifa cimina qabuun fi hawwataa ta’een barreessanii dhiyeessuun isaanii Ortodoksoota maraaf Misiraachoo guddaa dha.

Kitaabicha keessatti barumsa Mana Amantaa Waa’ee Dubbii Qulqulleettii Dubroo Maariyaam isa qajeelaa, maddawwan amanamoo Mana Amantaa keenya irraa waraabuun mata dureewwan saglan itti aanan jalatti haala hawwataa fi dubbifamaa ta’een kitaaba Qulqulluu irratti hundaa’uun nuuf dhiyeessanii jiru.

Mata dureewwan kunis;

1.  Hiika fi Maqaa Kabaja Dubree Mariyaam

2.  Seenaa Durbee Maariyaam

3.  Sababa Ulfina Durbee Maariyaam

4.  Fakkeenya Adda Addaa Abboonni Durbee Ittiin Ibsan

5.  Ragaa Ba’iinsa Kitaabolee Bara Kakuu Haaraa Waa’ee Durbee

6.  Ragaa Ba’iinsa Hayyootaa, Waa’ee Durbee Maariyaam

7.  Deebii Shakkitootaa Waa’ee Durbee Maaiyaam

8.  Kakuu /Waadaa/ Araaraa

9.  Ayyaanota Durbee Maariyaam fi kanneen biroo isaan kana jalatti ibsamaniin barumsa guddaa nuuf dhiyeessanii jiru.

Ortodoksoonni Amntaa keenyatti cimnee, shakkii tokko malee amannee Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf, maatii fi warren nudhagahan hunda barsiisuun cimsuu fi shakkii keessaa baasuuf, barumsa Wangeelaa isa dhugaa addunyaan irra dogongoraa jiru ibsuuf beekumsi akkasii bay’ee nu barbaachisa.

Dabalataanis, dhaloota keenya ittiin qaruuf fi ijoollee keenya ittiin barsiisuuf kitaabni kun gumaacha guddaa qaba.

Lallabdoonni Wangeelaa fi faarfattoonni; barumsaa fi faarfannaa keessan beekumsa cimaa akkasiiitiin deeggaruuf, baratoonni Sanbataas /Dilbataas/ bakka barsiisonni hin argamnettillee kan ittiin of gargaartani dha. Kitaabichi barumsa hedduu fuulawwan muraasaa 176 keessatti gabaabsee nuuf dhiyeessee jira.

Boordii Editooriyaalii /Gulaallii/ Waldaa Qulqullootaatiin sirreeffamee fi Eyyamamee Waldichaan kan maxxanfame dha. Kitaaba kanas;

  1. Dukkaanota Waldaa Qulqullootaa hundumatti fi
  2. Kutaalee Misooma Waldaa Qulqullootaa wiirtuuwwanii fi wiirtuuwwan aanaatti ni argattu.

Odeeffannoo dabalataaf lak. bilbilaa

0111540484, 0111246184 0111244530’n bilbiluun argachuu dandeessu.

Waaqayyo kadhannaa fi Waadaa Durbee Maariyaamiin Mana Amantaa Keenya, Biyya Keenya Itiyoophiyaa fi uummata ishee hunda nuuf haa eegu! Barsiisaa Keenyaafis Sagalee Jireenyaa haa dhaggeesisu!

Dubbisa Gaarii!

Biyya kan taate Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa eeguun dirqama mootummaa akka ta’e Waldaan Qulqullootaa ni hubachiise.

EOTCMK

November 18, 2019

Biyya kan taate fi biyyattii kutannoo waliin eegdee dhaloota har’aaf kan dabarsite Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa eeguun dirqama mootummaa waan ta’eef muummicha ministeeraa mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa kabajamoo Dr. Abiyyi Ahmad miidhaa amantootaa fi Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraan gahaa jiru akka dhaabsisan Waldaan Qulqullootaa xalayaan ni gaafate.

Xalayaa muummicha ministeeraaf guyyaa B.A. 05-03-2012 lakkoofsa galmee ማቅሥአመ/41/05/ሀ/12’n barreeffame; muummichi ministeeraa Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa gahee ol’aanaa isheen ijaarsa biyyaa keessatti qabdu hubatanii gumaacha isaan tokkummaa fi nageenya Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaaf godhaniif beekkamtii kennee yeroo ammaa kanatti garuu abbootiin “nama sookoo liqeesseef cirracha ….” akkuma jedhanitti ta’aa jiraachuu isaa ibsaa miidhaa hammana hin jedhamne Mana Kiristaanaa keenya irratti gahaa jiru mootummaan akka dhaabsisu gaafateera.

Jeequmsa fi walitti bu’iinsa battalaa yeroodhaa yerootti biyya keenya keessatti uumamaniin sababni barbaadamaa lubootni, tajaajiltootni fi amantootni ajjeefamaa, Manneen Kiristaanaas gubachaa jiraachuu isaanii kan hubachiisu xalayichi; rakkoo gahaa jiruuf karaa mootummaatiinn furmaatni ariifachiisaa itti kennamuu akka qabu hubachiiseera.

Muummichi ministeeraa Mana Kiristaana keenyaan ‘tola ooltuu biyyaa’ jechuu irraa, mataa ishee biyya gochaa ibsuun ol’aantummaa tola ooltummaa ishee daran ni ibsa jedhanii akka turan xalayichi ni yaadachiisa.

Manni Kiristaana keenya akka biyyaatti waan yaadduuf guddinaa fi misooma biyyaattiif hojjechaa as geessee jirti.

“Nama sookoo liqeesseef cirracha….” akkuma jedhamu, gochi sukaneessaa ishee irra gahaa jiru duub-deebii gaarummaa isheen faallaa ta’e dha.

Siyaasni sanyii/kutaa fi ilaalchi addunyaa daangaa darbe warroota Itiyoophiyaa diinummaan farrajan dahoo kan godhate Mana Kiristaana keenya balleessuu fi gahee isheen tokkummaa fi bilisummaa biyyaaf qabdu xiqqeessuuf kan raawwatamuu dha.

Yaadni xalayichaas akka armaan gadiitti Amaariffaan dhihaatee jira.

EOTCMK

November 18, 2019

አገር የሆነች ቤተ ክርስቲያንን መጠበቅ የመንግሥት ግዴታ መሆኑን ማኅበረ ቅዱሳን አሳሰበ

 አገር የሆነችን እና አንድነትን ከነ ጥብዓቱ ጠብቃ ለትውልድ ያስረከበችን ቤተ ክርስቲያን መጠበቅ የመንግሥት ግዴታ በመሆኑ  የኢፌድሪ ጠቅላይ ሚንስትር ክቡር ዶ/ር ዐቢይ አህመድ በቤተ ክርስቲያን እና በምእመናን ላይ እየተፈጸመ ያለውን ጥቃት እንዲያስቆሙ ማኅበረ ቅዱሳን በደብዳቤ ጠየቀ።

በቍጥር ማቅሥአመ/41/05/ሀ/12፤ በቀን 05-03-2012 ዓ.ም ለጠቅላይ ሚንስትሩ የተጻፈው ደብዳቤ ጠቅላይ ሚንስትሩ የኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ቤተ ክርስቲያን በአገር ግንባታ የነበራትን ታላቅ ሚና ተገንዝበው ለቤተ ክርስቲያን አንድነት እና ሰላም ላደረጉት አስተዋጽዖ ዕውቅና ሰጥቶ በአሁኑ ጊዜ ግን ወርቅ ላበደረ ጠጠር እየተከፈላት መሆኑን በመግለጥ በክርስቲያኖች ላይ እየደረሰ ያለውን መጠነ ሰፊ ጥቃት መንግሥት እንዲያስቆም ጠይቋል።

 በአገራችን በየጊዜው ድንገት በሚፈጠሩ ሁከቶች እና ብጥብጦች ምክንያት እየተፈለገ አገልጋይ ካህናት እና ምእመናን እየተገደሉ፣ አብያተ ክርስቲያን እየተቃጠሉ መሆናቸውን የሚያስገነዝበው ደብዳቤው እየደረሰ ላለው ችግር መንግሥት አፋጣኝ መፍትሔ ሊሰጠው እንደሚገባ አሳስቧል።

 Ø ጠቅላይ ሚንስትሩ ቤተ ክርስቲያኗን የአገር ባለውለታ ከማለት ይልቅ ራሷን አገር አድርጎ መግለጥ የውለታዋን ታላቅነት በተሻለ ሁኔታ ይገልጣል ብለው እንደነበር  ደብዳቤው ያስታውሳል።

 Ø ቤተ ክርስቲያን እንደ አገር ስለምታስብ ለአገር ልማት እና ዕድገት ትኩረት ሰጥታ ስትሠራ ኖራለች።

 Ø ወርቅ ላበደረ ጠጠር እንዲሉ እየተፈጸመባት ያለው ግፍ ለበጎነቷ ተቃራኒ የሆነ መልስ ነው።

 Ø ጽንፍ የረገጠው የዘውግ ፖለቲካ ርእዮተ ዓለም ኢትዮጵያን በጠላትነት የፈረጁ የውጭ አካላትን ሽፋን ያደረገ ቤተ ክርስቲያንን የማጥፋት እና ለአገር አንድነት እና ነፃነት ያላትን ሚና ለመቀነስ የሚፈጸም ነው።

የደብዳቤውን ሙሉ ቃል እንደሚከተለው አቅርበናል።

ለክቡር ዶክተር ዐቢይ አህመድ

የኢፌድሪ ጠቅላይ ሚኒስትር

አዲስ አበባ

ጉዳዩ፡- በተለያዩ አካባቢዎች በቤተ ክርስቲያን ላይ እየደረሱ ያሉ ጥቃቶች እንዲቆሙ ስለመጠየቅ

ክቡር ጠቅላይ ሚኒስትር ሆይ፡- አስቀድመን የኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ቤተ ክርስቲያን በኢትዮጵያ የሀገር ግንባታ የነበራትን ታላቅ ሚና ተገንዝበው ለቤተ ክርስቲያናችን አንድነትና ሰላም ያረጉትን አስተዋጽኦ ሳናመሰግን አናልፍም፡፡

ይሁንና በአሁኑ ወቅት ይህን ደብዳቤ ለእርስዎ ለመጻፍ ያነሳሳን ዐቢይ ጉዳይ በሀገራችን በየጊዜው ድንገት በሚፈጠሩ ሁከቶችና ብጥብጦች ሁሉ ምክንያት ተፈልጎ የኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ቤተ ክርስቲያን እንዲሁም ካህናቶቿና ተከታዮቿ ምእመናን የአደጋ ሰለባ እንዲሆኑ እየተደረገ መምጣቱ በከፍተኛ ደረጃ አሳሳቢና አፋጣኝ መፍትሔ በመንግሥት ሊሰጠው የሚገባው ሆኖ አግኝተነዋል፡፡

በየትኛውም ዓለም የሚኖሩ የእምነት ተቋማት ለሀገር ግንባታና ዕድገትም ያላቸው ሚና ከፍተኛ መሆኑ ግልጽ ነው፡፡ እንደዚሁ ሁሉ የኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ቤተ ክርስቲያን በኢትዮጵያ የሀገረ መንግሥት ግንባታ የማይተካ ሚና እንደ ነበራት ግልጽ ነው፡፡ በሥነ ጥበብ፣ በኪነ ሕንፃ፣ በሥነ ሥዕል፣ በሥነ ጽሑፍ፣ በሕግ ቀረጻና ሀገራዊ ክብርና እሴትን በማስጠበቅ ከፍተኛ ሚና የተጫወተች መንፈሳዊ ተቋም ናት። በረከታቸው ይደርብንና በሕይወት የተለዩን ብፁዕ አቡነ ጎርጎርዮስ በተለያዩ ጽሑፎቻቸውና አባባሎቻቸው እንዳስቀመጡት የኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ቤተ ክርስቲያን ሥነ ጽሑፍ ከነፊደሉ፣ ነጻነት ከነክብሩ፣ ዘመን ከነቀመሩ፣ ሀገር ከነድንበሩ፣ አንድነት ከነጥብዓቱ ያስረከበች የኢትዮጵያ ባለውለታ ናት። ቀደም ሲል በክቡርነትዎም አንደበት እንደተነገረው የኢትዮጵያ ኦርቶዶክስ ተዋሕዶ ቤተ ክርስቲያንን የሀገር ባለውለታ ከማለት ይልቅ ራሷን ሀገር አድርጎ መግለጽ የውለታዋን ታላቅነት በተሻለ ሁኔታ ያሳያል። ይህን የምታደርገው ደግሞ የሀገሪቱን ከፍተኛ ቁጥር የያዘ ሕዝብ የምትመራ እንደመሆኗ እንደ ሀገር ስለምታስብና ለሀገር ልማትና እድገት ትኩረት ሰጥታ ስለምትሠራ መሆኑን ለመረዳት አያስቸግርም ።

ክቡር ጠቅላይ ሚኒስትር

ቤተ ክርስቲያን ለሀገር ያበረከተችው አስተዋጽኦና ውለታ ይህ ሆኖ ሳለ ወርቅ ላበደረ ጠጠር እንዲሉ እየተፈጸመባት ያለው ግፍ ከበጎነቷ በተቃራኒ ከመሆኑም በላይ ከጊዜ ወደ ጊዜ በይዘቱ እየባሰና እየጨመረ በዐይነቱም ለመናገር እስከሚሰቀጥጥ ድረስ ዘግናኝ እየሆነ መጥቷል። ይህ ግፍ የተጀመረው ዛሬ ባይሆንም ከቅርብ ጊዜያት ወዲህ እያጋጠሙ ያሉ ተደጋጋሚና ቀን ቆጥረው የሚፈጸሙ ጥቃቶች በቤተ ክርስቲያን ላይ እየተበረታቱባት ይገኛሉ። በተለይም ጽንፍ የረገጠው የዘውግ ፖለቲካ ርእዮተ ዓለምና ኢትዮጵያን በጠላትነት የፈረጁ “የውጭ አካላትን” ሽፋን ያደረገ እንቅስቃሴ ግብ ቤተ ክርስቲያንን የማጥፋትና ለሀገር አንድነትና ነጻነት ያላትን ሚና መቀነስ እንደሆነ ግልፅ እየሆነ መጥቷል። ከሀገራዊ የለውጥ እንቅስቃሴ ጋር ተያይዘው የመጡ የብዙ አካላት ፍላጎቶችም እንዲህ ዐይነት ቀውሶች እንዲፈጠሩ አስተዋጽኦ እንዳላቸውም እንረዳለን። በሀገር ውስጥም የወደፊቷ ኢትዮጵያ ምን መምሰል አለባት በሚለው ሃሳብ ላይ ዋልታ ረገጥ የሆነ አመለካከት በሚያራምዱ አካላት መካከል ያለው ውጥረትም ቀላል እንዳልሆነ እንገምታለን።

ይህም ሁሉ ሆኖ መንግሥት ችግሩን ለመፍታትና ምላሽ ለመስጠት ያሳየውን በጎና ቅን ሙከራዎችን ግን ሳንጠቅስ አናልፍም፡፡ ነገር ግን አሁንም ቤተ ክርስቲያን የጥፋት መልእክተኞች የጥቃት ዒላማ ሆና ትገኛለች፡፡ በዚህ ረገድ የሕግ የበላይነት ኖሮ ፍትሕ ማግኘት አለመቻል ከመንግሥትም በቂ ከለላ ሳታገኝ መቅረቷ በኦርቶዶክሳውያን አእምሮ ብሶትና እሮሮ ያስነሳ በመንግሥትም ላይ ትልቅ ጥርጣሬን የሚያጭር እየሆነ መጥቷል። ለዚህም በምሳሌነት ቀደም ያለውን እንኳ ትተን የቅርቡን ብናይ በሲዳማ የክልልነት ጥያቄ በተነሳው ውዝግብና ከአክቲቪስት ጃዋር መሐመድ ጥበቃ መነሣት ውዝግብ ጋር ተያይዞ በተቀሰቀሰው ረብሻ በቤተ ክርስቲያን፤ በአገልጋዮችና በምእመናን የተፈጸመውን ጥቃትና የደረሰውን ዕልቂት ማስታወስ ይበቃል፡፡ በአጠቃላይ ሐምሌ 28 ቀን 2010 ዓ.ም ጀምሮ በጅግጅጋና አካባቢው ከተፈጸመው ጥቃት እስከ አሁን ቤተ ክርስቲያን ብዙ መከራን አስተናግዳለች። እርስዎ ከመጡ ጀምሮ በተረጋገጠ መረጃ መሠረት በትንሹ 25 አብያተ ክርስቲያን ተቃጥለዋል። ጅግጅጋ፣ ጅማ፣ ሲዳማ፣ ከሚሴ፣ ምሥራቅና ምዕራብ ሐረርጌ፣ ምሥራቅና ደቡብ ምዕራብ ሸዋ፣ ባሌና አርሲ በተፈጸሙ ጥቃቶች በመቶዎች የሚቆጠሩ ካህናትና ምእመናን በአሰቃቂ ሁኔታ በድንጋይ ተቀጥቅጠው፣ በእሳት ተቃጥለውና በገጀራ ተቆራርጠው ሕይወታቸውን አጥተዋል። በመቶዎች የሚቆጠሩ ከፍተኛ የአካል ጉዳት ደርሶባቸዋል። ሕፃናትንና አሮጊቶችን ጨምሮ ብዙ ሴቶች ተደፍረዋል። የብዙ ክርስቲያኖች ቤቶች ተቃጥለዋል። በሺዎች የሚቆጠሩ ከቀያቸውና ከሀብት ንብረታቸው ተፈናቅለዋል። በተለያዩ የሥነ ልቡና ጫናዎች ውስጥ ወድቀው በፍርሃትና በሥጋት የሚኖሩት ቁጥራቸው ቀላል አይደለም።

ቀደም ሲልም የቤተክርስቲያን መቃጠልና ጥቃት ይቁም ብለው የተሰባሰቡና ለክቡርነትዎ ቀርበው ሃሳባቸውን ገልጸው እርስዎም በሰጡት ምላሽ ከክልሎች ጋር በመወያየት ችግሮችን ለመፍታት ብዙ ጥረቶች ተደርገዋል፡፡ ብዙ ክልሎችም አዎንታዊ ምላሽ ሰጥተዋል፡፡ የኦሮሚያ ክልላዊ መንግሥት ግን ጉዳዩ ላይ ትኩረት አልሰጠም፤ ፍላጎትም አላሳየም፡፡ አሁን እንደሚታዩት አብዛኞቹ ችግሮች የተፈጸሙትና በመፈጸምም ላይ የሚገኙት በዚሁ ክልል ውስጥ ነው፡፡ ይህን የምንጠቅሰው ስለማያውቁት ሳይሆን እንዲህ ዐይነቶች ጥቃቶች እየተፈጸሙ በአጥፊዎች ላይ አስተማሪ ርምጃ ሳይወሰድ ሲቀርና የዜጎች የደኅንነት ዋስትና አለመረጋገጥ ምን ማለት እንደሆነ ምንስ ያህል ከባድ እንደሆነ በኋላ የሚያስከትለውም አደጋ ከባድ እንደሆነ ለማሳሰብ ጭምር ነው።

በያዝነው ወርኃ ኅዳር ደግሞ የጥቃት ዒላማ ተረኛ የሆኑት የከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ናቸው። የከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ብዙ ፍላጎቶች የሚስተናገዱባቸው፣ የሀሳብ ፍጭቶች የሚካሔዱባቸውና፣ ማኅበራዊ መስተጋብሮች የሚፈጸሙባቸው የልሕቀት ማእከላት ናቸው። በአግባቡ ከተያዙ ሀገርን ከድህነት የሚያወጡና ለሀገር ፈውስ የሚሆኑ ሊቃውንት የሚወጡባቸው፣ በአግባቡ ካልተያዙና ለጥፋ መልእክተኞች መሣሪያ ከሆኑ ግን ሀገርን የሚያጠፉ ትምህርትን በአግባቡ ያልተጠቀሙበት የጥፋት ዐርበኞች የሆኑ ትውልዶች የሚፈሩባቸው እንደሚሆኑ የታመነ ነው። ይህን እውነት ከግንዛቤ አስገብተን ስንመለከተው ለሀገር የሚበጅ፣ በሥነ ምግባር የታነጸ፣ ለሕዝብ የሚቆረቆር የተማረ ዜጋ ማፍራት የሚቻለው ከፍተኛ የትምህርት ተቋማት የተረጋጋ የመማር ማስተማር ከባቢያዊ ሁኔታ መፍጠር ከቻሉ ብቻ ነው። በከፍተኛ የትምህርት ተቋማት ላይ አጥልቶ የሚታየው የጥቃት ድባብ ወደ ከፍተኛ ትምህርት ተቋማት እንዲማሩ ልጆቻቸውን የላኩ ወላጆችንም ሆነ ተማሪዎችን በተረጋጋ መንፈስ እንዲኖሩ የሚፈቅድ አይደለም። በአንዳንድ ቦታ አልፎ አልፎ እየተከሰቱ ያሉ አደጋዎችና ሁከቶች ወላጆችን ለከፍተኛ ሥጋትና ጭንቀት እየዳረጋቸው ነው፡፡ በከፍተኛ ትምህርት ተቋማት እየተፈጸመ ያለው ጥቃትም ሃይማኖትን ማእከል ያደረገ መሆኑ ደግሞ ጉዳዩን የበለጠ አሳሳቢ ያደርገዋል። ስለሆነም መንግሥት በአጥፊዎች ላይ ርምጃ አለመውሰድን እንደ “ትዕግሥት” በመቁጠር ቤተ ክርስቲያን ላይ እየደረሰ ያለውን ጥቃት በዝምታ መመልከቱ ብዙ ዋጋ የሚያስከፍል ነውና የዜጎችን የመኖር መብትና የደኅንነት ዋስትና ማረጋገጥን መንግሥት በአግባቡ እንዲተገብረው እንጠይቃለን። ሰሞኑን እንደተመለከትነው ጥቃቶችና ግጭቶችን በእንጭጩ ከከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ሳይወጡ መቆጣጠር እየተቻለ ከትኩረት ማነስ ምክንያት ይህንን ማድረግ ባለመቻሉ በምሥራቅና ምዕራብ ሐራርጌ ምእመናንና አብያተ ክርስቲያናት በሁለት ቀናት ብቻ የደረሰውን ጥፋት ዘርዝረን የማንጨርሰው ሆኖብናል፡፡

በመሆኑም በተለይም በከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ተማሪዎች እየተፈጸሙ ያሉ ጥቃቶች በሚዲያ እንደተገለጸው ከመንግሥት አቅም በላይ ካልሆኑ በአጭር ጊዜ ችግሮቹ እልባት እንዲያገኙ መደረግ አለበት፣ ካልተቻለ ደግሞ ከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ለተወሰነ ጊዜ ተዘግተው የማረጋጋት ሥራዎችን ሠርቶ እንደገና ማስጀመር እንደ አማራጭ መፍትሔ መታየት ይገባዋል ብለን እናምናለን። ከዚህም በተጨማሪ ጥቃቶችን እየፈጸሙና እያስፈጸሙ ባሉ አጥፊዎች ላይ አስተማሪ ርምጃ በግልጽና ሁሉንም ዜጋ በሚያሳምን መልኩ መውሰድ ለዜጎች ደኅንነት ማረጋገጥ ለነገ የማይባል ጉዳይ መሆኑን መግለጽ እንወዳለን። ችግሩ አልፎ አልፎ ከኦርቶዶክሳውያን ውጭ የሚገኙትንም የሚያካትት ቢሆንም አሁን ግልፅ ሆኖ ግን የሚታየው ኦርቶዶክሳውያኑ ላይ እጅግ ያነጣጠረ የሰፋና የከፋም ነው፡፡ አስቸኳይ መፍትሔ ካልተገኘለትም ‘’ኦርቶዶክሳውያኑ በሁሉም አካባቢ የጥቃት ዒላማ ተደርገን እየተቆጠርን ያለነው እኛን ነን’’ በማለት የራሳቸውን ደኅንነት የማስጠበቅ ግዴታ ውስጥ ሊገቡ ይችላሉ። ይህ ደግሞ ከፍተኛ መተላለቅንም ሊያስከትል ይችላል፡፡ አንዳንድ የመንግሥት ሚዲያዎች አደጋዎችን በትክክል እንደመዘገብ እውነትን ማስተባበልና የተሳሳተ መረጃ ማስተላለፋቸው ደግሞ አሳዛኝ ከመሆኑም በላይ ሆነ ተብሎ የሚወሰድ ርምጃና በአብዛኛውም ምእመንም ዘንድ መንግሥታዊ ሽፋን ያለው ተደርጎ እንዲወሰድ አድርጎታል፡፡ በአጠቃላይ የችግሮቹ ሂደት ከመንግሥት ቁጥጥር ውጪ የሆኑ ጉዳዮች ከመፈጠራቸው በፊት መንግሥት አስፈላጊውን ሁሉ እንዲያደርግ በተለይም በከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ኦርቶዶክሳውያን ተማሪዎች ላይ እየተፈጸሙ ያሉ ጥቃቶች በአስቸኳይ መፍትሔ እንዲሰጣቸው እየጠየቅን በጉዳዩ ዙሪያ መንግሥታዊ ያልሆኑ ተቋማትም ሆኑ ሃይማታዊ ተቋማት ሊሳተፉባቸው በሚገባቸው ኃላፊነቶች ሁሉ የድርሻችን ለመወጣት ዝግጁ መሆናችንን በዚሁ አጋጣሚ ለመግለጽ እንወዳለን።

እግዚአብሔር ኢትዮጵያን ይባርክ!!!

መረጃዎችን በ @eotcmkidusan ያድርሱን ፤ በ @mkpublicrelation ይከታተሉን

Hiikkoo xummuramuu Faaruu (sirna Galateeffannaa) Tibba Abaaboo (ተፈጸመ ናሁ)

Godaansaa deebi’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos fi Giiftii keenya Durbee Maariyaam

H.K.H.Roodaas Taaddasa (Dr.)

Dilbata dhumaa kan tibba habaabootti hayyoonni Mana Kiristaanaa fi amantootni mooraa haadha keenya Mana Kiristaanaatti walitti qabaman onneen isaanii jaalala Deessuu Waaqaatiin boba’ee, dhandhama galata isheetiinis qalbiin isaanii quuftee, keessattuu, xummura sirnagalateeffannaa tibba habaabootti qalbii isaanii isa sirna galatoo galateeffannaa tibba abaaboo ishee dhumaa galateessee nagahe kan hin jenne sana gammachiisuu baatuus, guyyichi aduu Giiftiin keenya warroota ishee galateessaniif eebbisa ishee itti laattu dha waan ta’eef qalbiin isaanii gammachuun guutamee galata kana sirna galatoo keessa galateessaa dabarsu. Iccitii, dubbisa fi hiika galuumsa isaas kunoo!

ሕብረ ሐመልሚል ቀይሕ ወጸአድዒድ አርአያ ኰሰኰስ ዘብሩር

ተአምርኪ ንጹሕ በአምሳለ ወርቅ ግቡር

ተፈጸመ ናሁ ማሕሌተ ፅገ ሥሙር

አስምኪ ቦቱ ንግሥተ ሰማያት ወምድር

ከመ በሕጽንኪ ያሰምክ ፍቁር

(Raajiin kee qulqulluun halluu adii fi diimaa qabaatee kan calaqqisiisu, bifti isaas akka meetii bareedaatti kan ta’e fakkeenya sookoon (warqeen) kan tolchamee dha. Egaa sirni galateeffannaa tibba habaaboos (ማሕሌተ ፅጌ) xummurame. Yaa Maariyaam mootittii samii fi lafaa Ilmi kee jaalatamaan hammannaa kee jalatti akkuma ciise (booraafate); booraafachuu Isaa kanaan nuuf Kadhadhu.)

Hayyichi Abbaa Tsigge Dingil sirna galata addaa kana kan dubbate, jecha dura aanaan Raajootaa Muuseen dubbate bu’uura godhachuun yeroo ta’u, kunis See.Uum. 2:11-12 irratti “ስሙ ለአሐዱ ፈለግ ኤፌሶን ውእቱ ዘየዐውድ ውስተ ኲሉ ምድረ ኤውላጦን ወህየ ሀሎ ወርቅ፤ ወወርቃ ለይእቲ ምድር ሠናይ ወህየ ሀሎ ዕንቁ… ዘየኀቱ ወዕንቁ… ሐመልሚል፦ Lagni inni tokko maqaan isaa Eefeesooni dha. Innis lafa Ewlaaxoon mara kan obaasu dha.

Achittis sookoon ni jira. Sookoon lafa sanaas bareeda dha. Achittis inquun (elellaa) ifu ni jira ture.” kan jedhu dha.

Kunis fakkeenya mataa isaa danda’e qaba.

  • Inquun (elellaa) fakkeenya qulqullinaa isheeti. Akkuma sookoon sun ifutti, Giiftiin keenyaas cubbuu dhaalaa irraa bilisa akka taate fi qulqullina fi Qulqullummaan kan iftudhaati. Akkuma Kitaabni “ማርያምሰ ተሐቱ እምትካት ውስተ ከርሱ ለአዳም ከመ ባሕርይ ጸዐዳ፤ Maariyaamiin dura irraa kaasee amalummaa Addaam keessatti akka inquu (elellaa) adiitti ni ifti.” jedhutti jechuu dha.
  • Innis, Gannatni fakkeenya Giiftii keenaati, sookoon immoo fakkeenya qulqullinaa fi Qulqullumma isheeti. Akkuma sookoon lafa sanaa qulqulluu ta’etti; amantaa fi naamusni Giiftii keenya qulqulluudhaati. Akkasitti illee ni hiikama.
  • Inquun halluu makaa qabu fakkeenya Gooftaa keenyaati. Inii halluun isaa makaa akkuma ta’e, Gooftaan keenyas Waaqaas namas kan ta’e isadhaati.

Dabalataan immoo Qulqulluun Daawiit Durbee Qilqulleettii ishee lafa dhaalaa Iyyaruusaaleemitti argamte, guuggeen kochoowwan ishee meetii irraa hojjetameen kan fakkeeffamte fi cinaachi ishee immoo sookoon kan bareechifame kana Afuura Waaqayyoon bifa guuggeetiin argee Faar. 67:13 irratti “እመኒ ቤትክሙ ማዕከለ መዋርስ” Gulummaa keessatti yoo bultan illee” jechuun jalqaba irratti Noohi ilma isaa Seem jedhamuuf dhaalchise fi duuba irratti ishee Abrihaamiif kennamte gahee Seem jedhamuun beekkemtutti osoo geessan “ክነፈ ርግብ በብሩር ዘግቡር; Akka baalleewwan meetii irraa hojjetamanitti” jechuun gulummaa Seem ishee achi argamtu keessa gar-laafeenya isheen guuggeen kan fakkeeffamte Giiftiin keenya Qulqulleettin Durbee Maariyaam guuggee kochoowwan ishee meetii irraa hojjetameen fakkeeffamuun ishee; qulqullina foon ishee, qulqullina lubbuu ishee fi qulqullina sammuu ishee fakkeenya kochoo meetii irraa hojjetameen erga ibse booda,

“ወገበዋቲሃኒ በሐመልማለ ወርቅ፤ mudhiin ishees baallee sookoo irraa hojjetameen kan bareechifamte” jechuun sookoon kan fakeeffame mudhiin qalbii ishee “Akkuma dubbattetti naaf haa ta’u.” jechuudhaan misiraachoo Qulqulluu Gabri’eel amanuun kan jabaate ta’uu isaa iccitiin erga ibse booda, deessuu Isaaf (Waaqayyoof) misiraachoo akka himu kan ajaje misiraachoo Qulqulluu Gabri’eeliin Mootii samii fi lafaa kan ta’e Gooftaan gar-laafummaa isheen guuggeen kan fakkeefamte Qulqulleettii Durbee Maariyaam irraa dhalatee Dhala namaaf Fayyina akka laatu “አመ አዘዘ ሰማያዊ ንጉሥ ላዕሌሃ፤ Yeroo Mootiin Samii fi lafaa ishee irratti ajajeetti” jechuun kan dubbatame ishee irratti akka dhugoomee (mirkanaa’ee) jira waan ta’eefi dha. Sabaab kanaafi dha “halluu diimaa fi adii kan qabu fi fakkeenyi isaas meetii bifa gara garaa kan ta’e Raajiin kee fakkeenya sookootiin kan hojjetamee dha” jechaa ishee galateessa.

Hayyichi Abbaa Tsiggee Dingil xummura irratti Sirni Galateeffannaa Tibba Habaaboo  inni gaarii, bareedaa, jaalatamaa fi hamma guyyaa deebi’ee dhufuu Gooftaatti Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Fulbaana digadamii jaha irraa kaasee hamma sambata xummura Sadaasa ja’atti kan gahu kun xummuramuu isaa ibsuuf “Egaa sirni galateeffannaa Tibba Habaaboo inni bareedaan ni gahe (xummurame)” jechuun dubbate.

Itti fufuun immoo, daa’imman sammuun isaanii akka hin worraaqne  hadholiinisaanii buqqee mataa isaanii harka isaanii jala kaa’anii akkuma irkisanitti; bobaa ishee (kan Giiftii keenyaa) isa Gooftaa jaalatamaa addunyaa kana irkisee fi kan qabate ni galateessa. Haaluma wal-fakkaatuun barreessaan Malki’aa Maariyaamis:-

“ሰላም ለሕፅንኪ ለጥበበ ሰማይ ምዕራፉ

ዘኢይትረከብ ሱታፉ”

“Bobaa kee isa iccitiin isaa bira gahamuu hin danda’amne fi iddoo qubannaan isaa ogummaa samii ta’eef galata nan galcha.” jechaa ishee galateessa.

Barreessaan Abbaa Tsiggee Dingil jedhamus Ifa kan taate Qulqulleettii Durbee Maariyaamiin “ንግሥተ ሰማይ ወምድር፤ Mootittii lafaa fi samii” Motittii ta’uun ishee kun Raajii Raajootaatiinis ta’e dubbii Duuka Bu’ootaan mirkaneeffamee jira. Raajaa Waaqayyoo kan ta’e Qulqulluun Daawiit Afuurri Waaqayyoo irra bulee waa’ee kabaja, Qulqullummaa, Mootittii ta’uu, Araarsummaa fi Mootii samii fi lafaa kan ta’e Waaqayyoon filatamuu ishee “ijoolleen mootiiwwanis kabaja keef oolu” jechuun Mootii Samii fi lafaa kan deesse Haadha Mootii keenya Kiristoos, ijoolleen yaboon (imaanaa/adaraa) fi waadaa Mootittii samii fi lafaa Gooftummaa Isaaf akka bitaman fi Ulfina Isaa Mootummaa samiif filatamuun isaanii isaaf ifoomee duraan dursee faarsaa isaatiin ishee galateessee jira (Faar. 44:9-17).

Dhugumaan Qulqulleettin Durbee Maariyaam Mootittii ta’uu ishee fi Mootittii jedhamuu ishee Rajaa Daawiit qofa osoo hin ta’in, Raajoonnis Duuka Bu’oonnis Afuurri Qulqulluun tokkichi isaaniif ibsee yeroo barreessan, Raajoota gurguddoo keessaa isa tokko kan ta’e Raajaan Waaqayyoo Isaayyaas Raajii isaa keessatti “Moototni abboota siguddisan ta’u; giiftiiwwan isaaniis guddistoota kee ta’u. adda isaaniis gara lafaatti gad-gombisanii siif sagadu. Dhukkee miila kees ni arraabu.” jechuun Giiftii giiftiiwwanii Mootittii moototaa (mootii dubrtoota ta’an) ta’uu ishee ibsee jira (Raaj. Isaa. 49:23).

Ammas sababa Mootii samii fi lafaa deesseef uummamni hundumtuu Giiftii keenya akka galateessu Ogeessichi Salomoon Kitaaba weedduu weedduu caalu keessatti “Guuggeen koo iddoo raawwannaan koos tokkittii dha. Haadha isheefis tokkittii dha. Deessuu isheefis filatamtuu dha. Dubaroonnis kana arganii ishee galateessu. Giiftiiwwani fi haadholiin manaa ishee galateessu. Isheenis akka biiftuu ganamaa kan daawwatamtu, akka addeessaas kan bareedde, akka aduus kan qulqulloofte fi akka raayyaa kaayyoof hiriiretti kan sodaachistu; Isheen kun eenyu dha?” jechuun kabaja Mootittii isa jia Raajiitiin isaaf mul’ate katabee jira (W/W/Caalu 6:9-10).

Duuka Bu’oota keessaa isa tokko kan ta’e Qulqulluu Yoohaannisis kabaja Mootittii ta’uu ishee kana argee, giiftiiwwan biyya lafaa uffata sookoo yeroo uffatan, kophee sookoos yeroo kaa’atan, gonfoo inquu fi sookoo yeroo gonfatan; Mootittiin samii fi lafaa ishee Aduu dhugaa Kiristoos kan deesse Durbeen Qulqulleettiin garuu, faaya guyyaa kan taate aduu uffattee, faaya halkanii kan ta’an addeessa akka kopheetti kaa’attee; urjiiwwani immoo gonfattee akka argamtu Mul’ata isaa keessa “Mallattoon guddaa samii irra mul’ate. Aduu uffattee, addeessas akka kopheetti kaa’attee, mataa ishee irrattis urjiiwwan kudha lama kan gonfatte” jechuun akkuma Qulqulluun Daawiit dubbatetti innis kabaja dinqisiisaa Mootittii ifatti barsiiseera (Mul. 12:1).

Kanaafuu, namni galateeffannaa kanaan ishee galateessu hundumtuu Ilma ishee gara biyya Misiritti hammannaa isheen hammatamee (baatamee) ishee waliin godaane Iyyasuus Kiristoos akka isaaf kadhattu fi isa araarsitu ishee kadhachaa hayyichi sirna Galateeffannaa Tibba abaaboo xummuramuu isaa ni labse.

Yaa Haadha Waaqayyoo Giiftii keenya; akkuma Abbaa Tsiggee Dingiliin sirna galateeffannaa bareedaa fi jaalatamaa kanaan si galateessu taasisteen, gar-malee kan sijaalannu fi ijoollee kee kan nuyiin illee yeroo hunda akka sigalateessinuuf eebbisa kee akka nuulaattuuf sikadhanna.

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

kutaa 5ffaa

  • Kaayyoon ijoo dhaabbata dhimmoota maatii fi daa’immanii, daa’imman hawaasa waliin jiraatani tajaajila nyaataa, uffata fi yaalii fayyaa akka argatan haala mijeessuu dha. Keessattuu yeroo ammaa kanatti gochi gaarii daa’imman haadha fi abbaa hin qabne kununsaa guddisuun maqaa Mana Kiristaanaa keenyaan foyya’ee akka itti fufu yaadachiisaa; kutaalee lallabaa muraasa keessatti dhaabbatichi walii galee hojjechuu dhabuu isaa irraa kan ka’e dhimmi isaa Mana Kiristaanaa keenya irraa darbee gara mana murtii mootummaatti akka qajeelu taasifamee gulummaan (lafa) fi qabeenyi Mana Kiristaanaa keenyaan qabamee ture qaamolee biroon akka irraa haala mijeessaa jira waan ta’eef Qulqulluun Sinoodoos murteewwaan dursee murteesse ammas fooyyessee fi cimsee kallattii dhaabbatichi kutaalee lallabaa waliin wal-ta’aa ittiin hojjetu akka kaa’uu fi kun ta’uu hin danda’u taanaan garuu gulummaa Manni Kiristaanaa maqaa guddisa daa’immaniitiin qabattee baroota dheeraaf eegaa turte kun akka irraa hin fudhatamne fi daa’imman haadha fi abbaa hin qabne akka hin bittinoofne, Manni Kiristaanaa keenya guutuma guutuutti of jalatti oolchitee dambii fi qajeelfama ittiin bulchitu akka qopheessitu gaafachaa galmaan gahuu isaaf immoo gumaacha nuurraa eeggamu  godhuuf waadaa galla.
  • Dhaabbanni sab-qunnamtii Mana Kiristaana keenyaa dhaabatee erga tajaajila kennuu eegale yeroo gabaabaa ta’us, tamsaasa sagantaa idilaawaa isaarratti qooqaalee adda addaatiin adeemsisuun isaa kan jajjabeeffamuu dha. Haa ta’u malee, keessattuu bara bajataa kanatti gubiinsa Mana Kiristaanaa, ajjeefamuu amantootaa, lafa fi mana jireenya isaanii irraa buqqa’uu amantootaa raawwatamaa turan irratti hiriira nagaa gocha sukaneessaa kana balaaleeffatu amantootni dammaqinaan bahan sana dhaabbanni sab-qunnamtii keenya sa’aatii bal’aa kennee gabaasuu dhabuun isaa komii guddaa kan kaasise waan ta’eef dhaabbanni kunis waltajjii Mana Kiristaanaa ta’uun isaa beekkamee tajaajila foyya’aa kennuu akka danda’u ogeeyyi bajata gahaan deeggaramee, irra deddeebii sagantaalee hir’isee sagantaalee haaraa fi wayitawaa gabaasuun dhaabbata sadarkaa isaa eegate akka ta’u yaa’ichi gar-malee yaadachiisa.
  • Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa biyyattii fi daangaa ishee eegsisuun; dhaloota kanaaf seenaa isaa, dabaree (darbii darboo) isaa, beekumsa isaa fi ogummaa adda addaa dabarsuun gumaachi isheen goote ol’aanaa dha. Ta’us, yeroodhaa yerootti naannolee tokko tokkotti gareewwan ejjennoo farra Mana Kiristaanaa qabatanii socha’an baay’achaa dhufan kun heera biyyattiin fi naamusa amantiin ala Mana Kiristaanaa keenya qoruumsa keessa galchuun dhiibbaa irraan gahaa argamu.
  • Bara darbe kutaa lallabaa Sumaalee Itiyoophiyaatti badiin Mana Kiristaana fi amantoota irra gahe hoggantoota naannichaa bara sanaan karoorfamee fi kaayyeeffatamee kan raawatme waan ta’eef lubbuu namaa fi qabeenya amantootaa badeef gatiin (beenyaa/hiirphaa) ogeeyyiin shallagamee mootummaan nannichaa Mana Kiristaanaa keenyaaf akka kaffalu gaafatame osoo hin deebi’in, inumayyuu bara kanatti doorsisni fi gidiraan keessattuu Jimmatti, Kamiseetti, Harargee Bahaatti, Dirree Dawaatti, Goodina Sidaamaatti, Shawaa Kaabaatti, Matakkalitti, fi k.k.fakkaatanitti amantoota keenyarra gahaa jiru daran cimee itti fufuu isaatin Manni Kiristaanaa keenya gubamteetti, luboonni ishees Siida Aarsaa ishee jalatti qalamaniiru, amantootni ajjeefamaniiru, hidhamaniiru, iddoo jireenyaa isaanii irraas godaananiiru. Kanaafuu, carraaqqiin rakkoolee kana mootummaa giddu galeessaaf dhiheessuuf gama Qulqulluu Sinoodoosii godhamaa jiru akkuma eeggametti ta’ee, rakkoon kun yeroodhaa yeroottii dabalaa waan dhufeef doorsisa fi gidiraa Mana Kiristaanaa keenya irra gahaa jiru xiqqeessuufi dursanii ittisuun akka danda’amu badiin tokko gahuun isaatiin duratti erga gahe boodas koree ididla addunyawaa xiinxala fi odeeffannoo  ogummaan deeggarame qaama dhimmi ilaallatuuf akkasumas amantootaaf dursee kennu, ogeeyyii seeraas of keessatti kan hammate, wiirtuu odeeffannoo cimaa kan qabu, walitti dhufeenyi isaas Teessoo Paatriyaarkii irraa kaasee hanga yaa’ii lallabaa Manneen Kiristaanaatti kan gahu Qulqulluu Sinoodoosiin akka hundeeffamu ni gaafanna.
  • Warreen Ilaalcha foonii fi seeneessa dharaa uumuun kitaabaanis ta’e toora sab-qunnamtiitiin tamsaasan; ijaarsa biyyaaf , bulchiinsa gaariif, barumsaaf fi k.k.fakkaataniif walumaa galatti eenyummaa waliigalaa Itiyoophiyaa irratti tola ooltummaa guddaa kan oolte Mana Kiristaanaa keenya ishee ol’aantuu kana actiiviistootni fi namoonni siyaasaa sabaa fi sab-lammoota adda addaa irraa argamne jedhani fi ilaalcha foonii adda addaa qabatanii socho’an Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa hawwattuu SIRNA MOOTUMMAA ILAALCH-TOKKEE (አሐዳዊ ሥርዓት) fi amantaa saba tokkoo qofa akka taate fakkeessanii dubbachuun oduu dhugaa irraa fagaate afaarsan kun amantootni keenya shakkii hin taane keessa akka galan fi Mana Kiristaanaa isaanii akka shakkan taasisuun kun holola dogongoraa fi faayidaa tokkollee kan hin qabne waan ta’eef yaa’iin idila addunyaa kun baay’isee balaaleeffata.

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

Kutaa 4ffaa

  • Kitaabileen fi Faaruuwwan Mana Kiristaanaa keenyaan qophaa’anii maxxanfaman hundumtuu Yaa’ii Hayyootaatiin qoratamanii akka maxxanfaman; hojii kanaafiis manni maxxansaa Tinsaa’ee Za Gubaa’ee cimee galmaan gahuu akka danda’u daran akka cimu ta’ee, kitaalolee kanaan dura Mana Kiristaanaa keenyaan qophaa’anii faayidaa irra oolaa turan dhaabbilee fi namoota dhuunfaatiin karaa seeraan ala ta’een maxxanfamaa fi ittiin daldalamaa jira waan ta’eef, Manni Kiristaanaa Kitaabolee Mataa ishee sirritti eeguun maxxansaa amantoota isheef akka dhiheessitu fi barsiifannaa ishee isa bu’uuraa, isa dhugaa fi sirrii ta’e kana karaa sirrii ta’een akka waliin geessu waan dandeenyu hunda godhuuf waadaa galla.
  • Tibba kana gochi sukaneessaa amantoota fi Mana Kiristaanaa keenya irra gahaa jiru itti baay’achaa jiru, Manneen Kiristaanaa haala kanaan dura irraa caaluun wal-gargaaruu fi Manneen Kiristaanaa gubatani fi cufamani irra deebi’uun ijaaruuf fi kan cufamani banuuf wal-deeggeruun durii kaasee aadaa keenya waan ta’eef, Manneen Kiristaanaa biyyota alaa fi kutaa lallabaa Finfinnee keessatti argamani, itti gaafatamtootni waajjiraalee Manneen Kiristaanaa, Kawaalota fi Yaa’iiwwan Barnoota Mana Kiristaanaa baadiyyaa gargaaruuf sochiin godhamaa jiru daran akka cimee akka itti fufu yaa’ichi ni yaadachiisa.
  • Kolleejonni Afuurawaa Qulqulleettii Sillaasee, Sawaasawa Birhaan Qulqulluu Phaawloos fi Qulqulluu Fireemnaaxoos Abbaa Salaamaa Kasaatee Birihaan hamma ammaa Mana Kiristaanaa keenyaaf humna namaa sirritti leenji’e dabaluun fi lallabdoota Wangeelaa horachuun wal-qabatee shorri/gaheen/ isaan taphatan ol’aanaa ta’uun isaa akkuma eeggametti ta’ee, fuul-duraafis simannaa barattoota isaanii dabalanii calallii bartootaan fi haala baruu barsiisuun walqabatee of-eeggannaa guddaa fi too’annaa barbaachisu godhuun dagaaganii akka itti fufani yaadachiisaa, lallabdoota Wangeelaa gahuumsaan fi beekumsaan akka horataniif waan nurraa eeggamu bahuuf waadaa galla.
  • Gamoowwani fi Manneen qabeenya dhaabbatoo Mana Kiristaanaa fi hambaalee abbootaa kan ta’an ammas carraaqqii mana lubummaa ol’aanaa fi Qulqulluu abbaa keenya Abuuna Maatiyaasiin akkasumas ajaja gaarii muummicha ministeeraa Dr. Abiyyi Ahmadiin deebi’aa jiru waan ta’eef kiraan isaanii seeraan sassaabamaa qixa sirriin fayyadamummaa Manni Kiristaanaa fi hayyoonni Mana Kiristaanaa carraaqqii faayidaa akka irraa argatan taasifamuuf deeggarsa barbaachisu hunda godhuuf waadaa galla.
  • Kaayyoon ijoo dhaabbata dhimmoota maatii fi daa’immanii, daa’imman hawaasa waliin jiraatani tajaajila nyaataa, uffannaa fi yaalii fayyaa akka argatan haala mijeessuu dha. Keessattuu yeroo ammaa kanatti gochi gaarii daa’imman haadha fi abbaa hin qabne kununsaa guddisuun maqaa Mana Kiristaanaa keenyaan foyya’ee akka itti fufu yaadachiisaa; kutaalee lallabaa muraasa keessatti dhaabbatichi walii galee hojjechuu dhabuu isaa irraa kan ka’e dhimmi isaa Mana Kiristaanaa keenya irraa darbee gara mana murtii mootummaatti akka qajeelu taasifamee gulummaan (lafa) fi qabeenyi Mana Kiristaanaa keenyaan qabamee ture qaamolee biroon akka irraa haala mijeessaa jira waan ta’eef Qulqulluun Sinoodoos murteewwaan dursee murteesse ammas fooyyessee fi cimsee kallattii dhaabbatichi kutaalee lallabaa waliin wal-ta’aa ittiin hojjetu akka kaa’uu fi kun ta’uu hin danda’u taanaan garuu gulummaa Manni Kiristaanaa maqaa guddisa daa’immaniitiin qabattee baroota dheeraaf eegaa turte kun akka irraa hin fudhatamne fi daa’imman haadha fi abbaa hin qabne akka hin bittinoofne, Manni Kiristaanaa keenya guutuma guutuutti of jalatti oolchitee dambii fi qajeelfama ittiin bulchitu akka qopheessitu gaafachaa galmaan gahuu isaaf immoo gumaacha nuurraa eeggamu  godhuuf waadaa galla.

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

Kutaa 3ffaa

  • Manni Kiristaanaa keenyaa Kawaalota fi Manneen Kiristaanaa kumaatamaan laakka’aman; luboota, tajaajiltoota fi amantoota miiliyoonaan lakkaa’aman kan qabdu ta’uun ishee ni beekkama.  Kana irraa yeroo ilaallu, Meeshaaleen Qulqullaa’oo irra caalaatti kan argaman namoota dhuunfaa fi namoota amantaan isaanii faallaa ta’e irraayi. Kanaafuu, haala kana hundee isaatirraa sirreessuuf fi Mana Kiristaanaa keenya fayyadamtuu godhuuf dhaabbanni ogummaa harkaa Goofaa cimee akka itti fufuuf fi dhaabbatichi ramaddii bajataa fi human namaa gahaa ta’een deeggaramee, naannolee adda addaatti dameewwan banee Meeshaalee Qulqullaa’oo baay’inaanis ta’e qulqullinaan oomishee dhiheessuun dorgomaa akka ta’u godhuun namoonni adda addaa karaa seeraan alaatiin meshaalee oomishaman hundumaa dhaabbatuma keenyatti sadarkaa fedhii amantoota keenya quubsuu danda’uun  qulqullinaan akka oomishu yaa’iin kun yaadachiiseera.
  • Kawaalonni Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa madda seeraa fi heeraa, argama ga’uumsa bulchiinsaa, abbaa Hambaalee fi Meeshaalee Qulqullaa’oo, wiirtuu Kadhannaa, barumsaa fi naamusaa ta’uun isaanii beekkamaa dha. Kun cimee itti fufuu kan qabu yeroo ta’u; gama biraatiin garuu, Kawaalota gurguddoo Kutaalee adda addaa keessa argamanitti heera Mana Kiristaanaan fi seera Kawaalaan alatti fedhii fi faaydaa dhuunfaa isaanii eegsisuuf jecha osoo hin ergamin ergamneerra, osoo hin muudamin muudamneerra, gahuumsa Afuurawaa osoo hin qabaatin geenyeerra jechaa rakkoolee adda addaa uumuun amantoota burjaajeessaa warroota maallaqa miiliyoonaann lakkaa’amu faayidaa dhuunfaa isaaniif oolchaa jiran gar-malee kan balaaleeffannu ta’uu ibsaa seera Kawaalotaa eegsisuuf jecha wal-cinaa dhaabbachuun cimnee hojjechuuf waadaa galla.
  • Barnootni yaa’ii Mana Kiristaanaa (አብነት ትምህርት) haala barnoota ammayyaa waliin walitti qindaa’ee ittiin kennamuu danda’u irratti kan xiyyeeffatu imaammanni barnootaa wiirtuulee leenjii fi barnootaatiin osoo qophaa’e hayyoota tajaajila waliigalaa Mana Kiristaanaaf gahuumsa qaban horachuun waan danda’amuuf, manneen barnoota Yaa’ii Mana Kiristaanaa cimee akka itti fufu yaa’ichi ni yaadachiisa.
  • Hoggansi tajaajila Heeraa mana lubummaa ol’aanaa carraaqqiin inni mirga Mana Kiristaanaa keenya eegsisuuf godhaa jiru cimee akka itti fufu fi dhaddachi Afuurawaa isaas bifa seera Mana Kiristaanaa eeggen murtee Afuurawaa kennuun isaa Mana Kiristaanaa keenyaaf bu’aa qabeessa dha. Haa ta’u malee, dirra sanaaf seerri bahee qaamolee dhimmichi isaan ilaallatuuf dhihaatee beekkamtii akka argatu gaaffiin wal-irraa hin cinne dhihaataa turus, furam dhabuun isaa gar-malee kan nama gaddisiisu yoo ta’u, rakkoolee bulchiinsa keessaatiin uumaman ilaalchisee ofii  keenyaaf ofuma keenyaan murtee kennuun cimee akka itti fufuuf godhuun cinaatti carraaqqiin Manni Kiristaanaan keenya mana murtii Afuurawaa mootummaa birattis beekkamtii qabu akka qabaattuuf godhamu karaa hoggansa heeraatiin cimee akka itti fufu yaa’ichi ni yaadachiisa.

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

Kutaa lammaffaa

  • Ol-aantummaan fi Ulfinni Mana Kiristaanaa keenyaa yeroodhaa yerootti eeggamee akka jiraatu babal’iinsi lallaba Wangeelaa murteessaadha waan ta’eef, hojiilee Hoggansa lallaba Wangeelaa fi ergama Duuka Bu’ummaatiin raawwatamaa jiran cimsuun gama bobbaatii lallaba Wangeelaatiinis ta’e bu’aawwan maxxansaatiin bifa gaaffii dhaloota kanaa deebisuu danda’uu fi bifa fedhii afaan dhalootaatiin tajaajiluu danda’uu miilkeessuun Qulqulluu Sinoodoosiin xiyyeeffannaan itti kennamee akka qindaa’u gaafachaa duulli lallaba Wangeelaa akka cimuuf gumaacha maallaqaa dhibbeentaa tokkoo (1%) Qulqulluu Sinoodoosiin kan mueteeffame lallaba Wangeelaa cimsuuf fi babal’isuuf qisaasummaa tokko malee hojii irra akka oolu taasisuuf waadaa galla.
  • Dargaggeeyyii manneen barnoota Sambataa Mana Kiristaanaa ishee boruu dhaaluu warren danda’an fi bareedina ishee kan har’aa kan ta’an kununsuun, barsiisuun fi weerara diinaa irraa baraaruun barnoota isa hin dabne fi qulqulluu kan ta’e  sana manneen barnoota Sambataa Manneen Kiristaanaa hunda keessatti argaman barsiisuuf, cimsuuf fi bakeewwan manneen barnoota Sambataa hin hundeeffamneetti hundeessuuf waadaa galla. Kana waliiniis deeggarsi maallaqaa fi ogummaa hojii misoomaa manneen lubummaa aanaa kutaalee lallabaa adda addaa keessatti argamani  fi Manneen Kiristaanaaf gama Waldaa Qulqullootaatiin taasimaa jiru gabaasaawwan dhihaatan irraa hubachuun danda’aameera. Gargaarsa Waldichi Mana Kiristaanaaf taasisu fuul-duraaf daran cimsee akka itti fufu yaa’iin kun ni yaadachiisa.
  • Hoggansi bulchiinsa lubootaa kabaja yaadannoo guyyaa muudamuu Qulqulluu Paatriyaarkichaa irraa eegalee ayyaanootni waggaa haala ho’aa fi seera qabeessa ta’een akka kabajaman godhuun isaa Mana Kiristaanaa keenyaaf  karaalee kabajni (siimboon) ishee ittin ibsamu waan ta’eef, fuul-duraafis jajjabeeffamee kana caalaa cimee akka itti fufu ni yaadachiisna.
  • Mana Kiristaanaa keenyatti dambii too’annaa, kununsaa fi eegumsa hambaalee fi qabeenyaa jiraachuun isaa hambaaleen haalaan akka eeggaman fi galiin turizimii akka dagaagu akkasumas, muuziyeemichis wiirtuu qo’annaa fi qorannaa akka ta’u godhuuf hojjetemuun isaa akkuma eeggametti ta’ee, baroota dheeraa lakkoofsisuu isheerraa fi idila addunyawaa ta’uu isheerraa kaanee yoo ilaalle, gama turizimiitiin osoo sirritti hojjetame, dirri kun gama galii biyyattii guddisuutiin fi Mana Kiristaanaa keenyaaf gumaacha guddaa argamsiisuu danda’uu isaatirraa kaanee yeroo ilaallu, Manni Kiristaanaa keenya gama hambaalee fi turizimiitiin hojii guddaa hojjechuutu irraa eeggama. Kanaafuu, kutaan eegumsa fi kununsa hambaalee, manneen kitaabaa fi muziyeemii Mana Kiristaanaa keenyaa haala barbaachisaa ta’een; bajataan illee haa ta’u, gama humna namaa gahuumsa qabuun illee haa ta’u dagaagee hojii Manni Kiristaanaa keenya miilkaawaa ittiin ta’u akka raawwatu yaadachiisaa sadarkaa kutaalee lallabaatiinis dirra kanaan hojii foyya’aa hojjechuuf waadaa galla.
  • Too’annaan maallaqaa fi qabeenyaa cimee argamuun isaa guddina diinagdee biyyattiif illee ta’e Mana Kiristaanaaf murteessaa waan ta’eef waajjirri mana lubummaa ol’aanaa hoggansa too’annaa isaa ogeeyyii gahaan qindeessee, kutaaleen lallabaas waan nurraa eeggamu hunda raawwachuun adeemsa hojii herregaa fi too’annaa amansiisaa ta’e lafa qabsiisuuf gahee nurraa eeggamu hamma humni keenya danda’u galmaan gahuuf waadaa galla.

Lubbuu Amantootaa farreen Mana Kiristaanaatiin ajjeefaman Gannata keessa nuuf haa galchu.

Miseensotni Yaa’ii ol’aanaas hundumtuu Kaateederaalii Manbara Tsabaa’oot Qulqulleettii Sillaaseetti ni argamu.

Hordoftoota Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo farreen Mana Kiristaanaan ajjeefamaniif Kadhannaan hiikiinsaa (ጠሎተ ፍትሐት) Manneen Kiristaana hundumatti Guyyaa boruu (16/2/2012) akka taasifamu Qulqulluun Sinoodoosi murtee dabarsee jira.

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

maddi suuraa: EOTC Broadcasting Service Agency/

Kutaa 1ffaa

Akkuma seenaan raga bahutti, baroota barnootni ammayyaa hin babal’annetti ministeera barnootaa ta’uudhaan dargaggeeyyi ogummaa fooniin fi ogummaa Afuuraatiin gabbisaa guddisuudhaan Mana Kiristaanaaf fi biyyattiif madda hoggantootaa kan taate; yeroo diinni biyya weeraru fi Amantaa faalleessu dhufettis Taabota baattee duuluudhaan uummata ishee jajjabeessuudhaan daangaa biyyaa kan eegsiste. Bara ministeerri Nageenyaa hin caaseeffamneetti; akka ministeera Nageenyaa taatee nageenya biyyattii kan eegsiste fi tola ooltuu kan taate Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa gidiraan ishee irraa mancaafamee, kabajni fi ulfinni ishee eeggame dhaloota dhufuuf akka darbu Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii kanatti Qulqulluu Sinoodoosiif gumaacha ajandaa marii kan ta’u yaada murtee fi ibsa ejjennoo abbaa qabxiilee 27 qopheessine akka kanaa gadiitti dhiheessina.

  1. Haasawa baniinsaa, eebba Abbaa, ergaa Abbaa fi qajeelfama hojii; Abbaa Maatiyaas dursaa Paatriyaarkii Duree Phaaphaasota Itiyoophiyaa Phaaphaasii Akusim Muudamaa (ዕጨጌ) teessoo Takla Haaymaanoot yaa’ii kanaaf dhiheessaniin hojiirra akka oolu humna qabnuun hojjechuuf waadaa galla.
  2. Sagalee Labsii (ቃለ ዓዋዲ) Manni Kiristaanaa keenya bulchiinsa ishee ittin hoggantu murtee Qulqulluu Siinoodoosiin haala tibba kanaa waliin deemuu danda’un foyya’us; ammas hanqinaalee baay’ee qaba waan ta’eef Sagalee Labsii (ቃለ ዓዋዲ) irraa eegalee dambiiwwan, seerotaa, qajeelfamoota fi seerota ittiin bulmaataa hojjeetootni ittiin Manni Kiristaanaa ittiin hogganamtu mara ogeeyyiidhaan qu’annaa fi qorannaan barbaachisu godhamaa bifa bulchiinsa gaariif mijataa ta’een fi hojiilee Mana Kiristaanaa lafa qabsiisuu danda’uun irra deebiin akka nuuf fooyya’u gaafanna.
  3. Godaansa barsiisota yaa’ii barumsa Mana Kiristaanaa (የአብነት መምህራን ፍልሰት) yeroodhaa yerootti dabalaa dhufe kana dhaabsisuuf fi mirga isaanii kabajuuf gargaarsi hanga ammaa godhamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’us, rakkinni barsiisotaa fi bartootaa guddaa ta’uu isaatirraa kan ka’e rakkoo isaanii haala itti fufiinsa qabuun hiikuuf murtee Qulqulluu Sinoodoosiin gargaarsi karaa Mana Lubummaa ol’aanaatiin godhamu akkuma jirutti ta’ee gama Kutaa Lallabaatiin illee hamma danda’aamuun too’annaa fi hordoffiin barbaachisu godhuuf waadaa galla.
  4. Bulchiinsaan wal-qabatee hojii karaa waajjira ol’aanaa hoggansa bulchiinsaa teessoo paatriyaarkiitiin fi Kutaalee Lallabaatiin hojjetame fi gabaasaan ibsame waan nama jajjabeessu ta’uun isaa akkuma eeggameetti ta’ee qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii lafa qabsiisaniin bulchiinbsa yeroo ammaa waliin deemuu danda’u; murtee qajeelaa fi haqa qabeessaan deegrame akka jiraatu daran hojjechuuf waadaa galla.