Waaqayyo haa sodaannu; uummanni Waaqayyo hin sodaanne akka saba Sanaa’oor biyya lafaa irraa dhabama.

Sabni Sanaa’oor horteen isaanii lafa irratti ni heddummate. Abshaalotas ta’ani. Abshaalummaa isaanii sana garuu, waan gaariif fayyadamuu dhiisanii mootii bara baraa kan Waaqayyoon sodaachuu sodaachuu irraa fagaatanii maqaa isaanii labsuu barbaadani. Namni Waaqayyo waliin wal-mufachiisees umriin isaa akka gabaabbatu wallaalani.

Dhalli namaa waan gamoo ijjaareef qofa kan kabajamu itti fakkaate. Yaada isaanii kanas gamoo gar-malee ol dheeratu ijaaruun mul’isuu barbaadani. Barbaaduun qofa hin hafne, ni ijaaranis. Gar-malee ol dheerachuu isaa irraa kan ka’e aduutti dhihaatanii ho’a aduutiin hamma nyaata bilcheessanii nyaatanitti ga’anii turani. Dhuma irratti garuu, of jajiinsa badaa keessa of argani. Waaqayyoon dhabamsiisanii, bakka Isaatti bu’anii murteessaa lafaa fi samii ta’uu barbaadani. Gamoo (siidaa) ijaaran sana irra dhaabbatanii Waaqayyo waraanuuf eeboo ol darbachuu eegalani. Kana kan jajjabeessu seexannis dhiiga dibee itti deebisaa si’a sadi isaan onnachiisaa tureera. Si’a sadi darbanii Waaqa Abbaas Waaqa Ilmaas Waaqa Afuura Qulqulluus kan ajjeesan itti fakkaatee “Kanaan booda ajajaa tokko malee lafaa fi samii hogganaa maqaa keenyaas waamsisaa jiraanna” oggaa jedhan, Waaqayyoon “Kootta! Gad-buunee inni tokko afaan isa kaanii akka hin dhageenyeetti afaan isaanii isaan dura waliin haa maknu.” jedhe (Seer. Uum. 11:7)

Addunyaa irratti beekkamuuf hawwanii turani. Amma garuu, Waaqayyo hawwii isaanii jalaa fashaleesse. Maaliif? yoo jenne hundeen ogummaa (qaroominaa) Waaqayyo akka ta’e irraanfatanii kabaja isaaniif qofa ifaajaa turanii waan ta’eefi.

Nutis jaalala Waaqayyoo irraa fagaannee waan raawwachuu dandeennyu akka hin jirre beeknee Waaqayyoo fi dhala namaa mara jaalachuun ijoollee Ifaa ta’uu keenya mirkaneessuu qabna.

Guyyaa kanaaf baga isiniin gahe