“…ይእዜ ትስዕሮ ለገብርከ በሰላም እግዚኦ በከመ አዘዝከ። እስመ ርዕያ አዕይንትየ አድኅኖተከ ዘአስተዳለውከ ቅድመ ኵሉ ሕዝብከ። Yaa Gooftaa koo Fayyina Ati Uummata Kee duratti raawwatte ijji koo argeera waan ta’eef, akkuma waadaa galteen garbicha Kee amma nagegeessi” Luuq. 2:29-30

L.A’imiroo Darajjee Taakkalaa

Jecha kana kan dubbate maanguddichi Simi’oon yoo ta’u, sababni inni dubbateef immoo raajii Isaayiyyaas 7:14 “Durbeen durbummaan ulfooftee durbummaan ni deessi” jedhu dhugumaa raawwatamuu isaa arguu waan danda’eefi dha. Kana qofa miti; humni isaas akka humna arraageessaa waan haareffameef illee dha. Isa kana immoo Raajichi haala kanaan nuhubachiisa “Warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan humni isaanii ni haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol ni ka’u. Ni fiigu garuu, hin dadhaban. Ni adeemu garuu, hin nuffani” (Raaj.Isaay. 40:31).

Kana jechuun namni Waaqayyoon amane, amantaadhaan harka isaa gara Waaqayyootti diriirsu yoomiyyuu hin qaana’u /hin leeyya’u/. Kanaafi dha Raaj. Isaay. 49:23 irratti “Warri Na’amanan, warri Na’abdatan hin qaana’an /hin leeyya’an/” jechuun kan ibse. Dabaluunis, “Qajeelinni Koo dhiyaateera. Fayyisuun Koos as ba’eera. Sabni baay’een irree Kootiin murtii haqaa ni argatu. Warri biyya galaana gidduu keessa jiraatanis Na’abdatu.” Jechuun namni Waaqayyoon hunda caalaa abdatu akka hin qaanofne ni ibsa. Qulqulluun Erraqliisis Durbee irraa dhalachuu Gooftaa yeroo dinqisiifatu, Amntaa Abbootaa 48:2 irraatti “እንዘ ውእቱ ውስተ ሕጽነ አቡሁ ተሠውረ በከርሠ ድንግል፡፡ ወተወልወደ እምኔሃ። እንዘ ሀሎ ውስተ ሕጽነ እሙ ያንሶሱ በክነፈ ነፋስ፡፡ ወይሰግዱ ሎቱ ማላእክት፡፡ Inni Tokkummaa AbbaaIsaatiin osoo jiru; garaa Durbee keessa ni daangeeffame. Ishee irraas ni dhalate. Hammannaa harmee Isaa keessa osoo jiru; baallee qilleensaan deddeebi’aa ture. Ergamoonnis Isaaf sagadaa turani” nuun jedha.

Ayyaana gaarii nuuf haa ta’u! ,