Ergaa Qulqulluu Paatriyaarkii

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen.

  • Eebbifamoo Abbaa Yaareed itti gaafatamaa Mana Lubummaa Ol’aanaa fi phaaphaasii kutaa lallabaa Arsii
  • Eebbifamoo abbaa Yooseef barreessaa Qulqulluu Sinoodoos fi phaaphaasii kutaa lallabaa Goojjaam Bahaa
  • Eebbifamoota miseensota Qulqulluu Sinoodoos kan taatan phaaphaasonni
  • Kabajamtoota itti gaafatamtoota hoggansoota fi jaarmiyaalee waajjira ol’aanaa teessoo paatriyaarkii
  • Itti gaafatamtoota fi bakka buutota kutaalee lallabaa
  • Itti gaafatamtoota Kawaalota fi Manneen Kiristaana Finfinnee
  • Hirmaattotni yaa’ii kanaa kutaalee addunyaa adda addaa irraa dhuftan
  • Walumaa galatti kabajamtootni yaa’ii walii gala fi idila addunyaa kanarratti hirmaachuuf kabajaan argamtan

Waqoyyo Gooftaan Kennaa arjummaa Isaa hin shallagamneen hojii ergama Duuka Bu’ummaa keenya isa darbe eebbisaa fi Qulqulleessee yaa’ii walii gala bara haaraa kanaan waan nugeesseef galanni Isaaf haa ta’u.

<<አድኅነነ እግዚኦ አምላክነ፤

ወአስተጋብአነ እምአሕዛብ፤

ከመ ንግነይ ለስምከ ቅዱስ፤

ወከመ ንትመካሕ በስብሐቲከ፤

Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya nufayyisi. Maqaa Kee Qulqulluu akka galateessinuuf; galata Kees abdii akka godhannu uummata biyya ormaa keessaa walitti nuqabi.>> (Faar. 105:47)

Mootii fi Raajaa saba Israa’eel kan ture Qulqulluu Daawiit jecha Faaruu kanaa olitti caqasame Waaqayyoof yeroo dhiheessu, galmi isaa inni guddaan Waaqayyo galateessuu akka ta’e ni hubanna. Jechicha keessa akkuma ibsametti, kadhannaan mootichaa uummata isaa uummata biyya ormaa keessaa akka walitti sassaabu fi Fayyisu Gooftaa Isaa Waaqayyoon kadhata.

Sababa kadhannaa kana dhiheesseef yeroo ibsu, uummanni tokkummaan Waaqayyo akka galateessu fi galata dhiheessan sanaaniis abdii akka horatan barbaaduurraa kan ka’e akka ta’e ibseera.

Haalli isaas uummataaf miira quuqamaa hammanaa qabaachuun hogganaa uummataa tokkorraa akka eeggamu yaadni ijoon isaa ni mul’isa.

Duraan dursee garuu, galata galchuufis Waaqeeffachuuf nageenyi uummataa akka barbaachisu; nageenya qafa osoo hin ta’in gar-tokkotti walitti qabamuun waan dursi itti kennamu akka ta’e Waaqayyoof akka garaa Isaa kan ta’e Qulqulluun Daawiit osoos hin ibsin hin dabarre. Dhugaa dha, bakka nageenyi uummataa hin eeggamnetti, qalbii tokkoon walitti qabamee jaalalaan fi tokkummaan yoo hin argamin; sirni galateeffannaas ta’e Waaqeeffachuun haalaan adeemsifamuu hin danda’u. Qulqulluun Daawiit barbaachisummaan waan kanaa Afuura Qulqulluudhaan waan galeefi dha “Uummata biyya ormaa keessaa nusassaabi/walitti nuqabi; nufayyisis. Sanaan boodaas maqaa Kee ni galateessina. Maqaa Keetiinis abdii horanna” jechaa kan Kadhate.

Qulqulluu Daawiit uummata Israa’eel inni bulchu fi hogganuu sanaaf Kadhachuu qofa osoo hin ta’in, isaaniif beenyaa ta’ee hanga du’aatti wareegama ta’uuf “ምንተ ገብሩ እሉ አባግዕ ዘአነ ኖላዊሆሙ ዳዕሙ ለትረድ እዴከ ላዕሌየ ወላዕለ ቤተ አቡየ፡፡ Tiksee isaanii kanan ta’e hoolonni kun maal godhan? Harki Kee anarra fi mana abbaa koorra haa taatu malee.” jechuudhaan mootii Waaqa Isaa kan Kadhate akka ta’es Kitaabni Qulqulluu dhugaa nuuf baha.

  • Eebbifamoota miseensota Qulqulluu Sinoodoos kan taatan phaaphaasonni
  • Kabajamtoota irmaattota yaa’ii kanaa

Quuqamni fi ga’uumsi Qulqulluu Daawiit hamma warwwgamummaatti isa geessu kun dhala namaa hundumaaf; keessattuu hoggantoota Mana Kiristaanaaf gar-malee barbaachisa. Uummanni Qulqulluu Daawiitiin hogganaman kanaaf walitti qabamuun fi Fayyuun akkuma isaaniif barbaachise; har’as uummata walitti qabamuu, tokko ta’uu fi Fayyuu qabu baay’ee qabna. Uummanni nuyi hogganaa jirru kun maqaa Isaatiin akka amananiif fi maqaa Isaa akka galateessaniif Fayyina isaaniif hundi keenya Waaqayyootti ol Kadhachuufi qabna. Tokkummaan akka walitti qabamaniif illee barsiisuu, gorsuu, walitti araarsuu fi akka wal-ta’an gochuu qabna.

Manni Kiristaanaa Qulqulleettiin nageenya uummata bala’aaf Kadhachuu, barsiisuu fi gorsuun ergama ol’aanaa Waaqayyoo irraa fudhatte ta’uu isaa irraa kan ka’e dalaga ishee adda durummaan dalgdu ta’us; keessattuu tibba amma keessa jirru kanatti daran kadhannaan, barsiisuun fi gorsuun yeroo itti jabaachuu qabdu akka ta’e ni hubanna. Biyyi keenya har’a abdii fi sodaa giddutti itti argamtu fi caasaan giddu gala Mana Kiristaanaa keenyaas yeroo qormaanni gareewwan adda addaadhaan itti raafamaa jirtu dha. Tibba rakkisaa kanatti Manni Kiristaana keenya tooftaa fi ogummaa obsaan deeggarame fayyadamtee ijoollee ishee gara tokkotti walitti qabdee hojii hundaa’ol ta’e gootee fudhachuun isheerraa eeggama.

Eebbifamoota phaaohaasota, kabajamtoota hirmaattota yaa’ii kanaa; Mana Kiristaana keenyaaf Kennaa namoota walitti bu’an wal-araarsuu, barsiisuu, gorsuu fi walitti qabuu kan raawwattu isa tokko ofitti qabuun kaan immoo ofirraa qabuun, isa tokko deeggaruun isa kaan immoo busheessuun osoo hin ta’in, hundumtuu ijoollee ishee waan ta’aniif wal-qixxummaan, tokkummaan, jaalalaan fi bilisa ta’uudhaan ta’uu akka qabu dagatamuu hin qabu.

Manni Kiristaanaa keenya Qulqulleettiin wantoota siyaasawaa irraa bilisa taatee hojii ishee akka itti fuuftu gochuun gahee hunduma keenyaa, jechuunis; hoggantoota Mana Kiristaanaa, tajaajiltootaa fi qacaramtootaati. Ta’us, sagalee Waaqayyoo bu’uura godhattee waa’ee nageenya fi wal-qixxummaa dhala namaa akkasumas nagaa fi tokkummaa bal’inaan barsiisuu akka qabdu irraanfachuu hin qabnu. Miirri walii galtee dhabiinsi biyya keenya keessattui mul’achaa jiru kun sababoota lamaan akka ta’e ni mul’ata. Kunis, gama tokkoon sodaa wal-qoqqoodiinsaa kan ittisu yeroo ta’u, gama biraatin immoo soda dhabiinsa walqixxummaa ittisuu ta hubatama. Sodaa kochoowwan lamaanii yaadachuun maaliif barbaachise jechuu baannuus; akka waan sodaa qoricha hin qabnetti hammana wal-shakkuun fi walirraa fagaachuun waan barbaachisu ta’ee hin mul’atu.

Sababni isaas, qorichi furaan sodaa kanaa namni hundumtuu akkuma irratti amanu; wal-qixxummaa tokkummaa waliin; tokkummaas wal-qixxummaa waliin wal-simsiisuun qabachuu akka ta’e kan wal-mormisiisu waan hin taaneefi. Lammiileen Itiyoophiyaas kana dagachuu hin qaban. Uummannis kana irratti bal’inaan yaaduutu irraa eeggama

  • Eebbifamoota miseensota Qulqulluu Sinoodoos kan taatan phaaphaasonni
  • Kabajamtootni hirmaattonni yaa’ichaa

Kaayyoon Yaa’ii Lallabaa  luboota, amantoota fi dargaggoota caasaa seeraa tokkoon gurmeessee amantaa barsiisuu, babal’isuu fi eegsisuu akkasumas qabeenya fi karra Mana Kiristaanaa bulchiinsa giddu galaa Qulqulluu Sinoodoosiin seera fi qajeelfamaan too’achaa dhimma Mana Kiristaanaaf oolchuu dha. kanaan ala eessayyuu yoomiyyuu haa ta’u; caasaa Mana Kiristaanaa eegee karri fi qabeenyi maqaa isheetiin walitti qabamu hundi hojimaata beekkamtii fi eegumsa ishee jala oolee hojiirra hin oolle hidda isaa dheereeffachaa yoo deeme, tokkummaan Mana Kiristaanaa qormaata keessa bu’uun isaa waanuma hin oolle dha.

Miirri saamicha qabeenya Mana Kiristaanaa yeroo ammaa kanatti Mana Kiristaanaa keenya keessatti babal’achaa jiru inni tokko isa kaan dhalaa deemee har’a mana lubummaa keenya dhaabna hamma jedhamutti gaheera.

Sababni gaaffiin kun ka’uu danda’eef, Dhugumaan Manni Kiristaanaan Itiyoophiyaa keessatti bakka isheen waajjira Mana Lubummaa itti hin dhaabne jiraateetii? Ijoolleen ishee Kiristaanoonni afaan dhalootaa isaaniin akka hin baranne dhoowwatteetii? Dhoowwachuu dhiisnee, kitaabicha hiiktee fi maxxansitee raabsuu dhiisteettii? Kun hundi gonkumaa dhara.

Haa ta’u malee, haqni kanaan duuba jiru garuu adda. Ilaalcha faayinaansii giddu galaa Mana Kiristaanaarraa ala gareewwan maqaa Mana Kiristaanaatiin human horatan jiraachuun isaanii waan beekkamuuf; nuyis haaluma wal-fakkaatuun mana lubummaa adda ta’e hundeessinee qabeenya haa horannu dha gaaffiin isaa. Yaaliin kun diinagdee Mana Kiristaanaa kan laamsheessu fi tokkumma ishees rakkoo keessa buusuuf kan yaalu waan ta’eef, garri hundumtuu ‘keenya’ waan jedhu dhiisee hawwii qajeelaa ‘Mana Kiristaanaa keenyaaf’ yaad-rimee jedhu haa qabaatu. Hundumtuu casaa giddu galaa Mana Kiristaanaa tokkittii jala hammatamuun gaaffii isaanii karaa heera fi seera qabeessa ta’een dhiheessuu ni danda’u. Gaaffiin ilaalcha gaarii irraa madde, Mana Kiristaanaa kan fayyadu, heera fi seera kan eege fi caasaa isaa kan eeggate amantootni keenya qabaannaan abbootni Mana Kiristaanaa sababa isaan hin keessummeessineef hin qaban.

Kanaan ala garuu, wal-taajjabsiisuun alatti yeroo dheeraa fudhachuu danda’a malee galmaan hin gahu. Qulqulluu Sinoodoosis akkuma Waaqayyo Mooticha Daawiit irra bulee dubbate uummaticha walitti qabuufi malee jechoota nama burjaajeessaniin uummata isaa gareen qooduudhaan akka ijaaruuf hin uumamne waan ta’eef, dogongorri seenaa fi amantaa akka uumamne of-eeguutu nurraa eegama. Ergamni fi kaayyoon yaa’ii lallabaas miilkaa’uu kan danda’u, qabeenyi fi maallaqni maqaa Mana Kiristaanaatiin sassaabamu kamiyyuu hojimaata Manni Kiristaanaa mirkaneessiteen fi beekkamtii itti kenniteen akkasumas bifa hojimaata Afuuraawaa fi hawaasummaa; amantaawaa fi haala seera fi heera isaa eegeen; diinagdee fi  bulchiinsaadhaan malee, qabeenya Mana Kiristaanaa saamuuf hawwuu irraa kan ka’e gareewwan yeroo fi bakka adda addaatti hundeeffamaniin lallaba ‘isiniif beekna’ jedhuun miti. Kanaafuu, yaa’iin ijoon kun yaada kana xiyyeeffannaa guddaadhaan akka ilaaluuf ergaa abbaa dabarsina.

Dhumarrattis;

Yaa’iin walii-galaa fi ijoon kun tokkummaa Mana Kiristaanaa keenya kan eegsisu, bulchiinsa guddugalaa qabeenya fi maallaqaa ishee kan eegsisu dha waan ta’eef, yaa’ii ijoo fi ol’aanaa nageenyi fi misoomni biyya keenyaa, walqixxummaa fi tokkummaan uummata keenyaa akkasumas, tokkummaa fi qabeenya fi maallaqa isheetiin fayyadamuu Mana Kiristaanaa keenyaa ittiin ragga’uu kan danda’u akkuma ta’e, gochoota kana gad-fageenyaan ilaaluun fi seera eegsisuun bara bajataa kanatti cimee akka hojjetamu yaadachiisaa, ergaa Abbaa ni dabarsina. Yaa’iin Afuuraa walii galaa kan lallabaa idila addunyaa kunis banamuu isaa ibsuu barbaanna. Yaa’ii gaarii, Qulquluu fi eebbifamaa nuuf haa ta’u.

Waaqayyo Itiyoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu.

Waaqayyoof galatni haa ta’u.

Amen.

Abbaa Maatiyaas dursaa Paatriyaarkii

Duree Phaaphaasota Itiyoophiyaa

Phaaphaasii Akusim Muudamaa (ዕጨጌ) teessoo Takla Haaymaanoot

Bara Araaraa (B.A.) Onkololeessa 5/2012

Finfinnee, Itiyoophiyaa

Maddi:- EOTC Broadcasting Service Agency/

Oduu wayitaawaa: Teessoo Paatriyaarkiittii Walgahiin idilaawaa kan yaa’ii lallaba waliigalaa har’a baname.

Sirna baniinsa isaa irrattis Eebbifamoo Qulqulluu Abbaa Marqoorewoos Paatriyaarkii duree phaaphaasota Itiyoophiyaa, Eebbifamoo Qulqulluu Abbaa Maatiyaas Paatriyaarkii duree phaaphaasota Itiyoophiyaa, phaaphaasii Akusim fi muudamaa teessoo Takla Haymaanoot, eebbifamoo Abbootiin phaaphaasonni fi itti gaafatamtootni kutaalee lallabaa fi bakka buutootni yaa’iiwwan lallabaa bakka argamanitti banameera.

Walgahicharrattis gabaasni kutaalee lallabaa, Dhaabbilee fikutaalee hoggansaa waajjiraalee ol’aanaa ni dhihaata jedhamee eegama.

maddi: EOTC Broadcasting Service Agency

Baga Gammaddan!

Waldaan Qulqullootaa sagantaalee Afuurawaa kanaan duratti buufata Teleevizhiinii Aleph irratti tamsaasaa ture
Fulbaana 1/2012 B.A. irraa eegalee Buufata Teleevizhinii Mataa isaa banuudhaan moggaasa ” TELEEVIZHIINII WALDAA QULQULLOOTAA” jedhuun sa’aatii tamsaasa isaa gara sa’aatii 24tti guddisuun waliin gahiinsa lallaba wangeelaa fooyyessuuf qophii isaa xummureera.

 

 

Waldaan Qulqullootaa sagantaalee Afuurawaa kanaan duratti buufata Teleevizhiinii Aleph irratti tamsaasaa ture

Fulbaana 1/2012 B.A. irraa eegalee Buufata Teleevizhinii Mataa isaa banuudhaan moggaasa ” TELEEVIZHIINII WALDAA QULQULLOOTAA” jedhuun sa’aatii tamsaasa isaa gara sa’aatii 24tti guddisuun waliin gahiinsa lallaba wangeelaa fooyyessuuf qophii isaa xummureera.

Argamni Saatalaayitii isaas:

Satellite:- eutel sat Hotbird

Frequency: 11555

Polarization: V

Symbol Rate: 27500

FEC: 7/8

Name: EOTCMK TV

 

Gocha Sukaneessaa Mana Kiristaana keenyarra gahaa jiru ni balaaleeffanna!!!

Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa gumaachi isheen biyya tanaaf goote hammana jedhamee lakkaa’amee kan bira hin gahamne dha. Haa ta’u malee, tola ooltummaan ishee irraanfatamee, biyyattiif sirna barreeffamaa fi lakkoofsa bocuudhaan uummata biyyattiif hulaa qaroominaa saaquun ishee akka hammeenyaatti ilaalamee, lakkoofsa baraa biyyoonni biroo hin qabne biyyattiif gumaachuun ishee akka wallaalummaatti herregamee yeroo ammaa kanatti gochi sukaneessaa isheerra gahaa jiru daangaa darbaa dhufeera. Read more

Seenaan akka hin Komatamneef Tajaajila Afuurawaaf haa tattaaffannu!

Haati keenya Manni Kiristaanaa baroota darban keessatti tajaajiltoota tajaajila Afuurawaaf tattaaffatan baay’ee horteetti. Hundumtuu galmi isaanii Mootummaa Waaqayyoo dha. Baroota tajaajilli gaarii itti raawwatamaa turan keessatti maqaan isaanii odoo hin tuqamin darbeetu hin beeku. Bara gidiraan adda addaa itti baay’atetti Ishiirraa fagaatanii yeroo qananii eeganii Ishii cinaa dhaabbachuudhaan Ishee tajaajilaa waan hin turreef fi bara Ishiirraa osoo hin fagaatin amanamummaan Ishii tajaajilaa waan turanii amanamtoota koo jechaa bara baraan isaan kabajaa jiraatti. Nutis har’a fakkeenya gaarii isaan godhannee seenaa Qab-suura Qulqulloota  Qulqulloota gara garaa kitaabolee Mana Kiristaanaa  Irraa baranna; yaadannoo isaaniis ni taasisna. Erga Waaqayyo hirmaattota sugaa fi eebbisa isaanii nu taasisee, nutis kennaa Qulqulluu kanaan dura nuu kennamee fi nuuf kennamuuf ta’u fudhachuuf tajaajila keenya tattaaffii walirraa hin cinneen akka Aarsaa Qulqulluutti Waqayyoof dhiheessuu qabna. Read more

Qorumsawwan sadeen (Maat. 4:1-11)

Dn. Gabrasillaasee Shittaahun

Mata dureen keenya kun mata duree yeroo baay’ee tibba soomanaaf filatamu dha. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo cuuphamee xummuretti gara kawaala (Gadaamii) Qorontoos dhaqee guyyaa 40 fi halkan 40f soomuu Isaa kitaabniQulqulluu dhugaa nuuf baha (Maat. 4፡1-11, Maar. 1፡1-12, Luuq. 4፥1-13).

Akkuma armaan olitti ibsameen mata dureen keenya “Ergasi Gooftaankeenya Fayyisaankeenya Iyyasuus Kiristoos seexanaan qoramuudhaaf Afuuraangara lafa onaatti geeffame.”Maat. 4:1-11isa jedhu keessatti jechi ‘Ergasi’ jedhu maal ibsa?yoo jenne, Gooftaan Keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphamee booda, gara Kawaalaatti deemuu Isaa ibsa. “Isinis cuuphamtanii osoo hin oolin fi hin bulin gara Kawaalaa deemaa” nuun jechuuf kana raawwate.Fakkeenya nuuf ta’uuf “gara Kawaalaa deeme” jedha Kitaabnis. Abbaan keenya Addaam biyya lafaa kanarraa fagoo kan taate Gannata keessatti mo’atamee waan tureef, Gooftaankeenya Fayyisaankeenya IyyasuusKiristoosis, Kawaala iddoo ishii Qulqullittii jireenya fi ilaalcha adduunyawaa irraa fagaattuu taate keessattiijoowwan cubbuu sadeen mo’uuf deemuu Isaa ibsuufi dha.

Akkasumas, “Kawaala keessa qorumsi ni salphata,” yoo jedhan, namoota jalqabdoota (ወጣንያን) ta’aniif fakkeenya ta’uufi dha.“Kawaala keessatti qoruumsi ni hammaata” yoo jedhan immoo; kanneen amantaa isaaniitiin ciccimoo ta’aniif fakkeenya ta’uufi dha.

“Afuurri gara lafa onaatti Isa geese”kan jedhu keessatti jechi ‘Afuurri’ jedhu, maal jechuu akka ta’e ibsuun duratti, jechichi Kitaaba Qulqulluu keessatti yaad-rimeewwan akkamii fa’aaf ooluu danda’a kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha. Galumsaa fi yaad-rimee isaa beeknaan hiika laachuun baay’ee nama hin rakkisu.

  • Ergamoota Isaa afuura; Warroota Isaaf ergamaniis labooba abiddaa kan taasisu (Faar.103፡4)” Caqasa kanarratti hundoofnee yeroo ilaallu, jechi ‘Afuura’ jedhu Ergamoota Waaqayyoon bakka bu’a. haa ta’u malee, Kitaabni “Afuurri gara lafa onaatti Isa geese” yeroo jedhu, “Ergamaa Waaqayyootu Isa geesse” jechuu miti.

  • “Afuurri gara fedhetti afuura’a. እስመ መንፈስ ኀበ ፈቀደ ይነፍኅ…፤” (Yooh. 3፡1-15) kan jedhus yoo ilaalle, jechi Afuura jedhu qilleensa /bubbee ta’ee argma. Ammas, “Qilleensi gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee hiikamnaan dogongora guddaa dha.

  • “Ni rifatan ni sodaatanis; waan afuura arganis isaanitti fakkaate.” Luuq. 24:37 Caqasa kana keessatti Afuurri ibsamee jiru afuura xuraawaan bakka bu’eera. “Afuurri xuraawaan gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee yoo hiikames, hundaa ol kan ta’e Waaqayyo, afuura xuraawaan hin hogganamu waan ta’eef haala kanaan hin hiikamu.

  • “Qaamaan isin wajjiin jiraachuu baadhus afuuraan isin waliin jira.” (1ffaa 5:3-4 yommuu jedhus jecha afuura jedhu yaada namaan bakka buuseera. Kanaafuu, “Yaadni namaa gara lafa onaatti Isa geesse” jedhamee hiikamnaan, ammas dogongora guddaa dha.

  • “Qooqaan kadhannaan afuura kootu kadhata; sammuun koo garuu hubannaadhaa ala.” (1ffaa14:14) yaada jedhu keessattis jechi Afuura jedhu jecha lubbuu jedhuun ibsameera. “Lubbuun namaa gara lafa onaatti Isa geesse.” Jedhamee yoo hiikame, lubbuun namaa Waaqayyoorratti aangoo homaayyuu waan hin qabneef, kunillee hiika sirrii miti.

  • Waaqayyo Afuura dha. namootni Isaaf sagadanis Dhugaa fi Afuuraan Isaaf sagaduutuu irraa eegama.” (Yooh.4:24) Asitti immoo Afuurri jecha Waaqayyo jedhu ibsa.

Kanaafuu, jecha Afuura jedhu kallattiidhaan jecha ‘Waaqayyoo’jedhuun bakka buufnaan, hima “Waaqayyo gara lafa onaatti Isa geesse” kan jedhu nuuf kenna. Akka galumsa jechichaa isa sirrii yommuu ilaallu immoo “Waaqummaa Isaatu ykn fedha Isaatu Isa kakaasee gara lafa onaatti Isa geesse” jennee ifoomsuu dandeenya. “ወሶበ ትሰምዕ እንዘ ይብለከ መንፈስ ወሰዶ ገዳመ ኢተሐሊኬ ከመ ፍጡር ውእቱ፡፡ Yeroo jecha ‘Afuurri gara lafa onaatti Isa geesse’ jedhu dhageessu, akka uumamaatti Isa hin ilaaliin. አላ መንፈስሰ ሥምረቱ ይእቲ፡፡ Afuurri Eeyyama /Fedha Isaati malee.” Akkasumas, jechi ‘Afuura’ jedhu ‘Afuura Qulqulluu’ jechuu dha. Kana yommuu jennu garuu, akkuma Afuurri Qulqulluun Wareegamtoota kakaasee gara dhiiga isaanii dhangalaasuutti isaan geessu, ykn immoo Toloota kakaasee gara Kawaalaatti isaan geessu sana jechuu miti. Fedhiin Abbaa, fedhiin Ilmaa, fedhiin Afuura Qulqulluu tokko akka ta’e ibsuuf malee. Kitaabnis “Fedhiin sadeenuu tokkittii dha” jedha waan ta’eef. “Fedhii Isaatiin, fedhii Abbaa Isaatiin fedhii Afuura Qulqulluutiin dhufee nufayyise;” jechuudhaan yaada daran nuuf ibsu ni arganna (Galata Maariyaam kan guyyaa Kiibxataa, Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).

Waa’ee hiika galuumsaa jecha ‘Afuuraa’ hanga kana yoo ilaallee, itti aansuun immoo qormaatawwan sadeen maalfaa akka ta’an fi tooftaa akkamiitiin isaan mo’achuu akka dandeenyu ilaalla.

Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos nanqulqullaa’a kan hin jenne Qulqulluugonkaa kan ta’e; nan dhugooma kan hin jenne AbbaaDhugaa ta’ee osoo jiru, nuti cubbamtootni cubbuu kenyarraa akka qulqulloofnuuf cuuphamee “Cuuphamaa!” nuun jedhe. Cuuphaan haqxuu cubbuuti.“Cuuphaa tokkittii ishee dhiifama cubbuu argamsiistutti ni amanna” (Hundee Amantaa ykn ejjannoo/bu’uura amantaa Abboota 318’n magaala Niiqiyaatti tumame) akkuma jedhu jechuu dha. Sirna Soomanaa kanas, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos tumaa seeraa fi sirnaati waan ta’eef guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf iddoo itti dhaabbaterraa osoo hin maqin, miila diriirfate osoo hin dachaasin fi osoo hin taa’in soomuudhaan seeraa fi sirna soomanaa nuuf tumeera. Hojii keenya hojjechuu jalqabuu keenyaan dura soomuun kadhannaa geessisuun barbaachisaa akka ta’e nuhubachiisuuf hojii Isaa soomanaan jalqbe.Nyaanni cubbuuf hundee akkuma ta’e, soomannis naamusa gaarii qabaachuu fi hojii gaarii hojjechuuf bu’uura dha.“Soomanni Haadha kadhannaa, Obboleettii callisuu (አርምሞ), Burqa imimmaanii, Qabsuura Qulqulluufis ka’umsa dha” (Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).

Gooftaan keenya turtii soomanasaa maaliif guyyaa afurtama taasise?Afurtamii tokko ykn soddomii sagal maaliif hin taasisne?

  • Abbootiin Kakuu Duraa soomaa kan turan guyyaa afurtamaaf ture. (S/Bahuu 24:18) Inni Kakuu Haaraatti baay’ina guyyoota soomanaa odoo dabale, turtii guyyoota soomanaa dabale ykn immoo osoo irraa hir’ise, hir’isee jira jedhanii seera Wangeelaa ishee qajeeltuu taate kana fudhachuurraa of-dhorku ture waan ta’eefi dha.

  • Akkasumas, Angafti Raajotaa Muuseen seera Kakuu Duraa tumee jira. Gooftaan keenyaas seera Wangeelaa tumee jira. Kana qofa miti, angafa Muuseen waggoota 40f Midiyaam keessa jiraatee uummata Israa’eel garbummaa Misir jalaa baaseera.; Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuusis guyyoota 40f soomee abbaa keenya Addaamii fi ijoolleesaa garbummaa seexanaa jalaa baaseera. Soomanni kan dhalli namaa ittiin seexana ofirraa ari’atu dha (Maat. 17:14-21)

  • Uummanni Israa’eel waggoota 40f lafa onaa keessa erga jiraatanii booda, Lafa Kakuu kan jedhamte Kana’aaniitti galaniiru; Gooftaan keenyas ‘isinis guyyoota 40f yoo soomtan Gannata ni galtu Mootummaa Waaqayyoos ni dhaaltu’ jechuuf guyyoota 40f soomeera (Hoj.D.B. 14:21-22). Raajaan Waaqayyoo abbaan keenya Eeliyaas guyyoota 40f soomee iddoo Qulqullootni fi Toltootni eegumsa adda ta’een eegamanitti (ብሔረ ሕያዋን) galeera; ‘isinis guyyoota 40f soomnaan Gannata ni galtu’ jechuuf guyyoota 40f soome.

  • Akkasumas, abbaan keenya Addaam mucummaa guyyaa 40tti Waaqayyorraa argate sana ofirraa fudhachiisee waan tureef, beenyaa isaaf (Addaamiif) ta’uuf guyyoota 40f soomee jira. Dhala namaa garaa haadha isaa keessa sanyii abbaa fi haadha isaarraa argate guyyoota 40f bocamaa, bifa namaa qabaachaa dhufu maraaf beenyaa ta’uuf dhufuusaa nuhubachiisuuf guyyoota 40f soome.

Erga soomee booda ni beela’e. Beela’eef immoo nan nyaadha hin jenne; ni obsate malee. Ni qorame garuu, qormaata sanaan hin mo’amne.Soomee; soomaa nuun jedhe malee osoo hin hojjatin hojjedhaa nuun hin jenne.

‘Achiin booda ni beela’e’ jedhamuunsaa akkuma nuti beelofnu sana jechuusaa miti; beela fedhiin beela’edha malee. “Beelli Gooftaa akka beela keenyaa miti.Nuyiin beelli nu mo’ata; kan Isaa garuu beela fedhiidhuma Isaatiin beela’e dha.” (Hiika galuumsaa Wangeela Maateewoos 4:2) .

Seexanni beela’uu Gooftaa ilaalee Isa qoruuf dhufe (Maat. 4:3).Erga itti dhihaatees, “Ati Ilma Waaqayyoo yoo taate dhagoota kanaan ‘Daabboo ta’aa!’ jedhiin” jedheen.

“Ilma Waaqayyoo yoo taate…” yaada jedhu ka’umsa tokko malee hin kaafne.Waaqni Abbaan tulluu Taabooritti “ዝንቱ ውእቱ ወልድየ፤ Kun Ilma Kooti.” yommuu jedhu waan dhagaheefi dha malee. Osoo dhagoota sana gara daabbootti jijjiiree jira ta’e, “ajajamaa seexanaa” jedhee idaa /mugoota/ itti godhuufi, yoommoo hin jijjiirre ta’e, “dadhabaa dha” isa jechisiisuuf.

Karaa biraatin immoo, ‘osoo gara daabbootti jijjiiree jiraate, qormaata biraan barbaadaaf; yoo jijjiiruu dide immoo, dadhabuusaa hubadheen itti dhihaadha’ jedheeti gaafficha dhiheesseef. Yaad-rimee (muuxannoo) ‘Dhagaa gara daabbootti jijjiiruu’ kana eessaa fide?’ jennaan, Yooseef Qulqullichi abbaan isaa obboloota isaaf (obboloota Yooseefiif) galaa hidhee (qopheessee) galaa isaaf (Yooseefiif) ta’us itti kennee, ‘isaaniif geessi haala isaan irra jiraniis ilaali koottu’ jedheen. Innis (Yooseef) galaan isaa jalaa dhume.Dhumnaan, galaa obbolootasaaf qabatee jirus yoo ta’e, yaboo (imaanaa) dha. Yooseefis nama amanamaa waan ta’eef ‘galaa isaanii ‘hin tuqu’ jedhee of-amansiiseera.Ergamaan Waaqayyoos gara isaa dhufee “Maaloo Waaqa abboota keen ‘dhagaa kana daabboo naa godhi’ jettee hin kadhattuu?” jedheen.Yooseefis, Waaqayyoon kadhannaan, Waaqayyo dhagaa sana daabboo isaaf godhee akka sooratu taasiseera. Seexanni raajii Waaqayyo yeroo sana raawwate fakkeenya/barsiifata/ godhateeti ‘dhagaa kana daabboo godhi’ gaaffii jedhu  Gooftaa keenyaatti kan dhiheesse.

Gooftaan keenyaas,  “Namni biddeenaan qofa miti kan jiraatu. Sagalee afaan Waaqayyoodhaa bahu hundaani malee.” jedheen (Maat. 4:4, S/K/Deeb. 8:3). Kana jechuunsaa, ‘Waaqayyo jiraadhu siin jennaan ni jiraatta; hin jiraatin siin jennaan immoo, hin jiraattu’ jechuusaati.

“Achiin booda immoo, gara biyya Qulqullittii Iyyaruusaaleem jedhamtutti Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos fudhate. Inni seexanaaf ajajameeti miti kan deeme; fedhii isaa (kan seexanaa) irratti beekee deemeef malee. “Kawaala, bakka injifannoo itti gonfadhee hin beeknetti waan ta’eef mo’ame malee, Mana Qulqullummaa, iddoo luboonni itti mo’amanitti osoo ta’ee Isan mo’adha ture.” jechaa sababeeffachaa waan tureef, Gooftaan keenya seexanicha sababa dhabsiisuuf beekaa deemeef (Hiika galumsaa Wangeela Maat. 4:5). Tibba soomanaatti nyaatarraa qofa of-dhorkuu osoo hin ta’iin, dognummaa (ስስት) fi of-jajiinsarraa of-dhorkuunillee waan nurraa eegamu akka ta’e hojiin nutti agarsiisee jira.

Mana Qulqullummaattis Bantoo Mana Qulqullummaarra Isa dhaabbachiisee. “Dhugumatti Ati Ilma Waaqayyoo yoo taate, bantoo Mana Qulqullummaa kanarraa Of-darbuun gadi bu’i! Karaa Ati deemtu hundumatti akka Si eeganiif Ergamoota Isaa Siif ni abbooma. Miilli Kees dhagaatti akka hin gufanneef harka isaaniitiin ol-siqabu’ jedha waan ta’eef Kitaabni” jedheen seexanichi (Maat. 4:6, Faar. 90:11). Garuu, Gooftaan keenya “Yommuu utaalu cabnaan, nan obbaafadha. Yoo cabuu baate (dide) immoo ‘jinnii (ምትሐት) dha’ jechaa maqaasaa xureessa.Yoo utaalee nagaan lafa gahe, qorumsa biraa itti fida.Yoo utaaluu/of-darbachuu dide immoo ‘dadhabaa dha’ jedhee maqaasaa xureessuuf natti mijata” jechaa sababa irratti barbaadaa ture.

Karaa biraatiin immoo, “Ajaja kiyya dhagahee yoo raawwate, “Ajajamaa seexanaa” jecheen maqaasaa xureessa; yoo raawwachuu dide immoo, dadhabinasaa ilaaleen itti dhihaadha.” jechaa tooftaa mijeeffatee ture.

Waaqayyo warroota Isatti amanan fi abboommii Isaa eegan qofa balaarraa oolchaa, namoota Isatti hin amanne fi abboommiisaa hin eegne immoo balaaf saaxilee akka kennu fakkeessee, amantootnillee “Amantoota/Kiristaanota waan taaneef gidiraan tokkollee nurra hin gahu” jechaa of-jajuudhaan akka kufaniif of-jajiinsa kan isaan barsiisu seexana ta’uusaa beekuu qabna. Waaqayyo nama hundumaa ija tokkoon waan ilaaluuf gara fayyinaatti akka dhufaniif of-dabarsee laateera. Garuu, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yaadni seexanichi kaase kun of-jajiinsa (namaa ol of-ilaaluu) agarsiisuu isaa waan beekuuf “Waaqayyo Gooftaa kee hin qoriin” jedhamee barreeffameera jechuun deebii gahaa kennuun isa qaaneessee/salphisee jira (Maat. 4:7, S/K/Deeb. 6:16)

Kanaafuu, qormaata of-jajiinsaa gad gad of-qabuudhaan dabarsuun nurraa akka eegamu Galatni fi Ulfinni Isaaf haa gahuuti Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos nuhubachiiseera.

Ammas Seexanni Gooftaa keenya qoruu itti fufee, Gooftaa keenyaan gara tulluu ol-ka’aatti geesseen. Gooftaa keenya gara tulluu ol-ka’aatti kan geesse/fuudhe seexanicha miti. Seexanichi “Mana Qulqullummaa, iddoo mootata  injifachuu hin malletti waan ta’eef namo’ate malee, tulluu, iddoo mootota injifachuuf mijataa ta’etti osoo ta’ee na hin mo’atu ture.” jechuun sababa tarreessaa waan tureef, Gooftaatu seexanicha sababa dhabsiisuuf gara tulluutti beekaa ol-baheef. Achittis, seexanichi “Kabaja mootota addunyaa maraa itti agarsiise. Jechuunis, cirracha lafaa sookoo (warqee); baala daggalaa immoo kafana kabajaa fakkeessee, karra fi qabeenya isaa (kan seexanaa) itti agarsiise. Gooftaan waan inni itti agarsiisaa jiru kanaan kan mo’amu itti fakkaateera.

Itti aansuudhaanis, jal’innisaa hammaataatuma deema waan ta’eef, “Osoo naaf sagaddee qabeenya addunyaa kanaa mara siin laadha.” jedheen.Abbaan manaa bultoosaatti, mootiin aangoosaatti, Waaqayyoon Waaqummaasaatti yoo Isa morman/falman hin jaalatu waan ta’eef, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos “Seexana nana, Anaa dura deemi!Waaqayyo Gooftaa keef jilbeeffadhu sagadi; Isa duwwaa Waaqeffadhu!” (Maat. 4:10/S/K/Deeb. 6:13) jechuun seexana of-duraa dhabamsiiseera. Nutis, kiyyoo jaalala qabeenya fooniitiin yommuu nuhidhuuf yaalan, jibbansa qabeenya fooniitiin isaan mo’achuu akka qabnu fakkeenya nuuf ta’eera.

Walumaa galatti, Soomuun Gooftaa keenyaa kaayyoowwan Qulqullaa’oo ta’an baay’ee qabaatus, haala mata duree keenyaaf mijatuun qormaatawwan sadeen irratti aangoo nuuf kennuufi dha. Dognummaa nyaatarraa of-dhorkuun, Of-jajiinsa gad of-qabuudhaan Jaalala qabeenya adduunyawaa; qabeenya adduunyawaa jibbuudhaan mo’achuu nudandeessisuufi dha.

Galatni Waaqayyoof haa ta’u.

Dubbii fayyinaa Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti

“Gooftaanis warroota fayyyuu qabaniif guyya guyyaan isaanirratti dabalaa ture.”

(Hoj.D.B. 247)

Kaayyoon ijoo qophii barruu kanaa:-

  • Waa’ee fayyina dhala namaa ilaalchisee warroota karaa ifa ta’een hubachuu hin dandeenyeef waa’ee  fayyinaa waan isaan haasa’an Kitaaba Qulqulluudhaan ala kan ta’e ta’uu isaa agrsiisuuf barbaadamee ti.
  • Warroota “Amantiidhaan qofa /amanuudhaan qofa/ fayyina.” jedhaniif  barsiifatni isaanii dogongora akka ta’e ibsuu; sababni isaas amantiin hulaa/karra/ fayyinaa ti malee, mataa isaa ‘fayyina’ miti. Sababni inni ‘hulaa/karra / fayyinaa ti.’ jedhameef illee, isaan alatti /amantiin alatti/ gara kamiyyuu deemuun waan hin danda’aamneef dha.
  • Gocha fayyinaa isa Fannoo irratti taasifameen Addaam fi ijoolleen isaa maal irraa akka fayyan addeessuu/ibsuu/ dha.
  • Maal irraa fi akkamitti akka nufayyise ibsuuf; fayyina keenya haala kamiin raawwachuu akka qabnu hubachiisuudhaan warroota waa’ee fayyina ilma namaa ifa galeessatti hin hubanneef /warroota barsiifata dogoggoraa qabaniif/ deebii kennuuf fi addeessuuf dha.

       Seensa

Dhalli namaa abbooma Waaqayyoo diiguu isaatiin Waaqayyoo irraa adda bahe. Kiyyoo seexanaan qabamee, hammeenya diyaabiloosiin summaa’ee waggoota 5500f si’ool keessa jiraate. Kufaatii dhala namaa irraa eegalee fedhiin dhala namaa fayyina argachuu ture. Dhalli namaas abdii fayyinasaa Waaqayyoo irraa argatee abdiidhaan jiraate. Fayyini dhala namaa abdii fayyinaa Waaqni kenneen, raajiin ni dubbatame, soomanni ni labsame. Read more