Sinkisaara Muddee 7

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokkoo. Ameen

Guyyaa kanattis galanni Isaaf haa ta’uuti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos foon isheerraa foon lubbuu isheerraa lubbuu fudhatee akka dhalatu afaan Raajoota kabajamoon lallabamuuf yaadannoo ta’e. Raajoonni kunis, “Kanaafuu, Gooftaan mallattoo isiniif kenna, kunoo Durbi ni ulfoofti, Ilma dhiiraas ni deessi, maqaa Isaas Amaanu’eel jettee ni waamti.” Isay 7:14, “Jirma Iseeyirraa uleen ni ba’a, hidda isaarraas firii ni buusa.”, “Balballi kun cufame jiraata malee hin banamu, namnis keessa hin galu, Waaqni Israa’eel Waaqayyo keessa galeeraati cufamee jiraata.” Hiz. 44:1, “Ati yaa Beeteliheem kutaa Efraataa kan taate ati biyya mootota fi qondoltootaa Yihuudaati keessa akka taatuf xiqqoodha, si keessaayis garuu ba’iinsi (dhufaatin) isaa jalqabaa kaasee kan bara baraa kan ta’e, Israa’eelin kan bitu ni ba’a.” Mik 5:2, “Kunoo Eefraatatti dhageenye, gola horiittis argine.” Faar 131(132):6,  “Waaqayyoo Daawwitiif dhugumatti kakate ittis hin gaabbu, sanyii kee keessaa mootummaa keerra nan kaa’a.” Faar 131(132):11, “Waaqayyo Tsiyoonin filateera bultoosaa akka taatuuf jaalateera. Ishiin kun bara baraan iddoo bultoo kooti filadheeraati  keessan bula.” Faar 131(132):13-14. Abbaa Giyoorgis kan Gaasiccaa fi Abbaa Tsiggee Dingil yaada Raajootaa oggaa cimsan “መሐለ እግዚአብሔር ለዳዊት ፍቁሩ፤ አበውኪ ነገሥት ከመ በመንበሩ ይንበሩ፤ ማርያም ሰማይ ለእግዚአብሔር ሀገሩ፤ ነቢያት በእንቲአኪ ሰላመ ነገሩ፤ ወሐዋርያት ምስሌሆሙ ኀብሩ፡፡ Abboonni kee Mootonni teessoo isaarra akka taa’aniif Waaqayyoo jaalatamaa Isaa Daawwitiif ni kakate. Samii bultoo Waaqayyo kan taate yaa Maariyaam; Raajonni waa’ee kee nageenya lallabani. Duuka bu’oonnis isaan deggaran (yaadaan fakkaataniin).” Jedhaniiru.

Dhiifamni fi Arjummaan Isaa bara baraan nu waliin haa ta’u! Ameen!