Fannoo Isaatiin Fayyina nuuf kenne

         Fannoo Isaatiin Fayyina nuuf kenne

                                                                                                                                                        Damissee Jamanee

 “Ummata Isaa fannoo Isaatiin fayyise” qulqulluu yaared. Addunyaan kun kan fayye Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos hojii fayyina Isaa kan raawwate aarsaa fannoorratti taasifameeni. Kana waan taheef fannoon Gooftaa  kiristaanota biratti mallattoo fayyinaa, araaraa ,abdii fi tokkummaati.Fannoon Gooftaa iccitii jaalala Waaqayyoo ibsudha. “Ilna Isaa tokkicha hanga kennutti addunyaa kana akkasuman jaalate” Yoh 3:16.

         

Fannoon Waaqayyoo fayyisuu Kiriistositti warra amanan hundaaf riqicha gara mana mootummaa Waaqayyoo geessu dha.Kanaafuu manni Kiristaanaa keenya “Fannoo keetiifis ni sagadna” jettee faarfatti.Fannoo Isaa ol kaasuun addunyaa kana ittiin eebbisti. Ummatas walitti qabuun waa’ee fannoo Gooftaa ni barsiisti. Waggaa waggaadhaanis  Fulbaana 17 ayyaana Masqalaa jechuun haala ho’aadhaan ni kabajji.

 

 

     Ummatni Roomaan dur namootni  yakka hojjetan fannoorratti olbaasanii fannisuun adabbii cimaa fudhatu ture. Gooftaan osoo hin fannifamiin dura namootni hedduun sababa yakka isaaniin fannifamaniiru.Fannoonis seenaa akkasii qaba ture.

 Gooftaan keenya erga fannisfamee booda garuu fannoon Gooftaa kan yakkamtootni ittiin adabaman osoo hin taane kan ittiin fayyanidha. Duuka bu’aan Gooftaa, Phaawuloos ergaa gara efesoon 2:10-16 “Lamaan isaanii qaama tokkoon Waaqayyo wajjin isaan araarsuuf lola fannoorratti ajjeese”  akkuma jedhe, nuti Waaqayyo wajjin kan ittiin araaramne,human,obsa,jaalala,nageenya kan ittiin arganne chaappaa jireenya kiristanummaa keenyaa dha.

 Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos “Fannoo koo baatee kan na duuka hin buune kan koo ta’uu hin danda’u” Mat 10:38 jedha. Fannoo Gooftaa baachuu jechuun jiraachuu Waaqayyoo cimsanii hubachuun rakkina nutti dhufu hunda obsuudhaan lubbuu ofii hanga kennanitti gahuu jechuu dha.  “Jechi fannoo Gooftaa warra badaniif gowwummaa dha nuyi warra fayyinuuf garuu human Waaqayyooti”  (1 Qor. 1:16-25)

 

 

 Fannoo yeroo jedhu fannoorratti  Isa fannifame  Ilma Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos dura jecha waan tureef  isa ibsuu fi dha. Sagalee Isaa warra hin dhageenyeef  fannoon isaaniif gowwumma dha. Nuyi warra itti amannuuf garuu human Waaqayyooti. Luqas 1:35 karaa biraatiinis jecha fannoo jedhu yeroo ibsu: Waa’ee fannoo Waaqayyoo waan dubbatamu warra itti hin amanneef gowwummaa dha jechuu dha.Waaqayyoo Gooftaan dhala namaa karaa adda addaa fayyisa.Fannoon Gooftaa foonii fi dhiigni Isaa  kan irratti kutamee fi lola’e waan ta’eef Gooftaan erga samiitti ol ba’ee boodas ifaan addunyaa kana ni guute. Dhukkubsatoota ni fayyise,warra du’an du’aa kaase.

Seexanni yeroo Gooftaan dhalatee kaasee hanga du’a satti dhala namaarra buluun gooftaarratti al hedduu ka’e, garuu mo’achuu hin dandeenye, Akka ajjeefamus laphee yihudootaa keessa bulee hammeenya akka hojjetan taassise. Gooftaan garuu gaafa guyyaan Isaa gahu fedha Isaatiin dabarsee of kenne.  Amma immoo fannoon Gooftaa waan raajii gurguddaa hojjeteef fannoo sana balleessuudhaaf mala adda addaa mijeessaa jira.

 Diini fannoo Gooftaa cimsee nimorma. Kanuma irraa ka’uunis waggaa dhibba sadii (300) oliif boolla keessatti gatamee akka turuuf taasisani. Hundarrayyuu seexanaaf waan hin galleef malee bakki awwaala fanno Gooftaa laphee uummataa keessa malee lafa keessa miti.

Fannoon Gooftaa qaraaniyootti  bakka  dhaabamuun isaa boodarra fannoon Gooftaa sammuu ijoollee addaam keessa malee bakka biraa akka hin taane nutti mul’isa. Kanaafis ragaa kan nuuf ta’u fannoon Gooftaa awwaalamee yeroo turetti jaalalli fannoo sammuu dhala namaa keessaa hin banne. Fannoon Gooftaa humna keenya, fannoon Gooftaa fayyisaa keenya, fanon qoricha lubbuu keenyaati.

 Diinni fayyina dhala namaa waan hin barbaanneef ayihuudonni goomiidhaan fayyisaa addunyaa kan ta’e Kiristoosiin fannisuun isaanii itti xiqqaatee fannoo Gooftaa awwaalanii bakka namni hin geenye waggaa dhibba sadiif dhokasamee ture. Boodarra garuu Illeenii kan jedhamte mootii kiristaanotaa yaada eebbifaamaadhaan kaatee gara Iyyerusaaleem deemtee fannoo Goftaa bakka awwaalamee jiruu baasuu dandeesseetti. Waa’ee seenaa qulqulleettii kanaa fi raawwii raawwatte akka armaan gadiitti ibsuu yaalla.

Illeeniin akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 250 Biitaaniyaa magaalaa Helenapolisitti dhalatte. Maatiin ishees qabeenya waan hin qabneef hojii hunda osoo hin tuffatiin hojjechaa guddatte. Erga guddattee boodas nama Tarbinoos jedhamutti heerumtee waliin amanamummaadhaan erga jiraachaa turanii diinni gaafa isaan addaan baasu abbaan manaa ishee sanduuqa keessa  kaahee galaanatti ishee gate.

Qurxummiinis sanduuqa kana liqimsee gara biya Qusxinxiiniyaa geesse. Qunisxaan garboota isaa waliin gara qarqara galaanaa deemee qurxummii sana qabsiisee gaafa qalan sanduqni garaa qurxummii keessaa bahe. Gaafa bananii ilaalanis kan baay’ ee miidhagdu Illeeniin osoo homaa hin ta’iin sanduuqa keessaa bate. Achuma mana moototaattis guddatte. Qulqulleettiin Illeenii cubbamoota gidduutti mana mootiitti yoo guddattellee hordoftoota isaanii osoo hin ta’iin qulqullummaan jiraachaa turte boodarras Qunisxaatti heerumuun firii gaarii Qosxenxiiniiyoos mucaa jedhamu argatani.

Waggaa muraasa erga waliin jiraatanii booda Qunisxaan angoo barbnaacha nama biraa fuudhee ishee hiike. Illeeniinis mucaa ishee Qosxenxiiniyoosiin waa’ee kiristaanummaa barumsa hedduu barsiisa isa guddiste. Gara jabina warri Roomaa kiristaanotarratti raawwatan ilaalaa waan guddateef yeroo hunda ilma isheen kiristaanotaaf akka laafuuf gorsiti ture. Kana irraa kan ka’eenis sanyii gaarii isheen oomishte firii gaarii waan kenneef akka duuka bu’ootaa maqaan ishee yeroo hunda ka’u taasifame.

  Gara fuulduraati mana mootummaa abbaa isaa keessatti qorumsa seexanaa dhiyaatu mo’uudhaan Waaqa tolfamaaf osoo hin jilbeeffatiin gara Waaqa dhugaatti akka beeku barumsi isheen barsiiste jireenya isaa guutuu akka itti fayyadamuu fi kaaniinis akka fayyadu isa taasiseera. Qosxenxiniwoos gara mana mootummaa abbaasaa deemuun akka baratetti hojii gaarii hojjechuu fi murtoo haqaa fudhachuun mana mootumaa keessatti maqaa guddaa argate. Kadhaan ishees mucaashee  irra bulee jireenya isaa kessatti bakka guddaa akka ga’u taasise.

    Qosxenxiinoos biyya Ingiliziitti duulee osoo jiruu abbaan isaa waan du’eef yerooma sanatti duultonni bakka abbaasaa teessoo abbaa isaarra isa kaa’an aangootti fidan. Yeroo sanattis haadha isaa bakka jirtuu ishee waamsisee cinaa isaa keessisuun kabaja mootittiif ta’u hunda akka ta’uuf taasise.

  Barumsa haadha isaa irraa barate hunda yaadachuun, kiristaanota bitta jala jiran hundaaf bilisummaa labse. Roomitti kan argamu Meksimiyaanosiif kiristaanotaaf bilisummaa akka labsu xalayaa barreesseef . Meeksiimiyaanos garuu Waaqa tolfametti kan bulu waan ta’eef faallaa isaa kiristanota irratti gidiraa baayise. Kana gaafa dhagahu Qosxenxiiniwoos Meksimiyaanosiin balleessuuf duulaaf gaafa ka’u guyyaa sa’a 6:00 samii irrati ol je’ee gaafa ilaalu fannoo heddu ifu arge.

 Isa faana warri turanis  hundi argani. Samiirratti afaan yoonaaniin “Mallattoo kanan ni moota” kan jedhu barreefamee ture. Injifannoo samii irrtatti arge kana huccuu loltoota isaa irratti goonfoo gonfoo isaa iarratti akka hojjetamu taasise. Humna fannoo sanaanis mo’icha argate. Kana booda  haadha isaa waamee waan isa qunname hunda isheetti hime.

Inni humna itti moo’e,nama fayyisuu kan danda’u fannoo gooftaa akkamitti argachuu akka danda’an wal mari’atan. Qulqulleettin Illeeniis dursitee Qosxenxiniwoos kiristaanummatti amanaa, cuuphamee fannoo gooftaa awwaalame akka barbaaduufi bataskaana Iyyerusalem akka ijaaru kadhannaa waaqayyoo gaafattee turte. Illeeniin fannoo gooftaa argachuuf umurii ishee waggaa 80tti waggaa tokko deemuun humna Waaqayyoon Iyyesusalem geese.

Akkuma achi geessen bakka fannoo gooftaa awwalame gaafachuu jalqabde. Dursitee eephisqophosii Iyyerusalem kan ta’an abbaa maqarisiin gaafatte. Isaanis beekuu danda’u namoota jedhan gara jaarsolii umuri dheeraa qabanitti ishee ergani. Jaarsa umurii dheeraa kiraakosiin gara ishee fidanii bakka fannoo Gooftaa awwalame natti  himi jette. Innis dura sodaatee boodarra garuu abbootiin keenya fannoon Gooftaa gaara kana jalatti awwaalame yeroo jedhan dhagaheen ture jedhe.

 Bakki sunis dursee goolgootaa bakka jedhamuu namootni naannoo sanaa waggaa 300 kosii itti gataa waan turaniif gaara fakkatee ture. Illeeninis gaara gidduu jiru keessaa bakka kamitti akka awwalame beekuu waan hin dandeenyeef osoo yaadaa jirtuu eergaman waaqayyoo Mikaa’el mul’ataan iddoo fannoon jiru aarri ixaanaa akka isheetti agarsiisu itti hime.

Kana booda Waaqayyoof galata erga dhiyeesitee booda damaraa hojjetee ixaana gaafa itti dabaltu aarri ixaana olba’ee fannoo Gooftaa bakka awwalame deebi’ee agarsiise. Qulqulleettin Illenii bakka aarri ixaanaa deebi’ee sagaduun agarsiise sana akka qofforamu ajajje.

Bakichis ji’a ja’a erga qofforamee booda Bitootessa 10 fannoowwan sadii argaman keessaa kamtu fannoo gooftaa akka ta’e adda baafachuuf nama du’e fidanii gaafa sadan irra godhan fannoo sadan keessaa fannoo gooftaa du’aa kaase. Dhukkubstaas fayyise. Fannoon Gooftaa osoo hin awwalamiin dura nama fayyisaa ture; awwalcha keessa taa’es laphee namaa keessaa hin badne,awwaala keessa erga argame boodas kunoo du’aa fayyise.

 Egaa walumaa galatti qulqulleettin Illeenii gaafa Fulbaana 16 damaraan hojjechuun bakka fannoon jiru argatte. Gaafa guyyaa fulbbana 17, lafti kun qofforamuu jalqabe. Kanaafuu akka mana amantii keenyaatti guyyaa kana lamaan sababa godhachuun ayyaana guddaa ykn ayyaana Masqalaa bal’inaan kabajama. Yeroo kabajnutti garuu of eegannoon godhamuu qabu barsiitota fudhatama hin qabne bakka biraadhaa fidanii amantii keessa makuun barbaachisaa waan hin taaneef of eeganno gochuu qabna.

 

 

Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos

Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa  keenya Iyyasuus Kiristoos

Damissee Jemaanee

Ayyaanota gurguddaa saglan   kan gooftaa keenya iyyesuus kiristoos keessaa tokko ayyaana ol samiitti bahuu dha. Ayyaanni  kunis akka mana amantaa  ortoodoks  Tawaahidoo Itiyoophiyaatti ayyaana faasikaa yookiin du’aa ka’uu booda gaafa guyyaa afurtamaffaa kan kabajamu dha.

 

Gooftaan keenya Iyyasuus  Kiristoos du’a du’a Isaan moo’ee gaafa guyyaa sadaffaa erga ka’ee booda yeroo  adda  addaatti duuka bu’ootaa fi namoota tokko tokkotti mul’achuun isaan barsiisaa tureera. Guyyaa afurtamaafis  erga isaan barsiisee booda  “Egaa jabaadhaa gara abbaa kootti ol   b a’een Afuura Qulqulluu hanga isinii ergutti asuma Iyyarusaalem turaa” jedhee osoo ilaalaa jiranii suuta suutaan ol jechaa, deeme yookiin ol bahe.Waaqayyo  Gooftaan ol ba’e yommuu jennu amala foonii mul’isuuf malee bakki kan Isa murteessu ta’ee miti .Waaqayyo iddoo hunda  jira.    ( Faar. 138:7-13)

Namootni tokko tokko gara samiitti kan ba’an nijiru. Kan ol b’anis aangoo mataa isaaniin osoo hin taaneen gargaarsa waaqayyoonidha.Eeliyaas saragallaa abiddaan ol kan ba’e  aangoo fi humna mataa isaatiin hin turre (2Moot 2:11). Waaqayyo garuu ol ba’uuf akka Eeliyaas saragallaan abiddaa isa hin barbaachisne. Aangoo fi humna mataa Isaatiin osoo duukaa bu’oonni argaa jiranii suuta suutan ol fagaachaa ijji isaanii arguu hanga dadhabutti olba’uun duumessa keessa seene. 

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo du’aa ka’etti qofa osoo hin taane ,erga ka’ee booda duka bu’oonnis ta’e namootni tokko tokko argani. Sababni isaas erga ka’ee booda guyyaa muraasaaf isaan wajjin waan turuuf du’a moo’ee ka’uu Isaa isaanitti himaa; duuka bu’oonni jalqaba du’aa ka’uu Isaa osoo hin taane dhuma du’aa ka’uu Isaa argani. Ol ba’uu garuu jalqaba isa malee dhuma isaa hin agarre. Sababni isaas erga inni deemee booda kan isaanitti himu waan hin jirreef yeroonni ol ba’u ilaaluun isaanii dirqama ture. Kana ilaalchisuun qulqulluun Luuqaas hojii duukabuutotaa 1:10 irratti ‘’Inni yeroo deemutti gara samii callisanii osoo ilaalanii ‘’jedhee ibseera. Yeroo du’aa ka’etti duuka bu’ootatti altakkaan itti hin argamne yeroo adda addaatti ture malee. Isaan wajjin guyyaa afurtamaaf waan turuuf yeroo adda addaatti isaanitti mul’achaa isaan barsiisaa ,isaan jajjabeessaa tureera. Yeroo olba’aa jirutti garuu duuka bu’ooni hunduu bakka tokko osoo jiranii itti mul’atee ol ba’eera. Ol ba’uu Isaa akka amananiifi dha. ‘’ Duuka bu’oonni osoo argaa jiranii ol fagaachaa ,fagaachaa duumessi ija isaanii irraa dhoksite’’  Luq. 24:51  jedha.ol ba’uu isaas dhuguma ijji isaanii argeera .arguun isaanii kun soba akka itti hin fakkaanneef yookiin dhugaa ta’uu isaa akka amananiif  ergamootni ragaa dhumaa bahaniiruuf.

Ragaa ergamootaa

Ergamootni  Gooftaa yeroo adda addaatti ragaa nuu ta’aniiru. Gooftaan gooftotaa dhala namaa dubroo Maariyaam irraa akka dhalatu dhufanii gammachiisan.Yeroo dhalatutti dhufanii tiksitoota gammachiisan.Yeroo fannifamuttis dhufanii Isaaf sagadan. Du’aa yeroo ka’uttis Maariyaam Megdelaawititti argamuun Gooftaan akkuma dubbate ka’eera jedhan. Yeroo olba’es ergamootni waaqyyoo lama nama fakkaatanii duukaa bu’ootatti argamuun  ‘’Isin yaa namoota Galiilaa ol samii ilaalaa maaliif dhaabattaniittu ? akkuma osoo ilaaltanii ol ba’e Iyyasuus Kiristoos akkanumaan ni dhufa’’  (Hoj.duuk 1:10)  jedhanii duuka bu’oonni ol ba’uu Gooftaa dhugaatti akka amananiif ragaa bahaniiruuf. Ergamootni lama ta’anii argamuun isaanii ragaan lamaan waan raaga’uufidha. Nama fakkaatanii mul’achuun isaanii ulfina isaanii fi fuula isaanii fuuldura namni dhaabachuu waan hin dandeenyeefi. Samiirraa bu’uu isaaniif huccuun isaan uffatan kan baay’ee ifu ture.

Osoo argitanii akkuma ol ba’e akkanumaan deebi’ee dhufa jechuun maal jechuudha?

Iyyasuus Kiristoos kan ol ba’e foon uffateenidha. Dubroo Maariyamii irraa foon uffateen du’ee du’a moo’ee ka’uun gaafa guyyaa afurtamaffaa foonuma uffateen aangoo mataa Isaatiin ol ba’eera.     Akkuma argitan foon uffatee ol ba’een foon uffatee murtoo dhaaf deebi’ee nidhufa.Waaqayyo warra gaarii hojjetaniin  “Isin eebbifamtoota Abbaa koo addunyaan osoo hin  uumamiin  bakka isiniin qopheessetti koottaa gala” jedhee mootummaasaa dhaalchisuu fi warra cubbamootaan “Isin hin beeku narraa deemaa” jedhee murtoo abidda bara baraa itti murteesuuf deebi’ee foon uffatee ni dhufa.

Waaqayyo sagalee xurumbaa fi ililtaadhaan gara samiitti ol ba’e

Waaqayyos yeroo olba’etti sagalee xurumbaa fi ililtaadhaani. Sagalee xurumbaan ol ba’e yommuu jennu moototni gaafa gara lolaatti bobba’an xurumbaa afuufaa fi moo’anii gaafa deebi’anis xurumbaa afuufaa namoota walitti qabanii gammachuu guddaa akkuma godhan Waaqayyos gaafa ol ba’e gammachuu guddaan ni ta’a jechuudhaaf Waaqayyo sagalee Faggaa( Malakata) ol ba’e jedha.Duuka  bu’oonni Gooftaa gara magaalaatti yeroo ba’an faaggaa (Malakata)  afuufu. Namootnis dhagahanii deemanii baratu ture. Olba’uun  Iyyasuus Kiristoos akka sagalee Malakataa daangaa hanga daangaatti dhaga’amuuf danda’eera.

Egaa walumaagalatti Waaqayyo yeroo olba’uuf  ka’etti duuka bu’oota hunda walitti qabee humni hanga isinii ergamutti asuma iyyarusaaleem turaa jedhee isaan barsiise. Isaanis ol ba’uu Gooftaa booda guyyaa kudhaniif  baka tokkotti walitti qabamanii haadha Gooftaa dubroo Maariyaam qabatanii kadhaatiin turan. Gooftaan du’aa ka’ee booda gaafa guyyaa shantamaffaa yookiin ol ba’ee booda gaafa guyyaa kurnaffaa Afuura Qulqulluu kan isaan cimsuufi jajjabeessu isaaniif ergeera.

Araarri Waaqayyoo kadhaan dubroo Maariyaam gargaarsi qulqullootaa nu hunda keenya waliin haa turu.

                                                                                               

Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam

Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam

 Dn. Zalaalam Daggafaa  fi

 Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

                                      

 Ji’oota dura waa’ee haati keenya qulqulleetii dubroo Maariyaam Waaqayyoon filatamtee Waaqayyo Gooftaan keenya dhala namaa fayyisuuf jecha dubartoota keessaa akka ishee filate ilaallee turre. Amma ammo waa’ee dhaloota ishee ilaalla Waaqayyo laphee hubatu nuuf haa kennu.

                           Dhalachuu Ishee

  Jalqaba irratti waa’ee maatii haadha keenya Maariyaam, akaakilee Ishee fi jireenyi  afuuraa isaanii    akkam akka ture muraasa ibsuu  yaalla.

 Waaqayyo fuulduratti kan jaalataman, amantaa fi  hojii gaarii tiin cimanii (jabaatani) jiraachaa kan turan akaakileen hadha keenyaa  Dubree Maariyaam Teektaa fi pheexriiqaa(Phaxriiqaa)  jedhamu.  Isaanis Sooreyyoota(sooressoota)  hunda qaban turan. Baay’inni qabeenya isaaniis lakkoofsaa fi safara (daangaa) hinqabu ture.Garuu ijoollee(dhala) hin qabani ture.

 

  Guyyaa keessaa gaafa tokko Teektaan mana galmeewwan( kuusaa qabeenyaa) isaa seenee baay’ina qabeenya isaa ilaalee haadha manaa isaa Phaxriiqaadhaan  “Ati maseena; anis maseena dha; qabeenyi kun hundi eenyuuf ta’aa? ‘’ jedhee ishee gaafate.  Isheenis  «Waaqayyo narraa mucaa yoo si dhowwate kan biraa fuudhi; mucaas dhalchi siif eeyya meera!» isaan jette

Innis jecha ishii kana dheekkamuun «Ani akkan  kana hin raawwanne Waaqni  Israa’el  ni beekaa!» jedheen.

 Kanumaan osoo gaddaa jiranii mul’ata arganiiru. Kunis waatii (jabbii xiqqoo)  bifti ishii adii ta’e   dallaa loonii(foonaa) isaanii keessaa hogguu baatu, waatittiin waatii biraa akkaa dhalte hanga jahaaffaa geessee isheen jahaffaan addeessa(ji’a) deesse addeessittiin ammoo biiftuu  yeroo deessu arganii gara nama abjuu hiikuu deemanii gaafatan.  Innis  mucaa gaarii ni argattu (ni deessu) Addeessittiin mucaa uumamaan ol taatedha. Dubbiin biiftuu garuu natti hin mul’anne  isaaniin jedhe. Isaanis kana hoo yeroon haa hiiku jedhnii deeman. Kana booda Phaxriiqaan ulfooftee deesse. He’eemeen jattee maqaa bafteef (moggaafte) He’eemeen Deerdeetiin deesse; Deerdeen, Toonaatiin deesse, Toonaan Siikaariin deesse,Siikaar Hermeellaa deesse,Hermeellaan Faasteeniin deesse,Faasteeniin Haannaatiin deessee tti.

 Haannaa jechuun amantaa fi hojii gaariin kan jabaatte, qulqullinaan kan faayyeffamte, kabajamtuu,eebbifamtuu, uumama gaariij  jechuudha.

Dubartiin hojii gaarii fi amantaa dhaan kununfamtee guddatte kun yeroo umurii gaa’elaaf geese nama sanyii Yihudaarraa dhalate nama qajeelaa Iyyaaqeem jedhamutti heerumsiisan. Haannaa fi Iyyaaqeem jiireenya isaanii gammachuu fi jaalalaan gaggeessaniyyuu maseenummaan akaakileesaanii isaaniinis qaqqabe. Waaqayyo gadanmeessa Haannaa akka banu laphee cabeen kadhannaatti cimanii jiiratu ture. Baay’inni qabeenya isaaniis hangasa  mara baay’ee hin turre.

                    Ollaa Haannaa kan turte dubartiin sagaagalummaatiin jiraattu tokko jirti ture.  Guyyaa keessaa gaafa tokko Haannaan isheetti dhiyaattee har’a  mana kiristaanaa deemuuf jedhee yaddeen ture garu huccuun uffadhu hin qabu jettee itti himte. Dubartittiin kunis huccuun koo lamaa fi isaa ol kan ta’u jira kan koo uffattee maaliif hindeemtuu? jetteen. Hannaan garuu huccuu cubbuudhaan argamedha; Waaqayyo amaluuma Isaatiin ququlluu waan ta’eef  kana hin  jaalatu jettee deebisteef. Dubartittiin kunis akkas jettee dubbii laphee xuquutiin dubbatte  “Haannaan sababa maaliif mucaa ishee dhowwe jedheen siif gadda ture, garuu, kan  akka dhagaa gogsee si hambise hammeeanya keeti.’’ Jetteen. Haannanis baay’ee gaddite.

                Yeroo biraas aarsaa dhiyyeeffanna jedhanii mana  qulqullummaa deemnaan hangafti lubootaa Roobeel “Aarsaa (wareega) warra maseenaa hin fuudhiin.’’ Kan jedhu jira,isin warra Waaqayyo waadaa Addaamiif kenname kan”horaa, baay’adhaa, lafa guutaa’’ jedhu isin dhoowwe mittii? Waaqayyo waan isin jibbeef malee osoo isin jaalatee mucaa isinii kenna ture; wareega keessan akka galchattaniifis carraa isinii kenna ture jedhee isaan deebise.

      Hambaa aarsaa isa maanguddoonni Israa’el warri dhala qaban nyaatan sana isaan dhowwate. Isaanis waan isaan irra gahe kanatti gaddanii Waaqa isaaniitti rakkoo isaanii himatanii osoo deebi’aa jiraanii muka jala taa’anii bullaallaan( gugeen) osoo ijoolleshee wajjin haasoftuu, abaaboo (daraaraa) firii naqatee jiru Haannaan argitee bullaalleewwan amaluumaa isaaniin akka wal horan kan taasiste, biqiltoota akka daraaranii firii naqatan kan taasistu ani uumamni koo dhagaarraa ta’innaa? kan dhala nadhowwatte jettee gaddite. Guyyaa afurtamaaf subaa’ee galanii Waaqayyotti boo’aa turaniiru.

 Kana booda Haannaa fi Iyyaaqeem Waaqayo kan isatti ta’uusaa baranii wareega wareeggatan ‘’Dhiira yoo arganne (dhalle) bu’ee bahee qotee nu haa qarqaaru hin jennu mana Waaqayyoof  tajaajilaa ni ta’a. Dubartii yoo arganne qoraan nuuf haa cabsitu; bishaan nuuf haa waraabdu hin jennu. Waaqayyoof leemmaatii warqee hodhiti, golgaa hojjettee foo’aa footee haa jirtaattu.’’jechuun wareeganii kadhatan.

  Kana boddee adloolessaa gaafa 30 abjuun dinqii ta’e argani. Toorban tokko booddees Hagayya bultii torba ergamaan mucaa gaarii in deessu jedhee isaanitti hime. Haati keenya qulqulleettii Maariyaamis akkuma Ergamichi dubbate heeyyama Waaqayyootiin garaatti hafte(ulfaa’amte). Yeroo isheen garaatti haftes raajii hedduutu raawwateera.

§  Ija tokkee (kan ijji ishii tokko jaamee turte) kan taate adaadaan Giiftii keenyaa Beersaabeeh jedhamtu dhuftee “Haannaa  Waaqayyo gargaarsa Isaatiin si daawwate natti fakkaataa harmi kee gurraacha’e, hidhiin kee daalach’e.” jettee garaashee tuqxee garaashee yeroo sukkuumtu ijishee banameeraaf (ifeeraaf).

§  Ilmi eessum Haannaa Saamiinaas jedhamu yeroo du’e qabannoo sireesaa qabattee yeroo itti naannoftee boossu gaaddidduun ishee yommuu irra bu’u ka’ee dhugaa ba’eera. Waan abjuu hiikaan sun hambises isaaniif hiikeera.

Kana booddee Yihudoonni goomiif boqonnaa waan hin qabneef dur sanyii isaanii kan ta’an Daawiit, Solomoon kanneen jedhaman waggoota afurtama afurtama akka gagaa  nuu baqsanii, akka qiraacii nu caccabsanii nu bitani; ammammoo inni ishee kanarraa dhalatu maali laata? jedhanii diinummaan irratti kaka’anni. Yeroo kana ajaja ergamaatiin qulqulloonni Hannaa fi Iyyaaqeem baqatanii gara tulluu Libaanos deeman.

   Qulqullichi Daawit faarfannaa isaarratti «Hundeewwanshee tuluuwwan qulqullaa’oorradha» jedhee akkuma dubbate( Faar86(87):1). Eebbifamtoota maatii isheerraa caamsaa guyyaa 1 osoo isaan tulluurra jianii Giiftiin keenya qaulqulleettii dubroo Maariyaam in dhalatte. Erga dhelattee boodas guyyaa toorbaffaatti maqaa ishii  Maariyaam jedhanii moggaasan.                                  

                                        

                                              Hiika Maqaa Ishee  

Yaa maatii Waaqayyoo!  Hiika maqaa Giiftii keeenyaa kitaabolee gaggalagachuun,hayyoota mana kiristaanaa hubachuu  yaalla. Akka abbootiin nu barsiisanitti hiikaan maqaa Giiftii Keenya Dubroo Maariyaam akka armaan gadii ta’a:-

A.     Maariyaam” jechuun, gara mootummaa Waaqayyoo tti kan nama galchitu jechuudha.

B.     Maariyaam jechuun kennaa fi qabeenya jechuudha. Luqa.  1.28 irratti “ Kennaan kan guutamte gammadi Waaqayyo Gooftaan si wajjin jirahoo” jechuudhaan ergamaa qulqulluu Gabri’eeliin kennaa fi qabeenyi guutuu ta’e akka isheef kenname, foon Isheerraa foon; lubbuu Isheerraa lubbuu fudhatee kan dhalatu Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo hunda ishee wajjin akka ta’e mirkaneesseera. Kanaafuu yeroof maatiisheef kennaa fi qabeenya taatee kennamuu ishee kan ibsu ta’us dhumni isaa garuu fayyina addunyaa kanaatiif kennaa taatee kan kennamte ta’uu ishee ibsa.

 

   C. Maariyaam jechuun uumamaa ol; uumaatii( Waaqayyootii) gadi jechuudha. Giiftiin keenya qulqulleettii Maariyaam haadha Waaqayyoo waan taateef warra sodaa fi hoollannaattiin galleeffatan ergamoota qulqullaa’oo ni caalti.

Teessoo Isaa fuuldura yemmuu dhaabatan kochoosaaniitiin fuula isaanii fi miila isaani in haguugu.”  (Mul’ata. 4:7-9; Isaa 6:2) Giiftiin keenyaa garuu gadameessa isheetti Isa baatteetti; harma ishees hoosifteetti; dugda isheetti baatteetti; harkasheen hammetteetti. Dhaloota Isaa irraa hanga fannoo Isaatti ilmala Isaa hundarratti biraa hin hafne.

 Ergammoonni tuquu dhiisii ilaauu kan hin dandeenye abidda Akkeenyaa gadameessa isheetti waan baatteef uumama hundaan ol ta’uushee ni amanna. Qulqullichi Yaareed kadhannaa isaa balbala ifaarratti “kennaan kan guutamtee fi madda gammachuu kan taate jji isaanii baay’ee kan ta’e kiirtuu beelii fi kochoowwan hedduu kan qabda.Isaan ibiddi Ilma keerraa ba’u akka isaan hin gubneef fuula isaanii in haguugu. Ati garuu bultoo Akkeenyaa taatee, amaloomni akkeenyaas si hin gubne arrba ibiddaa baattee» jedheera.(balbala Ifaa lakk.—-)

                                        Guddinaa fi Daa’imummaa Ishee

Qulqulleeetiin dubroo Maariyaam barri daa’imummaa Ishee hanga rawwatuttii  haadhaa fi abbbaa ishee wajjin jiraatte. Wagoota sadii fixxee yaadni ishee fira; afaanshee midhaan osoo hin bariin akka wareega keenayaatti mana qulqullummaaf kennina jehdanii fudhatanii deeman. Hoogganaan lubootaa fi uummanni yeroo ishee argu biiftuu  caala harka toorba iftee qaqawweessa caalaa soodaachiiftee durrii iftu fakkakattee isaanitti mul’atte. Isaanis uumama kana fakkaattu maal goonaa? Maal ishee nyaachifnaa? Maal isheef afnaa? Jedhanii osoo dhiphatanii Ergamaa qulqulluu Faanu’eel mannaa samii irraa leemmaatii warqeetti, dhugaatiisamii xoofoo ifaatti qabatee samiirraa bu’ee isaanitti mul’ate. Uummannis lubichaaf kan dhufe isaanitti fakkate. Lubichi fudhachuuf yeroo ka’u Ergamichi irraa ol fagaate. Haannan mucaashee hammattee kabajasaa fudhachuuf achi siiqxee yeroo tessuu akkuma ol fagaatetti hafe. Kana booddees kabaja daa’imittiif dhufe yoo ta’e maaltu beeka? qofaashee dhiisii achi siiqi isheedhaan jedhan. Haannaanis akkuma jedhamtes taasiste. Yeroo kana ergamaan qulqulluu Faanu’eel bu’ee kochoosaa tokkoon haguugee, tokkoo immoo ishee uffisee manna sana nyaachisee wayinicha obaasee gara samiitti ol bahe. Gooftaan saba Israa’el mannaa samiirra buusee akkuma isaan nyaachise haadha keenyas kara ergamichaa sooreera. (Ba’uu 16:13, 1Moot.19:1-8)

  Erga dhimmi sooratashee fala argatee mana qulqullummattii ishee gashan. Guyyaa kana mannii kiristaanaa mudde guyyaa sadi ayyaana waggaa ishee baatiilee( ji’oota) birootiin immoo yeroo hundaa jiini galee guyyaa 3ffaa irraatti ni yaadatti.

          «Yaa mucaa koo dhaga’ii mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee jaalateerahoo» Jedhee qulqullichii Daawiit (Faar. 44:101) irratti akkuma dubbate. Haati keenya qulqulleetii, Maariyaamiin ergamoonni akkaa ishee sooran mana qulqullummaa keessa waggaa kudha lama jiraatte; waggaa kudha shan yommuu fixxu Yihudoonnii goomiidhaan «Shamarree waan taateef mana qulqullummaaatii bahuu qabdii» jedhanii raagni dubbatame sun dhumee osoo ishiin mucaashee hin dahiin dursinee ishee balleessuu qabna jechuun raayyaan loltootaa hedduu qabatanii Giiftii keenya yammuu marsan Waaqayyoo ergamaasaa ergee bakakkaadhaan isaan fixe.

          Hangafni lubootaa hammina isaanii kana argee akkam taata egaa? jedhee ishee gaafannaan gara Waaqayootti naaf beeksisii jetten. Innis kadhannaa gaafa jedhu «Qomoo Yihuudaa keessa kanneen haati manaa isaanii duute lakkaa’eetu ulee isaanii mana qulqullummaatti galchii irratti kadhadhu aniis mallattoo siifan kenna » kan jedhu deebii kenneef.

Waaqayyos akkuma waadaa galeefiitti lubichaaf mallattoo adda addaa mul’iseefii maanguddichi Yooseef tiksee( kaadhima) Giiftii Maariyaam akka ta’utti filatame. Guyyaa sanaa eegalee maanguddichi Yooseef tiksee 9 eegduu) Maariyaam ta’uun haadha Gooftaa isaa tajaajilaa tureera. ( Maat 1:18-26, Luq1:26-45)

 

 

 

 

“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti Daawitiif”

“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti  Daawitiif”

                                                                          Bitootessa 26

Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Faaruun  kun guyaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos  gara Iyyarusaaleemitti yemmu galu faarfannaa faarfatamedha.Faarfannaan isaas “Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” “Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu kan eebbifamedha, Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” kan jedhu ture.

 

Wangeelli guyyaa kana dubbifamus kan akkas jedhuhd:- “Gooftaan keenya Iyyasuus gara Iyyarusaaleemitti dhiyaatee gara dabra Zayitii fi Beeta faagee gahe.( Maat.21:1) irraa eegalee kan jirudha. “Iyyarusaaleem” jechuun “Magaanaa nageenyaa” jechuudh. “Beetafaagee” jechuun ammoo “Mana Balasii” jechuudha. Abbootiin keenya ammoo “Daandii qaxxaamurame” jechuudhaan hiikaniiru.

 

Gooftaan keenyas duuka buutota Isaa keessaa lamaan isaanii ergee “Gara magaala fuuldura keessan jirtuu deemaa bakka sanattis harree hidhamte ilmoo ishee wajjin argattu hiikaatii naaf fidaa; eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaadhaaf ni barbaachisa jedhaan” jedhee itti hime.

 

 

Duukabuutonni Isaas hiikanii fidaniif. Hojiin duukabuutotaa warra hidhaman sagalee wangeelaatiin hiikuudha. Kunis seexanoonni; afuurri harfaa’aadhaan kan hidhamanii jiran baay’eedha waan ta’eef duukabuutonni,warren bakka duukabu’ootaa bu’uun muudaman luboonni cubbuu namootaa hiikuudhaan gara mootummaa Waaqayyootti nama dhiyeessu.

 

Sagaleen raajii kan raajicha Zakkaariyaasiin dubbatame akka raaawwatamuuf Gooftaan Harree sanaa fi Ilmoo harree sana irra akka bahuuf (yaabbatuuf) uffata dugda harree sana irra buusani ( Zakk. 9:9 ). Kan isaan uffata afaniifis Iyyasuus Kiristoos kan cubbuu addunyaa kan balleessu waan ta’eef uffanni akkuma qaama qaanii namaa haguugu Atis cubbuu fi badii keenya nuuf haguugda jechuudhaan uffata afaniif.

 

Harreen kan tuffatamtedha; Waaqayyo warra lapheen isaanii cabe, warra gadi ofqaban akka filatu agarsiisa.( Isaa. 53:23,Maat. 11:29, Faar. 50:17-18)

 

 


 

 Uummannis uffata isaanii lafarra afaniif:- kunis ati mootiidhaatii si qofa osoo hin taane harreen ati yaabbatte illee lafarra deemuu hin qabdu jechuun uffata isaanii of irraa baasanii lafarra afani kabaja mootiidhaaf malus kennaniif ( 2Moot. 9:13).

 

“Hoosaa’inaa aariyaamirratti” jechuudhaan faarfannaa dhiyeessaniif. “ Hoosaa’inaa” jechuun “ Amma fayyisi” jechuudha. Sagalichif Faarfannaa Daawit irratti “ እግዚኦአድኅን” “ Yaa Gooftaa Amma fayyisi” jedhamuun dubbatameera. ( Faar. 117:25) jechi “ Aariyaami irratti” jedhu ammoo samii bakka bultii Waaqayyoo kan agarsiisudha. Kanaafuu Yaa Waaqayyo isa samiirra jiraattuu; yaa qoricha isa samiirra jiraattuu amma fayyisi, dhiifama taassisi” akka jedhan faarfachuu kan agarsiisudha.

 

Iyyi isaaniis kallattii lamaan ilaalamuu danda’a: gama tokkoon gita bittaa Roomaa jalaa bilisa nu baasi jechuun boo’icha foonii kan iyyan ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, gama biraatiin ammo du’a foonii fi du’a lubbuu irraa nu baraari, nu fayyisi jechuun faarfachuu isaanii kan hubachiisudha. Gama biraatiin faarfannaa isaanii keessatti wanti hammatame jecha “ Ilma Daawit” jedhudha. Kunis  fayyisaan dhufu Isa ta’uu isaa uummanni baranii eegaa turuu isaanii kan ibsudha. ( Maat. 12:23, 20:30)

 

 

 

 

 

 

Bifa kanaan Fayyisaan gara iyyarusaaleem yemmu galu magaalattii guutuun “ kuni eenyudha?” jechuudhaan dhiphatani. “ Kunoo Kiristoos Isa galiilaa irraa dhufudha” jechuudhaani.

 

Kana booda gara mana qulqullummaa seenee mana qulqullummaa sana dula namoonni mana daldaalaa taassisanii turan qulqulleesse, warren achi keessatti daldaalaa turanis mana qulqullummaa Isaa keessaa baasee ari’e. “Manni koo mana kadhannaati; isin qaalaa saamtotaa taassistanii” jedhee ifatti isaan qeeqe.

 

Namoota naannoo mana qulqullummaa sanaa jiran dhukkubsattoota, warra ijji isaanii jaame, warren gurri isaanii dude, warren miilli isaanii naafate hunda fayyise. Garuu Luboonni Yihudootaa warri sammuun isaanii dude hin fayyine. Yeroo daa’imtoonni iyyarusaaleem “Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” jedhanii faarfatan barattoonni isaaniis daa’imtoota kanneen wajjin waan faarfataniif ijji isaanii dhiiga uffatee Gooftaadhaan “isaan kun immoo kan jedhan hin dhageessuu? Callisaa jedhiin” jedhanii gaafatani. Gooftaanis “ Isaan yoo callisan illee dhakaan ka’ee naan faarfata, kanumaanuu immoo raajii Daawitiin Afaan daa’immanii irraa galata naaf qopheessite jedhamee isa dubbatame hin yaaddattanii?” ( Faar. 8:2) jedheen.Warreen nuti sammuu qabna jedhan lapheen isaanii yemmuu jaamu,afaan daa’immanii garuu faarfannaa roobsa ture.

 

Egaa guyyaan kun guyyaa Gooftaan keenya gara iyyarusaaleem deemuun mana qulqullummaa Isaa keessaa daldaaltotaa fi warren maallaqa jijjiiran ar’ee mana Isaa kabajedha. Guyyaa kana abbootiin mana kiristaanaa “Hoosaa’inaa Ariyaam irratti Ilma Daawitiif” jedhanii faarfannaa fi yeedaloodhaan faarfataa bulu.

 

Tajaajilaa Gaarii

Tajaajilaa Gaarii    (Mat. 25÷14-30)

Dn. Qalamawarq Miidhagsaatiin

Bitootessa 13

 

Torbeewwan sooma guddichaa keessa inni 6ffaan  “Tajaajilaa gaarii” ykn afaan gi’izitiin ‹‹ገብርኄር›› jedhamee beekkama. Torbeen kun manni kiristaanaa keenya waa’ee tajaajilaa afuraawaa jabaattee kan ittiin barsiistu dha.

Faarfannaa sanbata kana faarfatamu irratti qulqullun Yaareed “Tajaajilaan gaariin eenyuu dha?” jedhee gaafataa.

Sanbata kana wangeelli dubbifamu akkana jedhaa “ Akka nama daandii deemuuf ka’ee tajaajiltoota isaa waamee qarshii ittiin bu’aa buusan kennee fakkaataatii tokkoon tokkoon isaaniitiifis akka dandeettii isaaniitti isa tokkoof  Makliitii (qarshii) shan, isa tokkoof  Makliitii (qarshii) lama , isa tokkoof ammoo Makliitii (qarshii) tokko kenneefii deeme.

 Inni qarshii shan fudhate sunis deemee daldaalee qarshii shan bu’aa buuse; akkasumas, inni lama fudhate akkasumas daldaalee qarshii lama buufate; inni qarshii tokko fudhate garuu deemee lafa soqe( qonforee) warqee (qarshii) Gooftaa isaa awwaale.

Gooftaan isaaniis deebi’ee isaan to’ate ; inni qarshii (Makliitii) shan fudhate sun dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii ( Makliitii) shan natti kennitee turte anis bu’ee ba’ee daldaaleen qarshii (Makliitii)  shan buuseeraatii kunoo makliitiin kee jedhee Makliitii shan itti kenne.Gooftaan isaas ati tajaajilaa gariidha; wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna Guddaa irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa keetti seeni jedheen.

 

Inni Makliitii ( Qarshii) lama fudhates dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii lama  natti kennitee turte; kunoo bu’ee baheen qarshii lama buuseera jedheen. Gooftaan isaas ati tajaajilaa Gaariidha wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna baay’ee irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa kee seeni jedheen.

Inni makliitii ( Qarshii) tokko fudhate dhiyaatee  yaa Gooftaa ati bakka hin facaasnee kan kan haamtu; bakka hin bittinsinee kan funaantu nama hamaa ta’uu kee nanbeeka waanan si sodaadheefis deemeen makliitii(qarshii) naaf kennite awwaale; egaa makliitiin kee kunooti jedheen.

Gooftaan isaas:- ati tajaajilaa hamaa fi dadhabaadha; Ani bakka hin facaasnee kanan haamu; bakka hin bittinsinee kanan funaanu nama hamaa  ta’uu koo ni beektaa? Yoos qarshii koo warra jijjiiraniif kennuu qabda turte anis yeroon dhufu qarshiikoo bu’aa isaa wajjin isaan irraan fudhadha ture jedheen. Sana boodas warreen achi dhaabataniin akkas jedheen:- makliitii (qarshii) kana isa irraa fuudhaatii isa makliitii kudhan qabuuf kennaa! Kan qabu ni kennamaaf kan hin qabne garuu ishiin qabu sun illee irraa fudhatamti; tajaajilaa hamaa kana garuu bakka itti ilkaan walitti riguun jiru gara dukkana ala jiruutti gadi baasaa jedheen.”  Mat. 25÷14-30

 

 

Hiikaan barumsa kanaa akka armaan gadiitti dhiyaateera. Abbaan qabeenyaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos dha. Tajaajiltootni sadan fakkeenyoota kiristaanootaa kennaawwan adda addaa kennameefidha. Kennaawwan kennaman lakkoofsaan garaagarummaa qabaachuun isaanii kennaan tokko isa kaan irraa addaan kan ba’u ta’u isaa agarsiisa.

Amaloota tajaajiltootaa

Amaloota tajaajiltoota jalqabaa lamaan:- Afuurri tajaajiltoota isa jalqabaa fi isa lammaffaa isaan lamaanu hojjatani argachuun akka danda’amu kan amanani, Goftaa isaanitiif amanamoo, rakkoo hojiirra muudatu yaaduudhaan yeroo isaanii kan hin dabarsinee dha. Tajaajilaan lammaffaas akka tajaajilaa tokkooffaa maaliif maallaqa shan naaf hin kennamne jedhee osoo hin komatiin waan kennameen kan hojjate dha.

Isaan lamaanu bu’aa buusaniiru. Isaan lamaanuuf maqaan kabajaa kennamee tokko dha “Tajaajilaa gaarii” kan jedhu, bakkii kabajaa isaan lamaanuu ittiin seenan tokkoo, “Gammachuu Goftaasaanii”. Isaan lamaanu waan muraasaan kan ammamani dha.

 Gama keennaatiin yoo ilaalame shanis ta’e lama muraasa dha, garuu namni waan kennameen osoo hin komatiin tajaajiluu qaba. Ilma namaaf kan fayyadu waan kennameef lakkaa’uu osoo hin taane waan kennameen tajaajilu dha. Tajaajiltootni kun tajaajiltoota mana kiristaanaa amantaan fi jaalalaan tajaajilan fakkaatu.

Amala tajaajilaa sadaffaa:- namni kun hojii caalaa rakkolee hojii irratti isa muudatantu isatti mul’ata. Bu’aa busu osoo hin taanee kasaaratu isaaf mul’ata. Tokko kennameef lama taassisuu osoo hin taane isaa harka fudhatamutu issatti mul’ata. Akka hiriyyoota isaa bu’aa buseen Gooftaa isaatiin badhaafamu isaa osoo hin taane adabamu isaatu isaaf mul’ata.

Kanaafu hojjatee bu’aa busuu hin dandenye. Kisii isaallee amanuu dhiisee lafa qotee awwaale. Dimshaashumatti amanuu dhisuutiin nama qabame dha. Fulduura Gooftaasaatti yommu dhiyaatu jechi dubbate wanta tajaajiltootni lamaan dubbatan irraa adda dha, “Nama haamaa akka taate waan bekeef akka na jalaa hin banne jedhee awwaaleera” jedhe.

Barumsi amaloota tajaajiltoota sadan kanarra argamu baay’ee guddaa dha. Waqayyoon kennaawwan adda addaa dhala namaa hundumaaf kennee jira. Kennaan tokko kan kennamu ammoo bu’aa dhala namaatiif. 1Qor. 12÷4-11 kennaan  lallabuu kan kennameef jira, kennaan raajii himuu kan kennameef  jira, kennaan raajii himame hiiku namni kennameef ammoo jira. Dhimmi ijoo garagarummaa kennichaa osoo hin taanee waan kennameen bu’aa busanii argamuu dha.

Yeroo hunda qulqulluun Daawiit akka faarfatetti ilmni namaa “Gooftaa koo fedha kee gochuudhaaf jaaladhe, seerri kees laphee koo keessa dha, yaa’ii guddaadhaanis tolummaa kee hime”  jechu qaba. Far. 39÷8

Daaqoniin akka daaqonummaa isaatti, Lubni akka lubumma isaatti, Phaaphaasiinille akka Phaaphaasummaa isaatti, akkasumas, miseensi mana kiristaanaa hundinuu akka kiristaanummaa isaattii kennaa waqayyoon isaaf laateen bu ‘aa gaarii busee argamuun isarraa egama. Torbeen kun kennaa kenyaa yaadannee bu’aa maal fakkaatu akka busne ittiin gafannu dha.

Kiristaanootni wangeela lallabuudhaaf, namoota mana kiristaanaa keenyaa kessatti adeemsa sirrii hin taanee hordofan sirreesudhaaf saalfannu jirraa. Kun waqayoon birratti kan nu gaafachiisu dha. Kiristaanootni aangoo tajaajiltummaa ummataa qabnee, tajaajiltoota mana kiristaanaa taanee, daldaltootni, qutee bultootni, barsiisootni fi barattootni waan nu kennameen bu’aa busne argamuun nurraa egama. Kana ta’u bannaan akka tajaajila hamaatti adabbi bara baraaf ni saxilamna.

Laallabaan lallabee nama bay’ee motummaa waqayyoo dhaalchisuu yoo baadhee, Barataan qo’adhee firii gaarii yoo hin galmeessine, qotee bulaan firii facaasee biqilu yoo didee osoo hi jadhiin jabaatee hojjachuun barbaachisaa dha. Ilma namaa irraa wanti barbaachisu hojjachuudha male firii ykn bu’aa busuun hiree Waaqayyooti. Kanaafu jabannee hojjachuun nurraa eegama.

Kennaa nuuf kennameen hojii bu’aa busu hojjanee motummaasaa akka dhaallu waaqayyoon nu haa gargaaru.  

 

 

Dabrazayit

Dn. Addunyaaw Tasfaayeetiin

  Sanbatni(Dilbatni) 5ffaa “Dabrazayit” jedhama. Moggaafni sanbatoota darbaniis ta’e kan isa kanaa kan Qulqullicha Yaareedi. Akka seera mana kiristaanaa keenyaatti guyyaan kun yaadannoo lammata dhufuu Gooftaa itti himamu yoo ta’u, Gooftaan keenya fayyisaan Addunyaa Iyyasuus Kiristoos kabaja guddaa faaruu Ergamtootaatiin dhufuu isaa fi cubbamtootatti murteessuu fi Ebbifamtoota(Qulqullootaaf murteessuuf kan dhufu  ta’uu isaa kan itti barsiifamu dha.

Mata dureen Faaruu guyyaa kana Faarfatamuuf Yemmuu Gooftaan Dabrazayitii  taa’ee ture jedha. Dabrazayitii jechuun gaara mukti Ejersaa itti baay’atu yoo ta’u kan argamus baha Iyyarusaalamitti. Bakki kun kakuu moofaattis ta’ee kakuu haaraa keessatti bakka gara garaa irratti caqafamee argama. Kanneen keessaas:-

 

vQulqullichi Daawiit Abeeseeloomiirraa baqachuuf  kara gaara kanaa akka deeme  ibsameera. ( 2 Sam. 15:30)

vGooftaan keenya bakki kadhanaa itti gaggeesse Geeteesemaanii gaara kana jalatti argamti Mat. 26:30-36

vGooftaan keenya kan gara samiitti bahe Dabrazayitiitti akka ture Luq 24:52 H.D.Bu’ootaa 1:12

vKana malees Gooftaan keenya bakka kanatti deebi’ee akka dhufu raajiin himameera. (Zak 14:4)

vGooftaan keenyas waa’ee deebi’ee murteef dhufuu Isaa bakka kanatti bal’inaan barsiiseera (Mar.13:3)

 

Wangeela Maatiyoos Boq 24:1-36 irratti Duuka bu’ootni Gooftaa yemmuu guyyaa dhufaatii Isaa gaafatanitti guyyaa kana waaqa abbaa malee Ergamootnis ta’ee ilmi namaa akka hin beekne ta’uu ibseera. Barumsi kun  Gowwoota biratti madda shakkii ta’ee kan mul’atu dha.Garuu Gooftaan maaliif kana jedhe yoo jennu abbootiin akka nu barsiisanitti fedhiin beekumsa ilmi namaa kan hin  murtoofne ta’uu isaa irraa kan  ka’e yoo inni jaarraa isaa itti hime bara isaa gaafatuun,yoo  ji’a itti himee  immoo torbee,yoo torbee itti hime sa’aatii gaafatuun ture. Kun immoo ilmi namaa guyyaan dhufaatii isaa fagoodha jechuun cubbuu akka dalagu waan taasisuufii akka saba bara Qulqulluu  Noohi turee jechu dha. Kunis yoo  yeroon isaa himama ta’e namni gaabbiif of hin qopheessu waan ta’eefidha.Kanaafuu Gooftaan keenya yeroo kanatti duuka bu’oota Isaaf mallattoowwan bara dhumaa beeksiseeraa.Mallattoowwaan kunis:-

1.  Mallattoo Siyaasaa

ØWaraanaa fi Oduu  waraanaa addunyaa irratti dhagaa’amuu

ØMarguu baala balasii mootummaa hundeeffachuu Israa’eel.

2.  Mallattoo Diinagdee

ØBeela, Hongee fi sochii lafaa suunamii bakka gara garaa irratti argamuu

3.  Mallattoo  Amantaa

ØAni kiristoosi jechuun namoonni hedduun kan dhufan ta’uu.

 

ØNamootni kiristoosiitti Amanan gidiraa fi dabarsamanii laatamuu

 

ØNamni badii bakka Qulqullinaa irratti argamuu

 

Yeroo mallattoowwan kuniin mul’atan yeroon xumuraa kan qaqqabe  ta’uu isaa baruun namootni akka of eeganuuf kan himame waan ta’eef hundi keenya yemmuu dhufaatii Gooftaa keenyaa yaadannu bakki galma keenyaa eessa? jechuun qalbii gaabbiif qopheessuun yeroo hunda qophoofnee kan Gooftaa eegnu ta’uu qabna.

Guyyaan kunis kan akkanatti moggafameef kitaaboleen guyyaa kana dibbifamanu kan wa’ee dhufaatii Gooftaa ibsanii fi ilmaan namaa bara dhumaa fi murtoo guyyaa sana kennamu yaadachuun mootummaa Waaqayyoo isa bara baraatiif akka of qopheessan barsiisuuf waan ta’eef nus mootummaa darbuu tuffachuun mootummaa hin darbineef of qopheessuunyeroo itti kennuu hin qabnu.Kanaafis Waaqayyo jireenya bara baraaf akka geenyuuf nu haa gargaaru.

 

TORBANOOTA SOOMII GUDDAA

                                TORBANOOTA SOOMII GUDDAA

Guraandhala 23                                                                                                 

                                                                                                                         H/Iyyasuus G/Yohaannisiin   

Torbanooni Soomii guddaa bakka  sadeetitti qoodamu.Torban hundaaf manni kiristaanaa keenya maqaa moggaasteerti.

 

Torban Tokkoffaa:-Zawerede” jedhama.Torban kana kessatti Ilmi Waaqayyoo  Iyasuus  Kirstoos akka Nama ta’ee addunyaa kana fayyise, Waaqayyo jalala namaatii jedhee akka ilma Isaa tokkicha  gara addunynaa kanaatti  akka  erge, Ilma Isaatti kan amane immoo bara baraaf akka jiraachuu danda’u, kan Ilma Isaatti hin amanne immoo akka itti murtaa’u  torban kana kessatti kan barsiisamudha. Wangeellii torban kana keessatti dubatammu immoo;Yohannis 3:10-20  dha.

 

Torban Lamaffaa:-  Qiddist”  jedhama. Torban kana kessatti Waqayyo keenya cubbuu keenya irraa nu qulqulleesuf akka nama ta’e; nutis qulqullina Isa irraa arganne fiixaan basuuf akka soomuu qabnu, akka kadhachuu qabnuu, akka kennaa adda addaa hiyyeesaf lachuu qabnu, kan itti  ibsamu yemmu  ta’u;  kadhanii fi kennaan keeyna akkasumas, soomiin keeyna akka seeraan ta’u kan bal’inaan itti ibsamudha.Torban kana keessatti wangeelli dubbifamu; Mat 6:16 dha.

 

 

 

Torban Sadaffaa:- Mikuraab” jedhama. Mikuraab jechuun bakka Yihudoonni kitaaba itti dubisani, kadhaa  itti godhanii  fi aarsaa  itti raawwatanidha. Garuu isaan seera kana hunda jigsuudhan yemmu  faasikaa isaanii  Horii fi makodii( gugee)  qalmaa, akkasumas, maallaqa itti geeddaru ture. Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoos waan kana argee obsuuf  hin dandeenye  “Mana Abbaa Kootii bakkee bittaa fi gurguuraa hin godhinaa” jedhee moraa kessaa isaan ari’eera.

 

 

Har’as mana kana keessatti waan Waaqayyo hin  eeyyamne raawwachuun ni adabsiisa. Mana jechuun mana kiristaanaa  itti sagadnu qofa  osoo hin taane  qaamni keeynas waan mana quluqullummaa Waaqayyoo  ta’uu qabuuf hundi  keeyna  namummaa keenya keessattii waan Waaqayyo gammachiisuu danda’u yaduu fi hojjachuun nurraa eegama jechuudha. Garuu kana gochuu  baannaan akka qulqqullu Phaawloos dubbate mana Waaqayyoo diioguu keenyaan akka itti gaafatamnu nu hubachiisa. ( 1Qor 3:16)

 

 

 

Torban Afraffaa:- “Matsaaguu” jedhama. Matsaaguu jechuun dhukubsaataa jechuudha. Seenan isaas waggoota 38f bakkee cuphaa Beeta saayidaa jedhamtuutti fayyina argachuuf siree isaa irratti maxanee kan jiraachaa turedha. Bakkee cuphaa kana irratti namootiin fayyan namoota fira qaban ykn namoota human qaban yemmu ta’u, wanta inni firaaf humna hin qabneef yemmu ergamaan Waaqayyoo bishaan sana warraaqsu (sochoosu) namni isa bishaan kessa isa cuuphu wanta hin jirreef Waggoota kanaaf rakachaa ture.

 

 

 

 Garuu firaaf humna dhabee haa jiraatu malee booddee irratti Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos itti dhiyaatee  “Fayyuu Ni feetaa” jedheen dhukubsataan sunis ani nama nagargaaru hin qabu; yemmu ergamaan Waaqayyoo bishaan waraqsu namni bishaan kana keessa na buusu waan hin jirreef namootiin humnaaf fira qaban na dursu jedheen.

 

 Yemmuu  kana Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos “Ka’iitii siree kee baadhuu deemi” jedheen. Matsaaguunis fayyaa isaa argtee siree isaa baate deemuuf danda’eerra. Kana kan godhe Gofta Keenya Iyyyasuus kiristoosi. Maqaan Isaa bara baraaf kan galatoome yaata’u.

 

Har’as namoonni adda addaa nama isaan gargaaru dhabuudhan rakina adda addaatiin fayyaa isaanii dhabaa jiru.  Nama afuutaa ta’uu jechuun ykn kirstaanummaan nama nama dhabeef nama ta’udha. Nama rakkachaa jiruuf qaqabuudha, kan nuti Gooftaa keenya irraa barannus kanadha. Torban kana kessatti Wangeelli dubbisamu Yohannis 5:1-24.

 

Galanni Waaqayyoof haa ta’u, Ameen!

 

Soomaa fi gosoota isaa

Soomaa fi gosoota isaa

Dn. Geetaachoo Baqqalaa Jaankaatiin

 Guraandhala 10,2007

Waaqayyo Gooftaan dhala namaa uumama Isaa keessaa kan yaaduu fi jireenya bara baraa jiraatu taasiseetu uume. Kanaafis Waaqayyo “ Nama akka bifa keenyaatti; akka fakkeenya keenyaattis haa uumnu jechuudhaan fakkeenya Isaatiin of fakkeessee uume (Se. Um. 1:26)

Ilmi namaa garuu gorsa Saaxinaa’eel dhagahuun ajaja Waaqayyoon “Ija mukaa Jannata keessa jiru hunda ni nyaatta, ija mukaa hamaa fi gaarii ittiin beektan sana irraa garuu hin nyaatiinaa” (Uma. 2:17) jechuun abboome dagachuun kan Seexanni bofaan fakkaatee “Hin duutani isin mukichaa irraa yoo nyaattan ijji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan ni beeka” (Uma. 3:2) jecha jedhu dhagahuun abboommii Waaqayyoo ni diigan.

Addaamii fi Heewaanis abboommii dagachuun (Sooma diiguun) ija mukaa “Hin nyaatinaa” jedhaman nyaachuun Waaqayyoo irraa adda bahan, sugni Isaas isaan irraa sokke, qullaa ta’an, burjaaja’anii biyya lafaa irratti abdii malee akka jiraatan ta’e.

Qabxiin asirratti ka’uu qabu, Addaamii fi Heewaan kan Jannataa hari’aman nyaata  nyaachuun cubbuu waan ta’eef miti, Ijji mukaa isaan nyaatanis mukeen kaan irraa adda ta’ee akka eeganii fi akka gara mukichaa hin ilaalle illee abboomamanii abboommii Waaqayyoo kan isaan uumamtoota, Waaqayyoon immoo Uumaa, isaan ajajamtoota Waaqayyo ammoo ajajaa taasiftu sana waan  diiganiif /darbaniifi) malee.

Egaa kanarraa kan hubannu Soomni abboommii Waaqayyootiin eegalamuu isaati.

Sooma jechuun:-

 

  • fedhii foonii hunda fedhii lubbuutiif bichisiisuu/abboomsisuu/,
  • jaalala Waaqayyootiin bitamuun Fedhii/ajaja Waaqayyoo shaakaluu,
  • Yeroo murtaa’eef nyaata soorachuu fi bishaan dhuguu irraa of qusachuu,
  • Guyyoota ykn ji’oota murtaa’aniif nyaata bu’aalee horii (foon, aannan, dhadhaa, killee fi kkf.) irraa of qusachuu jechuudha.

 

Haa ta’u malee, Sooma guutuu kan taasisan kanneen armaan olii lagachuu qofaa miti. Qulqulluu Yaareed akka jedhetti “Miirri keenya hundi tsoomuu qabu:- ijji hamaa ilaaluu irraa, gurri hamaa dhagahuu irraa, arrabni hamaa dubbachuu irraa, harki waan hin malleef diriiruu irraa fi miilli iddoo hin malle dhaabbachuu irraa” lagachuu dabalata.

Faayidaa Soomaa

  • Fedhii foonii lubbuuf abboomsisuun tasgabbii lubbuu argamsiifti.
  • Ilma namaa uumamtoota kaan irraa kan adda taasiftuu fi Qulqulloota Ergamoota waliin wal fakkeessituudha.
  • Boqonnaa sammuu argamsiisa.

Sooma Bara Kakuu Moofaa keessatti

Akkuma armaan olitti eerame Soomni kan eegalame Waaqayyoon Addaamiin “Ija mukaa kana hin nyaatin” jechuun abboommii laate irraa eegaleeti. Sababni isaas Soomni Waaqayyoof abboomamuudha ijaa ta’eef. Addaam abboommii kana ijaa diigeef ayyaanni Waaqayyoo irraa fagaate. Innis baroota hedduuf addunyaa kanarratti jireenya burjaaja’aa jiraate. Namni abboommii Waaqayyoo yoo diige ayyaanni Waaqayyoo irraa fagaata, yoo sagalee Isaa dhagahee fi abboomame garuu ayyaannii fi sugni Waaqayyoo isa waliin jiraata.

Sooma Iyyaasuu fi jaarsota Israa’eel (Iyya. 7:6-9) Bara Iyyaasuun Israa’eel bulchaa ture Israa’elootni wanta hoodaa hin tuqinaa jedhaman ijaa tuqaniif Waaqayyo itti dheekkame. “Iyyaasuun uffata isaa tarsaasee jaarsota Israa’eel waliin Taabota Waaqayyoo fuulduratti ganamaa qabanii hanga galgalaatti adda isaaniitiin gadi gombifamanii  sagadani; gadda irraayis kan ka’e dhukkee mataatti of facaasan”. Iyyaasuu fi jaarsoleen Israa’eel balleessaa dalaganii fi kakuu cabsaniif Waaqayyo irraa araara argachuuf akka sooman hubanna.

Sooma Asteer fi Yihudootaa (Ast.4:16) Haamaan mootii biyya Arxeeks waliin ta’uun sanyiin yihudaa hundi akka dhumu labsee ture. Haadha manaa mootichaa kan turte Asteeris Mardookiyoosiin “dhaqii Yihudoota Suusaa keessa jiran walitti qabi, waa’ee kootiif soomaa, guyyoota sadiif halkaniif guyyaa hin nyaatinaa, hin dhuginaas, anii fi xomboreewwan koos akkasuma ni soomna; lafa mootichi jirutti ol seenuun seera mootummaa kanaan dhorkaa yoo ta’e iyyuu, akka kanatti ani yoon du’es du’inna, gara lafa mootichi jiruutti ol nan gala” jettee ol galte. Du’a lammii ishee irratti ajajames mootichatti himte. Mootiin labsii labsee ture labsii biroon bakka buuse, warri duuni itti murtaa’e jireenya argatan. Haamaan garuu, fannoo Mardookiyoosiif dhaabe irratti fannifame. Kanaaf soomuun badii nurratti labsame gara jireenyaatti jijjiira.

Sooma Daawit (2Saam. 12:17) Mootichi Daawit mucaan isaa dhukkubsannaan ni soome, nyaatas hin nyaanne. Dabalataanis “ani garuu yeroo isaan dhukkubsatan uffata gaddaa nan uffadhe, soomuudhaan namummaa koo gad nan deebise” jechuun faarfateera. (Faar. 34(35): 13)

Sooma Eeliyaas Raajichaa (1Moot. 19:6-10) Bara Elzaabeel Raajota Waaqayyoo albeedhaan fixxe, Raajichi Eeliyaas Elzaabeel jalaa utuu baqachaa jiruu dadhabee iddoo muka jala boqotee jirutti Waaqayyo isa rurrukutuun “ka’iitii nyaadhu jedheen, yemmuus Eeliyaas dammaqee asii fi achi ilaale, bixxillee barbadaa ibiddaa irra jiruu fi bishaan cuggee tokko mataa isaa duratti ni arge, ka’ees bixxillicha nyaatee bishaanichas dhugee deebi’ee rafe”. Kanaan booda guyyoota afurtamaaf gara Tulluu Waaqayyootti soomaan ture.

Soomanni fayyina ilmaan Waaqayyoof akka barbaachisu Raajaan Iyyu’eelis akkas jedheera (Iyyu. 2:15) “Tsiyoon keessa finnoo afuufaa sooma qulqullaa’aa labsaa, walga’ii qulqullaa’aas waamaa”

Bara rakkinaa fi hacuuccaan alagaa baay’ate Waaqayyoo waliin kan dubbannu karaa soomaatiin akka ta’e Raajaa Daani’eel akkas jechuun nuu katabeera. “Bara sana ani Daani’eel torban sadiif gaddaan ture, torban sadi hanga guututti ani nyaata addaa hin nyaanne, foon, daadhiin, wayiniinis afaan koo hin geenye, dibatas hin dibanne” (Dan. 10:2)

Daawiit ammoo akkas jedha “Soomuu irraan kan ka’e jilbi koo na hollate, foonkoos  dhadhaa dhabuu koorraa kan ka’es na dadhabe” (Faar. 108:24) jedhe.

Sooma Raajaa Daani’eelii fi Faarfataa Daawit kana irraa qabxiin barannu soommanni barbaachisaa ta’uu caala iyyuu maal maal irraa soomuu akka qabnuudha.

Sooma Saba Nanawee:- Sabni Nanawee bara Waaqayyo isaanitti dheekkame guddaa fi xiqqaan, sa’aa fi namni isaanii hundi guyyoota sadiif ijaa soomaniif dheekkamsi Waaqayyoo gara araaraatti jijjiirameefii fayyina argataniiru. (Yoon. 3:5)

Sooma Kakuu Haaraa Keessatti

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos gara dachee kanaa kan dhufe seeraa fi tumaa kakuu moofaa haquuf ykn jijjiiruuf ijaa hin taaneef gochootni kakuu moofaa keessatti raawwatamaa turan bara kakuu haaraa keessattis inumaayyuu daran cimuun itti fufanii jira. Soomnis akkuma bara kakuu moofaa, bara kakuu haaraas itti fufee jiru. Sooma kakuu haaraa kan eegale immoo, soomuu osoo Isa hin barbaachisin dhala namaaf fakkeenya ta’uuf, Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha.

Gooftaan sooma kakuu haaraa kan eegale ‘soomaa’ jechuun qofa osoo hin taane gara Kuwaala (gadaamii) Qoronxoos deemuun guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf soomuudhaani. (Maat. 4:2) Gooftaan kan soome kaayyoo gara dachee kanaa itti dhufe (dhala namaa fayyisuu) osoo hin eegalin, hangafa tajaajila/fayyina dhala namaa taasiseetu. Kanaaf tajaajila afuuraa kamiyyuu eegaluu dura soomni barbaachisaa ta’uu hubanna.

Sooma kan soomnu utuu nyaachuu fi dhuguu dandeenyuu fedhii keenya daangessuudhaani. Wangeelli akkas jedha mitiiree! “gammadaa isin amma kan beeloftan quufuudhaaf jirtu” (Luq.6:21) kana jechuun utuu nyaachuu dandeenyuu Waaqayyoof abboomamuuf soomni soomnu boru gammachuu daangaa hin qabne argachuufidha. Kanaaf beela keessan ammaa hin ilaalinaa, boru gooftaa keessan wajjin gammachuu qabduuti! (Maat. 6:16, Maat. 9:15, Maar. 9:29, Hoj. 13:3, Hoj. 27:21)

Akka seera Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti soomni bakka lamatti qoodama:-

  • 1.     Sooma Dhuunfaa

Sooma dhuunfaa kan jedhamu kan luba abbaa gaabbii waliin mar’ichuun soomamuudha. Kuni dhoksaatti kan soomamuudha. Inni biroo immoo soomni akka abaaboo (Tsiggees) as sooma dhuunfaa jalatti kan ramadamuudha. Soomni kun fedhii nama soomuu irratti kan hundaa’udha.

  • 2.   Sooma Ajajaa
  • Kuni kiristaanni kamiyyuu sooma soomuu qabuudha.
  • Soomni ajajaa gosa torba qaba

2.1           Sooma Guddaa (Sooma Gooftaa)

2.2          Sooma Duuka Bu’ootaa

2.3         Sooma Raajotaa

2.4         Sooma Filchataa

2.5         Sooma Ifaa (gahaadii)

2.6         Sooma Warra Nanawee

2.7         Sooma Fayyinaa (kan Roobii fi Jimaata soomamu)

Kunneen sooma ajajaa kiristaanni kamiyyuu soomuu qabu yoo ta’an, sooma Gooftaa kana turban torbaniin qoonnee kan ilaallu waan ta’eef nu hordofaa jechaa soomnee akka eebbifamnu Waaqayyoon Gooftaan keenya nu haa gargaaru, araarri Haadha Keenyaa Qulqulleetti Dubroo Maariyaam, eegumsi Ergamootaa nu waliin haa ta’u. Ameen!

 

 

“Cubbuu irraa dhiqamuu(qulqullaa’uu) argachuuf Cuuphaa tokkitiitti ni amanna!”

“Cubbuu irraa dhiqamuu(qulqullaa’uu)  argachuuf Cuuphaa tokkitiitti ni amanna!”                                               ( kadhannaa Amantaa keewwata 10)                                                                                                                            Amajii9                                                                

 Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun

 

 Kan bishaanii fi dhiigaan dhufe kanadha; Innis Iyyasuus Kiristoos  bishaanii fi dhiigaan, Afuuraan malee bishaaniin qofa miti” jechuun duukaabuutichi qulqulluu Yohaannis  isa barreesse ka’umsa godhachuun kaayyoo cuuphaa Gooftaa hubachiisuuf yaalla.( 1Yoh.5:6) duukaabuutichi Gooftaan bishaanii fi dhiigaan dhufe jechuun isaa  waa’ee cuuphaa Gooftaa fi cubbuu keenyaaf jecha dhiiga Isaa fannoo irratti dhangalaasuu fi du’uu Isaa hubachiisuufidha. Kunis bishaanii fi dhiiga cinaacha Isaa mirgaa irraa lola’e nutti agarsiisa. (Yoh. 19: 34)

Dhiignii fi bishaan bakka tokkoo yeroo tokkotti waliin dhangala’uun isaa cuuphaanii fi duuti Gooftaa kan wal qabate ta’uu  isaa nu hubachiisa. Isaanis icciitiiwwan mana Kiristaanaa hundaaf bu’uuradha. Gooftaanis “Cuuphaan cuuphamu tokko jirti; hanga ishiin raawwattutti attamin dhiphadha?” jechuun kan  dubbate  waa’ee du’a Isaa ture.     ( Luuq. 12:50)

 

Egaa, dhufaatiin Gooftaa jalqaba irratti bishaanii fi Afuuraani. Kana jechuunis Gooftaan keenya nama fayyisuuf gaafa guyyaa jimaataa  hojii dhukkubbii fi du’a Isaa fannoo irratti raawwachuuf  jiru kan eegale gadi of qabuun harka Yohaannis cuuphxsichaatiin laga Yordaanositti cuuphamuun ture jechuudha. Kanaafuu, Gooftaan bishaanii fi Afuuraan dhufuun Isaa namoota dhukkubaa fi du’a Isaa amananii cuuphaman hundaaf cubbuu irraa dhiqamuu , kennaa  Afuura Qulqulluutiin dhaloota haaraa, jireenya haaraa fi du’aa ka’uu laphee kennuufidha.

   Cuuphaan Gooftaa Dhukkubsachuu fi Du’a Isaa agarsiisa.

Gaaffii cuuphaan Gooftaa attam ture? Jedhu laphee keenyatti qabannee deebii isaa haa barbaannu. Raajaan (Raagaan) guddaa Gooftaa cuuphe, Yohaannis, namoota hunda gara gaabbiitti akka waame cuuphaa ture. Kiristoosiin garuu, cuuphuuf garaa hin jabaanne. Eenyummaa Kiristoos waan beekuuf uummata fuulduratti akkas akkajedhe dhugaa baheera.

Ani hoo gaabbiidhaaf bishaaniin isin cuupha; Inni ani kophee Isaa baachuun naaf hin taane, ana booda dhufu garuu ana caala cimaadha. Inni Afuura Qulqulluudhaan; ibiddaanis isin cuupha. Qoorbiin Isaas harka Isaarra jira; oogdii Isaas gonkumaa ni qulqulleessa. Qamadii Isaas gombisaa( gotoraa) Isaatti naqa; habaqii (galabaa) isaa garuu ibidda hin dhaamneen guba” ( Maa.3:11-12) 

Dabalataanis cubbuu addunyaa hunda kan dhabamsiisu hoolaan Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos ta’uu Isaa  Yohaannis cuuphxichi kun barsiiseera.(Yoh.1:29) Yohaannis inni ragummaa kana hunda kenne kun akkamiin Gooftaa cuuphe? Gooftaanoo maalif cuuphame? Gaaffilee jedhaniif deebiin isaa gabaabinaan haala armaan gadiitiin dhiyaateera.

Sababni guddaan itti Gooftaan cuuphameef cubbuu namootaa balleessuu fi qulqullummaa hunda raawwachuuf waan ta’eef  gadi of qabuun akka hoolaa Waaqayyoo cubbamtoota hundaaf aarsaa ta’uuf qophaahuu Isaa ibsuuf gara bishaan Yordaanos seeneera. Kunis dhukkubbii fi du’a fannoo irratti fudhachuuf jedhe beeksisuu fi cuuphaa tokkittii cubbuun ittiin dhiqamu fayyina keenyaaf akka ta’utti eebbisee nuuf kennuufidha. Kana waan ta’eefidha Yohaannis cuuphxichi “Hoolaan Waaqayyoo cubbuu addunyaa dhabamsiisu kunooti” jechuun  warra cubbuu isaanii akka himatan cuuphaman hundatti hime.kunis sababa malee hin himamne. Hiikni cuuphaa fi du’aa kan wal qabatee fi wal unatu waan ta’eefidha.

Egaa Gooftaan cuuphaa Isaatiin dhiigaa fi bishaan gaafa guyyaa jimaataa cinaacha Isaa keessaa bahuun cubbuu addunyaa kan balleessu ta’uu ibseera. Kanaafuu, cuuphaadhaan cubbuu irraa dhiqamuu akka argannuuf  ofii Isaa cuuphamee akka cuuphamnuuf  seera cuuphaa nuuf hundeesseera. Har’as sababa icciitii cuuphaa mana kiristaanaa keessatti raawwatuun bishaan jireenyaa  cinaacha Gooftaa irraa dhangala’uun cuuphamnee cubbuu fi abaarsa irraa fayyina. Hiikaa cuuphaa Gooftaa caalmaatti baruuf isa barreessaa Wangeelaa ququlluu Maatewoosiin barreeffame sirriitti haa ilaallu.

Yeroo sana Iyyasuus Yohaannisiin Cuuphamuuf Galiilaa irraa gara Yordaanositti dhufe. Yohaannis garuu aniyyuu siin cuuphamuutu na barbaachisa Ati gara koo dhuftaa? Jedhee Isa dhorkaa ture. Iyyasuusis deebisee  ammawoo naaf eeyyami; egaa qulqullummaa hunda raawwachuutu nurra jiraata jedheen. Yeroo sanas eeyyameef.Iyyasuusis erga cuuphamee booda osoo hin turiin bishaan keessaa bahe;kunoo samiiwwan banamanii Afuurri Waaqayyoos akka gugeetti bu’ee yeroo Isa irra qubatu arge, kunoo sagaleenis samii irraa dhufee “ Ilmi koo ani jaaladhu; kan Ani Isaan gammadus Isadha jedhe” ( Maat. 3:13-17)

Sagalee wangeelaa kana irraa wanti barannu  icciitii baay’eetu jira. Kiristoos kan cuuphame qulqullummaa hunda raawwachuuf  akka ta’e ibsameera. Bu’uuruma irraa Kiristoos gara addunyaa kanaa kan dhufe addunyaa cubbuudhaan bade hojii qulqullummaatiin eebbisuu fi fayyisuuf, uumama haaraa akka ta’u taassisuufidha. Yoom illee taanaan Gooftaan  faayidaa mataa Isaatiif jecha gara addunyaa kanaa hin dhufne. Wanti inni raawwatu hundis faayidaa mataa Isaatiif osoo hin taane dhala namaatii jecha ta’uu isaa keewwata amantaa keessatti baranneerra.

Egaa, Gooftaan yeroo cuuphame balbalaa fi daandii qulqullinaa fi jireenyaa nuuf saaqee amantaa fi cuuphaa ittiin uumama haaraa taanee dhalannu nuuf hundeesse.namni hunduu Kiristoositti amanuun cubbuu isaa irraa qulqullaa’ee gara Waaqa isaa kan deemu karaa balbala Kiristoos  isaadhaa bane, karaa cuuphaatiini. Gooftaan bishaanii fi Afuuraan kan dhufe nuti bishaanii fi afuura irraa dhalachuun uumama haaraa taanee mootummaa Waaqayyootiif kan dhiyaanne nu taassisuufidha. (Yoh. 3:5)

             Gooftaan Cuuphaa Isaatiin Icciitii Cuuphaa nuuf Hundeesse

Cuuphaan Gooftaa kan icciitiin Sillaasee ittiin ifa bahe; kan icciitiin foonii ittiin mirkanaa’ee fi kan ittiin icciitin cuupha hundaa’e waan ta’eef amantaa fi fayyina keenyaaf jalqabaa fi bu’uura ta’eera. Gooftaan cuuphamuu Isaatiin kana hunda nuuf argamsiiseera. Nutis Sillaaseetti amannee maqaa Abbaa Ilmaa Afuura qulqulluutiin cuuphamnee mucummaa Sillaasee kan argachuu dandeenye  karaa icciitii cuuphaa isa Gooftaan nuuf hundeesseenidha.

Egaa, akkuma armaan olitti caqasame Gooftaan kan bishaanii fi Afuuraan dhufeef nuti bishaanii fi Afuura irraa dhalannee mootummaa Waaqayyoo seenuu akka dandeenyuuf ta’uu hubachiisuuf kitaabolee qulqulluu irraa baranneerra.

Gooftaan keenyas icciitii cuuphaa erga nuuf hundeessee booda namni kam iyyuu bishaanii fi Afuura irraa yoo  dhalate malee mootummaa Waaqayyoo kan hin seenne ta’uu Niqoodimoositti akkana jedhee itti hime:

Dhugaa dhugaan siin jedha; namni lammata yoo dhalate malee mootummaa Waaqayyoo arguu hin danda’u jedheen. Niqoodimoosis namni erga dulloomee booda akkamiin dhalachuu danda’a? lammata gara gadameessa haadha isaa seenee dhalachuun isaaf danda’amaa? Jedheen. Iyyasuusis akkana jechuun deebise: “ dhugaa dhugaan siin jedha namni bishaanii fi Afuura irraa yoo dhalate malee gara mootummaa Waaqayyoo seenuu hin danda’u. Kan foon irraa dhalate foonidha; kan Afuura irraa dhalates  Afuuradha. Lammata dhalachuun isin barbaachisa waanan jedheef hin ajaa’ibsiifatiin. Qilleensi gara jaalatutti bubbisa; sagalee isaa ni dhageessa. Garuu garamii akkadhufe garamittis akka deemu hin beektu; kan afuura irraa dhalate hundis akkasumadha” ( Yoh. 3:3-8)

Akkuma caqasa armaan olii kana irratti ilaalle waa’ee lammata dhalachuu akkuma Niiqoodimoos rakkate har’as namoota tokko tokkotti dubbichi osoo hin ulfaatiin hin hafne. Bu’uurumaan Gooftaan gara addunyaa kanaatti dhufuun Isaa addunyaa cubbuudhaan harfaa’e;dhala namaa hojii fooniitiin babbade hunda fayyisuu fi haaromsuuf kennaa dandeessisu, kennaa Waaqayyootiin dhalachuu haaraa fi jireenya haaraa badhaasuufidha. Kan isa moofaa dhiisnee jireenya haaraa argachuu dandeenyu ammo yeroo bishaanii fi Afuura irraa dhalannudha.

Bishaanii fi Afuura irraa dhalachuu jechuunis, dhukkubsachuu fi duuti Gooftaa keenyaa cubbuu keenyaaf jecha ta’uu amanuu fi nutis hirmaattota du’aa fi awwaala Isaa ta’uu keenya, akkasumas Afuura qulqulluudhaan  hirmaattota du’aa ka’uu Isaa ta’uu keenya jechaa fi gochaan  ibsuun jireenya Afuuraa haaraa jiraachuu jechuudha. Kana waan ta’eefidha duukaabuutichi qulqulluu Phaawuloos  bishaan irraa dhalachuu jechuun cuuphaa du’aa fi du’aa ka’uu Gooftaa wajjin wal unachiise.

Warreen Kiristoos Iyyasuus wajjin tokko ta’uuf cuuphamne hundi keenya du’a Isaa wajjin tokko ta’uuf akka cuuphamne hin beektanii? Egaa, Kiristoos kabaja Abbaa Isaatiin du’a irraa akka ka’e, nutis immoo akkanuma jireenya haaraadhaan akka deddeebinu du’a Isaa wajjin tokko ta’uuf cuuphaadhaan Isa wajjin awwaalamne. Du’a du’a Isaa fakkaatuunis Isa wajjin yoo hirmaanne  du’aa ka’uu du’aa ka’uu Isaa fakkaatuun immoo Isa wajjin hirmaanna.kana booda akka cubbuudhaaf hin bitamne foon cubbuu akka haqamuuf namummaan keenya inni dulloomaan Isa wajjin akka fannifame ni beekna; inni  du’es cubbuu isaa irraa qulqullaa’eeraawo. Garuu, Kiristoos wajjin yoo dune, Isa wajjin ammo lubbuudhaan akka jiraannu ni amanna” ( Room. 6: 3-8)

Egaa, Kiristoos ofiif cuuphamee akka nuti cuuphamnu kan taassiseef hirmaattota du’aa fi du’aa ka’uu Isaa akka taanuufidha. Gooftaan cuuphaa Isaatiin cubbuu dhala namaa hundaaf fannoo irratti du’uu Isaa nu hubachiisa. Nutis cuuphaa keenyaan hirmaattota Gooftaa yemmu taanu cubbuudhaaf du’uu keenya, jechuunis,hojii hamaa irraa adda bahuu keenya afuura qulqulluudhaaf bitamuu keenya jireenya keenyaan kan raga baanudha. [ cuuphaan] daandii dhugaa jireenya cubbuu irraa gara jireenya kennaa Waaqayyootti  ittiin ceenudha. Akkuma Iyyaasuun  Yordaanosiin cehee uummata Israa’eel hunda ceessisee fi lafa iristii isaanii isaan dhaalchise, Gooftaan keenyas cuuphamee akka cuuphamnu nu taassisuu Isaatiin du’a irraa gara jireenyaatti nu ceessiseera. Jannataa fi mootummaa Waaqayyoo nu dhaalchiseera.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!  Baga guyyaa Cuuphaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ga’e!  Ameen!

 

Ergamoota qulqulloota

Ergamoota qulqulloota

Mazgabuu Kafyaalawuun

Waaqayyo guyyaa dilbataa (guyyaa jalqaba  uumama uumuu eegaletti) ergamtoota Isaa uumee jira. Yemmu ergamtoota Isaa uumettis bakka hin jirree gara jireenyaatti isaan fidee uumeera.

Namoonni tokko tokko garuu sagalee Raajaa Waaqayyoo Daawitiin “Ergamootasaa afuura (qilleessa) taasisa; tajaajiltoota Isaas laboobin abiddaa taasise” (Faar.103:4)  jedhu qabachuudhaan egamoonni kan uumaman uumama irraa innis qilleensaa fi ibidda irraati jechuun yemmu dubbatan ni dhagahama. 

 

Haa ta’u malee raajaan Daawit yemmu kana jedhu ergamtoonni maal irraa akka uumaman ibsuuf osoo hin taane Ergamoonni Waaqayyoo  akka abiddaa kan xuqamuu hin dandeenye, akka qilleensaa saffisoota taasisee isaan uume jechuu akka ta’e abbootiin ni barsiisu.

Kunis kallattiin waa’ee tajaajila isaanii kan ilaallatudha. Abiddii fi qilleensi tajaajila Ergamootaaf  fakkeeffamee yeroo ibsamu kan agarsiisudha. Ibiddi cimaadha, harkaan qaqqabatamuu hin danda’u, ergamtoonni Waaqayyoos cimoodha,

Qilleensi saffisaadha; ijaan argamuu hin danda’u akkasuma ergamtoonni Waaqatyyoos tajaajilaaf saffisootadha  kan ijaan hin argamnedha. Kanaaf Raajichi daawwit caqasa armaan olii kana  kan dubbateef tajaajila ergamtootaa ibsuuf malee ka’umsa uumama isaanii ibsuuf maal irraa akka uumamanis caqasuuf miti jechuudha.Kana haata’uyyuu malee mudaan abiddaa fi qilleessa irra jiru qulqulloota Ergamootarra akka hin jirre hubachhu qabna.

Waaqayyo ergamoota Isaa uumee seeraa fi sirna malee akkasumaan kan dhiise osoo hin taane qomootiin qoodee magaala hiree isaan teessiseera.

Kunis qulqulluu Eephiifaaniyoos kitaaba isaa “Aksiimaaroos”  jedhamee beekamu irratti  “Waaqayyo Ergamootasaa guyyaa sanbata guddaa (Dilbataa) uumee magaalota  Sadii , isaanis, Iyyoor, Raamaa fi Eerer keessa  isaan kaa’e, magaalaatiin Sadii, qoomootiin Dhibba taasisee  isaan remade” jechuun  ibseera.

Ergamoonni qulquloonni qoomootiin akka dhibba ta’an Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos wangeela Isaarratti  “Maal  isinitti fakkaata? Namni tokko hoolota Dhibba tokko yoo qabaate isaan keessaas osoo tokko badee warra Sagaltamii Sagal sana tulluu (gaara) irratti dhiisee deemuun isa bade tokko sana hin barbaaduwoo?” jechuun fakkeenyaan barsiiseera. (Maat.18:12)

Bakka hangafa Ergamootaa isa duraa Saaxinaa’eel bakka kan bu’ee booda sababii yakka dalageen gara biyya gidiraatti kan bade abbaa hunda keenya Addaamidha.

Angafoota Ergamootaa

Waaqayyo ergamoota uumee seeraa fi qajeelfama malee akkasumaan isaan hin dhiisne. Akkuma armaan olitti ilaalle magaalota sadii fi qomoo dhibbaan isaan qoodee yemmu muudetti angafoota( dursitoota) ammo isaaniif muudee jira.

 

Egaa, angafoota ergamtootaa yemmu jennu dursitoota( hooggantoota) ibsuuf kan itti fayyadamnudha malee ergamtoota keessa umuriidhaan waldursanii angafaa fi quxisuu jechuun adda baasuuf miti. 

Ergamtoonni angafoota qabaachuu isaaniis kitaaba qulqulluu irratti bakka adda addaatti karaa tokkoonis ta’e karaa biraa barreeffamee argina. Qulqulluu Yohaannis abbaa wangeelaa mul’ata isaa keessatti:- “ Ergamtoota turban Waaqayyo fuuldura dhaabatan arge” ( Mul.8:2) jechuun ergamtoonni angafootaa (dursitootni) torba jiraachuu isaanii nuuf ibsa.

Heenook immoo kitaaba isaa keessatti ergamoota muraasa maqaadhaan adda baasee Uraa’eel, Rufaa’eel, Raagu’eel, Mikaa’eel, Saraqaa’eel,Gabri’eel jechuun waamee jira( Hen.6:1-7)

Raajichi Daani’eel ammo qulqulluu Mikaa’elii fi Qulqulluu Gabri’eeliin maqaadhaan adda baasee waamee kan jiru ( Daan. 8:16; 10:13) yoo ta’u, kitaaba Iyyaasuu Ilma Nawwee irratti ammo qulqullichi Mikaa’el “dursaa raayyota Waaqayyoo” akka ta’e ankii ykn aangoo isaa wajjin  ibsamee jira ( Iyyaasuu 5:15).

Qulqullichi Luuqaas Wangeela isaa irratti maqaa qulqulluu Gabri’eel kan caqase ( Luuq.1:19) yoo ta’u, qulqullichi Phaawuloos ammoo ergaa isaa gara tasaloonqeetti barreesseen “ sagalee dursaa ergamtootaatiin samii irraa bu’a” jechuudhaan qulqullicha Mikaa’el caqaseera( 1Tas.4:16)

Kitaaba  Xoobiit irratti  “ kan kadhannaa qulqullootaa gara Waaqayyootti ol baasan; kan gara Gooftummaa Waaqayyoo isa kabajamee fi ol ol qabameettis kan galchan ergamtoota dursitoota kabajamoo toorban keessaa ani Rufaa’el tokkodha” ( Xoob.12:15) jechuun ergamtoonni angafootaa torba ta’uu isaanii ibsee jira.

Ergaa yihudaa irratti ammo  “ dursaa ergamtootaa qulqulluu Mikaa’el” akka ta’e kan caqase ( Yihu.lakk.9) yoo ta’u, mul’ata Yohaannis irrattis“ Mikaa’elii fi ergamoonni isaa …. ( Mul.12:7) jechuu isaatiin qulqulluu Mikaa’el angafummaa ( hoogganummaa)dhaan ergamtoonni qulqulloonni inni irratti muudame jiraachuu nuuf ibsa.

Egaa  abbaa hundumaa kan ta’e Waaqayyo uumama uumee seeraa fi sirna malee akkanumaan kan hin dhiifne ta’uu hubanna. Ergamtoota Isaatiif illee seera baasee, Magaalaa uumee ankii fi aangoodhaan adda baasee akka isaan wal hoggananii fi waliif hoogganaman taassisuudhaan akka isaan muude hubanna.

Akka kitaaba aksiimaaroos irraa hubannutti Waaqayyo ergamoota Isaa magaalota sadim keessa yemmu isaan kaa’u, qomoodhaan qoodee, hoogganaa muudee ta’uu isaa haala armaan gadiitiin nuuf ibsee jira.

                   Magaalota ergamootaa Sadanii fi hooggantoota isaanii

1.      Iyyoor

Waaqayyoo samii Iyyoor keessatti qoomota Ergamoota Afurtma ramadeera. Isaaniinis bakka Afuritti qoodee Hooggantoota Afuur muudeef.

Iyyooriinis akka gamoo fooqii taasisee kutaa  Afuritti ishee qoodeen. Magaalaa isa irra keessatti qoomoo kudhan qoodee  Agaa’izt  jedhee isaan moggaasee Saaxinaa’eeliinhooganaa  isaanii taasise muudeen.

Magaalaa isa Lammaffaa irratti qoomoo kudhan qoodee  Kiiruubeel jedhee eega moggaseenii booda Ergamaa Kiiruub jedhamuu hoogganaa taasisee muudeef. Hizqi 10:1.

Magaalaa isa Sadaffaa irratti qoomoo kudhan qoodee Suraafeel jedhee moggaasee booda Ergamaa Suuraafii jedhamu hoogganaa taasisee muudeef.

Magaalaa isa Afuraffaa irratti qoomoo kudhan qoodee  Hayilaat jedhee moggaasee booda qulqulluu Miikaa’eelii hoogganaa taasisee isaaniif muudeen. 1Pheexi 3:22. “Ani oogganaa raayyota Waaqayyoo ta’een amma dhufeera.” Iyya.5:14, “Oogganaa keessan Miikaa’elii malee eenyuyyuu kan na jajjabeessu hin jiru. Daan10: 21, “Oogganaa inni guddaan Miikaa’eeliin ni ka’a” Daan.12:1, “Hangafni Ergamootaa qulqulluu Miikaa’eeliin yennaa Diiyaabiiloosii wajjiin falmetti waa’ee foon (reeffa) Musee yennaa dubbatetti gooftaan siin haa ifatu jedheen” Yuhu.Lakko.9

2.     Raamaa

Waaqayyo sammii Raamaa keessa qoommo Ergamootaa Soddoma ramadeen. Isaanis bakka Saditti qoodee Hooggantoota Sadi isaaniif muude.

Raamaas bakka Sadiitti qoodeen. Magaalaa ishee jalqabaa irratti qoomota Kudhan qoodee Arbaab jedhee eega moggaasee booda qulqulluu Gabri’eel hoogganaa taasise muudeef.

Magaalaa ishee Lammafaa keessa qomoo kudhan qoodee Manaabirt jedhee mooggaasee booda qulqulluu Rufaa’eel Oogganaa taasisee muudeef.

Magaalaa isa Sadaffaa keessatti qoomoo kudhan erga qoodee  Silxaanaat  jedhee eega moggaaseenii booda Ergamaa isa Sur’eel jedhamu hoogganaa taasiee muudeef. 1Pheex.3:22

  3.   Eerer

Waaqayyo Eereriin keessa qoomota Ergamootaa Soddoma ramade. Isaniins bakka Sadiitti qoodee Ooggantoota Sadii isaaniif ramade.

Magaalaa isa jalqabaa keessatti qoomoo Kurnaan Mekuwaaninti jedhee mooggasee booda Ergamaa isa Saadaka’eel jedhamu Oogganaa taasisee muudeef.

Magaalaa isa Lammaffaa keessatti  qoomoo kudhan qoodee  Liqaanaat  jedhee moggaasee booda Ergamaa Salaataa’eel jedhamu muudeef.

Magaalaa isa Sadaffaa keessatti qoomoo Kudhan qoodee Melaa’ikt  jeedhee eega moggaaseee booda Ergamaa Anaani’eel jedhamu hoogganaa taasisee muudeef.1Phex.3:22

EgaaErgamonni Waaqayyoo haala kanaan uumamanii qomoo fi magaalaatoonqoodaman dhala namaa fi Uumaa hundumaa kan ta’ee Waaqayyoon gidduutti tajaajilaaf saffisu. Waaqayyo biraa dhiifama fi arjummaa Isaa gara dhala namaatti gadi fidu. “Yaa Daani’eel ogummaa fi hubannoo akkan siif kennuuf amma gara kee dhufeera” kan jedhu jechi qulqulluu Gabri’eel kana ibsa. (Daan.9:22)

Akkasumas kadhannaa fi aarsaa namootaa gara Waaqayyootti ol geessu (ol baasu). Kanaafis ragaa kan ta’u  “Kadhannaa kee fi aarsaan kee (kennaan kee) gara Waaqayyootti ol ba’e.” kan jedhu jecha sagalee Ergamaa Waaqayyotidha. (Ho.du.bu.9:4).

 

Tajaajilli isanii inni guddaan garuu Waaqayyoon galateffachuudha. Yeroo hundumaa boqonnaa malee “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu yaa Gooftaa raayyotaa Waaqayyo” jedhanii Sadummaa fi Tokkummaan  kan jiraatu Waaqayyoon ni galateeffatu. Ergamoonni qulqulloonni akka kanani Uumaa isanii Waaqayyoon faarsaa jiraatu. Isa.6:3