Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam

in Dubbii Qulqullootaa

Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam

 Dn. Zalaalam Daggafaa  fi

 Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

                                      

 Ji’oota dura waa’ee haati keenya qulqulleetii dubroo Maariyaam Waaqayyoon filatamtee Waaqayyo Gooftaan keenya dhala namaa fayyisuuf jecha dubartoota keessaa akka ishee filate ilaallee turre. Amma ammo waa’ee dhaloota ishee ilaalla Waaqayyo laphee hubatu nuuf haa kennu.

                           Dhalachuu Ishee

  Jalqaba irratti waa’ee maatii haadha keenya Maariyaam, akaakilee Ishee fi jireenyi  afuuraa isaanii    akkam akka ture muraasa ibsuu  yaalla.

 Waaqayyo fuulduratti kan jaalataman, amantaa fi  hojii gaarii tiin cimanii (jabaatani) jiraachaa kan turan akaakileen hadha keenyaa  Dubree Maariyaam Teektaa fi pheexriiqaa(Phaxriiqaa)  jedhamu.  Isaanis Sooreyyoota(sooressoota)  hunda qaban turan. Baay’inni qabeenya isaaniis lakkoofsaa fi safara (daangaa) hinqabu ture.Garuu ijoollee(dhala) hin qabani ture.

 

  Guyyaa keessaa gaafa tokko Teektaan mana galmeewwan( kuusaa qabeenyaa) isaa seenee baay’ina qabeenya isaa ilaalee haadha manaa isaa Phaxriiqaadhaan  “Ati maseena; anis maseena dha; qabeenyi kun hundi eenyuuf ta’aa? ‘’ jedhee ishee gaafate.  Isheenis  «Waaqayyo narraa mucaa yoo si dhowwate kan biraa fuudhi; mucaas dhalchi siif eeyya meera!» isaan jette

Innis jecha ishii kana dheekkamuun «Ani akkan  kana hin raawwanne Waaqni  Israa’el  ni beekaa!» jedheen.

 Kanumaan osoo gaddaa jiranii mul’ata arganiiru. Kunis waatii (jabbii xiqqoo)  bifti ishii adii ta’e   dallaa loonii(foonaa) isaanii keessaa hogguu baatu, waatittiin waatii biraa akkaa dhalte hanga jahaaffaa geessee isheen jahaffaan addeessa(ji’a) deesse addeessittiin ammoo biiftuu  yeroo deessu arganii gara nama abjuu hiikuu deemanii gaafatan.  Innis  mucaa gaarii ni argattu (ni deessu) Addeessittiin mucaa uumamaan ol taatedha. Dubbiin biiftuu garuu natti hin mul’anne  isaaniin jedhe. Isaanis kana hoo yeroon haa hiiku jedhnii deeman. Kana booda Phaxriiqaan ulfooftee deesse. He’eemeen jattee maqaa bafteef (moggaafte) He’eemeen Deerdeetiin deesse; Deerdeen, Toonaatiin deesse, Toonaan Siikaariin deesse,Siikaar Hermeellaa deesse,Hermeellaan Faasteeniin deesse,Faasteeniin Haannaatiin deessee tti.

 Haannaa jechuun amantaa fi hojii gaariin kan jabaatte, qulqullinaan kan faayyeffamte, kabajamtuu,eebbifamtuu, uumama gaariij  jechuudha.

Dubartiin hojii gaarii fi amantaa dhaan kununfamtee guddatte kun yeroo umurii gaa’elaaf geese nama sanyii Yihudaarraa dhalate nama qajeelaa Iyyaaqeem jedhamutti heerumsiisan. Haannaa fi Iyyaaqeem jiireenya isaanii gammachuu fi jaalalaan gaggeessaniyyuu maseenummaan akaakileesaanii isaaniinis qaqqabe. Waaqayyo gadanmeessa Haannaa akka banu laphee cabeen kadhannaatti cimanii jiiratu ture. Baay’inni qabeenya isaaniis hangasa  mara baay’ee hin turre.

                    Ollaa Haannaa kan turte dubartiin sagaagalummaatiin jiraattu tokko jirti ture.  Guyyaa keessaa gaafa tokko Haannaan isheetti dhiyaattee har’a  mana kiristaanaa deemuuf jedhee yaddeen ture garu huccuun uffadhu hin qabu jettee itti himte. Dubartittiin kunis huccuun koo lamaa fi isaa ol kan ta’u jira kan koo uffattee maaliif hindeemtuu? jetteen. Hannaan garuu huccuu cubbuudhaan argamedha; Waaqayyo amaluuma Isaatiin ququlluu waan ta’eef  kana hin  jaalatu jettee deebisteef. Dubartittiin kunis akkas jettee dubbii laphee xuquutiin dubbatte  “Haannaan sababa maaliif mucaa ishee dhowwe jedheen siif gadda ture, garuu, kan  akka dhagaa gogsee si hambise hammeeanya keeti.’’ Jetteen. Haannanis baay’ee gaddite.

                Yeroo biraas aarsaa dhiyyeeffanna jedhanii mana  qulqullummaa deemnaan hangafti lubootaa Roobeel “Aarsaa (wareega) warra maseenaa hin fuudhiin.’’ Kan jedhu jira,isin warra Waaqayyo waadaa Addaamiif kenname kan”horaa, baay’adhaa, lafa guutaa’’ jedhu isin dhoowwe mittii? Waaqayyo waan isin jibbeef malee osoo isin jaalatee mucaa isinii kenna ture; wareega keessan akka galchattaniifis carraa isinii kenna ture jedhee isaan deebise.

      Hambaa aarsaa isa maanguddoonni Israa’el warri dhala qaban nyaatan sana isaan dhowwate. Isaanis waan isaan irra gahe kanatti gaddanii Waaqa isaaniitti rakkoo isaanii himatanii osoo deebi’aa jiraanii muka jala taa’anii bullaallaan( gugeen) osoo ijoolleshee wajjin haasoftuu, abaaboo (daraaraa) firii naqatee jiru Haannaan argitee bullaalleewwan amaluumaa isaaniin akka wal horan kan taasiste, biqiltoota akka daraaranii firii naqatan kan taasistu ani uumamni koo dhagaarraa ta’innaa? kan dhala nadhowwatte jettee gaddite. Guyyaa afurtamaaf subaa’ee galanii Waaqayyotti boo’aa turaniiru.

 Kana booda Haannaa fi Iyyaaqeem Waaqayo kan isatti ta’uusaa baranii wareega wareeggatan ‘’Dhiira yoo arganne (dhalle) bu’ee bahee qotee nu haa qarqaaru hin jennu mana Waaqayyoof  tajaajilaa ni ta’a. Dubartii yoo arganne qoraan nuuf haa cabsitu; bishaan nuuf haa waraabdu hin jennu. Waaqayyoof leemmaatii warqee hodhiti, golgaa hojjettee foo’aa footee haa jirtaattu.’’jechuun wareeganii kadhatan.

  Kana boddee adloolessaa gaafa 30 abjuun dinqii ta’e argani. Toorban tokko booddees Hagayya bultii torba ergamaan mucaa gaarii in deessu jedhee isaanitti hime. Haati keenya qulqulleettii Maariyaamis akkuma Ergamichi dubbate heeyyama Waaqayyootiin garaatti hafte(ulfaa’amte). Yeroo isheen garaatti haftes raajii hedduutu raawwateera.

§  Ija tokkee (kan ijji ishii tokko jaamee turte) kan taate adaadaan Giiftii keenyaa Beersaabeeh jedhamtu dhuftee “Haannaa  Waaqayyo gargaarsa Isaatiin si daawwate natti fakkaataa harmi kee gurraacha’e, hidhiin kee daalach’e.” jettee garaashee tuqxee garaashee yeroo sukkuumtu ijishee banameeraaf (ifeeraaf).

§  Ilmi eessum Haannaa Saamiinaas jedhamu yeroo du’e qabannoo sireesaa qabattee yeroo itti naannoftee boossu gaaddidduun ishee yommuu irra bu’u ka’ee dhugaa ba’eera. Waan abjuu hiikaan sun hambises isaaniif hiikeera.

Kana booddee Yihudoonni goomiif boqonnaa waan hin qabneef dur sanyii isaanii kan ta’an Daawiit, Solomoon kanneen jedhaman waggoota afurtama afurtama akka gagaa  nuu baqsanii, akka qiraacii nu caccabsanii nu bitani; ammammoo inni ishee kanarraa dhalatu maali laata? jedhanii diinummaan irratti kaka’anni. Yeroo kana ajaja ergamaatiin qulqulloonni Hannaa fi Iyyaaqeem baqatanii gara tulluu Libaanos deeman.

   Qulqullichi Daawit faarfannaa isaarratti «Hundeewwanshee tuluuwwan qulqullaa’oorradha» jedhee akkuma dubbate( Faar86(87):1). Eebbifamtoota maatii isheerraa caamsaa guyyaa 1 osoo isaan tulluurra jianii Giiftiin keenya qaulqulleettii dubroo Maariyaam in dhalatte. Erga dhelattee boodas guyyaa toorbaffaatti maqaa ishii  Maariyaam jedhanii moggaasan.                                  

                                        

                                              Hiika Maqaa Ishee  

Yaa maatii Waaqayyoo!  Hiika maqaa Giiftii keeenyaa kitaabolee gaggalagachuun,hayyoota mana kiristaanaa hubachuu  yaalla. Akka abbootiin nu barsiisanitti hiikaan maqaa Giiftii Keenya Dubroo Maariyaam akka armaan gadii ta’a:-

A.     “Maariyaam” jechuun, gara mootummaa Waaqayyoo tti kan nama galchitu jechuudha.

B.     Maariyaam jechuun kennaa fi qabeenya jechuudha. Luqa.  1.28 irratti “ Kennaan kan guutamte gammadi Waaqayyo Gooftaan si wajjin jirahoo” jechuudhaan ergamaa qulqulluu Gabri’eeliin kennaa fi qabeenyi guutuu ta’e akka isheef kenname, foon Isheerraa foon; lubbuu Isheerraa lubbuu fudhatee kan dhalatu Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo hunda ishee wajjin akka ta’e mirkaneesseera. Kanaafuu yeroof maatiisheef kennaa fi qabeenya taatee kennamuu ishee kan ibsu ta’us dhumni isaa garuu fayyina addunyaa kanaatiif kennaa taatee kan kennamte ta’uu ishee ibsa.

 

   C. Maariyaam jechuun uumamaa ol; uumaatii( Waaqayyootii) gadi jechuudha. Giiftiin keenya qulqulleettii Maariyaam haadha Waaqayyoo waan taateef warra sodaa fi hoollannaattiin galleeffatan ergamoota qulqullaa’oo ni caalti.

“Teessoo Isaa fuuldura yemmuu dhaabatan kochoosaaniitiin fuula isaanii fi miila isaani in haguugu.”  (Mul’ata. 4:7-9; Isaa 6:2) Giiftiin keenyaa garuu gadameessa isheetti Isa baatteetti; harma ishees hoosifteetti; dugda isheetti baatteetti; harkasheen hammetteetti. Dhaloota Isaa irraa hanga fannoo Isaatti ilmala Isaa hundarratti biraa hin hafne.

 Ergammoonni tuquu dhiisii ilaauu kan hin dandeenye abidda Akkeenyaa gadameessa isheetti waan baatteef uumama hundaan ol ta’uushee ni amanna. Qulqullichi Yaareed kadhannaa isaa balbala ifaarratti “kennaan kan guutamtee fi madda gammachuu kan taate jji isaanii baay’ee kan ta’e kiirtuu beelii fi kochoowwan hedduu kan qabda.Isaan ibiddi Ilma keerraa ba’u akka isaan hin gubneef fuula isaanii in haguugu. Ati garuu bultoo Akkeenyaa taatee, amaloomni akkeenyaas si hin gubne arrba ibiddaa baattee» jedheera.(balbala Ifaa lakk.—-)

                                        Guddinaa fi Daa’imummaa Ishee

Qulqulleeetiin dubroo Maariyaam barri daa’imummaa Ishee hanga rawwatuttii  haadhaa fi abbbaa ishee wajjin jiraatte. Wagoota sadii fixxee yaadni ishee fira; afaanshee midhaan osoo hin bariin akka wareega keenayaatti mana qulqullummaaf kennina jehdanii fudhatanii deeman. Hoogganaan lubootaa fi uummanni yeroo ishee argu biiftuu  caala harka toorba iftee qaqawweessa caalaa soodaachiiftee durrii iftu fakkakattee isaanitti mul’atte. Isaanis uumama kana fakkaattu maal goonaa? Maal ishee nyaachifnaa? Maal isheef afnaa? Jedhanii osoo dhiphatanii Ergamaa qulqulluu Faanu’eel mannaa samii irraa leemmaatii warqeetti, dhugaatiisamii xoofoo ifaatti qabatee samiirraa bu’ee isaanitti mul’ate. Uummannis lubichaaf kan dhufe isaanitti fakkate. Lubichi fudhachuuf yeroo ka’u Ergamichi irraa ol fagaate. Haannan mucaashee hammattee kabajasaa fudhachuuf achi siiqxee yeroo tessuu akkuma ol fagaatetti hafe. Kana booddees kabaja daa’imittiif dhufe yoo ta’e maaltu beeka? qofaashee dhiisii achi siiqi isheedhaan jedhan. Haannaanis akkuma jedhamtes taasiste. Yeroo kana ergamaan qulqulluu Faanu’eel bu’ee kochoosaa tokkoon haguugee, tokkoo immoo ishee uffisee manna sana nyaachisee wayinicha obaasee gara samiitti ol bahe. Gooftaan saba Israa’el mannaa samiirra buusee akkuma isaan nyaachise haadha keenyas kara ergamichaa sooreera. (Ba’uu 16:13, 1Moot.19:1-8)

  Erga dhimmi sooratashee fala argatee mana qulqullummattii ishee gashan. Guyyaa kana mannii kiristaanaa mudde guyyaa sadi ayyaana waggaa ishee baatiilee( ji’oota) birootiin immoo yeroo hundaa jiini galee guyyaa 3ffaa irraatti ni yaadatti.

          «Yaa mucaa koo dhaga’ii mana abbaa kees irranfadhu; mootiin miidhagna kee jaalateerahoo» Jedhee qulqullichii Daawiit (Faar. 44:101) irratti akkuma dubbate. Haati keenya qulqulleetii, Maariyaamiin ergamoonni akkaa ishee sooran mana qulqullummaa keessa waggaa kudha lama jiraatte; waggaa kudha shan yommuu fixxu Yihudoonnii goomiidhaan «Shamarree waan taateef mana qulqullummaaatii bahuu qabdii» jedhanii raagni dubbatame sun dhumee osoo ishiin mucaashee hin dahiin dursinee ishee balleessuu qabna jechuun raayyaan loltootaa hedduu qabatanii Giiftii keenya yammuu marsan Waaqayyoo ergamaasaa ergee bakakkaadhaan isaan fixe.

          Hangafni lubootaa hammina isaanii kana argee akkam taata egaa? jedhee ishee gaafannaan gara Waaqayootti naaf beeksisii jetten. Innis kadhannaa gaafa jedhu «Qomoo Yihuudaa keessa kanneen haati manaa isaanii duute lakkaa’eetu ulee isaanii mana qulqullummaatti galchii irratti kadhadhu aniis mallattoo siifan kenna » kan jedhu deebii kenneef.

Waaqayyos akkuma waadaa galeefiitti lubichaaf mallattoo adda addaa mul’iseefii maanguddichi Yooseef tiksee( kaadhima) Giiftii Maariyaam akka ta’utti filatame. Guyyaa sanaa eegalee maanguddichi Yooseef tiksee 9 eegduu) Maariyaam ta’uun haadha Gooftaa isaa tajaajilaa tureera. ( Maat 1:18-26, Luq1:26-45)

 

 

 

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-05-12 14:59:272018-10-26 09:21:20Seenaa Haadha Keenya Qulqulleetti Dubree Maariyaam
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin laatee Link to: Ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin laatee Ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin laatee Link to: Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos Link to: Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos Gara samiitti ol ba’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos
Scroll to top