Dabrazayit

Dn. Addunyaaw Tasfaayeetiin

  Sanbatni(Dilbatni) 5ffaa “Dabrazayit” jedhama. Moggaafni sanbatoota darbaniis ta’e kan isa kanaa kan Qulqullicha Yaareedi. Akka seera mana kiristaanaa keenyaatti guyyaan kun yaadannoo lammata dhufuu Gooftaa itti himamu yoo ta’u, Gooftaan keenya fayyisaan Addunyaa Iyyasuus Kiristoos kabaja guddaa faaruu Ergamtootaatiin dhufuu isaa fi cubbamtootatti murteessuu fi Ebbifamtoota(Qulqullootaaf murteessuuf kan dhufu  ta’uu isaa kan itti barsiifamu dha.

Mata dureen Faaruu guyyaa kana Faarfatamuuf Yemmuu Gooftaan Dabrazayitii  taa’ee ture jedha. Dabrazayitii jechuun gaara mukti Ejersaa itti baay’atu yoo ta’u kan argamus baha Iyyarusaalamitti. Bakki kun kakuu moofaattis ta’ee kakuu haaraa keessatti bakka gara garaa irratti caqafamee argama. Kanneen keessaas:-

 

vQulqullichi Daawiit Abeeseeloomiirraa baqachuuf  kara gaara kanaa akka deeme  ibsameera. ( 2 Sam. 15:30)

vGooftaan keenya bakki kadhanaa itti gaggeesse Geeteesemaanii gaara kana jalatti argamti Mat. 26:30-36

vGooftaan keenya kan gara samiitti bahe Dabrazayitiitti akka ture Luq 24:52 H.D.Bu’ootaa 1:12

vKana malees Gooftaan keenya bakka kanatti deebi’ee akka dhufu raajiin himameera. (Zak 14:4)

vGooftaan keenyas waa’ee deebi’ee murteef dhufuu Isaa bakka kanatti bal’inaan barsiiseera (Mar.13:3)

 

Wangeela Maatiyoos Boq 24:1-36 irratti Duuka bu’ootni Gooftaa yemmuu guyyaa dhufaatii Isaa gaafatanitti guyyaa kana waaqa abbaa malee Ergamootnis ta’ee ilmi namaa akka hin beekne ta’uu ibseera. Barumsi kun  Gowwoota biratti madda shakkii ta’ee kan mul’atu dha.Garuu Gooftaan maaliif kana jedhe yoo jennu abbootiin akka nu barsiisanitti fedhiin beekumsa ilmi namaa kan hin  murtoofne ta’uu isaa irraa kan  ka’e yoo inni jaarraa isaa itti hime bara isaa gaafatuun,yoo  ji’a itti himee  immoo torbee,yoo torbee itti hime sa’aatii gaafatuun ture. Kun immoo ilmi namaa guyyaan dhufaatii isaa fagoodha jechuun cubbuu akka dalagu waan taasisuufii akka saba bara Qulqulluu  Noohi turee jechu dha. Kunis yoo  yeroon isaa himama ta’e namni gaabbiif of hin qopheessu waan ta’eefidha.Kanaafuu Gooftaan keenya yeroo kanatti duuka bu’oota Isaaf mallattoowwan bara dhumaa beeksiseeraa.Mallattoowwaan kunis:-

1.  Mallattoo Siyaasaa

ØWaraanaa fi Oduu  waraanaa addunyaa irratti dhagaa’amuu

ØMarguu baala balasii mootummaa hundeeffachuu Israa’eel.

2.  Mallattoo Diinagdee

ØBeela, Hongee fi sochii lafaa suunamii bakka gara garaa irratti argamuu

3.  Mallattoo  Amantaa

ØAni kiristoosi jechuun namoonni hedduun kan dhufan ta’uu.

 

ØNamootni kiristoosiitti Amanan gidiraa fi dabarsamanii laatamuu

 

ØNamni badii bakka Qulqullinaa irratti argamuu

 

Yeroo mallattoowwan kuniin mul’atan yeroon xumuraa kan qaqqabe  ta’uu isaa baruun namootni akka of eeganuuf kan himame waan ta’eef hundi keenya yemmuu dhufaatii Gooftaa keenyaa yaadannu bakki galma keenyaa eessa? jechuun qalbii gaabbiif qopheessuun yeroo hunda qophoofnee kan Gooftaa eegnu ta’uu qabna.

Guyyaan kunis kan akkanatti moggafameef kitaaboleen guyyaa kana dibbifamanu kan wa’ee dhufaatii Gooftaa ibsanii fi ilmaan namaa bara dhumaa fi murtoo guyyaa sana kennamu yaadachuun mootummaa Waaqayyoo isa bara baraatiif akka of qopheessan barsiisuuf waan ta’eef nus mootummaa darbuu tuffachuun mootummaa hin darbineef of qopheessuunyeroo itti kennuu hin qabnu.Kanaafis Waaqayyo jireenya bara baraaf akka geenyuuf nu haa gargaaru.