Tajaajilaa Gaarii

Tajaajilaa Gaarii    (Mat. 25÷14-30)

Dn. Qalamawarq Miidhagsaatiin

Bitootessa 13

 

Torbeewwan sooma guddichaa keessa inni 6ffaan  “Tajaajilaa gaarii” ykn afaan gi’izitiin ‹‹ገብርኄር›› jedhamee beekkama. Torbeen kun manni kiristaanaa keenya waa’ee tajaajilaa afuraawaa jabaattee kan ittiin barsiistu dha.

Faarfannaa sanbata kana faarfatamu irratti qulqullun Yaareed “Tajaajilaan gaariin eenyuu dha?” jedhee gaafataa.

Sanbata kana wangeelli dubbifamu akkana jedhaa “ Akka nama daandii deemuuf ka’ee tajaajiltoota isaa waamee qarshii ittiin bu’aa buusan kennee fakkaataatii tokkoon tokkoon isaaniitiifis akka dandeettii isaaniitti isa tokkoof  Makliitii (qarshii) shan, isa tokkoof  Makliitii (qarshii) lama , isa tokkoof ammoo Makliitii (qarshii) tokko kenneefii deeme.

 Inni qarshii shan fudhate sunis deemee daldaalee qarshii shan bu’aa buuse; akkasumas, inni lama fudhate akkasumas daldaalee qarshii lama buufate; inni qarshii tokko fudhate garuu deemee lafa soqe( qonforee) warqee (qarshii) Gooftaa isaa awwaale.

Gooftaan isaaniis deebi’ee isaan to’ate ; inni qarshii (Makliitii) shan fudhate sun dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii ( Makliitii) shan natti kennitee turte anis bu’ee ba’ee daldaaleen qarshii (Makliitii)  shan buuseeraatii kunoo makliitiin kee jedhee Makliitii shan itti kenne.Gooftaan isaas ati tajaajilaa gariidha; wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna Guddaa irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa keetti seeni jedheen.

 

Inni Makliitii ( Qarshii) lama fudhates dhiyaatee yaa Gooftaa qarshii lama  natti kennitee turte; kunoo bu’ee baheen qarshii lama buuseera jedheen. Gooftaan isaas ati tajaajilaa Gaariidha wanna xiqqoo irratti amanamteettaatii wanna baay’ee irrattan si muuda gara gammachuu Gooftaa kee seeni jedheen.

Inni makliitii ( Qarshii) tokko fudhate dhiyaatee  yaa Gooftaa ati bakka hin facaasnee kan kan haamtu; bakka hin bittinsinee kan funaantu nama hamaa ta’uu kee nanbeeka waanan si sodaadheefis deemeen makliitii(qarshii) naaf kennite awwaale; egaa makliitiin kee kunooti jedheen.

Gooftaan isaas:- ati tajaajilaa hamaa fi dadhabaadha; Ani bakka hin facaasnee kanan haamu; bakka hin bittinsinee kanan funaanu nama hamaa  ta’uu koo ni beektaa? Yoos qarshii koo warra jijjiiraniif kennuu qabda turte anis yeroon dhufu qarshiikoo bu’aa isaa wajjin isaan irraan fudhadha ture jedheen. Sana boodas warreen achi dhaabataniin akkas jedheen:- makliitii (qarshii) kana isa irraa fuudhaatii isa makliitii kudhan qabuuf kennaa! Kan qabu ni kennamaaf kan hin qabne garuu ishiin qabu sun illee irraa fudhatamti; tajaajilaa hamaa kana garuu bakka itti ilkaan walitti riguun jiru gara dukkana ala jiruutti gadi baasaa jedheen.”  Mat. 25÷14-30

 

 

Hiikaan barumsa kanaa akka armaan gadiitti dhiyaateera. Abbaan qabeenyaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos dha. Tajaajiltootni sadan fakkeenyoota kiristaanootaa kennaawwan adda addaa kennameefidha. Kennaawwan kennaman lakkoofsaan garaagarummaa qabaachuun isaanii kennaan tokko isa kaan irraa addaan kan ba’u ta’u isaa agarsiisa.

Amaloota tajaajiltootaa

Amaloota tajaajiltoota jalqabaa lamaan:- Afuurri tajaajiltoota isa jalqabaa fi isa lammaffaa isaan lamaanu hojjatani argachuun akka danda’amu kan amanani, Goftaa isaanitiif amanamoo, rakkoo hojiirra muudatu yaaduudhaan yeroo isaanii kan hin dabarsinee dha. Tajaajilaan lammaffaas akka tajaajilaa tokkooffaa maaliif maallaqa shan naaf hin kennamne jedhee osoo hin komatiin waan kennameen kan hojjate dha.

Isaan lamaanu bu’aa buusaniiru. Isaan lamaanuuf maqaan kabajaa kennamee tokko dha “Tajaajilaa gaarii” kan jedhu, bakkii kabajaa isaan lamaanuu ittiin seenan tokkoo, “Gammachuu Goftaasaanii”. Isaan lamaanu waan muraasaan kan ammamani dha.

 Gama keennaatiin yoo ilaalame shanis ta’e lama muraasa dha, garuu namni waan kennameen osoo hin komatiin tajaajiluu qaba. Ilma namaaf kan fayyadu waan kennameef lakkaa’uu osoo hin taane waan kennameen tajaajilu dha. Tajaajiltootni kun tajaajiltoota mana kiristaanaa amantaan fi jaalalaan tajaajilan fakkaatu.

Amala tajaajilaa sadaffaa:- namni kun hojii caalaa rakkolee hojii irratti isa muudatantu isatti mul’ata. Bu’aa busu osoo hin taanee kasaaratu isaaf mul’ata. Tokko kennameef lama taassisuu osoo hin taane isaa harka fudhatamutu issatti mul’ata. Akka hiriyyoota isaa bu’aa buseen Gooftaa isaatiin badhaafamu isaa osoo hin taane adabamu isaatu isaaf mul’ata.

Kanaafu hojjatee bu’aa busuu hin dandenye. Kisii isaallee amanuu dhiisee lafa qotee awwaale. Dimshaashumatti amanuu dhisuutiin nama qabame dha. Fulduura Gooftaasaatti yommu dhiyaatu jechi dubbate wanta tajaajiltootni lamaan dubbatan irraa adda dha, “Nama haamaa akka taate waan bekeef akka na jalaa hin banne jedhee awwaaleera” jedhe.

Barumsi amaloota tajaajiltoota sadan kanarra argamu baay’ee guddaa dha. Waqayyoon kennaawwan adda addaa dhala namaa hundumaaf kennee jira. Kennaan tokko kan kennamu ammoo bu’aa dhala namaatiif. 1Qor. 12÷4-11 kennaan  lallabuu kan kennameef jira, kennaan raajii himuu kan kennameef  jira, kennaan raajii himame hiiku namni kennameef ammoo jira. Dhimmi ijoo garagarummaa kennichaa osoo hin taanee waan kennameen bu’aa busanii argamuu dha.

Yeroo hunda qulqulluun Daawiit akka faarfatetti ilmni namaa “Gooftaa koo fedha kee gochuudhaaf jaaladhe, seerri kees laphee koo keessa dha, yaa’ii guddaadhaanis tolummaa kee hime”  jechu qaba. Far. 39÷8

Daaqoniin akka daaqonummaa isaatti, Lubni akka lubumma isaatti, Phaaphaasiinille akka Phaaphaasummaa isaatti, akkasumas, miseensi mana kiristaanaa hundinuu akka kiristaanummaa isaattii kennaa waqayyoon isaaf laateen bu ‘aa gaarii busee argamuun isarraa egama. Torbeen kun kennaa kenyaa yaadannee bu’aa maal fakkaatu akka busne ittiin gafannu dha.

Kiristaanootni wangeela lallabuudhaaf, namoota mana kiristaanaa keenyaa kessatti adeemsa sirrii hin taanee hordofan sirreesudhaaf saalfannu jirraa. Kun waqayoon birratti kan nu gaafachiisu dha. Kiristaanootni aangoo tajaajiltummaa ummataa qabnee, tajaajiltoota mana kiristaanaa taanee, daldaltootni, qutee bultootni, barsiisootni fi barattootni waan nu kennameen bu’aa busne argamuun nurraa egama. Kana ta’u bannaan akka tajaajila hamaatti adabbi bara baraaf ni saxilamna.

Laallabaan lallabee nama bay’ee motummaa waqayyoo dhaalchisuu yoo baadhee, Barataan qo’adhee firii gaarii yoo hin galmeessine, qotee bulaan firii facaasee biqilu yoo didee osoo hi jadhiin jabaatee hojjachuun barbaachisaa dha. Ilma namaa irraa wanti barbaachisu hojjachuudha male firii ykn bu’aa busuun hiree Waaqayyooti. Kanaafu jabannee hojjachuun nurraa eegama.

Kennaa nuuf kennameen hojii bu’aa busu hojjanee motummaasaa akka dhaallu waaqayyoon nu haa gargaaru.