Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Duurbeen Uumaa ishee Deesse

in Barumsa Amantaa

Duurbeen Uumaa ishee Deesse

Dn. Katamaa Taganuu

                                                                                          Gooftaan Keenya yeroo Dallaa loonii keessatti dhalate

Aduunyaa fayyisuuf qamma Isaa adda ta’een giiftii keenya qulqulluuleettii Duubroo Maariyaam irraa kan dhalate Ilma Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos Yeenaa ta’u iccitiin itti nama ta’e baay’ee ol’aanaa dha (1Xiimo.3:16).

   Waaqayyoo iccitii Tookkuummaa kana kan itti Xuumure baay’ee fagoo waan ta’eef beekumsa fooniitiin hin qooratamu (Rome.11:13). Sababni isaas beekuumsi Foonii Waaqayyo biratti gawwummaa dha (1Qoro.3:10. Waan kana ta’ef warri foonii beekuumsa isaaniitiin Ilmi Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos icciti itti nama ta’e beeku hin danda’an (1Qoro.1:21).

   Kanaafuu “waaqni nama; namnis Waaqa” Kan itti ta’e iccitiin Tokkuummaa baay’ee ulfaataa dha. Wa’ee iccitii kanaa Abbaa Hiriyaaqoos Yeroo dubbatu “Maaloo iccitii kana aja’ibsiifachuu qabna, akkam nama dhiba”Jechuun ajaa’iibsiifateera (Qiddasee Maariyaam 2:26).

     Iccitii kana aamanuu kan dandeenyu amantaatiin qofaadha. Sababni isaas kan addunyaa uumee, samii fi dacheen Isa baachuuf kan hin dandeenye Waaqayyo gadameessa dhiphootti daangeffamee dhalate jedhanii amanuuf dirqama amantaa qulqulluun barbaachisaadha.

 

Namoonni amantaa hin qabne garu Waaqayyoof wanti dadhabamu akka jirutti fudhachuun “Uumaan akkamiin dhalata?” Jechuudhaan gaaffii kaasu. Kun immoo Waaqayyoo Isa hunda danda’u shakkuu ta’a.

   Hayyoonni barumsa dubbi Waaqummaa baratanii fi amantaa dhugaa kan qabani ibsa iccitii Afuura Qulqulluutiin dubbii dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos guutumaa fi bal’inaan dubbataniiru.

Jecha qaama Ilma Waaqummaa Isaatiin amaluumaa Abbaa Isaa Abbaa irraa, Amaluumaa jireenya Isaa Afuura Qulqulluu irraa adda osoo hin ba’iin dhalachuu Isaa ajaa’ibsiisani barsiisaniiru Aja’ibsiifachuun isaanii sammuu namaa olitti waan ta’efiidha.

Akkaataa armaan olitti barraa’een Ilmaan namaa kan taane nuurra kan eegamu iccitii sammuu namaa oli ta’e kana ajaa’ibsiifachuu qofaadha. Abbootiin keenya iccitii kana “Iccitii Foonummaa”jechuudhan kan ibsani sammuu namaatiin qoratamee bira ga’uu waan hin danda’amneefi.

Qulqulluun Eefreem “Akkanaan sammuu hundaa ol kan fagaate iccitii addaa kana akkasiin aja’ibsiifanna. Duubartiin dachee irraa nama kan ta’e qaama jechaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin deesse dubreen Uumaa ishee deesse Innis haadha Isaa uume. Ishee irraas Inni foon uumeen tokkummaa’e” Kan Jedhe Kanaafiidha (Amantaa Abbootii ykn ሃይማኖተ አበዉ ማሪ ኤፍሬም ወመምህር ሶርያዊ ምዕራፍ 47 ክፍል 1 ቁጥር 2)

Akkuma qulquulluun Eefreem duubbate duubree giiftiin keenya Maariyamiin kan nuuf deesse uumaa keenya Waaqayyoonidha (Yoha..1:1-14, Ibro.11:3, Ho. du. 20:28).

   Uumaan keenya Iyyasuus Kiristoos Abbaa malee giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa dhalachuu Isaatiin ifa kan nuuf ta’e iccitiin guddaatu jira. Kunis addunyaa dura Amaluumaan Abaa Isaa irraa haadha malee dalachuun Isaa iccitii dha. Kanas Abbaan Giyorgiis inni Gaasiccaa «Dhalachuun kee inni duraa dhalachuu kee isa boodaatiin beekame:..Dubroo irraa erga dhalattee booda Abbaa irraa dalachuu kee amantaatiin ifa nuuf ta’e» jechuun ibsera (Argaanoonii kan guyyaa Roobii).

   Guyyaan beellama Isaa yeroo ga’u Waaqayyo Ilma Isaa erge. Dubree irraas dhalate; inni Ilma Waaqayyoo Isa tokkichadha. Dabalataanis addunyaatiin booda fooniin giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa kan dhalate isa dha. Ergamaan Waaqayyoo giiftii keenya Maariyaamiif akka itti himetti Ilma Amaluumaa Waaqayyoo Abbaati jedheera. (Haymanoota abewu.23:2, 5:6)

     Bara Isaatiif jalqabaa fi dhuma (raawwii) kan hin qabne, barri kan Isaaf hin lakka’amne Waaqayyo foon dhala namaa fudhatee giiftii keenya irraa dhalachuu Isaatiin barri kan isaaf laka’amu ta’e. Kunis ta’uu kan danda’e tokkummaa’uun, qaama lama irraa qaama tokko, Amaluumaa lama irraa Amaluumaa tokko ta’eera.

      Walumaa gala Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos tokkuummaa’uun qaama tokko, Amaluumaa tokko ta’ee dhalachuu Isaatiin nuti waan baay’ee arganneerra. Kana keessaa muraasa isaa akka aarmaan gaditti ilaalla.

  • Dhaloota haaraa arganneerra

Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin dhalootni haaraan argame. Iyyasuus Kiristoositti kan amanan Kiristoosiin fakkaatiniiru. Kabaja Isaas ni dhaalu, Isa waliin jiraachuuf kabajaan ni jijjiiramu (1Qoro. 15:52, 2Qoro. 5:17, Mul.Yoh. 21:4).

       • Nageenya arganneerra

«Waaqayyoof galanni samii irratti haata’u nagaanis dachee irratti namootaafis waan garii» jechuudhan nageenya dhabnee turre dhalachuu Isaatiin arganneerra.(Luqa 2:14.) Gammachuu arganneerra (Luq. 2:10), qoricha arganneerra (Luq. 2:11), ifa arganneerra (Isa. 1:2, Yoh.12:46, Luq.2:9), Abbaa arganneerra. (Isa. 9:2).Isa Waliin tookkummaa arganneerra (Maat.1:22), qabeenya arganneerra (2Qoro. 8:9), biddeen jireenyaa arganneerra (Yoh. 6:54)

       Egaa Waaqayyoon keenya Iccitii nama kan itti ta’ee fi dhalachuu Isaatiin eebba arggane hubachuudhan cubbuu irraa adda baanee badiisa irraa fagaannee jiraachuu qabna. Kana ta’uu baannaan garuu kennaa argannee turre hunda fedhii keenyaan dhabna jechuudha.

     Kanaafuu osoo nuuf hin ta’iin dhiifama argannee turre sababa cubbuu fi badiisaan akka hin dhabneef qulqullinaa fi eebba qabeenya keenya taasifachuun amantaa keenya qabannee hojii gaarii hojjechuun argamuu qabna. Ayyaanichas yeroo kabajnu akkaataa armaan olitti ibsameen jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubachuutiin jaalalaan kabajuu qabna.

       Arjummaan Waaqayyoo; araarsummaan dubree Maariyaam nu waliin haa ta’u. Ameen!!!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2016-01-06 08:51:312018-10-26 09:21:15Duurbeen Uumaa ishee Deesse
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Namoota Qarqaarsi Isaan barbaachisuuf qaqqabuu akka qabnu qulqulluu Paatriyaarikiin Abbaan keenya Maatiyaas 1ffaan yaadachiisan Link to: Namoota Qarqaarsi Isaan barbaachisuuf qaqqabuu akka qabnu qulqulluu Paatriyaarikiin Abbaan keenya Maatiyaas 1ffaan yaadachiisan Namoota Qarqaarsi Isaan barbaachisuuf qaqqabuu akka qabnu qulqulluu Paatriyaarikiin... Link to: “Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!” Maat 3:5 Link to: “Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!” Maat 3:5 “Hojii Qulqullummaa Hunda Raawwachuun Ni Barbaachisa!” Maat 3:5
Scroll to top