Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35

in Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu

 “Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35

                                                                                                  Dn. Takluu Haayiluu

Kaayyoon Waaqayyoo dhala namaa uumeef maqaa Isaa galateeffannee akka mootummaa Isaa dhaalluufidha. Haata’u malee dhalli namaa bilisummaa qabutti fayyadamuun Waaqa dachee fi samii akkasumas uumamtoota hunda uume dhiisee Waaqa alagaa waaqessuun (Waaqa tolfamaaf jilbeeffachuun) ajaja Waaqayyoo “Ana malee Waaqonni biroo siif hin ta’iin” jedhu yoo cabsu kitaaba qulqulluu kessatti bakka hedduutti katabamee ni argana. Se. Ba’uu 20:1-4, Mat 6:24, Yoh 5:29.

Israa’eeloonni yeroo wareeramanii biyya Faariis Baabiloon keessa jiraatan Naabukadenetsoor ijoollee Israa’eel gosa moototaa fi abbootii murtii ta’an keessaa mudoo kan hin qabnee fi babbareedoo, beekumsaan kan guutamanii fi kanneen qalbii qabessa ta’an, mootii fuldura dhaabachuu danda’an filatee mana barumsaa kaalaadawiyaanotatti afaanii fi ogummaa akka barataniif gaafate. Daani’eel, Anaaniyaa, Azaariyaa fi Misaa’eel ni filataman. Akkasumas fuula mootichaatti kabaja argatan. Isaanis Sababa nyaataa fi dhugaatiin akka hin bushoofneef ykn harfoofneef daadhiiif cooma mootii dhiisanii akaayii goggoogaa fi bishaan xiqqoo dhugaa barumsa isaanii baratan (Dan 1:8-21). Mootichiis maqaa isaanii:- Daani’eeliin- Bilxaasoor, Anaaniyaan- Sidiraaq, Azaariyaan- Abidinaagoom, Misaa’eeliin –Misaaq jechuun jijjire. (Dan 1:1-dhumaa).

Ijoolleen kunis beektotaa fi qalbii qabeeyyii waan ta’aniif kutaalee biyya Baabiloon irratti muudaman. Dan2:46-48. Muudamuun ijoollee sadeen kanaa garuu, saboota Baabiloon biratti inaaffaa uume. Isaanis ijoollee sadaniif mooticha wal dhabsisuuf jecha akkas jechuun mala baasan “Firaa fi diina kee kan ittiin addaan foo’attu xaa’ota (tolchaa) itti sagadamu dhaabi” jechuun gorsan. Isaanis kutaalee Baabiloon irratti ijoolleen ati muudde gosoota Ayihuudota ta’an Waaqa ati dhaabdeef hin jilbeeffatan; ajaja kees hin kabajan jechuun mootiitti himan. Yeroo kana mootichis ni dheekkame. Hojjetotaa fi jiraattota biyya sanii hunda xaa’ota (tolchaa) dhaabbateef akka sagadaniif waamamanii, akka jilbeefataniis ajajaman. Mootichis haalota sadiitti fayyadamuun namootni hundi akka xaa’otaaf (tolchaaf) jilbeefatan taasisan. kunis:-

 

v  Labsii baasuun: -labsiin Kun warreen aangoo irra jiranii hanga tokkoon tokkoon namootaa kan laallatu yoo ta’u warreen aangoo qaban fakkenya ta’uu waan qabanif isaan irratti daraan xiyyefata ture.

v  Sagalee Muuziqaan booji’uun:- “wayita sagalee dibbee, nagaaritaa, fi kkf dhagessan kuftanii akka xaa’otaaf sagaddan’’ kan jedhuun sagalee meeshaalee muuziqaan booji’e.

v  Yoo jilbeeffachuu diddan labooba abiddaa keessatti akka darbataman jechuun sodaachisani. Mootichis harka kiyya irraa waaqni isin baasu eenyu? (Dan 3:15), Yoo jilbeeffachuu diddan abiddatti darbatamtu yoo jedhus ijoolleen sadeen garuu “Waaqni nu’i Waaqessinu labooba abidda kana keessaa nu baasa. Nu baasuu baatus waaq-harkee (tolchaa) keef hin jilbeeffannu” jechuun deebisaniif.

Haa ta’uu malee ijoollee sadeen kunis haala kanaan jilbeeffachuu hin dandeenye. “Isaan garuu hin jilbeeffannu” jedhani. Dan 3:13-19.

Yeroo kana mootichi ijoollee sadan labooba abiddaa keessatti darbachise. Laboobni abiddichaas hamaa ta’uu isaa irraa kan ka’e namootni ijoollee sadeen darbatan battaluma sanatti abiddaan nyaataman.

Daa’imman sadeen garuu hidhaan isaanii hiikamee Afur ta’uun, inni afraffaan garuu isaanirraa adda kan ta’e dha. Innis bifa Waaqoota kan qabu, Ergamaa Waaqayyo Qulqulluu Gabri’eeli dha. Labooba ibiddaan rifeensi mataa isaaniillee osoo hin gubatne labooba ibiddaa keessa afur ta’uun deddeebi’aa “Waaqni abbotii keenyaa ol ol haa jedhu, maqaan Isaa bara baraaf kan galatoome haa ta’u….”jedhan. (Faaruu ijoollee sadeenii 1:2-dhumaa) jechaa osoo faaraftanii mootichii fi namootni kanneen argan, dhaga’anis.

Kana irraa ka’uun “Waaqni ergamaa isaa ergee, garboota isaa amanamoo Anaaniyaa, Azaariyaa, fi Misaa’eel labooba Abiddaa keessaa baase haa galatoomu” jedhan.Dan 3:28. Sababni kabaja ayyaanna yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Gabri’eel Mudde 19 kabajamus seena ijoollee sadeeniin kan walqabate dha.

Seenaa kana irraa wantoota gurguddoo armaan gadii baranna.

  1. Cimina amantaa ijoollota sadeeni
  2. Tajaajila qulqulloota Ergamootaa

Amantaan amanuu,amanamuu, murteessuu fi hojiin agarsiisuu of keessatti qabata. Ijoolleen sadeenis Waaqayyootti amananii, jabina amantaa isaanis “Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu baasa” jechuun dubbatani. Amantaa isaan abbootii isaanii irraa fudhataniifis wareegaman, Waan isaan qunnamu mara fudhachuuf murtessan “Waaqni waaqessinu abidda keessaa nu baasuu ni danda’a; ta’uu baatus abidda kanatti darbatamnee akka wareegamnu fedha Waaqayyoo yoo ta’e abiddatti ni senna” Jechuun amantii isaanii ibsan.

Jecha afaan isaanii hojiin muldhisan. Akkuma qulqullu Ya’iqob “Amantiin hojii malee kan du’ee dha”. (Ya’iqoob 5:12) jedhe. Amantaa yoo qabaanne moo’icha, humnaa fi ogummaa arganna. (1Yoh 5:4) Kanaaf Waaqayyon ergamaa isaa ergee abidda keessaa isaan baase. Ergaamotni Waaqayyoo naannoo warra isaan sodaataniitti ni buufatu ni fayyisuunis (Faar. 33:7). Ciminni isaaniis akka Waaqayyoon afaan warra Waaqayyoon hin beekneen galateeffamuuf sababa ta’e. ( Dan 3:28-30).

  • Ergamootni qulqulloota, jaboota, akkasumas ija namaan hin muldhatamneedha.
  • Ergamootni Baay’inni isaanii kan hin beekamne kumaa fi kumaatama ta’u. Erm. 33:22
  • Ergamootni qulqullootni bara baraan kan jiraatan, kan hin duune, hin fuune fi saala kan hin qabneedha. Mat 22:30

Ergamootni qulqullootni tajaajila gurguddaa lama qabu.

Tokkoffaan boqonnaa malee Waaqayyoon galateeffachuu fi kabajuu (Mul. 4:6-11, Mul 5:6—14, Isa, 6:1, Faarsa 102:20) yoo ta’u

Inni lammaffaan immoo dhala namaa boqonnaa malee tajaajiluu (eeguu) dha. Waaqayyo Ergamaa Isaa ergee afaan Leencotaa cufeera. (Dan 12:1)

Tajaajila Ergamootni dhala namaaf kennan hedduu keessaa isaan muraasni:-

  • Ergamootni dhalli namaa jireenya bara baraa akka argatan ni gargaaru. Ibr 1:4
  • Ergamootni gara uumamtootaatti araaraa fi dheekkamsa fiduuf (2Mot 19:35) ni ergamu. “Ergamaan Waaqayyoos deebisee yaa Gooftaa hunda danda’aa warreen waggaa 70 itti dheekkamte magaalota Iyyerusaaleemii fi Yihudaa kanaaf kan hin dhiifneef hanga yoomiitti?”( Zak 1:12),
  • Ergamootni kadhannaa namootaa fuula Waaqayyootti ni dhiyeessu. Mul 5:8 Mul 8:2-2, Mat 18:10, Yoh 1:52
  • Qulqullootni Ergamootni wanta hamaa irraa ni baraaru (eeguu) gara gaarittis nu geessu. ( Se. Ba’uu 22:32)
  • QuLqulootni Ergamootni dhala namaa ni jajjabeessu ni kunuunsu. 1Mot 19:5, Dan 10:13-21
  • Qulqullootni Ergamootni badii jinnii/seexanaa / jalaa nu baasu
  • Qulqullootni Ergamootni warreen shakkan ni adabu. Luq 1:20
  • Qulqullootni Ergamootni Waaaqayyoo dura nuuf dhaabbatu. Luq 1:19
  • Qulqullootni Ergamootni diinaan nuu falmu
  • Qulqullootni Ergamootni Waaqayyo, yeroo rakkoo keenyaa nu gargaruu.Farf 33(34):7,farf 90:10

Kana irratti yeroo kadhannaa ergamootaa kaasnu wantootni sadii jiraachuu isaanii qalbeeffachuu qabna.

  1. Kan kadhatamu, dhiifama kan laatu, Waaqni araaraa jiraachuu isaa. Ba’uu 32:11-15
  2. Kan kadhatu /araarsituun/ Ergamaan ykn Qulqullootni jiraachuu. Zak 1:12
  3. Kan kadhatamuuf /dhiifama kan barbaadu namnii jiraachuu akka qabu beekuun nurraa eegama. Luq 18:13, Umm 20:7, Hizqeel 14:14

Walumaagalatti yeroo kabaja ayyaanaa qulqullicha Gaabri’elii kabajnu nu’i Kiristaanotni amantaa keenyan cimnee dhaabbachuu akka qabnu, sababa amantaa keenyaaf hanga wareegamuutti deemuu akka qabnu, ijoollota sadeen irraa ni baranna. Itti dabaluunis Waaqayyon yoo ajaja Isaa eegne, akka fedha Isaatti yoo deemne hamaa irraa akka nu eegu ni hubanna. (Faar 118:105, Ibr 8:28.) Akkasumas Ergamootni Waaqayyoo hamaa fi hammaataa irraa akka nu eegan, akka nuuf dhabbatan (nuuf kadhatan) ni baranna. Ijoolleen sadeenis amantii isaaniin cimanii, gaarummaa Waaqayyoo, eegumsa hangafa Ergamaa qulqulluu Gabri’eelii nutti muldhisaniiru. Kanarraa ka’uun mootichis “Ergamaa isaa kan ergee ….garboota isaa kan fayyise Waaqni Anaaniyaa, Azaariyaa, fi Misaa’eel kan galatoome haa ta’u” jedhe.

Nuyi kiristaanotni amantaa keenyaan cimnee, hojii gaarii hojjennee fakkenya taanee, addunyaa hamaa kana irraa gaarummaa Waaqayyoo, kadhannaa Ergamootaa, araarsummaa haadha keenya Dubroo Maariyaamitti amannee, gaabbii gallee, kabajamaa foonii fi qulqulluu dhiiga Waaqayyoo fudhannee dhaaltuu mootummaa Waaqqayyoo akka taanuuf fedhaa fi jaalala Waaqayyoo nuuf haa ta’u.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Eegumsi hangafa Ergamaa qulqullu Gabri’eelii nu biraa hin hafin. AMEEN!!!

Madda

      Weebsaayitii Waldaa qulqullootaa barruu Afaan Amaariffaa.

      Kitaaba seenaa

      Kitaaba Raajii Daani’eel

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-12-29 09:27:432018-10-26 09:21:17“Isaanis amantii isaaniin… humna abiddaa balleessan”. Ibr 11:33-35
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa Damee Adaamaan qophaa’e Adeemsifameera Link to: Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa Damee Adaamaan qophaa’e Adeemsifameera Imalli Jireenyaa (Haawira Hiwootin) Waldaa Qulqullootaa Damee... Link to: Sagantaa TV 19/03/2008 Link to: Sagantaa TV 19/03/2008 Sagantaa TV 19/03/2008
Scroll to top