Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti Daawitiif”

in Barumsa Amantaa

“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti  Daawitiif”

                                                                          Bitootessa 26

Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Faaruun  kun guyaa Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos  gara Iyyarusaaleemitti yemmu galu faarfannaa faarfatamedha.Faarfannaan isaas “Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” “Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu kan eebbifamedha, Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” kan jedhu ture.

 

Wangeelli guyyaa kana dubbifamus kan akkas jedhuhd:- “Gooftaan keenya Iyyasuus gara Iyyarusaaleemitti dhiyaatee gara dabra Zayitii fi Beeta faagee gahe.( Maat.21:1) irraa eegalee kan jirudha. “Iyyarusaaleem” jechuun “Magaanaa nageenyaa” jechuudh. “Beetafaagee” jechuun ammoo “Mana Balasii” jechuudha. Abbootiin keenya ammoo “Daandii qaxxaamurame” jechuudhaan hiikaniiru.

 

Gooftaan keenyas duuka buutota Isaa keessaa lamaan isaanii ergee “Gara magaala fuuldura keessan jirtuu deemaa bakka sanattis harree hidhamte ilmoo ishee wajjin argattu hiikaatii naaf fidaa; eenyumtuu yoo isin gaafate Gooftaadhaaf ni barbaachisa jedhaan” jedhee itti hime.

 

 

Duukabuutonni Isaas hiikanii fidaniif. Hojiin duukabuutotaa warra hidhaman sagalee wangeelaatiin hiikuudha. Kunis seexanoonni; afuurri harfaa’aadhaan kan hidhamanii jiran baay’eedha waan ta’eef duukabuutonni,warren bakka duukabu’ootaa bu’uun muudaman luboonni cubbuu namootaa hiikuudhaan gara mootummaa Waaqayyootti nama dhiyeessu.

 

Sagaleen raajii kan raajicha Zakkaariyaasiin dubbatame akka raaawwatamuuf Gooftaan Harree sanaa fi Ilmoo harree sana irra akka bahuuf (yaabbatuuf) uffata dugda harree sana irra buusani ( Zakk. 9:9 ). Kan isaan uffata afaniifis Iyyasuus Kiristoos kan cubbuu addunyaa kan balleessu waan ta’eef uffanni akkuma qaama qaanii namaa haguugu Atis cubbuu fi badii keenya nuuf haguugda jechuudhaan uffata afaniif.

 

Harreen kan tuffatamtedha; Waaqayyo warra lapheen isaanii cabe, warra gadi ofqaban akka filatu agarsiisa.( Isaa. 53:23,Maat. 11:29, Faar. 50:17-18)

 

 


 

 Uummannis uffata isaanii lafarra afaniif:- kunis ati mootiidhaatii si qofa osoo hin taane harreen ati yaabbatte illee lafarra deemuu hin qabdu jechuun uffata isaanii of irraa baasanii lafarra afani kabaja mootiidhaaf malus kennaniif ( 2Moot. 9:13).

 

“Hoosaa’inaa aariyaamirratti” jechuudhaan faarfannaa dhiyeessaniif. “ Hoosaa’inaa” jechuun “ Amma fayyisi” jechuudha. Sagalichif Faarfannaa Daawit irratti “ ኦእግዚኦአድኅንሶ” “ Yaa Gooftaa Amma fayyisi” jedhamuun dubbatameera. ( Faar. 117:25) jechi “ Aariyaami irratti” jedhu ammoo samii bakka bultii Waaqayyoo kan agarsiisudha. Kanaafuu Yaa Waaqayyo isa samiirra jiraattuu; yaa qoricha isa samiirra jiraattuu amma fayyisi, dhiifama taassisi” akka jedhan faarfachuu kan agarsiisudha.

 

Iyyi isaaniis kallattii lamaan ilaalamuu danda’a: gama tokkoon gita bittaa Roomaa jalaa bilisa nu baasi jechuun boo’icha foonii kan iyyan ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, gama biraatiin ammo du’a foonii fi du’a lubbuu irraa nu baraari, nu fayyisi jechuun faarfachuu isaanii kan hubachiisudha. Gama biraatiin faarfannaa isaanii keessatti wanti hammatame jecha “ Ilma Daawit” jedhudha. Kunis  fayyisaan dhufu Isa ta’uu isaa uummanni baranii eegaa turuu isaanii kan ibsudha. ( Maat. 12:23, 20:30)

 

 

 

 

 

 

Bifa kanaan Fayyisaan gara iyyarusaaleem yemmu galu magaalattii guutuun “ kuni eenyudha?” jechuudhaan dhiphatani. “ Kunoo Kiristoos Isa galiilaa irraa dhufudha” jechuudhaani.

 

Kana booda gara mana qulqullummaa seenee mana qulqullummaa sana dula namoonni mana daldaalaa taassisanii turan qulqulleesse, warren achi keessatti daldaalaa turanis mana qulqullummaa Isaa keessaa baasee ari’e. “Manni koo mana kadhannaati; isin qaalaa saamtotaa taassistanii” jedhee ifatti isaan qeeqe.

 

Namoota naannoo mana qulqullummaa sanaa jiran dhukkubsattoota, warra ijji isaanii jaame, warren gurri isaanii dude, warren miilli isaanii naafate hunda fayyise. Garuu Luboonni Yihudootaa warri sammuun isaanii dude hin fayyine. Yeroo daa’imtoonni iyyarusaaleem “Hoosaa’inaa Ilma Daawitiif” jedhanii faarfatan barattoonni isaaniis daa’imtoota kanneen wajjin waan faarfataniif ijji isaanii dhiiga uffatee Gooftaadhaan “isaan kun immoo kan jedhan hin dhageessuu? Callisaa jedhiin” jedhanii gaafatani. Gooftaanis “ Isaan yoo callisan illee dhakaan ka’ee naan faarfata, kanumaanuu immoo raajii Daawitiin Afaan daa’immanii irraa galata naaf qopheessite jedhamee isa dubbatame hin yaaddattanii?” ( Faar. 8:2) jedheen.Warreen nuti sammuu qabna jedhan lapheen isaanii yemmuu jaamu,afaan daa’immanii garuu faarfannaa roobsa ture.

 

Egaa guyyaan kun guyyaa Gooftaan keenya gara iyyarusaaleem deemuun mana qulqullummaa Isaa keessaa daldaaltotaa fi warren maallaqa jijjiiran ar’ee mana Isaa kabajedha. Guyyaa kana abbootiin mana kiristaanaa “Hoosaa’inaa Ariyaam irratti Ilma Daawitiif” jedhanii faarfannaa fi yeedaloodhaan faarfataa bulu.

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-04-04 09:03:582018-10-26 09:21:20“ Hoosaa’inaa Ilma Aariyaam irratti Daawitiif”
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Tajaajilaa Gaarii Link to: Tajaajilaa Gaarii Tajaajilaa Gaarii Link to: Du’aa Ka’uu Link to: Du’aa Ka’uu Du’aa Ka’uu
Scroll to top