Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Fannoo Isaatiin Fayyina nuuf kenne

in Barumsa Amantaa

         Fannoo Isaatiin Fayyina nuuf kenne

                                                                                                                                                        Damissee Jamanee

 “Ummata Isaa fannoo Isaatiin fayyise” qulqulluu yaared. Addunyaan kun kan fayye Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos hojii fayyina Isaa kan raawwate aarsaa fannoorratti taasifameeni. Kana waan taheef fannoon Gooftaa  kiristaanota biratti mallattoo fayyinaa, araaraa ,abdii fi tokkummaati.Fannoon Gooftaa iccitii jaalala Waaqayyoo ibsudha. “Ilna Isaa tokkicha hanga kennutti addunyaa kana akkasuman jaalate” Yoh 3:16.

         

Fannoon Waaqayyoo fayyisuu Kiriistositti warra amanan hundaaf riqicha gara mana mootummaa Waaqayyoo geessu dha.Kanaafuu manni Kiristaanaa keenya “Fannoo keetiifis ni sagadna” jettee faarfatti.Fannoo Isaa ol kaasuun addunyaa kana ittiin eebbisti. Ummatas walitti qabuun waa’ee fannoo Gooftaa ni barsiisti. Waggaa waggaadhaanis  Fulbaana 17 ayyaana Masqalaa jechuun haala ho’aadhaan ni kabajji.

 

 

     Ummatni Roomaan dur namootni  yakka hojjetan fannoorratti olbaasanii fannisuun adabbii cimaa fudhatu ture. Gooftaan osoo hin fannifamiin dura namootni hedduun sababa yakka isaaniin fannifamaniiru.Fannoonis seenaa akkasii qaba ture.

 Gooftaan keenya erga fannisfamee booda garuu fannoon Gooftaa kan yakkamtootni ittiin adabaman osoo hin taane kan ittiin fayyanidha. Duuka bu’aan Gooftaa, Phaawuloos ergaa gara efesoon 2:10-16 “Lamaan isaanii qaama tokkoon Waaqayyo wajjin isaan araarsuuf lola fannoorratti ajjeese”  akkuma jedhe, nuti Waaqayyo wajjin kan ittiin araaramne,human,obsa,jaalala,nageenya kan ittiin arganne chaappaa jireenya kiristanummaa keenyaa dha.

 Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos “Fannoo koo baatee kan na duuka hin buune kan koo ta’uu hin danda’u” Mat 10:38 jedha. Fannoo Gooftaa baachuu jechuun jiraachuu Waaqayyoo cimsanii hubachuun rakkina nutti dhufu hunda obsuudhaan lubbuu ofii hanga kennanitti gahuu jechuu dha.  “Jechi fannoo Gooftaa warra badaniif gowwummaa dha nuyi warra fayyinuuf garuu human Waaqayyooti”  (1 Qor. 1:16-25)

 

 

 Fannoo yeroo jedhu fannoorratti  Isa fannifame  Ilma Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoos dura jecha waan tureef  isa ibsuu fi dha. Sagalee Isaa warra hin dhageenyeef  fannoon isaaniif gowwumma dha. Nuyi warra itti amannuuf garuu human Waaqayyooti. Luqas 1:35 karaa biraatiinis jecha fannoo jedhu yeroo ibsu: Waa’ee fannoo Waaqayyoo waan dubbatamu warra itti hin amanneef gowwummaa dha jechuu dha.Waaqayyoo Gooftaan dhala namaa karaa adda addaa fayyisa.Fannoon Gooftaa foonii fi dhiigni Isaa  kan irratti kutamee fi lola’e waan ta’eef Gooftaan erga samiitti ol ba’ee boodas ifaan addunyaa kana ni guute. Dhukkubsatoota ni fayyise,warra du’an du’aa kaase.

Seexanni yeroo Gooftaan dhalatee kaasee hanga du’a satti dhala namaarra buluun gooftaarratti al hedduu ka’e, garuu mo’achuu hin dandeenye, Akka ajjeefamus laphee yihudootaa keessa bulee hammeenya akka hojjetan taassise. Gooftaan garuu gaafa guyyaan Isaa gahu fedha Isaatiin dabarsee of kenne.  Amma immoo fannoon Gooftaa waan raajii gurguddaa hojjeteef fannoo sana balleessuudhaaf mala adda addaa mijeessaa jira.

 Diini fannoo Gooftaa cimsee nimorma. Kanuma irraa ka’uunis waggaa dhibba sadii (300) oliif boolla keessatti gatamee akka turuuf taasisani. Hundarrayyuu seexanaaf waan hin galleef malee bakki awwaala fanno Gooftaa laphee uummataa keessa malee lafa keessa miti.

Fannoon Gooftaa qaraaniyootti  bakka  dhaabamuun isaa boodarra fannoon Gooftaa sammuu ijoollee addaam keessa malee bakka biraa akka hin taane nutti mul’isa. Kanaafis ragaa kan nuuf ta’u fannoon Gooftaa awwaalamee yeroo turetti jaalalli fannoo sammuu dhala namaa keessaa hin banne. Fannoon Gooftaa humna keenya, fannoon Gooftaa fayyisaa keenya, fanon qoricha lubbuu keenyaati.

 Diinni fayyina dhala namaa waan hin barbaanneef ayihuudonni goomiidhaan fayyisaa addunyaa kan ta’e Kiristoosiin fannisuun isaanii itti xiqqaatee fannoo Gooftaa awwaalanii bakka namni hin geenye waggaa dhibba sadiif dhokasamee ture. Boodarra garuu Illeenii kan jedhamte mootii kiristaanotaa yaada eebbifaamaadhaan kaatee gara Iyyerusaaleem deemtee fannoo Goftaa bakka awwaalamee jiruu baasuu dandeesseetti. Waa’ee seenaa qulqulleettii kanaa fi raawwii raawwatte akka armaan gadiitti ibsuu yaalla.

Illeeniin akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 250 Biitaaniyaa magaalaa Helenapolisitti dhalatte. Maatiin ishees qabeenya waan hin qabneef hojii hunda osoo hin tuffatiin hojjechaa guddatte. Erga guddattee boodas nama Tarbinoos jedhamutti heerumtee waliin amanamummaadhaan erga jiraachaa turanii diinni gaafa isaan addaan baasu abbaan manaa ishee sanduuqa keessa  kaahee galaanatti ishee gate.

Qurxummiinis sanduuqa kana liqimsee gara biya Qusxinxiiniyaa geesse. Qunisxaan garboota isaa waliin gara qarqara galaanaa deemee qurxummii sana qabsiisee gaafa qalan sanduqni garaa qurxummii keessaa bahe. Gaafa bananii ilaalanis kan baay’ ee miidhagdu Illeeniin osoo homaa hin ta’iin sanduuqa keessaa bate. Achuma mana moototaattis guddatte. Qulqulleettiin Illeenii cubbamoota gidduutti mana mootiitti yoo guddattellee hordoftoota isaanii osoo hin ta’iin qulqullummaan jiraachaa turte boodarras Qunisxaatti heerumuun firii gaarii Qosxenxiiniiyoos mucaa jedhamu argatani.

Waggaa muraasa erga waliin jiraatanii booda Qunisxaan angoo barbnaacha nama biraa fuudhee ishee hiike. Illeeniinis mucaa ishee Qosxenxiiniyoosiin waa’ee kiristaanummaa barumsa hedduu barsiisa isa guddiste. Gara jabina warri Roomaa kiristaanotarratti raawwatan ilaalaa waan guddateef yeroo hunda ilma isheen kiristaanotaaf akka laafuuf gorsiti ture. Kana irraa kan ka’eenis sanyii gaarii isheen oomishte firii gaarii waan kenneef akka duuka bu’ootaa maqaan ishee yeroo hunda ka’u taasifame.

  Gara fuulduraati mana mootummaa abbaa isaa keessatti qorumsa seexanaa dhiyaatu mo’uudhaan Waaqa tolfamaaf osoo hin jilbeeffatiin gara Waaqa dhugaatti akka beeku barumsi isheen barsiiste jireenya isaa guutuu akka itti fayyadamuu fi kaaniinis akka fayyadu isa taasiseera. Qosxenxiniwoos gara mana mootummaa abbaasaa deemuun akka baratetti hojii gaarii hojjechuu fi murtoo haqaa fudhachuun mana mootumaa keessatti maqaa guddaa argate. Kadhaan ishees mucaashee  irra bulee jireenya isaa kessatti bakka guddaa akka ga’u taasise.

    Qosxenxiinoos biyya Ingiliziitti duulee osoo jiruu abbaan isaa waan du’eef yerooma sanatti duultonni bakka abbaasaa teessoo abbaa isaarra isa kaa’an aangootti fidan. Yeroo sanattis haadha isaa bakka jirtuu ishee waamsisee cinaa isaa keessisuun kabaja mootittiif ta’u hunda akka ta’uuf taasise.

  Barumsa haadha isaa irraa barate hunda yaadachuun, kiristaanota bitta jala jiran hundaaf bilisummaa labse. Roomitti kan argamu Meksimiyaanosiif kiristaanotaaf bilisummaa akka labsu xalayaa barreesseef . Meeksiimiyaanos garuu Waaqa tolfametti kan bulu waan ta’eef faallaa isaa kiristanota irratti gidiraa baayise. Kana gaafa dhagahu Qosxenxiiniwoos Meksimiyaanosiin balleessuuf duulaaf gaafa ka’u guyyaa sa’a 6:00 samii irrati ol je’ee gaafa ilaalu fannoo heddu ifu arge.

 Isa faana warri turanis  hundi argani. Samiirratti afaan yoonaaniin “Mallattoo kanan ni moota” kan jedhu barreefamee ture. Injifannoo samii irrtatti arge kana huccuu loltoota isaa irratti goonfoo gonfoo isaa iarratti akka hojjetamu taasise. Humna fannoo sanaanis mo’icha argate. Kana booda  haadha isaa waamee waan isa qunname hunda isheetti hime.

Inni humna itti moo’e,nama fayyisuu kan danda’u fannoo gooftaa akkamitti argachuu akka danda’an wal mari’atan. Qulqulleettin Illeeniis dursitee Qosxenxiniwoos kiristaanummatti amanaa, cuuphamee fannoo gooftaa awwaalame akka barbaaduufi bataskaana Iyyerusalem akka ijaaru kadhannaa waaqayyoo gaafattee turte. Illeeniin fannoo gooftaa argachuuf umurii ishee waggaa 80tti waggaa tokko deemuun humna Waaqayyoon Iyyesusalem geese.

Akkuma achi geessen bakka fannoo gooftaa awwalame gaafachuu jalqabde. Dursitee eephisqophosii Iyyerusalem kan ta’an abbaa maqarisiin gaafatte. Isaanis beekuu danda’u namoota jedhan gara jaarsolii umuri dheeraa qabanitti ishee ergani. Jaarsa umurii dheeraa kiraakosiin gara ishee fidanii bakka fannoo Gooftaa awwalame natti  himi jette. Innis dura sodaatee boodarra garuu abbootiin keenya fannoon Gooftaa gaara kana jalatti awwaalame yeroo jedhan dhagaheen ture jedhe.

 Bakki sunis dursee goolgootaa bakka jedhamuu namootni naannoo sanaa waggaa 300 kosii itti gataa waan turaniif gaara fakkatee ture. Illeeninis gaara gidduu jiru keessaa bakka kamitti akka awwalame beekuu waan hin dandeenyeef osoo yaadaa jirtuu eergaman waaqayyoo Mikaa’el mul’ataan iddoo fannoon jiru aarri ixaanaa akka isheetti agarsiisu itti hime.

Kana booda Waaqayyoof galata erga dhiyeesitee booda damaraa hojjetee ixaana gaafa itti dabaltu aarri ixaana olba’ee fannoo Gooftaa bakka awwalame deebi’ee agarsiise. Qulqulleettin Illenii bakka aarri ixaanaa deebi’ee sagaduun agarsiise sana akka qofforamu ajajje.

Bakichis ji’a ja’a erga qofforamee booda Bitootessa 10 fannoowwan sadii argaman keessaa kamtu fannoo gooftaa akka ta’e adda baafachuuf nama du’e fidanii gaafa sadan irra godhan fannoo sadan keessaa fannoo gooftaa du’aa kaase. Dhukkubstaas fayyise. Fannoon Gooftaa osoo hin awwalamiin dura nama fayyisaa ture; awwalcha keessa taa’es laphee namaa keessaa hin badne,awwaala keessa erga argame boodas kunoo du’aa fayyise.

 Egaa walumaa galatti qulqulleettin Illeenii gaafa Fulbaana 16 damaraan hojjechuun bakka fannoon jiru argatte. Gaafa guyyaa fulbbana 17, lafti kun qofforamuu jalqabe. Kanaafuu akka mana amantii keenyaatti guyyaa kana lamaan sababa godhachuun ayyaana guddaa ykn ayyaana Masqalaa bal’inaan kabajama. Yeroo kabajnutti garuu of eegannoon godhamuu qabu barsiitota fudhatama hin qabne bakka biraadhaa fidanii amantii keessa makuun barbaachisaa waan hin taaneef of eeganno gochuu qabna.

 

 

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2015-10-03 07:07:362018-10-26 09:21:18Fannoo Isaatiin Fayyina nuuf kenne
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Maaliif Adii Uffanna? Link to: Maaliif Adii Uffanna? Maaliif Adii Uffanna? Link to: Mahibere Kidusan Television Link to: Mahibere Kidusan Television Mahibere Kidusan Television
Scroll to top