Oduu Gammachiisaa!!!

Dubbii Maariyaam

Kitaaba Dubbii Maariyaam

Dubbiin Maariyaamii qaama Barumsa hundee Mana Kiristaanaa /Doogmaa/ Ortodoksii keessaa isa tokko dha. Dubbii Fayyina dhala namaa keessatti fi, waayee seenaa Kakuu Haaraa fi Adeemsa hojii dhala namaa fiyyisuu Gooftaa Keenya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoos keessattis barumsa murteessaa ta’e dha.

Waaqayyoo iccitii addunyaa kana ittiin fayyise keessatti Dubbiin Maariyaami bakka guddaa fi iccitii guddaa qaba. Dubbii Mariyaamii sirnaan hubaachuu fi hubachuu dhabuun, kufaatii fi fayyina namoota hedduuf bu’uura dha.

Seenaa Uumamaa keessatti kan akka ishee kabaja fi jaalala Waaqayyo fulduratti argate kan hin jirre haati keenya Durbee Maariyaam Uumaa ishee kan deesse ‘Haadha Waaqayyoo’ kan taate, Rajjiin guddaa kan raawwatameefi dha. Kunis, Sanyii ishee kan ta’an ijoollee Addaam hundumaaf badhaadhinaa fi milkaa’ina guddaa dha.

Dubbiin Maariyaam ilaalcha fi ejjennoo Amantaa sirrii qabaachuu caalayyuu jireenya Afuuraa guyya guyyaa keessattis faayidaa fi furmaata hedduu kan qabu, waadaa fi kadhannaan Haadha keenya Maariyaami gahee fi kabaja guddaa akkamii Waaqayyo biratti akka qabu kan nu hubachiisu dha. Manni Amantaa Keenya Umriin badhaatuu ija taateef, birsiisaa fi kitaabota hedduu hundee amantii nuhubachiisan bay’ee qabdi. Garuu, hedduun isaanii Afaan Gi’iiziin yoo jiraatan, muraasni isaanii gara afaan Amaariffaa fi Afaan Oromootti hiikaman illee bal’inaan uummata bira gahanii jiru jechuun ni ulfaata. Dabalataanis, barumsawwan gurguddoon akkasii, dhaloota yeroo yeroon ka’uuf haala uerootiin himamuu akka qaban seenaan nuuf ibsa.

Imaanaa kana fudhachuun Barsiisaa Mana Amantaa keenyaa kan ta’an Amaanu’eel Mallasaa, mata duree “DUBBII MAARIYAAM” jedhuun bifa cimina qabuun fi hawwataa ta’een barreessanii dhiyeessuun isaanii Ortodoksoota maraaf Misiraachoo guddaa dha.

Kitaabicha keessatti barumsa Mana Amantaa Waa’ee Dubbii Qulqulleettii Dubroo Maariyaam isa qajeelaa, maddawwan amanamoo Mana Amantaa keenya irraa waraabuun mata dureewwan saglan itti aanan jalatti haala hawwataa fi dubbifamaa ta’een kitaaba Qulqulluu irratti hundaa’uun nuuf dhiyeessanii jiru.

Mata dureewwan kunis;

1.  Hiika fi Maqaa Kabaja Dubree Mariyaam

2.  Seenaa Durbee Maariyaam

3.  Sababa Ulfina Durbee Maariyaam

4.  Fakkeenya Adda Addaa Abboonni Durbee Ittiin Ibsan

5.  Ragaa Ba’iinsa Kitaabolee Bara Kakuu Haaraa Waa’ee Durbee

6.  Ragaa Ba’iinsa Hayyootaa, Waa’ee Durbee Maariyaam

7.  Deebii Shakkitootaa Waa’ee Durbee Maaiyaam

8.  Kakuu /Waadaa/ Araaraa

9.  Ayyaanota Durbee Maariyaam fi kanneen biroo isaan kana jalatti ibsamaniin barumsa guddaa nuuf dhiyeessanii jiru.

Ortodoksoonni Amntaa keenyatti cimnee, shakkii tokko malee amannee Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf, maatii fi warren nudhagahan hunda barsiisuun cimsuu fi shakkii keessaa baasuuf, barumsa Wangeelaa isa dhugaa addunyaan irra dogongoraa jiru ibsuuf beekumsi akkasii bay’ee nu barbaachisa.

Dabalataanis, dhaloota keenya ittiin qaruuf fi ijoollee keenya ittiin barsiisuuf kitaabni kun gumaacha guddaa qaba.

Lallabdoonni Wangeelaa fi faarfattoonni; barumsaa fi faarfannaa keessan beekumsa cimaa akkasiiitiin deeggaruuf, baratoonni Sanbataas /Dilbataas/ bakka barsiisonni hin argamnettillee kan ittiin of gargaartani dha. Kitaabichi barumsa hedduu fuulawwan muraasaa 176 keessatti gabaabsee nuuf dhiyeessee jira.

Boordii Editooriyaalii /Gulaallii/ Waldaa Qulqullootaatiin sirreeffamee fi Eyyamamee Waldichaan kan maxxanfame dha. Kitaaba kanas;

  1. Dukkaanota Waldaa Qulqullootaa hundumatti fi
  2. Kutaalee Misooma Waldaa Qulqullootaa wiirtuuwwanii fi wiirtuuwwan aanaatti ni argattu.

Odeeffannoo dabalataaf lak. bilbilaa

0111540484, 0111246184 0111244530’n bilbiluun argachuu dandeessu.

Waaqayyo kadhannaa fi Waadaa Durbee Maariyaamiin Mana Amantaa Keenya, Biyya Keenya Itiyoophiyaa fi uummata ishee hunda nuuf haa eegu! Barsiisaa Keenyaafis Sagalee Jireenyaa haa dhaggeesisu!

Dubbisa Gaarii!