Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Oduu Gammachiisaa!!!

in Uncategorized

Dubbii Maariyaam

Kitaaba Dubbii Maariyaam

Dubbiin Maariyaamii qaama Barumsa hundee Mana Kiristaanaa /Doogmaa/ Ortodoksii keessaa isa tokko dha. Dubbii Fayyina dhala namaa keessatti fi, waayee seenaa Kakuu Haaraa fi Adeemsa hojii dhala namaa fiyyisuu Gooftaa Keenya Qoricha Keenya Iyyasuus Kiristoos keessattis barumsa murteessaa ta’e dha.

Waaqayyoo iccitii addunyaa kana ittiin fayyise keessatti Dubbiin Maariyaami bakka guddaa fi iccitii guddaa qaba. Dubbii Mariyaamii sirnaan hubaachuu fi hubachuu dhabuun, kufaatii fi fayyina namoota hedduuf bu’uura dha.

Seenaa Uumamaa keessatti kan akka ishee kabaja fi jaalala Waaqayyo fulduratti argate kan hin jirre haati keenya Durbee Maariyaam Uumaa ishee kan deesse ‘Haadha Waaqayyoo’ kan taate, Rajjiin guddaa kan raawwatameefi dha. Kunis, Sanyii ishee kan ta’an ijoollee Addaam hundumaaf badhaadhinaa fi milkaa’ina guddaa dha.

Dubbiin Maariyaam ilaalcha fi ejjennoo Amantaa sirrii qabaachuu caalayyuu jireenya Afuuraa guyya guyyaa keessattis faayidaa fi furmaata hedduu kan qabu, waadaa fi kadhannaan Haadha keenya Maariyaami gahee fi kabaja guddaa akkamii Waaqayyo biratti akka qabu kan nu hubachiisu dha. Manni Amantaa Keenya Umriin badhaatuu ija taateef, birsiisaa fi kitaabota hedduu hundee amantii nuhubachiisan bay’ee qabdi. Garuu, hedduun isaanii Afaan Gi’iiziin yoo jiraatan, muraasni isaanii gara afaan Amaariffaa fi Afaan Oromootti hiikaman illee bal’inaan uummata bira gahanii jiru jechuun ni ulfaata. Dabalataanis, barumsawwan gurguddoon akkasii, dhaloota yeroo yeroon ka’uuf haala uerootiin himamuu akka qaban seenaan nuuf ibsa.

Imaanaa kana fudhachuun Barsiisaa Mana Amantaa keenyaa kan ta’an Amaanu’eel Mallasaa, mata duree “DUBBII MAARIYAAM” jedhuun bifa cimina qabuun fi hawwataa ta’een barreessanii dhiyeessuun isaanii Ortodoksoota maraaf Misiraachoo guddaa dha.

Kitaabicha keessatti barumsa Mana Amantaa Waa’ee Dubbii Qulqulleettii Dubroo Maariyaam isa qajeelaa, maddawwan amanamoo Mana Amantaa keenya irraa waraabuun mata dureewwan saglan itti aanan jalatti haala hawwataa fi dubbifamaa ta’een kitaaba Qulqulluu irratti hundaa’uun nuuf dhiyeessanii jiru.

Mata dureewwan kunis;

1.  Hiika fi Maqaa Kabaja Dubree Mariyaam

2.  Seenaa Durbee Maariyaam

3.  Sababa Ulfina Durbee Maariyaam

4.  Fakkeenya Adda Addaa Abboonni Durbee Ittiin Ibsan

5.  Ragaa Ba’iinsa Kitaabolee Bara Kakuu Haaraa Waa’ee Durbee

6.  Ragaa Ba’iinsa Hayyootaa, Waa’ee Durbee Maariyaam

7.  Deebii Shakkitootaa Waa’ee Durbee Maaiyaam

8.  Kakuu /Waadaa/ Araaraa

9.  Ayyaanota Durbee Maariyaam fi kanneen biroo isaan kana jalatti ibsamaniin barumsa guddaa nuuf dhiyeessanii jiru.

Ortodoksoonni Amntaa keenyatti cimnee, shakkii tokko malee amannee Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf, maatii fi warren nudhagahan hunda barsiisuun cimsuu fi shakkii keessaa baasuuf, barumsa Wangeelaa isa dhugaa addunyaan irra dogongoraa jiru ibsuuf beekumsi akkasii bay’ee nu barbaachisa.

Dabalataanis, dhaloota keenya ittiin qaruuf fi ijoollee keenya ittiin barsiisuuf kitaabni kun gumaacha guddaa qaba.

Lallabdoonni Wangeelaa fi faarfattoonni; barumsaa fi faarfannaa keessan beekumsa cimaa akkasiiitiin deeggaruuf, baratoonni Sanbataas /Dilbataas/ bakka barsiisonni hin argamnettillee kan ittiin of gargaartani dha. Kitaabichi barumsa hedduu fuulawwan muraasaa 176 keessatti gabaabsee nuuf dhiyeessee jira.

Boordii Editooriyaalii /Gulaallii/ Waldaa Qulqullootaatiin sirreeffamee fi Eyyamamee Waldichaan kan maxxanfame dha. Kitaaba kanas;

  1. Dukkaanota Waldaa Qulqullootaa hundumatti fi
  2. Kutaalee Misooma Waldaa Qulqullootaa wiirtuuwwanii fi wiirtuuwwan aanaatti ni argattu.

Odeeffannoo dabalataaf lak. bilbilaa

0111540484, 0111246184 0111244530’n bilbiluun argachuu dandeessu.

Waaqayyo kadhannaa fi Waadaa Durbee Maariyaamiin Mana Amantaa Keenya, Biyya Keenya Itiyoophiyaa fi uummata ishee hunda nuuf haa eegu! Barsiisaa Keenyaafis Sagalee Jireenyaa haa dhaggeesisu!

Dubbisa Gaarii!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-12-06 08:30:472019-12-06 08:30:48Oduu Gammachiisaa!!!
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Biyya kan taate Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa eeguun dirqama mootummaa akka ta’e Waldaan Qulqullootaa ni hubachiise. Link to: Biyya kan taate Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa eeguun dirqama mootummaa akka ta’e Waldaan Qulqullootaa ni hubachiise. Biyya kan taate Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa eeguun dirqama... Link to: Tamsaasa idilaa si’aa’inaa eegamaa kan ture jalqabuuf qophii isaa akka xummure Waldaan Qulqullootaa ni beeksise. Link to: Tamsaasa idilaa si’aa’inaa eegamaa kan ture jalqabuuf qophii isaa akka xummure Waldaan Qulqullootaa ni beeksise. Tamsaasa idilaa si’aa’inaa eegamaa kan ture jalqabuuf qophii isaa akka xummure...
Scroll to top