Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

Kutaa 3ffaa

  • Manni Kiristaanaa keenyaa Kawaalota fi Manneen Kiristaanaa kumaatamaan laakka’aman; luboota, tajaajiltoota fi amantoota miiliyoonaan lakkaa’aman kan qabdu ta’uun ishee ni beekkama.  Kana irraa yeroo ilaallu, Meeshaaleen Qulqullaa’oo irra caalaatti kan argaman namoota dhuunfaa fi namoota amantaan isaanii faallaa ta’e irraayi. Kanaafuu, haala kana hundee isaatirraa sirreessuuf fi Mana Kiristaanaa keenya fayyadamtuu godhuuf dhaabbanni ogummaa harkaa Goofaa cimee akka itti fufuuf fi dhaabbatichi ramaddii bajataa fi human namaa gahaa ta’een deeggaramee, naannolee adda addaatti dameewwan banee Meeshaalee Qulqullaa’oo baay’inaanis ta’e qulqullinaan oomishee dhiheessuun dorgomaa akka ta’u godhuun namoonni adda addaa karaa seeraan alaatiin meshaalee oomishaman hundumaa dhaabbatuma keenyatti sadarkaa fedhii amantoota keenya quubsuu danda’uun  qulqullinaan akka oomishu yaa’iin kun yaadachiiseera.
  • Kawaalonni Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa madda seeraa fi heeraa, argama ga’uumsa bulchiinsaa, abbaa Hambaalee fi Meeshaalee Qulqullaa’oo, wiirtuu Kadhannaa, barumsaa fi naamusaa ta’uun isaanii beekkamaa dha. Kun cimee itti fufuu kan qabu yeroo ta’u; gama biraatiin garuu, Kawaalota gurguddoo Kutaalee adda addaa keessa argamanitti heera Mana Kiristaanaan fi seera Kawaalaan alatti fedhii fi faaydaa dhuunfaa isaanii eegsisuuf jecha osoo hin ergamin ergamneerra, osoo hin muudamin muudamneerra, gahuumsa Afuurawaa osoo hin qabaatin geenyeerra jechaa rakkoolee adda addaa uumuun amantoota burjaajeessaa warroota maallaqa miiliyoonaann lakkaa’amu faayidaa dhuunfaa isaaniif oolchaa jiran gar-malee kan balaaleeffannu ta’uu ibsaa seera Kawaalotaa eegsisuuf jecha wal-cinaa dhaabbachuun cimnee hojjechuuf waadaa galla.
  • Barnootni yaa’ii Mana Kiristaanaa (አብነት ትምህርት) haala barnoota ammayyaa waliin walitti qindaa’ee ittiin kennamuu danda’u irratti kan xiyyeeffatu imaammanni barnootaa wiirtuulee leenjii fi barnootaatiin osoo qophaa’e hayyoota tajaajila waliigalaa Mana Kiristaanaaf gahuumsa qaban horachuun waan danda’amuuf, manneen barnoota Yaa’ii Mana Kiristaanaa cimee akka itti fufu yaa’ichi ni yaadachiisa.
  • Hoggansi tajaajila Heeraa mana lubummaa ol’aanaa carraaqqiin inni mirga Mana Kiristaanaa keenya eegsisuuf godhaa jiru cimee akka itti fufu fi dhaddachi Afuurawaa isaas bifa seera Mana Kiristaanaa eeggen murtee Afuurawaa kennuun isaa Mana Kiristaanaa keenyaaf bu’aa qabeessa dha. Haa ta’u malee, dirra sanaaf seerri bahee qaamolee dhimmichi isaan ilaallatuuf dhihaatee beekkamtii akka argatu gaaffiin wal-irraa hin cinne dhihaataa turus, furam dhabuun isaa gar-malee kan nama gaddisiisu yoo ta’u, rakkoolee bulchiinsa keessaatiin uumaman ilaalchisee ofii  keenyaaf ofuma keenyaan murtee kennuun cimee akka itti fufuuf godhuun cinaatti carraaqqiin Manni Kiristaanaan keenya mana murtii Afuurawaa mootummaa birattis beekkamtii qabu akka qabaattuuf godhamu karaa hoggansa heeraatiin cimee akka itti fufu yaa’ichi ni yaadachiisa.