Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

in Uncategorized

kutaa 5ffaa

  • Kaayyoon ijoo dhaabbata dhimmoota maatii fi daa’immanii, daa’imman hawaasa waliin jiraatani tajaajila nyaataa, uffata fi yaalii fayyaa akka argatan haala mijeessuu dha. Keessattuu yeroo ammaa kanatti gochi gaarii daa’imman haadha fi abbaa hin qabne kununsaa guddisuun maqaa Mana Kiristaanaa keenyaan foyya’ee akka itti fufu yaadachiisaa; kutaalee lallabaa muraasa keessatti dhaabbatichi walii galee hojjechuu dhabuu isaa irraa kan ka’e dhimmi isaa Mana Kiristaanaa keenya irraa darbee gara mana murtii mootummaatti akka qajeelu taasifamee gulummaan (lafa) fi qabeenyi Mana Kiristaanaa keenyaan qabamee ture qaamolee biroon akka irraa haala mijeessaa jira waan ta’eef Qulqulluun Sinoodoos murteewwaan dursee murteesse ammas fooyyessee fi cimsee kallattii dhaabbatichi kutaalee lallabaa waliin wal-ta’aa ittiin hojjetu akka kaa’uu fi kun ta’uu hin danda’u taanaan garuu gulummaa Manni Kiristaanaa maqaa guddisa daa’immaniitiin qabattee baroota dheeraaf eegaa turte kun akka irraa hin fudhatamne fi daa’imman haadha fi abbaa hin qabne akka hin bittinoofne, Manni Kiristaanaa keenya guutuma guutuutti of jalatti oolchitee dambii fi qajeelfama ittiin bulchitu akka qopheessitu gaafachaa galmaan gahuu isaaf immoo gumaacha nuurraa eeggamu  godhuuf waadaa galla.
  • Dhaabbanni sab-qunnamtii Mana Kiristaana keenyaa dhaabatee erga tajaajila kennuu eegale yeroo gabaabaa ta’us, tamsaasa sagantaa idilaawaa isaarratti qooqaalee adda addaatiin adeemsisuun isaa kan jajjabeeffamuu dha. Haa ta’u malee, keessattuu bara bajataa kanatti gubiinsa Mana Kiristaanaa, ajjeefamuu amantootaa, lafa fi mana jireenya isaanii irraa buqqa’uu amantootaa raawwatamaa turan irratti hiriira nagaa gocha sukaneessaa kana balaaleeffatu amantootni dammaqinaan bahan sana dhaabbanni sab-qunnamtii keenya sa’aatii bal’aa kennee gabaasuu dhabuun isaa komii guddaa kan kaasise waan ta’eef dhaabbanni kunis waltajjii Mana Kiristaanaa ta’uun isaa beekkamee tajaajila foyya’aa kennuu akka danda’u ogeeyyi bajata gahaan deeggaramee, irra deddeebii sagantaalee hir’isee sagantaalee haaraa fi wayitawaa gabaasuun dhaabbata sadarkaa isaa eegate akka ta’u yaa’ichi gar-malee yaadachiisa.
  • Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa biyyattii fi daangaa ishee eegsisuun; dhaloota kanaaf seenaa isaa, dabaree (darbii darboo) isaa, beekumsa isaa fi ogummaa adda addaa dabarsuun gumaachi isheen goote ol’aanaa dha. Ta’us, yeroodhaa yerootti naannolee tokko tokkotti gareewwan ejjennoo farra Mana Kiristaanaa qabatanii socha’an baay’achaa dhufan kun heera biyyattiin fi naamusa amantiin ala Mana Kiristaanaa keenya qoruumsa keessa galchuun dhiibbaa irraan gahaa argamu.
  • Bara darbe kutaa lallabaa Sumaalee Itiyoophiyaatti badiin Mana Kiristaana fi amantoota irra gahe hoggantoota naannichaa bara sanaan karoorfamee fi kaayyeeffatamee kan raawatme waan ta’eef lubbuu namaa fi qabeenya amantootaa badeef gatiin (beenyaa/hiirphaa) ogeeyyiin shallagamee mootummaan nannichaa Mana Kiristaanaa keenyaaf akka kaffalu gaafatame osoo hin deebi’in, inumayyuu bara kanatti doorsisni fi gidiraan keessattuu Jimmatti, Kamiseetti, Harargee Bahaatti, Dirree Dawaatti, Goodina Sidaamaatti, Shawaa Kaabaatti, Matakkalitti, fi k.k.fakkaatanitti amantoota keenyarra gahaa jiru daran cimee itti fufuu isaatin Manni Kiristaanaa keenya gubamteetti, luboonni ishees Siida Aarsaa ishee jalatti qalamaniiru, amantootni ajjeefamaniiru, hidhamaniiru, iddoo jireenyaa isaanii irraas godaananiiru. Kanaafuu, carraaqqiin rakkoolee kana mootummaa giddu galeessaaf dhiheessuuf gama Qulqulluu Sinoodoosii godhamaa jiru akkuma eeggametti ta’ee, rakkoon kun yeroodhaa yeroottii dabalaa waan dhufeef doorsisa fi gidiraa Mana Kiristaanaa keenya irra gahaa jiru xiqqeessuufi dursanii ittisuun akka danda’amu badiin tokko gahuun isaatiin duratti erga gahe boodas koree ididla addunyawaa xiinxala fi odeeffannoo  ogummaan deeggarame qaama dhimmi ilaallatuuf akkasumas amantootaaf dursee kennu, ogeeyyii seeraas of keessatti kan hammate, wiirtuu odeeffannoo cimaa kan qabu, walitti dhufeenyi isaas Teessoo Paatriyaarkii irraa kaasee hanga yaa’ii lallabaa Manneen Kiristaanaatti kan gahu Qulqulluu Sinoodoosiin akka hundeeffamu ni gaafanna.
  • Warreen Ilaalcha foonii fi seeneessa dharaa uumuun kitaabaanis ta’e toora sab-qunnamtiitiin tamsaasan; ijaarsa biyyaaf , bulchiinsa gaariif, barumsaaf fi k.k.fakkaataniif walumaa galatti eenyummaa waliigalaa Itiyoophiyaa irratti tola ooltummaa guddaa kan oolte Mana Kiristaanaa keenya ishee ol’aantuu kana actiiviistootni fi namoonni siyaasaa sabaa fi sab-lammoota adda addaa irraa argamne jedhani fi ilaalcha foonii adda addaa qabatanii socho’an Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa hawwattuu SIRNA MOOTUMMAA ILAALCH-TOKKEE (አሐዳዊ ሥርዓት) fi amantaa saba tokkoo qofa akka taate fakkeessanii dubbachuun oduu dhugaa irraa fagaate afaarsan kun amantootni keenya shakkii hin taane keessa akka galan fi Mana Kiristaanaa isaanii akka shakkan taasisuun kun holola dogongoraa fi faayidaa tokkollee kan hin qabne waan ta’eef yaa’iin idila addunyaa kun baay’isee balaaleeffata.
Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-11-11 13:18:382019-11-11 13:27:38Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii Link to: Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii... Link to: Hiikkoo xummuramuu Faaruu (sirna Galateeffannaa) Tibba Abaaboo (ተፈጸመ ናሁ) Link to: Hiikkoo xummuramuu Faaruu (sirna Galateeffannaa) Tibba Abaaboo (ተፈጸመ ናሁ) Hiikkoo xummuramuu Faaruu (sirna Galateeffannaa) Tibba Abaaboo (ተፈጸመ...
Scroll to top