Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

in Uncategorized

Kutaa lammaffaa

  • Ol-aantummaan fi Ulfinni Mana Kiristaanaa keenyaa yeroodhaa yerootti eeggamee akka jiraatu babal’iinsi lallaba Wangeelaa murteessaadha waan ta’eef, hojiilee Hoggansa lallaba Wangeelaa fi ergama Duuka Bu’ummaatiin raawwatamaa jiran cimsuun gama bobbaatii lallaba Wangeelaatiinis ta’e bu’aawwan maxxansaatiin bifa gaaffii dhaloota kanaa deebisuu danda’uu fi bifa fedhii afaan dhalootaatiin tajaajiluu danda’uu miilkeessuun Qulqulluu Sinoodoosiin xiyyeeffannaan itti kennamee akka qindaa’u gaafachaa duulli lallaba Wangeelaa akka cimuuf gumaacha maallaqaa dhibbeentaa tokkoo (1%) Qulqulluu Sinoodoosiin kan mueteeffame lallaba Wangeelaa cimsuuf fi babal’isuuf qisaasummaa tokko malee hojii irra akka oolu taasisuuf waadaa galla.
  • Dargaggeeyyii manneen barnoota Sambataa Mana Kiristaanaa ishee boruu dhaaluu warren danda’an fi bareedina ishee kan har’aa kan ta’an kununsuun, barsiisuun fi weerara diinaa irraa baraaruun barnoota isa hin dabne fi qulqulluu kan ta’e  sana manneen barnoota Sambataa Manneen Kiristaanaa hunda keessatti argaman barsiisuuf, cimsuuf fi bakeewwan manneen barnoota Sambataa hin hundeeffamneetti hundeessuuf waadaa galla. Kana waliiniis deeggarsi maallaqaa fi ogummaa hojii misoomaa manneen lubummaa aanaa kutaalee lallabaa adda addaa keessatti argamani  fi Manneen Kiristaanaaf gama Waldaa Qulqullootaatiin taasimaa jiru gabaasaawwan dhihaatan irraa hubachuun danda’aameera. Gargaarsa Waldichi Mana Kiristaanaaf taasisu fuul-duraaf daran cimsee akka itti fufu yaa’iin kun ni yaadachiisa.
  • Hoggansi bulchiinsa lubootaa kabaja yaadannoo guyyaa muudamuu Qulqulluu Paatriyaarkichaa irraa eegalee ayyaanootni waggaa haala ho’aa fi seera qabeessa ta’een akka kabajaman godhuun isaa Mana Kiristaanaa keenyaaf  karaalee kabajni (siimboon) ishee ittin ibsamu waan ta’eef, fuul-duraafis jajjabeeffamee kana caalaa cimee akka itti fufu ni yaadachiisna.
  • Mana Kiristaanaa keenyatti dambii too’annaa, kununsaa fi eegumsa hambaalee fi qabeenyaa jiraachuun isaa hambaaleen haalaan akka eeggaman fi galiin turizimii akka dagaagu akkasumas, muuziyeemichis wiirtuu qo’annaa fi qorannaa akka ta’u godhuuf hojjetemuun isaa akkuma eeggametti ta’ee, baroota dheeraa lakkoofsisuu isheerraa fi idila addunyawaa ta’uu isheerraa kaanee yoo ilaalle, gama turizimiitiin osoo sirritti hojjetame, dirri kun gama galii biyyattii guddisuutiin fi Mana Kiristaanaa keenyaaf gumaacha guddaa argamsiisuu danda’uu isaatirraa kaanee yeroo ilaallu, Manni Kiristaanaa keenya gama hambaalee fi turizimiitiin hojii guddaa hojjechuutu irraa eeggama. Kanaafuu, kutaan eegumsa fi kununsa hambaalee, manneen kitaabaa fi muziyeemii Mana Kiristaanaa keenyaa haala barbaachisaa ta’een; bajataan illee haa ta’u, gama humna namaa gahuumsa qabuun illee haa ta’u dagaagee hojii Manni Kiristaanaa keenya miilkaawaa ittiin ta’u akka raawwatu yaadachiisaa sadarkaa kutaalee lallabaatiinis dirra kanaan hojii foyya’aa hojjechuuf waadaa galla.
  • Too’annaan maallaqaa fi qabeenyaa cimee argamuun isaa guddina diinagdee biyyattiif illee ta’e Mana Kiristaanaaf murteessaa waan ta’eef waajjirri mana lubummaa ol’aanaa hoggansa too’annaa isaa ogeeyyii gahaan qindeessee, kutaaleen lallabaas waan nurraa eeggamu hunda raawwachuun adeemsa hojii herregaa fi too’annaa amansiisaa ta’e lafa qabsiisuuf gahee nurraa eeggamu hamma humni keenya danda’u galmaan gahuuf waadaa galla.
Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2019-10-28 12:53:542019-10-28 12:53:56Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Lubbuu Amantootaa farreen Mana Kiristaanaatiin ajjeefaman Gannata keessa nuuf haa galchu. Link to: Lubbuu Amantootaa farreen Mana Kiristaanaatiin ajjeefaman Gannata keessa nuuf haa galchu. Lubbuu Amantootaa farreen Mana Kiristaanaatiin ajjeefaman Gannata keessa nuuf... Link to: Beeksisa Link to: Beeksisa Beeksisa
Scroll to top