Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

Kutaa lammaffaa

  • Ol-aantummaan fi Ulfinni Mana Kiristaanaa keenyaa yeroodhaa yerootti eeggamee akka jiraatu babal’iinsi lallaba Wangeelaa murteessaadha waan ta’eef, hojiilee Hoggansa lallaba Wangeelaa fi ergama Duuka Bu’ummaatiin raawwatamaa jiran cimsuun gama bobbaatii lallaba Wangeelaatiinis ta’e bu’aawwan maxxansaatiin bifa gaaffii dhaloota kanaa deebisuu danda’uu fi bifa fedhii afaan dhalootaatiin tajaajiluu danda’uu miilkeessuun Qulqulluu Sinoodoosiin xiyyeeffannaan itti kennamee akka qindaa’u gaafachaa duulli lallaba Wangeelaa akka cimuuf gumaacha maallaqaa dhibbeentaa tokkoo (1%) Qulqulluu Sinoodoosiin kan mueteeffame lallaba Wangeelaa cimsuuf fi babal’isuuf qisaasummaa tokko malee hojii irra akka oolu taasisuuf waadaa galla.
  • Dargaggeeyyii manneen barnoota Sambataa Mana Kiristaanaa ishee boruu dhaaluu warren danda’an fi bareedina ishee kan har’aa kan ta’an kununsuun, barsiisuun fi weerara diinaa irraa baraaruun barnoota isa hin dabne fi qulqulluu kan ta’e  sana manneen barnoota Sambataa Manneen Kiristaanaa hunda keessatti argaman barsiisuuf, cimsuuf fi bakeewwan manneen barnoota Sambataa hin hundeeffamneetti hundeessuuf waadaa galla. Kana waliiniis deeggarsi maallaqaa fi ogummaa hojii misoomaa manneen lubummaa aanaa kutaalee lallabaa adda addaa keessatti argamani  fi Manneen Kiristaanaaf gama Waldaa Qulqullootaatiin taasimaa jiru gabaasaawwan dhihaatan irraa hubachuun danda’aameera. Gargaarsa Waldichi Mana Kiristaanaaf taasisu fuul-duraaf daran cimsee akka itti fufu yaa’iin kun ni yaadachiisa.
  • Hoggansi bulchiinsa lubootaa kabaja yaadannoo guyyaa muudamuu Qulqulluu Paatriyaarkichaa irraa eegalee ayyaanootni waggaa haala ho’aa fi seera qabeessa ta’een akka kabajaman godhuun isaa Mana Kiristaanaa keenyaaf  karaalee kabajni (siimboon) ishee ittin ibsamu waan ta’eef, fuul-duraafis jajjabeeffamee kana caalaa cimee akka itti fufu ni yaadachiisna.
  • Mana Kiristaanaa keenyatti dambii too’annaa, kununsaa fi eegumsa hambaalee fi qabeenyaa jiraachuun isaa hambaaleen haalaan akka eeggaman fi galiin turizimii akka dagaagu akkasumas, muuziyeemichis wiirtuu qo’annaa fi qorannaa akka ta’u godhuuf hojjetemuun isaa akkuma eeggametti ta’ee, baroota dheeraa lakkoofsisuu isheerraa fi idila addunyawaa ta’uu isheerraa kaanee yoo ilaalle, gama turizimiitiin osoo sirritti hojjetame, dirri kun gama galii biyyattii guddisuutiin fi Mana Kiristaanaa keenyaaf gumaacha guddaa argamsiisuu danda’uu isaatirraa kaanee yeroo ilaallu, Manni Kiristaanaa keenya gama hambaalee fi turizimiitiin hojii guddaa hojjechuutu irraa eeggama. Kanaafuu, kutaan eegumsa fi kununsa hambaalee, manneen kitaabaa fi muziyeemii Mana Kiristaanaa keenyaa haala barbaachisaa ta’een; bajataan illee haa ta’u, gama humna namaa gahuumsa qabuun illee haa ta’u dagaagee hojii Manni Kiristaanaa keenya miilkaawaa ittiin ta’u akka raawwatu yaadachiisaa sadarkaa kutaalee lallabaatiinis dirra kanaan hojii foyya’aa hojjechuuf waadaa galla.
  • Too’annaan maallaqaa fi qabeenyaa cimee argamuun isaa guddina diinagdee biyyattiif illee ta’e Mana Kiristaanaaf murteessaa waan ta’eef waajjirri mana lubummaa ol’aanaa hoggansa too’annaa isaa ogeeyyii gahaan qindeessee, kutaaleen lallabaas waan nurraa eeggamu hunda raawwachuun adeemsa hojii herregaa fi too’annaa amansiisaa ta’e lafa qabsiisuuf gahee nurraa eeggamu hamma humni keenya danda’u galmaan gahuuf waadaa galla.