Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa’ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa’ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii

Kutaa 4ffaa

  • Kitaabileen fi Faaruuwwan Mana Kiristaanaa keenyaan qophaa’anii maxxanfaman hundumtuu Yaa’ii Hayyootaatiin qoratamanii akka maxxanfaman; hojii kanaafiis manni maxxansaa Tinsaa’ee Za Gubaa’ee cimee galmaan gahuu akka danda’u daran akka cimu ta’ee, kitaalolee kanaan dura Mana Kiristaanaa keenyaan qophaa’anii faayidaa irra oolaa turan dhaabbilee fi namoota dhuunfaatiin karaa seeraan ala ta’een maxxanfamaa fi ittiin daldalamaa jira waan ta’eef, Manni Kiristaanaa Kitaabolee Mataa ishee sirritti eeguun maxxansaa amantoota isheef akka dhiheessitu fi barsiifannaa ishee isa bu’uuraa, isa dhugaa fi sirrii ta’e kana karaa sirrii ta’een akka waliin geessu waan dandeenyu hunda godhuuf waadaa galla.
  • Tibba kana gochi sukaneessaa amantoota fi Mana Kiristaanaa keenya irra gahaa jiru itti baay’achaa jiru, Manneen Kiristaanaa haala kanaan dura irraa caaluun wal-gargaaruu fi Manneen Kiristaanaa gubatani fi cufamani irra deebi’uun ijaaruuf fi kan cufamani banuuf wal-deeggeruun durii kaasee aadaa keenya waan ta’eef, Manneen Kiristaanaa biyyota alaa fi kutaa lallabaa Finfinnee keessatti argamani, itti gaafatamtootni waajjiraalee Manneen Kiristaanaa, Kawaalota fi Yaa’iiwwan Barnoota Mana Kiristaanaa baadiyyaa gargaaruuf sochiin godhamaa jiru daran akka cimee akka itti fufu yaa’ichi ni yaadachiisa.
  • Kolleejonni Afuurawaa Qulqulleettii Sillaasee, Sawaasawa Birhaan Qulqulluu Phaawloos fi Qulqulluu Fireemnaaxoos Abbaa Salaamaa Kasaatee Birihaan hamma ammaa Mana Kiristaanaa keenyaaf humna namaa sirritti leenji’e dabaluun fi lallabdoota Wangeelaa horachuun wal-qabatee shorri/gaheen/ isaan taphatan ol’aanaa ta’uun isaa akkuma eeggametti ta’ee, fuul-duraafis simannaa barattoota isaanii dabalanii calallii bartootaan fi haala baruu barsiisuun walqabatee of-eeggannaa guddaa fi too’annaa barbaachisu godhuun dagaaganii akka itti fufani yaadachiisaa, lallabdoota Wangeelaa gahuumsaan fi beekumsaan akka horataniif waan nurraa eeggamu bahuuf waadaa galla.
  • Gamoowwani fi Manneen qabeenya dhaabbatoo Mana Kiristaanaa fi hambaalee abbootaa kan ta’an ammas carraaqqii mana lubummaa ol’aanaa fi Qulqulluu abbaa keenya Abuuna Maatiyaasiin akkasumas ajaja gaarii muummicha ministeeraa Dr. Abiyyi Ahmadiin deebi’aa jiru waan ta’eef kiraan isaanii seeraan sassaabamaa qixa sirriin fayyadamummaa Manni Kiristaanaa fi hayyoonni Mana Kiristaanaa carraaqqii faayidaa akka irraa argatan taasifamuuf deeggarsa barbaachisu hunda godhuuf waadaa galla.
  • Kaayyoon ijoo dhaabbata dhimmoota maatii fi daa’immanii, daa’imman hawaasa waliin jiraatani tajaajila nyaataa, uffannaa fi yaalii fayyaa akka argatan haala mijeessuu dha. Keessattuu yeroo ammaa kanatti gochi gaarii daa’imman haadha fi abbaa hin qabne kununsaa guddisuun maqaa Mana Kiristaanaa keenyaan foyya’ee akka itti fufu yaadachiisaa; kutaalee lallabaa muraasa keessatti dhaabbatichi walii galee hojjechuu dhabuu isaa irraa kan ka’e dhimmi isaa Mana Kiristaanaa keenya irraa darbee gara mana murtii mootummaatti akka qajeelu taasifamee gulummaan (lafa) fi qabeenyi Mana Kiristaanaa keenyaan qabamee ture qaamolee biroon akka irraa haala mijeessaa jira waan ta’eef Qulqulluun Sinoodoos murteewwaan dursee murteesse ammas fooyyessee fi cimsee kallattii dhaabbatichi kutaalee lallabaa waliin wal-ta’aa ittiin hojjetu akka kaa’uu fi kun ta’uu hin danda’u taanaan garuu gulummaa Manni Kiristaanaa maqaa guddisa daa’immaniitiin qabattee baroota dheeraaf eegaa turte kun akka irraa hin fudhatamne fi daa’imman haadha fi abbaa hin qabne akka hin bittinoofne, Manni Kiristaanaa keenya guutuma guutuutti of jalatti oolchitee dambii fi qajeelfama ittiin bulchitu akka qopheessitu gaafachaa galmaan gahuu isaaf immoo gumaacha nuurraa eeggamu  godhuuf waadaa galla.