Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed

in Tibbana

Soorii Moosisaa

Guyya kanattis fakkeenya Suraafeel kan ta’e abbaan faaruu lammii Itiyoophiyaa kan ta’e Qulqulluu Yaareed boqateera. Qulqulluun kunis gosa  firoota Abbaa Geedeewooni dha. Innis Manneen Kiristaanota Itiyoophiyaa Keessatti Ijaaraman kan dursitu luba Mana Kiristaanaa Aksuumi dha. Manni Kiristaanaa Kunis Amantaan abbaa kabajaa kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan keessatti lallabamee fi Waaqa kan deesse Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiidhaan kan kabajamtee dha. Abbaa Geedeewoonis Qulqulluu Yaareed baruumsa barsiisuu yeroo eegalutti baroota baay’eedhaaf qabachuus ta’ee qo’achuu dadhabe. Guyyaa tokko barsiisaan isaa isatti aaree rukutee dhukkubse. Qulqulluun Yaaredis baqatee urufatti, baay’ina gadda isaa irraa kan ka’e gaaddisa mukaa jala taa’ee Yeroo raammon muka irra baatus arge. Raammon sunis walakkaa mukichaa geessee kufaa turte. Yeroo baay’ee erga kufteen booda dhiphina guddaadhaan mukicha irra baate. Qulqulluun Yaareedis ciminaa raammoo sanaa erga argeen booda gara barsiisaa isaa Afuurawaatti deebi’ee, yaa abbaa koo dhiifama naaf godhitii waan feete nagodhi jedheeni; barsiisaan isaas ofitti isa simate.

Kana boodaa boo’icha baay’eedhaan gara Waaqayyootti kadhannaan lapheen isaa ifeefi yeroo gabaabduu keessatti kitaabolee Kakuu Duraa fi Kakuu Haaraa xummuree aangoo daaqonummaanis muudame. Yeroo sanatti sagalee gadi qabaadhaani malee akka har’aa kanatti sagalee guddaadhan  faarfannan Mahaaleetii hin jiru ture.  Waaqayyos yaadannoo isaaf dhabbuu feenaan /Gannata Edoom/ keessaa sinbirroota sadi ergeefi. Isaanis afaan namaatin itti dubbatanii gara Iyyaruusaalem ishee samiitti isaan waliin ol isa baasan. Achittis luboonni 24 kan ittiin galateeffatan Mahaaleetii isaanii barate. Gara qalbii isaa gara lafaattis yeroo deebi’etti Mana Kiristaanaa qarqara Aksumitti argamtu takkas sa’atii saditti seenee sagalee guddaadhan, “Hallee Luyaa Abbaaf, Hallee Luyaa Ilmaaf Hallee Luyaa Afuura Qulqulluuf, arjaan Tsiyoon samii uume. Lammaaffas akkamitti akka ishee ijaaru akkaataa ijaarsa dunkaanaa museetti agarsiise, isa barsiisee,” jedhe. Galata kanas Ariyaam jedhee moggaase. Sagalee isaa yeroo dhagahanitti mootichi, mootittiin, Phaaphaasiin luboota hunda waliin, qondaaltotni mootummaa fi uummanni gara isaatti fiigichaan dhufanii isa dhaggeeffachaa oolan.

Sana boodaa waggaa hanga waggaatti, akkaataa kutaa baraatin, gannaa fi bona, birraa fi arfaasaa waqtii soomaa fi ayyaanotaa, sanbattan, akkasumas ayyaanota Ergamootaa, Raajotaa fi Duuka Bu’ootaa, Toloota fi Wareegamtootaa, Danaagiliif akka ta’u taasisee yeedaloowwan sadaniin hojjate. Yeedaloowwan sadan kunis Gi’iizii, Izilii fi Araaraayii dha. Dubbiin namootaa, iyyi sinbirrootaa, bineeldotaa fi bineensootaa yeedaloowwan sadan kana keessaa hin bahu.

Guyyaa tokkos Qulqulluu Yaareed mootii Gabramsaqal fuul-dura dhaabbatee osoo faarfatu, mootichi sagalee yeedaloo Yaareed osoo dhaggeeffatuu lapheen isaa faaruudhaan waan fudhatameef ulee sibilaa isaatiin miila Qulqulluu Yaareditti gadi dhaabbate. Miilaa isaa keessaayis dhiigni fi bishaan ni dhangalaa’e. Qulqulluu Yaareedis Maahileet hanga xummurutti itti hin dhagahamne ture. Mootichis kana arginaan ni rifate; ulee isaas miila Qulqulluu Yaared irraa buqqise; gatii dhiiga keetif waan barbaadde na gaafadhu jedheen; Qulqulluun Yaaredis akka nan hin dhowwanneef naaf kakadhu jedheen. Mootichi yeroo kakateefitti gara Kawaalaa deemee akkan Monokkosuuf  naaf eeyyami jedheen. Mootichi erga dhagaheen booda aangawoota isaa waliin baay’ee gadde, akka hin dhorkineef kakuu sana sodaatee osuma gadduu gaggeesse. Sana booda Qulqulluun Yaareed gara Mana Kiristaanaatti seenun Taabota Tsiyoon fuuldura dhaabbatee, “gonkaa kan taate, kan galateeffamte, ulfina ol’aanaa kan gofatte, baha ifaa, gulantaa jireenyaa kan taate” galata jedhu hanga xummuraatti yeroo dubbatu ciqilee tokko lafa irra ol ka’e.  

Kana booda gara kaaba biyyattiitti deemuun soomaf kadhaannaan murtaa’uun foon isaa baay’ee dadhabsiisuun jiraachuun; Qabsuura isaas achitti goolabe. Maqaa isaa nama waamuuf, yaadannoo isaa nama kabajuuf Waaqayyoon waadaa kenneefi. Kana booda nagaadhan boqote.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u,  kadhannaa Qulqulluu Yaareedin dhiifama nuuf haa taasisu. Eebbi isaa bara baraan nu waliin haa ta’u. Ameen!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2020-05-19 12:49:552020-05-19 12:49:58Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2 Link to: “Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2 “Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2 Link to: Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32) Link to: Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32) Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera”...
Scroll to top