Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

in Barumsa Amantaa, Icciitii mana kiristaanaa torban, Icciitiiwwan mana kiristaanaa, Tibbana

Kutaa Lama

Abdii Du’aa Ka’uu Ilma Namaa

 Dhalli namaa harka isaatin ajaja Waaqayyoo cabsuun du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du’a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo badii dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuf yaadee cubbuu fi du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa dhala namaatiif kan kennu ta’uu Isaa dursa karaa Raajota Isaatin fedha Isaa nuuf ibsee jira. Faarsaa Daawit irratti “Afuura kee ni ergita; ni uumamus; fuula lafaas ni haaromsita” inni jedhu sagalee du’aa ka’uuti. (Faar.103: 30). Waaqayyo du’a balleessee nu haaromsee akka nu jiraachisu sagalee Faarsaa Daawit waliin kan walfakkaatu Mul’ata Yohaannis keessatti “Kunoo hunda iyyuu haaraan taassisa”  jedhee nutti hima. (Mul. 21:5) Raajichi Isaayiyyaasis “warri du’an jiraattota ta’u; reeffawwanis ni ka’u; yaa warra lafa irra jiraattanii jiidhi kee jiidha ifaati waan ta’eef; laftis warra du’an baasti waan ta’eef ka’aa faarfadhaa!” jedhee barreesse.(Isaa. 26:19). Kunis waa’ee du’aa ka’uu dhala namaa hundaa dhuma addunyaa irratti raawwatamuu nu hubachiisa.

Akkasuma raajichi Daani’eel “Bara sanas waa’ee ijoollee uummata keetiif inni dhaabatu Ergamaa guddaan Mikaa’elin ni ka’a; uummata irrattis erga ta’ee eegalee hanga bara sanaatti rakkoon ta’ee hin beekne bara rakkoo ta’a; bara sanas uummanni kee kitaaba Isaa irratti barreeffamee argame hundi tokkoon tokkoon isaanii ni fayyu. Warri biyya lafaa keessatti mugan  baay’een isaaniis ni ka’u; gariin (walakkaan) isaanii gara jireenya bara baraa; gariin  isaanii ammoo gara qaanii fi gara rakkoo bara baraatti. Ogeessonni akka ifaa; warri namoota baay’ee gara daandii qulqullummaatti deebisan ammoo akka urjiitti bara baraan ifu.” (Daan. 12:1-3) jechuun dubbata.“Gariin isaanii gara jireenya bara baraatti” kan jedhame du’aa ka’uu kabajaa kan Qulqullootaa kan agarsiisu yemmuu ta’u; “gariin isaanii gara rakkoo bara baraatti” kan jedhu ammoo du’aa ka’uu cubbamtootaa kan agarsiisudha. Warreen ogeessota jedhaman Qulqulloota dha. Isaan du’aa ka’uu dhumaa irratti akka biiftuutti ifanii; akka urjiilees bareedanii mul’achuun isaanii kennaa bara dhumaa irratti Waaqayyo biraa isaanii kennamu dha. Kabajnii fi kennaan kun hundi kan argamu; namnis kan gara kabaja isaa jalqabaatti deebi’u jalqaba irratti cubbuun isaa yoo isaaf haqamu; abaarsi isaas yemmuu irraa ka’u dha. Kanaafis Gooftaan nama ta’ee murtii du’aa sababa cubbuutiin dhufe namummaa Isaatiin fudhatee beenyaa ta’ee du’as du’a Isaatiin haqeera. Sababa du’a Isaatiin namootaaf du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa kennee jira. Kanaaf, Gooftaan Fannoo irratti aarsaa ta’ee guyyaa jimaataa fannifame sana lubbuu Isaa Qulqulleettii taate foon Isaa Qulqulluu ta’e irraa yeroo adda baasetti awwaalonni banamanii Qulqulloota rafanii (du’anii) turan keessaa foon baay’een ka’ani. ( Maat.27:52)

Gaafa guyyaa sanaa ture lubbuuwwanis si’ool keessaa baasee jannatatti kan isaan galche. Egaa, Kiristoos aarsaa ta’uun du’a Isaa kabajamaa ta’een cubbuu fi du’a dhabamsiisee nama gara kabaja isaa duraatti deebisee jira. Booda irra ammoo foonii fi lubbuu isaa walitti deebisee (tokko taassisee) Du’aa Ka’uumsa kabajaa kenneefi mootummaa Waaqayyoo galcha. Waaqayyo dhala namaa waan jaalatuuf jireenya bara baraa kenneef. Kanaafis foon hin tortorre uffatee akka du’aa ka’uuf abdii kenne. Abdii isaa kanas haala itti raawwatu Qulqulluu Phaawuloos yeroo ibsu:- “kan hin tortorre ta’anii ka’u; nutis ni jijjiiramna, inni tortoru kun isa hin tortorre uffachuuf; inni du’u isa hin duune uffachuun irra jiraataatii; garuu, inni tortoru kun isa hin tortorre yemmuu uffatu; inni du’u kunis isa hin dune yemmuu uffatu; yeroo sana duuti injifatamuu isaatiin liqimfame jedhamee sagaleen barreeffame ni raawwata. Yaa du’a waraanni kee eessa jira? Yaa si’ool injifannoon kee meerre? Waraanni du’aa cubbuudha; humni cubbuus seeradha; Garuu  karaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqayyo injifannoo  nuuf kennuuf galatni haa ta’u.”( 1Qor. 15:51-57) jedha. Dhalli namaa abdii kutatee akka hin hafneef Waaqayyo jalqaba abdii du’aa ka’uu raajota isaarra bulee itti hime. Kanaafuu jireenyi dhala namaa hanga lafa irra deddeebi’u qofatti osoo hin taane jireenya bara baraatiif uumamuu isaa nu hubachiise. Isa hubachiise kanas Waaqayyo ofuma Isaa raawwachuudhaan abdii jechaan kenne sana gochaan mirkaneesse. Mirkaneessi Waaqayyo raawwate kunis du’uudhaan du’aa ka’ee agarsiisuu Isaati.

Abdiin Du’aa Ka’uu Nuuf Kenname Du’aa Ka’uu Gooftaatiin Mirkanaa’e

Manni kiristaanaa keenya du’aa ka’uu dhala namaa yeroo barsiistutti ragaa qabattee malee akkanumaan miti.  Ragaan ishee kunis jalqaba kan Mana Kiristaanaa hundeesse Gooftaa fi uumaan ishee du’ee du’a injifachuun du’aa ka’uu kiristoos bu’uura godhachuudhaanidha. Ka’umsii fi ga’umsi barumsa Mana Kiristaanaa dhimma du’aa fi du’aa ka’uu irratti kan xiiyyeffate yoo jedhame kan dhugaa irraa fagaate hin ta’u. Kaayyoonii fi galmi inni dhumaa kan itti Kiristoos nama ta’ee du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa nu gonfachiisuuf akka ta’e sagalee wangeelaa irratti barreeffameera. Amantaan kiristaanaa ka’umsa isaa irraa, wangeelli jalqaba irratti yemmuu lallabamu waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akka ta’e gaafa guyyaa shantammaffaa ragummaan Qulqulluu Pheexroos irraa kenname nuuf mirkaneessa. (HDB.2:14-36) Yihudoonni foon Gooftaa boolla keessaa akka hin kaane taassisuun awwaalanii ture. (Maat.27:62-66) Garuu, Gooftaan  boolla naaf bana! Kanan ittiin gannazame naaf hiikaa! Osoo hin jedhiin boolla cufamee jiru keessaa aangoo Waaqummaa Isaatin du’a irraa adda bahee gaafa guyyaa sadaffaa ka’e. Boolli inni itti awwaalames duwwaatti hafe, Kiristoos, inni du’aa ka’es, harka Isaa dhisamanii fi cinaacha Isaa eeboodhaan waraaname akka agarsiise Duukaa Bu’oota fi hordoftoota Isaa hundatti mul’ate.

Yihudoonni Kiristoos akka du’aa hin kaanetti boolla inni itti awwaalame marsanii waardiyyoota isaaniif amanamoo ta’anii fi jabina qaban filatanii eegsisaa turani. Garuu hanguma cimsanii awwaala Isaa eegsisan du’aa ka’uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos cimsanii raggaassisani. Kanas Qulqulluu Eefireem inni biyya Sooriyaa faaruu Isaa waa’ee dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos faarfate irratti :- “Yaa Gooftaa du’aa ka’uun kee akka mirkanaa’uuf Yihudoonni awwaala kee marsanii waardiyyootaan eegsisani. Yaa Gooftaa osoo si awwaalanii dhiisanii deemaniiru ta’ee; duuka bu’oonni kee dhufanii foon kee hatanii fudhatanii deeman jedhanii sobuuf isaaniif mijata ture; garuu awwaala kee marsanii eeguu isaaniitiin du’aa ka’uu kee mirkaneessani. Sababiin isaa Duuka Bu’oota keetu foon kee hate jechuuf isaanii hin mijanneetii!” jechuun dubbata.

Yihudoonni boolla Gooftaan keenya Iyyasiuus Kiristoos itti awwaalame marsanii eeganis du’aa ka’uu Isaa hambisuu hin dandeenye. Du’aa ka’uu Isaa warreen hubatan Duukaa Bu’oonni Isaa ragoota du’aa ka’uu Isaa ta’uun amantaa Kiristaanummaa babal’isani. Warra diinota du’aa ka’uu ta’an hunda qaanessani. Eeboos, ibiddas, seefiis, rakkinas hunda osoo hin sodaatiinii fi hin leeyya’iin hanga du’aatti Wangeela du’aa ka’uu Isaa barsiisanii jiru. Sababni isaan du’a osoo hin sodaatiin hafaniifis isaan hirmaattota du’aa ka’uu Kiristoos akka ta’an waan amananiifi dha ture. Egaa hangafni du’aa ka’uu, jechuunis, Kiristoos isa du’aa  ka’uudhaaf isa jalqabaa ta’e akka ilaalle; sagalee isaa irraas akka baranne du’aa ka’uun akka jiru haa amannu; abdiis haa godhannu. “Kiristoos ka’umsaa fi jireenyadhaatii Kan isatti amanu yoo du’e illee jiraataa ta’a; kan  jiraataa ta’es, kan  isatti amanus  hunduu bara baraan hin du’u” ( Yoh. 11:25-26)

Du’aa ka’uu dhala namaa ilaalchisee Qulqulluu phaawuloos yeroo barsiisaa turetti namoota Qoronxoos keessaa muraasni nami du’e akkamiin du’aa ka’a gaaffii jedhu kaasaa turani. Kanaaf Qulqulluu Phaawuloos“Kiristoos du’a akka ka’e kan lallabu yoo ta’e garuu isin keessaa namoonni tokko tokko akkamiin du’aa ka’uun hin jiru jedhu?” jechuun gaaffiiwwan namoonni Qoronxoos kaasaniif yemmuu deebisu: “du’aa ka’uun erga hin jiraannee Kiristoos hin kaane jechuudhakaa; Kiristoos hin kaane yoo ta’e egaa lallabni keenya faayidaa dhabeessa; amantaan keessanis ammoo faayidaa hin qabu; hanga ammaatti cubbuu keessaniin jirtu. Egaa, warri Kiristoosiin hirriba rafan (du’an) ammoo badaniiru jechuudhakaa! jireenya kana qofaan ( jireenya lafa irraa  qofaan) kan Kiristoosiin abdannu yoo ta’e nama hunda caala nuti gowwoota dha.” erga jedhee booda itti fufuun waa’ee du’aa ka’uu Kiristoos akkas jechuun ragaa baha.

“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera; duuti karaa namaa akkuma ta’e du’aa ka’uunis karaa namaa ta’eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du’an hunduu ammoo Kiristoosiin du’aa ka’u” jedhee dubbate. Kanuma wajjin walqabsiisuunis  Duukaa Bu’ichi ragummaa isaa kakuudhaan kenna: “Akkana ta’uu baannaan ammoo nuti hoo maalif jireenya nama sodaachisu keessa jiraanna ree? Abdii Iyyasuus irraa qabnuun akkan kakadhe Yaa obbolootaa! Guyyaa guyyaadhaan nan du’a; akka nama Eefeesoonitti bineensa wajjin akkan wal’aansoo wal qabe? Warri du’an kan hin kaane yoo ta’e kana raawwachuun koo maal na fayyada?” (1Qor.15:12-32) jedhees gaafata.

Ragaa ba’uun Duuka Bu’aa Phaawuloos kun dhugaa ta’uun kan bara baraan jiraatu ta’a. Warri ergaa isaa dubbisan hundi dhugummaa fi sirrii ta’uu ragummaa isaas hubatu. Sababiin isaas jalqaba irratti inni diina du’aa ka’uu ta’ee Yihudoota wajjin walii galuun Kiristaanota osoo ari’aa jiruu Kiristoos inni du’ee ka’e waan isatti mul’ateef amantaa du’aa ka’uu isaa afaaniin qofa osoo hin taane hojii isaatinis, jireenya isaatiinis, du’a isaatiinis, waan mirkaneesseefi dha. ( HDB. 9:1-30; 17:1-34; 22:1-30;23:1-11)

Maarree isa Qulqulluu Phaawuloos argee dhandhamee barsiise kana nuti ammoo barachuu fi amanuudhaan jireenya bara baraa akka argannuuf cimnee dhaabachuutu nurra jiraata. Kiristoos warreen du’aniif angafa ta’uun akkuma du’aa ka’e bara dhumaatti dhalli namaa hunduu jireenya bara baraatiif akka du’aa ka’u amanuu fi abdachuun of qopheessinee eeggachuu qabna.

Akkuma armaan olitti ilaalle jalqaba irraa uumamni dhala namaa du’ee tortoree akka hafuuf miti. Jireenya bara baraatiif uumamee fedha isaatiin du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu akka du’etti akka hin hafneef abdii du’aa ka’uu kenneef. Cubbuu dhalli namaa ittiin du’e ajjeesuudhaafis Waaqayyo nama ta’ee du’ee du’a ajjeese. Waaqayyoo ofii du’ee du’aa ka’uudhaanis abdii du’aa ka’uu kenne sana akka raawwatu mirkaneessee jira. Garuu namoonni amma gowwummaadhaan dhalli namaa du’aa ka’uun jireenya bara baraa jiraachuu isaa irratti yeroo gaaffii kaasan ni dhagahamu. Gaaffiin akka kanaa kan amma eegale osoo hin taane durumaa namni du’ee tortoree biyyee erga ta’ee booda akkamiin ka’a? jechuun gaafachaa turaniiru. Garuu namoonni akkanaa kun namni jalqaba yemmuu uumamu lafa biyyee, irraa akka ta’e irraanfachuu isaanii nu hubachiisa. Waaqayyo dhala namaa jalqabumaa biyyee irraa uume. (S.Uum.2: 7) Ammas uumaan isaa biyyee keessaa isa kaasuu danda’a. Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru. Kanaafuu, du’aa ka’uu warra du’aniitti ni amanna; ni abdannas yemmuu jennu Waaqayyoo fi sagalee abdii Isaatti amanuudhaani. ( Yoh. 5:24-29)

Kanaaf amantaadhaan dhaabannee du’aa ka’uu dhala namaa abdannee cimnee eeguun nu irra jiraata. Waaqayyo dhufaatii Isaa lammaffaa irratti “Isin yaa eebbifamtoota Abbaa koo addunyaan osoo hin uumamiin dura gara bakka isinii qophaa’eetti koottaa” sagalee jedhu akka dhageenyuuf hojii gaarii haa hojjennu.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2020-05-27 14:58:592020-05-27 15:02:28Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed Link to: Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed Link to: “Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8 Link to: “Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8 “Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8
Scroll to top