Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8

in Barumsa Amantaa, Lallaba, Tibbana

“Afuurri Qulqulluun isin irratti yeroo bu’etti humna ni fudhattu, Iyyaruusaaleem, Yihuudaa, Samaariyaa fi hanga handaara Addunyaatti ragaa baatoota Koo taatu” Jecha kana kan dubbate Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Kan dubbates du’aa erga ka’een boodaa guyyaa afurtamaaf Duuka Bu’oota Isaa gidduutti argamuun sammuu isaanii isaaniif banuun kitaaba isaaniif erga ibseen booda gara abbaa isaatti yeroo ol ba’uutti dha. Egaa Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka Bu’oota Isaa waggaa 3 fi ji’a sadii isaan waliin ta’uun addunyaa hadhoofte kana sagalee isaatiin erga mi’eesseen booda isaanin immoo “Isin soogidda addunyaa ti” jechuun  Isaa ni yaadatama. Kana bu’uura godhachuudhaan addunyaa cubbuun hadhoofte kana sagalee Isaan akka mi’eessaniif isin soogidda addunyaa kanaa ti. Anaafis ragaa baatota Koo taatu jedheeni. Gooftaan keenya Duuka Bu’oonni ragaa baatota Isaa akka ta’aniif dursanii waan gochuu qaban isaanitti himee ture. Innis “Kunoo, isa Abbaan Koo isin abdachiise isiniif Nan erga; Waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa” Luq. 24:49 jechuun ragaa baatuu ta’uun dura sooma fi kadhannaadhaan Iyyaruusaaleem keessa turaa jedheeni. Sana booda, humna argattuu jedhee isaaniin abdachiise. Kana qofa miti, hamma Bitaaniyaatti isaan baasee harka Isaa mataa isaanii irra kaa’ee ni eebbiseen. Kana jechuun aangoo lubummaan isaan muudee osuma Isaan arganii gara samiitti ol bahe. “Iyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe Kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi’ee in dhufa.” jechuudhaan dhufaatiin Gooftaa Keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ifatti yookan haala nama hundumaaf mul’achuu danda’uun akka ta’e nu hubachiisa. Raajoonni sobduun bara keenya kana keessatti jiran “Gooftaan Mul’ataan naaf mil’atee yoom akka dhufu natti himeera.” jedhanii raagu. Kun raajii sobaa akka ta’e beekuu qabna. Guyyaa sana ilma namaa dhiisnee Ergamoonni Waaqayyoo iyyuu kan hin beekne akka ta’e Kitaabni Qulqulluu nuuf mirkaneessee jira. (Maat. 24:36, Maar. 13:32).

Egaawoo akkuma mata duree irraa hubannutti “Ragaa baatoota Koo taatu” jedhee isaanitti hime.  Duuka Bu’oonni Gooftaa humna erga fudhataniin booda ragaa baatota isaa akka ta’aniif Kiristoosiin addunyaatti labsanii alagoota gara Kiristaanummaa akka fudhatan taasisan. Dursa garuu ofii isaanii Kiristoosin fudhatanii, amananii qaama isaanii taasifatanii jiru. Gara ragaa bahuutti deemuun duras soomaa fi kadhaannadhaan Iyyaruusaaleem kan taate Mana Kiristaanaa keessa turuun humna argatanii jiru. Sana booda beela, dheebuu, goodaansa, gidiraa hundaa fi du’a osoo hin sodaatin Kiristoosin addunyaaf labsanii jiru. Kana jechuun Duuka Bu’oonni fi Abboonni Duuka Bu’oonni Kiristaanummaa Labsanii nuun kan ga’an sagaleedhaan qofa osoo hin taanee jireenya isaanii guutuu kennuudhaani. Egaa wal harkaa fuudhinsi kun nu bira yeroo gahu ni gaha akka waan jedhamee dhaloota dhufuuf dabarsuu dhiisnee kan keenya kan ta’e, ofuma keenyaa ceepha’aa, ofuma keenyaa maddii dhaabbannee harka itti reebaa, akka waan nu hin ilaallannee taajjabdoota taane hafne.

Ka’uumsa mata duree keenyaa irratti “Iyyaruusaalem, Yihuudaa, Samaariyaa, hanga handaara addunyaatti ragaa baatota Koo taatu.” kan jedhu yeroo ilaallu

  1. Iyyaruusaalem:- Maatii fi Naannoo Mana Kiristaanaa namoota jiran (maatii Mana Kiristaanaa waan ta’aniif)

Kana jechuun haadha, abbaa, obboleessa, obboleettii, haadhaa manaa ijoollee, firoota keenya nu waliin jiran, hojjattoota keenya illee ni dabalata jechuu dha. Ofii keenya fayyinee namoota kanneen biroos fayyisuu osoo dandeenyuu nuti garuu waa tokko raawwachuuf yaalii illee hin goonu. Nuti shakkii amanuu dhabuu hagam akka dabarsine lapheen keenya ni beeka. Kanaafuu laphee guutuun amannee ofii keenyas fayyinee maatii keeenya fayyisuun nu irraa eegama.

  • Maatii keenya barsiisuuf Kitaaba Qulqulluu fi Qabsuura Qulqullootaa dubbisuun haa eegallu.
  • Gara Mana Kiristaanaa Deemuun sirna Qiddaaseee akka hordofan affeeruu
  • Foonii fi dhiiga Isaa akka fudhatan taasisuu.

          Fil. 1:1-3, 2ffaa Moot. 5፡1-13, Yoh. 1:45

  • Yihuudaa:- Ollaa fi Iddoo hojii
  • Naanoo hojiitti haasawa cubbuuf nama affeeru haasawuu dhiisuu
  • Dilbata kan baranne iddoo hojii fi mana baruumsatti hiriyyoota keenya barsiisuu
  • Kitaaba akka dubbisan affeeruu fi maal akka irraa argatan gaafachuu
  • Garraamummaa jaalalaa fi afuuraan karaa jibbiinsii fi xiiqii hin qabneen gaggeeffamuu 1ffaa Xim. 1:19

Walumaa galattii jireenya keenya hundaan mana yookan maatii keenya biraa kaasee hanga addunyaa guutuutti ragaa baatota Kiristoos ta’uun nu irraa eegama. Duuka Bu’oonni Gootfaan keenya Iyyasuus Kiristoos waan isaan barsiise waan Isa irraa argatan gidiraa fi darara mootota addunyaa kanaa osoo hin sodaatin onneee fi laphee isaanii guutudhaan Afuura Qulqulluu irraa kennaa argatan fayyadamuun kan arganii fi dhagahan ragaa ba’anii jiru. “ Nuti kan dhageenyee fi kan argine ragaa ni baana” (H.D.B. 4:20) Eegaa hundumti keenyaa akkuma Duuka Bu’oota humna akka argannuuf Iyyaruusaaleem keessa turuutu nu irraa eegama. Sana booda akka Duuka Bu’oota Ragaa baatoota Isaa taana.  Waaqayyo Gooftaan hanga dhumaatti Iyyaruusaaleem kan jedhamte Mana Kiristaanaa Keessa akka jiraannu nu haa gargaaru.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2020-05-27 17:11:262020-05-27 17:11:45“Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32) Link to: Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32) Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera”... Link to: Yeroo lama kan koo taate Link to: Yeroo lama kan koo taate Yeroo lama kan koo taate
Scroll to top