Mikuraab

Mikuraab

                                                                             Damissee Jamaneen

Torban sooma Gooftaa keenya keessaa inni sadaffaa Mikuraab jedhama. Torban kun sababa inni itti mikuraab jedhameef guyyaa kana luboonni faaruu sooma diggu’aa irraa kaasuun ‹‹ቦአ  ኢየሱስ ምኩራበ አይሁድ ወመሐረ ቃለ ሃይማኖት›› “Iyyesuus gara Mikuraaba Yihuudotaa seene; sagalee amantaas ni barsiise” jechaa waan faarfataniif dha.

Yihuudonni bara Kakuu Moofaa keessa mana qulqullummaa (Meqdesii) itti Waaqayyoon kadhatan Iyyerusaalem keessatti ni qabu ture. Boodarra garuu Naabukedenetsoor mana qulqullummaa isaanii kana waan diigeef uummanni sunis gara Baabiloonitti booji’aman. Warri booji’aman kun biyya ormaa keessa gabrummaan yeroo turanitti mana qulqullummaa hin qaban ture. Kanaaf yeroo sanaa kaasee Ayihuud bakka deeman hundaatti mana adda ta’e mana kadhaa qopheessuu akka jalqaban ni eerama. (Hizqeel 11:16). Haaluma kanaan bara Kiristoos biyya lafaarra deemee barsiisaa turetti Iyyerusaalem keessa Mikuraabonni Yihudotaa baay’een jiru ture. Duuka bu’oonnis Yihuudonni bakka tajaajilaaf faca’anii jiran hundaatti naanna’anii mikuraaba seenanii barsiisu ture. (Maat.4:23; H.Erg. 6:9; 13:5-14; 9:2; 14:1; 17:1; 10:17; 18:4; 19:8).

Gooftaan keenya Iyyesuus Kirirtoos yeroo ayyaana faasikaa kabajuuf gara Iyyerusaalem deemetti mana qulqullummaa seenee mana qulqullummaa kana keessatti warra daldalaa jiran isaan baase. Meeshaa isaaniis gargaragalche (Yoh.2:13-17). Warqee qarshiitti, qarshiis warqeetti warra waljijjiiraa jiran akkasumas akkuma namoonni biyya keenyaa lukkuuf siree hojjetanii irratti gurguran gugeedhaaf teessoo hojjetanii warra daldalaa turaniin meeshaa isaanii garagalchuun isaan arii’e. Akkuma kitaaba irratti barreeffametti “Manni koo mana kadhannaati jedhamee barreeffameera (Isa 56:7; Eerm7:11; Luq. 19:47). Isin garuu holqa hattuufi saamtotaaa taasistan” jedhe. Quuqama Gooftaan Mana Qulqulluummaa kanaaf agarsiise yaadachuufis turban kuni “Mikuraab” jedhamee akka moggaafamu taasifame.

 

Kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa Qiddaasee guyyaa kanaa irratti dubbifaman akka armaan gadiitti caqasamaniiru:

  • Qol.2:16-dhu
  • Yaa’i: 5:15
  • H.Er.10:1-8
  • Faar. 68 (69):9 (Misbaakii):

እስመቅንዐተቤትከበልዐኒ (Hinaaffaan manakee na nyaatteeti)

ትዕይርቶሙለእለይትዔየሩከወድቀላዕሌየ (Arabsoon warri siin arabsaniis narra qubateera)

ወቀጻዕክዋበጾምለነፍስየ (Lubbuu/Qaamakoo soomaan dadhabsiise)

  • Wangeela (Yoh.2:12-25) Kana booda Gooftaan Iyyesuus Haadha Isaafi obboloota Isaa akkasumas duuka bu’oota Isaa faana gara Qifirnaahomitti bu’an; achis guyyaa muraasa taa’an. Aayihuudis guyyaan itti faasikaa isaanii kabajatan gahee ture. Gooftaanis gara Iyyerusaalemitti deeme. Mana Qulqullummaa keessattis yoggu sangoota, hoolotafi gugeewwan gurguran fi warra qarshii jijiiran taa’anii isaan arge. Qaccee funyoo hojjetee; hoolotaafi sangootas hundasaanii Mana Qulqullummaa irraa gadi baase. Warra qarshii waljijjiiranis qarshii isaanii bittinse. Gabatee isaaniis galagalche. Warra gugee gurguruunis “kana asii baasaa; mana Abbaakoo mana daldalaa hin taasisiinaa” isaaniin jedhe. Duuka bu’oonni Isaas Raajiin ‘hinaaffaan waa’ee manakee keessa koo na nyaate’ jedhu barreeffamee akka jiru ni yaadatan…….

Egaa walumaa galatti haala Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nutti agarsiise kanaan Mana Qulqulleettii keenya kanaaf quuqamuu, qulqullinasheef carraaquu qabna. Namoonni mana amantaa keessatti hojii yaraa adda addaa hojjetan yogguu agarrus akkuma abbaa keenya Q/Daawwit “waa’een manakee keessa koo na nyaate” jechuun quuqamuu, gorsinees sirreessuu qabna.

Eebbi Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u; ameen!