Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

Sooma Gooftaa (Sooma Guddicha (ዓቢይ ፆም)

in Tibbana

Sooma Gooftaa (Sooma Guddicha (ዓቢይፆም)

Dn Gulummaa Addunyaan

Fulbaana 15/06/2009 B.A

Sooma Gooftaa kan jennu kun Sooma labsii torban Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessaa isa tokko dha. Tsooma Gooftaa kan jedhames Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos samiirraa bu’ee foon keenya uffatee addunyaa kanarratti yeroo deddeebi’utti waan soomeef yoo tahu ,Sooma Guddichaa kan jedhame immoo sooma Gooftaan ofii soome waan ta’eefi yeroo dheeraaf kan soomamu waan tahefi dha.

Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos eega harka Yohannisitti cuuphamee booda hojiiIsaa jalqabaa kan taasifate sooma dha. Nutille jalqaba hojii keenya hundaa sooma akka goonu barumsafi fakkeenya guddaa nuuf ta’eera. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos sooma kanarraa kan fayyadamu waan tokko osoo hin qabaatiin kan soome yoo tahu, nuti immoo faayidaa guddaa kan irraa argannu waan ta’eef soomuu qabna. Abbootiin keenya illee duuka bu’oonni eega Gooftaan keenya gara samiitti ol baheen booda hojii isaanii jalqabuun dura soomaan eegalu. Gooftaan keenyas duuka bu’ootni Isaa yeroo Inni isaan irraa adda bahu akka sooman dubbateera. Mat 9:15.      

Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos guyyoota afurtama Gadaamii Qorontositti yeroo soomu sanatti qormaanni seexanarraa dhiyaatee ture. Hoogganaa biyya lafaa kanaa kan ta’e seexanni Gooftaa keenya Iyyesuusiin cubbulee guguddoo kan ta’an sadiin qoreera. Mat 4:1-10. Gooftaan Keenyis qormaatilee seexanni fide hunda injifateera.

 

Sooma guddicha jennee inni soomnu kun guyyoota 55 ni tura. Gaaffiin asirratti ka’u tokko Gooftaan keenyi guyyoota afurtama yoo soome nuti guyyoota 55 maaliif soomna kan jedhu ta’a. Sooma Gooftaa dura torbeen inni jalqabaa sooma Hirqaal jedhama. Toorban guyyoota afurtama booda jiran ammo torbee gidiraa (ሰሙነሕማማት) jedhamee soomama. Torbee kanattiis amantootni hundi Mana Kiristaanaatti argamanii sagadaafi galataan Waaqayyoon kabaju. Kanaafuu, torbeen lamaan (guyyoonni 15) yoggu keessaa hir’atan guyyoota 40 ni ta’a. Gama biraan ammoo guyyoota Sanbatafi Dilbataa yoggu keessaa hir’isnu (guyyoota kanneenitti firiiwwan beeladaa irraa soomna malee hanga sa’aatii 9:00 waan hin turamneef), guyyoonni guutummaan soomaman 40 ni ta’u.

Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos maaliif guyyoota afurtama soome?

Gooftaan keenyi guyyoota afurtama kan soome sababootni isaa baay’ee yoo ta’anillee barumsaaf fakkeenya tokko haala armaan gadiin haa ilaallu.

  1. Fakkeenya Raajotaati.

Raajotni kan akka Musee guyyaafi halkan afurtama kan soomee seera Oritii akkuma hojjete (Ba’uu 34:28), Gooftaan keenyis guyyota afurtama soomee seera ishee gaarii seera Wangeelaa hojjeteera. Seera Isaa kessattis hojii hunda dura soomee seera jalqabaa sooma taasise. Museen guyyoota afurtama soomee akkuma Israa’elota biyya Misiraarraa baase, Innis namoota si’oolirra kan baasu waan ta’eef.

Abbootiin raajotni guyyaa afurtama waan soomaniif Innis kanarraa hir’isee yookiin itti dabalee yoo soome warreen Kakuu Moofaa Seera ishee gaarii kan taate wangeela hin fudhannu akka hin jenneef guyyoota afurtama soome.

Eeliyaasis guyyoota afurtama soomee gara Gannataatti fudhatameera. Isinis yoo soomtani Gannatatti ni galtu jechuudhaaf guyyota afurtama soome. Raajichi Hizqi’eel cinaacha isaa tokkoon guyyoota afurtama ciisee namoota dhibba ja’a du’arraa akkuma kaase (Hiz.4:6)isinis yoo soomtani yeroo dhufaatii Gooftaa du’arra kaatanii kabaja argattu jechuudhaaf. Raajichi Izraa Suutu’eel (13፥23-25) guyyoota afurtama soomee kitaabota barreessiseera. Isinis yoo soomtani iccitiin isiniif mul’ata jechuudhaaf.

Egaan taateewwan Kakuu Moofaatti kan turan, fakkeenyummaan isaanii gara Gooftaa Keenyaatti kan mul’isani dha.

  1. B.Addaam mucummaa Sillaasee guyyaa afurtamatti argate balleessee waa tureef, mucummaa addaamiif akka deebisuuf dhufe agarsiisuuf guyyoota afurtamaatiif soome.
  2. C.Ilmaan namaa gadameessa hadhaatti guyyaa afurtamaffaatti fakkii namummaa kan argatan yookin boca namaa kan qabatani waan ta’eef, ilmaan namaa hundaaf beenyaa akka ta’e mul’isuuf.

Moggaasa Sanbataalee Sooma Gooftaa

  1. Zawaradee (ዘወረደ) jedhama; kunis “Kan gadi bu’e” jechuudha.
  2. Qiddist/ቅድስት (Qulqulleetti
  3. Mikuraab (Mana Kadhannaa Ayihuud jechuudha).
  4. Metsaagu (dhukkubsaticha jechuudha)
  5. Debre Zeyit (Guyyaa dhufaatiin Gooftaa keenyaa itti yaadatamu).
  6. Gabriheer (ገብርኄር); kuni Tajaajilaa gaarii jechuudha.
  7. Niqodimoos.
  8. Hosaa’inaa.

Sooma kana haala akkamiin haa soomnu?

Nutis sooma kana akkamiin soomuu akka qabnu Manni Kiristaanaa keenya seera nuuf keesseetti. Soomni kun kabaja guddaan kan soomamudha. Sooma kana keessatti ayyaanni kamiyyuu nyaataafi dhugaatiidhaan hin kabajamu. Sababni isaas yeroon isaa yeroo itti foon keenya gammachiifnu waan hin taaneefi dha. Yeroo kanatti gidiraa Gooftaa keenyaa yaadachuun sagadaafi kadhannaadhaan kan dabarsinudha. Abbaan ogummaa Solomoon kitaaba isaa lallabaa 3:1-8 irratti akkuma katabee kaa’etti wanti hundinuu yeroofi waqtii itti hojjetamu ni qaba.

Yeroo sooma kanaatti namni kiristinnaa kaasisuufi ayyaana dhalootaa kabaju hundi sirni isaa qofa Mana Kiristaanaatti akka raawwatamuu, nyaataafi dhugaatii qoopheessanii affeeruun garuu akka hin malle abbootiin keenya kitaaba Fithaa Nagast (ፍትሐነገስት) boqonnaa 15 irratti seera kaa’aniiru. Sababa beekamaa (Abbaan Lubbuu itti amane) malee sooma kana namni hin soomne yoo jiraate, Luba yoo ta’e lubummaa isaarraa akka haqamu, amanaa (ምዕመን) yoo ta’e immoo tokkummaa Kiristaanotaa irraa adda ba’uu akka qabus murtaa’era.

Sooma Gooftaa keenyaa kana Inni akka nuuf fakkeenya ta’uuf, hojjetee hojjedhaa jechuuf waan soomeef, nuti immoo eebba fooniifi eebba lubbuu argachuuf akka abbootiin keenya nuuf kaa’anitti seera isaa hordofnee soomun nurraa eegama. Yeroo kanatti namootaaf waan gaarii akkaa hojjenne, warra beela’an beela baasaa, warreen dheebotan dheebuu baasaa, warreen huccuu hin qabne daara baasaa, haala kanaan dabarsuu qabna. Yeroo kana jennutti immoo wanneen kun yeroo soomaa qofa kan barbaachisanidha jechuu miti. Keessumattuu yeroo soomnu immoo cimsuu qabna jechuudha malee.

Akkuma qulqullichi Yaareed jedheetti qaamni keenya hunda cubbuurraa lagachuu qaba. Afaan keenyi waan gadhee dubbachuurraa, gurri keenyi waan gadhee dhagahuurraa, miilli keenyi gara bakka gadhee demuu irraa, harki keenyi wanta yaraa ta’e tuquu irraa fi ijji keenya wanta hin malle ilaaluurraa lagachuu qaba. Kana qofa otoo hin ta’iinis wantoota hamaa ta’anirraa akkuma of qusanne, wantoota gaarii immoo hojjechuu qabna.

Sooma kana soomnee akka eebba argannu gargaarsi Gooftaa keenyaa, kadhannaan qulqulloota nurraa adda hin bahiin.Ameen!!

                            

Madda dabalataa : http://eotcmk.org/site/2012-02-15-14-49-20/881–42

                             Adimtaa Wangeela Maatiwoos, Boqonnaa 4.                         

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2017-02-22 14:51:162018-10-26 09:21:03Sooma Gooftaa (Sooma Guddicha (ዓቢይ ፆም)
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Duuti dhala nama hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” Q/Yaareed Link to: “Duuti dhala nama hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” Q/Yaareed “Duuti dhala nama hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba”... Link to: Mikuraab Link to: Mikuraab Mikuraab
Scroll to top