Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Duuti dhala nama hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” Q/Yaareed

in Tibbana

“Duuti dhala nama hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” Q/Yaareed

‹‹ሞትሰለመዋቲይደሉ፣ሞታለማርያምየአጽብለኩሉ፤ሞትለማናቸዉምሰዉሁሉየተገባነዉ፣የማርያምሞትግንሁሉንያስደንቃል፡፡›› ቅ/ያሬድ

Dn Takiluu Haayiluun

Amajjii 20/05/2009 B.A

Maariyamii jechuun ol aantuu jechuu dha;kunis isheen uumaatiin gadi, uumamtoota hundaa caalaa ol’aantu waan taateefi dha. Luq 1:35. Abirihaam abba hundaa akkuma jedhamuu Maariyaam jechuun hadhaa hundaa jechuu dha; qoricha isheen nuuf deesseen jireenya bara baraa addunyaan argateeraati. Uum. 12:2-3. Maariyaam jechuun kennaafi qabeenya jechuu dha, yeroof hadhaafi abbaa isheetiif mucaa wareegaan argamte yoo ta’uu illee qoricha addunyaa argamsiisuu isheetiin hanga bara baraatti dhala namaa hundaaf kennaafi qabeenya ta’uun kennamteetti. Luq 1:41. Akkasumas, Maariyaamiin kan hanqina/fafa hin qabnedha; yeroof midhaginaafi simboon waan isheef kennamef yoo ta’u, booda garuu foonifi yaadaan qulqulleettii, yaadafi foon isheetiin dubroo ta’uu ishee, dubrummaafi qulqullummaa waliin simsiistee qabachuu ishee agarsiisa (Luq 1:28-36; Luq 1:45 Weed. 4:7). Maariyamii jechuun amantoota hooggantee mootummaa Waaqayyoo kan seensistu jechuu dha. Sababa Hewaaniin balballii Gannataa cufamee ture deebi’ee sababa dubree Maariyamiin banameerati (Faar 33:15; Galata Maar. Kamisaa.lakk 2).

 

Waa’ee jireenya haadha keenya dubree Maariyaamii gabaabsinee yoo ilaalle, Caamsaa 01 guyyaa dhalatte irraa eegaluun hanga waggaa sadii guuttutti mana abbaafi haadha ishee jiraatte. Sanaa booda jalqabayyuu kan argamte kadhannaafi wareegaan waan ta’eef gaafa waggaa sadii guuttu Mudde sadii gara Mana Qulqullummaatti geessuun Waaqayyoof kennamte. Isheenis Mana Qulqullummaa tajaajilaa, harriifi warqee wal simsiistee fo’aa, harka ergamaa Qulqulluu Faanu’eelitti nyaataafi dhuugaatii samii sooramaa,waggaa 12 Mana Qulqullummaa keessa jiraatte. Waaqayyos qulqulummaa ishee argee, ergamaa Isaa gara Naazireet Galiilaatti ergee isheen osoo Mana Qulqullummaa keessa jiraattuu ergamaa Qulqulluu Gabri’eeliin misiraachoo ishee dhageessise; iccitii Afuura Qulqulluunis ulfoofte. Umurii ishee waggaa 15 kana booda Manaa Qulqullummaa keessaa kabajaan bahuun mana eegduu ishee Qulqullicha Yooseef akka jiraattu taasifame (Mat 1:18-25). Sana booda mucaa ishee fayyisaa keenya akkuma dubrummaan ulfoofte dubrummaan deesse. Gooftaan keenyi suuta suutaan guddatee waggaa 30 yoggu guutu cuuphamee, waggoota sadiifi ji’oota sadii biyya lafaa irra deddeebi’ee barsiisee, fayyina hundaa raawwatee nuuf jecha Tulluu Qaraaniyoo irratti hanga fannifametti mucaa ishee waliin jiraatte. Sana booda Mucaan ishee Gooftan keenyi qorichi keenyi Iyyasuus Kiristoos akka ajajetti kan jiraatte duukaa bu’aa Waaqayyoo isa jaalatamaa Wangeelaawwii Yohaannis waliin ta’uu Kitaabni Qulqulluun ragaa nuf ba’a. (Yoh 19:27). Du’aa ka’uu Gooftaa keenyaan boodas haati kenyaa dubroo Maariyamiin waa’ee du’aa ka’uu, gara mirga Abbaa Isaatti ol bahuu mucaa isheefi jireenya haarawaa dhugaa ba’aa Qulqulloota duuka bu’oota jaalalaafi kadhannaan jajjabeessaa akka turte kitaaboliin ragaa nuf ba’u.

Yeroon boqonnaa haadha keenya dubree Maariyamii bara B.A. 49 ti. Haati keenya dubroo Maariyaamiin foon kan uffatte waan taateef, sababa balleessaa Addaamiin duuti addunyaa irratti mo’e, ishees qaqqabeera. Haaluma kanaan haati keenya dubroo Maariyamii yeroo umuriin ishee waggaa 64 ta’etti (Gooftaa da’uun dura 15, erga desseen booda 49) Amajjii guyyaa 20 Gooftaan keenya gara Tulluu Dabra Zayiiti jedhamutti gara qulqulloota duuka bu’oota Isaa deemuun isaaniti mul’ate. Duuka bu’oota Isaatiinis boru deebi’een lubbuu haadha koo fudhadha jechuun itti hime. Akkuma jecha Isaatti gaafa Amajjii 21 guyyaa Dilbata Gooftaan keenya teessoo Kiruubel irra taa’uun faarfataa Daawit , qulqulloota ergamoota kumaaf kumaatamaa ta’an waliin dhufee, “yaa haadha koo addunyaa kana irraa si boqachiisuufan dhufe” jechuun itti hime. Yeroo kana isheenis “yaa mucaa koo addunyaan kan siin hin dandeenyee / dacheen kan si hin daangessine, ji’a sagaliifi guyyaa shan gadameessa kootti si badheen, durbummaan ulfa’uun dubrummaan si da’een nan du’aa?” jetteeni. Qulqullichi Yaared “Duuti dhala namaa hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” akkuma jedhe. Gooftaanis lubbuu si’ool keessatti dararaman/ rakkatan/ isheetti argisiisuun “yaa haadha ko duuti kee lubbuu kana maraaf fayyina isaaniiti” jedheen. Gara-laafettiin haati keenyi dubree Maariyaaminis sababa fayyina lubbuu isaaniif jecha, “lubbuuwwan kanneen naaf fayyifta taanaan haa ta’u” jechuun du’a filatteetti. Yeroo kana namootni achitti walitti qabaman marti jaalalaan ni boo’an; Gooftaan keenyis hunda isaanii jajjabeessee isaaniin eebbise. Lubbuuwwan hedduun si’ool keesssatti dararamanis fayyina waan argataniif hedduu gammadani. Q/Yaareed kana dhugaa yoo ba’uu “yeroon boqonnaa dubree Maariyamii cidha fakkaata” ture jechuun barreesseera.

Gooftaanis Qulqulluun Pheexiros gara samiitti ol jedhee akka ilaalu ajaje, Waaqayyoo Abbaan kafana akka isheen ittin kafanamtuuf qophaa’e itti agarsiise. Dubreenis gara bahaati naannoftee sagalee hafuuran kadhannaa taasiste. Garaa bahaattis akkuma naannofteen boqatte. . Qulqulluun Daawitis sagalee olka’aa dhaan “Duuti qulqullootaa fuula Waaqayyootti kabajamaa dha” jechuun faarfatee ture (Faar.115፡5). Yeroo sa’a sagalaffaa Gooftaan lubbuu ishee fudhate. Foon ishees kafana samiin haguugame; Waaqayyo Gooftaanis duuka bu’oota Isaa bakka garaa garaa irra duumessaan fe’ee isaan waamuun akka foon ishee fudhatan ajaje. Duuka buutotnis foon ishee arganii, Pheexiroos karaa mataa, Yohaannis karaa miilla siree, baatanii gara bakka awwaalcha Geetesemaanii osoo deemaa jiranii waarri Ayihuud faaruu duuka bu’ootafi ergamoota dhaga’anii, “kana dura mucaan ishee <du’ee du’a mo’ee ka’e; gara mirga Abbaa Isaa gara samiitti olbahe> jechuun nu rakkisaa jirachaa jiru, amma immoo isheenis akkuma mucaa ishee du’a mootee kaate jechuun nu burjaajjessu danda’u. Kanaafuu gara jabinaan kottaa foon Maariyaamii haa gubnu’’ jechuun hammeenyaan ka’an. Isaan kessaa namtichi qaamaan jabaa ta’e kan Tawufaaniyaa jedhamu utaalee miilla siree qabate. Battaluma sana ergamaan Waaqayyoo ajajamuun harka isaa lameen seefiin kute. Warreen kaan ijji isaanii arguu dide; abidda ofii baataniinis of gubani. Yeroo kana “balleesseera/yakkeera/ naaf dhiisi” jedhee yoo ishee kadhatu dubroon mataa ishee gad qabattee Qulqullicha Pheexiroosiin “harkasaa cite kana akka duraatti deebisiif/fayyisi” jetten. Innis deebisuusaatiin dhiifama argateera. Namootni hedduunis badii isaanii irraa deebi’uun amananii cuphamaniiru. Sana booda Waaqayyoon galatni haa ga’uutii akka ogummaa Isaatti foon haadha keenya duuka bu’aa Isaa, isa jaalatamaa Qulqullicha Yohaannis waliin fudhachuun Gannata muka jireenyaa /ዕጸሕይወት/ jedhamu jala isaan kaa’eera.

Jalqaba sababni du’a haadha keenya dubroo maariyamii lubbuuwwan si’ool keessa jiraniif fayyina akka ta’e akkuma hubanne sababni inni biroon immoo iccitii foonii mul’isuuf Abbooliin keenya nuu barsiisu “Ati garuu osoo du’uu baattee/dhistee/ akka Henook, akka Eeliyaas, osoo gara samiitti ol baatee natti tola , akka dhokatufii malee garuu isaan kunnin martuu dhumatti du’a ni dhandhamu. Osoo kun siif ta’ee/du’uu dhiftee/ namootni shakkitootni isheenis samii irra kan buute gosa ergamootaa malee isheen gosa dhala namaa miti jechuun barsiisu ture…” jechuun abbootiin ni barsiisu. Kunis Waaqayyo dhala namaa jaalala dhugaa jalachuu Isaa dhugaa kan nuu ba’uufi Waaqayyo foon keenya isa Maariyamii irraa fudhate gonkuma kabajuu Isaafi fudhachuu Isaa caalaatti nu barsiisa.

Ayyaanni dubree Maariyamii kun maaliif Astariyoo /አስተርእዮማርያም/ jedhamaa?

Astariyoo /አስተርእዮ/ jechuun jecha gi’iizii yoo ta’u mul’achuu, ifa bahuu, argamuu jechuudha. Afaan Giriikiin immoo Ephifaaniyaa/ኤጵፋንያ/ jedhama.

Waqtiin Astariyoo galumsa sooma Gooftaa irratti hundaa’uun yoo gabaabbate/gad siiqe/ Amajjii 11 hanga Amajjii 30, (guyyoota 20), yoo dheerate/ol bahe/ Amajjii 11 hanga Guraandhala 3 (guyyota 53) hin caalu.

Waqtiin kun yeroo itti Inni waggaan hin lakkaawamneef Gooftaan waggaan lakka’ameefi waggaa 30 fffa Isaatti harka Yohaannisiin cuuphame, mana cidha Qaanaa Za Galiilaatti raajii isa jalqabaa taasisuun bishaan gara wayiniitti jijjiire, irra caalaa immoo Waaqni yeroo jalqabaaf iccitii tokkummaafi sadummaa bara Kakuu Haaraa ifatti mul’ise dha. (Maat 3:16-17)

Gama biraan haati keenya dubroo Maariyaamiin duumessaan fudhatamtee gara Gannataatti yoo ol galtu namootni akkasumaas qulqullootni ergamootni kabaja, araarsummaafi kennaa isheef kenname ifatti waan arganiif Astariyoo Maariyamii jedhameera. Dabalataan Qulqullichi Yaareedis Waaqayyo foon dubree Maariyamii irra fudhachuun ishee irraa dhalatee qaama daangeffamaa ta’een mul’achuu Isaa “Astariyoo” jechuun dubbateera. Akkasumas Abba Tsigee Dingil “raajiin abaaboo Waaqayyo foon keenya kan ta’e foon kee uffatee lafarratti akkuma mul’ate nuyiinis akkuma beekame yaa giiftii Maariyamii abdii gosa keenya kan taate har’a dubree Maariyaamiif gammachuu guddaafi mul’atni samii irratti ta’e” jechuun nuuf barreesseera. (Mahileta Tsigee.)

Walumaa galatti kabaja ayyaana waggaa kan giiftii Keenyaa kana yeroo kabajnu Mana Qulqullummaatti argamnee, jirenyaa bara baraa kan ta’e wangeela Waaqayyoo barannee, kabajamaa Fooniifi qulqulluu Dhiiga gooftaa keenyaa fudhannee, jireenya bara baraa dhaaluuf kan qophoofnu, iccitiiwwan Mana Qulqullummaa guyyaa itti hirmaannu irra caalaa immoo eebba, sugaafi kabaja haadha keenya dubroo Maariyaamii irraa guyyaa itti argannu nu haa taasisu.

Eegumsi Waaqayyoo, Araarsummaan haadha keenya dubroo Maariyamii, kadhannaan Qulqullootaa Kiristaanota mara waliin haa ta’u; ameen!

Madda:

v  Dubbii Maariyamii፤ Waldaa Qulqullotaa, barruu Amaariffa(kitabaa)

v  Sinkisaarii (kan Amajji 21)

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2017-01-27 13:18:092018-10-26 09:21:03“Duuti dhala nama hundaaf kan jiru dha; duuti Maariyaamii garuu hunda ajaa’iba” Q/Yaareed
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: Jalabultii Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti Link to: Jalabultii Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti Jalabultii Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti Link to: Sooma Gooftaa (Sooma Guddicha (ዓቢይ ፆም) Link to: Sooma Gooftaa (Sooma Guddicha (ዓቢይ ፆም) Sooma Gooftaa (Sooma Guddicha (ዓቢይ ፆም)
Scroll to top