Jalabultii Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti

Jalabultii Ayyaana Cuuphaa; Kitaaba ‘Sinkisaaraa’ keessatti

Amajji,10 B.A. 2009

Afaan Oromootti Kan Hiike

                                                                                                                                 Dn.Kumaa Araarsoo

Kabajamtoota dubbistoota keenyaa haala sirna Mana Kirstaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Kitaaboolee Mana Kiristaanaa keessatti guyya guyyaan dubbisaman keessaa Kitaabni Sinkisaara (መጽሐፈ ስንክሳር) isa tokko dha. Kitaabuma kana keessatti gaafa jalabultii ayyaana Cuuphaa kan dubbisamu haala armaan gadiitiin hiiknee isiniif qabannee dhiyaanneerra.

                                               

Amajji kudhan guyyaa kanatti nyaata kamiyyuu otoo hin nyaatiin amantoonni hunduu hanga galgalaatti akka soomaniif hayyonni hangafootni, barsiisonni Mana Kiristaanaa nuyiin dursanii turan sooma nyaata laguu qabu akka hin nyaatne seera tumani.

Guyyaa kanatti amantoonni hanga galgalaatti akka sooman kan ajajaniif sababni isaa kana dha. Ayyaanni Dhalootafi Cuuphaa Gooftaa keenyaa yoo guyyaa Roobii ykn Jimaata irra bu’e nyaata laguu qaban (warren guyyoota Ayyaana Shantamaatti (በዓለሃምሳ) nyaataman) ganamaan nyaachuun amantoonni hundi ayyaanicha akka kabajan abbootiin

keenya Duuka-bu’oonni ajajaniiru. Isaan kun lamaan Ayyaanota gurguddoo Waaqayyooti; kanaafuu hin soomaman. Nuti ayyaanoota keenya akka ormootaafi (warra alagaa) Yihuudotaatti nyaatafi dhugaatitiin qofa akka hin taasiifneef; namootni biroonis nuti addunyaa dabartuu kanatti quufaan, gammachuun kan gammadnu akka isaanitti hin fakkaanneef Ayyaani Dhalootafi Cuuphaa Gooftaa keenyaa yoo guyyaa Roobii ykn Jimaata irra bu’e, bakka isaanii (guyyoota bakka buusnee lagannu kaneen jechaa dha) akka isaaniitti lagachuu qabna. Kanaaniis ayyaana kabajuufi soomudhaan waan lama raawwanna.

Guyyaa Sanabata guddaatti ykn guyyaa Sanbata duraatti yoo ta’e (kunis guyyaa Gooftaan itti mul’ate Amajjii kudhan jechuudha), Jimaata jalabultii isaatti hanga galgalaatti haa soomani; dursinee akkuma dubbanne soorata laguu qaban hin nyaatiinaa. Ayyaanni Dhaloota Gooftaa keenyaafi Cuuphaa guyyaa Wiixata yoo ta’e jalabultiisaa (guyyaa Sanbata guddaatti) soomuun hin danda’amu; garuu, soorata laguu qaban nyaachuu irraa of haa eegan.

Guyyaa Cuuphaattis halkan walakkkaan dura ka’anii bishaanicha irratti kadhatanii haa cuuphaman; Duukaa-buutonni sirna kabajamaa isaaniitiin akkuma ajajanitti daa’imman yommuu cuuphamanitti bishaan afaan isaanii keessa akka hin seenne. Luboonnis otoo hin bari’iin; barraaqaan sirna Qurbaanaa haa raawwatani.

‘Malakaanoonni’ – መለካውያን’ (warren murtii yaa’ii Keelqedoonitti amanan-) garuu jalabultii Ayyaana Dhaloota Gooftaa keenyaafi Cuuphaa guyyaa Sanabata duraa ykn guyyaa Sanbata guddaa yoo ta’e sa’aatii saditti sirna Qiddaasee gaggeessu; yoo jaalatanis “biddeena eebbifame” nyaatanii bishaan dhugu. Kana boodas luboonni Mana Kiristaanaa keessa seenanii sa’aatii sa’aatitti kadhachuudhaan barreeffamoota raajotaa ayyaanichaaf malan ni dubbisu; bishaanicha irratti ni kadhatu; kunis Duukaa-buutonni abbootiin keenya akka ajajanitti hin taane. Isaanis Ayyaana Ephifaaniyaa (mul’achu) akka kabajan ajajaniiru; kunis Roomaatti ji’a lammaffaa Kaanuun jedhamu, gaafa guyyaa torbaffaa (mudde guyyaa kudha tokko) dha.

‘Malakaanoonni’ garuu abbootiin kabajaman barsiisotni Mana Kiristaanaa kan ajajan ni diigu; Ayyaanni Dhaloota Gooftaa keenyaafi Cuuphaatti Jimaatas ta’e Roobii yoo ta’e dursanii bakka buusuun otoo hin soomiin ganamaan ka’anii ni nyaatutii.

Nuyiinis badii keenya irraa nu qulqulleessuuf jecha kabaja Gooftummaa Isaa laga Yoordaanoositti akkuma mul’ise onnee keenya irrattis nuuf akka ibsuuf, Abbaa Kabajaa kan ta’e Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoositiin haa kadhannu. Gooftummaan, Kabajni, Sagadni Isaaf haa ta’uutii Arjaa Abbaa Isaa waliin, dhiifama kennaa kan ta’e Afuura Qulqulluu faanas har’as yeroo hundas bara baraaf ameen.

አርኬ (Arkee)

ሰላም፡እብል፡ለጾመ፡ዕለት፡ዋሕድ፡፡ዘስሙ፡ገሀድ፡፡መምህራነ፡ሥርዓት፡አቀሙ፡ለዘይመጽእ፡

ትውልድ፡፡እመባልዕት፡ጥሉላት፡ወእምነ፡ቅሡም፡ማዕድ፡፡አንስት፡ይትሀረማ፡ወይጹሙ፡ዕድ፡፡