Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12

in Tibbana

Tolasaa Juulaa

Dhalli namaa bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee kabaja guddaadhaan gannata keessaa jiraachuu osoo qabuu abboommii Waaqayyoo cabsee karoora afuura xuraawaatiin waan gufateef,Addaamii fi ijoolleen isaa waggaa 5500 guutuu Waaqayyoo irraa gargar bahanii gara biyya lafaatti darbatamuudhaan garbummaa seexanaatiin gidiraa daangaa hin qabne simachaa turan

Addaam abboommii cabsee yakka yoo raawwate illee Waaqayyoon garuu ijoollee isaa dhiphina keessatti dhiisuu waan hin jaalanneef “Yaa addaam eessa jirta?” Ser.Uum 3:9, jedhee waame. Addaam garuu “Gannata keessatti sagalee kee nan dhagahe; qullaa koos waanan ta’eef nan sodaadhe,nan dhokadhes” Ser.Uum 3:10, jechuudhaan Waaqayyo irraa adda bahuun kennaa isaa dhabanii hangam akka qullaa nama taasisu ragaa bahuudhaan qalbii isaa geeddarate  

 Abboonni fi Raajonni hedduunis ilmaan Addaam gara gannataatti akka deebi’aniif kadhannaa fi sagada baay’ee yoo taasisan illee, gaarummaan isaanii akka huccuu abaarsaatti lakkaa’ame malee Addaamii fi ijoollee isaa iddoo kabaja isaanii kan duraatti isaan deebisuu akka hin dandeenye raajichi Isaayyaas “Hundi keenya akka baalaa harcaanee jirra,yakki keenya akka qilleensaa nu fudhate”Raj.Isa 64:6,jedhee dubbateera.

Qulqulluun Phaawuloos sababa cubbuu addaamiitiin duuti biyya lafaa kana hunda irra akka ture yeroo dubbatu“Cubbuun nama tokkoon gara addunyaa akkuma dhufe. Duutis karaa cubbuutiin akka gale, akkasumas namoonni hunduu cubbuu waan raawwataniif duuti nama hundumaa ni qaqqabe”Room 5:12, jechuudhaan nuuf mirkaneessa

Waaqayyos ilmaan isaa gara kabaja isaaniitti deebisuudhaaf “ilma ilma kee irraa dhaladheen si fayyisa’ jechuudhaan Addaamiif waadaa waan galeef waadaa ijoollee Addaamiif taasifame guyyaa bilisummaa kana ijaan arganii; arjummaa waadaa sanaan taasifamtu qooddachuudhaaf hawwuun Raajonni hedduun imimmaan isaanii dhangalaasanii aarsaa dhiyeessanii gara Waaqayyootti kadhannaa taasisaa turan. Isa kanatu Sooma Raajotaa jedhama.

Dhiifamni isaa kan baay’ate, hammeenyi isaa kan fagaate Waaqayyo cubbuu jalaa ijoollee Addaam haguugee baraaruuf haadha isaa kan taate sanyii Qulqulleettii akka nuuf hanbise yeroo ifa baasu “Waaqayyo Gooftaan Samii fi lafaa osoo sanyii nuuf hanbisuu baatee akka sadoom taanee akka gamoraas fakkaannee turre”Isa1:9, jechuudhaan sanyii cubbuu daddarbaarraa bilisa taate haadha Gooftaa ta’uuf qophoofte waa’ee Dubaroo Maariyaamii Dubbata.

Raajichi Isaayyaas abdii dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoo kana fageenyatti ilaaluudhaan “Dubroon dubrummaan ni ulfoofti, Ilma ni deessi, maqaa isaas Amaanu’eel jettee ni yaamti” Raj.Isa 7:14 jedhee akkuma ragaa bahetti,yeroo fi iddoon osoo isa hin daangessin Kiristoos Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa dhalate maqaan isaa yaa ulfaatu!

Akka lallaba barnoota Mana Kiristaanaa Ortodooksii Waloomaatti Soomni kun maqaa adda addaatiin yaamama:-

  • Sooma Raajotaa:-Dhalachuu Gooftaa raajonni soomaa fi sagadaan eegaa waan turaniif
  • Sooma Addaam:-Waadaan fayyina Addaamiif galame kan itti raawwatame waan ta’eef
  • Sooma Lallabaa:-Icciitiin Waaqayyo nama ta’uu isaa bal’inaan kan itti lallabamu waan ta’eef
  • Sooma Gannoo:-Xumurri sooma kanaa dhalachuun Gooftaa kan itti kabajamu waan ta’eef
  • Sooma Duuka Bu’ootaa:-Duuka Bu’oonni sooma dhaloota Kiristoosiitiin dura raajonni sooman kana isaanis yaadannoodhaaf irra deebi’anii waan soomaniif

Soomni kun yeroo hundumaa sadaasa 15 eegalee muddee 29 kan xumuramu yommuu ta’u,bara Yohaannis yoo ta’e garuu phaagumeen jahaan(6’n)waan ooltuuf muddee 28 kan hiikkatu ta’uu isaa yaa’ii Qulqulluu sinoodoosiitiin kan mirkaneeffamee fi kitaabilee mana amantaa keenyaa irratti baarraa’ee kan argamu waan ta’eef, seeraa fi ittiin bulmaata mana amantaa keenyaa hubannee dhaloota barsiisuun dirqama kiristaanummaa keenyaati.

Soomni raajotaa sooma labsii miseensonni mana amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa soomanii sagaduudhaan karoora afuura xuraawaa moo’ataanii lubbuu isaaniitiif galaa jireenyaa ittiin sassaabatani.

Keessaa isa tokkoodha waan ta’eef dhimma lubbuu keenyaa irratti qoosaan waan hin barbaachifneef hundumti keenya qalbii tokkoon maaddii qulqulluummaa kana irraa hirmaannee suga argachuu qabna.

Saba Kiristaanaa warreen biyya keessaa fi biyya alaa jiraattan hunduma keenyaaf! soomni kun kan hammeenyaa fi gidiraa qorumsa biyya lafaa ittiin moo’annu, kan firii Afuurawaa keenya ittiin cimsannu, kan amantaa keenyaan cimnee hanga dhumaatti ittiin dhaabbannu akka nuuf ta’u arjummaan Waaqayyoo, araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam, gargaarsii fi eeggumsi Ergamootaa nurraa adda hin bahin.

Galanni Waaqayyoof

Deessuu haadha isaatiif

Ulfaataa Fannoo Kiristoosiif haa ta’u

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2020-12-16 08:50:532020-12-16 08:54:33“Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14 Link to: “Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14 “Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14 Link to: “Akka Fayyinuuf ka’iitii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu.” (Yoon. 1:6) Link to: “Akka Fayyinuuf ka’iitii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu.” (Yoon. 1:6) “Akka Fayyinuuf ka’iitii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu.” (Yoon. 1:6...
Scroll to top