“Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14

Dn. Baacaa Nagaasaa

Jalqabni dubbichaas akkami yoo jedhan! Abbaan ishee Qulqulluu Iyyaaqeemii fi haati ishee Qulqulleettii Haannaa jedhamu ture. Isaan kun akka sagalee Kitaaba Qulqulluutti, akka sirna abbootaatti, akka seera oriitiitti, ajajaa fi abboommii Waaqayyoo eeguudhaan kan jiraatan, Waaqayyoo fuuldurattis qajeelota kan turani dha. Haa ta’u malee, jarreen kun firii gadameessaa(garaa) kan ta’e dhala ykn daa’ima hin qaban ture.

Guyyaan har’aa guyyaa ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii 33’n keessaa Ayyaana isa tokko dha. Guyyaan kunis guyyaa isheen Mana Qulqullummaa itti galtedha.

Ijoolleen Waaqayyoo Iyyaaqeemii fi Haannaan qabeenya qabu, garuu dhala hin qabani; Qajeelummaa ykn Qulqullummaa qabu. Garuu dhala hin qabani; amantii qabu, garuu dhala hin qabani…….. Waan nama ajaa’ibu garuu dhala dhabuu isaaniitiin guyyaa tokkollee wal lolanii hin beekan, wal mufachiisanii hin beekan, Waaqayyo gaddisiisanii hin beekan, Waaqayyoottis gumgumanii hin beekan.

Amma namoonni hedduun dhala hin qabani. Dhala waan dhabaniif galgalaa fi ganama jireenyi isaanii ni jeeqama, gaa’ela isaanii abaaru/sookka’u, bultii isaanii diigu, Waaqayyo ganu,……. Kaan isaani immoo dhala qabu; garuu nageenya hin qabani, jaalala hin qabani, walii galtee hin qabani, gammachuu fi boqonnaa hin qabani.

Iyyaaqeemii fi Haannaan garuu, akkas hin turre. Dhala dhabne jedhanii wal hin jeeqne, gaa’ela isaaniis hin abaarre, bultii isaaniis hin diigne, Waaqayyos hin ganne/ hin haalle. Abdiidhaan guyyaa tokko eegaa turan malee. Guyyaa dhala itti argatan! Waaqayyo hundumaa  gochuu akka danda’u amanuudhaanis akka Inni dhala isaanii kennuuf yaada tokkoon gara Isaatti boo’aa turan. Yeroo hunda gara mana Waaqayyootti deemuudhaanis kadhachaa turan.

Kadhannaan isaan imimmaan waliin gara Waaqayyootti dhiyeessan kunis wareega kan of keessaa qabu yoo ta’u, wareegichis “Yoo ati dhala nuuf laatte nuti immoo deebifnee siif kennina” kan jedhu ture. Waaqayyos kadhannaa fi wareega isaanii isa qajeelaa kana dhaga’ee, bara boodaatti haadhasaa kan taatu mucaa Qulqullooftuu kan cubbuun Addaamii fi Hewaan irra hin jirre kenneef. Mucattiin kunis yeroodhaaf Iyyaaqeemii fi Haannaadhaaf kan keennamte yoo taateyyuu xumurrishee garuu sanyii Addaam hundaaf kan kennamte dha. Isheenis haadha keenya haadha Waaqayyoo Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii dha. Waaqa Ishee nuuf kenneef galanni haa ta’u. Ameen!

Egaa Haannaan kadhannaan ishee dhaga’amee hagayya gaafa guyyaa torbaa mucaa kana Ulfooftee caamsaa gaafa guyyaa tokkoo deesse.

Akka bartee ykn amaleeffannaa Ibirootaatti mucaan ykn daa’imni tokko harma hodhuu kan dhiiftu dhalattee waggaa sadii booda waan ta’eef, mucaan kunis ykn Giiftiin keenyas barteedhuma kanaan hanga waggaa sadiitti ykn hanga harma hodhuu dhiiftutti mana abbaa fi haadha ishee jiraatte.

Waggaa sadii booda garuu, akkuma faarfatichi Daawiit “Kanan guyyaa rakkina kootti dubbadhe, isa hidhiiwwan koo dubbatan, wareega koos siifan baasa” jedhe, Iyyaaqeemii fi Haannaanis wareega isaanii sana baasuuf, isa Waaqayyo irraa fudhatan deebisanii Waaqayyoof kennuuf, mucaa kana fuudhanii gara Mana Qulqullummaatti imalan.

Akka achi ga’aniinis luba yeroo sanaa kan ta’e Zakkaariyaasitti wareega isaanii kennatan. Lubichis wareegni kun haaraa waan itti ta’eef, haalli jireenya mucaa kanaa kan gara fuulduraas waan isa yaachiseef ykn uffanni ishee, nyaanni ishee, dhugaatiinshee waan isa yaaddesseef bilbila(dawalii) mana amantichaa bilbiluudhaan namoota yaafatee “Waa’een nyaata ishee naaf haa dubbatamu” jedhee osoo inni dubbataa jiru, Ergamaan Waaqayyoo Faanu’eeliin leemata warqii fi xoofoo warqiitiin nyaataa fi dhugaatii samii fidee dhufee ishee sooree ykn nyaachisee itti agarsiise. Zakkaariyaasis yeroo kana argu, ” erga dhimmi nyaata isheetii furmaata argateewoo haa teessu” jedhee gara Mana Qulqullummaatti seensise.

Isheenis waggoota kudha lamaaf soorata samii soorachaa, faarfannaa Ergamootaa dhaggeeffachaa, Mana Qulqullummaa keessa jirraatte. Manni Qulqullummaa Mana Qulqullummaa keessa seente. Mucattiin ofuma isheetiiyyuu Mana Qulqullummaa turte. Sanuu Mana Qulqullummaa ishee dhugaa. Garuu, gadi of qabinsaan ykn kasoominaan Mana Qulqullummaa isa kakuu moofaa keessa jiraatte.

Ilaalaa; Mucattiin kun umurii ishee waggaa sadiitti haadhaa fi abbaa ishee irraa adda baatee Mana Qulqullumma keessa taa’uuf carroomte. Ijoollee Waaqayyoo; Waaqayyo yeroo gara isaatti nama waamu umurii, bifa, qabeenya, eenyummaa, sanyii, aangoo, beekumsa hin ilaalu. Mana Isaa keessa akka jiraannuuf kan nu waame hanga dhumaatti mana Isaa keessa nu haa tursu.

Walumaa galatti

  • Amantiidhaan kan kadhannu hunda Waaqayyo akka nuuf kennu.
  • Waan wareegne kamuu gaabbii tokko malee baasuu akka qabnu. Keessumattuu, waan guyyaa rakkinaa kenyaatti waadaa galle, osoo hin mamiin Waaqayyoof raawwachuu.
  • Waaqayyo nama kamiinuu gara Isaatti waamuuf ulaagaan Inni barbaadu laphee cabaa qofa ta’uu Isaa.
  • Jireenyi Waaqayyoo wajjinii milkaa’ina kan qabu ta’uu Isaa hubannee kennaa gonkaa kan ta’e Waaqayyoof dabarsinee of laachuudhaan Isa wajjin jiraachuu akka qabnu dha.

Kadhannaan, eebbi ishee akkasumas arjummaan Ilma ishee hunduma keenya irra haa bulu. Ameen!!!