Mana Kiristaanaa Ortodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaaatti -  WALDAA QULQULLOOTAA
  • Fuula duree
  • Barumsa Amantaa
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Lallaba
  • Tibbana
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Deebii Gaaffilee
  • Click to open the search input field Click to open the search input field Search
  • Menu Menu
Blog - Latest News

“Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14

in Tibbana

Dn. Baacaa Nagaasaa

Jalqabni dubbichaas akkami yoo jedhan! Abbaan ishee Qulqulluu Iyyaaqeemii fi haati ishee Qulqulleettii Haannaa jedhamu ture. Isaan kun akka sagalee Kitaaba Qulqulluutti, akka sirna abbootaatti, akka seera oriitiitti, ajajaa fi abboommii Waaqayyoo eeguudhaan kan jiraatan, Waaqayyoo fuuldurattis qajeelota kan turani dha. Haa ta’u malee, jarreen kun firii gadameessaa(garaa) kan ta’e dhala ykn daa’ima hin qaban ture.

Guyyaan har’aa guyyaa ayyaanota haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii 33’n keessaa Ayyaana isa tokko dha. Guyyaan kunis guyyaa isheen Mana Qulqullummaa itti galtedha.

Ijoolleen Waaqayyoo Iyyaaqeemii fi Haannaan qabeenya qabu, garuu dhala hin qabani; Qajeelummaa ykn Qulqullummaa qabu. Garuu dhala hin qabani; amantii qabu, garuu dhala hin qabani…….. Waan nama ajaa’ibu garuu dhala dhabuu isaaniitiin guyyaa tokkollee wal lolanii hin beekan, wal mufachiisanii hin beekan, Waaqayyo gaddisiisanii hin beekan, Waaqayyoottis gumgumanii hin beekan.

Amma namoonni hedduun dhala hin qabani. Dhala waan dhabaniif galgalaa fi ganama jireenyi isaanii ni jeeqama, gaa’ela isaanii abaaru/sookka’u, bultii isaanii diigu, Waaqayyo ganu,……. Kaan isaani immoo dhala qabu; garuu nageenya hin qabani, jaalala hin qabani, walii galtee hin qabani, gammachuu fi boqonnaa hin qabani.

Iyyaaqeemii fi Haannaan garuu, akkas hin turre. Dhala dhabne jedhanii wal hin jeeqne, gaa’ela isaaniis hin abaarre, bultii isaaniis hin diigne, Waaqayyos hin ganne/ hin haalle. Abdiidhaan guyyaa tokko eegaa turan malee. Guyyaa dhala itti argatan! Waaqayyo hundumaa  gochuu akka danda’u amanuudhaanis akka Inni dhala isaanii kennuuf yaada tokkoon gara Isaatti boo’aa turan. Yeroo hunda gara mana Waaqayyootti deemuudhaanis kadhachaa turan.

Kadhannaan isaan imimmaan waliin gara Waaqayyootti dhiyeessan kunis wareega kan of keessaa qabu yoo ta’u, wareegichis “Yoo ati dhala nuuf laatte nuti immoo deebifnee siif kennina” kan jedhu ture. Waaqayyos kadhannaa fi wareega isaanii isa qajeelaa kana dhaga’ee, bara boodaatti haadhasaa kan taatu mucaa Qulqullooftuu kan cubbuun Addaamii fi Hewaan irra hin jirre kenneef. Mucattiin kunis yeroodhaaf Iyyaaqeemii fi Haannaadhaaf kan keennamte yoo taateyyuu xumurrishee garuu sanyii Addaam hundaaf kan kennamte dha. Isheenis haadha keenya haadha Waaqayyoo Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamii dha. Waaqa Ishee nuuf kenneef galanni haa ta’u. Ameen!

Egaa Haannaan kadhannaan ishee dhaga’amee hagayya gaafa guyyaa torbaa mucaa kana Ulfooftee caamsaa gaafa guyyaa tokkoo deesse.

Akka bartee ykn amaleeffannaa Ibirootaatti mucaan ykn daa’imni tokko harma hodhuu kan dhiiftu dhalattee waggaa sadii booda waan ta’eef, mucaan kunis ykn Giiftiin keenyas barteedhuma kanaan hanga waggaa sadiitti ykn hanga harma hodhuu dhiiftutti mana abbaa fi haadha ishee jiraatte.

Waggaa sadii booda garuu, akkuma faarfatichi Daawiit “Kanan guyyaa rakkina kootti dubbadhe, isa hidhiiwwan koo dubbatan, wareega koos siifan baasa” jedhe, Iyyaaqeemii fi Haannaanis wareega isaanii sana baasuuf, isa Waaqayyo irraa fudhatan deebisanii Waaqayyoof kennuuf, mucaa kana fuudhanii gara Mana Qulqullummaatti imalan.

Akka achi ga’aniinis luba yeroo sanaa kan ta’e Zakkaariyaasitti wareega isaanii kennatan. Lubichis wareegni kun haaraa waan itti ta’eef, haalli jireenya mucaa kanaa kan gara fuulduraas waan isa yaachiseef ykn uffanni ishee, nyaanni ishee, dhugaatiinshee waan isa yaaddesseef bilbila(dawalii) mana amantichaa bilbiluudhaan namoota yaafatee “Waa’een nyaata ishee naaf haa dubbatamu” jedhee osoo inni dubbataa jiru, Ergamaan Waaqayyoo Faanu’eeliin leemata warqii fi xoofoo warqiitiin nyaataa fi dhugaatii samii fidee dhufee ishee sooree ykn nyaachisee itti agarsiise. Zakkaariyaasis yeroo kana argu, ” erga dhimmi nyaata isheetii furmaata argateewoo haa teessu” jedhee gara Mana Qulqullummaatti seensise.

Isheenis waggoota kudha lamaaf soorata samii soorachaa, faarfannaa Ergamootaa dhaggeeffachaa, Mana Qulqullummaa keessa jirraatte. Manni Qulqullummaa Mana Qulqullummaa keessa seente. Mucattiin ofuma isheetiiyyuu Mana Qulqullummaa turte. Sanuu Mana Qulqullummaa ishee dhugaa. Garuu, gadi of qabinsaan ykn kasoominaan Mana Qulqullummaa isa kakuu moofaa keessa jiraatte.

Ilaalaa; Mucattiin kun umurii ishee waggaa sadiitti haadhaa fi abbaa ishee irraa adda baatee Mana Qulqullumma keessa taa’uuf carroomte. Ijoollee Waaqayyoo; Waaqayyo yeroo gara isaatti nama waamu umurii, bifa, qabeenya, eenyummaa, sanyii, aangoo, beekumsa hin ilaalu. Mana Isaa keessa akka jiraannuuf kan nu waame hanga dhumaatti mana Isaa keessa nu haa tursu.

Walumaa galatti

  • Amantiidhaan kan kadhannu hunda Waaqayyo akka nuuf kennu.
  • Waan wareegne kamuu gaabbii tokko malee baasuu akka qabnu. Keessumattuu, waan guyyaa rakkinaa kenyaatti waadaa galle, osoo hin mamiin Waaqayyoof raawwachuu.
  • Waaqayyo nama kamiinuu gara Isaatti waamuuf ulaagaan Inni barbaadu laphee cabaa qofa ta’uu Isaa.
  • Jireenyi Waaqayyoo wajjinii milkaa’ina kan qabu ta’uu Isaa hubannee kennaa gonkaa kan ta’e Waaqayyoof dabarsinee of laachuudhaan Isa wajjin jiraachuu akka qabnu dha.

Kadhannaan, eebbi ishee akkasumas arjummaan Ilma ishee hunduma keenya irra haa bulu. Ameen!!!

Share this entry
  • Share on Facebook
  • Share on X
  • Share on Pinterest
  • Share on LinkedIn
  • Share on Tumblr
  • Share on Vk
  • Share on Reddit
  • Share by Mail
http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png 0 0 EOTC Afaan Oromo http://eotcmk.org/ao/wp-content/uploads/mk-logo-header-ao.png EOTC Afaan Oromo2020-12-10 10:24:412020-12-10 12:40:07“Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14
Search Search

Barreeffamoota haaraa

  • Miila Yaad-Sammuu
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • RAKKINA JIREENYA KIRISTAANUMMAA KEESSATTI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • QULQULLUU SINOODOOSI
  • Waaqayyoon Calluma jedhaa laata?  
  • Waaqayyon Calluma jedhaa laata?
  • Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaati, xummuramuu Sooma fi Kadhanna Nanawwee addunyaa guutuutti guyyoota 3 walitti aansuun (Waxabajjii 29 hanga Guraandhala 1, 2015) labsame ilaalchisee ibsa Qulqulluu Sinoodoosiin Kename.
  • Manni Kiristaanaa Godaansa Irra Jirti!
  • “Amma garuu Kiristoos warra du’aniif angafa ta’ee du’aa ka’eera.” 1ffaa Qor. 15:20

Archives

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014

Interesting links

Here are some interesting links for you! Enjoy your stay :)

Pages

  • Fuula duree
  • Odeeffannoowwan bu’uurawoo Waa’ee Waldaa Qulqullootaa

Categories

  • Advert
  • Barumsa Amantaa
  • Deebii Gaaffilee
  • Dubbii Qulqullootaa
  • Faarfannaa Fi Hog Barruu
  • Icciitii mana kiristaanaa torban
  • Icciitii utubaalee shanan
  • Icciitiiwwan mana kiristaanaa
  • Kana Beektuu Laata?
  • Lallaba
  • Qu'annaa Kitaaba Qulqulluu
  • Seenaa Mana Kiristaanaa
  • Tibbana
  • Uncategorised
  • Uncategorized
  • WALDAA QULQULLOOTAA TELEVIZYINII AFAANOROMO

Archive

  • July 2025
  • September 2023
  • August 2023
  • July 2023
  • February 2023
  • May 2021
  • April 2021
  • March 2021
  • February 2021
  • December 2020
  • September 2020
  • August 2020
  • May 2020
  • April 2020
  • March 2020
  • February 2020
  • January 2020
  • December 2019
  • November 2019
  • October 2019
  • September 2019
  • August 2019
  • July 2019
  • June 2019
  • May 2019
  • April 2019
  • March 2019
  • February 2019
  • January 2019
  • December 2018
  • November 2018
  • November 2017
  • October 2017
  • September 2017
  • August 2017
  • June 2017
  • May 2017
  • April 2017
  • March 2017
  • February 2017
  • January 2017
  • November 2016
  • October 2016
  • September 2016
  • August 2016
  • July 2016
  • June 2016
  • May 2016
  • April 2016
  • March 2016
  • February 2016
  • January 2016
  • December 2015
  • November 2015
  • October 2015
  • September 2015
  • June 2015
  • May 2015
  • April 2015
  • March 2015
  • February 2015
  • January 2015
  • December 2014
  • November 2014
  • October 2014
  • September 2014
  • August 2014
  • July 2014
  • June 2014
©2018. Mahibere Kidusan - All Rights Reserved. Website by MK-IT
Link to: “ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ እለ ከፈሎሙ ከመ ይትቀበሉ ነግደ መላእክት እንዘ ኢየአምሩ፡፡ Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2 Link to: “ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ እለ ከፈሎሙ ከመ ይትቀበሉ ነግደ መላእክት እንዘ ኢየአምሩ፡፡ Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2 “ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ... Link to: “Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12 Link to: “Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12 “Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu...
Scroll to top